Wednesday, September 26, 2012

WN010.Ayyaana Masqalaa


Masqala Mootii Ayyaanaa
“Ani garuu fannoo gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos  isa ittin biyyi lafaa ana irraa fannifame, anis biyya lafaa jalaa fannifame sanaan malee waan biraatin of jajuun matumaa anaaf  hin ta’u.”  Gal 6:14
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin! Ameen.
Seensa
Kanaan dura mata duree ayyaanotaaa fi kabaja ayyaanota(WN007) jedhuun ayyaanota gurguddoo kabajamuu qaban waa’ee sanbattan lamaanii,ayyaanota gooftaa Iyyasuus, ayyanota  Dubaroo Maariyaamii fi kan Ergamoota  ilaalle turre. Hardhaaf immoo akka biyyoolessaatti kan kabajamu waa’ee ayyaana Masqalaa isiniif dhiheessina. Kabaja fi hiikkaa  fannoon  gooftaa Iyyasuus Kiristiyaanota biratti qabu kitaaba qulqulluu irraa baldhinaan ni ilaalla. Seenaa baduufi argamuu Fannoo,waa’ee mootittii Illenii, ayyaanni Masqalaa keessumattuu sabaa fi sablammoota biyyaa keenyaa keessatti haala si’aina qabuufi haala midhagaadhaan kan kabajamu yoo ta’u keesumattuu uummata Oromoo biratti immoo ayyaanni Masqalaa ‘Mootii Ayyaanaa’ jedhameeti beekama, baa’yee jaalatama, kabajamas. Haaluma kanaan seenaawwan Masqalaan wal-qabate, maaliif  biyyaa keenyatti akka ayyaana guddaa tokotii akka kabajamuuf ni ilaalla.  Maqaan gooftaa keenya haa ulfaatu, nuufis ifa ta’ee iccitii dhokate nuuf haa ibsu, laphee keenyas akka  Lidiyaa banee qalbii ittiin hubannu nuuf haa kennu. Waaqayyo nu haa gargaaru. Ameen!

I.                  Waa’ee Fannoo Jalqaba Irraa Gabaabumatti
Addaam fi Hewaan abboommii Waaqayyoo cabsuudhaan ija firii mukaa erga nyaatanii booda sanyiin ilma namaa hundi du’a foonii fi du’a  lubbuun  qabamanii waggoota 5500 gadadoon mana hidhaa keessa jiraataa turan. Waaadaa Waaqayyo ilma nama  fayyisuuf galeen waggoota 5500 booda gooftaa Iyyasuus nama ta’ee lafa kana irratti Dubaroo Maariyaamiirraa fooniin dhalate. Dhalatee akka ilma namaatti guddatee, cuuphamee namoota karaa fayyinaa barsiisee dhuma irrattis jaalala isaa hanga du’aatti ibsuun muka fannoo irratti fannifamee. Fannoo isaa irrattis foonsaa kutamee dhiigni isaa dhangala’ee namootaaf jireenya bara baraa badhaase. Fannoo irratti fannifamuusaatinis waggoota 5500 ibidda keessatti gubachaa kan turan lubbuun namoota heddu walabumma argatte.Du’as fannoo isaatiin ajjeese. Ergasii as fannoon mallattoo seexana ittiin moo’annu mallattoo du’a ittiin injifannu humna keenya nuuf ta’e. Kanaaf Kiristaanotaaf fannoon mallattoo walabummaa keenyati. Akkuma:
“Waa’ee fannoo Kiristoos dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiraniif gowwwummaadha, nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu inni humna Waaqayyooti.” 1Qor1:18
Fannoo jechuun hiikaa ‘walqaxxaamuruu wantoota lamaa agarsiisa’. Kunis akka boca ilma namaa kan qabuu dha. Namni harka isaa osoo diriirsee ol sirraa’ee dhaabatee mallattoo fannoot qaba. Mataa hanga  lukaatti, harka bitaa hanga harka mirgaatti jechuu dha. Kakuu Moofaa Keessatti namoota cubbuu hojjetantu fannoo irratti fannifama ture.(Keessa Deebii 21,22,23 ilaalaa). Fakkeenyummaan fannoo kakuu moofaa keessatti baay’eedha. Fakkenyaaf  Yaaqoob Efreemii fi Minaasee yemmuu eebbisu harka isaa fakkeenya fannootiin wal jala dabarseet eebbise ture(Uma  48:13).  Kanaaf hardhas luboonni fannoodhaan nama eebbisu.Siiqqeen Museetiis kakuu moofaa Keessatti fakkeenyummaa fannoo  Gooftaa Iyyasuus dha. Egaa gooftaan maaf fannoo irratti fannifame gaaffii jedhuuf: jaalala isaa nuuf ibsuuf, mataa seexanaa reebuuf, fakkeenyummaaf, jireenya bara baraa nuuf kennuuf, hojii seexanaa harkaa fashaleessuuf: seexanni baala mukaatiin nama dogongorse, Gooftaanis muka irratti fannifamee deebisee nu fale.
Kanaaf nutis fannoo gooftaatiin jaalala Waaqayyoo kan ilma namaaf dhuma hin qabne sana barree jirra(Yoh 3:16),dhiifama arganneerra (Efeson 2:14),of-gadi qabuus barannee jirra, jabeenyas arganneeniiiirra. Hundumaa ol kan taate Dubaroo Maariyaamii akka haadha keenyaatti bara baraaf kan arganne  fannoo jalatti(Yoh 19:26).
 Kanaaf Fannoon gooftaaKiristiyaanotaaf:
v Fannoonsaa humna keenya(Qol 2:14)
v Kan nu jajjabeessu fannoo isaati(Galaatiyaa 6:14)
v Fannoonsaa fura keenya
v Fanoon isaa fayyisaa lubbuu keenyaati
“Waaqayyo wanta hundumaa karaa isaa ofitti araarse;dhiiga kiristoosif isa fannoo irratti dhangala’eenis samii irratis lafa irrattis  nagaa buuseera” Fil 1:20
Kanaaf nuti kiristiyaanonni afaanin qofa osoo hin taane fannoo gooftaa dhungachuudhaan, sagada kennaa sagaduufiidhaan(Far 48/49:5), mallattoo fannootiin mallatteessuudhaan(Far 143/144:1), morma keenya irratti hidhachuudhaan(Fakkeenya 6:20) ni kabajna.Jaalala keenyas ni ibsina.

