Waldaan Duuka Bu'ootaa Magaalaa
Finfinneetti Afaan Oromootiin yaa'ii ji'aa itti fufiinsaan eegaluufi.
Yaa'iin kunis sagantaawwan afuurawaa
heddu of keessatti kan qabatu yoo ta'u iddoon yaa'ichi itti adeemsifamus
kawaala/Gadaamii/ Qulqulluu Gabri'eel kiiloo Afuritti argamutti,galma mana
baruumsa sanbataa Amde-hayimanootiitti. Waldichi marii baldhaa koree bulchiinsa
mana sanbatichaa seenaa tajaajilaa yeroo dheeraa qabu kana waliin taasisuudhaan
yaadni waldichaan dhiyaate fudhatama waan argateef,
hojiiwwan kana dura waldichi hojjeteefi hojjechuuf karoorfate erga madaalamee
fi tattaaffiwwan waldichi kana dura Afaan Oromootiin raawwachaa ture yeroo
dheeraan fudhatamee waan madaalameef heyyama sagantaa Afaan Oromoo kana
Finfinneetti akka adeemsisuuf gammachuudhan simataniiru. Kuni hunduma keenyaaf,
keessumattuu jiraattota magaalaa Finfinnee yaa'ii Afaan Oromoo hordofuu
barbaadaniif karra kan saaqedha.Eegaluun sagantaa kanaa ergaan isaa akka
laayyotti kan ilaalamu miti. Waldaa Duuka
Bu'ootaa Onkololessa 2004 irraa eegalee tajaajila afuurawaa baldhaa mana
kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo jalatti Afaan Oromootiin kennuu irratti kan
argamudha. Dabalata sagantaa fi guyyaa akkasuams sa'aatii yaa'ichaa kan isin
biraan geenyu ta'a. Galanni Waaqa Jiraataaf haa ta'u//
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.