Maqaa
Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko. Ameen!
Soomana labsii mana
amantaa Ortodoksii Tawaahidoo kan ta’an torbatu jiru. Isaanis Sooma guddicha
gooftaa Iyyasuus soome, Sooma Nanawee, Sooma Filchataa, Sooma Duuka bu’ootaa, Sooma
raajotaa, Sooma Gaadii(ifa ba’uu) fi Sooma fayyinaa(roobii fi Jimaataa)(Waa’ee
sooma kanneenii baldhinaan argachuuf maaloo liinkii itti aanu kana irra ilaalaa
(http://www.maaddiijaalalaa.blogspot.com/2012/08/wn006sooma-fi-kadhaa-akka-mana.html)
Isaan keessaa soomni Nanawee kun isa tokko dha. Soomni kun labsiidhaan
hordoftoota amantaa Ortodoksii Tawaahidoo hunda birratti guyyaa sadiif ni
soomama. Eessaa dhufe, akkamiin soomuun eegalame kan jedhuuf immoo, maddi isaa
kitaaba Qulqulluu dha. Seenaan isaas Raaga Yoonas irratti barreeffamee jira. Soomichi
kun yoomii fi akkamiin akka soomamuun eegalame akka armaan gadiitti
gabaabbinaan dhihaate jira. Waaqayyo nu
haa gargaaru.
Raajicha
Yoonaas fi Magaalaa Nanawee
Sagaleen Waaqayyo
cubbuun jiraattota magaalaa Nananwee
baay’achuu isaa agarraan gara raajicha Yoonas dhufe. Sagaleen Waaqayyon Yoonas
Magaalaa Nanawee dhaqee akka lallabu itti hime. Yoonas garuu amala namoota biyya
sanaa waan beekuuf magaalaa Nanawee dhaquu dhiisee gara Tarsees iddoo
jedhamutti Waaqayyoo jalaa baqachuuf ka’e. Doonii gara Tarsees fudhatus
yaabbate gara Tarseesitti qajeele.
Bishaaniti
Darbamuu Yoonas
Yeroo kana Waaqayyo
danbalii hamaa galaana irratti akka ka’u ni godhe. Dooniin raajichi Yoonas fa’a
yaabbatanis gamanaa fi gamas raafamtee caccabuuf geese. Hundumti isaanii sodaatanii
iyyan. Akkuma amantaa isaanittis Waaqa isaanii waaman. Ba’aan akka isani irraa hirdhatuufis meeshaalee qaban
hunda gara bishaanitti baasanii darban. Yemmuu kuni hundi ta’u Yoonaas gara
keessa doonichaatti hirribni hamaan fudhatee of gatee rafaa ture. Dursaan
doonichas gara Yoonas dhufe, “atihoo of gattee rafteetta! Ka’iiti akka hin
banneef Waaqa kee waami” jedheen. Isaanis
wanti hamaan kun saababa eenyuun akka nu argate koottaa carraa(ixaa) haa buufnu
jedhanii yemmuu carricha buusan Yoonas iratti bu’e. Isaanis yemmuu sana, Yoonaasin
wanti hamaan kuna akkamiin nu argate? eessa dhuufte? maal hojjetas, biyyi kees
eessa jedhanii jabeesanii gaafatan. Innis “ani nama biyya Hibruuti. Waaqa lafaa
fi galaana kana uumen waaqeffadha” jedheen. kanaafis maal akka balleese
gaafatn. Isaanis kunoo danbaliin nu balleessuf ta’a maal wayya jedhanii isa
gaafatan. Innis deebisee “balleesan kuni hundi kan isin argate sababa koon waan
ta’eef ana fuudhaati gara galaanatti na darbaa” jedhee. Isaan garuu jabeesani
yabalanii ba’uuf yaalanille hin dandeenye Booda garuu Yaa Waaqayyo ati akka
barbaadde godhi, situ beeka, cubbuu namicha kanarraa nu qullessi jedhanii
fuudhanii bishanitti Yoonasin darban. Yemmuu kana danbaliin ka’aa ture sun ni
dhaabate.
Yoonas
Qurxummii guddaan Liqimfamuu Isaa
Waaqayyo ammo qurxummii
guddaa Yoonasin akka liqimsuuf ni qopheese. Yoonasis guyyaa sadii fi halkan
sadi garaacha qurxummii guddaa sana keessa lubbuun isaa osoo hin ba’in bule.
Yoonasis garaacha qurxumichaa keessa taa’ee galata Waaqayyoof ni dhiheessa
ture. Waaqayyo immoo kadhannaa isaa ni dhagahe gara dachee gogaatti baasee akka
Yoonasin tufu Waaqayyo ni ajaje Yoonasis Qurxumicha keessaa tufamee gara lafa
gogaatti ni ba’e.
