MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKOON
AMEEN!
D/n
Guutaa Charuutiin
“Uummata
Hundaaf kan ta’u missiraachoo guddaa dha” (Luq 2:10)
Dhugumaayyuu uumama
hunda kan ajaa’ibsiisu,dhala namaa ammoo baay’ee kan gammachiisu missiraachoo
guddaadha bara baraan haaraadha dhaloota gooftaa, barri isaa 2006.Kanaafidha abbootin
“Ogummaa addunyaa ittiin uume irra ogummaa addunyaa ittiin fayyisetu caala”kan
jedhan.Waaqayyo Addaamin tottolcheet beekaa taasiseet,uumama kaan irraa foo’eet
lubbuu laatee afuura isaatiin kabaje.Hojii ilmummaa(mucummaa) hojjetee akka
itti fayyadamuuf beekumsa afuuraa laateef ajaja isaa eeguun akka hin duune
taasise; uumama samiidhaa gadi jiraatan hunda irratti mootii taasise;akka isa gargaartuufis
Hewaaniin uumeef,Jannata keessas isaan jiraachise. Kan waaqa irraa argamu
hundaan akka gammadaniif kan isaan dhowwate tokko illee hin turre.Biqiltuu(firii
muka) tokkoo qofa akka hin nyaanne isaan ajaje malee. Yoo nyaatan akka du’a
du’an isaan barsiise (Uum.1:26-31; 2:8-22; 3:22).
Gooftummaa fi kennaa
Addaamiif kenname kana Daabiloos yeroo argu inaaffiidhaan gubate; baay’ee
gadde. Waaqayyo akka kabaja isa duraatti isa hin deebifne bareet abdii kute.
Kanaaf Addaamiin Jannata keessaa baasuuf karoora baafate. Karaa ittiin isa
moo’atu barbaade. Firii muka (Itse balas) dhaan akka moo’atu bareet bofa irra
buluun Addaamitti dhihaatee dogongorse (Uum 3:2). Addaamis erga dogongoree booda
kennaan isaa irraa fudhatame (Uum.3:7). Jannata keessaa bahee gara boollaa (awwaalaa)
akka bu’u; dabalatas si’oolitti akka galu ta’e du’a foonii irratti duuti lubbuu
itti murtaa’e; abaarsa qabeenya isaa taasifate (Uum.3:3-22).Daabiloosis Addaam
irratti humna moo’insaa argate. Ijoollee Addaamis booji’ee waan baay’een isaan
dogongorse. Foon isaanii gara boollaa (awwaalaa), lubbuun isaanii immoo gara
si’oolitti akka galu taasise.
Addaam kabaja isaa
dhabee seexanaan yeroo bitametti wanta lamaaf gaddaa ture. Hin nyaatin kanan
jedhame nyaadheen Waaqa koo gaddisiise jedheeti. Garuu cubbuun isaa akka isaaf
dhiifamu amanuun gad of qabee gara Waaqa isaatti boo’e. Waaqayyo imimmaan
Addaam ilaaleet isa fayyisuu barbaade. Kanaaf guyyaa shaniif walakkaa booda
dhala dhala kee irraa dhaladheen; fannifameen;du’een si fayyisa jechuun abdii
laatef. “Amantii fi beekkumsi kun abdii jireenya barabaraa isa Waaqnihin sobne
sun jalqaba addunyaatiindura waadaaseene irratti kan hundeeffame dha”(Tiit.1:2)jechuun
dubbate. Waggaan 5500 yeroo gahe qulqulleettii dubroon Maariyaam sanyii malee
hojii Afuura Qulqulluutiin ulfooftee Beetaliheem dallaa loonii keessatti
Waaqayyoon durbummaadhaan yeroo deessetti, missiraachoo kana kan hime ergamaa
Waaqayyoo ture. Halkan itti Waaqayyo gooftaan IyyasuusKiristoos dhalate sana;
tiksootni hoomaa isaanii eeguuf sa’aatii kudha lamaan sana bakka afuritti
qoodanii eegan dirree sana turan. Kunoo ergamaan Waaqayyoo cinaa isaanii dhaabbatee
yeroo arganitti kabajni Waaqayyoo ifa isaanii ta’eet naannoo isaanii ibseef.
