(Hagayya
24-25,bara 2005, Gadaamii Dabra Libaanos Salaale)
Maqaa
Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Yaa’ii
walii galaa kana irratti, yaa’iwwanii fi walgahiiwwan kana dura waldichaan
adeemsifaan caalatti kan miseensonni baay’inaan irratti argamani fi hirmaatan, akkasumas
kan qophiin gahaan itti godhame dha. Yaa’ichis Gadaamii Dabra Libaanositti
adeemsifamuun isaa kaayyoo lama qabateeti. Inni jalqabaa, miseensonni waldichaa
iddoo qulqullaa’oo irraa suga akka argatan gochuuf, akkasumas kutaa biyya keenya gara garaa irraa gara
gadaamichaatti ayyaana Hagayya 24 kabajamu kabajuuf hordoftoonni amantichaa waan
dhufaniif miseensota heddu yaa’icha
irratti hirmaachisuuf ture. Yaa’ichi
sirna kabaja ayyaana Taabota baasuu fi sirna Qiddaasee(galateeffannaa) Gadaamii
Dabra-Libaanositti raawwatee booda, iddoo yaa’ichaaf qophaa’etti eegaleera. Yaa’ichis
kadhannaadhaan eegalee, Gabaasa gabaaba bara 2004 akkasumas gaabaasawwan
raawwii hojii bara 2005 dhageeffatee, ciminaa fi hanqina jiran irratti yaada kennee
mari’ateerara.
Akka
gabaasa kana irraa hubatamettis, hojiin jalqaba ta’e of eeggannoo guddaadhaan
miseensota horachuun maddiitti, kitaabotni hafuurawaa kan lallaba wangeelaa fi
amantaa Ortodoksii Tawaahidoo hubachuuf gargaaran lakkoofsan 100 ol ta’an bituu
fi walitti qabachuu ture. Akkasumas meeshaalee barreeffamaa muraasa waldaaf barbaachisanii fi danbii ittiin bulmaataa
fooyyessuu, waltajjii gara garaa irratti kaayyoo waldichaa ifatti teessisuu,
abboota mana amantaa hoogganan mariisisuu fi yaada walitti qabachuu, baldhinaan
itti raawwateera. Gama Kitaaba qoheessuutiinis barreeffamni kitaaba tokkoo
xumuramee maxxansaaf qophee tahuun isaa ibsameera. Waldichi miseensota fi
deeggartoota hirmaachisuudhaan kitaaba Galata Maariyaam Afaan Oromootiin barraa’an
walitti qabuudhan gara karrayoota cuuphamaniis ergeera. Walitti dhufeenyi
miseensota gidduutti jirus akka cimuuf yeroo yeroon marii fi imala qopheessuun
waliin walhubachuu fi wal iyyaafachuu akka eegalan taheera.
Ajandaawwan
Marii torba tahan irratti mari’ate keessayis inni lammataa, karoora bara 2006 irratti
mari’achuun raggaasuu yoo tahu, bara kanatti beekkamtii qaama seerummaa
walqabatee hojiin bara 2005 keessa abboota waliin mariin godhame, jalqaba bara
kanaa irratti ni raawwatama jedhamee abdatama. Akka karooratti kan qabaman
keessaa, biloog saayitii waldichaa gara weebsayitiitti guddisuu, kitaaba
barreeffame maxxansiisuu fi raabsuu, ayyaana hundeeffama waldicha waggaa
lammaffaa Onkololessa 14 kabajuu, biiroo dhaabbataa qabaachu fi kan biroos keessatti
argamu. Dabalataan marii kana irratti sa’aatii heddu kan fudhate wa’ee Kitaaba ‘kiristaanummaa Ortodoksii fi Oromoo’
jedhu yoo tahu yaada baldhaan kallatti gara garaan irratti godhamee, mormiin fi
gaaffi heddunis irratti ka’ee jira. Barbaachisumman kitaabicha kan wal nama
gaafachiisuu tahuu baatus, kitaabicha qopheessuuf kaapitaala heddu kan
barbaachisu, qo’annoo fi qorannoo, funaansa wabii jalqabaa(Primary source) fi
wabii lammataa barreeffama kitaabota durii hiikuun fi kan kana fakkaataan of
eeggannoo gadi fageenyan godhamuun akka barbaachisus irratti mari’atameera.
Haaluma kanaan garee kitaabicha barreessuuf haala mijeessuuf koreen nama shan qabu filatamee,
piroposaalicha kitaaba dhiheenya keessa akka saffisisuufi abboota waliin
quunnamuu fi barsiisota Yuunivaristii barsiisan seenaa irratti qo’anno
gaggeessaniin hoogganamuun hojichi akka itti fufu gochuun yeroo yeroon koree
hojii raawwachiiftuuf gabaasa akka dhiheessu qabu irratti walii galameera. Wabii
walitti funaanuun erga eegalamee waggaa
lamaa ol tahuuf gahus, ammas ragaawwan dabalataa argachuuf yoo xinnaate waggaa tokko ol ni barbaada.