Yoonas
Gara lafa gogaatti erga bahee booda
Sagaleen
Waaqayyoo ammas yeroo lammafaaf gara Yoonas akkas jedhee itti ni dhufe. Akkanas
jedheen “Yoonas ka’iiti gara magaalaa guddittii Nanawee deemi waanan ani siin
jedhus lallabiif “ jedheen. Yoonas akka Waaqayyon abboomame ka’ee gara Nananwee
ni adeeme. Nanaweenis magaalaa guddoo keessi ishees guyyaa sadi deemsisa ture. Yoonasis
‘Nanaween guyyaa sadi booda ni baddi ni garagalti’ jedhee lallabuu eegale. Uummanni
Nanawees Waaqayyotti ni amanan, soomas ni labsan, xiqqaa hanga guddaatti akka
soomamau ni ta’e. Mootiin biyya isaanillee dubbii kana ni dhagahe. Innis
teessoo isaa irraa gadi bu’ee uffata boo’ichaa uffatee daaraa irra taa’ee ni gadde. Innis labsii ni baase. ‘Namni hundi
loowwan illee osoo hin hafin bishaanillee akka hin dhugne, hundi isaa gara
Waaqayyotti haa iyyu’ jedhe. Waaqayyo immoo deebi’uu fi gadduu isaanii ilaalee
ni mararfateef, balaa fi balleessa jedhe sanas osoo itti hin fidin hafe.
Yoonas
dhiifama Waaqayyoo Nanaweef godhetti aaruu(dallanuu) Isaa
Waaqayyo
dhiifama warra Nanaweetiif kennuun isaa garuu Yoonas hin gammachiifne ture.
Innis ‘raajaa sobaa naan jedhan badiin isinirra ni gaha jedhee lallabee ture, osoo
homtu hin ta’in yoo hafu, raajaa sobaa naan jedhu namoonni’ jedhee sodaate, lole, gara Waaqayyoottis ‘anas du’a
naaf wayya amma na ajjeesi’ jedhe. Yoonasis magaalatti keessaa gara daangaatti(cinaatti) ba’ee waan ta’uuf jiru mana godoo(kabaa) kabeeb fatee ilaala
ture. Waaqayyos buqqee halkan tokkotti magarsee kabaa (godoo) Yoonas gaaddiddeesse,
Yoonas ammo gammade. Yemmuu bari’u garuu buqqeen sun Waaqayyo raammoo ishee nyaatu
qopheesse ni gogse. Yoonasis hoo’i aduu mataa isaa hadooche. Kanaanis Yoonas
nyaatamuun buqqee sun baay’ee isa marare. Yoonasis yemmuu goguu buqqee sana
argu ammalle du’a naaf wayya jedhe ofitti aare.
Waaqayyo
Yoonasin akkamitti akka barsiise fi Iccitii buqqee gogdee
Egaa Waaqayyo
Yoonas barsiisuudhaf halkan tokkotti buqqee daraarse, booda immoo barii ni
gogse. Waaqayyos Yoonas akkas jedhee komate ‘ati buqqee kanaaf na lolta? jedheen. Innis eeyyee jedhe deebiseef. Waaqayyos ‘atillee buqqee itti dadhabdee hin
dhaabneef, buqqee halkan takkatti daraarte waan dhabdeef na lolta, ani egaa uummata Nananawwee kan bitaaf mirga isaa hin beekneef baay’inni isaas uummata kuma 120 ol kan ta’an kanaaf yoo isaan na ka dhatan
akkamittin hin naanee ree?’ jedhee deebiseefi.
Wangeela
Irratti gochi Nananwee Gooftaa Iyyasuusin Yaadatamuu Isaa
Soomaa fi gaddi namoota Nanawee bara gooftaan
fooniin lafa kana irra deddeebi'aa barsiisaa turetti illee yaadatameera, barsiisafis
yaadannoo kabajaatiin ooleera.
"Namoonni
Nanawwee guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa wajjin ka'anii ni dhi'aatu, ittis ni
murteessisiisu. Isaan lallaba Yoonaas dhaga'anii yaada garaa isaanii
geddarataniiru; amma garuu, kunoo, inni Yoonaas irra caalu as jira."…………………………………………….
Mat 12:41
Mat 12:41
Yoonas
Fakkeenya Gooftaa Keenyaa ta’uu Isaa
Kakuu
haaraa keessatti Yoonass halkan sadii fi guyyaa sadi garaacha Qurxummii guddaa
keessa buluun isaa fakkeenya gooftaan keenya
Iyyasuus Kirsistoos Ilmaa namaaf jedhee foon
uuffatee lafa kana irratti dhalatee fannifamee, lubuu isaa dabarsee kennee, halkan
sadii fi guyyaa sadi awwaala keessa bulee booda du’a moo’atee ilma namaa
hundaaf fayyina badhaasuu isaa kan ibsu dha. kunis wangeela irratti,komiin ka’eera,uummani
kun fakkenya barbaadu innis fakkeenya yoonas malee hin kennamuuf jedhameera.
“Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan
sadii ture, ilmi namaas akkasuma guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa
keessa turuuf jira” Mat 12:40
Kitaaba Wabii
·
Kitaaba Qulqulluu
Waldaa
Nahimiyaa,kan Ortodoksii Tawaahidoo Tajaajila Hafuuraa Afaan Oromootiin.
Guraandhala 18, bara Araaraa, 2005.