Maqaa
Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon. Ameen!
Seensa
Kabajamtoota jaalatamtoota maatii Waaqayyoo hundi
nagaa gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin akkam jirtu? Bakka
jirtan hundatti nagaanii fi arjoomni Isaa nuufis isiniifis haa baay’atu.
Kaayyoo keenya ‘Wangeelaa fi barsiisa amantaa Ortodoksii Afaan Oromootiin
namoota biraan gahuu’ jedhu ganamumarraa qabanne karaa eegalle sana milkeessuf
hanga dandeenyuun isinis hirmaachisaa barreefamoota gaggabaaba ta’an facebook
irratti, barreeffamoota dheedheeroo ta’an ammo saayitii biloogii keenya irratti
ni maxxansina. Hanqina tajaajiltootaa fi hirdhina yeroorra kan ka’e garuu
gaaffiwwan ka’an hundumaaf yeroo tokottii fi hatattamaan deebii kennun ni
rakkisa. Kanaaf akka fedha Waaqayyootti gaaffiwwan isin nuuf ergitan lakkoofsan
hedduu ta’an keessaa Abboota gaafanne,
kitaabota dubbifnee kunoo gaaffiwwan torba filannee akka gar-malee hin
dheerannefis ammo kutaa lamatti qooduudhaan dhiheessinee jirra. Torban Kanaaf
gaaffiwwan sadi ta’aniif deebii ni laanna, gaaffiwan hafan immoo maxxansa
keenya itti aanutti kan itti fufan ta’u. Iccitii Isaa abboota keenyaaf kan ibse
Waaqayyo, hunda keenyaaf laphee akka Liidiyaatti ittiin hubanne amannu
nuuf haa kennu! Waqayyo nu haa gargaaru!
1.
Taabotni
Maaf Hatama kan jedhuuf deebii kenname:
Duraan durse gaaffi kana deebisuun dura waa’ee
Taabota fi maalummaa Taabota hubannoof Kitaaba Qulqulluu irraa waa xinnoo
ilaaluun barbaachisa dha.
Tabbotni buufata Waaqayyoo kan ulfinni Isaas ittiin
ibsamuudha. Taabotni jalqabni(argamni) isaa gochawwan kakuu moofaa Keessatti raawwatamanii fi
walabummaa Israa’eloota waliin wal qabata. Israa’eloonni gabrummaa biyya Misraa
jalatti waggoota 430 ‘f haala suukaneessaadhaan bitamaa erga turanii booda
Waaqayyo, hayyuu-duree raajotaa Muusee kaasuudhaan, karaa isaatiin akka walabummaa argatan godhe. Yeroo gammoojjii Siinaa
qaxxamuruudhaan imala biyya Misraa irraa
gara Kana’aanitti godhan, gammoojjii Siinaa Keessatti Waaqayyoo Muuseedhaaf,
kan Maqaan Waaqayyo irratti barreeffamee,
gabataawwan(Tsillaat) lama kan
abboommiin isaa iratti barreeffame ni kenneef.
Isaafis kan keessa taa’u Taabota akka hojjetuu fi dunkaana keeessa bulu
akka ijaaru Waaqayyo Muusee ni ajaje. Akkuma:
“Ammas Waaqayyo Muuseedhaan,”Tulluutti ol
ba’ii gara koo koottu, achi turi, ani gabatoota dhagaa, seeraa fi abboommii
akka sabni kun ittiin gorfamuuf, ani irratti caafee sitti nan kennaa”(Bau
24:12).”jedhu.
Muuseenis guyyaa 40 fi halkan afurtamaaf Isra’eloota
irraa adda ba’ee Tulluu Siinaa irra ture. Ulfinni Waaqayyoos tulluu Siinaa irra
ni buufate, duumessis guyyaa ja’a tullicha akka uffises barraa’ee jira.