Ifti isaas akka xombora masqalaa (fannoo) bog-bog jedhee mul’ate. Kana irraa
kan ka’e tiksootni sun baay’ee sodaatani.
Yeroo kana dhaga’an
ergamichi “Isinis dhala namaa hundas kan gammachiisu missiraachoon isinitti
himaatii hin sodaatinaa;abaarsa fooniis,abaarsa lubbuus kan balleessu,eebba
fooniifi eebba lubbuu kan laatu,jireenya foonii fi jireenya lubbuu kan kennu,
qoricha addunyaa kan ta’u, Waaqayyo Kiristoos magaalaa Daawit keessatti
dhalateera” jechuun isaan jajjabeesse.“Mallattoon isaas mucaan huccuudhaan
maramee dallaa loonii keessa ciiseet argattu” jechuun itti hime.
Akka tariis ergamaa
sana faana (wajjin) ergamtoonni baay’een Waaqayyoon galateeffachaa dhufani.
Galatni isaas “Kabajni Waaqayyoof Tsirhaa Aariyam irratti nageenyis lafa irratti
dhala namaaf heeyyama gaarii” kan jedhu ture. Tsirhaa Aariyaam samiiwwan torban
keessaa ishee tokko dha. Teessoon ibidda Sillaasee kan Kiruubeeliin
baatan, golgaan (maggaarajaan) ibiddaa torban achitti argama. Luboonni samii
digdamii afran qulqulluu qulqulluu qulqulluu jechuun sadummaa fi tokkummaa Sillaasee
kan galateeffatan teessoo isaas kan ulan(axxanan) achitti;kadhannaan
qulqulloota hundaa kan gahu (qaqqabu) bakka sanaa dha (Hiz.1:1-28;Isa.6:1-6).
Kana waan ta’eefidha
ergamoonni Waaqayyoo “Kabajni Waaqayyoof Tsirhaa Aariyaam irratti haa ta’u” jechuun
kan faarfatan. Kunis Tawaahidoo (tokko ta’uun) foon Waaqa ta’e Sillaasee
(Sadummaa) faana tokkummaan Tsirhaa Aariyaam irratti galanni isaaf haa ta’u
jechuu isaaniiti. “Nageenyis lafa irratti dhala namaatiif fedha (eeyyama)
gaarii” jechuun isaanii immoo dhalli namaa bilisummaa waggoota kuma shaniif
dhibba shaniif dhabee ture akka argatu lafa irratti araarri wixxinfame;nageenyis
eegalame jechuu isaaniiti. Kana waan ta’eefis ergamoonni fi tiksoonni hoomaa tokko
ta’uun “Jaalalli namaa isa booji’eet Waaqayyo nama ta’e namnis Waaqa ta’e”
jechuun Kiristoosiin sagalee mi’aawaadhaan faarfatan. Akkuma ergamaan Waaqayyoo
tiksootatti himetti qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa foon ishii irraa foon;
lubbuu ishii irraa lubbuu fudhachuun tawaahidoo (tokko ta’uu) dhaan nama ta’ee
kan dhalate Waaqayyo Iyyasuus Kiristoos qoricha addunyaa kanaati, kanaaf
dhugumayyuu guyyaa missiraachoo isa guddaa ta’uu kan qabu guyyaa dhaloota Kiristoosidha.
Maaliif yoo jedhame akkuma armaan olitti ilaalletti dhalli namaa mucummaa,
jireenyaafigooftummaa dhabee ture lammata ilmummaa (mucummaa) fi gooftummaadhaaf
barbaadamuu isaa guyyaa itti bare waan ta’eefi. Asumaanis Waaqayyo iccitiin
isaa sakatta’amuu hin dandeenye, kabajni isaas dubbatamuu hin danda’amne,
gaarummaan isaa himamuu fi sakkatta’amuu hin danda’amne Betaliheemitti dallaa
loonii keessatti huccuudhaan maramee yeroo ciisee argamu (mul’atu), Waaqayyo
jaalala dhala namaatiif qabu ilaalanii ergamoonni ajaa’ibsiifatani, tiksoonnis
isa galateeffatani.
