Fayyinni keenya Iyyasuus Du’uu Isaatiini! (Luq.12:49)
Dn. Tolawaaq Habtaamuutiin
“Inni waa’ee irra daddarbaa keenyaaf
madaa’e,waa’ee balleessaa keenyaaf rukkutame/reebame dheekkamsi
fayyina keenyaas isarra ture;madaa isaatiin nuti fayyine.” Isa.53:5
Tibba
dhukkubbii Gooftaa jechuun maal jechuudha?
v Guyyoota
sooma guddaa keessaa torban isa dhumaa ykn guyyaa hosaa’inaatii kaasee hanga
jala bultii du’aa ka’uumsa Gooftaatti guyyootni jiran Tibba Dhukkubbii Gooftaa jedhamanii waamamu.
v Torbee
kana keessatti Gooftaan keenya nama ta’uu isaatiin gidiraa fi rakkoo inni
argetu yaadatama.
v Jechuunis
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhala namaa gidiraa fi garbummaa seexanaa
jalaa baasuuf fedhaa fi hayyema isaatiin jaalatee gidiraawwan kana kan simate
malee uumamni ykn dhalli namaa dirqamaan abboomee kan irratti raawwatan miti.
Guyyoota Tibba Dhukkubbii
Gooftaa
Wiixata: Guyyaa gooftaan keenya Bitaaniyaadhaa gara
Iyyerusaaleemitti deemuu muka balasii/harbuu/ firii hin qabne takka argee itti abaaree fi mana qulqullumaa keessatti
namoota daldalanitti ol-seenee mi’a isaan daldalaa jiran waliin gadi-isaan
yaaseedha. Kanaafuu,guyyaan kun guyyaa abaaramuu
balasii fi qulqullaa’uu mana
qulqullummaa jedhamee yaadatama. Mat.21:12,
Mar.11:17,
Kiibxata:
barsisotni fariisotaa aangoo inni ittiin
raajiiwwan (dinqii) kana ittiin hojjatu guyyaa itti gaafatan waan ta’eef guyyaa gaaffii
jadhama. Mar.11:7,Mat.21:13,Luq.21:23.
Akkasumas Gooftaan keenya mana qulqullummaa keessatti waan barumsa dheeraa
barsiisaa tureef guyyaa barumsaa jedhama.
Mat.25:46,Mar.12:12.
Roobii:
hangafoonni luboota Yihuudotaa fi barreesitoonni Fariisootaa guyyaa Gooftaa
qabuuf itti mari’atan waan ta’eef guyyaa murtii/marii
yihuudotaa jedhamee beekama. Mat.26:1,Mar.14:9,Yoh.12:8.
Kamisa:
Kadhannaa Gooftaan keenya bakka biqiltoota lalisoo keessatti kadhate yaadachuun
kadhannaa kamisaa/ kamisa magariisa
jedhameera. Mat.26:36
Gooftaan keenya kasoominaan miila
duuka-bu’ootaa gadi-jedhee dhiquun “isinis akkanumatti kanneen biroof
raawwadhaa” jedhee waan ajajeef dhiqannaa
kamisaa/ kamisa ajajaa jedhamti.
Gooftaan keenya icciitii qurbaanaa
guyyaa itti hundeesse waan ta’eef guyyaa icciiitii jedhama. Mat.26:26,Yoh.13:1-dhu,Luq.22:20 .
Guyyaa kana Gooftaan waa’ee
qurbaana isaa kan kakuu haaraa matuma isaa akka dhiheessu waan dubbateef kamisa
kakuu haaraa jedhamti.
Guyyaa kana waa’ee bilisummaa dhala
namaa waan dubbateef kamisa bilisummaa jedhamti.
