Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon. Ameen!
“Ani
Gabri’elii dha, fuula Waaqayyo dura kanan dhaabadhu, misraachoo kana sitti
himuudhafan ergame” Wangeele Luqaas 1:19.”
Baga ayyaana waggaa Yaadannoo dursaa
ergamootaa Qulqulluu Gabri’eeliin isin gahe. Muddee, 19, biyya Baabiloonitti ijoolleen
Anaaniyaa, Azaariyaaa fi Misaa’el jedhaman ibidda labooba keessaa kan itti
baase dha. Isaanis biyya Baabiloonitti Waaqayyoolii harka namaan warqee irraa
Mootii Baabiloon Nabukadanzooriin tolfamanii dhaabbataniif hin sagadnu waan jedhanii ajaja mootii
mormaniif ibidda labooba nama sodaachisu keessatti darbaman. Waaqayyo nu itti
amannu ibidda boba’u kana keessa nu baasa jechuudhaan gara kuteenyaan fi
amantaa guddaadhan gara ibiddaatti darbamuu filatan. Waaqayyos kophaaatti isaan
hin dhiisne. Ergamaan Waaqayyoos ibidda
ni dhaamse, uffatni isaanii illee osoo
hin gubatin qaama fayyaa ibidda keessaa ba’an (Daani’el 3:19). Inumaayyuu
Naabukadanazoor yemmuu deebi’ee ilaalu namoota afur argee dinqamee, ‘nuti namoota
sadi miti kan ibidda kana keessatti ganne, kunoo ani namoota afuran ilaalaa
jira’jedhe .Ibidda keessa afraffaa ta’ee kan deddeebi’us ergama Waaqayyoo
ture.(Dan 3:24)
Wanti nama ajaa’ibu garuu fooliin
ibiddaa illee isaan irra hin buune ture. Namootni isaan qabanii gara ibiddaatti
gatan sun garuu labooba ibiddatiin ni dhuman. Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’el
garuu waahuu hin taane. Naabukadanazooris Waaqa akkanatti fayyisu hin agarre
jedhee dinqamee dubbate isaanis ni kabaje, biyya isaa keessattis maqaa isaanii
ol ni qabe, kanaa booda namoonni isaan arrabsanii fi rakkisan yoo jiraatan ta’e
ani nan balleessa jedhee dhaadate(Dani’el 3:29)
Ergamoonni hojii heddu hojjetu, ajaja
Waaqayyoon ergaa dabarsu, ni oolchu, ni ajjeesus. Mee kitaaba qulqulluu keessaa
himoota ni ergamu, ni oolchu, ni ajjeesus jedhan kana haa ilaallu. Gooftaa Iyyasuus ni dhalata,
jedhee misiraachoo kan hime ergamaa Gabri’eeli dha.( Luq 1:36). Gooftaa
Iyyasuus erga Beteliheemitti dhalate booddees Heeroodis, Iyyasuus ajjesuu waan
barbaaduuf ka’aa ti biyya Misiraatti
baqadhaa kan jedhes ergamaadha (Mat 2:13). Gooftaa Iyyasuusifis seexanaan yeroo
qoramutti ergamoonni dhufanii tajaajilaniiru (Mat 4:11)
Du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus namootaaf kan ibsan akkasuma ergamootadha (Mat
24:5,Yoh 20:11). Mana hidhaas banuudhaan kan duuka bu’oota gooftaa hiikan
ergamtoota( Hojii duuka bu’ootaa 5:19). Kanuma hundaaf manni kiristaanaa
keenya ergamoota ni kabajjii araarsummaa isaanitiinis ni amanti. Ni oolchu kan jedhuuf ammo Faarsaa Daawit akkasitti
qulleessee kaa’eera.
“Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii ni buufata, inni
isaan ni oolchas” Far 34:7. Jedha.