Dhuguma dhala namaa
hundaaf kan ta’u gammachuu fi missiraachoo guddaadha. Kennaa nurraa fudhatame
Iyyasuus Kiristoosin arganneerra waan ta’eef. Waaqayyo giifti keenya
qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa foon ishii irraa foon, lubbuu ishii irraa
lubbuu fudhachuun dhaloota lammataa dhalateera waanta’eef.
Dhaloota
Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos:
1. Addunyaan
kun osoo hin uumamiin dura Abbaan osoo yeroon wal hin dursiin haadha malee Abbaa
qofa irraa samiirratti kan dhalateedha (Yoh. 1:18, 3:18, 14:9).
2. Missiraachoo
ergamaa Qulqulluu Gabri’eeliitiin qulqulleettii durbee Maariyaam irraa foon
ishee irraa foon fudhatee, lubbuu isheerraa lubbuu hirmaatee sanyii dhiiraa
malee amalummaasaa osoo hin jijjiriin foon wajjiin tokko ta’ee dhalatee
addunyaadhaaf fayyina bara baraa kenne (Isaa. 7:14, Luq. 1:26-32).
Waaqayyoon fooniin mul’achuu yookiin
lammaffaa dhalachuunsaa raajotaan mul’anni dubbatamee fi kadhannaa fi tsoomiin
jalqabame (subaa’een kan itti qabame) guyyaan fooniin durbee irraa dhalate lakkaawameera.
Hojii gaarii raawwatanis waan cubbuu ta’ee lakkaawwamuuf raajonni baay’een uffanni
keenya akka hammeenyaatti lakkaawame jechuun akka Waaqayyoon samii addaan kutee
dhufu kadhannaa wal irraa hin cinne geggeessaniiru. Qulqulluun Phaawuloosis “Abbootiin
keenya abdii eeggatanii argatan” jechuun dubbateera (Uuma. 3:22, Lakk. 24:27,
Milk. 4:2-3, Isaa. 64:1, Ibr. 1:11). Raajonni gurguddoonis bara isaaniitti,
masihiin (ilmi Waaqayyoo gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos) akka dhalatee ilma
namaa gita bittaa seexanaa fi jireenya dukkanaa keessaa gara ifaatti baasuuf
ofiisaatii hundee ta’ee ilma namaa jireenya kana irraa bara baraan dhaabuuf
foon namaa uffatee icciitii guddaa kan qoratamee bira hin geenyeen nama ta’ee
dhalachuusaaf kadhannaan fi abdii guddaan erga eeggachaa turanii booda magalaa
Beeteliheem keessatti waggoota kuma lamaan dura mooraa loonii keessatti
dhalate. Warreen mootolee baha fagoorraa dhufanis “Inni mootii Yihudootaa ta’ee
dhalate eessa jira? Nuyi urjii isa ba’a biiftuu arginee, isaaf sagaduu dhufneerra’oo”
jechuun mootii moototaaf sagaduu dhufaaniiru (Maat. 2:2, Milk. 5:2).
Icciitiin Waaqayyo nama ta’ee dhalachuun
isaa duka buutuun mana kiristaanaa keenyaas seera isheen qopheessiteen nutis
ijoolleen ishee tsooma raajotaa tsoomnee, kadhannaa fi galataan yaadachaa
guyyaa yaadannoo dhalootasaa gaabbii galuun eegnee guyyaa ayyaanichaa uffata
adii ayyaanicha miidhagsan uffachuun foon fi dhiiga gooftaa fudhannee waggaa
waggaadhaan ni kabajna.
Sirni kunis kan argame raajichi Museen
abboommii Waaqayyorraa osoo hin fudhatiin dura sirna inni tulluu siinaa irratti
tsoomee fi kadhannaa raawwate hundeeffachuudhaani (Ba’uu 34:28).