Kakuu Moofaa
Keessatti Taabota kan jedhamu, kan Tsillaatiin keessa taa’u dha. Kakuu
haaraa keessatti garuu taabotnis, tsillaatiis kan jedhamu kanuma aarsaan
irratti dhihaatudha. Aarsaan kakuu haaraa kunis dhiigaa fi foon gooftaa Iyyasuus Kiristoosi
isa dhugaa fi kan jireenya bara baraa namaa kennu dha. Kanarraa Kiristaanonni
hundi ni qooddatu! Kakuu Haara Keessatti aarsaan Taabota malee hin godhamu. Egaa
erga yeroo sanaatii Israa’eloonni Taabota kabajuudhaan, bara ilma, Daawiit Mootii Solomoon, gatii guddaadhaan manni
qulqullummaas ijaarameefi jira. Waluma galatti Taabotni kakuu moofaa kessatti
kan Waaqayyo yeroo araaraaf ummataaf dhihooti itti muldhatuudha. Taabota
fuuldurattis gombifamanii Waaqayyoon kadhatu turan. (Iyyaasuu 7:6).
Waaqayyo, yemmuu abboomi kana karaa Muuseetiin
uummataaf kennuuf, kan bara baraa akka
ta’es ibseeti malee kan yeroo muraasaan daangeffame miti. Kan kakuu Moofaa
Keessatti qofa hafus miti. Kanaaf gooftaa Iyyasuus kakuu haaraa Keessatti
dubbicha hoo cimsu:
“Ani dhuguman isinitti hima, hamma samii fi
lafti badanitti seericha keessaa, fidalli xinnaan tokko, yookiis, gar tokkoon
fidala utuu fiixaan in ba’in hin badu. Kanaafuu nama abboommota hunduma irra
xinatan, keessaa tokko diige, diigamuu isaas namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa
keesatti hunduma irra xinnaa ni jedhama, namni abboommota kana eegee barsiisu
garuu moottummaa Waaqaa keessatti guddaa ni jedhama’’(Mat 5:17)jedhee barsiisee
jira.
Erga waa’ee Taabota hanga kana jennee taabotni
maalif hatama gaaffii jedhutti debina.
Sababni
isaas
i. Yemmuu cubbuun tajaajiltoota
baay’atudha. Kakuu moofaa keessatis yeroo
maatiin luba Eelii jedhamu Afninii(Hofnii) fi Finihaas cubbuu
hojjetanitti, Waaqayyo Israa’eloonni akka Filisxeemotaan moo’aman ni godhe. Akkka
duraanii Taabota baasanii lola dhaqanis inumaayyuu Hofnii fi Finihaas guyyaa
tokkotti akka du’an ni godhe, Taabotnis Filisxeemotaan ni booji’ame(Macaafa
Samu’eel isa duraa 2:27,4:1)
Barreefamichis akkas jedha, “Taabotni kakuu Waaqayyo
ni booji’ame, ilmaan Elii lamaanis Hofni fi Finihas ni ajjeefaman” jedha.1Sam
4:11)
Egaa seenaa kitaaba Qulqullu Keessatti barraa’e
irraa kan hubannu, amma qofa osoo hin taane,duris kakuu moofaa Keessatti
namootni keesumattuu tajaajiltooni yoo cubbuun isaanii baay’ate,Waaqayyof
kabaja waan kennuu didanii fi abboommii isaa eeguu didaniif Taabotni akka fudhatamu godha. Kanarra kan
hubannu Taabotichi humna Waaqayyoo dhabee osoo hin taane, Waaqayyo deebii balleessaa
warra ittiin bulaniif fi tajaajilaniif
kan kennudha. Sababa kanaanis Isra’eloonni rakkina guddan akka irra gahe
ibsameera
ii. Ajaa’iba Taabota (Humni Taabota)
sanaa akka mul’atuuf: Lakkoofsa tokko irratti Taabotni akka
booji’ame agareerra, amma immoo erga booji’ame booda iddoo sanatti maaltu ta’a,
warri Waaqayyoon hin beekne sun mana Waaqayyoolii tolfamanii keessa hoo kaa’an
maaltu uumama laata kan jedhu ta’a. Kanas seenuma sanarraa itti fufeti ilaalla.
