Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuuraa Qulqulluu Waaqa
Tokkoon. Ameen.
(Naahimii Fayyisaa)
Yeroo ammaa rakkina guddaa namoota muudacha
jiru keessaa Iyyasuus Kiristoos Inni dhugaan isa kam akka ta`e walii
wallaaludha. Maaliif yoo jenne, fakkeenyaaf namni amanta Ortodooksii keessaa
bahee gara miseensummaa warra `Yesuus` qofa lallabna jedhaniitti yemmuu
dabalamu yoo gaafatame `Iyyasuus fudheen deeme, Gooftaa fudheen deeme` jedha.
Akka haaratti,Iyyasuus gooftadha,Iyyasuus fayyisaadha,Iyyasuus
Mootidha,Iyyasuus Buddeena,Iyyesuus jireenya……jedhee itti fufa, hanga kanatti
sirriidha, dhugaadhas,wangeelas, garuu deemee deemee itti fufa, “Yesuus
ammalaajidha, Maqaa Yesuusiinan Waaqa kadhanna…maqaa Yesuusin gooftaa
galateeffanna”…: jedhe yaada jalqaba sanaan gonkuma faallaa kan ta`anitti
dhufa. Asitti wal jalaa dhaha egaa. Dura Waaqa jedhet deebi`ee ammoo araarsadha
jedha. Kuni rakkoo obboloota hedduun ittiin karaa gadi dhiisanidha.
Maqaan Iyyasuus jedhu kanaan namoonni
dogongoraa jiru.Dhuguma kun akki ta`u, dursee Gooftaan mataa isaatiin dubbatee
ture. “Kan maqaa kiyyaan hin gufannes inni eebbifamaadha (Mat 11:6) jedheera.
Ergaan kun ergaa guddaadha, maaliif Gooftaan akkas jedhe jennaan, maqaa
Kiristoos kan lallaban garuu Kiristoos Isa Waaqa ta`e kan hin lallabne akka
dhufan Gooftaan waan beekuuf. Kanaaf innumti dursee ” Raroo hoolaa uffatanii
kan sinitti dhufan, keessa isaanitti garuu yeeyyii buttuuwwan kan ta`an,
raajota sobdoota irraa of eegaa……..fedha Abbaa koo yoo raawwatan malee “Yaa
Gooftaa Yaa Gooftaa kan nan jedhan hundi mootummaa Waaqayyoo kan galan
miti……guyyaa sanatti namoonni hedduun “Ya gooftaa yaa gooftaa maqaa keetiin
raga hin dubbannee,maqaa keetinis agaanintii hin baafnee?maqaa keetinis
ajaa`iba gara garaa hin raawwannee jedhu..yeso sanas ani tasuma isin hin beeku,
isin yaa warra amatsaa, narraa fagaadhaa jedhee ittan dhugaa baha jedha” (Maat 7:15-23).
Maaloo caqaqasa kana hundumti keessan dubbisaa. Egaa hubadhaa, fayyuun Gooftaa
qofaan ta`us, maqaa Gooftaa waamun qofa fayyinni hin jiru, maqaa Gooftatiin
tinbiitii dubbachuu, dhukkuba fayyisuu fi seexana baasne jechuun qofa fayyinni
hin jiru.Gooftan namoota akkasiitin ani sin hin beeku jechuunii waan maluuf,
warri maqaa sana waaman hundi dhuguma maqaa gooftaa isa dhugaa, isa humna
qabeessa sana waaman moo..jechicha calla waamumaaf waaman kan jedhu adda
baafadhaa.