Icciitii
Waaqayyoon nama ta’ee dhalachuusaa
Ilma namaa hundaaf abbaa kan ta’e,
Addaam Gannata keessa osoo jiruu balleessaa raawwateen abaarsa isa qaqqabeen
balballi Gannataas itti cufamee, si’ool keessa cubbuudhaan jireenya dukkanaa’aa
keessa jiraachaa ture keessaa akka bahuuf raajotarra bulee sagalee abdii
jireenyaa ilmasaa Addaamiif ta’u kan uumaansaa dubbachaa ture, ergee Waaqayyo
Addaamiif beenyaa kaffaluun, beenyaa ta’ee ilma namaa fayyisuuf jedhee eeyyama
abbaasaa, kan ofiisaa fi kan afuura qulqulluutiin ilmi foon namaa uffatee
dhalachuuf teessoo isaa irraa gara addunyaatti dhufee nama ta’ee dhalate.
Qulqulluun Phaawuloos “Waaqayyoo abdatamaa” jedheera (Galata Maariyaam kan
Wiixataa, Gal. 4:4, Yoh. 1:14, 3:16, 1Qor. 10:3).
Kayyoo
dhalachuu gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos
1. Maallaqa
ta’uun beenyaa Addaamiif kaffaluun jireenyasaa bara baraa irratti akka
hundoofnuuf ofiisaatii hundee nuuf ta’uufi. Kanas duuti bara baraa Addaam
irratti murteeffame kaasuun bakka Addaam ilmasaa bu’ee murtee garasaatti
fudhatee akka ilmisaa Gannata iddoo jireenyasaa duraa dhaluufidha. “Harka abbaa
koo keessaa eenyuyyuu isin baasuu hin danda’u” jechuun koochoosaa jalatti nu
deebifateera.Erga gooftaan hundee nuuf ta’ee lammaffaa wanti biroon hundee kan
nuuf ta’u akka hin jirre qulqulluun Phaawuloos dubbateera (Yoh. 10:29, 1Qor.
11:1).
2. Fakkeenya
nuuf ta’uuf: Gooftaan keenya ilmi namaa bara jireenyasaa addunyaa kanarratti
akkamitti akka jiraachuu danda’u, jireenya kamiif akka isaan hojjechuu danda’an,
daandii jireenya bara baraa barsiisuuf gara addunyaa kanaa dhufe (Ibr.
4:4-14-16, 1Pheex 2:20-23, Maat. 4:1-5, 26:36-46).
3. Seexana
hidhuuf, addunyaa fayyisuuf, ilmi namaa addunyaa kana irra yeroo jirutti akka
nageenyaan fi tolummaa, hojii gaarii akka raawwatuuf,abboommii Waaqayyoo eegee
akka jiraatuu fi garbummaa seexanaa jalaa ba’anii bilisummaan akka jiraataniif
waanjoo garbummaa nurraa caccabsee dhiigasaa qulqulluun ijoolleesaa nu
taasifatee, akka jireenya bara baraa isa wajjin hirmaannu hirmaattota nu
godhate (1Yoh. 3:8).
Hojiin seexanaa akka gantummaa (Maat.
13:36-40), of tulummaa (Isaa.14:12-13), soba dubbachuu (Uuma. 3:45) fi lubbuu
baasuun (nama ajjeesuun) daandii jireenyaarraa akka kufaniif gufuu ilma
namaatti kan itti ta’uu fi hojii foonii kan ta’an (Gal. 5:19) hunduu dhalachuu
Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoositiin, cuuphamuu fi fannoorratti guyyaa Jimaataa
Qaraaniyoorratti fannifamuun kiyyoo diinotaa caccabsee injifannoo nu gonfachiiseera.
Ummanni dukkana keessa jirachaa ture, ifa argeera (Yoh. 8:12, 1Yoh. 1:5-7).
Kennaa
Waaqayyoon nama ta’uusaa (fooniin dhalachuusaa) irraa arganne
1. Bilisummaa:
Sababa Addaam abbaa keenyaatiin sabni addunyaa abaaramee jireenya dukkanaatti
kan darbatame, gooftaan keenya durbee Maariyaam irraa dhalachuun bilisummaa nu
gonfachiiseera (Gal. 5:1, 1Phex. 2:26).
