1.WAA'EE UUMAMAA
Ibsa
Ibsa
Bu’uurawwan
amantaa Ortodoksii irrattii Afaan Oromootiin barreeffamoota qophaa’an argachuun
rakkisaa ta’uun isaa dhimma wabii barbaachisu akka hin taane isunumtuu dhugaa
ni baatu jennee afaan guutnee dubbachuun ni dandeenya. Kana akka sababaa fi
dadhabbii guddaa tokkootti fuddhachuudhaan shakkitoonni hedduun Oromiyaa
keessatti hidda gadi fageefachuudhaan maatii Waaqayyoo gamaa gamanaa irratti
duuluudhaan amantaa Ortodoksii ishee
jalqaba turte sana akka jijjiiraaniif dhiibbaa hammana hin jedhamne irraan ga’aa akka jiranis dhima dhokatee miti. Kanumaafiis
mooraa maatii Waaqayyoo keessaa hoolotni isaa yeeyyii buttuudhaan fudhatamaa
jiru. Gochiiwwan akkanaa kun kan ga’uu danda’anis dadhabbina gama kanaan jiru
sababa godhachuudhaan malee seera Amantaa Ortodoksii sirrummaa ishee irra, karaa
jalqabaa ta’uun ishees waan nama mormisiisu akka hin taane Kitaabni Qulqulluun
dhugaa baha(Ermiyaas 6:16). Rakkina baayyee hundaa ol nama yaachisu kanas akka
sodaa guddaattii fudhaachuudhaan qaamni
irratti dhimmee Wangeelaa fi bu’uura amantaa Ortodoksii Afaan Oromootiin qopheessu jira jechuuf nama onnachiisa hin fakkaatu. Kuni
immoo nu warra jaalala Iyyasuus Kristos dhandhamannee mi’eeffateef, gaaffii Iyyasuus
kiristoos dursee nu gaafatuu fi ittiin nu komatu akka ta’e ifadha. Maalif yoo
jenne Wangeela irratti gooftaa Iyyasuus Simoon Pheexroos ofitti waamee yeroo sadi
irra deddeebi’ee, “Pheexroos ilma Yoonaa
na jaalattaa? Pheexroos ilma yoonaa
na jalattaa? Pheexroos ilma yoona na
jaalattaa?” (Yoh 21:15) jedhee akka gaafate ni beekna. Achumanis Pheexroos “Eeyyee
goofta akkan si jaaladhu atuu ni beekta” yemmuu jedhuunitti Gooftaaniis,
hoolota koo, ilmoolee hoolotaa, koos eegi tiksi akka jedheen ni beekna. Adaraan
kun Simoon Pheexroosiif qofa miti namoota sagalee Waaqayyoo dhandhamanii
mi’eeffatan, maaddii wangeelaa irraa nyaatan hundaaf malee. kunis oboleewwan
keenya hoolotaan fakkeenya ta’an kana akka yeeyyii buttuu irraa eegnuf akka
ta’e ifadha.
Baay’inni
Uummata Afaan Oromooo dubbatuu Baha Afrikaatti akka cirracha galaanaa danuu
ta’uun isaas waan dhoksaa qabuu miti. Kanuma irraa ka’uudhaan egaa maatiin Waaqayyoo akka sagalee Waaqaayyoo
afaan itti dhalataniin dhagahanii hojii
Waaqayyoo caalatti dinqisiifatanii abboommii isaaf Afaan Oromootiin barreeffama bu’uuraa kana
baay’ee gabaabsine akka dhiyeessinuuf kan nu godhe. Kunis luqqisawan
gaggabaaboo irratti yeroo hunda wal mormuurra, xinnaatuus barnoota hundee irraa
barsiisuun kallati barbaachisaa akka ta’e amanuudhaani.Namni danbii, seera,
iccitii amantaa bu’uuraarraa barate
tokko gaaffii ka’u hundaaf deebii kennuu ni danda’a amantii jedhu qabanneeti. Kunis
immoo barnoota amantaaf fuulduraaf gadi fageenyaa fi si’aayinaan akka eeguuf
karaa kan saaquu dha.
Dhimmuma
kana irratti xinnaatuus hanga tokko waan qabnu gumaachuuf Waldaan keenya Waldaan Nahimiyaa obboleewwan muraasaa
jaalala Waaqayyoo qabaniin walitti qabame hojiiwwan akkana kana xinnaatuus deeggaruuf
sochii eegaleera. Kanumaaniis kanaan dura biloogii keenya irratti “Iccitii utubaawwan shananii” kan jedhu
akka gabaabsinee isiniif dhiyeessine ni yaadatama. Barreeffama sana fuulduraaf
baldhinaan fi bakka hirdhina qabu guutuudhaan akka hunda bira ga’uuf ‘pdf’ dhaan
kan qopheessinu yoo ta’u darbees qaami quuqama qabu tokko kan maxxansiisu
argamnaan nuti tolaan kennudhaaf qophee akka taane ibsuu barbaanna.