II.               Fannoon Gooftaa Iyyasuus Irratti fannifamee Baduu  Isaa
Erga Gooftaa Iyyasuus fannifamee booda fannoon isaa achumatti waggaa sadiif ture. Fannichis bakkuma jirutti kan dhibame fayyisee, kan ijaan hin agarre ifa banee kan okkolu qajeelchee  namoota baay’ee fayyisuu qabnaan Yihudoonni akkuma baratanii fi diina fannoo waan ta’aniif fannoo kana balleessuu qabna jedhanii irratti ka’an. Kanumaanis fuudhanii awwaalanii.  Jiraattonni biyya Yihudaa hundi akka haraa fi waan xuraa’oo gara garaa irratti gatan  labsii dirqisiisaa ta’e baasan. Namoonni haraa  achitti gatu ture. Osoo wal irraa hin citin iddoon fannoon gooftaa itti awwaalametti  waggoota 292’f waan haraan itti gatameef  hamma tulluu guddaa tokko  ga’ee tuulame.  Kanaanis namoonni iddoon fannoon kuni jiru beekuu danda’an dhabamaa dhufee, wa’een fannoo gooftaas irraafatamaa dhufe.
III.             Mootiitti Illenee fi Argamuu fannoo Gooftaa
Mee amma immoo seenaa baay’ee nama dinqisiisu erga awwaalamee waggoota baay’ee booda  fannoon akkamiin akka argamuu danda’e ilaalla. Seenan isaas Mootittii Illeniidhaan wal qabata. Akka armaan gadiitti dhihaateera.
Abbaa warraa fi haadha warraa Tarbinoos fi Illeenii jedhamantu wajjin jiraataa ture.  Illeenii jechuun Afaan Hibruutiin  bareedduu jedhuudha. Illeeniin kan dhalatte dhaloota Kiristoos booda bara 247,  Iyyaruusalemirraa kiilomeetira 5 qofa fagaattee kan argamtu magaalaa Bitaaniyaatti.
Abbaan manaa Illeenii Tarbinoos jedhamu kun daldaalaa ture. Bara sanatti daldallli biyya tokkoo gara biyya biraatti godhamu waggoota heddu fudhata ture. Innis karaa dheeraa deemee waan daldaluuf manatti Illeeniidhaaf gargaartuu qacareefii mooraa keessa akka gadi hin bane aduun akka ishee hin dhooofne godhee gara daldalaatti biraa deeme. Illeniin amantaa isheetti baay’ee cimtuu fi yeroo baay’ee hanga abbaan manaa ishee deebi’utti  kadhadhan  dabarsiti ture. Wangeelas ni beekti ture. Tarminoos kan daldala isaa xumuree gara biyyatti deebi’u ammo waggaa 3 booda ture. Daldaltooni kun waggaa sadiif afur yemmuu daldalanii gara mana isaanitii deebi’an karaa irratti waa’ee haadha warraa isaanii waliin haasa’u ture.
Isaanis akkas jedhu ture “Egaa amma nu kunoo akkanatti dhamaanee aduu fi qorraan gubannee gara biyya keenyaatti yoo deebinu, niitoliin keenya hoona dhiira biraa baran ta’a bar”  waliin jechaa demu  turan. Yeroo kana Tarbinoos abbaan warraa Illeenii  “Ani kan keessan hin beeku, haatii warraa koo Illeeniin garuu wanta akkanaa gonkuma ana irratti hin hojjettu, baayiseen ishii amana” jedheen.
Illeeninis erga abban warraa ishee daldalaaf  ba’ee mana isheetti kadhachuu malee gad ille baate dhiira ijaan agartee hin beektu ture. Yeroo sana namoota Tarbinoos waliin jiran keessaa tokko:  “Ati gowwaadha abboo, sanyii Hewaan keessaa kan haadha warraa kee  addamoo?, amma osoon dhaqee wajjin ciisee dhufe maal goota?”  jedheen. Achumaan Tarbinoos ‘ani waan isin jettan kanatti hin amanu haadha warraa koos hin gonkuma hin shakku’  jedheen. Yeroo sana namni gidiramaan daldaltoota keessaa  inni tokko “Yoon deemee haadha manaa kee dogongorsiisee dhufe maal naaf kennita?’ jedheen. Tarbinoos immoo ani ati dhuguma Illeenii dogongosiiftee dhufta taanaan bu’aan hanga ammaatti daldalee argadhe qabeenya koo kana hunda wajjiin  ni fudhatta jedhee. Innis kan kana jedhe haati warraa isaa gonkuma akka amanamtuu taate waan beekuf ture.
Daldalaan gidiramaan sunis yoo dogongorsee qabeenya Tarbinoos hunduma fudhachuuf wallii galee gara haadha warraa Tabinoositti daldaltoota kaan dursee adeeme. Yemmus gara mandara Illeeniin jiraattu ga’ee “Mee haadha warraa Tarbinoos natti agarsisaa jedhee namoota gaafate, isaanis isheen bar namatti hin muldhatu,  gonkuma dhiiratti “ jedhaniin. Innis mala baafate, “tole erga isheen hin dhuftu ta’ee  mee hojjettuu ishee naaf waamaa” jedheen . Isheelle siif ni wamna jedhanii waamaniif . Innis Hojjettuu Illeeniitiin “ biyya fagoodha nama si dubbisu dhufetu jira jedhii mee Illeenii  naaf waami”  jedheen. Isheenis gara manaatti ol deebitee  “namni si barbaada” jettee gaafannaaniif  Illeeniin fuula itti kennuu didde.
Namichi  sun ammas yeroo lammataaf “Dhaqiitii nama qarshii baay’ee siif  kennutu dhufe jedhii itti himi” jedheen. Isheenis akkas jettee yemmuu itti himtu yemmus Illeeniin  ‘Anaan  haadha warraa Tarbinoosin akkas jettaa?”  jettee qodaa harkaa qabduun gargaartuu ishee rukuttee gadi baafte.
Yeroo sanas hojjettuun gadi baate dubbin akka ta’uufii didde iti himte. Daldalichis mee maal gochuu naaf wayya ishee argachuuf jedhee gargaartuu ishee sana mariisise.Qarshii baay’ees akka kennuuf itti hime.  Yeroo sana gargaartuun ishee Mallattoo fannootiin kan tolfame kudhaama Tarbinoosii fi Illeeniin qofti beekaan tokko morma Illenii irra jira, isan siif fida atis isa fuutee Tarbinoositti agarsiiftee akka ishee wajjin ciiste itti himta jetteen. Innis yaada kanatti gammade. Innis “Daldaltoonni dhufanii jiru qophaa’aa”  jedhee iyyuu eegale. Gargaartuun sunis yeroo sana ol deebitee Illeeniidhaan “Daldaltoonni dhufan  ka’ii dhiqadhu urgooftuus dibadhu”  jetteen. Isheenis maal yeroo bira situ na dhiqa mitii jettee dhugaa seetee dhiqachuuf kaate. Yemmu dhiqattus kudhaama fannoo mormaa irraa sana  bakka dhiqatteti irraanfatte. Hojjettuun sunis fuutee namtichaaf dallaa irraan darbiteef. Innis kudhaama mallattoo fannoo of irraa qabu sana   sana fudhatee ka’ee  gara Tarbinoos jirutti  deebi’e.
Tarbinoosiin kunoo haadha warraa kee wajjin ciiseen dhufe jedheen. Innis amanuu dide.  Achuman namtichi sunis  ‘kunoo inumaayyuu na jaalattee kudhaama kana naaf kennite’ jedhee sobee kudhamicha hojjettuun Illeenii kenniteef sana Tarbinoositti agarsiise.
Tarbinoosis kudhaama fannoo qabu sana isaafi ishee qofatu beeka waan ta’eef yemmuu argu dhuguma se’ee ofitti aaree,ni na’es  akkuma jecha isaatti qabeenya isaa hunda daldalticha wajjin jiru sanaaf kennee harka duwwaa manati gale.
Yemmuu manatti  galus bifti isaa gurraacha’ee, garmalee gaddee agarraan haati warra isaa Illeeniin  ‘maal taate’  jettee gaafatte. Isheen baay’ee yaaddee eega turte. ‘Dur yoo galtu ni taphatta ture hardha maal taate’ jetteen.  Innis danbaliin ka’ee meesha kiyya hunda balleesse akkamiin hin aarin naan jetta  ittiin jedhe sobe . Isheenis  dhugaa seetee  “Maaloo hin aariin  haa badu ati fira 50 yoo qabaatte, anis fira 50 yoon qabaadhe liqeeffanne, daldalle bakka duraatti deebina” jetteen. Wangeelas waan beektuf ‘Waaqayyoo kan siif kenne yoo sirra fudhate hin aarin’ jetten.
Innis akka hiriyaa isaa wajjin ciifte osoo itti hin himin kan garaa isaa  garaatti qabatee,  “biyyan kabajametti salphadhee taa’uu hin qabu baduun qaba”  jedhee baduuf  ka’e.  Isheenis guyyaa gammachuu kee si faana dabarsee guyyaa gaafa gaddaa fi rakkoo kee si biraa hafuu hin qabu jettee wajjin deemuuf kaate  Innis Saanduqa hojjaa isheetiin hojjisiisee gaalatti fe’e gara bishaan galaana jirut cinaatti geese. Achumaanis galaana irratti ishee saanduqa sana keessa godhee,osoon si amanu na gante nama biraa wajjin ciifte  jedheen.Isheenis maaloo akkas hin goone jettuunis  dhagahuu dide.” Kunoo kudhaamnin ani siif kenne kan aniifii ati qofti beeknu akkamiin harka nama biraa bira gale ree ?’ jedhee kudhaamicha itti agarsiise.
Innis “hojii badaa kana hojjette taanan si hin baasisn ,hin hojjene ta’e si haa baasu” jedhee  ishee bishaanittrratti gatee jalaa sokke. Yemmuus isheen Waaqayyotti boossee silatii Waaqayyoof goote. “Yoo bishaan kana keessaa na baafte ani fannoo kee kan bade sana akkuman ta’e ta’ee barbaadeen siif argamsiisa.”  jettee garaa isheetti Waaqayyotti himte. Danbaliin bishaanis ishee fuudhee asii fi achi raasaa oolee biyya mootiin Rooma Qunisxaa(Konsitaandiyoos) jedhamu bulchutti gate.
Namoonni galaana cinaatti qurxummi qaban saanduqicha arginaan(eegdotas jedha)  saanduqni kun maal lata jedhanii itti fiiganii baasan. Yemmuu bananii ilaalanuu  dubartii bareedduu dha. Isaan garuu qarshii  daldaltoota jalaa danbaliin fudhate se’anii itti fiigan ture.
IV.            Illeeniin Mootiichatti Heerumtee Mootittii Ta’uu Ishee
Isheenis bareeda waan turteef hundumtuu  fuudhuuf irratti wal lolanii. Boooda garuu mootii keenyatti geessu qabna jedhanii mootichatti kennan. Mootichis yemmuu argu bareedina ishee waan jaalateef fudhuuf karoorfate. Baatii 6’f  masara keessatti waan gaarii akka nyaatee dhugdu, urgooftuu gaariis akka dibattu erga godhee booddee fuudhe. Isheenis Dhaloota Kiristoos Booda bara 258 tti  Qosxenxinoos deesse. Isheenis ilma ishee waa’ee kiristaanumma daa’imumma irraan ni barsiifti ture. Waa’ee utubaa Iccitiiwwan shananiis siritti barsiiftee turte. Abban isaa Kiristaana waan hin taaneef.
Erga abbaan Qosxonxinoos du’ee booda  mootiin Diiyooqilxiyaanos jedhamu “Manni Xaa’ota(Waaqarkee)  yaa banamu manni kiristana yaa cufamu” jedhee  labsii waan baaseef  kiristaanonni dhiigni isanii ni lola’e akka qullubbiittii mummuraman, manni kiristanas baay’ee gubate. Kiristaanonnis ni godaanan. Erga Diyoqilxiyaanos du’ee booda garuu Qosxenxinoos Ilmi Illeenii mootii ni ta’e. Innis samii kessatti mallattoo fannootiin “kanaan ni moota” kan jedhu waan itti miuldhateef meesha lolaa irratti mallattii fannoo godhe lola ba’ee moo’ee Roomaa akkuma jirtutti of jala galche.
Kanaanis gammadee Ephesqoophoosii Niqoomeediyaa  Awusaniyoos harkatti cuuphamee kiristaana cimaas ta’ee, kiristaanonnis gammadanii fannoon humna keenya fannoon fayyisaa keenya jedhan. Innis Labsii Diyooqilxiyaanoosiin ba’ee ture diigee
“Manni waaqarkee (xaa’otaa)  haa cufamu manni kiristaanaa haa banmamu” jedhee labsii kiristaanota addunyaa hundaaf boqonnaa kenne ni baase.
Manni kiristaanaa gadadoo waggaa 300 booda bar Qosxonxinoos haara galfii argatte. Innis mootii gaarii jedhamee yaadatama.Mirgaa fi carraa yeroo sana  manni kiristaana argatte keessaa:
v Bara 315 seera ba’een bataskaanni kaffaltii gibiraa irraa bilisa
v Guyyan Dilbata guyyaa boqonnaa fi ayyana  kiristaanota ta’ee kan murtaa’e yeroo sana
v Namni qabeenya isa bataskanaf nan kenna jennan manni kiristaana dhaaluu mirga qabdi.
v Kiristaanummaan amantaa biyyoolessaa ta’e.
Kannaf manni kiristaana yeroo hunda isa yadatti.Wantoota biros waan heddu hojjete. Mootittii Illeniin fannoo gooftaa baasuf  bara 327 gara Iyyarusalem demte. Yemmu achi geessus iddoon fannoon itti awwaalame nama itti himu dhabde.
Boodarra manguddoo Kiraakoos jedhanu tokko argatte inni malaan itti hime. kana booda daamotii  hiitee ,ixaana baay’ee itti naqxee kadhaa eegalte. kunis Fulbana 16 ture. Aaarri damotii fi Ixaanaas xiyyaa hojjetee bakka fannoon gooftaa jirutti sagade.Isaanis bakka xiyaan aaraa itti agarsiise sanatti Fulbaana 17 qotuu eegalanii eegalamee bitootessa 10 ni ba’e.Yoo ba’us kan jara gooftaa waliin fannifamaniis jira ture. Isaan keessaa fannoo gooftaa addaan baafachuuf nama due irra goonaan kan goftaa du’aa ni kaase,ija ni bane,dhibamaa fayyise.
Achumaan foo gooftaa fuudhanii kabajanii  Golgotatti bataskana itti ijaarsiftee fannoo gooftaa  itti galchan. Isheenis fanno akkuma baaften waggatti bara dhalota kiristoos booda bara 328  tti waggaa 80 isheetti ni booqatte. Kanaaf egaa hardhas seenaa sana yaadachuuf daamotiin kan ifuuf malee akkanumaan miti.Manni Ortodoksii tawaahidoo seenaa osoo hin sheelessin asiin geechee jirti.kan bay;ee nama gammachiisudha.Kanaaf amantaa keenyatti haa cimtu,haa beeknus.Shakkitoota irras of haa eegnu..
V.               Fannoon Gooftaa Gara Itiyoophiyaa Dhufuu Isaa
FannooN gooftaa fudhachuuf biyyoonni Iyyeruusaalem, Qusxunxiniyaa, Anitsookiyaa, Efesoon, Armen, Giriik, Iskindiriyaa irratti wal lolan. Sanumaan fannicha adda adda baafachii irratti walii galanii Afrikaadhaaf harki mirgaa Misiraadhaf ga’e.
Bara Mootii Daawiit immoo kiristaanota biyya Misraa waan gargaareef isaanis fannoo gooftaa sana mootii Daawitiif ni kennan. Yerro sana gara Itiyoophiyaa dhufe. Yemmuu dhufus “fannoo koo iddoo qaxxaamura fakkaatu irra teessisaa” sagaleen jedhu samii irraa waan dhagahameef Wallootti tulluu Gisheen Keessatti galuu danda’eera. Ammas achumatti argama.Kanaaf biyya keenyatti sadarkaa biyyoolessaatti kabajama Masqalli. Waaqayyo waan baay’isee nu jaalateef maqaan isaa haa ulfaatu.
VI.           Masqalaa fi Hawaasa Oromoo
Ayyaanni masqalaa uummata oromoo biratti haala adda ta’eeni fi jaalala guddaadhan kabajama. Hiikkaa heddus qaba..Orommon baga booqa birraatiin isin ga’e kan waliin jedhan ayyana kana irratti. Gana bacaqii bane ifatti bane,birraan nuuf barites jedhe sirba masqalaa kan sirbus yeruma kana. Guyyaa masqalaa horiin ille garaa quufee dheeda Oromoo biratti. ‘Kaloon masqalaas’ kan banamu oromoo biratti guyyuma kana. Daamootiin ni ifa. Inumaayyuu halkan daamotiin horiif qofa ifus jira. Ayyaana masqalaa bariis Oromoon ayyana Irreessaa, yaa Waaqayyo kan irree nuuf kennite galatoomi jedhee Malkaatti yookaan tabbatti ba’ee tokkummaan Waaqa ni galateeffata. Ega jaarraa 1ffaa Keessatti duuka bu’oota gooftaa keessaa Bartalomiyoosiin cuuphamanii booda, ayyanicha haala si’ina qabuun kabaju. Iccitii irrattis iccitii dabalataa kan ittiin argateedha.kakaasee kan nu jalqabsiise,nu jalqabsiisees kan nu xumursiise maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu kan hirdhate Inni itti nuuf haa guutu.Ayyaana gaarii nuuf haa ta’u.!