2. Jireenya bara baraa nuu kenneera:
Addaam fi Hewaan abboommii Waaaqayyoo diiguudhaan jireenya bara baraa kan ta’e
uumaasaanii irraa adda bahuun gara jireenya dukkanaa si’ool keessatti
darbatamuun achi jirachaa kan turan dhalachuu gooftaatiin jirataa ta’aniiru.
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos akkuma “Ani Waaqa jiraattotaati malee Waaqa
warreen du’anii miti!” jedhe, ilmaan isaa jalqaba cubbuu addunyaa kanaan gara
jireenya dukkanaatti kan darbataman Addaam fi Hewaaniif, akkasumas
ijoolleesaanii hundaaf jireenya bara baraa kenneefii jira. Itti dabaluun gooftaan
“Kan natti amane hin du’u” jedheera. Nutis inni akka abbaa isa samii biraa
dhufe ta’uusaatti amanneera (Yoh. 17:5, Fil. 2:6).
3. Fedhiin Addaam dhugaa ta’e:
Abdiin isaa xumurameera (fiixaan baheera).Qulqulluun Yohaannis ergaa inni barreesse
keessatti “Waaqni nuti waaqessinu Waaqayyo nu abdachiseedha” jedhee akkuma
dubbate Waaqayyo Ilmi samii teessoo isaarraa gad bu’ee foon namaa uffatee
waggoota soddomii sadiif ji’a jahaaf foon uffatee addunyaa kana irra deddeebi’ee
yommuu barsiisu warreen dhukkuba foonii qaban ajaa’iba rawwachuun, dhukkuba
lubbuu immoo barsiisuun fayyiseera. Kanaaf Waaqayyo Waaqa abdii kennee, abdii nuuf
galeef kan ifa baseedha (1Yoh. 3:8; Uum. 3:22; Maat.25:32; Luq.23:43).
4. Mucaasaa (ijoolleesaa) nu taasiseera:
Maqaa “Kiristoosiin” “kiristaana”
maqaa “ilmaan” immoo “dhalatoo” akka jedhamnuuf aangoo mucummaa nuuf kenneera. Qulqulluun
Phaawuloos “Abba abbaa jennee akka wamnus afuura qulqulluun ilma nu taasifate.
Egaa amma mucasaa waan taaneef jireenya bara baraa ni qabna” jedheera. Addaam fi Hewaan nuti garbicha seexanaati
jedhanii kan mallatteessaniif barbadeessee ijoolleessaa taasifateera (Gal.
4:4-7,1Yoh. 1:12, 3:1, Maat. 6: 9, Hoj. Duk 13:26).
5. Jaalala gamtaan jiraannu nuuf
kenneera: Sababa cubbuutiin jaalalli isaanii kan addaan citee
addaan fagachaa kan turan kanneen akka ergamoota Waaqayyoo, ilma namaa fi
Waaqayyoo gidduu addaan bahinsi uumame karaa gooftaa keenyaan jaalala
fooniinis, lubbuunis tokko ta’uun ilmi namaa ergamoota Waaqayyoo wajjin jaalalaan,
gamtaan jiraachuu fi uumaasaanii galateeffachuu egalaniiru.
6. Nageenya:
Addaam cubbuu raawwatee Gannata keessaa bahee si’ool keessatti nageenya dhabee
harka diinasaa jiraacha kan ture dhalachuu gooftaatiin nageenya dhabe
argateera. “Galanni Waaqayyoof samiirratti haa ta’u akkasumas biyya lafaarratti
nageenyi ilma namaatiif haa ta’u” jechuun ergamoonni labsaniiru (Luq. 2:14,
Yoh. 27, Isaa. 9: 6-7).
7. Dhalootnisaa kan samiirraa ifa nuuf
baheera: Waaqni keenya gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos
durbee Maariyaam irraa foon isheerraa foon hirmaatee, lubbuusheerraa lubbuu
fudhatee dhalachuun isaa osoo addunyaan hin uumamiin dura Waaqa abbaa irraa
haadha malee dhalachuusaa nuuf ibse (Yoh.17:5). Dhalachuun isaa kunis dhaloonni
duraa isa nuuf ibsame abdiin keenya ifa nuuf baate (Maat.1:25;Luq.1:34;Isa.1:9).