Isumarraa
itti fufiinsa kan qabu bu’uura amantaa kan ta’e keessa kunoo hardha immoo akka
fedhii Waaqayyootti “Waa’ee Umamaa”
mata duree jedhuun uumamawwan Waaqayyo gooftaan guyyaa jaha keessatti uume
gabaabsine kitaabota waa’ee uumamaa Afaan Gi’izii fi Amaariffaan barreeffaman
wabii gochuun isiniif dhiyeessinee jirra. Egaa isinis akka ka’uumsaatti
dubbistanii gadi fageenyaan akka abboota irraa gabbifattaniif akkasumas
jechootni hedduun afaan Oromoon hiika hin argatin akkuma jiruun waan
fudhanneef, bakk nu hirdhisne Waaqayyo itti haa guutu jechaa ,akkuma yeroo hundaa
yaada keessani fi kadhannaa keessaniin nu faana taatu jennee abdanna. Waaqayyo
nu ha gargaaru. Ameen.
Dursa
Maqaa
Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko.Ameen!
Waaqayyoo
osoo ardii fi samii hin uuminin dura akkuma hardhaattii tokkummaan isaa osoo
sadummaa isaa hin dhuunfatin, sadummaan isaa osoo tokkummaa isaa gargar hin
baasiin tokkummaa fi sadummaa isaatiin galateeffamaa ture. Osoo ardii fi samiin hin uumamin eenyutu
galateeffata yoo jedhame immoo amaluma Waaqummaa isaatu deebisee galateeffataa
ture (Hayyoota amantaa 318). Akkuma Wangeelli “Ammas yaa Abbaa ulfina osoo
biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qabaa tureen, ofii kee biratti ulfina
anaaf kenni!” jedhu (Yoh 17:5).
Akkanumaan osoo
jiraatuu biyya lafaa nan uuma jedhe yaadee; yaadees hin hafne ni uume. Eenyu fa’a
uume kan jedhuuf immoo, namaa fi ergamoota maqaa isaa akka galateeffatanii fi
ulfina isaa akka argataniif (dhaalaniif), yoo ta’u isaan uumama kanarraa hafe
garuu dinqisiiffannaadhaaf, nyaata
foonii fi lubbuutiif uume.
Akkuma
“warri maqaa kootiin waamaman hundinuu, warri ani ulfina kootiif uummadhe, warri
ani tolchee bifa itti godhe haa dhufan” jedhu, Isa 43:7. Kitaabotni biros
waa’ee uumamaa kana gadi fageenyaan ni ibsu. “Karaa amantii isa dhugaatti kan
si geessu wabii barsiisaa ta’e ni qabda innis uumama” akkuma jedhu Maar Yisihaaq
(Boq. 1 keeyyata 2ffaa).
Waaqayyo
uumama kana hunda kan uume garuu ittiin fayyadamuuf yookiis immoo irraa fayyadamuuf,
yookiis immoo wanta jalaa hirdhate namni itti naaf guuta jedhee osoo hin taane
kabajaa fi dhiifama isaa uumamaaf kennuu akka barbaade ibsameera (Kitaaba Qaleminxoos).
Amallii
namaa beela’uu fi dheebochuudha; Waaqayyoo garuu beelaa fi dheebuu hin qabu. Amalli
namaa dadhabaa waan ta’eef waa jalaa fagaate kan fiduuf, waa jalaa dhokate kan ibsuuf nama isa gargaaru
barbaada. Waaqayyoon bira garuu kun hin
jiru.Inni hunduma beeka, hunduma qo’atas waan ta’eef. Kitaabnis kunoo kanuma
dhugaa baha, “Bifti isaa ijaan hin argamne, garuu humni isaa inni bara baraa, Waaqummaan
isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatame
yaadatti argamu ni danda’a, kanaafis waan itti qabatan hin qaban.”(Rom 1:20)
jedhamee barraa’e.
Waaqayyoo
guyyaa jalqabaa irraa hanga guyyaa jahaffatti uumamni inni uume lakkaawwamee
hin dhumu, haa ta’u malee akkuma akaakuu akaakuu isaaniitiin tokko jedhanii yoo
lakkaa’an uumama 22 ta’u. “Addaamii
hanga Yaaqoob abbootni jiran 22 ta’u. Hanga guyyaa torbafaattis uumama akaakuu
22 uume” akkuma jedhu (Kufaalee 3:9).
Waa’een
uumamaa hardha kan argame osoo hin ta’in Waaqayyoof kan ajajaman raajotaa fi
abbootaatti osoo darbuu hanga jabana Muusee ga’e. Museeniis “Waaqayyoo jalqaba irratti
bantiiwwan samii fi lafaa uume” jedhee waa’eee uumamaa baldhinaan barreesse (Uma
1:1). Egaa kitaabaa Qulqulluu keessaa Muuseen waa’ee uumamaa kan baldhinaan
barreesse yoo ta’u, erga kitaabni Qulqulluun barraa’ee booda immoo baldhisee
kan Muuseen barreesse sanas kan gadi fageenyaan hiikee ibse Qulqulluu Ephifaaniyoos kan jedhamu
biyyi isaas odola Qoophiroos jedhamtu irra. Innis Kitaabaa Waa’ee uumamaa
baldhisee dubbatu Aksimaaroos
jedhamu Waaqayyoo ibseefii barreessee jira.Kan inni barreessee fi kan Muuseen
barreesse garaa garummaa hin qabu.
Yeroo
amma argamoonni karaa saayinsiin argaman kan hardha akka haaraatti uumaman osoo
hin taane kan Waaqayyo yeruma duraa uumedha. Garuu qo’atoonni kunniin hojii Waaqayyoo
ifa baasanii akka Waaqayyoon baayyee dinqisiifannu godhan malee waan haaraa
uumame miti. Kan uumame hundi kan Waaqayyo guyyaa jaha keessatti uumedha. Garuu
namoootni tokko tokko hojii Waaqayyoo dinqii tahe kana irraanfachuurraan kan
ka’e hawaan ofumaan argame kan jedhu yaada dogongora waan qabataniif waa’een
uumamaa nuuf barreeffamee kenname.
