Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Maasrashaa Geetachoon
“Gaafa guyyaa sanbataa gara Mikuraabiitti seene.” Luq. 19:47.
Torbee
sadaffaan sooma guddicha gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Mikuraab
jedhamuun beekama. Osoo sababa moggaasa torbee kanaa hin ilaaliin dura Mikuraab
jechuun maal jechuu akka ta’ee fi faayidaan isaas maal akka ta’e akka armaan
gadiitti ilaalla.
Mikuraab
jechuun lafa ol ka’aa, gamaa hanga gaaraa gahu jechuu yoo ta’u innis mana
kadhannaa (Mana Qulqullummaa) Yihuudotaati. Bara kakuu moofaatti sirni
waaqeffannaa Yihuudotaa kan gaggeeffamu manaa Qulqullummaa isa Iyyerusaalem
turee fi isa seeraan hundeeffametti ture. Nabukadanatsoor garuu Mana Qulqullummaa isa
Yihuudinni sirna Waaqeffannaa isaanii itti gaggeeffatan diigee uummata kanas
gara Baabiloonittis isaan booji’e. Yeroo kana irraa eegalee Yihuudonni bakka
argaman hundaatti mana addaa tajaajila kadhannaa fi hawwaasummaaf oolu ijaaruu akka
eegalan ni tilmaama. Yis.11:16.
Bara
gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos biyya lafaa Naanna’ee barsiisaa
turetti, bakka kanattis ta’e bakka biraatti Mikuraabonni baay’een turaniru. Dukaa
bu’oonnis gara bakka Yihuudonni bibittinaa’anii jiran hundaatti yeroo deeman
gara Mikuraabii isaaniitti deddeebi’uun Wangeela uummata kanaaf labsaa turan. Maat.
4:23, Duuk. 6:9; 9:2, 13:5-14; 14:1; 17:1:10:17; 18:4; 19:8. Dargaggoonni
kudhan yoo argaman Mikuraabii hojjechuun isaaniif eeyyamama ture. Manni isaas
guddaa fi xiqqaa ta’uu ni danda’a.
Mikuraabii
kan ta’e hunda keessa, seeronnii fi barreeffamoonni rajotaan barreeffaman
saanduqa tokko keessa kaa’amu. Yeroo sagaleen Waaqayyoo dubbifamu, dubbisaan
sagalee isaa fi ergaan inni dubbisaa jiru akka dhagahamuuf bakka ol ka’aa
qophaa’e irra dhaabbata. “Yeroo nyaata
nyaatan/gabataa nyaattaa irratti/ bakka kabajaa, Mikuraabiittis teessoo
kabajaa,” (Maat.23:6) akkuma
jedhu, teessoowwan kabajaas bakka kana fuuldura jiru. Dhiironnii fi dubartoonni
walitti makamanii hin taa’an; akkuma amma mana Kiristaanaa keessatti
dubartoonni karaa bitaa dhiironni immoo karaa mirgaa taa’an qofaa qofaa isaanii
taa’u. Mikuraabiin tajaajila waaqeffaannaa fi barumsaaf akkasumas hawaasummaaf
ni oola. Qulqulluu Maarqoos, “… museewwan
Mikuraabii keessaa inni tokko dhufe,” (Maar.5:22)
jechuun akkuma barreesse, Mikuraabiin kan dursamu museewwaniidha. Duuk.
13:15, 18:8. Museewwan kun warra balleessan rukkutuun/garafuun/ ykn
Mikuraabii keessaa ari’uun isaan adabuuf aangoo qabu ture. “… Gara alaattis isa baasani.”Yoh.
9:34; “Yihuudonni … rukkuttaa liicoon/garaffii 40 yeroo shan na garafanii.” 2Qor.
11:24. Tajaajilaan Mikuraabii ijoollee ni barsiisa; barreeffamoota
dubbifaman ni dhiyeessa, “Kitaabicha maruudhaan
tajajilaatti kennee taa’a.” (Luq. 4:20) kan balleessan ni adaba/garafa
akkasumas ajaja musootaa ni raawwata ture. “Muuseenis
… kan isa lallaban qaba.” Duuk.15:21.
