Saturday, March 26, 2016

Torbee Afraffaa: Matsaaguu

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon! Ameen.


"Iyyasuusis, "ka'i! siree kee fudhadhuutii deemi!" jedheen. Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme." 

Wangeela Yohannis 5:8









Yeroowwan darban keessatti torbanoota duraa sadan ilaallee turre. Torban inni arfaffaan immoo akka Qulqulluu Yaareed kaa’ee faarfatetti “Matsaaguu” jedhamuun waamama. Kunis Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yommuu foon namaa uffatee biyya lafaa kanarra deddeebi’ee barsiisaa turetti dhukkubsattoota foonii dinqiisaadhaan dhukkubsattoota lubbuu immoo barumsa sagalee isaatiin fayyisaa ture. Egaa kanuma yaadannoo gochuu fi yeroo kanatti waa’ee dinqii inni hojjeteef galateeffachuuf Manni Kiristaanaa keenyi sirna kana diriirsitee ni kabajji wangeelas ni barsiisti. Guyyaan kun sooma Guddicha keessatti Sanbata guddaa isa arfaffaadha. Guyyaa kanatti Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhukkubsattoota fayyisuusaa, dinqiiwwaan gochuusaa,  isa gobaaxa’ee olqabuusaa, isa lamtsaa’ee qulqulleessuusaa waa’ee fayyisummaa waaqummaasaatu dubbatama, barsiisama waaqeffamas. “Masgaaguu” jechuun nama dhukkubsatee sireerratti kufee jiru jechuu yommuu ta’u Qulqulluun Yaareed  waa’ee namoota warra Kiristoosiin fayyanii fi fayyisummaa Kiristoos kan itti faarfate waan ta’eef Sanbatichi akkasitti moggaafameera


Guyyaa kanatti hayyichi Yaareed guyyaa Sanbataa dhukkubsattoota Gooftaan fayyise hundumaa yaadachaa jireenyaa fi qoricha isa ta’e Iyyasuus Kiristoosiin fayyani jedhee faarfate. Faarsaan inni Afaan Gi’iizidhaan yeedaloodhaan kitaaaba isaa “Tsoome Digguwaa” jedhamu irratti faarfate akkas jedha:

“Uumaan Addaam Sanbata boqonnaaf hojjete, Warri Yihuudotaas aangoo eenyuutiin kana goota jedhaniin; innis ani nan hojjedha isinis hojiikoo amanaa isaaniin jedhe. Gooftaan Sanbataa anadha; Gooftaan Sanbataa ilma tokkicha Abbaati. Lafarratti cubbuu akkan namaa dhiisuuf, bilisummaas akkan lallabuuf naa kennameera, ija warra hin arginee akkan banuuf (ibsuuf) Abbaan koo na ergeera” isaaniin jedhe.

Kanaafis guyyaa Sanbataatti qaro-dhabeeyyii fayyise, warra naafa diriirse, warra afuura hamaan qabaman fayyise, warra dhukkubasatanii sireerra ciisan sireerraa kaase, guyyaa kanatti boqonnaa akka argatan godhe. Kana gochuusaaf inni Gooftaa Sanbataati malee Sanbata hin kabajne hin jedhamu. Inni Sanbata hojiitti hiikee nuti guyyaa Sanbataa maal hojjechuu akka qabnu nuuf fakkenya ta’e. Nutis guyyaa Sanbataa akka warra Yihuudotaa harkaa fi miila marannee ta’uu otoo hin taane warra dhukkubsatee fi hidhame gaafachuun, warra rakkate gargaaruun, warra beela’e beela baasuun warra daare daara baasuun, warra gadde jajjabeessuun, kiristaanonni walii walii isaanii walgaafachuun waa’ee jireenya afuuraa isaaniif waljajjabeessuun yeroo kamiyyuu caalaa Waaqayyoon galateeffachaa waan gaarii hojjechuun yaadachuu fi dabarsuu qabna jechuu dha.

Dinqiiwwan Gooftaan guyyaa Sanbataa namoota dhukkubsatan fayyisuun raawwate keessaa; Mat. 5:1-25, 8:1-15, 20:29-30, Yoh. 9:1-7, Marq. 2:3-12 luqqisiiwwan kanarraa dubbisuun ni danda’ama.
Akka sirna Mana Kiriataanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaa kana yeroo qiddaasee(galateeffannaa) kutaawwan Kitaaba Qulqulluu jechuunis ergaawwan duuka buutotaa, hojiin duuka buutotaa, wangeellii fi faarsaan Daawit dubbifamanii fi faarfataman:

Ergaa Phaawuloos gara warra Galaatiyaa 5:1- dhumaatti: (Kan dubbisu Daaqonii Tokkoffaa)
“Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase; kanaaf jabaadhaa dhaabadhaa! deebitaniis waanjoo gabrummaa jala hin galinaa. Mee dubbii koo hubadhaa! yoo dhaqna qabattan akka Kiristoos biratti waan tokko isin hin fayyanne ani Phaawuloos isinittin hima. Namni dhaqna qabatu hundinuu akka guutummaatti seera eeguun dirqama isaa ta'e ani ammas nan mirkaneessaaf. Isin warri seeraan qajeelina argachuu barbaaddan Kiristoos irraa gargari baataniittu; ayyaana irraas fagaattaniittu. Nu garuu karaa hafuuraatiin abdii qajeelinaa sana jabaannee amantiin eeggachaa jirra. Kiristoos Iyyasuus keessa jiraannaan dhaqna qabachuun yookaan qabachuu baachuun homaa hin fayyadu; wanni fayyadu amantii jaalalaan mul’ifamu qofa…
Ergaa Yaa’iqoob 5:14 hanga dhumaatti: (Kan dubbisu Daaqonii Lammaffaa)
Isin keessa namni dhukkubsatu jiraa? inni jaarsota waldaa kiristaanaa (Luboota) haa waamsifatuu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayita isa dibanii haa kadhataniifi. Kadhannaan amantiin godhamus nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa; yoo cubbuu hojjatee jiraates ni dhiifamaafi. Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaa; Waaqas walii kadhadhaa; kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjata. Eeliyaas namuma akka keenyaa ture; innis akka bokkaan hin roobneef jabeessee Waaqa kadhate; bokkaanis waggaa sadii fi ji'a ja'a lafa irratti hin roobne. Ammas deebi'ee kadhate; samiin bokkaa kenne; laftis midhaan baafte. Yaa obboleettan koo, isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa fagaate, namni kan biraan immoo yoo isa deebise, Namichi nama cubbamaa tokko karaa jallaa irraa deebisu sun akka lubbuu namicha sanaa du'a jalaa baasu, cubbuu baay'eellee akka dhoksu haa beekuu.
Hojii Duuka Buutotaa 3:1-12: (Kan dubbisu Luba isa Lammaffaa)
Gaafa-tokko Pheexiroosii fi Yohaannis yeroo kadhannaa jechuunis waaree booddee sa'aatii sagalitti mana qulqullummaatti ol-ba'aa turan. Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan "miidhagaa" jedhamuutti geessu turan. Innis otoo Pheexirsoosii fi Yohaannis mana qulqullummaa seenanii argee horii isaan kadhate. Pheexiroosis Yohaannis waliin namicha hubatee ilaalee "mee nu ilaali" jedheen. Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale. Pheexiroosis, "Ani meetii yookaan warqii hin qabu; ani garuu waan qabu sii kenna; maqaa Iyyasuus Kiristoos isa Naazreetiitiin ol ka'ii deemi!" jedhe. Pheexiroosis harka isaa kan mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miilaafi gulubiin (korony’oon) isaa ni jabaate. Innis utaalee ka'ee miilaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Waaqas galateeffachaa isaan waliin mana qulqullummaa seene. Namoonni cuftinuu yommuu deemuu isaatii fi Waaqa galateeffachuu isaa arganitti, Akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, "miidhagaa" jedhamu sana bira taa'ee kadhachaa ture sana ta'e hubatan; isaanis waan isaaf ta'e sanaaf akka malee ajaa’ibsiifatani; ni dinqifatanis. Namoonni martinuu yeroo namichi fayye sun Pheexiroosii fi Yohaannis biraa deebi'uu didetti ajaa'ibsiifatanii otoo isaan bakka gardaafoo Solomoon jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan. Pheexiroosis yommuu waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; "Yaa namoota Israa'eli wanni kun maaliif isin ajaa’ibsiisa? Akka waan nu humna yookiin qulqullummaa mataa keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maliif ija nutti babaaftu?
Faarsaa Daawit 40:3-4 ni lallabama: (Daaqonoonnii fi Luboonni akkasumas Uummanni walharkaa fuudhuun yeedaloodhaan lallabu)
Waaqayyo dhukkubsatee sireerra otoo jiruu ni gargaara
Bakka ciisa isaas yeroo dhukkuba isaa ni jijjiiraaf
Anis maaloo na fayyisi siinin jedha.
Wangeela Yohaannis 5:1-25: (Kan dubbisu Luba Tokkoffaa)
Kana booddee ayyaana Yihuudotaatu ture; Iyyasuusis Yerusaalemitti ol-ba'e. Yerusaalem keessa karra hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiittiin Beetesaayidaa jedhamu tokkottu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba. Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri hokkolanii fi warri laamsha'an baay'een ciisanii raafama bishaanii eegachaa turan. Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gadi bu'ee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaatiin duubatti namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kamiyyuu dhukkuba cufa irraa ni fayya ture. Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko bakka sana ture. Iyyasuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketu "ati fayyuu barbaaddaa?" jedhee gaafate. Dhukkubsataani sunis, "yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu; yeroo ani seenuuf yaaluttis namni kan biraan na dursee seena" jedheen. Iyyasuusis, "ka'i! siree kee fudhadhuutii deemi!" jedheen. Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme. Guyyaan sunis Sanbata ture. Yihuudonnis, namicha fayye sanaan, "Har’a sanbata; kanaaf siree kee baachuun siif hin eeyyamamu" jedhaniin. Inni garuu, "namicha na fayyisettu 'siree kee fudhadhuu deemi' naan jedhe" jedheen. Isaanis, "namichi siree kee fudhadhuu deemi siin jedhe sun eenyu?" jedhanii isa gaafatan. Sababii Iyyasuus achi hiiqee namoota bakka sanatti tuutta'an keessa seenee tureef namichi fayye sun eenyu akka isa fayyise hin beekne. Iyyasuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, "ati kunoo amma fayyiteetta; rakkinni kana caalu akka sitti hin hindhufneef ammaan achi cubbuu hin hojjatin" jedheen. Namichis dhaqee kan isa fayyise Iyyasuus akka ta'e Yihuudotatti hime. Sababii inni guyyaa sanbataatiin waan kana hojjateef, Yihuudonni Iyyasuusiin arii’achaa fi ajjeesuufis ni barbaadu turan. Iyyasuus garuu, "Abbaan kiyya hanga har’aatti hojjachaa jira; anis hojjachaan jira" isaaniin jedhe. Seera Sanbataa cabsuu isaa qofa otoo hin ta'in sababii inni ofii isaa Waaqaan walqixxeessuudhaan Waaqni Abbaa kiyya jedheef Yihuudonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan. Iyyasuusis akkana jedhee deebiseef; "ani dhuguman isinitti hima; ilmi ofii isaatiin waan tokkollee hojjachuu hin danda'u; inni waanuma otoo abbaan isaa hojjatuu argu qofa hojjachuu danda'a; sababiinsaa wanuma Abbaan hojjatu ilmis hojjataatii. Abbaani ilma ni jaalataatii; waan hojjatu hundumas isatti ni argisiisa; akka isin maadeffattaniifis inni waan kana caaluyyuu isatti ni argisiisa. Akkuma Abbaan warra du'an cufa du'aa kaasee, jireenya kennuuf ilmis akkasuma nama jaalatuuf jireenya ni kenna. Abbaan eenyuttillee hin murteessu; murtii cufa garuu ilmatti kenneera; Kunis akka namni cufti akkuma Abbaaf ulfina kennutti ilmaafis ulfina kennuuf; namni ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa ilma ergeefis ulfina hin kennu. "Ani dhuguman isinitti hima; namni dubbii kiyya dhagawu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya barabaraa qaba; isattis hin murtaa’u; inni du'a jalaa gara jireenyaatti darbeera. Ani dhuguman isinitti hima; yeroon warri du'an itti sagalee ilma Waaqayyoo dhagaahan tokko ni dhufa; ammumayyuu dhufeera; warri dhagahanis ni jiraatu.
Ammaan achi Cubbuu hin Hojjatin Yoh 5:14
Gooftaa fi fayyisaan keenya namicha waggaa soddomii saddeet dhukkubsachuun sireerra ciise kana yeroo lammataaf mana qulqullummaa keessatti jecha itti dubbate dha. Namoonni Gooftaan fayyise dhukkuba isaaniif sababa adda addaa qabu ture. Inni kaan dinqiin Waaqummaa isaa akka agarsiifamuuf kan jaame ykn du’e ykn dhukkubsate yommuu ta’u, cubbuu hojjetaniif kan dhukkubsatanis turaniiru. Warra kana keessaa hayyoonni Macaafa Qulqulluu Mana Kiristaanaa keenyaa akka hiikanitti namtichi kun duras sababa cubbuutiin waan dhukkubsateef Gooftaan yommuu isa argetti kan caalu akka isa hin qunnamneef lammaffaa akka hin balleessine akeekkachiise. Deebitee cubbuu hin hojjetiin jechuun isaas dura sababa cubbuutiin dhukkubni bara dheeraa irra ture kun akka itti dhufe agarsiisa. Namtichi kun garuu jecha Waaqaa isa isa fayyisee dhiisee warra Gooftaa yakkan wajjin michoome booda inni warra Yihuudotaa wajjin Gooftaa himachuutti ka’e, isa ajjeesuuf warra barbaadu keessaas tokko ta’e. Gaafa Gooftaan qabame sanas inni kaballaadhaan dhahee ture; gatii inni dhukkuba isaa waggaa dheeraa irraa hiikeef isa fayyiseef  kaballaa kaffaleef, gatii inni du’a jalaa isa baaaseef  akka du’uuf Mootota fuulduratti ragaa ta’ee itti raagesse. Akkuma Gooftaan itti hime dura dhukkuba fooniin qofa rakkachaa ture amma deebi’ee waan balleesseef Waaqa isaas waan ganeef kan caalu rakkinni lubbuu itti dhufe, gidiraan foonii fi lubbuu irra ga’e, kuni dhukkuba dhukkuba caaludha, kuni du’a  du’aan oliiti, gidiraan waan akkasiitti qixxaatu hin jiru.

