Maqaa
Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon! Ameen.
"Iyyasuusis,
"ka'i! siree kee fudhadhuutii deemi!" jedheen. Namichis yeruma sana
fayye; siree isaas fudhatee deeme."
Yeroowwan darban keessatti torbanoota duraa sadan ilaallee turre.
Torban inni arfaffaan immoo akka Qulqulluu Yaareed kaa’ee faarfatetti
“Matsaaguu” jedhamuun waamama. Kunis Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus
Kiristoos yommuu foon namaa uffatee biyya lafaa kanarra deddeebi’ee barsiisaa
turetti dhukkubsattoota foonii dinqiisaadhaan dhukkubsattoota lubbuu immoo
barumsa sagalee isaatiin fayyisaa ture. Egaa kanuma yaadannoo gochuu fi yeroo
kanatti waa’ee dinqii inni hojjeteef galateeffachuuf Manni Kiristaanaa keenyi
sirna kana diriirsitee ni kabajji wangeelas ni barsiisti. Guyyaan kun sooma
Guddicha keessatti Sanbata guddaa isa arfaffaadha. Guyyaa kanatti Gooftaa fi
Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhukkubsattoota fayyisuusaa, dinqiiwwaan
gochuusaa, isa gobaaxa’ee olqabuusaa, isa lamtsaa’ee qulqulleessuusaa
waa’ee fayyisummaa waaqummaasaatu dubbatama, barsiisama waaqeffamas.
“Masgaaguu” jechuun nama dhukkubsatee sireerratti kufee jiru jechuu yommuu ta’u
Qulqulluun Yaareed waa’ee namoota warra Kiristoosiin fayyanii fi fayyisummaa
Kiristoos kan itti faarfate waan ta’eef Sanbatichi akkasitti moggaafameera
Guyyaa
kanatti hayyichi Yaareed guyyaa Sanbataa dhukkubsattoota Gooftaan fayyise
hundumaa yaadachaa jireenyaa fi qoricha isa ta’e Iyyasuus Kiristoosiin fayyani
jedhee faarfate. Faarsaan inni Afaan Gi’iizidhaan yeedaloodhaan kitaaaba isaa
“Tsoome Digguwaa” jedhamu irratti faarfate akkas jedha:
“Uumaan
Addaam Sanbata boqonnaaf hojjete, Warri Yihuudotaas aangoo eenyuutiin kana goota
jedhaniin; innis ani nan hojjedha isinis hojiikoo amanaa isaaniin jedhe.
Gooftaan Sanbataa anadha; Gooftaan Sanbataa ilma tokkicha Abbaati. Lafarratti
cubbuu akkan namaa dhiisuuf, bilisummaas akkan lallabuuf naa kennameera, ija
warra hin arginee akkan banuuf (ibsuuf) Abbaan koo na ergeera” isaaniin jedhe.
Kanaafis
guyyaa Sanbataatti qaro-dhabeeyyii fayyise, warra naafa diriirse, warra afuura
hamaan qabaman fayyise, warra dhukkubasatanii sireerra ciisan sireerraa kaase,
guyyaa kanatti boqonnaa akka argatan godhe. Kana gochuusaaf inni Gooftaa
Sanbataati malee Sanbata hin kabajne hin jedhamu. Inni Sanbata hojiitti hiikee nuti
guyyaa Sanbataa maal hojjechuu akka qabnu nuuf fakkenya ta’e. Nutis guyyaa Sanbataa
akka warra Yihuudotaa harkaa fi miila marannee ta’uu otoo hin taane warra
dhukkubsatee fi hidhame gaafachuun, warra rakkate gargaaruun, warra beela’e
beela baasuun warra daare daara baasuun, warra gadde jajjabeessuun,
kiristaanonni walii walii isaanii walgaafachuun waa’ee jireenya afuuraa
isaaniif waljajjabeessuun yeroo kamiyyuu caalaa Waaqayyoon galateeffachaa waan
gaarii hojjechuun yaadachuu fi dabarsuu qabna jechuu dha.
Dinqiiwwan
Gooftaan guyyaa Sanbataa namoota dhukkubsatan fayyisuun raawwate keessaa; Mat.
5:1-25, 8:1-15, 20:29-30, Yoh. 9:1-7, Marq. 2:3-12 luqqisiiwwan kanarraa
dubbisuun ni danda’ama.