Ergan kana jedhee booda hubannoo gabaabdhan
waa`ee Iyyasuus Kirstoos ibsuu koon dura wanta rakkina namni waa`ee gooftaa
akka wallaalee shakkuu fi,Gooftaa maqaan qofa waamamu,kan isa hin taane sana
akka deemu kan taasisan keessaa akak kootti sababa gurguddaan lama.Sababa
gurguddaan kunniin irratti odeeffannoo qabaachun gaaridha:
1. Maxxaansawwan kitaaba qulqulluu gara garaa jiraachuu isaati,kitaabonni
qulqulluun maxxansa gara garaa,kan fandii biyya alaatin maxxanan jechoota
garaagarummaa uuman itti makanii maxxansu,kitaabonni kunniin ammo carraan
argamuu isaanii baldhaadha,kanaaf yoosuma nama harka gahu.namnis isana dubbise
dogongora.Kanaaf fakkeenyi guddaan maxxansoota afaan amaaratin bara 1950 hanga
bara 2000 turanidha.Isa dura fi booda kan iran garuu haaluma gaarii irra
jiru.Akkasuma maxxansi hiikkaa Afaan oromoo ammoo bakka heddutti haala nama
gaddisiisun iccitiin isaa kan faalla`edha. Kuni maalif ta`e yoo jenne
olaantummaa fandii deeggarsa maxxansa kitaaba qulqulluufn durfamuu keenya.
Caqasa dogongoraan hiikaman fakkeenyaaf(2Qor 5:19 irratti walitti cafaqee
hunduma araarsa kan taasisu,Roomee 8:34,kan ni kadhata jedhu,ni murteessaa
jechuu kanhiikamuu qabu,1Yoh 2:1…fi caqasni hedduun hiikan isaanii achumatti
kan gaaffii kaasudha,caqasoota kana irratti kitaabota duraanii ilaalun dirqama
ta`a,kana beekuu qabna)
2. Waa`ee dubbii fayyinaa gadi fageenyan
barsiisuu dhabuu keenya: Abbootni keenya dur(akka fakkeenyaatti kitaaba
Hayimaanote-Abew jedhamu ilaaluu dandeenya) wanti isaan barsiisan, karaan isaan
masakan, haalli isaan waa`ee waaqummaa Gooftaa itti ibsan,haalli isaan
shakkitootaaf deebii itti kennan, iccitiin waloomas maal akka ta`e haala dinqii
ta`een caqasa kitaaba qulqulluun qaaccessanii barreessanii baldhisanii
barsiissaa turan. Shakkaan kamuu ka`u iccitii Waaqayyo isaanii ibseen, dubbii
nama ajaa`ibsiisunis barreessanii deebii laatu, barreeffamni isaanis hanga
hardhaatti qoricha shakkitotaati. Yeroo ammaa kana garuu barsiisonni jiranis
ta`ee hayyootni baay`een,dhimma dubbii fayyinaa kana baldhisanii, ibsanii yeroo
barsiisanii ykn lallaban ,itti dhimmanii hubachiisuu irratti dhabamaa jiru,
Abbootni barumsa iccitii fayyinaa dhiigsanii barsiisanis hirdhachaa dhufaniiru.
Sanarra caalaatti seenawwans sasalphaa qofa kaasuudhan barsiisuu filatu
barsiisonni ammaa hedduun. Kuni si`achi dhimma hordoftoota dallaa mana
kiristaanaa keessa amantaa isheetin cimsuu ykn dhisuu waan at`eef, dubbii
fayyinaa(iccitii waloomaa) irratti harka caalu barsiisun gaarii ta`a.
Barsiisonni fi lallabdoonni ergaa kana dubbiftanis gaaffii hordoftoonni ittiin
rakkatan irratti kitaaba irraa caqasuun sirriitti dhiigsitanii deebii kennuun
dirqama akka qabdanin isinii dhaama.
Egaa rakkkinootni jajjaboo jedhee qabadhe kana
qofa yaa ta`an malee rakkinootni shakkitoonni beektota kitaaba qulqulluu akka
fakkaatan taasise danuutu jira,garu miti.Amma qabxiiwwan namoota amantaa
jijjiirratan akka of gaafatan taasisu kaasuttan deema.