Kitaabota Wabii
1. Dani’eel Kibret (Dn).2000. Ortodoksiin Deebii qabdi. Afaan Amaariffaan kan qophaa’e.Finfinnee.
2.  Gorgooriyoos (Phaaphaasii).1991.Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa. Afaan Amaariffan kan qophaa’e. Finfinnee.
3.  Hammer.Barruulee Waldaa Qulqullootaan Qophaa’u. Waggaa11ffaa lakk 4.bara 1996. Mana maxxansa meeggaa,Finfinnee.
4.Nigusuu Alamuu(Dn.).2000. Deebii kennuuf kan Qophooftan Ta’aa. Afaan Amaariffan kan qophaa’e. Maxxansa lammaffaa. Mana maxxansa Illenii, Finfinnee.
5.Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
6. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame.
7.     Barreeffamoota gara, garaa fi barnoota abbootaa irraa, kan guyyaa ayyaanaa, barnoota Awude-Mihretii irraa)
Yaada keessaniif: waldaanahimiyaa@gmail.com


Wednesday, September 19, 2012

WN009 Taabota, Fakkiiwwan Qulqullaa'oo fi Xabala


Kabaja Taabotaa, Xabalaa fi Fakkiiwwan Qulqullaa’oo akka Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidootti
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin! Ameen.
Amantaa danbii fi sirna Waaqeffannaa Mana kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo manneen amantaa baay’ee irraa kan adda ishee godhan wantoota hedduutu jiru. Kunis dur jireettii ta’uu ishee kan agarsiisaniidha. Isaan keessaa Taabota qabaachu ishee, Fakkiiwwan Qulqullaa’oo qabaachuu ishee fi hordoftootnis Xabalatti fayyadamuu isheeti. Namootni fi shakkitoonni iccitiin waa’ee kanaa hin galiniif baay’een garuu gochi akkanaa kun gochoota Kitaaba Qulqulluu irraa adda ta’an jechuudhaan kan morman heddu dha. Haa ta’u malee waa’een Taabotaas ta’e kan Fakkiwwan Qulqulluu akkasumas kan xabalaa yeroo hedduu kitaaba Qulqulluu irratti barraa’ee jira. Bu’uurri isaas kitaabuma Qulqulluu dha malee kan Ortodoksiin fedhii isheetiin itti dabalte miti.

Dhimmuma kana Kitaaba Qulqulluu irraa sirritti hubachuuf akkkasumas hubachiisuuf  akka fedhii Waaqayyootti, torban kanaaf dhimmoota kana, seenaa fi eessaa- dhufee isaanii ilaalchisnee gabaabumatti isiniif dhiheessina. Isinis hanga dhumaatti akka dubbiftan isin affeeruudhaan akkuma yeroo hundaa, yaada qabdan email keenyaan akka nuuf ergitan isin gaafanna. Waaqni abboota  keenya, nuuf haa ibsu. Waaqayyo, kan Liidiyaadhaaf laphee ishee bane, laphee hunda keenyaatu nuuf bane iccitii ittiin hubannu nuuf haa kennu. Waaqayyo nu haa gargaaru. Ameen!
1. Taabota
Tabbotni buufata Waaqayyoo kan ulfinni Isaas ittiin ibsamuudha. Taabotni seenaa kakuu moofaa fi walabummaa Israa’eloota waliin wal qabata. Israa’eloonni gabrummaa biyya Misraa jalatti waggoota 430 ‘f  haala suukaneessaadhaan bitamaa erga turanii booda Waaqayyo, Dursaa-raajotaa  Muusee kaasuudhaan, karaa isaatiin akka walabummaa argatan  godhe. Yeroo gammoojjii Siinaa qaxxamuruudhaan imala biyya Misraati gara Kana’aanitti godhan, gammoojjii Siinaa Keessatti Waaqayyoo Muuseedhaaf, kan Maqaan Waaqayyo irratti barreeffamee,  gabataawwan(Tsillaat)  lama kan abboommiin isaa iratti barreeffame ni kenneef.  Isaafis kan keessa taa’u Taabota akka hojjetuu fi dunkaana keeessa bulu akka ijaaru Waaqayyo Muusee ni ajaje. Akkuma:

 “Ammas Waaqayyo Muuseedhaan,”Tulluutti ol ba’ii gara koo koottu, achi turi, ani gabatoota dhagaa, seeraa fi abboommii akka sabni kun ittiin gorfamuuf, ani irratti caafee sitti nan kennaa”(Bau 24:12).”jedhu.