Akkuma
wangeelli’ “Nu’i obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaa’oon nuuf kennaniin
abdii akka arganutti wanti caaffata qulqullaa’oo keessattii caaffaman hundinuu
nu barsiisuuf caffaman” Rom15:4 jedhamee ibsame jechuudha. Ammas Wangeelli “Wanti
hundinuu isumaan ta’e, waan ta’e keessaa isa malee kan ta’e tokko illee hin
jiru.” Yoh 1:3 jedha.
Kanaaf
barreeffamoonnii waa’ee uumama ibsan kunniin kan abboota duraan barreessaniin
barraa’an malee haaraa akka hin taane hubadha.Wanti itti dabalame tokkollee hin
jiru.
Kanatti
aansuudhaan egaa hamma kana erga dursa kenninee guyyaa jahan keessatti
uumamawwan uumaman tokkoon tokkoon kan
isiniif dhiyeessinu ta’a. Hubaachiisaaf garuu barreeffamootni waa’ee uumamaa
ibsan keessattuu Kitaabni Akisimaaroos Umama uumame kana sa’aatii isaan uumaman
waliin kan ibsu yoo ta’u, nuti garuu barreeffamicha gabaabsinee dhiyeessudhaaf
jecha, sa’aatii isaan uumaman hin ibsine, guyyaa isaan uumaman qofa kan ibsine
ta’uu isin yaadachiisuu barbaadna.Waaqayyoo Arjumman isaa nuuf haa
baay’atu.Ameen!
Umama Guyyaa Jalqabaa/Dilbataa
“Waaqayyo
jalqabatti bantiiwwan samii fi lafaa uume” Uma1:1
Jechi
bantiiwwan samii fi lafaa jedhu kun yoo hiikamu Waaqayyo guyyaa kanatti uumama waa
8 of keessatti qabate akka uume abbootni Hafuura Qulqulluudhaan hubatanii barreessaniiru.
Isaanis ibidda, bishaan, lafa, bubbee, dukkana, ifa, samii fi ergamoota uume. Kunniin
uumamoota hafaniif ka’uumsa waan ta’aniif hidda(hundee) umamaa jedhamu (Abushahir).
Warri guyyaa duraa uumame kun wanta hin jirre irraa gara jirutti kan dhufan yoo
ta’u isaaniin booda kan argaman garuu wanta uumame irraa kan uumamaniidha.
lafa,
bishaan, ibiddaa fi bubbee ; afran kana maaliif uume yoo jenne abbootni amala Waaqayyoo 4’n wal fakkaata
jedhu. Isaanis maaliifi maali yoo jenne, soorummaa (diittummaa), abbaa murtee
dhugaa ta’uusaa, gara laafummaa (tolumma) fi hunda gochuu danda’uu isaa waliin
wal fakkeessu. Gaarumman Waaqayyoo bishaanin wal fakkaata. Bishaan waa xuraa’a akkuma dhiqu Waaqayyos cubbuurra
nama waan dhiquuf. “Isa gara koo dhufus ani of irraa hin ari’u” akkuma jedhu Yoh
6:37.
Hunda
gochuu danda’ummaan isaa ibiddaan wal fakkaata. Ibiddi yoo ka’e gogaa fi jiidhaa akkuma gubu
gooftaanis osoo gara laafumman isaa jiraachuu baatee waa hunda dabarsuu ni
danda’a waan ta’eef.’ Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru akkuma jedhu’ Luq1:36
Inni abbaa murtee isa dhugaa ta’uun isaa immoo
bubbeedhaan wal fakkaata. Akkuma qote bulaan midhaanii fi hashaafa(galabaa)
bubbeen fayyadamuun adda baasu jechaadha.Gooftaanis warra cubbuu hojjetee fi
warra tola hojjete adda ni baasa. (Mat 3:12) Abbaa murtee isa dhugaa ta’uu
isaas “Waaqayyo abbaa firdii isa qajeelaa dha” jedha (Far 7:11)
Hunda
danda’aa ta’uu isaas immoo lafaan wal fakeessu. Akkuma lafti waan nyaannuu fi
waan dhugnu nu argamsiisftu hunda, Waaqayyos waa hunda nuuf kenna “Dhugumaan
Waaqayyo waan gaarii ni kenna, lafti keenyaas midhaan ni baasa” akkuma jedhu
Far 85:12
Jecha
samii jedhus yoo hiikan immoo samiin wal irratti akka gamoo dhaabatan torba
uumamaniiru. “Guyyaa ishee duraattii hojiiwwan gurgudddoo torba hojjeteeraa”
akkuma jedhu (Kufaalee 2:9). Samii torba kan jedhamanis:1)Teessoo Galataa (Menbere
Sibhaat), 2)Galma Aariyaam (Tsirha- ariyam;tsirha jechuun galma jedhe kitaabni ciroo
fi seerlugaa Gi’izii), 3)Samii Wudud (Samaay Wudud), 4)Yeruusaalem Haaraa /ishee
samiirraa, 5)Eyyoor, 6)Raamaa, fi 7) Erer dha.