Akka
sirna Mana Kiriataanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaa kana yeroo
qiddaasee(galateeffannaa) kutaawwan Kitaaba Qulqulluu jechuunis ergaawwan duuka
buutotaa, hojiin duuka buutotaa, wangeellii fi faarsaan Daawit dubbifamanii fi faarfataman:
Ergaa
Phaawuloos gara warra Galaatiyaa 5:1- dhumaatti: (Kan dubbisu Daaqonii
Tokkoffaa)
“Akka
bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase; kanaaf jabaadhaa dhaabadhaa!
deebitaniis waanjoo gabrummaa jala hin galinaa. Mee dubbii koo hubadhaa! yoo
dhaqna qabattan akka Kiristoos biratti waan tokko isin hin fayyanne ani
Phaawuloos isinittin hima. Namni dhaqna qabatu hundinuu akka guutummaatti seera
eeguun dirqama isaa ta'e ani ammas nan mirkaneessaaf. Isin warri seeraan
qajeelina argachuu barbaaddan Kiristoos irraa gargari baataniittu; ayyaana
irraas fagaattaniittu. Nu garuu karaa hafuuraatiin abdii qajeelinaa sana
jabaannee amantiin eeggachaa jirra. Kiristoos Iyyasuus keessa jiraannaan dhaqna
qabachuun yookaan qabachuu baachuun homaa hin fayyadu; wanni fayyadu amantii
jaalalaan mul’ifamu qofa…
Ergaa
Yaa’iqoob 5:14 hanga dhumaatti: (Kan dubbisu Daaqonii Lammaffaa)
Isin
keessa namni dhukkubsatu jiraa? inni jaarsota waldaa kiristaanaa (Luboota) haa
waamsifatuu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayita isa dibanii haa kadhataniifi. Kadhannaan
amantiin godhamus nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa; yoo
cubbuu hojjatee jiraates ni dhiifamaafi. Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu
keessan walitti himadhaa; Waaqas walii kadhadhaa; kadhannaan nama qajeelaa humna
qaba; waan guddaas ni hojjata. Eeliyaas namuma akka keenyaa ture; innis akka
bokkaan hin roobneef jabeessee Waaqa kadhate; bokkaanis waggaa sadii fi ji'a
ja'a lafa irratti hin roobne. Ammas deebi'ee kadhate; samiin bokkaa kenne; laftis
midhaan baafte. Yaa obboleettan koo, isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa
fagaate, namni kan biraan immoo yoo isa deebise, Namichi nama cubbamaa tokko
karaa jallaa irraa deebisu sun akka lubbuu namicha sanaa du'a jalaa baasu,
cubbuu baay'eellee akka dhoksu haa beekuu.
Hojii Duuka Buutotaa
3:1-12: (Kan dubbisu Luba isa Lammaffaa)
Gaafa-tokko
Pheexiroosii fi Yohaannis yeroo kadhannaa jechuunis waaree booddee sa'aatii
sagalitti mana qulqullummaatti ol-ba'aa turan. Namoonnis akka inni warra mana
qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee
naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan
"miidhagaa" jedhamuutti geessu turan. Innis otoo Pheexirsoosii fi
Yohaannis mana qulqullummaa seenanii argee horii isaan kadhate. Pheexiroosis
Yohaannis waliin namicha hubatee ilaalee "mee nu ilaali" jedheen.
Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale. Pheexiroosis,
"Ani meetii yookaan warqii hin qabu; ani garuu waan qabu sii kenna; maqaa Iyyasuus
Kiristoos isa Naazreetiitiin ol ka'ii deemi!" jedhe. Pheexiroosis harka
isaa kan mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miilaafi gulubiin (korony’oon)
isaa ni jabaate. Innis utaalee ka'ee miilaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa,
Waaqas galateeffachaa isaan waliin mana qulqullummaa seene. Namoonni cuftinuu
yommuu deemuu isaatii fi Waaqa galateeffachuu isaa arganitti, Akka inni namicha
karra mana qulqullummaa kan, "miidhagaa" jedhamu sana bira taa'ee
kadhachaa ture sana ta'e hubatan; isaanis waan isaaf ta'e sanaaf akka malee ajaa’ibsiifatani;
ni dinqifatanis. Namoonni martinuu yeroo namichi fayye sun Pheexiroosii fi
Yohaannis biraa deebi'uu didetti ajaa'ibsiifatanii otoo isaan bakka gardaafoo
Solomoon jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan. Pheexiroosis yommuu
waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; "Yaa namoota Israa'eli wanni kun
maaliif isin ajaa’ibsiisa? Akka waan nu humna yookiin qulqullummaa mataa
keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maliif ija nutti babaaftu?
