Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa
Tokkootiiin.Ameen!
“Ammuma
iyyuu garaa keessan guutuudhaan, soomuudhaan, boo’ichaan, gadduudhanis, gara
kootti deebi’a”(Iyu’el 2:12).
Seensa
Amantaan
dubbiin qofa kan ibsamu miti. Gochi wanuma
hundatti dabalamuu qaba malee. Duuka bu’aa Yaaqob “Amantiinis akkasuma hojii
gaariidhaan hin agarsiifamu yoo ta’e, inni ofii isaatii du’aa dha.”(Yaq 2:17) akkuma
jedhe amantaan gocharraa adda bahe kan du’e dha. Kanaaf immoo soomni fi kadhaan
iddoo guddaa kan qabanii fi kan gargar ba’uu hin dandeenyee dha. Abbootni keenya
inumaayyuu soomni fi kadhaan walii obboleewwani jedhu.
Abbootni
soomni kan eegalame yookaan Waaqayyo akka soomnuuf kan ilma namaa abboome duruma
yemmuu nama uumee jeennata Eden keessa Addaamiin teessisee booda
ija mukicha hamaa fi gaarii ittin beekan sana akka hin nyaanne yoo abboomu, iccitiin isaa
soomi jechuu akka ta’e ibsa, nyaanni
cubbuu hojjechuuf bu’uura akka ta’es nu
hubachiisa (Uma 2:16). Kanaaf midhaan maal rakkina qaba yoo nyaanne namoota
jedhaniif iji mukicha Addaam nyaate sunis maal rakkina qaba ree jedhamee
deebi’uu ka dandeessisuu dha. Haa ta’u malee Waaqayyo abbommii uumaa fi uumamaa
gidduu jiru ibsuuf nama jalqabaa kan ta’e Addaamiin abboome.
Soomni
madaa lubbuus gogsiti, ni fayyistis jedhu. Isaanis mi’a lolaa diina keenya
hamaa jinnii kan ittiin of irraa qolannuu dha. Kadhaan immoo haasawaa hafuura
nu’ii fi Waaqayyo giddutti godhamuudha, Waaqayyotti kan garaa keenyaa itti himannuu
fi kan ittin galateeffannuu dha. Hojiiwwan gurguddoo kana macaafni qulqulluun yeroo baay’ee ibsee jira. Kunis jiruu fi jireenya
kiristaanaa tokkoon gochawwan addaan hin bane dha. Soomni fi kadhaan seera
ittiin raawwatamanis qabu. Maaliif akka raawwataman eessatti akka raawwatanii fi
eenyu fa’aan akka raawwataman adda ba’ee sirriitti ibsuun barbaachisaa dha. Egaa
barreeffama kana keessaatti, gaaffiiwwan hedduu sammuu keessan keessa
deddeebi’aniif deebii ni argatu, ykn soomaa fi kadhaa ilaalchisee isuma beektan
sana ni cimsattu jennee amanna.Akkuma mata duree irratti ibsuuf yaalletti mata duree
lamatti adda baasuudhaan tokkoon tokkon isaanii hiikaaa fi yoom fa’a
raawwatamuu akka qaban gabaabsinee isiniif dhiheessinee jirra. Waaqayyo laphee
ittiin hubannu nuuf haa kennu. Ameen!
Soomaa.
Hiika
jecha sooma jedhu kana yoo ilaallu dimshaashumatti waa lama of keessatti qabatee argina. Inni tokkoo
sa’aatii murtaawee nyaataa fi gosa nyaata adda ta’e irraa of qusachuu of dhoowwuu
dha. kunis foon keenya dadhabsiisuudhaan hawwii foon keenyaa hawwii lubbuu keenyaaf
akka jilbiiffatamu gochuu jechuu dha. Gosa nyaataa yeroo soomaa hin nyaatamne
immoo gosa foonii, buuphaa fi aannanii
ti.Sababni isaas Faarsaa Daawiit “Jilboonni(humni) koo sooman dadhabe, foon
kootiis dhadhaa dhabuudhaan qallate”(Far 10/109:24) jechi jedhu waan jiruu fi.