Samiiwwan
kanneen keessaa Eyyoor, Raamaa fi Erer Magaalota (samii) ergamtootni irra
jiraataniidha. Garuu Museen seeraa
Umamaa irratti yoo barreessu samii tokko jedhe, kun immoo torba jedhe dubbiin
kun wal hin diduu yoo jedhe wal hin didu. Maaliif yoo jenne akka gamoo wal
irratti ijaaramaniitii torba waan ta’aniif, kun torba kan jedhe akka gamootti
torba ta’uu isaanii ibsuuf barbaadeeti. Wangeelli ammas dubbii kana yoo cimsu “Mana
Abbaa koo keessa iddoon jireenya baay’etu jira” akkuma jedhu.Yoh 14:1
Guyyaa
duraa, gara boodaatti immoo ergamoota uumee. Maaliif Waaqayyoo erga samii uume
booda ergamoota uume gaaffiin jedhu yoo jiraate, akka yoo inni uumu isa gargaarree
turre, hin jennee fi. Kana hundi osoo beekkamuu garuu Saaxnaa’el(booda seexana seexana
kan jedhame) anatu isin uume jechuun isaa hin hafne. Ergamootnis ibiddaa fi bubbee irraa uumaman. Akkuma
“Ati qilleensota warra ergaa kee adeeman balaqeessa ibiddas warra siif hojjetan
godhate” jedhu, Far 104:4. Gama tokkoon immoo amala isaanitu ibiddaa fi bubbeen
wal fakkaata malee uumamni isaaniis waan hin jirre irraayi malee waan ture
irraayii miti(Aksimaaroos). Waaqayyos baay’ina gosa(neged jedha Gi’iziin)
isaanii 100 godhee uume. Uume erga raawwatee booda gonfoo ifaa ni kenneef,
siiqqee ibiddaas ni qabachiise. Askeemaa ergamtoota kan jedhus itti uume.
Isaanis gosa kudhan kudhaniin dursaa isaanii muuudee. Samaliyaal(Saaxnaa’eel) dursaa
hunduma isaanii ture. Baayinni ergamoota gosa tokko keessa jiraniis lakkawamee
hin dhumu. Akka copha rooba erga addunyaan
uumamte haga hardha jiru roobeti. Uumamni isaaniis waan bubbee fi ibidda ta’eef ijaan hin muldhatan.
Ergamoota
uume erga raawwatee booda jalaa dhokate. Maaliif yoo jenne laphee kenneeraaf
barbaadanii na haa argatan jedheeti. Yeroo kana Samaaliyaal wanta uumame itti
fakkaachuu didee ergamtoota isaa gadiitiin anatu isin uume anaaf sagada ittin
jedhe. Inni isaan caalaa humna guddaa
qabatee uumamee ture. Isaan keessayis hangi tokko ni sagadeef kunniin immoo sagaduu
ni didan. Yeroo kana waldaa ergamtoota keessatti shorerri guddan ni ka’e. Yeroo sana Gabr’eeliin hanga Waaqa
nu uume beeknutti gosa gosa
keenyaan cichinee yaa dhaabannu jedhee ergamtoota hundaa ni tasgabeesse.
Yeruma
sana gooftaan ifa ni uume, “Waaqayyo ifni haa ta’u jedhe,innis ni ta’e,Waaqayyo
ificha gaarii akka ta’e ni arge,ifichas dukkanichatti gargar ni baase,Waaqayyoo
ifichaan ‘Guyyaa’ dukkanichaan ‘Halkan’ jedhee in moggaase,” Uma 1:4. Ergamtootniis
Waaqayyof Qulqulluu Qulqulluu Qulqullu jechuudhaan ni sagadan. Seexanni fi
kan seexanaaf sagadaa turan garuu duratti anatu isin uume jedheenii waan tureef
sagaduu ni dide.Soba kan eegale egaa yeroo duraaf Samaliyaal(booda seexana kan
jedhame) jechaadha.