Jimaata:
Gooftaan
keenya Iyyasuus Kiristoos Addaamii fi Ijoollee isaaf beenyaa(furaa) ta’ee
Fannoo irratti waan fannifameef guyyaa Fannoo
jedhama. Meeshaa adabbii yakkamtootaa kan ture Fannoo guyya itti Gooftaan
dhiiga isaatiin qulqulleessee mallattoo jireenyaa, mallattoo araaraa fi ittiin
seexana injifannu taasisee nuuf kennedha. Gooftaan aarsaa kakuu haaraa ta’ee of
dhiyeessuun dhala namaa garbummaa seexanaa jalaa guyyaa itti bilisa baase waan
ta’eef guyyaa bilisummaa
jedhama. Yoh.15:15, Gal.5:1. Gooftaan
guyyaa itti lubbuuwwaniif fayyinaa fi boqonnaa kenne waan ta’eef guyyaa qulqulluu jedhama. Mat. 27:48-53
Sanbata xinnaa: sanbattan biro
irraa kan adda ishee taasisu waa’ee gidirfamuu Gooftaa keenyaaf jecha guyyaa
itti soomnu waan ta’ee fi duuti Addaam diigamuun gara jireenya itti jijjiirame
jedhamee waan himamuuf sanbata
diigame/jijjiirame (ቅዳሜ
ስዑር)
jennaan.
Sirnoota
tibba dhukkubbii Gooftaa
Sirna/heerota: “yaa
obboloota koo obboleessa akka duudhaa nurraa fudhatee osoo hin taane
seeraan/sirnaan ala kan adeemu irraa akka adda baatan maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus
Kiristoosiin isin ajajna. Nuyiin fakkaachuun akkamitti akka isin irraa eegamu
ni beektu; isin biratti nutis seeraan ala hin deemne waan ta’eef.” 2 Tes. 3:6-7.
Wantoota tibba dhukkubbii Gooftaa keessa raawwataman
1. jilbeeffannaa፡
tibba kana keessa si’a 41 kiraalaayisoon (maaloo yaa Gooftaa nuuf dhiisi), si’a 12 “yaa abbaa keenyaa hoo……” yeedaleeffamaa baay’isee ni jilbeeffatama.
Akkasumas maqaawwan Gooftaa keenyaatiin/Iyyesuus Kiristoos, Amaanu’eel,
Abnoodii, Masiyaas, Tisbuuxaa/ jechaa waamudhaan jilbeeffachaa ni yaadatama.
2. Kadhannaa: tibba
kana keessa sa’aatii 24 keessaa sa’aatiin dubbisaa fi kadhannaa 10tu jira.
Isaan kunis guyyaa keessaa sa’aatii 1, 3,
6, 9 fi 11 yammuu ta’u halkan keessaa sa’aatii 1, 3, 6,9 fi 11 dha.
Sa’aatiiwwan kanneen keesssatti gidiraawwan gooftaa yaadachuuf faarsaa Daawitii
fi raawwiin dhukkubbii (ግብረ ሕማማት)
baay’inaan
kadhatama.
3. Sooma:
tibba kana keessa nyaatawwan hedduu
irraa of qusanna. Warra danda’amuufis galgala keessaa hanga sa’aatii tokko akka
sooman, nyaata akka qorsoo, daabboo, bishaanii fi ashaboodhaan akka nyaatamu
kitaaba raawwii dhukkubbii Gooftaa irratti barraaheera.
4. Wal hin dhungatamu: Gooftaa
keenya fannisuuf Yihuudotni “yaa
fannisnu, yaa ajjeesnu” waan jedhanii fi Yihuudaan Gooftaa dhungatee dabarsee
waan laateef wal dhungachuun harka wal fuudhuu fi walitti maramanii nagaa wal
gaafachuun dhorkaadha. Fannoos bara Kakuu Durii(Moofaa) keessa mi’a adabbii yakkamtootaa fi mallattoo
abaarsaa waan tureef Gooftaaan keenya kabajamaa dhiiga isaaatiin qulqulleessee
mallattoo injifannoo hanga nuuf godhuutti tibba kana keessa hin dhungannu. (Gal.3:13,
Mat. 10:38, 26:29)
5. Hirmaachuu(አክፍሎት)፡ Dubroo
Maariyaamii, Yaa’iqoobii fi Yohaannis du’aa ka’uu Gooftaa osoo hin argiin
midhaanii fi bishaan afaaniin hin qabnu jedhanii hanga du’aa ka’uu Gooftaa
turuu isaani yaadachuuf kan soomamudha.