Kunis gosa nyaataa qaaama Kenya haala gaaridhaan ijaaranii fi dallansanii gara
cubbuuti harkisan waan ta’aniif isaan nyaachuu irraa akka of qusannu hayyootni
(abbootni amantaa) 318 yaa’ii sadarkaa addunyaaratti ta’etti duruma irraa iyyuu tumanii jiru. Sa’aatii soomaan alatti
immoo baatii soomaa keessa nyaatuma foonii fi aannanii ykn buuphaa hin ta’in
irrayyuu sa’aatii murtaa’eeef of dhoowwuun barbaachisaa dha.
Hiikni
inni biraa ammo afaaniin badaa dubbachuurraa, ijaan badaa ilaalurraa, lukaan
iddoo gadhee oolurraa, guutummaa qaama keenya cubbuu irraa eegudha. Haa ta’u
malee yoo soomnu akka soomuun keenya nurratti beekamu taanee coolaguu hin
qabnu. Bara araaraa keessatti, gooftaa Iyyasuus Kiristoos erga lafa kana irra
deddeebi’ee barsiisee, deebi’ees gara mootummaa isaatti ol ba’e booda, manni kiristaanaa Ortodokksii
Tawaahidoo ishee jalqabaa dhiiga gooftaatiin hundeeffamtee akkuma taate duuka bu’ootni gooftaas hoogganaa
kan turan waan taateef seera soomaa duuka bu’oota irraa argatte ni qabdi. Haaluma
kanaanis amantaa Ortodoksii Keessatti sooma bakka lamatti hirtee barsiisfti. Isaaniis
sooma dhuunfa fi sooma labsiiti.
Sooma
Dhuunfaa: yoo jennu namni tokko
fedhii isaatiin osoo namni irratti hin beekiin kan soomu, gaaffii qabus yookan
immoo yaada adda ta’e kan sammuu isaa keessa jiru kadhaa wajjiin kan gooftaaf
dhiheessu dha. Wangeela irrattis soomni dhuunfaa kun akkasitti ibsamee jira
“Soomuu kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu
hunduma arguutti malee,namoota duratti akka hin muldhanne godhi!Abbaan kee inni
wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu immoo gatii siif ni kenna”(Mat6:18)
Sooma Labsii: Sooma
labsii yoo jennu kan kiristaanonni hundi irratti hirmaatan kan ifatti yoom akka
seenu yoom akka hiikkatus beekkamu, kan abbootni keenya tuman jechuudha. kunis
yeroo tokko gamtaan kan amantaa kiristaana Ortodoksii hordofu hundi kan irratti
qooda fudhataniidha. Isaanis akka amantaa ortodoksiitti lakkoofsan torba(7). Tokkoon
tokkoo isaanii maaliif akka soomaman akka armaan gadiitti gabaabbatee dhihaatee
jira.
1. Sooma Guddicha Goofta
Iyyasuus.
Soomni
Kun sooma guddicha jedhamuunis ni beekama. Sooma kana gooftaa Iyyasuus gadaamii(lafa
ona) Qorontoositti guyyaa 40 waan
soomeef isa fakkeenya godhachuudhaan
maatiin Waaqayyoo ni soomu.(Mat 4:1).Kan soomamus qamni keenya akka dadhabee
hammeenya hin yaadnee fi hin hojjenne, sa’aatii murtaa’eef midhaan nyaachuu fi
bishaan dhuguurraa yoo ta’u, hanga baatiin soomaa sun raawwatutti foonii fi
bu’aa foonii, aannani fi buuphaa nyaachuun gonkuma dhoorkadha.