Waaqeffannaa isaanii yeroo sanaa keessatti, kadhannaan seeraa fi dubbisa
raajotaa keessaa, faarfannaa Daawit faarfachuun lallabnii fi raawwiin eebbaa ni
gaggeeffama ture.
Akka
seera kakuu moofaatti/ooritiitti, gara mana qulqullummaa deemuun Yihuudotaaf
seeraa fi heera isaanii ture. Yeroo garaa garaa wantoota garaa garaaf kan
deemanirrayyuu waggaatti yeroo tokko aarsaa fi baalcha kennuuf gara mana
qulqullummaa ni deemu ture. Gooftaan keenyas akkuma kana gara Mikuraabii
deemuun seera ni raawwata ture. “Yeroo
waggaa kudha lama guute turetti akkuma isa barsiisan(amaleeffachiisan) gara Iyyerusaalemitti
ayyaanaaf dhufan.” Luq. 2:42.
Gooftaa fi fayyisaan keenya seera kana erga cuuphamee Wangeela barsiisuu
eegaleen boodas sirriitti ni raawwata ture. Kitaabnis yeroo kana jabeessee
dubbatu, “Guyyaa guyyaan mana
qulqulluummaatti (Mikuraabiitti) ni barsiisa ture,” jedha. Luq. 19:47.
Ega
waa’ee maalummaa fi hundeeffama akkasumas taajila Mikuraabii hanga kana jennee
kanatti aansuun immoo sababa torbeen sadaffaa sooma kanaa Mikuraabii jedhamee
fi wantoota torbee kana keessatti raawwataman ilaalla.
Torbeen
kun kan inni Mikuraabii jedhameef Kitaaba sooma digguwaa irraa gaafa sanbata
sadaffaa faarfatamu, “Iyyasuus gara
Mikuraabii Yihuudiitti deeme,” (Luq.
4:14-23) jechuun farfatammufidha. Yaad-rimeen isaa gooftaan keenyaa fi
fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos, warreen fooniin dhukkubsatan barumsa isaatiin,
kan lubbuun dhukkubsatan immoo hojii ajaa’ibaa isaatiin Mikuraabiitti argamuun
hojii fayyisuu isaa akka isaaniif raawwate yaadachiisaa barsiisuudha.
Hojiiwwan
gooftaan keenya Mikuraabiitti argamuun raawate keessaa kanneen armaan gadii mee
haa ilaallu.
a.
Sirna qulqulleessaa Mikuraabii(Mana kadhannaa)
Mikuraabiin kun, bakka
seeronni bara kakuu moofaa/Ooritii raawwataman itti gaggeeffamu ta’uu isaatiin,
wantoonni aarsaaf dhiyaataan kanneen akka horii, meeshaa aarsaan itti dhiyaatu,
gabateewwan, … asitti gurgurtaaf dhiyaatu ture. Yihuudonni seera Waaqeffannaa
gaggeessuurra darbanii bakka kanatti bakka: saamichi, haaloo fi wal goyyomsuun
itti gaggeeffamu taasisanii turani. Akkuma abbaan keenya Daawit “Inaaffaan mana kee naa nyaate,” jedhe
gooftaan keenyas inaaffaan mana isaa, gara lafa gabayaa kan fedhi foonii itti
gaggeeffamu ta’uu isaa yeroo argetti, gara isaanii deemuun, “ ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barraa’eera; isin garuu
holqa saamichaa fi hattootaa taasistani,” Maat.
21:13. (Isaa. 56:7, Eer. 6:11,Luq.19:46, Maar. 11:17) jechuudhaan
gurgurtootaa fi bittoota mana Qulqullummaa isaa keessatti walitti qabaman
qacceen rukkutee/garafee isaan ari’eera. Maat.
21:12. Akkasumas, “Eenyuyyuu meeshaa
baatee akka karaa mana qulqullummaa darbu hin eeyyamne,” Maar.11:16. Kan jedhan hojii sirna qulqulleessuu isaa kan
ibsanidha.
b.
Wangeela mootummaa isaa barsiise.