8. Kan ittiin dhaadannu, madda
fayyinaa, dawoo keenya, hundee jireenya keenyaa kan taate ifa nuuf baseera: Akkuma
raajichi Isaayyaas “Osoo sanyii nuuf hambisuu baatee akka Sadoom gubannee fi
akka Gomoraa tanee turre” jechuun dubbate, madda fayyina ilma namaaatiif sababa
kan taate durbee Maariyaam Waaqni uumamtoota hundarra caalchisee bultoo
godhachuuf biyya lafaa keessaa filatee irra buluun irraa dhalachuun isa biyya
lafaarratti abbaa malee isheerraa dhalachuun isaa akka nuti haadha keenya kan
dhala namaatiif kadhattu fi suga foonii fi lubbuu keenyaaf kan taatu durbee
Maariyaam irraa kan dhalate akka kabaja bultoo isaaf taasisnu nuuf ibseera (Isaa.
1:9,64:14, Maat. 2:10-30, Luq. 2:10-20).
Guyyaa
Gooftaan Dhalate
Ø Tiksoonni
ergamoota Waaqayyoo waliin gamtaadhaan “Galanni samiirratti Waaqayyoof haa
ta’u, nageenyi biyya lafaa irratti ilma namaaf haa ta’u (Qiddaasee Ergamootaa)”
jechuun galateeffataniiru (Luq. 2:14). Bineeldonnis afuura isaaniitiin
galateeffataniiru (Luq. 13:15).
Ø Macaafa
Faarfannaarratti “Mootoleen galchaa ulfina keetii si’iif kennu” (Faar. 67:27,
71:10) jechuun raajiidhaan akkuma dubbatame oggeessonni biyya ba’a fagoo irraa
dhufan sadan akka Marikuu, Maatisuraa fi Daasizifaraa mootoleen jedhaman warqii
mootii bara baraa, qulqulluu ta’uusaaf, karbee jaalala keenyaaf fannoorra
oluusaaf fi ixaana lubummaasaaf galchuun sagadaniiru.
Ø Mul'achuu urjii fi urjiileen bakka inni jiru
gahuun ibsaa isaaniin olaantummaasaa agarsiisuu isaanii mudannoo guyyaa kanaa
warreen gurguddaadha.
Akkaataa Kabaja Ayyaana Qillee (Gannaa)
Ayyaanni gannaa kan
kabajamu, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos akkuma Addaam fi ilmaan Addaam
fayyisuuf waadaa gale, Beeteliheem kutaa biyya Yihudaa keessatti iddoo bultii
looniitti dhalachuu isaa yaadachuudhaani (Luq. 2:7; Maat. 2:6). Yeroo mara
ayyaanni dhalachuu kan kabajamu Mudde 29 yommuu ta’u, bara Yohaannis yommuu ta’u
garuu Muddee 28 kabajama. Beeteliheemitti dhalachuu Gooftaa ilaalchisee barreeffamni
“Ati yaa Beeteliheem ishee biyya Yihudaa keessaa, ati magaaloota Yihudaa
hundarra hin xinnaattu, si keessaa kan moo’u tokko, saba koo Israa’eliin kan
bulchu ni baha” kan jedhus ni raawwatam (Milk. 5:2; Maat. 2:6). Ergamoonni fi
tiksoonnis gamtaadhaan “Galanni Waaqayyoof samii gubbaatti, nagaanis namoota
Waaqayyo itti gammaduuf lafa irratti” jedhanii galateeffatan (Luq. 2:14).
