Thursday, May 8, 2014

Dhaloota Dubroo Maariyaamii


“Aangoo fi humna guddaadhaan
Kiristoos du’aa ka’eera
Seexana hidhuudhaan
Addaam bilisoomsuun
Kanaan booda
Gammachuuni  fi nageenyi taheera”
 

“Yaa kaadhimaa koo Libaanonii ka’ii na bira koottu, Libaanonii ka’ii na bira gahi, roggee Tulluu Amaanaa irraa, roggee Tulluu Siinaarii fi Heermon irraa, iddoo boollii leencotaa jiru,Tulloota qeerransaa irraas gadi bu’i. Weedduu      Weedduu Caalu 4:8 
I.               Duubee Seenaa
Teektaa fi Batriqaa kan jedhaman haadha warraa fi abbaa warraattu ture. Abaabilee fi akaakilee Dubaroo Maariyaamiiti, warra baay’ee sooramaa kuni hafe hin jedhamnee dha.  Qabeenya guddaa haa qabaatan malee dhala dhabuudhaan yeroo dheeraadhaaf gaddaa fi Waaqayyotti booyaa  turan. Baay’ina qabeenya isaanii irraa kan kahe sa’aa fi qotiyyoo isaanii gaanfa irratti  warqii hidhaniif ture. Akkasumaan gaddanii osoo jiran guyyaa tokko abjuu nama ajaa’ibsiisu tokko argan. Abjuun isaanis jabbii adiin yoo mooraa isaanitii baatu, jabbiin sunis jabbii wal fakkaatu dhalaa deemuudhaan jahaffaa irratti garuu yoo addeessa dhaltuu fi adeessi kuni ammo torbaffaa irratti  yoo biiftuu deessu argan . Iccitii abjuu kanaas baruudhaaf deemanii yoo nama abjuu hiikuu beeku deemuudhaan abjuu isaanii itti himatan.Namni abjuu hiiku sunis daa’ima ni deessu,dhaloota jahaffaa irratti kan adeessa agartan garuu  kan hanga ammaa olitti dhalatan irraa, daa’ima  namaa hunda kan caaltu ni deessu, iccitiin  biiftuu sana garuu anaaf hin ibsine, tarii raaja yookaan mootii tahinaa laata jedheen. Isaanis kan biiftuu sana yeroon haa hiiku jedhanii gara mana isaanitti galan. Kana booda dhala ni argatan, maqaa daa’ima dhalattes He’emaan jedhaniin, hiikni isaas wareega koo argadheera, naaf dhaqqabeera jechuudha. He’eman Derden, Derden immoo Toonaa, Toonan Siikaariin, Siikaar Heermeellaa, Heermeellaan ammo Hannaa deesse. Haannan ammo Iyyaaqeemiitti  heerumte. Garuu kan dhala dhabuun  abaabilee fi akaakile isaaniirra gahe sun deebi’e Haannaa fi Iyyaaqeem irraas gahe. Isaanis Dhala dhaban.
Daa’ima dhabuu isaaniitiinis gadda gudaatu itti dhagahamaa jiraachaa turan. Fakkeenyaaf gaafa tokko gara mana qulqullummaa kennaa kennuuf yoo deeman, lubni mana qulqullummaa sun ‘isin immoo Waaqayyo cubbuu keessaniin miti kan dhala isin dhoowwate’  jedhee harkaa fudhachuu dide. Kanaanis baay’ee gaddan.
Guyyaa tokko muka jala taahanii yoo bullaallan ijoollee isaanii wajjin taphatan Haannan agartee “yaa Waaq kan bullaallaa nama hin taane kanaaf dhala kennite naaf dhala na dhoowwate ani uumamni koo dhagarrayyii laata” jettee gadditee boossee,kadhatte. Achumaanis ‘maaloo yaa Waaq yoo ilmoo nuf kennite dhiira tahu qotee nuu haa laatuu hin jennu, dubaras yoo taate, bishaan waraabdee qoraan guurtee akka nuuf ergamtu hin barbaannu, mana kee keessatti kan guddattu siif kennina jedhanii Waaqayyotti dubbatan. Kanaanis Haannan ergamaa Waaqayyoon misiraachoon itti himamee ni ulfoofte.