Faarsaa Daawit 40:3-4
ni lallabama: (Daaqonoonnii fi Luboonni akkasumas Uummanni walharkaa fuudhuun
yeedaloodhaan lallabu)
Waaqayyo
dhukkubsatee sireerra otoo jiruu ni gargaara
Bakka
ciisa isaas yeroo dhukkuba isaa ni jijjiiraaf
Anis
maaloo na fayyisi siinin jedha.
Wangeela Yohaannis
5:1-25: (Kan dubbisu Luba Tokkoffaa)
Kana
booddee ayyaana Yihuudotaatu ture; Iyyasuusis Yerusaalemitti ol-ba'e.
Yerusaalem keessa karra hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiittiin Beetesaayidaa
jedhamu tokkottu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba. Gardaafoowwan sana
keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri hokkolanii fi warri
laamsha'an baay'een ciisanii raafama bishaanii eegachaa turan. Ergamaan Gooftaa
yeroo yerootti gadi bu'ee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaatiin
duubatti namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kamiyyuu dhukkuba cufa
irraa ni fayya ture. Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko bakka
sana ture. Iyyasuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa
haala kana keessa ture beeketu "ati fayyuu barbaaddaa?" jedhee
gaafate. Dhukkubsataani sunis, "yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu
bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu; yeroo ani seenuuf
yaaluttis namni kan biraan na dursee seena" jedheen. Iyyasuusis,
"ka'i! siree kee fudhadhuutii deemi!" jedheen. Namichis yeruma sana
fayye; siree isaas fudhatee deeme. Guyyaan sunis Sanbata ture. Yihuudonnis,
namicha fayye sanaan, "Har’a sanbata; kanaaf siree kee baachuun siif hin eeyyamamu"
jedhaniin. Inni garuu, "namicha na fayyisettu 'siree kee fudhadhuu deemi'
naan jedhe" jedheen. Isaanis, "namichi siree kee fudhadhuu deemi siin
jedhe sun eenyu?" jedhanii isa gaafatan. Sababii Iyyasuus achi hiiqee
namoota bakka sanatti tuutta'an keessa seenee tureef namichi fayye sun eenyu
akka isa fayyise hin beekne. Iyyasuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa
keessatti argee, "ati kunoo amma fayyiteetta; rakkinni kana caalu akka
sitti hin hindhufneef ammaan achi cubbuu hin hojjatin" jedheen. Namichis
dhaqee kan isa fayyise Iyyasuus akka ta'e Yihuudotatti hime. Sababii inni
guyyaa sanbataatiin waan kana hojjateef, Yihuudonni Iyyasuusiin arii’achaa fi
ajjeesuufis ni barbaadu turan. Iyyasuus garuu, "Abbaan kiyya hanga har’aatti
hojjachaa jira; anis hojjachaan jira" isaaniin jedhe. Seera Sanbataa
cabsuu isaa qofa otoo hin ta'in sababii inni ofii isaa Waaqaan
walqixxeessuudhaan Waaqni Abbaa kiyya jedheef Yihuudonni ittuma caalchisanii
isa ajjeesuu barbaadan. Iyyasuusis akkana jedhee deebiseef; "ani dhuguman
isinitti hima; ilmi ofii isaatiin waan tokkollee hojjachuu hin danda'u; inni
waanuma otoo abbaan isaa hojjatuu argu qofa hojjachuu danda'a; sababiinsaa
wanuma Abbaan hojjatu ilmis hojjataatii. Abbaani ilma ni jaalataatii; waan
hojjatu hundumas isatti ni argisiisa; akka isin maadeffattaniifis inni waan
kana caaluyyuu isatti ni argisiisa. Akkuma Abbaan warra du'an cufa du'aa
kaasee, jireenya kennuuf ilmis akkasuma nama jaalatuuf jireenya ni kenna.
Abbaan eenyuttillee hin murteessu; murtii cufa garuu ilmatti kenneera; Kunis
akka namni cufti akkuma Abbaaf ulfina kennutti ilmaafis ulfina kennuuf; namni
ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa ilma ergeefis ulfina hin kennu. "Ani
dhuguman isinitti hima; namni dubbii kiyya dhagawu, isa na ergettis kan amanu hundi
jireenya barabaraa qaba; isattis hin murtaa’u; inni du'a jalaa gara
jireenyaatti darbeera. Ani dhuguman isinitti hima; yeroon warri du'an itti
sagalee ilma Waaqayyoo dhagaahan tokko ni dhufa; ammumayyuu dhufeera; warri
dhagahanis ni jiraatu.