Egaa yaa obboloottan keenyaa tokkoon tokkoon keenya yommuu of ilaallu nuti yeroo meeqa balleessine, yeroo meeqa yakkine, yeroo meeqa Gooftaan gaddisiisnee. Inni garuu dhiifama isaatiin nuu dhiisee, daddarba keenya nuu darbee, duuti du’a caalu akka nu hin qaqqabneef yeroo hundaa lammata itti hin deebi’iin nuun jechaa gara isaatti deebi’uu keenya nu eega. Nuti garuu kana hunda yaadaa qabnaa laata, qalbeeffanneerraa laata, akka inni lammata itti hin deebi’iin kan caalu akka si hin qaqqabneef  jedhu hubannee beeknaa laata; mee gara yaada keenyaatti haa deebinu, mee haa xinxaallu, mee of haa yaadannu. Hangam akka nuti isa yakkine haa lakkoofnu, hangam immoo akka inni nuu dhiise haa hubannu. Kanaaf yaa jaallatamtootaa, ammaa achi yeroon keenya inni darbe nu haa gahu, akka duuti bara baraa inni kan duraa caalu nutti hin dhufneef qalbii haa jijjiirrannu, gara manasaattis haa deebinu, lammata yakkuu haa dhiisnu, yommus Gooftaa wajjin gammanna, isaa wajjinis jiraanna, fooni fi dhiiga isaa fudhanna isaa wajjinis tokko taana, jireenya bara baraa arganna. Waaqayyoon laphee fi qalbii itti karaa isaarra deddeebinu nuuf haa kennu, kadhannaan Haadha keenya Giiftii Maariyaamii nu wajjin haa ta’u. Ameen.

