Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura
Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Gaafii Afraffaa ……..Kan darbe irraa
itti fufe
Kiristiyaanni
tokko dhiiga nama kiristaanaa hin taanerraa fudhachuu ni danda’aa? Dhiiga namootaaf kennuun hoo amantaa kiristaanaa keessatti
dhoorkaadhaa?
Bu’uurri
amantaa kiristaanaa jaalala. Gooftaa fi fayyisaan keenyaa Iyyasuus Kiristoos foon
uffatee nu gidduu kan deddeebi’ee, jaalalatu dirqisiise malee Aariyaam ta’ee
dubbii af- takkaan nama fayyisuu dadhabee miti, jaalala isaa nuuf
muldhisuuf malee. Jaalalli isaa ammo jaalala jaalalaa oliiti. Abbootni keenya jaalalli
Ilma Waaqaa harkistee gara biyya lafaa
kanaatti fidde jedhu. Egaa gooftaan ammo ofii qofa akkas godhee hin dhiisne
nuufis abboommii akkas jedhu nuuf kaa’e malee:
“Ani
akkan isin jaaladhe isinis wal jaaladhaa”(Yoh 15:12)
Inni
ammo kan nu jaalate hanga dhiigasaa lolaasuu fi foonsaa kukkutuutti. Kana immoo
yoo godhu namoota murtaa’aniif qofa osoo hin taane sanyii Addaamii fi Hewaan kan
ta’an ilmaan namaa hundaaf malee. Kanaaf nutis dhiigni keenya erga namaaf dawaa
ta’etti, nama rakkatee ija ija keenya keessa ilaalu erga fayyisetti, erga
obboleessa keenya du’aaf deemu Kanaaf fura kennetti, yoo dhiiga kennine akka gargaarsa guddaa
tokkoo fi abboommii gooftaa keenyaa kabajnetti ilaalama malee dhoowwaa wayiituu
hin qabu. Kanaaf kiristiyaannii adii, gurraacha, isalaama, kiristaana,
hiyyeessa, soreessa osoo hin jenne jaalalaa isaa dhala namaa hundaaf ibsuu
qaba.
Jalqabumarra
hojiin akkanaa kun gosa yaalaa keessatti ramadama. Yeroo ammaa namni
dhukkubsatee gara mana yaalaa hin deemne jira jechuuf ni ulfaata. Waaqayyo akka
namaaf ogumma kennetti ilmi namaa ogummaa Waaqayyo kenneef kanaan wal gargaraa jira. kunis caalatti
Waaqayyo akka galateeffannu kan nu godhu dha. Kitaabaa Qulqulluu irrattis
abbootni keenya kan akka Nooh fi Solomoon gosa qoricha hedduu akka beekan
Waaqayyo ogummaa kenneefii jira, Kakuu Haaraa keessttis ammo Luuqaas hakima
akka ture barreeffamoonni seenaa dhugaa bahu. Kanaaf nama kennaa fi beekumsa
keenyaan hanga dandeenyu yaaluun Waaqayyoon
biratti dhoowwaa hin qabu. Dhiiga namaa kennuunis gosuma yaalaa kana keessatti
ramadama.
Dhiiga
nama Kiristaana hin taanee tokko fudhachuunis akkasuma. Yeroo ammaa
dhukkubawwan gara garaa irraa fayyuuf akkuma qorichoota gara garaa fudhannu, qorichoonni
sun maal irra akka fuunananam beekuu baanullee, hanga nu fayyisanutti itti
fayyadamaa jirra. Dhiiga namaas akka
qoricha sirriitti maal irraa akka qophaa’e beeknu tokkotti itti fayyadamuun
dhoowwaa hin qabu. Tarii Qurbaanni nu
fudhannu dhiiga keenyaan tokko ta’a kana akkam goona kan jedhu gaaffiin yoo
jiraate ammo qaamni keenya yeroo
hunda qulqulluu miti. Qurbaana fudhannee
sa’aatii murtaa’e booda nama waliin nyaanne ni dhugna, hojii idilee keenyattis
ni deebina. Sa’aatii Qurbaana fudhanne hanga yeroon murtaa’e sun raawwatutti garuu dhoorkadha. Dhiiga kennuunis akkasuma,
sa’aatii qurbaana fudhannetti akkuma wantoota kaan irraa of eegnu, qaamni keenyaas dhiiguu
akka hin qabne waan ta’eef, yeroo sanatti qofa dhiiga kennuun dhoorkadha.