A. Namoota battala amantaa Ortodooksii yeroo
gadi dhiisan GOOFTAA fudhanne jedhaniif: Gooftaa isa kam fudhachaa akka jirtan
beektuu? Gooftan kanaa sanii maal qaba akka hin jenneef, maqaa Gooftaa sobaan
waamamu akka jiru wangeela Maatewos boqonnaa 7 irraa hubanneerra. Kanaaf akka
haaratti Goofta fudhe jechuun maal jechuudha. Akka barsiisa amanta
Ortodooksiitti Gooftaa Iyyasuus Waaqa, waaqa dhugaati. Jecha kana kan caalu,ykn
kan caalaa ibsu hin jiru. Maalif jennaan wanti Waaqa caalu hin jiru. Kanaaf
jechi Gooftaa ittiin ibsinu kan addunya kana irra jiru hundi “Iyyasuus Kirstoos
Waaqa” kan jedhuu kanaa gadi.Kanaaf Iyyasuus Kirstoos Waaqa ta`uusaa erga
ortodooksii keessatti baratta ta`ee, waaqa isa biraa akkam barbaada deemta?
Gooftaa isa kam fudhachuu deemta Barumsa kana caalu ammoo kan kanaa gadii
dhagahuu deemta? Kitaaba qulqulluu keessaa caqasa muraasa eeruuf
• “Kennaan kunis abdii keenya eebbifame,innis muldhachuu Hangaftichaa,kan Waaqa
keenya fi kan fayyisaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos eegaa;of
too`chuudhan;tolummaa fi Waaqayyoon fakkaachudhaan bara kana keessa akka
jiraanu nu barsiisa”(Tiitoo 2:2)• Inni Waaqa dhugaa fi jireenya bara baraati(1Yoha 5:20)
Ammoos yaa hubannu,Gooftaan Waaqa yoo jennu, Waaqayyo waan nu jaalatuuf
jireenya isaa dhagna sadiin jechuunis Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluu jedhee
nuuf ibseen, durumayyuu aangoo, taayitaa, umurii, beekkumsa walumaa galatti
waaqummaa isaatin tokkoo fi qixa ture,jiras.Bara booda foon uffate waan nutti
muldhateef, Iyyasuus Kirstoos inni Waaqa jedhame kun akkamiin amma sa`aa
kanatti, sa`aatii amma ati itti amantee jirtu kanatti, guyyaa hardhaa kanas
“araarsaa ta`uu akkamiin danda’aree? Ilaa yaa hubannu:
Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos
jalqabumayyuu kan ture erga ta’ee, Abbaa waliin erga ture, erga Addaamiin
kalaqee uume,foon ufffachuun Isaa Abbaa dha fi Afuura Qulqulluu gadi isa ni
taasisa? Gonkuma hin taasisu malee. Inni dura kan ture sanatu booda
muldhachuusaa caqasa nutti himan keessaa kakuu haaraa keessatti yemmuu
Yihudoonni Gooftaa Iyyasuusin “Ati egaa abbaa keenya Abrahaam isa du’e irra ni
caaltaa ree? Raajonnis du’aniiru, ati eenyu of seeta?” jedhanii yemmuu
gaafatanitti gooftaan deebisee akkas jedhe “Dhuguma dhuguman isinitti hima,
Abrahaam otoo hin dhalatin dura iyyuu ani jiran ture” (Yoh 8:53) jedhee
deebiseefii jira. Gooftaan afaan isaatiin ani Abirahaam duran ture jedhee
dubbateera. Abirahaamin fakkeenya fudhate waa’ee isa maqaa waan itti kaasaniif
malee uumama kam durayyuu ture, Abbaa isaa waliin tureerahoo,argamsiisaan
uumamaayyu isadha.Kanaaf araara kennuu(GOCHUU) Fudhachuu fi dhiisuu Abbaa Isaa
fi Afuura Qulqulluun walqixa Ta`ee murteessa malee,Inni erga Waaqa
ta`ee,akkamiin nu araarsaree?
Kanaaf Inni uumama dura ture kun kaayyoon isaa foon uffatee nama ta’ee jaalala
akkasumas fakkeenya ta’ee nama fayyisuuf malee kabaja isaa isa jalqabaa sana
irraa Abbaa Isaa fi Afuura Qulqulluun gaditti xinnoo of buusuuf hin
turres,mitis.