Filiseemonni
“Taabota kakuu
Waaqayyo sana gara galma Daagonitti geessanii bifa fakkeenya Daagon bukkee ni
kaa’an. Borumtas warri Ashdood ganamaan yemmuu ka’anii bifni fakkeenya Daagon
Taabota kakuu Waaqayyoo duratti adda isaatiin lafatti gadi gombifamee ni argan”
1Sam 5:2
Kana qofa osoo hin taane, boodarra harkii fi lukti
Daagon akka ciccite, warri Taaboticha booji’anis iitoodhaan akka rukutaman, adabbii
guddan akka irra gahe kitaaba qulqulluutu dhugaa baha.Boodas ammo yemmuu
rakkatanii waan godhan dhaban keennaa(aarsaa) sababii yakkaatiif dhihaatu
waliin ergan malee akka duwwaa hin ergine ni hubanna(1Sam 6:3)
Kanaaf hardhas nama Taabota hatee qabame jedhan hoo
dhageenyu yeroodhumaaf waan hate itti fakkaata malee Taabotni hundinuu ajaa’iba
ni hojjetu, namni taabota haduuf shaakalli godhe lapheen isaa itti dukkanaa’et
malee birxa hin ba’u. Erga hatee booda kan deemuu dadhabu, kan dubachuu
dadhabu, kan jaanja’u fi ajaa’ibni gara garaa yoo irratti raawwatamu argina
malee milkaa’u hin daanda’u.Kunis Waaqayyo Taabota irra bulee isa qabata.
iii.
Adabbiin
Kakuu Moofaa fi Kan kakuu Haaraa gara gara
Kakuu mooofaa Keessatti namni yoo abboommii cabse
battaluma adabama, Fakkeenyaaf lubni yoo
balleesse lamxiin hoosuma itti ba’a, yookaan hoosuma qurxama ture, Fakkeenyaaf
seenaa Uzaa kana yoo dubbifnu
“Uzaan Taabota kakuu Waaqayyoo safeeffachuu
waan dhiiseef Waaqayyo baay’ee isatti
aare isa ni dha’e, Kanaaf inni achuma Taabota kakuu Waaqayyoo biratti ni du’e”
(2Samuel 6:7)
Bara Nohi turettis cubbuun namoota akka baay’ate,
Waaqayyos bishaanin akka ilma namaa adabe, Nohi qofti maatii isaa waliin
addunyaa kana irratti akka hafe ni hubanna. Amma garuu namni hammeenyaafis tolaafis
guyyaa du’e gaafatama, Waaqayyos jaalala fi obsa daangaa hin qabne ilma
namaatti akka agarsiise bara itti hubannu dha. Fakkeenyaaf cubbuun ilma namaa hanga
Gooftaa Iyyasus fannisutti kan gahe dha namni. Sana hunda ni obse gooftaan. Kanaaf
egaa Taaboticha kan qulleessu Kiristoosirra Taabotni ni caalaa ree? Kanaaf obsi hanga namni ajaa’ibamutti araarri
isaas namoota irratti baay’atee agarra. Kanaaf sababawwn kanaan Taabotni yoo
hatamu Waaqayyo yeroof ni callisa. Dhumni isaa garuu akkuma hubannefi agarutti
kan namoota akkas godhan sana adabbin itti kennamu ni ta’a. Nuti ammo jabaanne kadhachuutu nuuf ta’a.