Kan
qulqullaa’e sarootaaf hin kennina kan
jedhame hoo akkamiin ilaallama gaaffin jedhu yoo jiraates ammoo, inni dubbii
iccitii Qurbaanaaf himame malee dhiiga
nama dhukkubsateef laachuu akka hin taane
abbootni qullessanii nutti himaniiru. Dabalataan
dhiiga nama kiristaana hin taanee tokkos yoo fudhanne rakkoo hin qabu, dhiigni
nama sana booda dhiiga keenyaan tokko waan ta’uuf, akka adda ta’e tokkotti hin
ilaalamu. Dhuguma kennaan dhiigaa kenna baay’ee nama gammachiisuu, jaalala
dhala namaa hundaaf qabnu kan ittin
agarsiisu dandeenyu dha. Inumaayyuu dhiiga kennun bu’aa barnoota amantaa
kiristiyaanaati.
Gaafffii Shanaffaa
Afoomiyaan
eenyu, seenaan ishees maal fakkaata, seenaa isheen walqabate kitaaba Qulqulluu
irraa arganna moo kitaabota biro irraa arganna?
Seenaa
Afoomiyaa kan argannu Kitaaba Dirsaana Mikaa’el irrayi. Afoomiyaan haadha
warraa nama Astaariqoos jedhamuu kan
biyya Kilqiyaa jedhamtu keessa jiraata turaniidha. Isaan lachanuu Qulqulluu Mika’eel
kan jaalataniifi ji’a ji’aan yaadanno isaa kan godhan ture. kan beela’e ni nyaachisu, kan dheebote
ni obaasu, qarshii isaanis rakkataaf maqaa Qulullu Mika’eliin ni kennu ture.
Abban
warra Afoomyaa gaafa dhibamu akkas jetteen “ Dubartiin erga abbaan warraa irra
du’ee rakkachuun ishee hin hafu, anis
akka qorumsi narra hin geenye kunoo ilma hin qabu waan tokko hin qabu, yaadannoo tokko maqaa Mika’elatin
fakki isaa na kaasisii naaf kenni jetteen.
Innis fakkii Qulqulluu Mika’el kan birrii fi warqii irraa hojjisiisee kenneef.
Abbaan
warraa Afoomiyaas yeroo muraasa booda ni du’e. Akkuma jedhame erga inni du’ee
booda, halkan guyya Waaqayyoon kadhachuutti jabaatte. Guyya guyyattis hojii hafuuraan gudachaa dhufte. Fuula fakki
Qulqulluu Mikaa’el kana durattis sagadaa turte, eegumsi kee ana irra hin
fagaatin jettiin ture. Rakkataa oolchuus, guyyuma guyyaan hojii gidhateetti.
Yeroo
kana sexanni itti hinaafee , hojii hafuuraa ishee kana irraa ishee gufachiisuuf
aare dubartoota dullomanii fi daa’ima
fakkaate gara mana ishee dhaqe. Gargatun ishes akka namni ishee barbaadu itti
himte, Afoomiyanis yemmuu isaan agartu “kootta ol seena waliin Waaqayyon
kadhanna” jette gara mana fakkiin Mikaa’el
jiru sanatti waamte, yeroo sana “lakki nuti kadhaneerra ol hin seennu jedhanii
deebisaniif, ammas wanti ati gootu kun
gaarii miti guyya dullomte kan si gargaaru hin jiru horii kee of duraa
akkanumaan hin fixin, amma gara kadhannaaa seenuu hin barbaannu nuti dursinee
siifis, nuufis kadhanne dhufne” jedhaniin.
