“koottaa gara Waaqayyoot deebinaa.”
Hos 6:1
Maqaa
Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin!Ameen.
Ibsa
Akka
fedhii Waaqayyootiin barreeffamoota seeraa fi danbii amantaa ortodoksii
keessatti beekuuf dursaan kennamuuf fi hordoftooota amantaa bira ga’uu qaban afaan
Oromootiin qopheessudhaan toora interneetii irratti maxxansuudhaan namootni
carraa interneetii irra dubbisuu qaban hundi akka sagalee Waaqayyoo dhagahaniif
hanga tokkoon xinnaatuus qopheesssuu irratti argamna. Kunis kan barbaachiseef dharraa
namootni baayyeen afaan Oromootiin wangeela barachuu qaban arguudhaan yoo ta’uu
fi hirdhina gama kanaan jiru akka milkii gaaritti fudhachuudhaan shakkitoonni
barnoota sobaa baay’ee dogongorsiisa ta’e dabarsaa waan jiraniifi dha. Kanumanis
hanga ammaattii biloogii keenya irratti barreeffamoota afur qopheessinee
biloogii irratti kan maxxansine yoo ta’u, kunoo ammas akka fedhii Waaqayyootti
barreeffama shanaffaa kan ta’e “Jireenya gaabbii” mata duree
jedhuun qopheessuun dhiheessinee jirra. Fuulduraafis akka heeyyama Waaqayyootti
kitaabota hedduu mataa duree gara garaa irratti afaan oromootti hiikuu fi qopheessudhaan
maatii Waaqayyoo bira akka ga’aniifis carraaqii eegallee jirra.
Namoota
hanga ammaatti tajaajilli akkanaa kun afaan oromootiin jiraacchuu isaatti
gammaddanii yaadan nu deeggartanii duuboo nuuf kennitan isin galateeffachaa,
ammas kunoo barreeffamni tokko si’uma tokkotti dogongora xixinnoo irraa bilisa
waan hin taaneef , dogongora yoo jiraate akka sirreessinuuf yaada fi kadhaadhaan nu faana ta’aa isiniin
jenna. Yaada qabdanis teessoo email keenyaatiin nuuf barreessa.Namootni sagantaan
akkanaa kun hanga dhumaatti osoo addaan hin ciccitin karaa hundumaanuu deeggaruu
barbaaddaniifis karri banaadha. Dhaamsi keenyaas koottaati waliin umurii Waaaqayyo
nuuf kenne gabaabduu kana keessatti, waliin tajaajila hafuuraa kenninee waliin
eebbifamna, akka seera Ortodoksii Tawaahidoottis ni jiraanna kan
jedhuudha.Waaqayyo nu haa gargaaru.
Kiristanummaan amantaa araara fi jaalalaati.
Wangeelli mana kirstaanaa keessatti lallabamus kan gara laafummaa Waaqayyoo
ibsu,kan araara waaqayyoo ibsuu fi kan hojiin cubbuu namni hojjete akka irra haqamu
himaniidha. Jireenyi gaabbii mana
Jireenya Gaabbii
Jireenya
gaabbii jechuun namni tokko hojii yaraa Waaqayyoon biratti
jibbamaa ta’e hojjechaa yoo ture,
booda hojiin sun sirrii akka hin taane laphee
isaa guutuudhaan hubatee lammata hojii sanatti akka hin deebineef yakka isa
darbe sanatti gaddaa balaaleffachaa,
humna Waaqayyootiin waan badaa irraa of dhoowwanii jiraachuu jechuudha. kan
hatu yoo hanna dhiise, kan hin soomne yoo ta’e some,Kan weelisu weellii dhiisee yoo
faarfate,kan machaa’us dhugaatii dhiisee yoo akka abboommii Waaqayyootti bule, kan
namaaf hin naane yoo na maaf nahe, waluma galatti abboommii kurnan cabsee hojii
yakka hojjechaa ture sana irraa deebi’uu fi seera ba’eef ,Waaqayyoof amanamaa ta’anii
jiraachuu jechuudha.