6. Shuummoo(ጉልባን): Baaqela,
Qamadii fi Boqqolloo irra qophaa’uun guyyaa Kamisaa kan nyaatamu yoo ta’u kanis
gadda tibbasanii ibsuuf yaadannoo raawwatamudha.
7. Baala Ejersaan
rurrukutamuu: kun
tibba kana keessa Kiristaanonni cubbuu raawwatan lubootatti himachuun
baala Ejersaatiin rurrukutamanii jilbeeffannaa kan ittiin fudhatanidha. Kunis
fakkeenya rukutamuu/reebamuu Gooftaati. Baalli ejersaas fakkeenya nageenyaa,
kennaa fi Yihuudaadhaan gaabbii gali jettee kan dubbattedha.
8. Caffee/allaaddu: Gooftaan
keenya du’aa ka’uu isaa akka nuuf ibse kan ittiin ibsinu yoo ta’u, fakkeenya
gonfoo qoree Gooftaan kaawwatee jechuun mataa keenyatti hidhanna.
Walumaagalatti torbee kana akka kakuu moofaatti
ilaalama/yaadatama waan ta’eef siritti gadduudhaan waa’ee gidiraa gooftaa
yaadachaa keessa keenyatti fayyina Gooftaadhaan argachuu keenya hubachaa kan
ittiin xiinxalluudha.
JECHOOTA GOOFTAAN KEENYA
FANNOORRATTI DUBBATE TORBAN
1.
Waaqa
koo Waaqa koo maaliif na
dhiiste?/Eelohee(2x) eelmas laamaa-sabaqatanii( Mat. 27:46)
Kana
gooftaan ol kaasee dhageessisuun kan dubbate guyyaa keessaa sa’aatii sagalitti
ture. Inni Waaqa ta’ee osoo jiruu maaliif Waaqa koo Waaqa koo jedhee dubbate yoo
jedhan baroota hedduudhaaf(5500) seera Waaqayyoorraa fagaatee gatamuudhaan kan
jiraate foon Addaam uffatee nama ta’uu isaa ibsuudhaafi. Akkasumas bakka Addaam
bu’ee kadhannaa/booyicha Addaam dhiyeessuudhaafi. Raajiiwwan isaaf dubbataman
akka raawwate ibsuuf . Inni biraa immoo seexana (Ergamaa duu’aa) gara isaatti
dhiyeessudhaafi ture kana kan inni dubbateef.
2.
Yaa
Abbaa waan godhan hin beekaniitii ati dhiisiif(Luq. 23:34)
Fannisuu
isaanii malee eenyuun akka fannisan hin beekan waan tureefi. Akkasumas gidiraa
yemmuu nurratti raawwatan, diinota keenyaaf kadhachuu akka qabnu nu
barsiisuufi. Dhukkubsattoota malee warri fayyaan qoricha isaan hin barbaachisu
akkuma jedhe, ani cubbamootan waamuu dhufe malee qulqulloota miti ( Mat. 9:12) isa jedhe hojiidhaan ifatti mul’isuuf. Inni garaa-laafessa
ta’uusaa ibsuudhaaf jecha raajii( Isa.53:9) irratti kan dubbatame “akka
saamtotaatti lakkaa’amee diraa’ota waliin gidirfame, garuu inni cubbuu namoota
baay’ee baatee warra garaa jabaataniif kadhate”, kan jedhu raawwate jechuufi.
3.