“Galgallis ta’e, ganamnis ta’e kun guyyaa
tokkoffaadha”Uma 5
Umama guyyaa lammaffaa
(Wiixataa)
“Waaqayyo
bishaan keessatti bantiin akka waciitii gombifame, tokko haa ta’u, innis bishaan
isa ol hafee fi isa gadi hafe gargar haa baasu jedhe” Uma1:6
Guyyaa
kana jalqaba bishaan lafaa hanga samii iftuutti guutee bulee ture. , Waaqayyos bishaanicha sana bakka sadiitti qoode. Bishaan
1/3 hawaa gubaatti ni fannise , maqaan
isaas Haanos jedhame, harki tokko
sadaffaan immoo lafa keessatti lafaaf afata ni ta’e, harki tokko sadaffaan immoo naannoo lafaatti
akka sabbataa ni marame maqaan isaas garba
jedhame(Akisimaroos)(Kufaalee 2:9). Akkuma “Ati utubaa manaa kee bishaan gubbaa
ni dhaabde, dumessoota konkolaataa kee godhattee qoochota qilleensatiinis ni
adeemte.” jedhamee barraa’e. Far 104:3
Kun
guyyaa bantiin akka waciitii (hawaan) itti uumamee fi bishaan bakka sadiitti
adda qoodameedha. Hanga guyyaa kanaattii guyyaa duraa waa 8 guyyaa lammaffaa
waa tokko uume dhiise. “Galgallis ta’e ganamnis
ta’e kun guyyaa lammaffaa dha” Uma 1:8
Uumama Guyyaa Sadaffaa
(kibxataa)(Facaasaa)
“Amma
immoo Waaqayyo lafti biqila haa baasu, dhaabaan akka qomoo isaatti sanyii
godhatu, mukkeetiin ija kennanii ijji isaanii immoo sanyii of keessaa qaban adduma
addan akka qomoo isaanitti lafa iratti haa argaman” Uma 1:11
Guyyaa kanattis waaqayyo bishaan harka 1/3 kan
akka sabattaa lafatti marame sana guyya lamaffa kana bakka 3 ni qoode.Harka
tokko lafa irratti bu’u dursee jalaa haree galaana cinaa ni teessise. Akkuma
Iyoob “Yeroo galaanni cabsate mana isaa keessaa ba’utti, balbaala itti godhe, kan
isa ittisu eenyuree?” jedhutti. Iyob 38:8. Harka tokko lafa kanarratti ni
dhiise. Kan hardha haroo, laga jennuun jechaadha.Harka tokko immoo isarra lafa
jala gadi ni dabarse. “Inni lafa bishaan irra diriirse” akkuma jedhu.Faarfannaa
136:6.Ammas lafa gurraacha gadi buusee(gadi dabarsee) bu’uura godhee tolchee
maqaa saa Barbaanos jedheen. Baarbaanos
jechuun isa gadi aanaa jechuudha, kunis dukkana nama nyaatu kan argamsiisudha.(dukkana
nama nyaatu yoo jedhu baayyee cillima jechuu barbaadeti)
Ammas
yeroo garba teessisu lafa haree gara qarqaraatti baasee jennee turre, lafa hare
sana naannoo isaa dallaa itti godhe, dallaan isaas hanga hawaa hin ga’u, kan
jalatti hafuudha. Maqaan isaas Naageeb
jedhame.Naageeb akka garbi lafa gogaarra hin garagalle kan eegu jechaadha. Egaa
lafa gogaa kana immoo bakka 6 qoode harka tokko garba irra ciibse, harka tokkoo
cabbiin uwwise,harka tokko bineensota gurguddoo biheewotaanii fi lewaatan
jedhamu irra teeessise(Uma 1:21) harka tokko immoo Nageebiin irra teessise,harka
tokko akka namni irra jiraatu godhe.
Itti
aansee dachee namoota eebbifamanii (Biheera-bitsu’aan jedha Gi’iziin), Dachee
namootni hin duune keessa jiraatanii(Biheera-Hiyaawaan jedha Gi’iziin) fi jeennata(Genet)
fi mana hidhaa( si’ool) ni uume.
Kana
booda lafti tiruu fakkaatee yoo ilaalu waa haa biqilchitu jedhe biqiltoota gosa
sadii ta’an ni biqilan kan haamtuun hamaman, kan qottoon muraman, firiiwwan harkan
guuraman ni uume(Aksimaaroos) “Kunis
gaarii akka ta’e Waaqayyoon ni ni arge. Uma1:12.
“Lafti
biqila dhaaba sanyii godhatu akka qomoo qomoo isaatti, mukeetii ija kennanii
ijji isaanii immoo, sanyii of keessaa qaban adduma addaan akka qomoo qomoo
isaanitti in baase, kunis gaarii akka ta’e Waaqayyo ni arge
Galgallis
ta’e ganamnis ta’e kun guyyaa sadaffaadha”Uma 1:13
Guyyaa Afraffaa/Roobii
“Akkasumas
Waaqayyo guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii samiitti ibsoonni haa
jiraatan! Isaan milikkitoota buusaan
waggaa, guyyoonni, waggoonnis ittiin beekaman haa ta’an .Isaan ibsoota bantii Waaqaatti
lafa irratti ifa kennan haa ta’an.”jedhe, innis akkasuma ni ta’e.” 1:14
Ibsoota
Kan jedhaman kan guyyaa kana uumaman maal maal fa’i yoo jenne, aduu, addeessaa
fi urjiilee uume. Isaan kanas kan uume gabatee biiftuu ibiddaa fi bubbeerraa
uume kanaaf aduun nama gubdi (Aksimaroos guyyaa Rooobii).Gabatee addeessaa fi
urjiilee immoo qilleensaa fi bishaan irraa uume, kunis akka beekamuf bishanummaa
isaanitin ni qorru, qillensummaa isaaniitiin ni naanna’u.
Warra
ifa kennan kana ifa isaanii eessaa fidee uume ka jedhuuf immoo ‘ifa haa ta’u’
ka jedhe sanirraa hanga sanyii qamadii ka geessu irraa qunxuree aduu irratti
dibe (Henok 21:54).Ifa fide sanarraa harka tokko immoo bakka 7 addaan baase
harka ja’a addessaaf harka tokko immoo urjiidhaaf ni kenne.Ifti aduu ifa
adeessarra harka 7 ibsa(Henok 21:56)
Yommuu
ifa kana uumuus wal caalchisee uume. Ifti aduu lafa iraratti ifa adeessaa
caala, ifa urjiiwwaniirras ifa addessaatu caala. Ifti urjiiwwaniitis immoo deebisee
wal caala. “calaqifni aduu kan biraati,calaqqifni ji’aa kan biraati,calaqqifni
urjootaa kan biraati,calaqqisni urjii tokkoo calaqqisa urjii isa kaanitti
gargar” 1Qor 15:41 akkuma jedhu.