Muuseenis guyyaa 40 fi halkan afurtamaaf Isra’eloota irra adda ba’ee Tulluu Siinaa irra ture. Ulfinni Waaqayyoos tulluu Siinaa irra ni buufate, duumessis guyyaa ja’a tullicha akka uffises barraa’ee jira.
“Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti Musee wajjin dubbatee erga fixee booddee, gabatoota dhuga-baatu lamaan gabatoota dhagaa warra ofii isaatii quba isaatiin irratti caafe sana Muusetti ni kenne”(Bau 31:18)(Keessaa deebii 9:9.)
Waaqayyo tsillaatota sana irratti abboommiwwan kurnan irratti barreessee jira. Abboommmin kurnan kunis:
1. Waaqayyoolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatiin
2. Bifa qirixame fakkeenya wanta ol samii irra jiru, gad lafa irra jiruu, yookiis bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin.
3. Maqaa Waaqayyo gooftaa keetii akkasumaan hin dha’in.
4. Guyyaa  Sanbataa qulqulleettii eeguudhaaf yaadadhu.
5. Biyyan ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiratuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni.
6. Hin ajjeesiin
7. Hin ejjin(sagaagalin)
8. Hin hatin
9. Nama irratti sobaan dhugaa hin ba’in.
10. Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin.
Kakuu Moofaa  Keessatti Taabota kan jedhamu, kan Tsillaatiin keessa taa’u dha. Kakuu haaraa keessatti garuu taabotnis, tsillaatiis kan jedhamu kanuma aarsaan irratti dhihaatudha. Innis dhiigaa fi foon gooftaa Iyyasuus Kiristoosi isa dhugaa fi kan jireenya bara baraa namaa kennudha. Kakuu Haara Keessatti aarsaan Taabota malee hin godhamu. Egaa erga yeroo sanaatii Israa’eloonni Taabota kabajuudhaan, bara ilma, Daawiit  Mootii Solomoon, gatii guddaadhaan manni qulqullummaas ijaarameefi jira. Waluma galatti Taabotni kakuu moofaa kessatti kan Waaqayyo yeroo araaraaf ummataaf dhihooti itti muldhatuudha. Taabota fuuldurattis gombifamanii Waaqayyoon kadhatu turan.(Iyyaasuu 7:6)

Gabatoota(Tsillaata) gubbaatti jechootni maqaa gooftaa kan Alfaa, Wa’oo, Beexaa Yewuxaa jedhaman irratti barraa’u. Kanaaf Taabotni, buufata Waaqayyoot jechuudha.Waaqayyo, yemmuu abboomi kana karaa Muuseetiin uummataaf  kennuuf, kan bara baraa akka ta’es ibseeti malee kan yeroo muraasaan daangeffame miti. Kanaaf gooftaa Iyyasuus kakuu haaraa Keessatti:
 “Ani dhuguman isinitti hima, hamma samii fi lafti badanitti seericha keessaa, fidalli xinnaan tokko, yookiis, gar tokkoon fidala utuu fiixaan in ba’in hin badu. Kanaafuu nama abboommota hunduma irra xinatan, keessaa tokko diige, diigamuu isaas namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keesatti hunduma irra xinnaa ni jedhama, namni abboommota kana eegee barsiisu garuu moottummaa Waaqaa keessatti guddaa ni jedhama’’(Mat 5:17)

Namni aangoo lubumma hin qabne Taabota tuquun dhoorkadha.(akka Uzaatti qurxama, Seenaa isaas Macaafa Saamu’el irraa akka arman gadiitti ni hubanna.
“Uzaan Taabota kakuu Waaqayyoo safeeffachuu waan dhiiseef  Waaqayyo baay’ee isatti aare isa ni dha’e, Kanaaf inni achuma Taabota kakuu Waaqayyoo biratti ni du’e” (2Samuel 6:7)
Kanaaf  bataskaana kam keessa iyyuu Taabotni ni jira. Bakka Taabotni jirutti fi aarsaan kakuu haaraa itti dhihaatutti immoo ni sagadama. Kanaaf karra bataskaanaa bira yoo darban Waaqayyoof, kabaja Waaqayyof sagadan. Akkuma Hisqi’eel:

“Guyyaa sanbataa fi gaafa baatiin baatu, sabni biyya sanaa balbala karra kanaatti, Waaqayyo duratti haa sagadan (His 46:3).

“Ulfina maqaa isaatiif ta’u Waaqayyoof dhiheessaa, Kennaa fidaatii gara oobdii isaatti koottaa, Qulqullummaa akka mi’a miidhaginaatti naqadhaatii Waaqayyoof sagadaa” (Farfannaa 96:8)

“Ka’ii oobdii mana qulqullummaa keessa dhaabadhuu, wanta ani si abboomu hundumaa mandaroota Yihudaa keessaa mana qulqullummaa kana Keessatti ana Waaqayyoof sagaduuf, warra dhufan hundumati himi” (Ermiyaas 26:2)

“Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis, hundinuu ulfina maqaa Iyyasuusiif, jilbiinfatanii akka sagadan godhe”( Fil 2:10)

Taabotni Gara gara Itiyoophiyaa yoom akka Dhufe:
Akka seenaa irraa hubannutti  Taabotni kan gara biyya keenyaa seene, Bara Mootii Minilik Duraati .Yeroo sanatti kaabatti magaala guddittii  kan turte  Saabaa yoo taatu, magaalaan guddoon kan lammataa immoo Tarsees jedhamti. Mootittiin Saabaa Afaan Suubaatiin Itiyaa jedhamti, Maakiddaas jedhuun. Mootiittii Azeeb jedhuunis.  Azeeb jechuun maqaa kallatiiti, Dhihatti kibba dhihaat agarsiisa. Itiyaan mootitti Azeeb kan jedhamteef Iyyaruusaleemif Saabaan (kutaaAffaar ammaa), fi Nubaanis Azeeb waan ta’eef.
Seenaan biraa immoo Raayyaa Azaabootiinn Azeeb jedhame kan jedhus jira.  Afaan Subaatiin Itiyaa jedhamti, kennaa Waaqaa jechuudha.  Gooftaani Iyyasuusis Waa’ee ishee Mootitti Saabaa (Azeeb) kanaa dubbatee jira(Wangeela Maatewoos 12:42).
 Mootiitiin Saabaa, ogummaa Motii Salamoon dinqisiifachuu gara Yeruusaalem deemtee turte. Kunis Bara 4,514 Dhaloota Kiristoos dura. Isheenis Solomooniif ulfooftee ilma Minilik jedhamu deesse jedha akka seenaatti. Sanumaan Minilik yemmuu guddatu Solomoon Mootii godhee muudee gara  Itiyoophiyaatti yoo dhufu Taabota Tsiyoon keenneefii jira. Minilik Israa’elii gara Itiyoophiyaatti yemmuu dhufu, ijoollee Israa’el(namoota 12,000), warqii fi birrii kan baqsan Iyyabosoota(namoota 1000) , Gaazaa kan turan sanyiiwwan  Yooqxaan kan turan (namoota 24,000 ) Leewwota  waliin fidee dhufe.

Luba Ilma Sadoq Azariyaasiis fi, raajii Akkiyaatiin Solomoon Waaqa fuulduratti cubbuu waan hojjeteef mootumman Salomoon akka tarsa’u itti himame. Yeroo sana Taabotnii gara biyya keenya dhufe.Haa ta’u malee yeroo sanatti biyya keenya kan dhufe Taabota qofa miti. Kitaabotni kakuu moofaa kan hanga yeroo sanaatti barraa’an hundi gara biyya keenyaa seenaniiru. Yeroo sana irraa eegalee biyya keenyatti keessumattuu hagna hardhaatti falaashota (Beete Israa’eel) kan jedhaman kan yeroo sana biyya keenya Solomoon wajjin dhufanidha.
Waaqayyo, Taabota irra bulee, Israa’eloota laga Yoordaanoos malkaa gogduun ceesisee, Waaqayyo Taabota irra bulees dallaa Iyyaarikoo akka jijigse ni beekama. Taabotaafis sagadni kennaa  ni sagadama (Iyyaasuu 7:6).
  Kakuu kaaraa keessattis waa’ee seerichaa fi waa’ee taabotaa ilaalchisee akkas jedha
“Egaa immoo amantii kanaan seera diigna jechuudha moo ree? Waawuu kun raawwatee ta’uu hin danda’u, seera jabeessinee dhaabna malee”(Rom3: 31)
2Qor 6:16 keessattis immoo, Kiristoos Beelhoor wajjin tokko kan godhu eenyu? Yookaan immoo shakkitootaa fi warra amanan gosa tokko kan godhu eenyu, Taabota Waaqayyoos kan mana waaqayyoolii tolfamanii keessa kaa’u eenyu” ? jedha. Kanaaf kakuu Haaraa Keessatti Ortodoksoonni hundi taabota qabu,Kaatolikoonni immoo bakka taabotaa ‘waan akka xarapheezaa’ qabu. 

Museen Tsillaatota Waaqa harka fudhate yemmuu fudhatee deebi’u Israa’eloonni immoo yemmuu Waaqa-namtolchee bifa jabbii qabuuf yoo sirban argee aaree Gabatoota lamaan Waaqayyo kenneef darbatee  ni cabse(Bau 32:19) .Sana boodas Waaqayyo akka duraa godhee dhakaa lamarraa gabatoota(Tsillaat) lama akka akka deebisee tolchu itti himee jira.(34:1). Haaluma kanaan Taabotni biyya keenyattis Maqaa Qulqullootaan tolfamanii ni moggaafamu. Akkuma Taabotni Muusee Taabota –Xiyoon jedhamte jechuu dha. Waggaattis al-tokko cuuphaa gooftaa Iyyasuus laga Yoordaanositti  godhe yaadachuuf teessoo isaanii irraa ka’anii lafa bishaan jiru bulu. Taabotni hundi guyyaa tokko qofa ala buluun guyyaa lammaffaatti gara teessoo isaanitti ni deebi’u. Taabotni Mikaa’el guyyaa lammaffaatti kan Igzi Aab her-aabii immoo guyyaa sadaffaatti galu .Kunis  guyyaa irra oolanirra bakkuma tokkotti kabajamanii akka galaniifi kan ta’edha. Kanaaf kabaja Taabota Waaqayyoof haa kenninu.Wallalumaadhaanis badaa dubbannee, Waaqayyoon akka hin mufachiifne ofis akka hin hubne, hanga du’a tasaattis akka Uzaatti akka hin qurxamne of eeggachuun barbaachisaa dha.