Ammaan achi Cubbuu hin
Hojjatin Yoh 5:14
Gooftaa
fi fayyisaan keenya namicha waggaa soddomii saddeet dhukkubsachuun sireerra
ciise kana yeroo lammataaf mana qulqullummaa keessatti jecha itti dubbate dha.
Namoonni Gooftaan fayyise dhukkuba isaaniif sababa adda addaa qabu ture. Inni
kaan dinqiin Waaqummaa isaa akka agarsiifamuuf kan jaame ykn du’e ykn dhukkubsate
yommuu ta’u, cubbuu hojjetaniif kan dhukkubsatanis turaniiru. Warra kana
keessaa hayyoonni Macaafa Qulqulluu Mana Kiristaanaa keenyaa akka hiikanitti
namtichi kun duras sababa cubbuutiin waan dhukkubsateef
Gooftaan yommuu isa argetti kan caalu akka isa hin qunnamneef lammaffaa akka
hin balleessine akeekkachiise. Deebitee cubbuu hin hojjetiin jechuun isaas dura
sababa cubbuutiin dhukkubni bara dheeraa irra ture kun akka itti dhufe
agarsiisa. Namtichi kun garuu jecha Waaqaa isa isa fayyisee dhiisee warra Gooftaa
yakkan wajjin michoome booda inni warra Yihuudotaa wajjin Gooftaa himachuutti
ka’e, isa ajjeesuuf warra barbaadu keessaas tokko ta’e. Gaafa Gooftaan qabame
sanas inni kaballaadhaan dhahee ture; gatii inni dhukkuba isaa waggaa dheeraa
irraa hiikeef isa fayyiseef kaballaa
kaffaleef, gatii inni du’a jalaa isa baaaseef
akka du’uuf Mootota fuulduratti ragaa ta’ee itti raagesse. Akkuma
Gooftaan itti hime dura dhukkuba fooniin qofa rakkachaa ture amma deebi’ee waan
balleesseef Waaqa isaas waan ganeef kan caalu rakkinni lubbuu itti dhufe,
gidiraan foonii fi lubbuu irra ga’e, kuni dhukkuba dhukkuba caaludha, kuni du’a du’aan oliiti, gidiraan waan akkasiitti
qixxaatu hin jiru.
Egaa
yaa obboloottan keenyaa tokkoon tokkoon keenya yommuu of ilaallu nuti yeroo
meeqa balleessine, yeroo meeqa yakkine, yeroo meeqa Gooftaan gaddisiisnee. Inni
garuu dhiifama isaatiin nuu dhiisee, daddarba keenya nuu darbee, duuti du’a
caalu akka nu hin qaqqabneef yeroo hundaa lammata itti hin deebi’iin nuun
jechaa gara isaatti deebi’uu keenya nu eega. Nuti garuu kana hunda yaadaa
qabnaa laata, qalbeeffanneerraa laata, akka inni lammata itti hin deebi’iin kan
caalu akka si hin qaqqabneef jedhu
hubannee beeknaa laata; mee gara yaada keenyaatti haa deebinu, mee haa
xinxaallu, mee of haa yaadannu. Hangam akka nuti isa yakkine haa lakkoofnu,
hangam immoo akka inni nuu dhiise haa hubannu. Kanaaf yaa jaallatamtootaa,
ammaa achi yeroon keenya inni darbe nu haa gahu, akka duuti bara baraa inni kan
duraa caalu nutti hin dhufneef qalbii haa jijjiirrannu, gara manasaattis haa
deebinu, lammata yakkuu haa dhiisnu, yommus Gooftaa wajjin gammanna, isaa
wajjinis jiraanna, fooni fi dhiiga isaa fudhanna isaa wajjinis tokko taana,
jireenya bara baraa arganna. Waaqayyoon laphee fi qalbii itti karaa isaarra
deddeebinu nuuf haa kennu, kadhannaan Haadha keenya Giiftii Maariyaamii nu
wajjin haa ta’u. Ameen.
Kitaabolee Wabii
1. Macaafa
Qulqulluu Afaan Amaaraatiin Qophaa’e 2000
2. Macaafa
Qulqulluu Afaan Oromootiin Qophaa’e
3. Li’ule
Qaal (Barsiisaa), “Siri’aate Aamlikoo ZaOrtodooksi Tawaahidoo”, Kitaaba
tokkoffaa
4. Kitaaba
Hiikkaa Wangeelaa, Mana Kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa
5. Gitsaawwee…
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.