Gooftaa
Iyyasuus guyyaa 40 soome, nuti immoo mana amataa Ortodoksiitti guyyaa 55 ta’ee
soomama, sababni isaas maal gaaffin jedhu jiraachuu danda’a. Sababni isaa waa
lama:
1. Sanbattan
lamaan guyyaa 40 keessa jiranitti bu’aa foonii irrayi malee bishaanii fi midhaan
irraa soomuun waan hin hin heeyyamaneef, sanbattan lamaan guyyaa 40 keessa jiru
walitti 15 waan ta’aniif isaan kana bakka buusuuf jedhameeti.
2. Sababni
inni biraa immoo sooma guyyaa 40 dura kan jiru torban jalqabaa ‘Hirqaal’
jedhamee kan itti ida’ameef seenaa fannoo Gooftaa Iyyasuusin wal qabata. Fannoon
gooftaa Faarsotaan fudhatamee waan tureef mootiin Biizaantaayiin fannoo
fudhatame sana deebisuuf Faarsitti waan duuleef kiristaanonni soomaan akka isa
yaadataniif waan ta’eef kan ajajame yoo ta’u, torban guyyaa 40 booda jiru inni
dhumaa ammoo Torban gadadoo (Himamaat) gooftaa
Iyyasus irratti ga’ee ture, qabamuu isaa, olii fi gadi deddeebi’uu isaa
dhumarrattis hanga guyyaa fannifamuu sanatti rakkoo irra ga’aa ture sana caalatti
yaadachuuf itti dabalame. Kanaaf bakka tokkotti guyyaa 55 ta’a jechuudha. Soomaa
xinneesutu rakkina qaba malee baay’isanii soomuun rakkoo hin qabu ni jaallatamas.
Wangeela
sirritti hubachuuf immoo torban saddeettan sooma guddicha keessa jiran maqaa
ofii kopha kophaatti qabu. Isaaniis seenaa Wangeela Keessatti hojjetame irraa
kan fudhatamaniidha
Dilbata Jalqabaa:
Hirqaal jedhama. Seena duratti kaasneen wal qabata.
Dilbata
Lammataa: Qulqulleettii jedhama. Waa’ee qulqullinaat ibsa,ittis
barsiifama waan ta’eef.
Dilbata Sadaffaa:
immoo Mukiraab jedhama, gooftaan mukraabitti barsiisuu isaa yaadachuufi.
Dilbata Afraffaan:
Matsaaguu jedhama, faarfannaan nama dhibame fayyisuu isaa dubbatu waan itti
dhagahamuufi dha. Gooftanis dhibamaa fayyisuu isaa ibsuufi.
Dilbata Shanaffaan:
Tulluu Ejersaa jedhama, tullu Ejersaa (debreziyitii) irratti barsiisu isaa
ibsuufi.
Dilbata Jahaffaan:
Immoo Gebreheer yookaan tajaajilaa (hojjetaa) amanamaa jedhama, waa’ee
amanamummaa ibsa. Wangeela irrayis seenaa akkanaatau dubifama torban sanatti.
Dilbata Torbaffaan:
Niiqoodimoos jedhama, namni Niqoodimoos jedhamu halkan halkan gara gooftaa dhufeet barachuu
isaa faarfannaan itti dhagahamu waan ta’eef,
Dilbata Saddettaffaan:
Immoo Hosaa’inaa jedhama, gooftaan bukarrii harree irra taa’ee Hosa’inaa Ariyaamitti
jedhamee gara mana qulqullummaa kan itti
galeedha.
Torban
isa dhumaa kana keessaa kadhaa(Irbaata) kamisaa kan jedhu guyyaan kamisaaa ni
jira, gooftaan guyyaa irbaata duuka bu’oota wajjin nyaate dha.(barreeffama
iccitii utubaawwan shananii jedhu ilaali). Guyyaan Jimaataa ammo guyyaa
gooftaan itti fannifameedha.