Adeessaaf
kan ifa nyaachisu guyyaa 15 ergamaa ni
qabdi, guyyaa 15 booda garuu ifti ishee dhumaa ni adeema.Ifoonni kunniin yoo
ba’anii galanis fuula isaanii gara ba’a biiftuutti garagashee uume. Gabatee
adeessaa irratti immoo bifa namaa kan fakkaatu irratti boce (Henok 25 fi 26).
Aduu,
addeessaa fi urjii maaliif uume yoo jenne, ‘itti fayyadamuuf uumee?’ yoo jenne
immoo lakki isaaf ifni hin barbaachisu innumtuu ifaa bar, uumamni biraa akka
itti fayyadamuuf uume jedhu (Qiddaasee hayyoota 318). Waaqayyos aduudhaaf
guyyaa addeessaaf immoo halkan akka iftu ni godhe. “Biiftuun guyyaa aboo akka godhattuuf kaa’e,
gaarumman isaa bara baraan ni jiraata, ji’i urjoonnis halkan aboo akka godhataniif
kaa’e” akkuma jedhu Far, 136:7. Aduu maaliif halkan hin ibsine ka jeduuf immoo
osoo aduun halkan ifte silaa addunyaan tun ni gogdi ture.
Kana
booda Waaqayyo guyyaa Roobii kana ergamoota gosa 100 kan guyyaa dilbataa uume sana fidee akkuma dursaa isaniitin bakka 10 itti qoodee ni dhaabe Kana booda
ergamtootni ifa fi hoo’a aduu arganii ,adeessaa fi urjiis dinqisiifatanuu,dinqiidha,ajaa’iba
kun ajaa’iba jedhanii ililchaa Waaqayyoof ni sagadan.“Yeroo urjoonni
uumamanitti ergamootni koo sagalee guddadhaan na galateeffatan” akkuma jedhu
Eyob 38:7
Guyyaa
kana Waaqayyoo ergamoota Yeruusaalem ishee haaraa (samiirraa) akka daawwatan
Taabota Door kan jedhamtee Yeruusalem ishee samirraa keessatti argamtus akka
ilaalan ni heyyameef (Akismaaroos Roobii). Isaanis kun immoo eenyuuf kennama
ree jedhanii aja’ibsiifatan, deebisaniis kun Waaqayyoof akka taatu jedhan kan
Waaqayyoti jedhan. Taabota Door kan jedhamtes Maariyaaamiidha(Aabbaa
Hiriyaaqoos).
Akkuma
“Yeruusaalem mandarri qulqullittiin isheen haaraan waaqayyo biraa bantii waaqaa
keessa akka misirroo dhirsa isheetiif kuulamteetti qophooftee utuu gad buutuu
nan arge” Muldhata Yohannis 21:2 jedhu
Waaqayyo
kunis akka gaarii ta’e ni arge. Waaqayyo hojii isaattis ni gammada.”Far
‘ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu, Waaqayyo waan hojjetet haa gammadu’
akkuma jedhu Far 104:31 jedhu. Ifooni kunis yeroo safaruuf akka gargaaran ni
godhe.Kufaalee 2:13
Waaqayyoo
urjiiwwanis ni uume.Hangafoota Urjiiwwan 4 kan waqtiilee bakka 4 adda baasanis
ni uume(Henok 28:21).Isaaniis Milki’eel(Bitootessa 26 hanga Waxabajjii 25),
Hilmalmaleek(Waxabajjii 26 hanga fulbaana 25) kunis ganna jedhama Naari’eelii(Muddee 26 hanga bitootessa 25) fi Birki’eel(Fulbaana
26 hanga muddee 25 )jedhamu.Tokkon
tokkon isaanii guyyaa 90 f ni oofu(ni nyaachisu)(ni
bitu).
“Galgallis
ta’e, ganamnis ta’e kun guyyaa afraffaadha” Uma 1:19
Waaqayyo
Hanga guyyaa kanaattii uumama 15 uume jechaa.
Umama Guyyaa Shanaffaa (kamisaa)
Waaqayyoo
“Bishaanonni tuuta lubbuu qabaatanii munyuuqaniin haa guutan, simbirri, allaatinis
bantii waaqaa jala, lafa irra haa balali’an” jedhe. Waaqayyo yemmuus bineensota
gurguddaa akka jawwee galaanaa uumama lubuu qaban bishaan keessa munyuuqan
hunduma akka qomoo qomoo isaanitti warra baal’ee qabanis akka qomoo qomoo
isaanitti ni uume. kunis gaarii akka ta’e Waaqayyo ni arge.Waaqayyoo horaa
baay’adhaa bishaanota galaanaas guutaa,simbiroonni allatonnis lafa irratti haa
baay’aatan jedhee isaan ni eebbise,
Uumama
guyyaa kanaanis iccitii cuuphaa barsiisa, maaliif yoo jenne galaanni fakkeenya
cuphaati, bineensonni immoo fakkenya namootaati. Isaan kana keessa kan bishaan
keessa jiraatan jiru, ka lafarra jiraatan jiru, kana balai’anii bishaan keessaa
ba’anii lammata deebi’anis jiru.
Guyyaa
kanattis bineesonni gosa sadii ta’an kan lapheedhaan loo’an, kan kan lukaan
deeman, kan baalleedhaan balali’an guyya itti argamaniidha.