Har’a
ana waliin Gannata keessa ni teessa/taata (Luq. 23:35-43)
Iyyasuus
Kiristoos isa fannifamee fi du’e, du’a moo’ee ka’e inni dhugumatti Waaqayyo
jechuudhaan Waaqummaa isaatti amananii
warri laphee qulqulluudhaan kadhatan hundi motummaa isaa duraan dhabne/ganne sana deebinee
lammaffaa akka argannuu fi itti gallu/dhaallu yemmuu ibsuudha. “Dhugaa dubbatanii bakka namatti dhiite bulu”
akkuma jedhamu dhugaatti(Yoh. 14:6)
amannee ragaa baanee akka isa gara mirgaatti fannifamee(Xiixoos) sana gooftaa
waliin mootummaa isaatti hirmaachuu nuuf wayya waan ta’eef adaraa yaa saba Waaqayyoo dhugaadhaaf raga
bahaa(Yoh.3:11,14:6). Waa’ee Iyyassus
Kiristoos eessumattuu ragaa bahaa(Yoh.
3:11).
4.
Yaa Abbaa Lubbuu/Ruuhii/ koo
harka keettan imaanaa sitti kennadha.(Luq. 23:46)
Jecha
kana kan dubbateef foon dubbachuu isaa ibsuu fi lubbuuwwan gita bittaa
garbummaa Seexanaa jala turan bilisa bahuun gara bakka bilisummaa taate
mootummaa Waaqayyoo galan jechuudhaa fi malee inni matuma isaatiin ‘Waaqa Waaqoliiti’.Gal.5:1. Kuni kan ibsu nutis gara Waaqayyootti yemmuu deemnu Lubbuu
koo harka keettiin laadha jechuu akka qabnudha.
5.
Kunoo
mucaa kee, kunoo haadha kee(Yoh. 19:26-27)
Jecha
kana kan dubbateef haadha isaa fi jaalatamaa isaa kan ta’e Yohaannis ilma
Zebdiyoosidhaafi. Hanga Qaraaniyootti warra
hordofanii dhaabbataniif Iyyasuus fannoorra osoo
jiruu dubbateef. Kuni ammo isaan lamaan gidduutti qofa hafa osoo hin taane
har’as isheen nu’iif haadha keenya. Nutis isheedhaaf ijoollee isheeti. “osoo Waaqayyo sanyii nuuf hin hanbisne ta’ee akka
Sodoomii taanee akka Gamooraa fakkaanna ture.” (Isa.1:9.) kan jedhames haadha keenya durboo Maariyaamiidhaani. Kun
ammo kan ta’e Hafuurri Qulqulluu ishee golgee eeguudhaani. Kanaaf karaa
Yohaannisiin nuuf kennamteetti waan ta’eef akkuma inni gara mana isaatti
fudhatee gale sana nutis haadha keenya Maariyaamii gara mana keenyaatti
fudhaachuu qabna. Jechuun araarsummaa isheetti amanuu qabna.
6.
Nan
dheebodhe (Yoh. 19:28)
Kitaaba
irratti nyaata kootti dhangaggaa’aa makan kan jedhame(Far.21:15,68:21) akka raawwatuuf ‘dheebodhe’ jedhe. Akkasumas
Waaqayyo foon dheebotu, beela’u uffachuu isaa ibsuudhaafi. Ilma namaatirraa cubbuu
akka hadhooftuu dhangaggaa’u balleesse/ haqee gatee yoo jedhu dhandhamee tufuun
cubbuu keenya nurraa haquu isaa ibsa. Kuni kan ibsu Waaqni bishaan uume bishaan
dhabee dheebote jechuu osoo hin taane ilma namaa irraa jaalala, tolummaa,
gaarumma dhabe/dheebodhe yoo jedhuudha. Kanaaf Waaaqayyo keenya laphee
qulqulluudhaan jaalachuu qabna.
7.