Ilmi namaa jiruun isaa cubbuun kan
guutameedha. Yaadni isaas, hojiin isaas kan Waaqayyoon mufachiisudha.Yeroo
tokko tokko bakka Qulqullummaa dhaqee qaama saa ni qulquleessa,hojii gaariis
hojjetee ni eebbifama.Battalumattis immoo deebi’ee cubbudhaan dhoqqaa’a,galaana
cubbuutiis ni daaka.Kuni amaluma ilma namaati. Kanas nama isa jalqabaa kan ture
Addaam irra hubachuun ni danda’ama.Innis amallli dhala namaa dadhabaa ta’uu
isaa kan agarsiisudha. Haa t’u malee kaayyoon gooftaa kaayyoo jaalalaa waan
ta’eef yeroo maraa “Isin kan ba’aan isinitti baay’ate koottaa gara koo anis haara galfiin
isiniif kenna,isinin bayyanachiisa”
jechuudhaan yeroo hunda akka gara isaa deebinu nu waama.
cubbuu
isaanii irraa yis ni dhiqa, namni Waaqayyo cubbuu irraa dhiqe immoo cabbii irra addaata, qullaa’as. Namni gaabbe gara
Waaqayyoo yoo deebi’e Waaqayyo immooo hojii isa darbee sana itti hin lakkaawu, ni
irraanfataaf .Inni yeroo hunda ijoollee isaa ija jaalalaaln ilaala waan ta’eef.
Waaqayyoo cubbuu jibba malee nama cubbuu isaatti gaddee ijaa isaa keessa ilaalu
hin jibbu. Luqqisniwwanii fi seenawaan Wangeelaa irratti barraa’an hundinuu
kanuma dhugaa ba’u. Mata duree kana keessatti kitaaba qulqulluu irraa fi
kitaabota Ortodoksiin fudhattu irraa barreeffamoota
jireenya gaabbiitiifi fakkenya ta’anii nu barsiisuu danda’an muraasa fudhannee isiinii dhiheessina. Waaqayyo
nu haa gargaaru.
Gaabbiin
kan eegalame nama isaa duraa abbaa hunda keenya kan ta’e Addaam irrayi.
Waaqayyo erga jeennata?(Genet) keessatti isa galchee booda waan hunda irratti
ol aantummaa kenneefii, akka bitus,akka bulchus erga godhee booda,ija muka tokko kan badaa fi
tolaa beeksiftu qofa hin nyaatin yoo isa nyaate du’a bara baraa ni duuta
jedheen. Haa ta’u malee Addamii fi Hewaan abboommii sana dubbii sobaa bofaatiin
gowwoomanii erga nyaatanii booda jeennata keessa ari’amaniiru. Lafa kana
irrattis dafqanii haa nyaatan jedhamanii,akkuma Waaqayyo dura ittiin jedhe
duuti du’aa irratti murtooftee turte.(Uma 3:1) Addaamii fi Hewaan garuu gaabbii
wal irraa hin cinneen Waaqayyoon kadhatanii, dhalootaa isaanii hundaaf Waaqayyo
akka araarameefi, waggaa 5500 booda dhalachuun ,akkasumas fannifamuun goofta Iyyasuusis
sababni isaa gaabbii fi boo’icha Addaamii Hewaan akka ta’e ni hubanna.
Isatti
aansees raajotni Waaqayyon maqaa isaanii ol qabee ,filate illee dogongora irraa
bilisa hin taane. Fakkeenyaaf ‘akka laphee Waaqayyoo’ nama ta’e kan jedhame
Faarsaan Daawiit hojii
cubbuu hojjetee, haadha mana Ooriyoon Bersaabeh jedhamtu akka saame, abbaan
warra ishees iddoo lolaatti akka ajjesamu akka godhe barraa’era(2 Samu’eel
boqonnaa 11). Haa ta’u malee booda Daawiit booyee hirqee araara Waaqayyo akka
argates kakuu moofaa keessatti barraa’eera.Nutis barachuu kan qabnu,balleessaa
isaanii irra booyanii,gaabbanii araara argachuu isaanii irraayi.