“Ammas
kottu haatii warraa Mootii Anooriyoos jedhamu diinan jalaa ajjefamteetti, kanaaf
koottu isaaf si heeriumsiifna, akkamitti
erga abbaan warraa koo du’ee dhiiraa waliin hin bulu jetta?” jedheen, tokko keessa jaarsa fakkaate. Isheenis
deebifte “kan Phawulos jedhe, kan Yonaas
jedhe kan Gooftan jedhes nan beeka, bullallan
ille yoo abbaan warraa irraa du’e qeensa isheen arraba ishee tarsaafti malee
dhiira biraa bira hin geessu ,yoo dirqama itti ta’es hiriyoota ishe wajjina ajjefti, ati
akamitti akksa jetta kun hojii seexanaa ti malee kan kiristanaa miti” jetteen. Ishenis “koottu dhuguma jaarsa dhugaa
yoo monoksee taate fakki Mika’el kana dhungadhu” jette yoo itti fiddu seexannichi koola baase, “na moo’atte hanga Mika’ela Waxabajiitti balaan sitti buusa, na eegi “ jedhee itti dhaadatee achii bade. Maqaa fannoo
gooftatinis ni ariite.
Ji’a
kurnaffaa irratti Mika’ela fakkaate, askema
godhatee harkatti ulee fannoo of irra hin qabne qabatee gara Afoomiyaatti
dhufe. “Afomiyaa akkam jirta soomni fi kadhaan kee Waaqayyoon biratti dhagahamee
jira, kunoo Waaaqayyotu na erge jedheenii gara manaa ol seenee. Waaqayyoos baay’ee
sitti gammade” ittiin jedhe. Afomiyanis “ ati eenyu, maqaan kee hoo eenyu
jedhama” jetteen. Innis “ani Qulqulluu Mikaa’el dha, yeroo darbe seexanni si dogngorsuu dhufee
guyya kanas Mikaa’elli bakka biraa waan deemuf dhufeen si balleesa jedhe sitti dhadannan samii dha si
baraaru dhufe” jedheen.
Ammas
naaf sagadi siif jecha warra samii keessa jiraatan hunda dhiiseen dhufe bar”. Isheenis erga Mikaa’el taate maa uleen kee fanno of irraa hin qabne
ree kunoo akka fakkii mana koo jiruu kanatti?” jetten. Inis sobee “lakki samirra kun hin jiru” jedheen. Isheenis deebiftee lakki chaappaa
mootii malee kan nama dabarsu hin jiru, anis mallattoo fannoo
malee si hin amanu jetteen, kunoo erga
dhugaa Mika’el taate dhungadhu jettee fakkicha sana itti fidde. Yeroo kana aare
jinnii ta’ee muldhatee ka’ee ishee
hudhee ajjesuf ta’e. Yeroo kana yaa Mika’el na baaraarii
jette yoo iyyattu Mikaa’elli dhufee muka
fannoo of irraa qabuun rukutee lafatti
kuffise. Seexannis maaloo hanga adunyaan kun darbutti hin na hin balleessin”, jedhe kadhate. Seexannis kana booda
iddoo maqaan kee dhahamuu fi fakkiin kee jiru gonkuma hin gahu jedheefi kakate.
Sana
booda Qulqulluu Mikaa’el gara Afoomiyaatti deebi’ee kadhaan kee siif dhagahamee jira gara bataskaana deemii kadhadhu lubbun
kee ni dabarti jedheen. Lubbuu kees gara
abbaan warraa kee Astaariqoos jirutti nan
geessa jedheenii gara samitti ol ba’e.