2. Duuka Bu’aan Gooftaa kan Wangeela
Yohaannis barreesse fi Mul’ata Yohaannis akkasumas Ergaa Yohaannis barreesse
du’ee lubuudhaan hanga ammaatti jira? Namoonni kana irratti wal mormaa jiru kan
jedhuuf deebii kenname:
Deebii kana Kitaaba Qulqulluu irraa mormii tokko
malee ni arganna. Mee kan Wangeela irratti barraa’e kana haa ilaallu:
“ Dhuguman
isiniin jedha, namoota as dhaabatanii jiran
keessaa, kan utuu hin du’in ilmi namaa mootummaa isaatiin dhufuu isaa arguuf
jiru” jedhe(Mat 16:28)
Ammas Wangeela Yohannis irratti
“Iyyasuus ammo
hamma ani dhufutti akka inni jiraatuuf yoon barbaade, maaltu si dhibe?Atumtu
ana duuka bu’I jedheen.Achumaanis oduun bartuun kun hin du’u jedhu oobboloota
Keessatti odeeffame.Iyyasuus garuu Hamma ani dhufuti akka inni jiraatuuf yoon
barbaade maaltu si dhiben jedhe malee Inni ‘hin du’u hin jenne,”(Wangeela
Yohannis 21:22)
Duuka bu’aa Yohannis Wangeela Yohaannis, ergaa Yohaannisii
fi Mula’ata Yohannis kan barreese dha. Duuka bu’oota
keessa duuka bu’aa Kiristoos jaallatus jedhameera.(Yoh 21:20) Guyyaa jimaata
guyya gooftaan itti fannoo irra oole sanattille haadha keenya dubaroo
Maariyaamii akka haadhaatti kan arganne fannoo jalatti karaa Yohaannisiin.(Yoh
19:27). Erga kana ta’ee mee waa’ee biyya lallaba isaa Kitaaba Qabsuura duuka
bu’oota irraa seenaa isaanii haa yoo
ilaallu gargaartota 72 keessa Abrokoros wajjin akka lallabuuf carraan isa kan ga’e biyya Efesonittidha. Biyya Efesonittis Abrokoros waliin ta’uudhaan
mana dubartii ejjituu takkaatti Maqaa gooftaa keenya lallabuudhaaf gidiraa
hedduun irra ga’eera, ajaa’iba hedduus raawataniiru. Abrokoros hojjeta mana
qulqulleessu ta’ee, Yohannis immo nama ibidicha bishaan dhiqannaaf ta’u hoo’isu
ta’anii mana ishee Keessatti hojii eegalan. Kaayyon isaanii garuu Kiristoos lallabuuf
mala ittiin maatii sana fi biyya sana keessa galan argachuuf ture, sababa
barbaaaduf malee qacaramanii jiraachuuf hin turre. Wareegama heddus kaffalaniiru. Maqaan dubartii ejjituu sanaas Roomnaa jedhama. Akka garboota ishee ta’anittis
sobaan mallateesisiiftee turte.
Mana dhiqanna ishee sana keessattis waggaatti nama
tokko seexanaaf aarsaa ni dhiheessu ture.
Booda garuu jinniin waggaatti nama bare sun tasa mucaan ishee mana
dhiqannaa sana keessa seennaan mucicha hudhee jalaa ajjeesse. Yommuu kanas Yohaannis Maqaa gooftaa
Iyyasuusin du’aa kaaseefiira. Kanaanis namoota Waaqayyoo irratti daba hojjedhe
jettee maatii ishee waliin amantee Gooftaa Iyyasuusitti amantee cuuphamtee
jirti. Yohannis ergaa isa lammaffaa keessati isheedhaf barreesse
“Gara haadha warraa ishee
foo’atamtee fi gara ijoollee ishee warra ani dhugaadhan jaaladhuu,ana qofa miti
wari dhuga hubatan hundi isinin ni jaallatu malee” jedha.(2Yoh 1).
Haati warra mooticha biyya saniis lallaba
isaaniitiin Gooftaa Iyyasuusitti waan amanteef, Yohaannis irratti mormiin ni
baay’ate, qabames akka hidhamu ni ta’e, seexannis lubbuu namoota irratti bulee
isa akka hamaa akka godhan godhe. Kanaanis Yohaannis qabamee akka mana hidhaa
galu ni ta’e. Yohannisis gara odola Fixmoo jedhamtu keessa baay’ee jiraate, umuriidhanis
erga kiristos du’aa ka’eeyyu lafa kanarra waggaa 70 jiraate. Wangeela isaas fi
mul’ata isaas kan barreesse odoluma kanarra tti ture.