Yeroo Haannan ulfa turtettis ajaa’ibni gara garaa raawwatameera. Haannan adaadaa Barseebaa jedhamtu qabdi turte, ija tokko qofa qabdi. ‘Yaa Hanna Waaqayyo si yaadateera natti fakkaata harmi keetis gurrachaa’eera, hidhiin kees goggogeera jettee garaa Haannaa yoo qaqabduttu ijji ishee ifeefii jira. Dabalataas mucaan eessuma ishee tokkotu du’ee. Ni jaalatti waan taheef yoo siree reeffi isaa irra jiru qabattee yoo  boossu, gaaddidduun ishees reeffa irra bu’u  mucichi ol ka’ee ‘ Nagaan siif haa tahu, haadha lafaa fi samii uumee’  jedhee dhugaa baheera.
Kanarraa kan kahe Yihudoonni itti hinaafutti ka’an, kuni kan gadaameessa keessa jirtu, akkana kan godhe gaafa dhalatte kanaan dura sanyiin isaanii Solomoon, Daawit waggaa 40 40 nu bitan kan dhalachuuf jiru kun immoo akkam nu godhinna laata jedhanii itti hinaafutti ka’an.
II.            Dhalachuu Maariyaamii
Yihudoonni waan itti hinaafaniif Haannan gara gaara(Tulluu) Libaanositti jalaa baqatte,a chumaanis Haannan gaara Libaanos irratti Dubaroo Maariyaamii deesse. Dhaloota ishee kanas Ogumma qabeessi Solomon ilmi Daawit akkas jedhee faarfateera
“Yaa kaadhimaa koo Libaanonii ka’ii na bira koottu, Libaanonii ka’ii na bira gahi, roggee Tulluu Amaanaa irraa, roggee Tulluu Siinaarii fi Heermon irraa, iddoo boollii leencotaa jiru,Tulloota qeerransaa irraas gadi bu’i. Weedduu Weedduu Caalu 4:8
Yemmuu Haannan  gaara Libaanositti deessus  namoonni Haannaa beekan gara Tulluu Libaanositti gaafachuuf waan qaban hidhatanii(qabatanii) deessuu bosona keessaa kana gaafachuuf deemanii jiru. Kanaaf hanga hardhaatti kunoo sana yadachuudhaanf Caamsaa tokkotti alatti bunni ni danfa, mulluun ni affeelama, Daaboonis ni caba ,sirni gara garaa kana ilaallatus ni adeemsifama.
Egaa dhalachuun ishee Addaammii fi sanyiin isaa fi fayyina fi abdii ture. Aabbaa Hiriyaaqos galateeffannaa Maariyaamii kan barreesse akkas jedhe, ‘Yaa Maariyaam Addaam yoo jeennata keessaa ari’ametti abdiin isaa sidha,’ jedhe, yoo abboommii  Waaqayyo diiganitti ,inni ilmoo ilmoo keerraa dhaladhee sin fayyisa jedhee waadaa galeefi waan tureef, waadaa kana Addaam eenyurraa dhalatee akka isa fi sanyii isaa fayyisu ni dharra’a ni abdatas ture. Kana qofa ossoo hin taanee Aabbaa Hiriyaaqos fakkeenya hedduun fakkeesse dubaroo Qulqulleettii Maariyaamii galateeffata. Kana keessayis doonii Nooh, eebba Seem, jaalalli keessummaa simachuu Abirahaam, riqaa Yaaqob, Tsillaata Muusee, Masanqoo Daawitii fi fakkeennota heddu iccitii isaanii waliin kennee jira
Biqiltuu Jaannata keessaatti alaaf keessan dalleenfamte, alaa fi keessan dhagaadhaan kan cufamtee burqaan boolla bishaanii si dha jedheen. Kunis cufamtee kan chaappeefamte jedhee Qulqulluu Efreem kan dubbateen wal tokko dha. Isheen haadha wareegamtootaati, duuka bu’ootaafis kabaja kan taate, ergamootaafis obboleetti dha, qulqulluummaa isaaniitiin fakkeefamti waan taheef.