Saturday, March 19, 2016

Yaa'iin Lallaba Wangeelaa Dhaabbataan Afaan Oromootiin Finfinneetti Eegalamuufi



Waldaan Duuka Bu'ootaa Magaalaa Finfinneetti Afaan Oromootiin yaa'ii ji'aa itti fufiinsaan eegaluufi. 
Yaa'iin kunis sagantaawwan afuurawaa heddu of keessatti kan qabatu yoo ta'u iddoon yaa'ichi itti adeemsifamus kawaala/Gadaamii/ Qulqulluu Gabri'eel kiiloo Afuritti argamutti,galma mana baruumsa sanbataa Amde-hayimanootiitti. Waldichi marii baldhaa koree bulchiinsa mana sanbatichaa seenaa tajaajilaa yeroo dheeraa qabu kana waliin taasisuudhaan yaadni waldichaan dhiyaate fudhatama waan argateef, hojiiwwan kana dura waldichi hojjeteefi hojjechuuf karoorfate erga madaalamee fi tattaaffiwwan waldichi kana dura Afaan Oromootiin raawwachaa ture yeroo dheeraan fudhatamee waan madaalameef heyyama sagantaa Afaan Oromoo kana Finfinneetti akka adeemsisuuf gammachuudhan simataniiru. Kuni hunduma keenyaaf, keessumattuu jiraattota magaalaa Finfinnee yaa'ii Afaan Oromoo hordofuu barbaadaniif karra kan saaqedha.Eegaluun sagantaa kanaa ergaan isaa akka laayyotti kan ilaalamu miti. Waldaa Duuka Bu'ootaa Onkololessa 2004 irraa eegalee tajaajila afuurawaa baldhaa mana kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo jalatti Afaan Oromootiin kennuu irratti kan argamudha. Dabalata sagantaa fi guyyaa akkasuams sa'aatii yaa'ichaa kan isin biraan geenyu ta'a. Galanni Waaqa Jiraataaf haa ta'u//