Uumamni
guyyaa kanaas iccitii cuuphaa nama
barsiisa.Akkuma bineensoonni guyyaa kana uumaman bishaan keessa malee jiraachuu
hin dandeenye,namnis cuuphamu malee jireenya bara baraa hin argatu.
“Galgallis ta’e ganamnis ta’e kun guyyaa
shanaffaa” Uma 1:23
Ummmama Guyyaa
Jahaffaa/Jimaataa
“Ammas
Waaqayyo ‘lafti waan lubbuu qabaatee jiraatu akka qomoo qomoo isaatti, horii
qe’ee wanta munyuuqu bineensa lafaas akka qomoo qomoo isaatti haa baasu’ jedhe,
innis akkasuma ni ta’e” Uma1:24.
Umama
guyyaa kamisaa fi uumama guyyaa jimaataa attamin adda baafna ka jedhuuf ka guyyaa kamisaa bishaan keessa malee lafarra
hin jiraatan, kan guyyaa jimaataa immoo lafarra malee bishaan keessa hin
jiraatan jechaa.
Guyyaa
kana immo iccitii du’aa ka’uu namootaa nuuf ibsuuf malee kamisa hojjetee fixuu
ni danda’a ture. Kunis warra lapheen lafarra harkifamuuf warra lukaan deemuuf
warra balali’uun wal fakkaata akka fakkenya malakatiin yeroo sadi afuufamuu
jechaa.
Hanga
kanatti 18 jennee ture 3 yoo itti idaanu ammo 21 ta’u.
Kana
booda immoo guyyaa jimaata uumama ilma namaa, uumama Addaam dubbanna
Kana
booda Waaqayyo koottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama ni
uumnaa, jedhe”.Yemmuus Addaam nama waggaa 30 godhanii walakkaa lafaa ka taate
Qaraniyootti uuman. Kanaanis iccitii sadumma nu agarsiisan koottaa ni uumna
jechuudhaan.
Addam
jechaan maal jechaadha ka jedhuuf immoo kan baayyee folollee ta’ee hin
dheerannee kan hin gabaabbanne, bifa qabeessa bareedaa jechaadha.” Nama”
jedheen nama jechuunis uumama waa 7 irraa uumame jechuudha.
Kunis
amala foonumma ka qaban waa afurii fi amala lubbummaa kan qaban waa 3 irraa
hojjetame Kunis bishaan ibidda, bubbee fi biyyee yoo ta’an, amalli lubbumma kan jedhaman immoo
kan dubbatu(nabaabiit), kan yaaddu(lebawiit) fi kan bara baraaf jiraattu(Hiyaawiit’
jedhaan Gi’iziin)
Yeroo
nama akka fakkeenya keenyaatti haa uumnu jedhu sanatti foon Addamii yeruma
tokkotti ni argame. Addaam erga uumama 21 uume booda maaliif uume yoo jenne waan
jaalateef jedha, dursee waan dhugamuufi waan nyaatamu qopheesse waan isa
uumeefi dha. Akka abbaa gaarii tokkootti jechuudha. Abbaan gaariin akka ilma
isaatiif dura waan gaarii qopheessu jechuudha.
Uumama
warra biraa dugdaan gadi jechisiisee (gonbisee) Addaamin immoo ol dhaabee uume
kuni maaliif yoo jennee Addaamiin ‘isin bita malee uumaman hin bitamina’
jechuuf barbaadeti. kan biros immoo bineensonni biro du’aan tortortanii ni hafu Addaam garuu du’aa akkuma
gooftaa ni ka’a bara baraaf jiraata jechuu kana ibsuuf barbaadeeti. Deebisees immoo Addam kan taa’uu
fi kan ka’u godhee uume yoo jennu maaliif ka jedhuuf, ta’uu isaatiin nama biyya
lafaa kana, ka’uu isaatiin immoo nama biyya samiiraati jechuu ibsa. Ammas
gooftaan deebisee erga uummaama 21 uume booda maaliif Addaam uume yoo jenne, abboommi
kurnan, iccitii shanan, aboommii wangeelaa jahan kun bakka tokkotti 21 ta’u,
kana hunda kabaji jechuu isaati.
“Waaqayyoo
guyyaa 7 dura hojii hojjechaa ture in raawwate, guyyaa torbaffaatis Waaqayyo
waan hojjecha ture hundumaattis in booqate.” Uma 2:2. Ni booqate yoo jedhu
garuu Waaqayyo dadhabeet jechuu osoo hin taane, uumuu dhiise jechuu
barbaadeeti.
Egaa
hanga kanatti uumamni 22 ta’u. Addaam dabalatee jechaa. Maalfa’I bakka tokkotti
yoo jenne:bishaan, ibidda, bubbee,lafa,
samiiwwan,ifa, dukkana,ergamoota, hawaa(bishaan bakka sadiitti qoodame
dabalatee),biqiltoota, biqiltoota sanyii, fuduraalee( kuduraalee), addeessa,
aduu,urjiiwwan,bineensota lapheen harkifaman, bineensota lukaan deeman,
bineensota balali’an kan kamisaa kan bishaan keessaaargaman kan guyyaa kamisaa)
(bineensota lapheen harkifaman, bineensota lukaan deeman, bineensota balali’an
kan lafa gogaarraa argaman kan guyyaa jimaataa ),fi Addaam ta’u. Ergasii
Waaqayyo goftaan ‘Namichi kophaa isaa ta’uun gaarii miti kan akka isaatti kan
isa gargaartu ni uumnaaf” jedhe. Uma2:18. Addaam uumamee guyyaa
saddeettaffaattii Hewaan immoo ni uumamte.