Qulqulluu
Phaawuloosis, maqaan isaa duraa Saa’ool ture. Nama kiristaanota ajjeesuuf,godaansuufi
gidiraa itti baay’isuuf heeyyama
baafate baldhinaan socha’aa turee dha(Hojii
duuka bu’ootaa boqonnaa 9). Gooftaan garuu seenaa isaa jijjiiree, booda ‘mi’a
qulqulluu’ jedheeniira. Phaawuloos ergaa 14 ta’anis barreessee jira.Cubbuu fi hojii abaaramaa yoo
hojjetan battalumatti gaabbuus seenaa Pheexroos irraa ni baranna.(Mat 26:69). Innis
yemmuu gooftaa Iyyasuus fannifamuuf ta’u
wajjiin ture,haa ta’u malee isas akka hin ajjeefne waan sodaateef sodaatee “beekta
nama kana?” jedhanii gaafannaan “hin beeku” jedhee yeroo sadi irra deddeebi’ee sa’aatii
sanaaf qofa laphee isaatti osoo beeku ni gane.Gooftaa Iyyasuusis osoo
handaaqqoon hin iyyin yeroo sadi na ganta jecha jedheen sana yaadatee gadi
ba’ee bo’icha baayyee hadhaawa ta’e
booyee, sa’aatii sanatti gooftaa ganuu isaatti gaabbee deebisees araarameera. Pheexroos
nama aangoo guddaa gooftaa Iyyasuus irraa argateedha. “Banaa mootummaa waaqaa siifan
kenna,waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa ni ta’a, waanumti
ati lafa irratti hiikte ammo waaqa irratttis hiikama ni ta’a”(Mat
16:19) jedhamee aangoo guddaan kennameefii jira. Aangoon isaaf kenname kun
kunoo hardha luboota harkattis ni argama.
Seeenaawwan
kana akka wabiitti fudhanne malee seenaan wal fakkaatan kan biros baay’ee
dha.Nutis nama, abboota keenyaaniis addaan hin jirru, isaanirras jabina hin
qabnu, yakki nu hojjennus kan isanii olii
yoo ta’e malee isaanii gadi ta’uu hin malu. Isaan illee araara Waaqayyo
argataniiru.Nutis Waaqayyo akka namaa miti hojii keenya saaqee namootatti hin
muldhisne malee silaa dhaabbannee deemuudha ni qaanofna ture. Kanaaf jireenyi
gaabbii nu barbaachisa.
Yoo
gaabbinus cubbuu yoo hojjennu itti hin
qaanofne sana lubatti himuu akka qabnus kitaaba qulqulluu irraa ni arganna.
Faarfannaa 32:5 “ ‘Yommuus ani cubbuu koo sitti nan himadhe, yakka
koos ani hin dhoksine, ani irra daddarbaa koo Waaqayyotti nan himadha’ nan
jedhe, ati immoo yakka cubbuu kootiif anatti murame anaaf dhiifte.”
Jireeny
gaabbii fi seerri gaabbii fudhachuu amantaa Ortodoksii keessatti akkamitti
raawwatama? Kan jedhuuf immo akka armaan gadiitti gabaabbatee dhihaateera.
Cubbuu ofii lubatti Himachuun Barbaachisaa
dha.
Kan
cubbuuf dhiifama argamsiisu Waaqayyo tokkicha akka ta’e hunduu ni beeka.Haa
ta’u malee gooftaa Iyyasuus aangoo lubootaaf keenne sana ka’uumsa
godhachuudhaan namni gaabbii seenu abbaa gaabbii isaatiin ni mari’ata.Ittis ni
himata. Kunis Kitaaba Qulqulluu wabii godhachuudhaani. Phaaphasiin Iskindiriyaa
Qulqulluu Atinaatiwoos lubootan “Yaa luboota, isin ija Waaqayyooti’ jedheenira.
Kitaaba Qulqulluu irraa ,luqqisawwan aangoo lubaa ibsanii fi cubbuu lubatti
himachuu ibsan akka armaan gadiitti fakkeenya xinnoo kaasnee ilaalla.
Lubatti
cubbuu himachuun kakuu moofaa fi kakuu haaraa keessattis barraa’eera (Seera
lewwotaa 4:20). Wangeela Yohaannis irrattis akkana jedhamee barraa’ee jira “cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun
isaanii isaaniif dhifameera, cubbu isaanitii kan isin hin hiiknes, cubbuu
isaanitiin hidhamaniiru” (Yoh 20:22).