“Gaafa
Dilbataa gara Mikuraabiitti seenee isaan barsiisuu eegale. Akka barreessitoota
isaanii osoo hin taane akka abbaa taayitaatti isaan barsiisaa waan tureef
barumsaa isa ni ajaa’ibsiifatani,” akkuma jedhu. Maar.1:21, Luq.4:14-23 Hojiin
gooftaan keenya Mikuraabiitti argamee raawachaa ture keessaa inni lammaffaan
barsiisu ture. Innis akka abbaa taayitaatti isaan barsiisa ture. Kunis
maaliidha yoo jennu, isaan kaan kan barsiisan kan dubbisanii fi kan barsiisota
isaanii irraa dhagahanidha; inni garuu dandeettii isaa isa addunyaa kana uumeen
barsiisa. Akkuam, “Ani addunyaaf ifattin dubbadhe; Yihuudonni
yeroo hundaa kan itti wal gahan mana qulqullummaa Mikuraabiitti yeroo hundaan
barsiise. Dhoksaattis kanan dubbadhe wanti tokkollee hin jiru,” Yoh.
18:20. jedhe, gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo
barsisaa turettis kan inni barsiisu ifaan ifatti malee dhoksaatti hin turre.
Gooftaan keenya maaliif ifatti barsiisee? Akka armaan gadiitti ilaalla.
Haala
armaan olitti ibsameen Mikuraabiitti argamee ifaan ifatti barsiisuun lubbuuwwan
badanis gara hoolota isaatti ni dabala ture. Kan inni ifaan ifatti barsiisus
barreessitoonni Yihuudotaa sababa isarratti barbaadaa waan turaniif isaanin
sababa dhorkachuuf ykn dhabsiisuufidha. Kanas osoo dhoksaatti barsiiseera ta’ee
Galiilaa irraa eegalee hanga guutummaa Yihuudaatti ummata barsiisuun isaan akka
mootummaa irratti ka’an taasisa jedhanii, akka isa himataniif /yakkaniif sababa
ga’aa hin ta’u ture.
Akkasumas,
uummata isa irratti kakaasuun adda duree kan turan hangafoonni lubootaa fi
barreessitoonni, “Angafoonni lubootaa fi
barreessitoonni dhaabbatanii baay’ee isa rakkisu ture,” jedha. Luuq. 23:5:10. Yihuudonni gooftaa
keenya irratti sababa barbaadu waan tureef kun isaaniif gufuu akka hin taaneef
ifatti barsiise.
Sababni
biraan immoo, quqlulluu Yohaannis Wangeela isaa irratti, “Ilmi hammannaa abbaa isaa keessa jiru inni
nuuf ibse,” (Yoh.1:18) akkuma
jedhu, rajootaa fi fakkeenyota hiikaa, isa dhokate ifa baasaa barsiisaa gara
addunyaa kanaa dhufeerati barumsa isaa ifatti taasise.
Akkasumas,
yeroo mana Qulqullummaa qulqulleessaa raawwatetti ergaawwan dabarse keessaa
tokko haalli aarsaa ittiin dhiyeessa turan inni duraa darbuu isaa labse.
Kanaafis, hoolota aarsaadhaaf dhiyaatan akka baasan ajaje. Aarsaan kakuu
haaraas matuma isaa ta’uu isaa ibse. Yohaannis cuuphaannis kanaas, “Kunoo hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa haqu/balleessu,”
jedhee kan yeroo garaa garaatti dubbate. Yoh.1:29 fi 1:36.
c.
Dhukkubsattoota ni fayyisa ture.
Akkuma
“Mana Qulqullummaattis kan hin arginee
(jaamaa kan ta’an) fi kan deemuu hin dandeenye gara isaattis ni dhiyaatan; ni
fayyiseeniis.”(Maat.21:14) jedhu, gooftaan keenya Mikuraabiitti yeroo
argamaa ture namoota hedduu fayyisaa ture.
Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu
Mikuraabii keessa dubbifamanii fi faarfataman.
Faarfannaa Daawit faarfatamu(Misbaakii)
Faar.
88:9. “Inaaffaan mana kee na nyaate. Arrabsoon si
arrabsanis anarratti kufe; lubbuu koos soomaanan adabe.”
Hiika.