Afoomiyaanis
Phaaphaasii, lubootaa fi diyaaqonoota manatti
waamtee waan qabdu hunda rakkataa dha
akka kennan goote. Naafis kadhadhaa jettee abbota gaafatte. Yeroo sanas Abboota
teesiftee kadhaa naaf kenni jette
kadhatte, fakki sana yoo dhungattu, fakkichis
koola baase bararee gara bataskana Mika’eel dhaqee ofumaan taa’e, hanga
ammattis bataskaanuma sanatti argama. dhukkubsatan hedduunis ittiin fayyaa jira. Kun kan baay’ee
nama dinquu fi namoota Waaqayyotti amananiif kan danda’ameedha. Kadhaan
Afoomiyaa nu waliin haa ta’u, eegumsi
Qulqulluu Mika’el nu haa tiksu. Ameen.
Wabii:
Dirsane Mika’el kan kan Waxabajjii Afaan Gi’izii fi Amariffan kan qopha’e Bara 1999 Gabre Sillase Biraanuu, mana maxxansa Aksum Finfinnee.
Gaaffii Jahaffaa
Ani
bataskaana/mana kiristiyaanaa dhaquu dhaabee jira, sababni isaas yemmun Waaqa
kadhachuu fi sirna galateeffannaaf dhaqutti tajaajiltootumti bataskaanatti yeroo baay’ee wal yoo lolu yoo waliin oodan
nan arga, Kanaaf isaan fakkeenya ta’uu osoo qaban waan kana yoo rawwatan argaa
sammuu kiyya jeequrra, bataskaana dhaquu dhiisee manuma koottii yoon Waaqayyoon kadhadhe maal qaba? Namni tokko Kiristiyaana jedhamuuf dirqama
bataskaana dhaquu qabaa?(Obboleessa keenya irraa)
Gaaffii
kana deebisuun duratti, mee waa’ee hiikkaa mana Kiristiyaanaa kan jedhu kana
haa ilaallu. Mana kiristaanaa kan jennu waa sadi of keesstti qabata
A. Hordoftoota: Inni jalqabaa hordoftoota, nu’i warra isatti amannetu mana kiristiyaanaa/mana
qulqullummmaa jedhamna. Kiristoosin
Kiristiyaana jedhamnee jirra.
“Isin mana qulqullummaa Waaqayyoo
akka taatan, hafuurri Waaqayyoos isin keessa buufatee akka jiru hin beektanii
ree?
Namni mana qulqullummaa Waaqayyoo yoo balleesse, Waaqayyo immoo isa in
balleessa; manni qulqullummaa Waaqayyoo dhuguma qulqulluu dha, innis isin.(1Qor
3:16)
B. Gamtaa/Waldaa
Kiristiyaanotaa:
Kan lammataa gamtaa(waldaa) kiristiyaanotaati, gamtaan kiristiyaanotaa
bakka tokkotti Qitaaba Qulqulluu irratti mana qulqullummaa/mana kiristiyaanaa
jedhamee waamamee jira.
C.
Bataskaana(mana Keessatti Waaqeffannu):
Innis Kan sadaffaa ammo bataskaana keesatti waaqeffanuuu fi sirna
gara garaa keessattii raawwanutu mana
kiristiyaanaa jedhama. Egaa mana kiristiyaanaa hojennu akkanatti yaadachuun
barbaachisaa dha. Kiristioos dhiiga isaatiin kan hundeesse jechuu dha.
Amma
gara gaaffii ka’eetti yoo deebinu, Kiristaana jedhamuuf Mana kiristaanaa dhaquun dirqama kan jedhu
ilaalla. Kana yemmuu ilaallu, akka seera mana amantaa Ortodoksii Tawaahidootti
namni tokko daa’imumma irraa eegale akkuma dhalateen dhiira hoo ta’e guyyaa
afurtammaffaatti, dubara yoo taate ammo guyyaa saddeettamaffaatti mana
kiristaanaa ni seenu, ni cuuphamus. Nama jabaa ta’ee amantaa biraa irraa gara
kiristaanumma kan dhufu ammo barnoota kiristaanummaa fudhatee amanee hoo
cuubame Iyyasuus kiristoosittti amanee,
kiristiyaana jedhama. Garuu Kiristiyaanummaan cuuphaa dhuma irratti kan
dhaabbatu miti, seerrii fi danbiin abbootni keenya teessisan jiruu fi jireenya
kiristaana tokkoo Keessatti calaqqiuu fi raawwatamus qaba. Sana booda jireenyi kiristaanaa hundi hanga
guyya du’a isaanitti mana kiristaanaa
/bataskaanatti/ deddeebi’uun dirqama. Kan barnoota itti baratan, galatteeffannaa
itti dhiheessan kan ayyana itti kabaja, kan qurbaana itti fudhatanii, kan
kennaa Waaqayyoof itti dhiheessan fi kan yoo du’anis itti awwaalaman
bataskaanuma. Bataskaanni fakkeenya iddoo haara galfii fakkeenya Iyyeerusalem
samii irraatti waan taateef.