2. Sooma Duuka Bu’oota:
Kun
immoo erga soomni gooftaa hiikkatee booda guyyaa 50 barii irraa eegalee hanga Adoolessa
5 tti soomama. Sooma Waxabajjii jedhamees beekama. Duuka bu’ootni gooftaa erga
Hafuura Qulqulluun guutamanii booda gara wangeela lallabuu osoo hin deemin dura,
gooftaan akka lallabbii wangeelaa isaanii eebisuuf fi isaan jajjabeessuuf kan
soomaniidha. Qulqulluu Phawulosis “hojjetoota waaqayyoo ta’uu keenyas
agarsiisudhaaf baay’ee ni obsina,ni rakkanna,gidiratti,mudamattis ni galla,ni
reebamna,ni hidhamna,hirriba ni dhabna ,ni soomna” (2Qor 6:4) jedheera.
3. Sooma Filchataa (Maariyaamii
): Soomni kun giiftiin
teenya dubroo Maariyaamin akkuma ilma
ishii du’aa kaatee Iyyeruusaalem ishee haaraa seente jennee amanna kanaaf
soomna. Fakkeenya Iyyeruusaaleem ishee haaraa kan godhannus kanaafi.
Kan soomamus yeroo mara Hagayya 1 hanga
Hagayya 15 yoo ta’u Hagayya 16 immoo soomichi ni hiikkata. Dubroo maariyaamiin
kan booqatte Amajjii 21 yoo ta’u duuka bu’ootni gara Geetesemaanii foon ishee
awwaaluu yoo deeman Yihudoonni itti hinaafanii addan bittinsan. Yeroo kana
ergamoonni foon Maariyaamii fuudhanii gara balbala jennata jala teessisan. Baatii
8 booda duuka bu’ootni Waaqa kadhatanii akkamitti osoo foon ishii hin awwaaliin
jedhanii baaayyee xiiqa’anii Waaqayyo kadhaatan.Yemmus gooftaan kadhaa isaanii
dhagahee, foon ishee balbaala jeennataa (Genet) jala jiru sana kenneefii
kabajaanii fi kadhaadhaan awwaalan.
Sirna
awwaala sana irratti duuka bu’oota 12 keessaa Toomaas wangeela lallabuu waan
deemeef hin turre. Toomaas Wangeela lallabee yommuu deebi’u, isheen immoo
akkuma ilma ishii erga awwaalamtee, guyyaa sadi booda du’aa kaatee yoo ol baatu
innii immoo wangeela lallabee gara Yeruusalemitti duumessa yaabbatee yoo dhufu
karaatti walitti dhufan. Ol ba’uu ishee duuka bu’ootni biroo quba hin qaban
ture. Innnis yemmuu kana baay’ee gadde, ni na’es,sababni isaas akkuma Wangeela
irratti barreefame duraa du’aa ka’uu gooftaa fi akka duuka bu’ootatti
muldhate hin agarre, isaaniis gooftaa Iyyasuus agarree jedhanii itti himnaan, harka
isa sibiilli ure, qaama isaas argu malee mamee isin hin amanu jedheenii
ture(Yoh 20:24).Innis ammas akkanuma mamiinsa koo sana Waaqayyo natti lakkaa’ee
kan du’aa ka’uu haadha isaas natti agarsiisuu
dide jedheet ture. Yeroo kana si malee du’aa ka’uu koo kana namni arge hin jiru
jettee tasgabbeessite, hinumaayyuu, wabiif akka ta’uuf immoo kafanii itiin kafanamte
kenniteef.
Innis
yeroo duuka bu’oota bira ga’u dubroo Maariyaamiin akkam taate jedhee isaan
gaafannaan “Bar awwaalle” jedhanii itti himani.
Toomasis
lakki anis waanuma keessan dhagahuuf malee du’aa kaatee yeroo ol baatu arge jedhee
itti hime.Kafanichas itti agarsiise. Waaggaatti immoo isaanis du’aa ka’uu ishee
Toomas argee nu qofa hin argin hafne jechuudhaan soomaa torban lamaa qabatan. Isaanis
heeyyama waaqaa ta’ee du’aa ka’uu isaanii guyyaa 16 iratti, yeroo lammataaf akka
haaraatti ni argan, sanarraa kan ka’e hanga ammaatti manni kiristaanaa keenya hordoftoonni
amantaa Ortodoksii akka sooman ni ajajji.
