Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura
Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Dn. Tolawaaq Habtaamuutiin(Yuunivaristii Jimmaa
irraa)
Seensa
Waaqayyoon
uummamtoota yeroo uumerraa jalqabee ilma namaatiif
haala
garagaraatiin mul’achaa fi icciitii (kennaa) isaa raabsaa tureera ammas itti
fufa. Kakuu moofaatti raajotarra bulee uummata isaa eegaa,
sooraa ture. Kakuu haaratti tokkicha ilmasaa erguun jaalala guddaa nuuf
laate. Gooftaan keenya hanga
dhuma addunyaatti sin wajjiinan ta’a jedhee erga
samiitti ol-bahee booda gaafa guyyaa 10ffaa Hafuura Qulqulluu jajjabinaa nuuf ergeera.
Hafuurri
qulqulluunis barabaraaf bataskaanarra bulee kennaa garagaraa ilma namaaf
kennaa jiraata. Kanaaf, manni
kiristiyaanaa mana kuusaa kenna jedhamtee
beekamti. (1Qor 12:4-7, Efe 4:5-7,
Rom 12:6-7)
Icciitiin
torbaan mana amantaa
kunis karaalee kennaa, suuga Waaqayyoo garagaraa ittiin argannuudha.
Isaaanis:
1.
Icciitii Cuuphaa 5.Icciitii Takliilii
2.
Icciitii Meeroonii 6.Icciitii Gaabbii
3.
Icciitii Qurbaanaa 7.Icciitii Qandiiliii
4.
Icciitii Luubummaa
Icciitiitoota
kan jalqabee fi kan laatu Iyyasuus
Kiristoosi. Kitaabni Qulqulluun kana yoo barsiisu,
haala raawwii fi heerota isaanii kan nutti himu
kitaaba heerotaati. Iccitiin barbaachisummaan
isaanii dirqama ta’anii fi mootummaa Waaqayyoo nu dhaalchisan sadi.
1.
Icciitii Cuuphaa
2.
Icciitii Meeronii
3.
Icciitii Qurbaanaa (foonii fi dhiiga Gooftaa)ti.
Kanneen,hafan
akka barbaachisummaa isaaniitti raawwatamu.
Kan irra dedeebi’amu
|
Kan irra hin
dedeebi’amne
|
Icciitii
Qurbaanaa
|
Icciitii
Cuuphaa
|
Icciitii
gaabbii(qalbii jijjiirannaa)
|
Icciitii
Meeroonii
|
Icciitii
Qandiilii
|
Icciitii
Lubummaa
|
|
Icciitii
Takliilii
|
Hub:-
Meerooniin dibannaan ni deddeebi’a, garuu tajaajilli isaa waan gara garaaf waan ta’eef
irra hin deebi’amu. Meeshaalee qulqullaa’oo kabajuuf ni deddeebi’ama.
Iccitiiwwan mana Kiristaanaa maaliif
icciitii jedhaman? Maaf torba ta’an?
Icciitii:-dhokataa,
ifa kan hin taane, namoota muraasaan beekamu yoo ta’u:-
- Namoota hin amanneef dhokataa, namoota xiqqoo (muraasa) filatamaniif beekama.
- Daa’immaniif kan hin himamne/kiristaanota reefu amananiif kan hin himamne
- Sammmuudhaan ol-kan ta’ee fi qaamota miiraan hubachuu kan hin danda’amne.
- Namoota amananiif kiristaanotaaf qofa kan raawwatamu.
- Namoota sammuuun daa’ima (ahizaabootaa ykn ormootaa) ta’aniif hin raawwatamne.
- Tajaajila mul’atuun kennaa hin mul’anne waan laataniif.