Kanaaf
bataskaana dhaquun dirqama. Inumaayyuu abbootni keenya, hayyootni 318 kitaaba amantaa abbootaa irratti “Ati guyyaa sanbata guddaa ganamaan ka’i, gara
bataskaanaas deemii, jaalaala gooftaa Iyyasuus kiristoos nuuf kenne
yaadachuudhaan, Inni Waaqa ta’ee osoo jiruu foonsaa kukkutamuu isaa dhiigni
isaa dhangala’uu isaa reebamuu isaa hunda yaadadhu sodaadhaan dhaabadhu
Waaqayyon kadhahu” jedhanii jiru. Abbootni
keenya ammas inumaayyu yoo siniif danda’ame gara bataskaana guyyaa guyyaan
dhaquun cubbuu keessan hojjetan karra Waaqayyo dura dhaabattanii akka araara
isiniif kennu akka kadhatan jedhanii nu barsiisaniiru.
Abbaan
keenya Daawiitis Kitaaba Faarfannaa irratti akas jedhe
“Gara mana Waaqayyo dhaqna
yeroo naan jedhanitti nan gammade” (Far 122:1)
Goofataan
Filiphisiyoositti mana kiritiyaana hojjetee sirna galateeffannaa akka itti
agarsiise seenan mana kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo ni hima. Uumama 24:16 irrattis Yaaqoob mana Waaqayyoo
Bet’el jedhee kan zayita irratti gadi naqe kanumaafi dha, malee iddoon hundis
bataskaana miti. Bakka aarsaan itti
qophaa’u dha. Mul’ata Yohannis 11:1 irrattis Yohaannis kan mana qulqullumaa Keessatti sagadan akka
safaruu itti himameera. Bakka waaqayyo filatetti malee aarsaana kka hin
dhiyaanne akeeffachiifamneerraa ( Keessa Deebii12:13)
Pheexroosii
fi Yohaannis yeroo hunda sa’aatii sagal irratti gara mana qulqullummaa ni deemu
ture.(Hojii Duuka Bu’ootaa
3:1)
Namootni
wal lolu kan jedhuuf ammo, kuni siif qorumsa, qorumsa sana moo’achuu qabda, tooftaa seexanni akka ati gara mana kiristaanaa
hin dhaqne godhee cubbuu namoota garmalee
guddaa fakkeessee sitti muldhisee si
hambisuu barbaadu dha. Kanaaf kan wal lole
akkuma wal loletti hin jiraatu, araaramuun dirqama. Abbotnis akkas godhu
taanaan, hoolota isaan tiksaniif fakkeenya gaarii miti araramu qabu, ati garuu
hanga dana’ameen Waaqayyo kadhadhu malee bataskaana dhaquu hin dhiisiin,
qorumsa kana hanga dabartutti, jabaadhu, jaalallis akka dhufuuf, ijoollen
abbootaaf akka kadhatan seenaa Zakariyaas irratti kan ibsame dha. Waaqayyo nu
haa gargaaru.
Kakaasee
kan nu jalqabsiise, jalqabsiisee kan nu xumursiise maqaan Waaqayyoo haa
ulfaatu.Kadhaan haadha keenya Qulqulleettii Dubaroo Maariyaamii nu faana haa ta’u. Eegumsi ergamoota nu haa
tiksu. Ameen!
Itti fufa.......................................
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.