Innis yeroo biyya kana irra fudhatamuun isaa gahutti
bartoota isaa waame “ Kanaan
booda isin waliin foonin hin jiraadhu” jedhe. Isanis kana dhagahani luka isaa
dhungatani harka isaa dhungatanii, waa’ee isaa hubatanii yoo arganis boolla
qotame cinaatti dhiisanii, hiriyoota isaanii kan kan iddoo biraa jiran waamuuf
deemani.Yemmuu deebi’an garuu Yohannis qaaman hin, boollis qotame sunis duudee
ture, uffata isaa fi kophee isaas achumatti dhiisetti ture.
Kanarraa fi dubbiiwwan wangeelaa seensa kana irratti
barreeffame irra kan hubannu kan hubannu Yohannis gara dachee biraatti akka
Eeliyaas fa’a fudhatame malee hanga ammaatti fooniin hin dune. Maani
kiristaanaa keenyas kanuma barsiifti. Kunis hanga biyyi lafaa kun darbutti kan
ta’uu dha malee namni hin duune waan hin jirref guyyaa ardii fi samiin kun
darbuuf ta’utti ni darbu, hanga yerootti garuu Waaqayyo waan beekuun isaan
du’arraa dhoksee jira jechuu dha.
3.
Waa’ee
Fudha fi Heerumaa Kitaabni Qulqulluun maal jedha kan jedhuuf deebii kenname:
Akka mana kiristaana Ortodoksiitti iccitiiwwan mana kiristaanaa
jedhamanii bakka torbatti qoodaman keessa tokko iccitii Takililiti, kunis
waa’ee gaa’ilaa seera qabeessa ta’ee fi barbaachisummaa isaa seera hunduma
wajjin kan qabate dha. Wanti sammuu namaan qoratamee bira hin ga’amnee fi
namoota muraasa giddutti wanti godhamu hundi iccitii dha. Geettii gahuun bakka
gara garaa walitti dhihaachuudhaan tokko ta’uun waliin buluu jecha ibsu dha.
Kanas Waaqayyo duruma hoo nama uumu Addamif kophaa isaa ta’uun gaarii miti
jedhameera. Umama kanaafis dhiirri abba fi hadha isaa ni dhiisa, haadha manaa
isaattis ni maxxana, isaan lachunus foon tokko ni ta’u jedhameera. Uma 2:24,Mat
19:5, Ef 5:31. Kanaaf gaa’illi waan guddaa fi kabajama dha.
Ibroota 13:4 irratti akka ibsamettis “gaa’illi hunduma biratti ulfina qabeessa haa
ta’u, ciisichi gaa’elas hin xureeffamin”
jedh. Gaa’illi eebbifamaa dha. Waaqayyo
duruma irraa Addam kophaa isaa ta’uun gaarii akka hin taanee fi gargaartuu akka
isa barbaachisu dubbateera.(Uma 2:18) Kaayyon fuudhaa fi heerumas mana
kiristaanaa keenyatti waa sadi
1. Kajeellan fedha fooniin
gubachuurraa ooluuf
Namni tokko erga
guddatee hanga fayya qabatetti kajeellan
fedha fooniin gubachuun isaa hin hafu waan
ta’eef sanaaf akka falaatti fuudhuun barbaachisaa dha.
Qulqulluu Phaawuloosis Ergaa gara Qorontoositti
ergeen
“Qorama ejjaa
ooludhaaf garuu dhiirri adduma addan haadha manaa ofii isaa haa qabaatu,
dubartiinis adduma addan abbaa manaa ofii isheetti haa qabaattu, abban manaa
jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga’u haati manaas jaalalaan abbaa manaa
ishee bira haa geessu, haati manaa abbaa mana isehee malee dhagna ishee akka
jaallatte gochuu hin dandeessu, abban manaas akkasuma haadha manaa isaa nmalee
dhagna isaa akka jaalate gochuu hin danda’u. Qor
7: 2
“Warri hin fuudhinii fi warri abboonni manaa isaanii
irraa du’an akka koo fuudha fi heeruma malee yoo hafan isaanif ba’eessa nan jedha, of qabuu hin danda’an yoo
ta’e garuu haa fuudhan haa heerumanis kajeellaa foonitiin gubachii irra fuudhuu
heerumunis ni wayya” 1Qor 7:8
2. Wal gargaarsaf
Uma 2:18 kan
gargaartu haa uumnuuf jedha. 1phex 3:7
irrattus dubartoota keessan waliin wal gargaaraa jiraadha jedha. Wal gargaarsi
ammo naamusaan, yaadaan gorsaanii fi waan barbaachisoo ta’an hundaan ta’uu
danda’a.