Lubni
namni cubbuu hojjete dadhabaa ta’e tokko akka abdii hin kutanneef kan jajjabeessu, seerri
Waaqayyoo maal akka jedhu kan ijoollee gaabbii isaatti himu yoo ta’u,cubbuu namni
itti himate sanaafis Waaqa kadhaa isaa keessaatti ni yaadata, Waaqayyoofis ni beeksisa. Akka
gaabbii isaattis hojii araarara argamsiisu kenneefii yoo fixe boodaa akkkuma kitaabni
qulqullun jedhu hidhaa isaanirra ni hiika, Waaqayyos ni araaramaafi.
Yemmuu
gaabbinu dhugumaan laphee keenya irraa gadduu, mararamu, gaabbuu fi boo’uun barbaachisaaadha.
Sagadaa fi imimmaaninis ,soomaaniis Waaqayyo akka nuuf araaramu gaafachuun barbaachisaa dha. Kanas dubbii kitaaba
qulqulluu irraa ni hubanna.
“Ani
aaduu kootiin dadhabeera, halkanuma dhuftu boo’uu kootiin siree koo nan
tortorsa, iddoo ciisicha koo irras imimmaan nan lolaasa.” (Far 6:6)
Gaabbiin
nama yakkee akka nama hin yakkinee,nama
sagaagaltuus akka nama qeerroo(dubraas) ni gooti, jedhu abbootni keenya.
Ø Goofta Iyyasuus Wangeelarratti
cubbuu lubatti himachuu ajajeera:
Iyyasuus
namicha lamxaa’aa erga fayyisee booda “Dhaqii
luba of ilaalchisi, fayyuun kee, hundumatti haa muldhatuuf akka Muuseen
abboometti kennaa kee dhi’eessi ittiin jedhe.”(Mat 8:2, Mar1:42). Egaa as irratti fayyisaan goooftaa Iyyasuus
ta’us, aangoo lubootaaf kenne sana hin diigne, inni waan dubbate hin oolchu
(hin hanbisu) waan ta’eef. Kanaaf erga lamxii irraa fayyisee booda luba bira
dhaqi kan jedheen malee,lakkii fayyitee jirtaa si ga’e hin jenne. Kanaaf
dubbistoota! Dubbii kana qalbeeffadhaa.Namootni wangeelli hin galleef tokko
tokko lubatti cubbuu himachuun hin barbaachisu,hojii Waaqaa keessa harka
seensisuudha waan jedhaniif, ibsa
wangeelaa kana itti himuun barbaachisaa dha.
Laga
Yoordaanositti Yemmuu Yohaannis cuuphu namootni cuuphamanis cubbuu isaanii himachaati ture kan
cuuphaman
“Isaan
kun cubbuu isaanii himachaa laga Yordaanositti isa of ni cuuphsisu turan” (Mat
3:6).
Wangeela
Luqaas 17:14 namootni 10 kan lamxiin qabe erga maaree(fayyisee), lamxii irraa qulleessee
booda, dhaqaatii luba of illaalchisaa
jedheenii jira. Kana immoo ‘anuu isin qulleesse Luba bira dhaquu hin qabdan’hin jenne. Haa
ta’u malee kadhaa isaaniitiin Waaqayyorraa waada galeef santu nu hiika malee
isaantu nu hiika jechuu miti, kun kabaja lubootaa ibsuufi. Hiikuufi hidhuun
hojii Waaqayyooti. Isaanis Waaqayyo isin haa hiiku jedhu malee ani isin hiikee
hin jedhan. Mee waamicha Waaqayyoo akka gara isaatti deebinuuf godhu haa ilaallu:
KOOTTAA GARA WAAQAYYOOT DEEBINAA
Kitaaba
qulqulluu irratti Waaqayyoo gara isaa akka deebinuuf waamicha wal irraa hin
cinne gara raajota isaatiin namootaaf ni dabarsa. Waaqayyo afaan raajicha
Hooseetiin akkanatti nu waama.
