Maqaa Abbaa kan Ilmaa
kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko. Ameen.
Dn. Dachassa Kabbadaatiin
Dn. Dachassa Kabbadaatiin
Maalummaa Mikuraabi
Mikuraabin
gamoo sabni Waaqayyoo (Israa’elotni foonii) tajaajila kadhannaa, baruumsaa fi dhimma
hawaasummaa isaanii ilaallatu hunda mari’achuuf jecha erga
booji’amanii biyya Baabiloonitti deemanii
gabrummaa mooticha Naabukadanatsoor
jalatti kufanii booda biyya alagaa
keessatti iddoo adda addaatti bittinnaa’ani
yeroo jiraatan kan ijaarratanii dha (His 11:15). Yeroo sanatti barsiisan Mikuraaba
Yihudootaa keessatti barsiisu afaan Ibraayisxiitin Raabii
jedhama ture (Yoha 20:16) (Luq 4:20). Lammiin
Israa’el marti ijoollee isaanii waliin achitti seerota abboommii Muuseen Waaqayyoo irraa fudhate fi seera bulmaata isaanii ta’e barachaa turan (Mat 4:22) (Hoji. Duuka bu’ootaa 6:9).
Hiikaa Mikuraabi Afaan adda
addaatiin
Moggaasni mikuraabii jedhu afaan Ibraayisxiitin ‘Betel
(Kenisa)’ afaan Giriikitiin ‘Sinagogi’, Afaan Gi’iizitiin ‘Mikurabe-Ayihud’,
Afaan Ingiliffaatin ‘Synagogue’ Afaan Arabaatin immoo ‘Kinnisa’, Afaan Oromootin immoo ‘Mana Sagada Yihudotaa’ jedhama.
Baruumsa Iyyasuus Kiristoos Mikuraabi Keessatti
Barsiise.
(Mat 21:12, Mar 11:15 Luq 19:45, Yoh 2:12)
Kanana
booddee Iyyasuus kiristoos haadha isaa
obboloota isaati fi barattoota isaa wajjiin gara mandara Qifirnahoomitti gad bu’e . Qifrnaahom Afaan Ibraayisxiitin
mandara ‘Naahom’ jedhamti. kaaba lixa
laga Galiilatti (Mat14:1) fi kaaba baha
magaalaa Xibriyaadositti argamti. Har’a (Israa’el) keeaatti naannoo Teelhum jedhamtee beekkamtutti argama. Gooftaan
keenya Iyyasuus kiristoos guyyaa baay’ee
achi hin bubbulle.
Ayyaanni Faasikaa Afaan Hibruutin (Paassah )warra Yihudootaa waan gaheef gara Yerusaalemitti ol ba’e. ( Ba’u12:1-14). Mana qulqullummaa keessatis namoota iddoo sana taa’anii horii ittiin gibira baafatan mooticha warra Roomatiif kennuu diduun mooraa horiin gibiraa itti hin kaffalamne Mikuraabitti wal gahuudhan (Mat 22:19) sangoota, hoolota gugees gurguran. Warra horii callaa gegeeddaranis arge yommus inni quncee irraa qaccee dha’atee hunduma isaanii hoolota isaanii fi sangoota isaanii wajjiin gadi isaan oofe. Horii warra horii gegeeddaranii ni bittimse gabatootas gad garagalche warra gugee gurguraniin immoo
Ayyaanni Faasikaa Afaan Hibruutin (Paassah )warra Yihudootaa waan gaheef gara Yerusaalemitti ol ba’e. ( Ba’u12:1-14). Mana qulqullummaa keessatis namoota iddoo sana taa’anii horii ittiin gibira baafatan mooticha warra Roomatiif kennuu diduun mooraa horiin gibiraa itti hin kaffalamne Mikuraabitti wal gahuudhan (Mat 22:19) sangoota, hoolota gugees gurguran. Warra horii callaa gegeeddaranis arge yommus inni quncee irraa qaccee dha’atee hunduma isaanii hoolota isaanii fi sangoota isaanii wajjiin gadi isaan oofe. Horii warra horii gegeeddaranii ni bittimse gabatootas gad garagalche warra gugee gurguraniin immoo
“Manni koo saba
hundumaatiif, mana kadhataa jedhamee in waamama kan jedhu hin caafamnee ree?
Isin garuu holqa hattuu isa godhattan"(Mate 21:12) (Mar 11:17) (Luq 19:45)
Jedheen.