Yommuu Gooftaan keenya
Iyyasuus Kiristoos dhalatus ogeessonni urjii lakkaa’an immoo ba’a biiftuutii
dhufanii ni sagadaniif, saanduqa isaanii bananiis harka fudha; Warqee, Ixaanaa
fi Qumbii kennaniif (Maat. 2:11). Gooftaan Iyyasuus Kiristoos mooraa loonii
keessatti dhalachuun isaa gad of qabuuf, isinis lafa kana irra yoo jiraattan
gad of qabaa jechuu barbaadeeti. Yeroo inni dhalatutti warra ergamootaas ta’e
kan tiksoonnis godhan, haati isaa Maariyaamiin dubbii kana garaatti qabatte, ni
qalbifatti turte (Luq. 2:19).
Guyyaa
dhaloota gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos akka biyya keenyaatti maqaa “Gannaa” yookiin “Qillee” jedhamuun yommuu waamamu, jechi kun kan argame afaan warreen
Girikootaarraa yommuu ta’u hiikaan isaa “dhaloota”,
“ifa” jechuu dha. Kana jechuunis
saba dukkana keessa jiraachaa ture ifa akka argate kan barsiisudha. Abbaan keenya Qulqulluun Efreemis “Saba dukkana
keessa jiraachaa turaniif ifti ba’eera” jechuun dubbateera (Galata Maariyaam Wiixata,
Dilbata, Luq. 2:32).
Gooftaan
samii fi lafaa ifa ta’uusaa sabni kiristaanaa yeroo fakkeenyaan barsiisuuf jala
bultii ayyaanichaa galgala xoowaafii fi shaamaa bobeessuun isaanii ati Waaqa
dhugaa ifa ifarraa argame, akka biiftuu lixee ifa hin banne mootummaan kee kan
yeroon hin daangofnedha jechuun Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos durbee
Maariyaamirraa dhalachuusaatiin addunyaa kanaaf fayyina bara baraa ilma
namaatiif kenneera.Hordoftoonni kiristaanaas guyya kana uffata adii uffachuun
haala ho’aan ayyaanicha miidhagsani kabaju.
Nuti
kiristaanonni maqaa Kiristoosiin kiristaanaa kan jedhamne hunduu yeroo ayyaanicha
kabajnu sirna maahileetii irratti argamnee Waaqa asiin nu gahe jireenya bara
baraaf nu kaadhimate galateeffachuun, qiddaaseerratti argamuun foon fi
dhiigasaa fudhachuun warreen dhukkubsattoota gaafachuun, warreen dadhaboo ta’an
deeggaruun, namoota mana sirreessaa keessa jiran gaafachuun hordoftoota fi
warreen saba hin amanne waliin jaalalaan ayyaanicha dabarsuun biyya keenyaafis
ta’e, mana kiristaanaa keenyaaf akka Waaqayyo nageenya kennu kadhachuu qabna
jechuun dhaamsa keenya maqaa Waaqayyootiin ni dhiyeessina.
Walumaagalatti
dhalachuun Waaqa keenya gooftaa keenya qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin
namoonni hubannoo qabaatan (godhatan) du’a irraa gara jireenyaatti ittiin cehuu
qabu. Ergamichi Waaqayyo irraa ergamee dhufe namootatti akka qorichi addunyaa Betaliheem
jiru missiraachoo himuun isaa kanaafidha.
Kanaafuu warri
dhukkubsanne fayyinee, warri dadhabne jajjabaannee biyya Waaqa keenyaa (mootummaa
Waaqayyoo) akka dhaalluuf gaarummaan Waaqayyoo, araarsummaan dubroo Maariyaamii
nurraa hin fagaatiin. Ameen!
“EGAA
HIN SODAATINAA QORICHI ADDUNYAA INNI KIRISTOOS ISINIIF DHALATEERA’OO” (LUQ.
2:10)
Kitaaboolee
Wabii:
1. Kitaaba Qulqulluu 81, Waldaa
Macaafa Qulqulluu, 2000 Finfinnee
2. Guutaa charuu (D/n)(2005). Fayyina
Ilmaa namaa kutaa 1ffaa.Mana maxxansa Far East Africa.Finfinnee.
3. Geetinnat
Fayyisaa(D/n) fi Margaa Hurrisaa(D/n)(2006). Bu’uura Amantaa Ortodoksii, Tawaahidoo. Mana maxxansa Millenium.Finfinnee.
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.