2. Fakkiiwwan Qulqullaa’oo
Mana Ortodoksii Tawaahidootti  fakkiiwwan Gooftaa Iyyasuus, kan  haadha keenya dubroo Maariyaamii, kan ergamtootaa fi qulqullootaa  biro  bataskaanatti, mana kadhaattii fi mana keessatti fannisuun baay’ee kan baramee dha.  Fakkiiwwan quqlqulluun barnootaaf, kadhannaaf, akkasumas qulqulluu abbaa fakkichaa sana yaadachuuf gocha ta’aa ture sana akka waan ijaan ilaallutti caalatti seenaa akka yaadannu kan nu gargaaraniidha.  Dabalataanis sugaa argachuufi kabaja gooftaa kan ibsan waan ta’eef itti fayyadamna.  Kunis kitaaba Qulqulluu  bu’uura godhachuudhaan malee  akkanumaan kan ta’e miti. Kana jechuun garuu fakkicha Waaqeffachuu jechuu miti.Mee Kitaaba Qulqulluu irraa luqqisa(caqasa) armaan gadii kana haa ilaallu.
“Kiruubel lama warqee tumamaa irraa tolchiitii, gar lamaan fiixee isaa teessoo araaratti kaa’i, Kiruub isa tokko fiixe gar tokkoo irratti, kiruub isa kaan immoo fiixee gara kaanii irratti tolchi” (Bau25:19)
Mootiin Solomoon yemmuu mana qulqulummaa ijaarus: 

“Keenyaan kutaawwan mana qulqullummaa, warra keessa fii warra duuban itti ijaaramana hundumaa irratti karaa keessaa, fakkeenya kiruubeel, fakkeenya mukeetii meexxii fi daraaraa hojjechiisee ni miidhagse.” (1Mootota 6:29)

Egaa as irrati wanti hubachuu qabnu, fakkeenyaaf  Muuseen siiqqee isaatiin galaana Eertiraa gar gar baaseera (Bau 14:26), Phaawuloos dhukkubsattoota uffata isaatiin fayyise(Hojii Duuka Bu’ootaa9:11), gaaddidduun Pheexros jinnii gadhiisisiise(Duuka bu’oota 5:15). Egaa wantootni kunniin hundi ofii isaanitii human homaallee qabaachuu baatan, ulfinnii fi qulqullummaan abbichaa kennaa argamsiisefi dha.
Kiristaanonni duriis yemmuu lafa kana irraa dheessanii dhokatan, holqa keessatti fakkii kaasu turan. Fakkeenyaaf dhalachuu gooftaa, godaanuu isaa, yemmuu kennaa kennaniif, haadha gooftaa wajjiin, seenaa cidha Qaanaa, cuuphaa gooftaa Iyyasuus, qurxummii 2 fi buddeena 5 baay’isu isaa, dubartii dhiigni rakkkisaa ture dhiiga ishee qoorsuu isaa, dubartiin Samarawitii hubboo baattee yemmu bishaan na obaasi jedhee kadhatu, fi kan kana  fakkaatan  kristaanota durii holqa Keessatti kasalaa fi daaraan  kaasu ture.
Faayida 2 qaba.
1.     Baruumsaaf namoota dubbisuu hin dandeenyeef
2.     Jaalala qulqullicha sanaa ibsuuf
Mana kiristaanaa Ortodoksiitti fakkiin qalamaan ka’a malee hin bocamu. Laatinoonni garuu ni bocus.
Amma immoo kakuu haaraa Keessatti yoo seenaa fakkii kaasuu ilaallu dursa waa’ee fakkii gooftaa ilaalla. Seena mana kiristaanaa keessatti kan dursee fakkii gooftaa Iyyasuus kaase Yohannis isa wangeela barreessedha.  Seenaan isaas akkana: Dhaloota Kiristoosin Booda bara (18-37). Roomaa bitaa kan ture Xibaariyoos Qeesaari. Gooftaan bara inni aangoo irra ture fannifame. Xibaariyoos ilmi jalaa duunaan, reeffa fuuudhee deemee awwaala gooftaa Iyyasuus irra godhe, mucaanis du’aa ni ka’eef.Mootichis baay’ee gammadee maaloo haadha Iyyasuus naaf fida, umurii koo guutuu ishee tajaajilee, waan qabu kenneefii kabajeen jiraachisaa jedhe. Haa ta’u malee kabajni Dubroo Maariyaamii kan lafa kanatti hafu qofa waan hin taanef, Yohaannis mootichi akka abdii hin kutanneef, Gooftaa Iyyasuus akka yeroo fannoo irra tureetti, mudhiitti qofa uffata xinnoo irra buusee kaasee ergeef, jedhu abbootni. Seenaan biraas jira.isaan keessaa kun tokkodha.

Kan dubroo Maariyaamii immoo fakkiin yeroo baay’ee nu arginu kan akkuma Iyyasuus Kiristoos daa’imummaatti hammatteen ka’e sana immoo yeroo duraaf kan kaase kan kaase Qulqulluu Luuqaasi. Kitaabotni mana kiristaana keenya Keessatti argamanis kana dhugaa ni ba’u. Kanaaf mana keenyatti fakkii fannisuun, yeroo kadhannaa goonus of fuuldura goonee Waaqa kadhachuun caalatti qalbii keenya sassabuuf nu gargaara.
Haa ta’u malee yeroo ammaa kana fakkiin akkuma arge ka’aa jira.Kamtu kan seera isaa eeggate akka ta’es, eenyuu fi yoom akka ka’e maaliif akka ka’e kan hin ibsine, kan akkuma fakkiiwwan biro gabayaa irra oolan jiru.Wanti akkasii kun sirrii miti.Fakkiis bakkuma arginee karaarra bituun. Karaarratti daaraa Keessatti gurguruunis sirrii miti. Fakkii Qulqullootaa fi kan aakitaroota ykna namoota beekkamoo biyya lafaa kana bakka tokko teessisuunis sirrii miti. Mana keessattis fakkiiwwan qulqullootaa mana bareechuuf kan itti fayyadaman jiru, innis sirrii miti. Fakkiiwwan akka hin xuroofne fi hin qaqoofne eegu qabna..
Fakkiin Qulqulloota yoo ka’u nafti (qaamni isaanii) duwwaa muldhachiuu hin qabu. Sirriitti haguugamuu qaba .Kanaaf fakkii tokkoo bituun duratti sirrii ta’e ka’uu isaa mirkaneeffachuu qabna.
3.     Xabala
Xaballi Waaqayyoo qulqulloota tokko tokkoof waadaa galeen kan dinqii isaa ittiin ibsu, maqaa qulqullicha saanaatiin kan dhibaman cuuphamanii yookaan dhuganii bishaan ittin fayyan jechuu dha. Akkasumas Maqaa Qulqullicha sanaan biyyen amananii dibatan xabala jedhama, Afaan Gi’iziitiin ‘Tsebele’ jechuun biyyee jechuu dha.
Kiitaaba Qulqulluu irrattis fakkeenyaaf osoo gooftaan laga Yoordaanositti hin cuuphaniinin dura namootni hedduun itti cuuphamuudhaan fayyaa akka turan ni ibsa. Iyyoob dhukkuba isaa irraa kan fayyee laga Yordaanositti cuuphamee ykn dhiqateeti. Mootiin biyya Sooriyaa kan Ni’imaan jedhamus, akkuma raajichi Waaqayyoo Eelsaan itti hime, Yordaanos dhaqee dhiqachuun dhibee lamxii irra akka fayye Kitaaba Qulqulluu irratti barraa’ee jira (2Mot 5:9).
Akkasuma waa’ee xabalaa Wangeela Yohaannis irrattis akkas jedha:

“Karra hoolaa isa jedhamu isa mandara Yerusaaleemitti galchu bukkeedhaan bishaan kuufamaan Afaan Ibraaysixiitti, Beetsayidaa jedhamu tokkotu ture. Bishaan sana bira godoo babaldhaa shantu ture. Namootni dhukkubsataan baay’een, warri jaaman, warri naafa tahan, warri dhiigni isaanii gar tokko du’es godoota sana keessa ciisanii raafamuu bishaanicha ni eeggatu ture. Ergamaan Waaqayyoo yeroo yerootti golba bishaanichaa keessa lixee isa ni raasa, raafamuu isaa booddee, namni dura bishaanicha keessa lixe, dhukkuba isa kam iyyuu irraa ni fayya ture.”(Yoh 5:1-5)

Yeroo ammaas biyya keenyatti iddoowwan xabalaa hedduutu argama. Namootnis fayyaa jirachuu isaanii waan wabii barbaachisu hin fakkaatu. Dhukkuboota qoricha hin qabne kan akka HIV AIDS dabalatee dhukkuboota biroo irraas fayyaa jiru. Keessumattu Waaqayyo Waadaa qulqullootaaf seeneen, namoota badada dhaban yaadachaa jira. Xabala akka Shankoora Yohaannis akka fakkeenyatti fudhachuu ni dandeenya. Waaqayyo karaa ittiin fayyinu baay’isee jira. Kanaaf Amantiidhaan osoo hin shakkin yoo goone wanti hin fayyineef hin jiru.Waaqayyo inni duraan ture, hardhas ni jira, waadaan isas kan bara baraati .Kanaaf itti haa fayyadamnu.
Haa ta’u malee of eeggannoon godhamuu qaba hundumti xabala miti, hundumtis  namoota cuuban miti.Namootni sobanii maqaa xabalaan dogongorsan jiru waan ta’eef. Akkuma aarsaan iddoo isaa malee hin dhiyaanne, xaballis iddoo qaba.

 “Egaa qalma kee isa gubamu sana iddoodhuma arhitetti akka akka hin dhi’eesineef of eeggadhu”.(Keessa Deebii 12:13)
Guduunfaa
Qofa dhiheessinedanda’ama.Nuti baay’ee gabaabsine wantoota ijoo ta’an qofa hubannoof dhiheessine.Isinis dabalataan kitaabota waa’ee kana irratti barraa’aan gadi fageenyaan dubbisuutu isin irraa eegama.Kakaasee kan nu jalqabsiise, nu jalqabsiisee kan nu xumursiise, maqaan gooftaa keenyaa haa ulfaatu.Kan nu sheelechinne, inni itti nuuf haa guutu.Ameen!


