Maqaa
Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Mootii Beenyaatiin
“Yaa
Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun natti tola, seerri kees garaa (laphee) koo
keessa jira. Ani waldaa guddicha keessatti, waa’ee dhugaa argatanii furamu
misrachoo himeera, yaa Waaqayyo, akkuma beektu, kunoo ani afaan koo kanaa
labsuutti hin dhowwine.’’ ( Far 40:9-10)
Erga
soomin guddichi Gooftaa keenyaa eegalee, torban torbaniin moggaasa torban sanaa
isinitti himaa fi Faarfannaa Yaared waliin wal simsiisaa dhiheesuun keenya ni
yaadatama. Kunoo Hardha torban jahaffaa irra geenyee jirra. Torban kun
tajaajilaa amanamaa(Gebriheer) jedhama. Guyyaa kanatti gooftaan
duuka bu’oota yookaan tajaajiltoota isaaf kennaa tajaajilaa amanamaa (gebriheer
jedhee) kan itti dhugaa bahuufidha. Kanaaf torban jahaffaan sooma guddichaa
kun Tajaajilaa Amanamaa(Gebreheer) jedhamuun mana amantaa
keenyaatti beekama.
Qulqulluu
Yaaredis Kitaaba ‘Tsooma Diguwaa’ jedhu irratti torban kanaaf faarfannaa kanaa
gadi kana faarfate.
“Waan gaarii gooftaasaaf
hojjechuun tajaajilaa eebbifamaa fi amanamaan eenyu, Kan qabu hundarratti kan
muudu dabalees Waaqayyo arjaaf xinnumallee amanamee gara gammachuu gooftaa kee
kan jedhu,
Akka
tajaajilaa gaarramii, akka tajaajiltoota kiristoos amanamaa ta’aa, gooftaan
keessan hanga cidha deeme deebi’utti cimanii akkuma eegan.
Akka
tajaajilaa arjaa abboomamaa, sa’aatii maratti yeroo hundummaatti, halkanii fi
guyyaas laphee keessan qulqulluun kadhadhaa, dhugaan sanbata kabajaa, hiriyoota
keessaniif gaarii oola, abbaan keessanis isiniif yaada,
lubbuu keessan cubburraa baasa’’
Guyyaa
kanas Wangeelli dubbifamu kan Faarfannaa Qulqulluu Yaared faarfate kana waliin
kan wal fakkaatudha.Innis Wangeela Maatewos Boqonnaa 25:14-30 kan jiru dha.
“
Dubbiin akka nama biyya fagoo dhaquudhaaf ka’eeti; inni hojjetoota isaa waamee,
horii calla qaba ture itti kennate. Akkuma humna isaanitti isa tokkotti meetii
kuma shan, isa kaanitti immoo meetii kuma lama, isa kaanitti immoo meetii kuma
tokko kennee, biyya fagoo adeeme. Namichi inni meetii kuma shan fudhate, si’uma
sana dhaqee ittiin bitee gurguree meetii kuma shan buufate. Inni meetii kuma
lama buufate immoo, meetii kuma lama buufate. Namichi meetii
kuma tokko fudhate garuu, dhaqee boolla qotee awwaale. Gooftaan hojjetoota
isaa sana yeroo dheeraa booddee deebi’ee dhufee,
horii isaa isaan irraa lakka’ate. Namichi inni meetii kuma shan fudhate, kan
biraa meetii kuma shan fidee dhufee, ‘yaa gooftaa, meetii kuma shan anatti
kennittee turte, ilaa ani immoo meetii kuma shan buufadheera’ jedhe. Gooftaan
isaa immoo meetii ‘ bayeessa goote, hojjetaa gaarii fi amanamaa nana, ati waan
xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu
gooftaan kee itti jiraatutti galii!’ jedheen. Namichi inni meetii kuma lama
fudhate immoo dhufee ‘yaa gooftaa, meetii kuma lama anatti kennattee turte,
ilaa ani immoo meetii kuma lama buufadheera’ jedhe. Gooftaan isaa immoo,
amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin
dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!’ jedheen. Namichi inni
meetii kuma tokko fudhates immoo dhufee, ‘yaa gooftaa, ati namaa gara jabeessa
iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittimsnii walitti qabattu,
ta’uu kee ani beeka. Kanaafan si sodaadhee dhaqee meetii kee
awwaale; horiin kee kunoo ti’ jedhe. Gooftaan isaa garuu deebisee, ‘hojjetaa
hamaa dhaa fi dhibaa’aa nana, iddoo itti hin facaasinii akkan galfadhu, hin bittimsinii akkan
walitti qabadhu, beekteetta mitii? Ati meetii koo warra dhalatti fuudhan bira
anaaf kaa’uutu si irra ture; ani immoo deebii kootti kan koo dhala isaa wajjin
nan fudhadhan ture. Egaa meeticha kuma shan irraa fuudhatii, isa meetii kuma
kudhan qabuuf kennaa! Nama amanamee waa qabaatu hundumaaf hamma isa irraa
hafutti itti dabalamee ni kennamaaf; kana kan hin qabne garuu; innumti inni
qabu iyyuu isa duraa ni fudhatama. Hojjetaa isa waa’ee hin
baafne kana dukkana isa alaatti darbadha! Achitti namoonni ni boo’u ilkaanis ni
qaru” jedhee isaani jedhe gooftaan isaanii.