Ni
raawwate (Yoh. 19:30)
Wanti
kitaaba irratti barraa’e hundi raawwate yoo jedhuudha. Kana jechuun raajni
Raajota qaaqqabuu isaa fi ijoolleen Addaam Gannata keessaa ari’amanii Si’oolii
keessa jiraachaa kan turan erganaa ga’e/dhumateera jechuu isaati. Araddaa
isaanii Gannata akka dhaalan hojiin fayyinaa rawwatame hojjetame yoo jedhudha.
Fayyina keenya kan ittiin rageesse/mirkaneesse du’a isaatiin waan ta’eef dhumate jedhe. Kun hundumti isaa kan
ta’eef nu fayyisuuf jecha gooftaan al- tokko fannoorratti aarsaa ta’uun of
dhiyeessee bara baraaf cubbuu irraa bilisa nu baasuuf raawwii/tolummaa inni raawwateeni.
Nutoo Waaqa hangana nu jaalate kana hangam abboomamneefii jirraa? Hangam
jaalachaa jirraa? Hangam galateeffachaa jirraa? Dhuguamatti laphee
qulqulluudhaan waaqeffachaa jirraayii? Deebiin isaa nu’ii fi isa gidduutti haa
ta’u. “Waanuma maraafuu Abbaan hin rafuu” akkuma jedhamu bakkuma jirrutti
kennaa nuuf laatameen cimnee tokkummaadhaan taanee laphee qulqulluudhaan uumaa
Keenya yaa Waaqessinu haa galateeffannu.
Faasikaa/Irra
Darbaa/pass over
Faasikaan/Irra
darbaan keenya Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi(1Qor.5:7). Kan irra darbe kun kakuu moofaa keeessatti ergamaa du’a
baatee deemu ture.(Ba’u.12:3-16).
Yeroo ammaa kana irra darbaan/faasikaan dhugaa ta’ee fi al-tokko du’a jalaa nu
baase ilma Maariyaamii kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi,innis nuuf
qalameera waan ta’eef(1Qor.5:7,Yoh.19:28,Mat.26:26).Hoolaa
qulqulluun dhugumatti cubbuu addunyaa haquun du’a jalaa nama baasu Iyyasuus
Kiristoos qofa wanti biraa tasumaa nu fayyisuu hin danda’u(Yoh.1:29). Kanaaf bara kakuu moofaa keessatti hoolaa qaluun baroota
hedduuf ayyaana kana kabajaa turan. Har’a garuu nuti kabajuu kan qabnu foon
hoolaa isa dhugaa ta’e kan gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos nyaachuunii fi
dhiiga isaa dhuguudhaan ta’uu qaba malee hoolaa ykn lukkuu ykn re’ee qaluun
nyaachuun tasumaa nu hin fayyadu, nu hin fayyisu. Kanaaf isa nu fayyisu
jireenya barabaraa nuuf kennutti yaa hoognu. Foon koo kan nyaate,dhiiga koos an
dhuge jireenya barabaraa argata jedha waan ta’eef(Yoh.6:53). Kanaaf yaa obboloota koo hoolaa faasikaa (foonii fi
dhiiga gooftaa) nyaachuuf of haa qopheesinu. Ayyana gaarii!!!
Kennaan Abbaa jaalalli Ilmaa tokkummaan
Afuura qulqulluu hunda keenya waliin haa ta’u! ameen!
Waaqayyo
dhibee fi dhukkubbii tokko malee, dheebuu fi dadhabbii tokko malee akkuma
har’aan nu gahe guyyaa du’aa ka’umsa isaatiif nagahaan nuun haa ga’u. Ameen!!!
Waaqayyoof
galanni haa ta’u!!!
Madda:
Kitaaba
qulqulluu
Ragaa
tolummaa/ስማዐ ጽድቅ/ bara 2002
Kitaaba
dhukkubbii Gooftaa/ግብረ ሕማማት
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.