Qulqulluu Phawuloosis gooftaan ergamaa isaa ergee
akka harkaa Heeroodisii fi ummata Yihuudoota Phaawuloos irratti hamaan akka
ta’uuf hawwan irraa akka baraare barraa’ee jira (Hojii duuka bu’ootaa
12:11)..
Seera lakkoofsa 20:16 irrattis “Nutis ni iyyine, Waaqayyos ergamaa
isaa ergee nu baase” jedha
Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoosis akka
dhalatu kan haadha Qulqulleettii Dubaroo Maariyaamitti hime ergamaa Gabri’eelidha jenneerra. Yemmuu
itti himus galateeffannaa fi jechoota kabaja ibsanitti fayyadamuudhan
misraachoo itti hime. Wangeela Luqaas irratti akkuma ibsame ergamaan kun gara
Luba Zakariyasitti ergamee ‘Zakkariyaas baga gammade kadhannaan kee
dhagahameera, haati warraa kee ni ulfoofti ilmas ni deessi maqaan isaas
Yohaannis jedhama’ jedhee yemmuu itti himutti Zakaariyaas ‘ani manguddoo
dadhabaadha yeroon daa’ima itti dhalchuu danda’us darbeera jedhee yoo deebii
deebisuuf, ergamaan Gabr’eeliin waan dubbii koo amanuu diddeef hanga kanan ani
sitti hime kun ta’utti arrabni kee duudaa ni ta’a’ jedheenii jira (Luq 1:8-21).
Garuu yemmuu Qulqulleettii
Maariyaamiin ‘kun akkamitti ta’a’ jettee
deebii itti deebiftutti irra dedebi’ee galateeffannaadhan itti hime malee akka
Zakkariyaas afaan qabe sana ishee irratti adabbii raawachuuf humna hin arganne/hin yaalle. Waaqayyo ofii isaatii ajjeesuu
fi fayyisuu gargaarsa tokko malee ni danda’a. Haa ta’u malee ergamoota isaatiif
aangoo kenna, isaanis ajaja Waaqayyoon ni oolchu ni fayyisu ni ajjeesus
Ni ajjeesu kan jedhuuf ammo kitaaba
qulqulluu irraa fakkeenya tokko qofa
fudhachuun gahaadha. Fakkeenyi hedduun jiraatanis. Hisqi’eel yoo sanaakireemin
sodaachifametti ergamaan Waaqayyo Hisqi’eel akka gargaare sanaakireemis akka
moo’ame ni hubanna(2Sen 32:21).
Kanaaf yaa namoota, yaa
kiristiyaanota, araasummaa qulqullootaa fi ergamootatti amanuun aangoo gooftaan
keenya Iyyasuus Kiristoos ergamootaf kennetti amanuu jechuudha. Isaan kabajuu
jechuunis Waaqayyon kabajuu jechuudha. Gargaarsi ergamoota kan bakka tokkotti
dhaabbatu miti. Kunoo hardhas waadaa qabaniin namootni dhukkuba gara garaa irraa baraaramaa jiru, dhabaan
maqaa isaaniitiin waaqayyon kadhachaa argachaa jiru. Waanuman ijaan agarru dha.
Mee Biyyuma keenyattu Haarargeetti, Gabr’eelii Qullubbii dhaqnee ajaai’boota
achitti ta’aa jiran haa ilaallu. Kanaaf laphee keenya wangeelaan haa guunnu, hunduma
haa dubbisnu, yoo wallaale ammo abbota haa gaafannu malee ofuma keenyaan afaan
keenya akka namoota yeroo ammaa luugama malee gulufan hin ta’in. Waaqayyo
iccitii isaa nuuf haa ibsu. Araarsummaan isaanis nu waliin haa ta’u
eegumsiisaanii nu haa tiksu. Sugni fi araarsummaan ,eegumsi Qulqulluu Gabari’eeli
nu waliin haa ta’u. Akkanatti amanna, akkanatis amanamna. Ameen!
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.