4. Sooma Gannaa(Raajotaa): Soomni
kun Sadaasa 15 kan eegalu yoo ta’u hanga Muddee 28/29 (hanga guyyaa Iyyasuus Kiristoos
dhalatutti soomama). Sababni isaas raajootni gooftaa Iyyasuus ni dhalata
jedhanii hawwii guddaadhaan kan eegaa turan waan ta’eef gooftaa Sooman ofitti
fudhachuu qabna jechuudhaan kan soomamuudha.
5. Sooma Gaadii (Ifa
ba’uu): Soomana kana jala bultii guyyaa cuuphaati soomna.
kunis ifa ba’uu gooftaa ibsuuf yookan yaadachuuf. Guyyaa tokko qofa soomama. Namoonni
sooma gannaa osoo hin soomin hafanis ammo guyyaa tokko jalabultii gannaa gaadi
jedhanii ni soomu.
6. Sooma Nanawee: Soomni kunis guyyaa
sadi kan soomamu yoo ta’u, akka seenaan isaa kitaaba qulqulluu irratti
barraa’etti biyya Nanawee jedhamtu cubbuun namootaa bay’achuu irraa kan ka’e ibiddi
balleessuuf kaanaan Waaqayyoon raajii Yoonaas ergee akka guyyaa sadii fi halkan
sadi mootii fi lowwan dabalate akka soomanii waaqayyo araara gaafatan kan itti godhame
(Yonas 2:7) .Waaqa kadhatan godhee nutis isa yaadachuuf ni soomna.
7. Sooma Fayyinaa (Roobii fi Jimaataa):
kun immoo guyyoota ayyaana 50 irraa kan hafe , ji’a hunda keessa guyyaa
Jimaataa fi Roobii ni soomama, sababni isaas Roobiin guyyaa gooftaa Iyyasuus
itti qabame yoo ta’u , Jimaatni ammo guyyaa inni itti fannifame waan ta’uuf sana yaadachuuf soomna.
Egaa
soomni amantaa ortodoksii Keessatti soomamu torban kan arman olitti
ibsamaniidha. Soomni lubbuf qofa osoo hin taane, fooniifiis faayidaa guddaa
akka qabu saayintistoonni yeroo ammaa baldhinaan himaa jiru. , fakkeenyaaf
dhibeewwan yeroo amma baay’ee nama rakkisan, kan akka baay’achuu dhiigaa fi kan
kaansariin, baay’ina nyaata irraa waan dhufaniif foon keenyas yoo soomne
mardhimaan keenyas boqonna waan argatuuf dhibeedhaan hin hubamnu.Umurii dheeraa
jiraachuufis soomni iddoo guddaa akka qabu ni himama. Manaa Ortodoksii warra
bahaattis soomni kabajamaa fi jaallatamaadha.
Akkamitti soomama?