3. Namani addunya kanarratti akka
baay’atuuf sanyiif dha, dhaloota Itti fufsiisuuf
Qubeelaa:
Qubeelaa walii hidhuun ykn walitti godhachuun akka waadaatti ilaallama. Geengoo
guutuu ta’uun isaas ammo dhuguma ta’u isaa agarsiisa. kitaaba weedduu weedduu
caalu irrattis kan ibsame
“Akka
mallattootti garaa keetii fi irree keetti na mallatteeffadhu, jaalalli jabaa akka du’aati,’ kan jedhamfis kanuma.
Wed 8:6
Cidha:
Namni
humna qabu kabaja gaa’ila sanaaf qabu ibsuuf cidha qopheessuu danda’a.
Fakkeenyaaf Kakuu moofa keessatis Laaban namoota hunda walitti qabe, cidhas ni
godhe jedha.(Uma 29:22)
Kakuu haaraa kessattis cidhini Qaanatti akk ta’e gooftaa
fi haati gooftas akka waammaman ibsameera (Yohan 2:2). kunis gaa’illi hangam
kabajamaa akka ta’e nutti hima, Bishaanis gara daadhii wayniitti kan jijjiirame
manuma cidhaatti akk ta’es ni hubanna. Kanaaf cidhni seera isaa eeggatee
raawwatamu mana amantaa keenaynatti kan dhoowwamu miti. Haa ta’u malee cidhni
hundi foon gooftaa fudhachuun dhiiga gooftaa dhuguun chaappeffamuu qaba, kanaan
alattis ta’uu hin qabu jetti manni kiristaanaa keenya. Guyya cidhaas namni akka
waqayyon galateeffachuun barbaachisa.
Erga
wal fuudhanii booda gargar ba’uun dhoorkadha
Erga wal fuudhanii booda ammo gargar ba’uun
dhorkadha. Warri wal fuudhan akka gargar hin bane nan abboma, kanas gooftatu
abbome malee ana miti,haati manaa abbba manaa isheetin gargar hin ba’in” (1Qor
7:10) Hiikun hin barbaachisu “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhi
hundinu ni ejja(sagaagala) , dubartii abbaa manaa isheetii gargar baates kan
fuudhu ni ejja ‘ Mat 16:18. Haa ta’u malee sababni wal hiikuun heeyyamamuun ni
jira.Kunis du’aan yookan ammo sagaagalummaa wabiin deeggarame hoo ta’e qofadha.Kan
kanarraa hafe ammo amantaa abbichi hordofurratti dhiibba hoo hin fidne homaa
miti, obsuun barbaachisaa dha.Waa’ee gaa’ilaa mata duree baldhaadhaan yeroo
biraa baldhinaan itti deebina.
Kakaasee kan nu jalqabsiise, nu jalqabsiisee kan nu
xumursiise, maqaan Waaqayyo haa ulfaatu. Itti fufa.
Kitaabota
wabii
1. Gereyohaannis Gebre Maariyaam (1998).Kitaaba Qabsuura
duuka Bu’ootaa, Afaan Gi’izii fi Amariffan kan barraa’e, maxxansa lammaffaa.
2. Hibret
Yeshixilaa (Dn) 1998. Gaa’ilaa fi Teelatsqoo Maxxansa Sadaffaa, Afaan Amariffaatiin
kan qophaa’e
3. kinife-Gabrie’l
Altayye (Liiqe kahinaat), Seera mana kiristaanaa, Maxxansa jahaffaa,
Afaan Amariffaan kan qophaa’e, Mana maxxansa Itiyoo Xiqur Abbaay, Finfinnee.
4. Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba
Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa
Qulqulluu,kan Afaan Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame
Waldaa
Nahimiyaa
ITTI
FUFA……………………………………………….