yommuus barattoonni isaa
“Hinaaffan mana keetii na na
guba ( mana keetif hinaafun na gube arrabsoon ittiin si arrabsanis
anarra bu’e )” ( Far 69:9)
jedhamee
isa raajirratti barreeffame yaadatan. Faarfannaan Diyaaqonootaan sirna
galateeffannaa sanbata guddaa faarfatamus isuma kana. Mikuraabiin (manni
sagadaa) Iyyasuus Kiristoos qulqulleesse isa bara 516 DH.K.D hojjetame sani dha ( Izra 6:14-18). Haa
tahu malee,bara 70 Dh.K.B weerartoota Roomatiin barbadaa’era. Kana
irratti Yihudoonni waan ittiin kana gochuu dandeessu muldhisuudhaf ‘milikkita(mallatoo)
maalii nu agarsiiftaa?’ jedhanii isa
gaafatan.Faariisotni yeroo baay’ee milikkita gaafachuun barnoota isaanitti ture. Dhaloonni si’anaa maalif milikkita gaafata? (Mat 12;39) (Mar
8:11)
Gooftan
keenya Iyyasuus Kiristoosis deebisee “mana qulqullummaa kana jigsaa, ani ammo guyyaa
sadi keessatti deebisee nan dhaaba.” I saanin jedhe. Yihudoonni immoo ‘mana qulqullummaa
kana ijaarsi isaa waggaa afurtamii ja’a
fudhate ati immoo guyyaa sadi keessatti deebiftee isa dhaabdaa ree ?’ jedhanii
gaafatan. Fayyisaa adunyaa kan ta’e
gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos garuu
waa’ee mana Qulqullummaa yemmuu dubbatu waa’ee dhagna ofii isaa
dubbachuu isaati. Akkkuma Yoonas
garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadi bule, Ilmi namaas
akkasuma guyyaa sadii fi halkan sadi garaa lafaa(dachee) keessa turuuf jira (Mat 12:40) (Qola 2:9) jechuudhan milikkita du’aa ka’umsa isaa barsiisera. Ilma Waaqayyoo
ta’uu isaatis ibseera (Yoh 1:13) (Ibrota 1:3) Barattoonni isaa erga inni du’aa
ka’ee booddee waa’ee isaa
kanaaf dubbachuu isaa yaadatan waan
macaafni jedhe dubbii
gooftaa Iyyasuus dubbates ni amanan (Mar 8:31) (Mar 9:31) (Yoha 12:16) (Yoha
6:2)
Baruumsa gooftaan keenya Iyyasuus
Kiristoos Mikuraabi keessatti barsiise Kitaaba Diguwaa/Tsooma Digguwaatiin)
Hayyuu
amantaa, lammii Itiyoophiyaa, abbaa yeedaloo amantaa Ortodoksii Tawaahidoo
Itiyoophiyaa kan tahe Qulqullicha
Yaareedin kan qophaa’e kitaabni Digguwaa
fi Sooma Digguwaa keessatti waa’ee guyyaa kana faarfannaadhaan barnoota
Iyyasuus Kiristoos Mukiraabii keessatti barsiise ilaalchisuudhaan akkanatti
faarfateera.
“Gooftaan keenya
Iyyasuus gara Mukiraabii Ayihudootaa seene, dubbii amantaas barsiise, ani gara
laafina malee aarsan barbaada miti, Gooftaan sanbataa; abbaan araaras ana, Ilmi
namaas gooftaa sanbataati. Mana Abbaa koo iddoo daldalaa hin godhinaa ,manni
koo mana kadhannaa jedhamee ni waamamaa. Gara Mukiraabii isaanis seenee akka
callisaniif itti hime ,isaanis baruumsa dubbii surra qabeessa afaan Isaa keessaa
bahu, dhama qabeessumma dubbii isaa fi arraba qajeelummaa isaa dinqisiifatan”
Dubbin
inni faarfate kun kitaaba qulqulluu keessa iddoo gara garaatti ibsameera (Hos
6:6), (Mat12:7 (Mat 12:8) (Qola 2:16) (Mat 5:17)
Guduunfaa
Akka
waliigalaatti barumsi gooftan keenya Iyyasuus kiristoos mikuraabii keessatti
kenne keessatti sanbatni hojii gaarii hojechuudhan kabajamuu akka qabaatu raawwin
isaatis akka seera Yihudootaatti osoo
hin taane akka kiristiyaanotaatti ta’uu akka qabu himameera. Yihudoonni
faayidaa mana qulqullummaa wallaaludhaan
sodaa Waaqayyoo illee irraanfachuudhaan mana qulqullummaa akkuma xureessan sanatti
jiru har’as. Hiikaa sagalee Waaqayyoo micciirudhaan, gantummaa namoota
gowwomsuun keessa keessa
babaldhisuudhan, seera mana qulqullummaa daddarbuudhan ,gosummaadhan
qoqoodamuudhan, mana qulqullummaa keessatti fedhii foonii babaldhisuudhan warra
mana qulqullummaa xureessan mana Isaa keessaa ari’uun ni qulqulleessa.
Nutis
hojiiwwan akkasii callisnee daaw’achuu hin qabnu (2Sen 15:8-18) (Yoha 17:17) (
Efe 5:2 ) gahee keenya bahuu qabna. Amantaa
jijjiiiruun osoo hin taane gaabbii galuun qalbii jijjiirrachuun cubbuu irraa fagaannee fooni fi dhiiga
kiristoos fudhachuun dhagna keenya
qulqulleessuu qabna. Uummata sababa wallaala afaanitiin dogongores karaatti
deebisuun nurra eeggama. Barumsi
gantootatis gara mana amantaa keenyaa fi
qaama keenya keessa fi waldaalee keenya keessa
lixee akka hin xureessine to’achuu qabna (1Timo 3:1-7) ( Tito 1:9) (Mate
7 :15 ) Sagalee Waaqayyootifis ulfina
kennuu qabna. Mana qulqullummaa keenyaf inaafuu qabna (Rom15:3).
Waaqayyo
jabina isaa nuuf haa kennu, kakaasee kan nu jalqabsiise, nu jalqabsiisee kan
nuxumursiise, maqaan Waaqayyo haa ulfaatu. Ameen.
Itti
fufa…………………..…
Kitaabota Wabii
1.
Haimanote Abew(1986). Mana maxansa Tinsa’ee zegubaa’ee.
2.
Hiikkaa Faarfannaa Daawit(1982). Mana maxansa Tasfaa Gebresillaasee
3.
Hiikkaa kitaaba Qulqulluu, Maxxansa 10ffaa.
4.
kitaaba Qulqulluu(1997) . Afaan Oromootiin kan qophaa’e . Maxxansa 1ffaa
Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa
5.
Kitaaba Seenaa Israa’eloota durii,maxxansa
bara 2006.
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.