Yemmuus
Addamitti hirribni cimaan ni dhufe, lafee cinaachaa isaa irraa fuudhee foon
itti uffisee Hewaan nama waggaa 15 godhee ni uume. Maqaa ishees Hewaan jedhe
maalif yoo jenne Hewaan jechuun haadha
namoota hundaa jiraattota hundaa jechuudha. Addamis yeroo hirriiba dammaqu “lafeen
ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fudhatame, isheen kun
namatti waan argamteef ‘name’ jedhamtee haa waamamtu” jedhe.
Kanaafis
dhiirri abba isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana, isaan
foon tokko ni ta’u akkuma jedhame Uma,2:24. Addaam uumame guyyaa 40 tti Hewaan
uumamtee guyyaa 80 tti gara Eden Gannatiitti galan.
Waqayyoo
ija firii Eden Gannatii keessaa kan tolaa fi hamaa nama beeksiftu tokko hin
nyaatinaa jedhee Addaamii fi Hewaan abboome ture.Haa ta’u malee namni abboommii
waaqayyo ni cabse, bofni haxxee waan turteef Hewaan gorsitee, Hewaanis abbaa
mana isheef ija firii nyaachifte. Yeroo
sana Addaamii fi Hewaan qullaa ta’uu isaanii arganii saalfatanii mukkeen
gannatii keessa dhokatan, baala mukkeeninis of dhoksan. Waaqayyo hunda isaaniis
balleessaa isaani ni gaafate.Ni adabes.Bofaan hanga umurii kee guutuu lafarra
looyi,biyyees nyaadhu jedheen.Sanyii namittii fi sabyii kee jidduuttis diinumma
nan godha, sanyiin ishees mataa kee ni
buruqsu atis miila isaanii ni hiddita jedheen. Hewaaniin immoo yemmuu deessu
ciniinsu kee nan baayisa ,akka firii ija
san dhiiksite ,dhiigni kee ji’a ji’aan ni dhangala’a jedheen. Addaamiin immoo
dafqa keetiin qotii dadhabii nyaadhu jedheen. Eden gannatii keessaayis baasee
ni ari’e. Addaamii fi Hewaaniis kadhannaa cimaadhaan garaan Waaqayyoo ni
lafeef.Waaqayyos dhiifama akka godhuuf waadaa galeef. Waaqayyo ilmaan ilmaan
keessanirra dhaladhee isinin fayyisa
jedheen.Gooftaanis waadaa isaa eegee wagga 5500 booda nama ta’ee
dhalatee Addaamii ijoollee isaa hunda dhiiga isaatiin fayyise.Jaalala ilma namaatiif
qabus ni agarsiise.Nu hunda keenyaas ni fayyise.
Egaa
baay’ee gabaabsuudhaan waa’een uumama kana fakkaata.Fuulduraaf immoo tarii yoo
qaamni kitaaba maxxansiisu argame kan hirdhate guutee baldhatee barraa’uu ni
danda’a. Ammaaf garuu akka baay’ee dheerate nama hin nuffisiifneef kanumaan
xumurra
Kan
kakaasee nu jalqabsiise, kan nu jalqabsiisee nu xumursiise maqaan Waaqayyoo haa
ulfaatu.Ameen!
Kitaabota Wabii
1.
Abirahaam Xeenaawu (2000) Abushaahir: Lakkofsa baraa kan Itoophiyaa,
Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e Mana maxxansa Gondar, Gondar
2.
Beeta Maariyaamii (Aabbaa) fi Mogas Eqube Giyoorgiis( Liqe Mezemiraan)(1999). Hiikaa
Icitiiwwan shananii waa’ee uumamaa wajjiin,Afaan Gi’izii fi Afaan
Amaaraatiin kan qophaa’e,Mana maxxansaa Aksum,Maxxansa 3ffaa.Finfinnee.
3.
Kitaaba Monoksootaa (1882): Maar Yisihaaq Mana Maxxansa Tasfaa
Gabra Sillaasee
4.
Mana Maxxansa Tinsaa’ee (1999).Kitaabota Kakuu Moofaa, Hiikaa Seera Uumaaa
fi Seeara Ba’uu,Afaan Gi’iizii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e.
Finfinnee
5.
Mazgabuu Sibhaat: kitaaba Ciroo fi Seerlugaa Gi’izii (Mesthafe-giss we
sewaasewu jedha Afaan Gi’iziitiin); Mana Maxxansa Qiddus Giyoorgiiis, Bahirdaar.
6.
Sanaay Misikkir (Aabbaa) (1999) Kitaaba Aksimaaroos.Afaan Gi’izii fi
Amaariffaan kan Qophaa’e .Bahirdar.
7.
Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan
Amaaraatiin kan Qophaa’e.
8.
Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan
Afaan Oromootti qophaa’e, qubee laatiiniitin barreeffame
Yaada keessaniif
Waldaa
Nahimiyaa
Biloogii:
maaddiijaalalaa.blogspot.com
Sagalee jireenyaa isin haa dhageessisu. Jabaadhaa baay'ee namatti tola. Waaqayyo dabalee dabalee isin haa jabeessu isin haa gargaaru isin haa eebbisu.
ReplyDeleteGalatoomi baayyee!
Deletegalatoomi
ReplyDelete