“Koottaa
gara Waaqayyootti ni deebinaa, isatu nu cabse, isatu nu fayyisa, isatu rukutee
nu madeesse, isatus deebisee nu supha(nuuf hidha). Macaafa Hos’ee Raajichaa 6:1
Kitaaba
Iyyu’el raajichaa irrattis Waaqayyo garuu garaa keessan guutuudhaan, soomaan, boo’ichaan,
gadduudhaanis gara kootti deebi’aa jedha.
“Egaa
laphee keessan tarsaasaa malee uffata keessan hin tarsaasinaa, gara
Waaqayyoo gooftaa keessaniitti deebi’aa,
inni araara qabeessa fi oo’a qabeesssa waan ta’eef dheekkamsatti hin ariifatu, gaarummaan
isaas baay’eedha,wanta hamaa namatti erguu irras of ni qusata.” Macaafa
Iyyu’eel(Yoo’el) raajichaa 2:12
kitaaba
Isaayyaasi irrattis waa’ee gaabbii akka arman gadiitti dubbatameera.
“Koottaa
mee walii wajjin dhugaa ni baafnaa,cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin
diimesse iyyuu,akka cabbii ni addaattuu,diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka
jibrii iddamaa adii ni taatu.”(Isa 1:18).
Garuu
yeroo hunda, hannaan, ejjuudhaan, waaqarkee(xaa’ot) amanuudhaan, obboleessa
mufachiisudhaan umuri keenya guutuu fixna taanaan, osoo kana beeknuu akkasuman
mana kiristaanaa(bataskaana) tti deddeebina taanaan Waaqayyo hin jaalatu , nu
gaafata akkas jedhees nu komata:
“Isin
mana qulqullummaa isa koo kana mana hattuu seetan moo?kunoo ani waan isin
gootan argeera”.(Ermiyaas 7:11)
Namni
cubbuu hojjetu,akkuma cubbuu hojjetu sanaan itti citee hafuu hin qabu.kan kufe
deebi’uu qaba.Tolaan yeroo torba ni kufa,yerooo torbas ni ka’a jedhame akkuma
barra’e.Waaqayyo gooftaan akkas jedha
“Namni
yoo kufe hin ka’uuree? Yoo karaa irra ce’es dafee karaatti hin deebi’uu ree?” Ermiyaas
8:4
Jireenya gaabbii
jiraachuuf maal gochuu qabna?
Namni
hunduu osoo cubbuu irraa fagaatee qulqullaa’ee jiraatee kan jibbu hin jiru,haa
ta’u malee fedhiin foonii waan baa’yatuuf hawiin kun yeroo baayyee yoo dhugaa
ta’u hin agarru. Kanaafis cubbuu irratti cubbuun baayyachaa yoo deeme, booda
irra abdii kutateet gonkuma hojii cubbuutti lixa. Kun akka hin taaneef immoo
jireenya gaabbii jiraachuuf qabxiiwwan armaan gadiitti ka’an akka fakkeenyaatti
fudhachuun ni danda’ama.
1. Guyyaa du’a kee
yaadadhu.
Abbootni
keenya Kiristaanni sanbataa kabajuu fi guyyaa du’a isaa yaadachuu qabu jedhu.Namni
yeroo mara du’a isaa yaadatu,cubbuu hojjechuu irraa of dhoowwa, foon ofii
qofaaf hin ta’in lubbuu ofiitiifis yaaduu eegalu. Kitaaba irrattis akka armaan
gadiitti barraa’ee jira.
“Guyyaa
itti duutan yaadadhaa, lubbuun keessan foon keessan irraa yeroo adda baatu, horii
keessan hundaa nama biraaf yeroo dhiiftan, gara isin hin beeknes yoo
fudhatamtan, rakkoo fi gadaddoo isinitti dhufuuf jirtu yaadadhaa”. (3Maqabiyaan
6:1)
2. Kitaaba Qulqulluu yeroo hunda dubbisuu
Kitaaba
qulqulluu baay’istee yoo dubbiste Waaqayyo araara qabeessa fi kan garaa laafu
ta’uu isaa ni hubatta. Sagalee Waaqaatiinis ni jajjabaatta ,ni
cimtas.Dabalataaniis seenaawwan namoota araara argatanii fi seenawwan namoota
hammeenyaan itti fufanii dhumni isaanii maal akka ta’e dubbisi. Namni cubbuu hojjetu akkuma hin
eebbifamne, kan abboommii Waaqayyoo eegus akka horu ni hubatta.Dabalataanis
seenawwan nama barsiisan kitaabota qulqullaa’oo ta’an irra dubbisi,yeroo sana
jireenyi biyya lafaa baayyee gabaaba ta’uu isaa ni hubatta, jireenya bara
baraas yaadachuu eegalta.