 Kitaabota Wabii

1.  Amaan Balaay (Marii Mariiras).1998. Kitaaba Subaa’ee isa dhugaa Lammaffaa; Gooftaa Iyyasuus Itioophiyaatti: Afaan Amaariffaan kan qophaa’e.
2.  Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee
3. Kinfe Gebri’eel Altaayyee (Luba)(1995). Seera mana kiristaanaa, kan afaan Amaaraatiin qophaa’e.Maxxansa 6ffaa. Mana maxxansa Itiyoo-tikur Abbaay. Finfinnee
4.  Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Haimanot,      Finfinne romootti qophaa’e, qubee laatiiniitin barreeffame2
5.Nigusuu Alamuu(Dn) .2000. Deebii kennuuf kan qophooftan ta’aa:Afaan Amaariffaan kan Qophaa’e.Maxxansa sadaffaa,Mana maxxansa Illeenii,Finfinnee.
6. Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000). Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
7.   Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA). Macaafa Qulqulluu, kan Afaan Oromootiin Qophaa’e.

Yaada keessaniif:waldaanahimiyaa@gmail.com fayyadamaa




Wednesday, September 5, 2012

WN008.Galaana Yaadaa:Abushaahir


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqaa tokkootti  amanuudhaann abboota keenya irraa dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufe, waa’ee Galaana Yaadaa(Bahire-Hassab jedha Gi’izin) gabaabsinee  haala salphaa ta’een  ni dhiheessina.
 Ibsa
Manni kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo haadha qabeenya baay’ee fi oguummaa hammaaramee hin dhumneeti. Oguummaawwanii fi qabeenyawwan kana keessaa  akka tokkoo lama, kaasuuf qo’annoo fi qorannoo saayinsiitiif kan karra saaqan fi ka’uumsa ta’an dameen barnoota hedduutu jiru. Fakkeenyaaf,waa’ee qorichaa funaananii dhukkuba badaduu, barreeffammaa dinqisiifamoo, ogummaa gamoo gurguddoo ijaaruu, riqicha tolchuu, holqa soofuu, biqilootaa fi bineensota  kunuunsuu, ciigoo, walaloo fi jeedaloo mimmi’aawoo, walumaa galatti wanti hin jirre hin jiru jennee dubbachuu ni dandeeenya.Kunaafis wabii dhaabbataa kumaataman lakkaawaman  dhiheessuun ni danda’ama.
Yeroo ammaatti ammo addunyaa irratti ogummaawwan gurguddo lubbuu namootaa hawwatan keessaa tokko qo’annoo hawaa ti. Ilmi namaa fedhii waa’ee naannoo isaattii fi isaa irraa fagootti argamu beekuudhaaf carraaqiin inni godhu kan dhuma hin qabne dha. Kanaanis waa’ee pilaanetoota biroo, waa’ee urjiilee, waa’ee addeessaa fi waa’ee haala qilleensa hawaa keessaa ni qo’ata. Qo’annoon kun immoo hawwii qofaan osoo hin taane lakkoofsatti fayyadamuudhaan herreega wal-xaxoo argamsiisuudhaan fi shallaggii gara garaa uumuudhaan kan hojjetamuudha .Herreeguma kana irraa ka’uudhaaniis lakkoofsa baraa (kaalendara) itti fayyadamanis ifa godhaniiru.
Gosti barumsa akkanaa kun kan hardha akka haaraatti eegalame osoo hin taane abbootni keenya mana kiristaaana Ortodoksii Keessatti iddoo guddaa kennuudhaan ni qo’atu ture. Osoo baruumsi qo’annoo hawaa haala jabanaatiin qophaa’ee hin dhi’aatin duras, sochiiwwan hawaa keessati godhaman kan beekanii fi keessumattuu lakkoofsa baraa sirrii ta’e argamsiisuudhaan itti fayyadamaa turaniiru, ittis fayyadamaas jiru. Dameen barnoota akkasii kunis Abushahir ykn Galaana Yaadaa jedhama. Abushaahir baruumsa lakkoofsaa irratti hundaa’e yoo ta’u kan naannawa adeessaa, haala urjiiwwanii fi waqtiilee, dheerina guyyaa fi halkanii shallaggii yeroo, seensa fi ba’a ayyaanotaa, soomaa fi taatewwan gara garaa herrega ittiin beekani dha
Maqaan Abushaahir jedhu kun eessaa dhufe yoo jennu jechi jecha Arabaa yoo ta’u, waa’ee barnootaa herreegaa fi shallaggii kana gadi fageenyaan hiikee kan barreesse Diyaaqonii biyya Misraa Yohaannis Abushahir nama jedhamu irayi. Innis Jaarraa 13 ffaa keessa waa’ee kana baay’inaan hiikee, kan dhokate ifa baasee, namoota hedduuf waan dinqisiifameef baruumsichi inumaayyuu maqaa diyaaqonicha sanaan Abushaahir jedhame.
Yoohannis Abushahir jaarraa 13ffaa keessa baldhinaan haa barreessu malee waa’ee galaana yaadaa Kan guyyaa ayyaanotaa fi soomni irra oolu ittiin beeknu jaarraa 3ffaa keessatti phaaphaasii Iskindiriyaa Dimeexroos jedhamuun argame.
Baruumsi Abushaahir yaadaa fi qo’annoo guddaa kann barbaadu yoo ta’u dhaawata itti seenaa ademaaniin baay’ee kan ulfaatu fi gosa saayisnii jabaanaa waa’eee hawaa qo’atuun kan wal fakaatudha. Baruumsa kana namni sirriitti barate, taatewwan dhufuuf ta’an akeekkachiisuu, raaguu ni danda’a. Fakkeenyaaf haala qilleensaa, danbalii galaanaa irraa, jijjiirama qilleensaa, fi wantoota hawaa Keessatti ta’an kanatu ta’a jedhee dubbachuu ni danda’a.
Kanaaf yaa oboleewwan keenya maatii Waaqayyoo waldaan keenya Waldaan Nahimiyaa hawwii guddaa qabeenya kana maatiin Waaqayyoo hundi Afaan Oromootiin haa beekan jedhu  qabu irraa ka’uudhaan yeroo fudhatee kitaabota gara garaa irraa funaanee akka isiniif ta’utti baay’ee gabaabsee  dhiheessee jira. Haa ta’u malee barreeffama kana keessatti damee Abushaahir keessaa Marsaawwan guyyaa ayyaanaa, guyyaan akkamitti laakkawamu, waqtiileen akkamitti argamu, jabanni kan eenyuu akka ta’e akkamiin beekama,Dimeexroos eenyu,akkamiin shallaggii kana argate, yaadawwan jedhan kana irratti  xiyyeeffata malee barreeffama qofaan waan namaaf ifa hin taaneef dameewwan biroo keessaa hin seenu, waan gadi fageenya barbaaduu fi yeroo barbaadu waan ta’eef . Kanaaf dame waa’ee GALAANA YAADAA (Bahire-Hassab) jedhamu kana akkamitti akka argame seenaa isaa wajjiin dhiheessinee jirra. Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu, nutis laphee ittiin hubannu nuuf haa laatu. Ameen!!!
GALAANA YAADAA (Bahire-Hassab)
Galaana Yaadaa jechuun jabana (bara) lakkoofsa qabu jechuudha.Galaanni yaadaa kana keessumattu guyyaan fi jabanni akkamitti akka lakkaawamu, akkamittiin akka marafatanii dhufan kan ibsanii dha. Baruumsi kun akka masaktuutti ilaalama. Lubootni hundis beekuu qabu. Kanaaf lubootaaf masaktuu dha, lubni waa’ee galaana yaadaa hin beekne akka laga bishaan gogaa qabuuti jedhu abbootni. Lagni gogaan yoo alaala(fagootti) dhaababatanii ilaalanu, ni bareeda, yoo itti siqan garuu duwwaa dha dheebuus nama hin baasu. Akkasuma lubni waa’ee abushaahir kana hin beekne, yoo hordoftoonni uffata isaa qofa ilaaluun mataatti uffata xaxatee argan, luba ta’uu isaa baranii dhaqanii guyyaa ayyaanaa guyyaa soomni seenu yoo gaafaatana hin beeku waan ta’eef baayee ceemmanii, rifatanii deebi’u jedhuudha. Barreeffama guutuu kana Keessatti bara 2005 akka fakkeenyaatti fudhachuudhaan shallaggiiwwan ijoon galaana yaadaa kam kam akka ta’an ni ilaalla.Isinis shaakalliidhaan gabbifachuu ni dandeessu.
GALAANA YAADAA EENYUTU ARGAMSIISE?
Namni Waaqayyoo kan safara galaanaa yaadaa argate DIMEEXROOS jedhama. Diimeexroos dhaloonni isaa Misraa, Iskindiriyaa dha.  Warra amantaa isaanitti cimaa ta’an irraa dhalate nama qulqulluu fi fayyaalessa ture. Guddatee yeroo umurin isaa fuudhaf ga’utti warri isaa dubartii kiristaana taate kan itti fuudhan ni dhaban. Jabana sanatti Iskindiriyaatti Kiristaanonni xinnaatanii, namootni kiristaana hin taane baay’atanii waan turaniif. kanumarraan kan ka’e, danbiin amantaa  diigamuurra seerri  firummaa diigamuu wayya jechuudhaan kiristana kan taate intala eessuma isaa itti fuudhaan.