Dubbiin
Wangeelaa kun hiika qaba. Hiikaan isaas, Abbaa qabeenyaa kan jedhame gooftaa
Iyyasuusi. Meetii isaanii kenname kunis kennaa namootaaf kennameen wal
fakkeeffama. Kunis
1) Inni tokkoffaa fi inni
lamaffaan hojjetanii argachuu agarsiisu, gooftaa isaaniif amanamoo, waan isaan
qunnamu sodaatanii hojii isaanii warra hin dhiisne dha. Inni lammaffaan akka
isa tokkoffaa maaliif na hin kennamne hin jenne, yookaan natti xiqqaate hin
jenne. Waanuma isaaf kenname amanee fudhateera. Lamaan isaaniyyuu adaraa
isaanitti kenname bahuu isaanirra iyyuu bu’aa harka lama buusaniiru. Gatii
isaanii kennames walqixa, “tajaajilaa amanamaa” maqaan kabajaa
isaanii kennameerafis. Gabaabumatti warra amanamanii argamani dha. Kennaan
isaanii kenname murtaawaadha. Kanaaf jara kana lamaan irraa wanti nu hubannu
akka kennaa nuuf kennametti Waaqayyo tajaajiluu akka qabnu
dha. Bakka inni nu filatetti taanee argamudha. Kan kenname lakkaa’uu miti,
isuma nu kenname hojjechuu qabna. Jarri kun lamaan hordoftoota Waaqayyoo
jaalalaa fi amantiin mana amantaa yookaan mana Waaqayyootti tajaajilan bakka
bu’u.
2)
Inni sadaffaan kan isaaf
kenname,natti baay’ate yookan natti xinnaate jechuu dhabuu isaati. Namichi kun
hojii hojjechuurra, yeroo hojii hojjetu rakkoo isa mudachuu danda’u yaadee,
sodaatee nama abdii kutatedha. Akka hiriyoota isaa hojjetee badhaasa argachuu
dhiisaati, kanuma itti kenname iyyuu amanee of bira hin keenye. Kanaaf homaa
hin hojjenne. Kiisi isaallee amanuu dadhabee waan isaaf kenname awwaalee kaa’e,
nama amanuu fi amanuu baachuu gidduutti argamudha. Yommuu
gooftaa isaa fulduratti dhiyaates waan gaarii hin dubbanne. “yaa gooftaa,
ati namaa gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin
bittimsnii walitti qabattu, ta’uu kee ani beeka. Kanaafan si sodaadhee dhaqee meetii kee awwaale;
horiin kee kunoo ti”
Har’as
kennaa Waaqaa baatanii kan waan meeqa kan hasa’an xinnoo miti. Yoon barsiise
shakkitootni na mormanii na moo’uu laata?