III. Dubaroo Maariyaamiin namoota irraa wantoota adda ishee kan taasise keessaa Muraasni:
1.Haadha Waaqayyooti: dubartoonni biraa yoo dahan raaja, yookan guddate yoo jedhame mootii yookan duuka bu’aa yookan hayyuu tahuu dandaha, isheen garuu Waaqa,fayyisaa,Jaalala nuuf deesse, kanaaf haadha Iyyasuus, Haadha Waaqa, Haadha jaalalaa jedhamti, kana dubartiin kamiinuu aangoo akkanaa hin qabdu. Isheen Waaqayyoon gadi, uumamatoota hundaa oli.
2. Ergamaadhaan kan galateeffamte dha. Ergamaan Qulqulluu Gabri’eeliin ati dubartoota keessaa kan eebbifamteedha jedhee, misiraachoo itti himeera, dubbii galata heddus itti Dubbatee dha. (Wangeela Luqas 1:36)
3.Kennaa Fannoo Jalaati: gooftaan yemmuu barsiisaa turetti namoota hanga gabayaa shan gahantu isa duuka bu’aa harka isaatiis nyaataa ture, namoota hedduus dhukkuba isaanii irraa fayyisee jira, Yemmuu Inni fannifamu garuu duuka alaalatti duuka bu’oota fi dubartota hordofaa turaniin caalatti, kan fannoo jalatti hiiqee isaaf boo’aa ture Haadha isaa fi Yohaannis qofa dha. Kanaanis gama Yohaannisiin kunooti haati kee jedhamee nuuf kennamteetti(Yoh 19:27)
4. Gooftaa booda kan osoo namni tokkollee du’aa ka’uu hin argin du’aa kaate ishee dha. Kunis Iyyaruusalem ishee samii keessa jirti. Taabota Door kan Iyyeruusalem samii irra jirtu jedhee kan galateeffate Aabbaa Hiriyaaqos kanafi dha.
5. Haadhas dubras kan tahe ishee qofadha. Dubrummaan ishees kan bara abaraati. Yoosefitti kaadhimamuun ishee akka ishee eeguf malee akka dhirsa tahuuf miti. Isheen osoo gooftaa hin dahin dura dubra, erga deessee boodas durba, durba dubrummaan Hafuura Qulqulluun deesse, hanga dhumaattis durba taate dha. Dhagnaanis yaadanis dubra, kana yemmuu jennu namni tarii dubartiin fooniin  yoo dubra taate, deebite yaadan kan dubra tahu hin jiru, isheen garuu yaadanillee raawwattee dubra dha.Hisq 44:1
6. Nyaata biyya kanaa hinn nyaanne,Hibsistii Faanu’eel fiduun nyaattee guddatte malee mana qulqullummaa keessatti,hanga waggaa 15 geessuttis mana qulqullummaa keessa jiraatte.
7. Gooftaan ajaa’iba jalqabaa kan raawwate kadhannaa isheetinii: Mana dookimasitti yemmuu wayniin dhumutti isheetu kadhateef, Gooftaaniskan ati jette kana yoo siif hin goone maal naraa qabdaree(maal wal irraa qabnaree kan kana walii hin goone jechuudha) jedhee bishaanicha gara Wayniitti jijjiireera. Kanaan walii galan Isheenis  isa dhagahaa jette.(Yoh 2:1)
IV.          Dubaroo Maariyaamiin Araarsituu keenya
Araaarsumma ergamootaa fi qulqulloota kam iyyuu dursun, kiristaanonni hundi kan abdatan haadha gooftaa Iyyasuus, dubroo Maariyaami dha. Kunis kan ta’e mataan mana kiristaanaa Iyyasuus kiristoos waan ta’eef; mataa mana kiristaanaa kanas kan buufata taatee, gadaamessaa isheetti ji’a sagal baattee kan deessee waan taateefi. Egaa kun immoo dhama’iinsa fayyisuu Iyyaasuus kiristoos wajjiin wal qabata. Kiristaanni kana hin hubanne immoo kiristaana karaa fayyinaa dinqii ta’e kana qulleessee hin hubannee dha. Adeemsa fayyuu ilma nama keessatti dubroo Maariyaamin iddoo guddaa qabdi.