Kakuu moofaa keessattis ammoo inni Ilmi dur jireessi kun,yeroo foonin
waloometti foonifis aboon kennamuu isaa iccitiidhan akkanatti Raaja Daani’el
irra bulee dubbata “halkan mul’ata arge kunoo ilma namaa ka fakkaatu duumessa
samiiwwanii waliin dhufe gara isa umuriidhan dulloomeetti dhufe gara fuula dura
isaattis dhiyeessan gostii fi ormootni isaan afaan gara garaatin dubbatan
hundumtis akka bitamaniif bulchiinsi fi kabajni mootummaanis ni kennameef
bulchiinsi isaallee kan hin dabarre isa bara baraati mootummaan isaas hin
baddu” jedha(Dani’el 7:14). Isa kanarraa maal hubanna? Waaqummaan Isaa duruu
jira, Fooniif aboon kuni hundi kenname jechuudha mitii?,maaliif yoo jenne
Gooftan foon waan uffatee Abiddi Waaqummaa(Malakoot) foon waliin,
waloomee(tawaahidoo) tokko ta’e waan ta’eef. Kanaaf foon aboo argate. Kanaaf
foon uffachuun Isaa akkamiin kabajaan Abbaa Isaa hanqisee isa kiristoos namaaf
kadhatu taasisa? Kuni dogongora bu’uurati.
Kan amantaa kiristaanummaa ishee takka turte
yaa’ii Keelqedoonii qabee addaan diige yaada kana. Isumatu babaldhatee
kijibdoota meeqa horee hardha yaanni kumaatama ta’e. Kan ganama yaadamaa ture
hayyootni amantaa cichanii ka barsiisan ishuma karaa walooma(tawaahidoo)
kanadha.
Ammoos tooftaaan yeeyyota amantaa dhugaa nama gansiisan kanaa keessaa inni
guddaan: “amantaan maali?maqaa amantaas kana sani hin jedhinaa;amantaan nama
hin fayyisu” callisa Gooftan jira jedhaa bulaa jedhu.Kuni karaa balleessaa isa
itti aanutti nama geessuf itti of qopheessanidha.Wanti ta`ee agarru kuni hundi
amantaadhan kan ta`e akka ta`e hin beeknuu nuti?Kitaabuma qulqulluu iyyuu
eennuti barreessee,seera itti godhee,lakkoofsa isaa daangessee,maxxansiise?
Namoota akkasuman kara deemtutu fedhaa fi qabeenya isaaniin kana raawwatee?
Warra amantaa keessatti gurmaa`an mitii? Kanaaf akkamiin amantaan maali
jennaree?Akkas taanan wanti waloo kamuu hin barbaachisu hundu akkuma hubannoo
laphee keenyatti kophaa kophaa keenya fiigna jechuudharee? Waaqumtuu
jiraachuusaa barsiisa amantaa keessatti kennamuun beekne, nutti muldhachuu
isaatis akkasiin beekne, haala jireenya isaallee amantadhan beekne.fedhii
Isaallee akkasuma. Baruumsichi amanticha keessa jira miti? Yookan sobas dhugaas
akkasumaan walitti qabnee amanna jechuudhaaree. Inni akkasii amantii miti,
ilaalcha fooniti.Amantaan malee Waaqayyoon gammachiisun hin danda`amu jedha
kitaabni.“Amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin dandahamu. Eenyullee
Waaqayyotti dhihaachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis
gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira. (Ibro. 11:6)
B. Fayyisaan eenyu?
Warri amantaa ortodoksi gadilakkisanii Gooftaa’ fudhanne jedhan kanaaf,Fayyisaan eenyu?Isiniif fayyisaan keessan eenyu?Fayyisaan keessan isa Ortodooksin Iyyasuus Kirisoos fayyisaadha jettuun kanarraa addaa laata?Adda taanan karaa dogongoraarra jiru jechuudha.Maaliif yoo jenne,dhala namaa kan fayyisu Waaqa tokkicha waan ta`eefi. Addaam cubbuu hojjeteen,kan fayye dhiiga Kiristoosin,cubbuu darbaan sababa Dhiiga kiristoosin nurraa cite. Kanaaf dhukuba cubbuu akkasiif fayyisaan Waaqa qofa jechuudha.Waaqni sun ammoo olitti akkuma ibsine Iyyasuus Kiristoos akka ta`e ilaallerra.