Dhugaa
beeku osoon lallabee nan hidhama, nan reebamaa laata? Cubbamootni osoon dhugaa dubbadhee
na ajjeesuu laata? Maaliif callisee taa’e mindaa koo hin nyaadhu? jedhanii tola
kan jiraatan har’allee hin dhabaman. Inni hundumarra xinnoon kennameef isuma
hojjetee deebisuullee hin dandeenye. Osoo hundumaarra guddaa fudhateera taa’ee
hoo? Namichi inni lammaffaan isa isa tokkoffaa irratti, inni sadaffaan immoo
isa lammaffaa irratti inaafuun isaanirra hin jiraatu. Namni hunduu Phaaphaasii,
luba, faarfataa, barsiisaa ta’uu hin danda’u. Gara addunyyaatti yaada
kana yoo deebisnu uummatni biyya tokkoo hunduu mootii ta’uu hin danda’u. Kan
ta’u nama tokko qofadha. Warri isa jala jiran hojii isa jala jiru
hojjechuu dha. Kanaaf kennaa nuuf kenname sanaan tajaajiluu qabna.
Yaa
maatiiwwan waaqayyoo, fakkeenya namoota sadan kanaan kenname kun mana amantaa
keessatti namoota kennaa adda addaan kennameefidha. Phaaphaasii ta’uun tiksituu
hoolota gooftaa ta’uun, barsiisaa wangeela ta’uun, faarfataa ta’ee
faarsuudhaan, abbaa qabeenyaa ta’ee qabeenya isaan tajaajila mana Waaqayyoo
deeggaruun fi kkf kan bakka bu’ani dha. Inni kaan adaraa isaaf kenname
amanamummaan yoo bakkaan gahee bu’aa buusu, kaan immoo imaanaa Waaqaa nyaate
kan uumaa isaa gaddisiisus ni jira.
Yaa
uummata kiristaanaa, Kennaan hunda keenyaaf kennamee jira. Garuu hangam kennatu
kennaa nuuf kenname sana beeka laata? Yoo qabaatte
ittiin tajaajilaa jirta moo? Yookaan akka namicha sadaffa atis boolla qottee
awwalteetta ta’a? gaaffileen kun nama hin ilaallanne hin qabu. Deebiin isaas
deebisuun nurra jiraata hanga kiristaana taanee jireenya bara baraa abdiin
eeggannutti. Kiristaana taane namni kennaa hin qabne tokkollee hin jiru,
jiraachuus hin danda’u. Namni tokko barsiisuu, faarsuu, luuba ta’ee tajaajiluu,
phaaphaasii ta’ee uummata gooftaa isaa tiksuu ta’a. kennaan kana qofa
miti, hunduu ogummaa qabuun, qabeenya qabuun, humna qabuun amantaa isaa
deeggaruu qaba.
Hunduu
bu’aan dhuma irratti yookaan gatiin isaanii kennamu walqixa. Tajaajilli hunduu
gatii walqixa ta’e qabu, innis mootummaa Waaqayyoo dhaaluu. Phaaphaasiin
phaaphaasii waan ta’eef hunda caalaa bu’aa addaa hin kennamuuf. Yookaan inni
qabeenya isaan tajaajile gatii gad aanaa argata miti. Wanti nurraa eegamu sodaa
Waaqayyoon laphee qulqulluun waaqayyoo tajaajiluudha. Bu’aan keenya tokko dha.
Qotee bulaan yommuu sanyii baasee facasu sinbirri na jalaa nyaatti osoo hin
biqiliin jedhee sanyii isaa baasuu hin dhiisu, nan argadha jedhee amantiin
facaase haammate galfata. Yoo kana gochuu baate waan haammatus, nyaatus ni
dhaba jechuudha. Nutillee akkasuma dha. Yoo amannee hojii Waaqayyoo hojjechuu
baanne jireenyi bara baraa, mootummaa Waaqa keenyaa dhabuu ni dandeenya. Kanaaf
bakka waaqni keenya nu barbaadetti fi kennaa nuuf kennameen gammachuun Waaqa
keenya tajaajiluun nurraa eegama.
Waaqayyo
inni waan hunda gochuu danda’u akka kenna nuuf kenneen isa tajaajillu nuu haa
taasisu, waldaa keenyaas harka isaa nurra qabee nuuf haa eegu Ameen!
Galatni
Waaqayyoof!
Kitaabotni
Wabii ;
1) Sira’ate Amlikoo Ze
Ortodoks tewahodoo 1ffaa. B/sa Li’uul Qaale
2) Waldaa kitaaba Qulqulluu
Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromoon
barreeffame.
3)
EthioOrthodox@AOL.Com
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.