Gabaabummatti
icciitii kan jedhamaniif.
a) Kan
amananiif qofa waan raawwatamuuf
(laatamuuf)
b) Kan
ijaan mul’atu, kan harkaan tuqamuu (rirriitamu),
kan dhagahamuun, wanti guddaan yemmuu hojii hafuuraatiin geeddaramu waan hin
mul’anneef,
c) Tajaajila
mul’atuun, dhagahamuun, tutuqamuun, kennaan (sugni) hafuurawaa yemmuu laatamu kan
hin mul’anne ,kan hin dhagahamne fi hin tuttuqamne ta’uu isaati.
“Maaliif torba ta’an?”
Akka
aadaa ibrootaatti lakkoofsi torba mallattoo gonkummaa waan ta’eefi. Aadaan kun
bataskaana keenya keessatti ni mul’ata. Waaqayyoon kennaa (suga) gonkummaa (hir’ina
hin qabne) siniif laadhe,r aabse yemmuu jedhu torba taasise. Kunis kitaaba qulqulluun
ibsameera.
Fakkeenya wanta lakkoofsa Torban
waamamanii Kitaaba Qulqulluu Irraa:
1) Samiiwwan torbaan
Guyyaa
sanbataa- guddaa (Dilbataa) uumaman.Kitaaba Aksiimaaroos dubbisaa.
Isa
66:1”samiin teessoo kooti….”
Isaanis Iyyoor, Raamaa, Erer, Iyyaruusaalem ishe samiirraa, Galma Aariyaam, Samii Wudud fi fi Teessoo Mootummaa (waaqayyoo).
Angafoota (dura bu’oota) Ergamoota
torban( Irb1:14)
Mikaa’ela,
Gabreelii, Rufaa’eel, Faanu’eel, Raagu’eel, Saaqu’eel, fi Afniin
3)
Guyyoota Torbanii: ( Uma1:4). Waaqayyoon gaafa guyyaa torbaaffaa hojii Isaa
hundarraa Booqate.
5) Yeroo kadhannaa torban:
(Fil 4:4-6, Far 118:164)
6) Ayyaana Ayihuudotaa torban:
(Lew 23:2-25, Asteer 9:16)
7).
Soomii (laguu) torban: isaanis Sooma Guddicha, Sooma
Raajotaa (qillee), Soooma Nanawee, Sooma Gaadii (jalabultii ayyaana cuuphaa), Sooma Fayyinaa (Roobii fi Jimaataa) Sooma Duuka bu’ootaa,
Sooma Filchataa (du’aaka’uu Qulqulleettii Maariyaamii)
Waa’een
icciitii torbanii jalqabumaa kakuu moofaa keessatti ibsameera.
Fak.
9:1 “Oogummaan(gamni) mana ishee ijaarratte,utubaa torbas dhaabbatte.”kan jedhu
Ogummaan:
-fayyisaan Addunyaa Iyyasuus Kiristoosiin.
Manni:-
dhiigasaan kan bite bataskaanaan.
Utubaan
torba:- icciitii torban mana kiristaanaan fakkeeffama.
Utubaan
dhaaba fi darabaa (baaxii) utubee akkuma qabu, icciitiin torban ammo Doogmaa fi
Qaannoonaa (madaallii) (bu’uura mana amantaa)
kan ta’an cimsanii jiraachisuu.
Hubachiisa.
Akka hojii Waaqayyootti kennaan namaaf laatamu torba qofa jechuu osoo hin taane
kunniin akka dureetti ta’anii kan biraaf kennaa hedduu nuuf laacha jiraatu jechuudha.
(1Qor. 12:4-6, Efe.4:4, , Rom. 12:6,Yoh.3:8)
Afuurri Qulqulluun tokko kennaan garuu garagaraa.
Icciitiiwwaan
torban kun mana kiristiyaanaa biroo keesatti hin argaman; jiraatanis guutuu miti.
Hojiin
fayyisuu Waaqayyoo guyyaa jimaataa al tokko kan raawwate yoo ta’u kennaan fayyummaasaa
yeroo yeroon dhaloota ka’uuf kan ga’u lallaba wangeelaa fi icciitii raawwachuuni
(dadarbaan).
Itti fufa…………………………………
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.