“Namani
akkuma bineensa hamaa irraa dheessu,akkasuma isinis cubbuu irraa dheessi” Macaafa
Siraak 21:1
Qabeenya
qofa barbaacha Waaqayyoon irraanfatanii dogongoruunis gaarii miti.
“Guyyaa
dheekkamsa Waaqayyoo sanatti meetiin isaanii yookaan Warqeen isaanii isaan
olchuu hin danda’u” Macaafa Soofoniyaas 1:18
3. Deebi’uuf of qopheessi,Warra
ciman ilaali malee warra kufan hin ilaaliin
Gaabbiin
fedhii foonii fedhii hafuuraatiin bakka buusuudha(Abuna Shinoodaa).Namni yeroo
hunda gara gooftaatti deebi’uuf yoo of qopheesse Waaqayyo dadhabbii isaa sana ni gargaara. Laphee lamaan okkoluu dhiisee
namni deebi’uuf of qopheessuu qaba.
“Ani
Waaqayyo gooftan maccaa, gara kootti deebi’aa anis gara keessanitti nan deebi’a
isiniin jedheera.” Milkiyaas
3:7
Faarsaa
Daawitis
“Harki
kee na tolcheera, cimsees na dhaabeera, abboommota kee akkan barutti hubannaa
anaaf kenni .Far 119:73.Jedhee faarfatee jira.
“Cubbuun nama cubbamtootaa si hin dharraasisin,Waaqayyotti
amani” Siraak 11:21
4. Dargagummaa keetiin Waaqayyo
yaadadhu.
Dargagummaan
umurii itti hojjetu horattu, dubbattu amansiistu, qabdu cabsitu, dheessitu
fiigdee baatu, Waaqayyoon humna keetiin fi beekumsa keetiin tajaajilu dandeessu
dha.Waaqayyoo umurii dargagummaa kee akka abbommii isaa eegdu ni barbaada. Addunyaanis
immoo umurii dargagummaa kana cimsitee barbaaddi.kanaaf, ilaali madaali, waan
ati dargagummaa keetiin mana Waaqayyoof hojjete inni hin irranfatu waan
ta’eefi.
“Barri hamaan osoo hin dhufin,waggootni ati
anatti hin tolan,ittiin jettus otoo hin dhi’aatiin,bara dargagummaa keetii
uumaa kee yaadadhu.” Macaafa lallabaa 12:1
5. Namoota gara Waaqayyoo deebi’uun
fakkeenya Ta’an beeki:
Kitaabota
qulqulluu irraa seenaa seenaa keetiin wal fakkaatu baay’etu jira waan ta’eef
namoota fakkeenya siif ta’an yaadadhu.Kitaabota irraa qulqullota armaan gadii
akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Maariyaam haadha urgooftuu:
dubaritiittii gooftaa Iyyasuus urgooftuu Naardoos jedhamu kan gatiin isaa
mi’aawa ta’e dibde dha.Namootni hedduun cubbuu isheen hojjettuun waan ishee
beekan waan tureef ni jibbu ni tuffatus ture.Haa ta’u malee Waaqayyoo gooftaan
seenaa ishee jijjiiree du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus arguudhaan dursitu
godheera.(Yoh 12:3, Luqaas 7:37).Gooftaa Iyyasuusis guutuummaaadhaan araaramuu
isaa ibsuuf,cubbuu ishee irraa dhiqee dubbii kana dubbateef:
“Wanti
isheen goote guutummaa biyya lafaa irratti iddoo dhuma wangeelli itti
lallabametti wantii isheen goote immoo seenaa isheetif ni dubbatama.”Mat
26:13
Aaabbaa Ibilooy: Nama
hoolota horsiisu ture. Cubbuun isa hafe hin turre. Wagga 40 maaf hojii kanaan
jiraate.Cubbuu isa dhumaarra hoo ga’u immoo daa’imni akkamitti gadaamessa dubartii
ulfaa keessa akka teessu ilaaluun qaba
jedhee gara jabummaan dubartii ulfa qale.Yeroo dhiiga ishee argu
garuu ni rifate,wanti tokkos niira isaatti dhaga’ame.Kana booda cubbuun isaa
waggaa 40 hojjechaa ture sun itti muldhate,ni boo’e ni iyye,ni mankaraares.Mana
koottis hin deebi’u jedhee cubbuu isaatti gaabbuu eegale.