Inaaffaan yeroo Mana Qulqullummaa kee gabaa taasisanii arge inaafe, akka
ibiddaa na gube. Mana qulqullummaa kee gabaa taasisanii yeroo si morman gabaa
isaanii yeroon diigu, “Eenyutu akka kana raawwattuuf aangoo sii kenne?” naan
jedhan. Yoh. 2:8. Yeroo ati Mannaa/nyaata
samii irraa buustee isaan nyaachistu, “Mannaa dhamdhama hin qabne,” jechuun
akka si arrabsan, anaanis. “Foon dhala/ima namaa yoo hin nyaanne fi dhiiga
isaas yoo hin dhugne jireenya barbaraa hin qabdan.” Isaaniin jennaan, “Akka
nyaannuuf akkamitti foon isaa nuuf kennuu danda’a?” jedhanii na qoran. (Ba’u. 16:15, Yoh. 6:52). Qaama koo
soomanan dhadhabse. Gooftaan halkan afurtama fi guyyaa afurtama soomeera. (Ba’u. 34:28-dhumaatti, Maat.4:2-6)
v Wangeela. Yoh.
2:12-dhumaatti.
v Sirna Galatoo = kan gooftaa keenyaati
Kutaa kitaaba Qulqulluu dubbifaman.
v Qol. 2:16-dhumaatti ………. Diyaaqonii tokkoffaatu dubbisa
v Yaa’i. 2:14-dhumaatti …….. Diyaaqonii lammaaffaatu dubbisa
v Duk. 10:1-9 ……………….. luba gargaaratu dubbisa.
Hubbachiisa
dubbistootaaf
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Manni isaa isa
dhagaa bara sana jiru lafa gabayaa kan bittaa fi gurgurtaan itti gaggeeffamu
ta’ee yeroo argetti, “Inaaffaan mana kee
na nyaate,” (Faar.88:9) akkuma
jedhamee raajiin dubbatameef, hedduu inaafee manni isaa bakka cubbuun itti
raawwatamu waan jalaa ta’eef, “Manni koo
mana kadhannaa jedhamti,” (Isa. 56:7) jedhee warreen achi
keessa jiran hundaa gadi baasee ari’e. Ammas hubadhu! Kan Waaqni mana isaa isa
dhagaaf akkas inaafe isa jiraataaf immoo hagam haa inaafu? Jechuun lubbuu
tokkoon tokkoo keenyaaf jechuudha.
“Mana Qulqullummaa Waaqayyoo akka taatan, afuurri
Waaqayyoos akka isin keessa jiraatu hin beektanii? Eenyuyyuu Mana Qulqullummaa
Waaqayyoo yoo diige, Waaqayyo immoo isa diiga. Manni Qulqullummaa Waaqayyoo
qulqulluudha; innis isinidha.” 1Qor.
3:16:17. Yaa maatii Waaqayyoo dhuguma manni Waaqayyoo har’a meeqatu mana
ejjaa, mana daldalaa, mana machii fi araadaa, mana sobaa fi hamii, mana
seeronni Waaqayyoo itti diigamanii fi kabaja dhaban ta’ee jiraa? Nuti hoo maal
fakkaanna? Meeqan keenyatus Qaamni keenya Mana Qulqullummaa Waaqayyoo, kan
Waaqayyo itti galateeffamuu fi kan Waaqayyo itti kabajamu ta’uu isaa beeknee
isaaf eegaa jirra? Qaamni keenya mana qulqullummaa isa dhagaa kanarraa Waaqayyoon
hedduu isa inaafsisa. Kunis, nuti hojii harka isaa waan taaneef. Kanaaf, mana
isa dhagaa osoo hin taane mana isaa laphee keenya haa ijaarruuf. Yaa obboloota
koo, manni qulqullummaa jireenya kee lafa gabayaa akka hin taane of eeggadhu!
“Egaa yaa obboloota koo, qaama keessan aarsaa Waaqayyoon gammachiisuu fi
qulqulluu jiraataa taasisuun akka dhiyeessitaniif gara-laafummaa Waaqayyootiinan
isin kadhadha.” Room.12:1
Kitaabota Wabii.
1.
Kitaaba Qulqulluu, afaan Oromoo fi Afaan Amaariffaa
2.
Bu’uurraan Amantaa Ortoodoksi Tewaahidoo
3.
Yematsahaf Qiddus Mezgebe Qaalaat/gamee jechoota
kitaaba qulqulluu
4.
Kitaaba hikkaa Kitaab Qulqulluu(Andimtaa)
5.
www. Ethiopianorthodox.org
6.
www. Eotcmk.org
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.