“Yeroo dhuma soomtanitti
immoo akka warra of agarsiiftuu,nyaara keessan hin guurinaa,isaan soomuun
isaanii namootatti akka muldhatuttu fuula isaanii ni boosomsu” (Mat 6:16)
Ati garuu yeroodhuma
soomtutti,mataa kee dibadhu,fuula kees dhiqadhu”Mat (6;17)”
Baatii
soomaa keessa kan hidhame gadhiisisuu , kan dhukkubsatee siree irra jiruufis gaafachuu
,Waaqa kadhachuufiin barbaachisaa dha .Ammas sooma yoo jennu, Afaan keenya
badaa dubbachuu irraa, ijji keenya yaraa ilaaluu irraa, lukti keenya bakka
gadhee ooluu irraa, harki keenya dhiiga dhangalaasuu irraa fi hojiiwwan
jibbaman hunda irraa of qusachuu jechuudha.Akkuma barraa’e
“Soomiin
ani foo’adhe, warra firdii jaldhaadhan hidhaman hiikuu, hudhaa wanjoo itti
furuu, Warra cunqurfaman luba baasuu, waanjoo hundumas isaan irraa caccabsuu mitii
ree? Buddeena keessan warra beela’aniif, hiyyeessa olii fi gadi jooruuf iddoo bultii
kennuu, isa qullaa ta’e yemmuu argitan daara baasuu, warra aantii keessan
ta’anitti dugda gatuu dhiisuu mitii ree? Yoo kana hunduma gootaniif ifni
keessan akka biiftuu ganamaa ol ni ba’a.Madaan keessanis dafee deebi’ee ni
fayya."(Macaafa Isaayyas Raajichaa 58:6)
kadhaa
kadhaa
fi soomni oboleewwan waliiti jedhu abbootni keenya akkuma kanaa olitti ibsine. Kadhaan
haasawaa nuti Waaqayyoon waliin taasifnuudha. Waan garaan keenya barbaadus kan
Waaqatti himannee irraa argannuudha. Kadhaan akka Ortodoksii Tawaahidootti
seeraa fi sa’aatii itti kadhatmus qaba. Kadhaan yeroo hunda dursee galataan
jalqabamuuu qaba. Dursa kan hardhaan si ga’e galateeffattee Waaqayyoof galata
dhiheessuu qabda. Sana booda araara kadhata, dabalataanis obboleewwaniif,
biyyaaf akkasumas namoota kadhaa keessaniin nu yaadadhaa jedhan hunda
yaadachuun barbaachisaa dha.
Kadhaa
keenya yeroo hundaas akkuma gooftaa Iyyasuus nu barsiise kadhaa Abbaa keenya samiirra kan jiraattu isa jedhu
sanaan jalqabmnee isaan xumurra. Isas yeroo hunda irra deddeebine kadhachuu qabna.
(Mat 6:9),(Luq 11:2).
Sa’aatii kadhannaa.
Namni
yeroo hunda sa’aatii 24 akka Waaqayyoon yadachuun barbaachisaadha. Haa ta’u
malee kana gochuun namootaaf waan ulfaatuf, akkuma humna isaanitti
galateeffatu. Fakkeenyaaf gadaamii keessatti sa’aatii 24 abbootni galateeffatan
ni jiru, seerri abbootni barreessan immo akka jedhu: namni immoo danda’u guyyaa
keesatti sa’aatii 24 ykn guyyatti yeroo torba ykn yeroo sadi yoo gamteef immoo
guyyatti yeroo tokko dheeressee Waaqayyoon kadhachuu akka qabu seerri
tumameera.
Mee
kadhata sa’aatii baka torbatti adda qoodame haa ilaallu. Maaliif saa’aatii
sanatti akka kadhatamus haa hubannu.
1. Barraaqa:
Yoo hirriibaa kaanu, sa’aatii gooftaan himatamee Philaaxoos fuuldura dhaabbatee
(Mat27:1) waan ta’eef, waan nagaan nu bulcheef fi kan biros jiru.