Haa ta’u malee inni warra isaa akka hin mufachiifneef tole jerdhee erga fuudhee booda intala eessuma isaa wajjiin mari’atanii wal amansiisanii akka quunnamtii qaama saalaa hin raawwanne waliif galan. Akka ishee namoota biraatti hin heerumsiifne garuu dhimma kana nama tokkotti osoo hin himin dhirsaa fii niitii ta’uudhaan, siree tokkorra ciisaa, osoo wal-quunnamtii qaama saalaa hin raawwatin  mana tokko jiraachuu jalqaban. Inni qote bulaa ture. Ergamaan Waaqayyoos isaan eega, jabinas ni kennaaf ture. Akkanaan osoo wajjiin jiraatan waggaa 48 guutan.
Dimeexroos qote bulaa waan tureef guyyaa gaafa tokko yemmuu maasii isaa waqtii bonaan dhaqee ilaalu firii waynii yeroo malee daraartee geesse tokko argee fuudhee galeenii haadha mana isaattti kenne. Isheenis kiristaana cimtuu waan taateef, maaloo waynii kana nuti nyaachuu hin qabnu, fuudhii deemiitii phaaphaasiitti geesiitii, eebba fudhadhuu koottu jetten.
Yeroo sanatti phaaphaasiin Iskindiriyaa Yuuliyaanos 11ffaan baay’ee dulloomee waan tureef  kiristaanonni  ‘maaloo si booda nama phaaphaasii nuuf ta’u nuutti himi’ jedhanii isa rakkisaa turan. Innis ‘soomaa, kadhadhaa anis nan soomaa Waaqayyo nama ana booda phaaphaasii ta’u anatti akka ibsuuf’ jedhe uummata ajaje.Yeroo sanatti Waaqayyo abjuudhaan Yuuliyaanoosiin “kan si booda phaaphaasii ta’u nama bona gogaa kanaan waynii fidee gara keetti dhufu jedheenii itti hime”. Yemmuus Diimeexroos waynichi harkatti baate ol seenee. Phaaphaasichis kunoo kan anatti aanee muudamu isa jedhee guyyuma sana booqate. Dimeexroosis uummatni itti wawwatnaan guyyuma sana phaaphaasii teessoo Maaarqoos 12 ffaa ta’ee muudame.
Booda garuu ga’uumsa fi cimina amantaa isaa irraa kan ka’e namoonnii osoo cubbuu irraa hin dhiqamin qurbaana gooftaa yoo fudhatan cubbuun isaanii itti muldhata waan ta’eef, namoota akkasii kanaan “ati hin geenye turi” “Ati geessee fudhadhu” jechuu qabe.  Kanumaan ummanis isa jibe. Akkamitti inni phaaphaasii niitii qabu osoo ta’uu nama fuulduratti nu saalfachisa jedhanii hamachuutti ka’an.
Yeroo kana Waaqayyoo iccitii namoota kan dhoksite itti himi  jedheen.Innis iccitii ture sana itti hime, haati warra isaas fira isaa  akka taate itti hime, wal quunnatii qaama saalaatis osoo hin raawatin jiraachuu isaanii itti hime.Namoonnis na’anii waan isarratti gungumaa turan sanaaf dhiifama gaafatan.Innis Waaqayyo isiniif haa dhiisu jedhee maqaa gooftaa Iyyasuusiin isaan hiike.Dimeexroosifis hafuurri qulqulluun kitaabota  81 ni ibseefi.. Kunis kan ta’e bara 180 dhaloota kiristoos boodatti ture.
Haa ta’u malee Dimeexroos wanti isa baay’ee yaachisu tokko ture. Innis yeroo sanatti guyyaan  ayyaanotaa fi guyyaan soomni itti seenu fi ba’u waggaa Keessatti yeroo gara garaa waan ta’eefii biyyootni gara garaas yeroo gara garaatti waan kabajaniif, maaloo osoo ayyannii addunyaa kanarratti yeroo tokko kabajamee jedhee hawwaa ture. Hawwiin isaas osoo guyyaan, soomni nanawee,soomni goofta Iyyasuusii fi soomni duuka bu’ootaa,wiixata seenee, Debre zayitii, Hosaa’inaa, du’aa ka’uu gooftaa, Pharaqlixoos, sanbata guddaa qofa ta’e, osoo guyyaan fannoo gooftaa Jimaata reoo hunda jimata irra oolee, osoo ol fudhatamuun gooftaa  guyyaa kamisaa , fi guyyaan sooma roobii fi jimaataa roobii irra qofa oole jedhee hawwa ture.
Kanuumaan Waaqayyo osoo kadhatu ergamaan Waaqayyoo Dimeexroos wanti hawwii qofaan ta’u waan hin jirreef subaa’ee (subaa’ee jechuun kadhannaa yeroo torba) seenii jedheen. Yeroo kana Diimexros subaa’ee seene guyyaa guyyaa subaa’ee torba halkan halkan immoo subaa’ee 23 ni galcha ture. Egaa  ka’uumsi lakkoofsaa lamaa baay’ee kan gargaarsa guddaa qabban abaqtee fi mexq jedhaman kana irraa argaman
Kadhannaan guyyaa (7 *7 = 49) ta’a. 30 yoo hirre 19 tu hafa. 19 kanaan hundee-mexq(xinte-mexq jedha Gi’iziin) jedheen. Mexq jechuun bilbila nama dammaqsu  akka  jechuuti.
Ammas kadhannaa halkanii (23*7 = 161) ta’a.30 yoo hirame yeroo 5 wal ga’ee hafteen 11 ta’a. 11 kana immoo xinte abaqtee(Hundee Abaqxee)  jedheen .Abaqtee jechuun halkan jechuudha. Abaqtee fi maxq bakka tokkotti yeroo hunda 30 hin caalan. Baay’nni guyyaa baatii tokkoo 30 wan ta’eef. kana hubachuuf immoo gatii  amma arganne walitti daballee ilaaluu dandeenya(19+11=30) jechuudha.
Ega kana lamaan argnnee safartuuwwan itti aanu immoo akka armaan gadiitti itti fufa.
1.     Bara Moofaa: Bara moofaa kan jedhamu dhaloota kiristoosiin dura kan jiran waggoota 5500 dha. Bara gadadoo jedhamees beekama.
2.     Bara Araaraa: Dhaloota kiristoos booda kan jiru dha. Innis waggaa 2005 akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti (bara haaraa kana)
3.     Umurii Addunyaa: jechuun bara araaraa dabaluu bara moofaa dha(5500+2005=7505) Egaa erga lafti umamtee barana waggaa 7505 ta’e jechuudha. Addunyaa kanaaf walumaa galatti umurii waggaa 8000 qofatu kenname.
Dimeexroos jabana safaruuf safartuuwwan (Awud) yeroo, torbatti fayyadama. Isaanis:
I. Marsaa Guyyaa (Awude-Ilet) : kun guyyaawwan sanbataa hanga sanbataa jiran 7’n dhuunfata
II. Marsaa Ji’aa (Awude-Werh): kun guyyaa 1-hanga guyyaa 1 ji’a itti aanuu yoo naannawee dhufu jechuudha
III. Marsaa Waggaa (Awude-Amet): Kun immoo waggaa hanga waggaatti guyyaa biiftuudhaan guyyaa 365, addeessaan immoo guyyaa 354 jechudha
Iv. Marsaa Abaqtee: Deddebii waggaa 19 ti. Wagga 19 keessattis al tokko gaaddiduun adeessaa ni uumama
V. Marsaa Biiftuu: Waggaa 28 ti: kana jechuun guyyaa fi Abbaan Wangeelaa kan deebi’anii wal argatan jechuudha.Abbaan Wangeelaa tokko guyyaa irra oole waggaa 28 booda deebi’e  guyyaa wal fakkaatu irra oola jechuudha.
VI. Marsaa Chaappaa(Maahtem):  kun waggaa 76 kunis 19*4 jechuu dha. Abaqtee fi abbaan Wangeelaa waggaa 76 booda wal argatu, deebi’anii wal fakkaatu jechuudha.
VII. Marsaa Guddicha (Awude abiy qemer): kun wagga 532  jechuudha.kun lakoofsa isa dhumaati.
Waggaa afur keesatti al tokko immoo seensa jabana Yohaanisitti guyyaan waggaa 366 ta’a. Guyyaan addeessaa immoo lakoofsa aduutiin guyyaa 11 hirdhata. kunis adeessi guyyaaa 30 keessttiu al tokko irra ceeti(segr jedha Gi’iziin).
4. Jabana Abbaa Wangeelichaa Beekuuf:
Abbootni wangeelaaa afurtu jiru: Isaanis Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohannis. Kunniin waggaa afur afuriin deddeebi’u. Barri tokko jabana abbaa wangeelicha kam irra akka oole beekuuf umurii addunyaa  4’f hirra. Bu’aan argannu kurmaana(mexene-raabi’iit)  jedhamti.Ga’een kurmaanaa irra hafu,  1 yoo ta’e jabanni kan  Maatewos. 2 yoo ta’e, kan  Maarqos, 3 yoo ta’e  kan Luqas, 0 yoo ta’e immo kan Yohannis ta’a.  Haaluma kanaan kan jabana 2005  
Umurii Adunyaa/4= 7505/4 =1876