Kanaaf bara 2006 kanas qabiyyeen isaa sirriitti adda bahee fi gaaffiin qo’annichaa
ifatti taa’anii kan hojiin baldhinaan itti fufu akka tahu murtaa’eera. Kitaabni
kuni gaaffii namoota heddu keessumattuu yeroo ammaa ka’aa jiraniif deebii hanga tokko ni deebisa abdiin jedhus
gamanumaa eegamaa jira.Garuu gaaffii hunduma ni deebisa jechuufis ni ulfaata. Waluma
galatti kitaabichi kana booda waggaa 2 ni fudhata jedhamee eeggama.
Ajandaan
marii inni sadaffaan ammoo miseensonni hanga ammaatti buusii miseensumma kan
hin buusne yoo tahu, buusiin miseensummaa gadi aana miseensonni buusanis murtaa’eera. Haaluma kanaan barataa sadarkaa kam irra
jiruufu ji’a ji’aan birrii 1 akka buusan kan murtaa’e yoo ta’u, hojjettoonni
mootummaa fi dhunfaa garuu hanga argatan(harka isaanii gahu irraa) parsantii (0.5%) qofa akka buusan kunis bara 2006 irraa akka eegalu
irratti walii galameera. Haa ta’u malee, buusiin murtaa’e kuni baay’ee gadi
aanaa ta’usii fi namni gammachuudhan akka hirmaatu yaadamee kan taa’e tahus, hanga
humna ofiitti sanaa ol namni miseensa tahes hin taanes waldicha gargaaruu fi tajaajila
hafuurawaa Afaan Oromootiin kennamaa jiran kana birxa baasuun ni danda’ama
jedhameera.
Dhimmi
marii inni afraffaan ammoo Caasaa Waldichaa fi danbii ittiin bulmaata waldichaa
irrattis, ogeessa seeraatiin hoogganamee, marii dheeraan kan godhame yoo tahu, foyya’iinsi
irratti godhameera. Kan kana dura jiru irrattis koree hojii raawwachiiftuu irratti kutaan tajaajilaa lama itti dabalameera.
Isaanis kutaa qindeessaa dameewwanii fi kutaa deeggarsa ogummati. Kutaan qindeessaa
dameewwanii miseensota fi damee iddoo gara garaa irraa gabaasa funaanu, rakkina
isaan muudatuufis koree hojii raawwachiiftuu waliin mari’achuun furmaata kennuu
fi akka dameetti banamuuf dameewwan ulaagaa guutan eessatti akka tahuu qaban ni qo’ata. Tajaajila biyya alaatti
raawwatamaniifis haala ni mijeessa,karaanis akka saaqamu ni godha.
Kutaan
deeggarsa ogummaa ammoo yeroo barbaachisa ta’etti dhimma seeraa fi hojiiwwan
ogumma kan akka Injinaaringiin wal qabataniif deeggarsa ni godha jedhamee
amanama. Gama caasaatin ammas barbaachisumman Boordii qajeelchaa kan itti
amaname tahee, koree hojii raawwachiiftuutiin kaadhimamanii yaa’ii walii
galaatiin ni filamu. Boordiin qajeelchaas hojiiwwan gurguddoo sadarkaa biyyatti
ta’an irratti qajeelcha ni kenna, qaama mootummas ta’ee kan biroo wajjin ni
mari’ata, deeggarsa hojii waldichaaf ni kenna. Itti gaafatamumman Waldaa Nahimiyaas
Betekihnetii mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatif ta’a.
Gama
ulaagaa miseensummatinis akkasuma fooyya’insi ta’eera. Ulaagaawwan kana dura
jiran akkuma jirutti ta’anii, amma kan itti dabalaman, miseensa tahuuf, bara
2006 irraa eegalee waraqaa deeggarsaa mana kiristaana itti tajaajilaman irraa
akka fidanii fi miseensota Waldicha keessa jiraniin deeggarsa argachuu akka
qaban murtaa’eera. Dabalataanis gama kamiinuu ilaalcha siyaasaa waldicha
keessatti calaqqisuun gonkuma dhoorkaa akka tahes mari’atameera.
Ajandaan
marii inni biraa ammoo walitti dhifeenya
miseensota gidduu jiru dha. Kanaanis keessattu miseensonni naannoo tokkoo
yookan magaala tokko keessa jiraatan yeroo
gaddaa fi gammachuu, caalatti ammoo yeroo rakkina fi gaddaa wal bira dhaabachun
wal jajjabeessu, wal gargaaruu, waliif kadhachuu akka qaban sirritti ibsameera.
Kunis tokkumma waldichaaf kan gargaaru
yoo tahu, hojii hawaasa keessatti hojjetaman hunda saffisiisuuf hawaasa hirmaachisuuf ni gargaara. Miseensonni waldichaa hundumtus safuu hawaasaa kan eegan
akka tahaniifi seera biyyattiin ittiin bultu kamiinuu kabajuun akka tajaajilan
caalatti cimaniis akka hojjetan irratti
walii galameera.
Yaa’iin
walii gala Waldaa Duuka Buutotaa yeroo hunda waggaatti al tokko baatii
Adoolessaa/Hagayyaa/ keessa ni adeemsifama.
Nagaan
jalqabsiisee nagaan kan nu xumursiise Waaqayyoof galanni haa ta’u!
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.