• “Ani Waaqayyo anaan malee kan fayyisu hin jiru”(Isa 43:1).
• “Ana malee Waaqni biraa hin jiru. Ani Waaqa tolaa fi qoricha, ana malees homtuu hin jiru” (Isa 45:21).
• “Waaqa qoricha keenyaa nu deebisi dheekkamsa kees nurraa deebisi” (Far 84.4).
• “Namoonni hundumti akka fayyaniif gara dhugaa beekuu akka dhaqqabaniif kan fedhu qoricha keenya Waaqayyoon duratti gaarii fi kan si gammachiisu kana”(1Xim 2:3). Egaa Waaqni keenya fayyisaa keenya ta`ee,inni Iyyasuus Kirstoos dha jechuudha.kanaaf “Fayyuunis waan biraan homaanuu hin jiru;samii gaditti akka ittiin fayyinuuf kan nuuf ta`u namaaf kan kenname maqaan biraa siruma hin jiruuti.” (Ho.Du.Bu 4:12) jedhamee kan barraa`eef.
Garuu ammas haa hubanno,waan hafetu jira,amanuu qofaan ni fayyina moo,amanuun keenya kan xumuraati moo fayyuu keenyaf kan jedhu ilaaluu qabna.
Namoonni baay`een caqasa “Ilma Waaqayyotti kan amane inni jireenya bara baraa qaba”(Yoh 3:36) jecha jedhu qofa qabatu. Wanti hubachuu qabnu garuu Waaqayyo Ilmatti amanuu dhiisuun keenya du'aa nutti murteessa. Waaqayyo Ilmaatti amanuun keenya qofti garuu jireenya bara baraatti nun galchu." kan amanee kan cuuphame ni fayya kan hin amanne garuu itti murtaa`a(Mar 16:16) jdhamee ammo,amanuun kuun dirqamni biraa kan itti fufu akka jiru kitaabumti nuttima. Amanuu fi cuuphamuu dhabuu keenyaf nutti murtaa`a. Amanuufi cuuphamuu qofaan garuu mootummaan Waaqayyo hin dhaalamu. "Foon koo kan nyaate dhiiga koo kan dhuge jireenya bara baraa ni qabaata Foon koo kan hin nyaanne Dhiigakoo kan hin dhugne garuu itti murtaa`a(Mat 26:26), jedhamee ammo dirqamni itti fufeera. Fooni fi Dhiiga isaa nyaachuu dhabuun keenya nutti murteessisa. Fooni fi Dhiiga Gooftaa fudhachuu qofti garuu nun fayyisuu.
Kanaaf Gooftaan fayyisaa keenya jennee amannus dirqamoonni ammo fayyina xumuraa namaaf kennan akka jiran beekuuq abna malee,akkasuman caqasarra Iyyasuus,akkana,akkasi…..jedhanii shamaddaduun fayyina hint a`u.
C. Amantaan sirriin meeqa?Gooftan hoo meeqatu
jira?
Namni amantaa Ortodooksii gadi lakkisu amantaan siriin kiristoosin meeqatu jira
jedhee aman?Lamaa,sadii……Lakki akkuma kirstoos tokko ta`e amantaan tokkodha
jedha.Amantaan sirriin takkitiidha malee haaran,ykn lamaa sadi hin jiru.
“Akkuma abdiin waamichaa inni isin ittiin waamamtan tokkicha ta’e, dhaqni
tokko, hafuurris tokko, Gooftaan tokko, amantaan tokko, cuuphaan tokko.” (Eef.
4:4) ammas deebisee kitaabni "amantaa yeroo tokko qulqullootaf kennamteen
qabsaa'a!"(Yihuda 1:3). "Karaarra dhaabadhas, ilaalas. kara isheen duraas
gaafadha. kara ishee bayeettin eessa akka jirtu bara. Isheerras deemaa, lubbu
keessaniif boqonnaa argattuu(Erm 6:16). Amantaa yeroo tokko Qulqullootaf
eebbifamtee keennamteen qabsaa'uu dhabuun keenya nutti murteessisa, amantaa
yeroo tokka qulqullootaf kennamtee keessa deddebi'uu qoftii garuu nu hin
fayyisu.