2. Sa’aatii 3itti:
Gooftaan Philaaxos fuuldurat kan reebame(Yoh 19:1) waan ta’eef isa yaadachaa
kadhachuu qabna
3. Sa’aatii Jahatti:
Sa’aatii gooftaa Iyyasuus itti fannisanii waynii hadhaawaa obaasanii dha(Yoh
19:14)
4. Sa’aatii Sagalitti:
Gooftan lubbuu isaa fooniin kan adda baasedha, sa’aatii itti fannoo irratti
du’e dha(Mat 27:46)
5. Sa’aatii 11 itti:
Kun sa’aatii foon gooftaa Iyyasuus gara boolla awwaalaa itti seene dha.(Mat
27:57)
6. Galagala sa’aatii hirribaa:
(Gooftaa Iyyasuus Geetesemaniitii kan itti kadhatee dha, Yihudoonnis gara
Yihuudaatiin qabaniiru (Mat 26:38)
7. Halkan qixxee:
(Hojii duuka bu’ootaa (Mat 16:25) Kun sa’aatii gooftaan itti dhalate, du’aa
sa’aatii itti ka’ee fi ardii fi samii dabarsuuf sa’aatii itti deebisee dhufu
dha waan ta’eef sa’aatii kanatti kadhachuun barbaachisaa dha. Faarsaa Daawitis
“Halkan maqaa kee nan yaadadha” jedha Far (119:55)
Namni
kana godhuu dadhabe garuu guyyatti yeroo sadi: ganama yoo hirriibaa ka’u guyyaa
sa’aatii jahattii fi galgala hirribarratti tti Waaqayyo yaadachuun
barbaachisaadha
Amms
namni kana gochuu dadhabe yoo dhoowwe guyyatti yeroo tokko galgala ykn ganama
yeroo tokko bataskaana dhaqee kadhachuun bartbaachisaa akka ta’e seerri tumamee
jira.
Gamtaadhaan
immoo kadhaa qiddaasee irratti, kadhaa irratti ganama barraaqa kidaanii(Waadaa),
kadhaa gara galgalaa irratti(serk), kadhaa halkan guutuu(Mahleet), kadhaa
yeroowwanii(Se’ataat) hirmaachuun barbaachisaadha. Manni amantaa Ortodoksii kadhaa
nama du’ee iratti godhamu, kadhaa namoota dhibamanii,kadhaa takliilii fi kan
biros ni qabdi.
Yeroo
maaddiin dhihaatees, eega maaddiin kaa’ees boodaa kiristaanni akka Waaqayyoof
galata dhiheessu ajajameera.
Kitaabota
kadhaaf nu gargaaran keessaa faarfannaa Daawiit, galata Mariyaam Malkaa
Iyysessu fi Malkaa Maariyaamitti akkasuma kan birootti fayyadamuu qabna.
Torbanitti
dilbata ganama Qiddaase dhaquun dirqama dha.Mana keenya irras bataskaana
dhaqnee kadhachuu qabna malee jecha dadhabdootaa qabannee siree irrattis Waaqayyo nu dhagaha jechuudhaan
hojii hafuuraa irratti dadhabaa ta’uu hin qabnu.
Guduunfaa
Barreefama
kana Keessatti waa’ee soomaa fi kadhannaa baay’ee gabaabsineet dhiheessine
malee waa baa’yee kaasuun ni danda’ama.Ka’uumsaaf garuu bu’uurri jiru
kanuma.Fakkeenyaaf waa’ee sooma habaaboo(Tsiggee) hin kaafne,inni abboomamee
osoo hin taane,fedhii ofiitiin kan soomamuu dha.Waa’ee akkanaa kana immoo
baatii isaa eeggannee dhiheessina.Dubbisaa ,jechootni dogongora qaban yoo
jiraatan nu hoofkalchaa, ergaadhaan dafnee akka sirreessinu nuti himaa.Hunduma
ol immoo kadhaa keessaniin nu yaada dhaa.Kakaasee kan nu
jalqabsiise,jalqabsiisee kan nu xumursiise,maqaan gooftaa Iyyasuus haa
ulfaatu.Kadhaan haadha keenyaa fi qulqulloota hundaa nu faana haa ta’u.Ameen!
Hagayya,
2004A.l.I
Kitaabota Wabii
1.
Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa,
Finfinnee
2.
Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Haimanot,
Finfinne
3.
Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan
Amaaraatiin kan Qophaa’e.
4.
Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan
Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame.
5.
Barreeffamoota gara, garaa fi barnoota abbootaa irraa, kan guyyaa ayyaanaa, barnoota
Awude-Mihretii irraa)
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.