Gadaamii
Asxeqs jedhamu seenee gooftaan nama hin maarre, ajajamaan hin balleessine hin
jiru naaf araarami jedhee yeroo baayyef kadhate.Booda Waaqayyo imimman isaa
argee gara ni laafef. Manguddoo umurii 70 Waaqayyoo ergama isaatiin itti
agarsiise. Manguddoo sanattis cubbuu isaa ni himate, manguddoon sunis jecha
gaabii isaa irraa fuudhee, Waaqayyo siif araarama jabaadhu kadhadhu jedhee
jajjabeesse.Araaras ni argate.Gadaamii sana keessayis hanga gaafa du’uutti ni
jiraate.Guyyaa inni du’us leencatu awwale. (Kitaaba Sinkisaara)
Qulqulleettii Maariyaam biyya
Gibxii: Seenaa fi qabsuura ishee beekuudhaaf barreeffama
biloogii keenya irratti lakkofsa 4 irratti barra’e mata duree “Ilillii
gammoojjii Yordaanos jedhu ilaalaa.
Guduunfaa
Waa’ee
jireeenya gaabbii ilaalchisee barreffama kana gabaabumatti kaasne malee
guutummaan kitaaba qulqulluu kan nu barsiisu jirenya gaabbiiti.Hojii yaraa
dhiisanii hojii gaarii hojjechuu nu barsiisa.Jireenyi fi seenaan qulqullotaas baayyee
kan nama barsiisudha. Nutis irraa baranna akka gara Waaqayyoo deebinuufis nu
gargaara. Seenaawwan kana dubbisne, akka fedhii Waaqayyootiin, akka jireenyaa
fi du’a gaabbiitiif geenyu fedhii isaa nuuf haa ta’u.Kadhaan haadha keeenya
dubroo Maariyaamii nu waliin haa ta’u. Eegumsi fi gargaarsi ergamootaa fi sifni
qulqullootaa nu waliin haa ta’u. Gaabbiin hiriyaa umurii guutuuti waan ta’eef.kan
kakaase, nu jalqabsiise, jalqabsiises kan nu xumursiise, maqaan isaa baha biiftutii
hanga lixa biiftutti haa ulfaatu.Ameen!
Kitaabota Wabii
1.
Kinfe Gebri’eel Altaayyee (Luba)(1995). Seera mana kiristaanaa, kan
afaan Amaaraatiin qophaa’e.Maxxansa 6ffaa. Mana maxxansa Itiyoo-tikur Abbaay. Finfinnee
2.
Maammoo kebedee (2004).Jechama Abbootaa. kan Afaan Amaariffaan qophaa’e
3.
Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Haimanot,
Finfinne.
4.
Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000). Kitaaba Qulqulluu (81),
Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5.
Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA). Macaafa Qulqulluu, kan
Afaan Oromootiin Qophaa’e.
Waldaa
Nahimiyaa
E
mail:waldaanahimiyaa@gmail.com
Site:
www.maaddiijaalalaa.blogspot.com
Hubachiisa
Barreeffamoota
kana biloogii irra fudhachuun ‘print’ godhanii baay’isanii gurguruun
dhoowwadha. Barreeffamni kun oboleewwan jalala Waaqayyoo qabaniin tolaan kan
qophaa’uu waan ta’eef gurgurtaaf dhiheesun dhoorkaadha.Haa ta’u malee tolaan
namootaaf, kennuun ni danda’ama. Manni sanbataas itti fayyadamuu ni danda’u.Namni
dhuunfaa tokko baayyisee yoo gurgure gonkuma akka heeyyamaa fi fedhii keenya hin
taane ibsuu barbaanna.
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.