kurmaanni  1876, hafteen isaa ammo  1. Kanaaf  barri 2005 jabanni Maatewos jechuudha.
5) Fulbanni tokko Guyyaa kam akka oolu beekuuf:
Fulbanni tokko guyyaa irra oolu beekuuf,
Umurii addunyaa +kurmaana(Mexene raabi’iit ) bara abbaa wangeelichaa /7 
                                                                                                   
Haala kanaan haften 1 yoo ta’e, Fulbaanni 1( kibxata), 2(Roobii) , 3(Kamisa) 4(Jimaata) ,5(Sanbata xinnaa) ,6(Dibata)  fi 0 (wiixata) oola jechuu dha. kibxatni hundee lakkoofsaa(Xinte-qemer) jedhamti, lakoofsi guyya sana eegale waan ta’eef. Haaluma kanaan Fulbanni 1 bara 2005:
7505+1876 =9381/7
Bu’aan isaas yeroo 1340 wal ga’ee hafteen tokko kanaaf guyaan ayyana fulbaanni tokko kibxata oola jechuudha.
6. Barcumaa (Wonber):
Kun immoo umurii addunyaa kudha sagalii hiruudhaan kan hafe irraaa 1 jabaanaaf kennuudhaan lakkoofsa hafeen barcumaa jennaan. Faayidaan isaas abaqtee fi maxqii baasuuf gargaara. Waggaa 19 keesatti aduu fi adessi akka namaafi gaddisdduu (perpendikular) waan ta’aniif barcumaa  jedhame.
Barcumaa=umurii addunyaa/19
Yeroo 395 wal ga’a.Haa ta’u malee 1 jabanaaf waan dhiifnuuf 394 wal ga’ee hafteen 18 ta’a kanaaf barcumaan bara 2005 18 jechuudha.
7. Abaqxee
Abaqxee jijjiirama guyyaa adessaa fi biiftuuti (365-354).  kunis 11. Xinte abaqtee kan jedhames kanuma. Abaqxee argacchuuf wanberii 11 baay’suun 30 yoo caale haftee isaa, 30 gadi yoo ta’e immoo akkuma jiruun fudhatma.
Abaqxee =(Barcumaa*30 )  Kanaaf bara 2005 Abaqxee =18*11/30 180 wal ga’ee haftuun 18 kanaaf abaqteen bara kanaa 18 ta’a.
8. Mexq: Mexq argachuuf
Barcumaa*19/30)

Kanaaf kan bara 2005: yeroo 11 wal ga’ee hafteen 12
Kanaaf mexqiin bara 2005, 12 jechuudha. Mexqiin halkaniif abaqxeen immoo guyyaaf gargaaru. Mexqiin 14 gadi yoo ta’e Onkoloolessa, 14 ol yoo ta’e ammo Fulbaana oola.
9. Hirdhina (Hitsets)
Kun immoo addeessaan baatii lama Keessatti hirdhina guyyaa tokkoo muldhatuudha .kunis kan ta’e addeessi baatii tokko keessa guyyaa 30, baatii biraa keessa immoo guyyaa 29 taati. Kanumaan kan ka’e waggatti hirdhina 6 tu jira jechuudha.Faayidaan hirdhinan dheerina halkanii argachuuf gargaara.
Halkan=abaqtee+hirdhina+guyyaa(Ilet)
10. Ida’amtuu Guyyootaa (Tewusaak):
Kun guyyaa ayyaanonni irra oolan beekuuf mexq waliin walitti ida’amuun lakkaawamu .Mexqiin ida’amtuu guyyaa waliin walitti dabalamee guyyaa soomni Nanawee irra oolu nuuf kenna. Ida’amtuun guyyaa 7 sanbata xinnaa irraa ka’a.
1. Ida’amtuun sanbata xinnaa= 8
2. Ida’amtuun Dibataa = 7
3. Ida’amtuun Wiixataa =6
4 Ida’amtuun Kibxataa =5
5. Ida’amtuun roobii =4
6. Ida’amtuun kanmisaa =3
7. Ida’amtuun Jimaataa =2
Mexqiin baranaa 12 waan ta’eef Onkoloolessa keessaoola.(be’ale mexq)
Kibxata 12 ta’a .Ida’amtuun isaa ammo 6 kanaaf 12+6 =Mebaajaa Hamerii kenna innis 18 jechuudha.
11. Ida’amtuu soomaa fi ayyaanaa
Bara araaraa Keessatti ayyaanotni kabajni guyyaa isaanii naanna’u lakkoofsaan 11 dha. Isaanis ida’amtuu isaanii waliin akka argmaan gadiiti dhiheesinee jirra.Bu’urri guyyaa kanaatiis sooma Nanaweeti. Nanawee dha hanga sooma guddichaatti guyyaa 14 tu jira. Sanatti aansudhaan guyyoota jiran 30, 30 hiruudhaan 30 gadi yoo ta’e akkuma jirutti,30 ol yoo ta;e immoo haftee isaanii akka ida’amtuutti akka armaan gadiitti table dhaan dhihaateera.
Ayyaana/Sooma
Ida’amtuu
Ayyaana/sooma
Ida’amtuu
Seensa Sooma guddichaa
14
Yaa’ii Lubootaa
3
Debre-zayitii
11
Olfudhatamuu(Irget)
18
Hosaa’inaa
2
Pharaqlixoos
28
Guyyaa Fannoo
7
Sooma Duuka bu’ootaa
29
Du’aa ka’uu
9
Sooma fayyinaa
1

12. Mebaajaa Hamer: Tursiiftuu akka jechuuti.
Faayidaan isaas sooma fi ayyyana Nanawee hanga Sooma fayyinaatti jirutti baassuuf gargaara. Mebaajaa Hameriin bara 2005= 18 ti.
Mabaajaa Hamer =Mexqii + ida’amtuu ayyaana( ba’aale)-mexqii


13. Sooma Nanawee:
 Ayyannaa fi sooma biroof ka’uumsa kan ta’u sooma Nanawee ti.Mexqiin Fulbaana  taanaan soomni nanawee  Amajjii seenti, Mexqiin Onkoloolessa taanaan Nanaween Gurandhala keesssa ta’a. Fakkeenyaaf bara kana mexqiin Onkoloolessa waan ta’eef Nanaween Gurandhala keessa ta’a.
Nanawee = Mexqii+ Ida’amtuu  Guyyaa
Kanaaf  kan bara 2005 12+6 = 18 kanaaf soomni Nanawee Guraandhala 18 seena  jechuudha
14. Guyyaa Ayyaanotni irra oolan Beekuuf
Nanawee+Ida’amtuu soomaa (ayyanichaa)

Fakkeenyaaf kan sooma guddichaa ( 18+14 =32)  ta’a 30 f yoo hirre lamatu hafa Haala kanaan soomni guddichii Bitootessa  2 seena jechuudha.haaluma kanaan bara 2005 itti kan ayyanota hafanii ida’amtuu isaanii waliin dabaluun hubachuu ni dandeessu.(Debrezit bitootessa 29, hosa’inaan Ebla 20,fannoon Ebla 25,du’aa ka’uun Ebla 27,yaa’iin lubootaa Caamsaa  21,ol fudhatamuun Waxabajjii 6, Pharaqlixos Waxabajjii 16,soomni duuka bu’ootaa Waxabajjii 17 fi Soomni fayyinaa Waxabajjii 19 ta’a jechuu dha.)
Gaaffiwwan lakkofsa baraa irratti ka’an
Lakkoofsi Itoophiyaa fi kan biyya biraa maaf adda adda ta’an?
1.Jiijjirama guyyaaf,Roomaanonni jabana Yuuliyoos Qeesar,wanti argan taatewwan waliin deemufii didnaan bara 1582 baatii Onkololessa keessa,Onkololessaa 4 bariittti,,barii Onkoloolessa  5 ta’uu osoo ta’u qabu Onkoloolessa 15 godhaniiru. Kanaaf kan Itiyoophiyaatiin guyyaan 10 gargar ta’e.
2. Garagarummaa baraa kan waggaa 7 yookna 8 immoo ka’uumsa lakoofsaati,bara lakkaawuuf ka’uumsi isaan itti fayyadaman kan gara gara waan ta’eef. Roomanonni ka’uumsa kan godhatan bara magaalaan Roomaa itti hundoofte .Isaan kan jedhan gooftan kan dhalate magaalaan Roomaa hundooftee waggaa 753tti jedhu. Kunis, dhaloota kiristoos irraa yoo ilaallamu gara garummaa waggaa 7  agarsiisee jira.
3. Namoonni tokko tokko immoo Addaam uumamee waggaa torbaaf jeennata keessa ture, Itoophiyaan Kan lakkaa’uu eegalte erga Addam Jeennata keessaa ba’e malee guyyaa inni uumamee irraa miti jedhu, kunis garaagarummaa fide, jedhu.Sababni kun garuu baayyee fudhatama hin qabu.
4. Sababni biro immoo beekatuma Yihuudonni guyyaa faallessuuf akkas godhan jedhu.Guyyyaa dhaloota Kiristoos akka hin beekmne waan barbaadaniif.Isaan Masihii isa biraa eega jiru waan ta’ef,beekaa kitaabota irraa balleessan.Kun garuu Itiyoophiyaa keessaa baduu hin dandeenye.Kanaaf haalli lakkoofsa Itoophiyaa kan hin tutuqamnee fi isa sirrii dha jenne amanna.
Guduunfaa
Akkuma seensa irratti ibsuuf yaalletti, baruumsi galaana yaadaa baay’ee baldhaa fi kan yeroo fudhatanii gadi fageenyan ilaalani.Akka heeyyama Waaqayyootti immo nu seensaaf  xinneessine dhiheesine, dhiheessine. Jechootni isaas haaraa wan ta’anif xinnoo nama mamsiisu.Baldhinaan immoo kitaabota nu akka wabiitti itti fayyadamne kan armaan gadii bittanii itti fayyadamuu dandeessu.Kakaase kan nu jalqabsiise,, jalqabsiisees  kan nu xumursiise,Maqaan gooftaa haa ulfaatu,Kan hirdhate inni itti nuuf haa guutu.Ameen
Kitaabota Wabii
1. Abrahaam Xeenaawu (Dn.Eng.).2000. Abushahir; Lakkoofsa baraa kan Itiyoophiyaa Afaana Amaaraatiin kan qophaa’e,Mana Maxxansa Gondar.Gondar.
2. Fikremariyam Waagawu (Melake mihret). 2003.Galaana Yaadaa:Afaan Amaariffaatiin kan dhihaate.Mana Maxxansa Burtukaanaa,Finfinnee.
3. Mezgebu sibhat.Kitaaba gaalee fi seerlugaa, Afaan Gi’iziitiin kan qophaa’e, Mana Maxxansa Qiddus Giiyoorgiis, Bahirdar
4. Yared Fanta Wolde Yohannis (Aleqaaa).2004.Bahire Hassab.Iccitii Hawaa fi Herregaa.Faar Iist Treeding.finfinnee.
5. Yaadannoowwan gara garaa yaa’iiwwan gara garaa irraa fudhatame.(Gondar)
Hagayya, 30,2004.
Yaada keessaniif:Waldaanahimiyaa@gmail.com
.