Kanaafidha qulqulluu Phaawulos ergaa isaa
irraatti "Kanas argadhee waanan guuttadheef miti; garuu Kiristoos kan Isaa
waan na godhateef, anis isa kana bira ga'ee harka koo keessa galfachuudhaaf
duukaa kaachuutti nan jira. Obboloota koo, ani akka nama harka isaa keessa isa
galfateetti of hin lakkaa'u. Haa ta'u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta
na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha. Akeeka
sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra
mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Iyyasuus Kiristoos itti ol nu waamee
dha(Fil 3:12-14)
Walumaa galatti namni tokko, guyyaa yaadan
qalbiidhan, qaaman luka isaa mana kiristaanaa keenya keessa baasu, kiristoos
isa dhugaa sana of keessaa baasee kan biraa uffachuuf deema jechuudha.
Barsiifni sirriin mana kiristaanaa kana keessatti lallabama waan ta`eef. Gaafa
amantaa kiristaana Ortodooksii keessaa bahu, caalatti kan Kirstoositti dhiyaate
itti fkkaatu iyyuu, onnachuu fi kan dhugaan ifeef ta`ee kan yaadu ta`u iyyuu
inni caalatti kiristoosirraa kan fagaatefi humna Waaqummaa Iyyasuus kirstoos
kan gane ta`uu isaa hubachuu qaba.
Egaa Waaqa jennee deebinee amalaajii (araarsaa jechuurraa) waaqni nu haa
baraaru. Nuti inni Waaqa keenya jennee isaaf sagadna, sooma isaa soomna, guyyaa
dhaloota isaa,cuuphaa isaa,fannisamuu isaa,du`aa ka`uu isaa,ol ba`uu
isaa,Afuura jireenyaa nuuf erguu isaa kana hunduma ni kabajna ni
beeknas.Barsiisni kanarraa adda ta`enu irratti aboo hin qabaatin…maqaa
kiristoosin seexana baasaa turre,tinbiitii dubbachaa turre,Yaa Gooftaa yaa
Gooftaa jennee iyyaa turree..ooda ani isin hin beeku asii badaa jedhamurraa
Waaqayyo nu haa baraaru.
Ammoos Waaqi iccitii abbota keenya duuka bu`ootaaf, hayyoota amantaa keenyaa
qulqulluu Atinaatewos, Qeeloos, Eephifaanewos,Gorgoroyoos lamaan, Yohaannis
Aafwaarqee fi kan birootif ibsee,diina durumayyuu diinummaan isaanii beekame
qaanesse, humnaa fi arraba moo`ichaa nuuf haa ta`u//Ameen.
Hin shakkinaa nuti jiraattotaa.Hin shakkina
nuti Kiristoos isa dhugaa qabnneerra.Isattis amanneerra. Hin shakkina nutii
bobaa fayyisaa isa dhugaa jala jirra. Hin shakkina nuti Maqaa Abbaa Ilmaa fi
Afuura Qulqulluutin cuuphamneerra. "Iyyasuus Kiristoos kaleessa hardhas
borus hanga bara baraatti isuma waan ta`eef barumsa keessummaa adda addaa
haaraa ta`een hin fudhataminaa" (Ibroota 13:9) akka jedhee kitaabni akka
nu abboome,mana dhagaa kattaarratti ijaaramne waan taaneef bobaa Waaqayyo jala
jirra. Kiristoosin chaappeffamneerra. Diina chaappaa kana nurraa haquuf maqaa
isa fakkaatu sobaa nu dura qabu irratti haa dammaqnu! Warraa akka seexanni
Gooftaa yemmuu gadaamii Qornxoositti yemmuu qoraa ture sana kitaaba qulqulluu
irraa caqasa caqasee sana ammas warra sobaan caqasa tarreessan irratti
dammaqaa!
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.