Duruma foon gooftan uffate kan isheerra argame lubbuun inni qabaates kan isheerra argame malee eessaayyu kan dhufe miti. Guyyaa gooftaan godaanu wajjiin godaantee, laga ceetee, gammoojjii qaxxaamurtee, tulluu qaariitee wajjiin dheebotee, wajjin beeloftee, wajjiin boossee, wajjin naatee waa hunda wajjin taatee haadha guddifte akka ta’es ibsuun waan barbaachisu miti. Kunis immoo Kitaaba Qulqulluun kakuu haaraa keessatti dursee ibseera (Wangeela Matewoos 2:13) dhumarrattis bal’inaan ibsameera. (Muldhata Yohaannis 12:14). Gadadoon kuni hundi fayyina ilma namaa keessaatti iddoo guddaa qabdi kan jedhu bu’uura godhata.
Kanaaf kiristaanonni haadha keenya jedhuun. Kanas immoo gaarummaa fi haadhumma ishee waan beekuuf warra isatti amanan hundaaf haadha akka taatuuf fannoo jalatti karaa Yohannisiin kan nuuf kenne Gooftaa keenya Iyyasuus Kirstoosidha.(Yoh 19:27). Isheen araaraaf akka ilma ishee maddii dhaabattu,Daawit akkas jedhee faarfateera:
“Uffata warqeen miidhagdee haguugamtee mootittiin mirga kee ni dhaabatti, mucaa koo dhaga’i ilaalis, gurra kees natti qabi .Gosa kees mana abbaa kees irraanfadhu; mootiin miidhagina kee jaalateera, inni gooftaa keeti”(Farfannaa 44:9)
Egaa dubbiin kuni kan akkasuman dubbatamee hafu miti gooftaan dubbii raajota fi ooriitii keessa jechi tokko hafuuraa osoo ardii fi samiin darbanii wayya jedhan.
v. Guduunfaa
Waa’ee dubaroo Maariyaamii dubbatanii xumuruuf ni rakkisa. Dubbiiwwan raagaa hedduun akka soorgootti fi  sookoo waa’ee ishee of keessaa qabu. Addaam irraa eegalee hanga dhaloota isa dhumaatti kan ishee hin abdanne hin jiru. Namni cubbuun isaa baay’ee dha, waa hedduunis ni moo’ama, isheen garuu cubbuu moo’attee,qulqulluus taatee  ibidda gadaamessa isheetti  baatte, kanaaf gama isheetiin jabina arganna. Gooftaa Iyyasuusis gama isheetiin nutti firoome. Amma dhalachuu isheetiin haa gammadnu, kan fayyina barbaadu hundi yaa gammadu, kiristoos hubachuuf karaa inni ittiin nama tahe hubachuun dirqama, yoo sana immoo dubbii Maariyaamii  hubachuun dirqama taha.
Galatni Waaqayyoof kan ardii fi samii diriirseef, Galatni Maariyaamiif qulqullummaan Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan deessef, Galatni Fannoo Gooftaaf kan dhiigni Waaqumma irratti kan dhangala’eef ,baraa hanga baraatti. Ameen. Ayyaana gaarii
Kitaabota Wabii
Hiikkaa galata Maariyaamii fi Qiddaasee Maariyaamii,maxxansa jahaffaa,bara 1983,mana maxxansa Tinsaa’ee zegubaa’ee,Finfinnee
Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromoo fi Afaan Amaariffaan Qophaahe.