Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura
Qulqulluu Waaqa Tokkon. Ameen.
Dn. Baqqalaa Badhadhaatiin
"Egaa yeroo sanatti namni, 'Ilaa Masiihiin as
jira' yookiis 'Achi jira' yoo isiniin jedhe hin amaninaa! Masiihonni sobaatii fi raajonni
sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka
wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu.Kunoo, ani
duraan dursee isinitti himeera.” Wangeela Maatewos 24:23
Sooma
Guddicha gooftaa keenyaa kana keessa kan jiran. torban tokkoo hanga torban
afraffaa kanaan dura ilaaluun keena ni yaadatama. Torban shanaffaan Sooma
guddichaa kuni ammo Tulluu Ejersaa(Debre Zeit)
jedhama. Torban kun tulluu ejersaa kan
jedhameefis, gooftaan keenya gara tulluu mukti ejersaa itti baay’atuutti ol
bahee waan barsiisefi.Akkuma yeroo darbe ilaalletii moggaasniiwan kun kan
kennamaniif Qulqulluu Yaareedin. Sanbatni kunis kan ittiin yaadatamu gooftaan
keenya Iyyasuus Kiristos waa’ee dhufaatii Isaa, mallattoowwan yemmuu inni dhufu
tahuuf jiran,keesumattuu shakkitoonni hedduun maqaa Isaatiin akka dhufan,’yaa
gooftaa,yaa gooftaa’ jechuudhan akka namoota heddu dogongorsan, duuka bu’oota
isaa kan baldhinaan itti barsiise dha. Gooftaa fi fayyisaan keenya bara lafa
kanarra deddeebi’aa turetti, guyyaa guyyaa waldaatti barsiisaa oola, halkan
halkan ammo gaara ejersaa kanarra bulaa akka ture wangeelli dhugaa baha.(Luq.21:
37)
Qulqulluu
Yaared kitaaba Sooma Diguwaa irrattis torban kanaaf faarfannaa kanaa gadii
qopheessee jira.
“Gooftan keenya tulluu
ejersaa irra taa’ee osoo jiru, duuka bu’oota isaatiin homtu akka isin hin
dogongorsine of eeggadhaa, qophaahas ta’aa, baay’een isaanii ‘ani kiristoos’
jechuudhaan maqaa koon ni dhufu, kan hanga dhumaatti cime inni ni fayya. Ilmi
namaa yemmuu dhufutti humnoonnii samii fi dachee hundi ni socho’u, Yeroo
sanatti kan lafa kana irratti cubbuu godhan ni boo’u’ jedheen.
Gooftaan keenya Abbaa isaa amalan wal fakkaatu biraa sagalee malakataan
Ergamoota hedduu waliin surraa ibidummaa Isaa
guddaan samii irraa gara lafa kanaatti ni dhufa. Guyyaa kanattis du’a
cubbuu irraa Abbaan nuuf haa araaramu,
Abbaa jireenyaa, gooftaa sanbatatis waan taheef.jedhee faarfateera”
Akkasumas
Tulluu Ejersaa kanaan wal qabatee hojiilee bay’ee nannoo kanafii gaara kanaa
irratii rawwachuun Isaa wangeelli dhugaa
baha. Nutis hardha Qulqulluu Yaareed torban kanaan maaliif gaara ejersa
jedheen, nuhoo maal irraa baranna kan jedhu ni ilaalla. Gooftaan yemmuu
barsiisu, waan yeroo inni dhufu tahuuf jiran mallattoo kaa’ee jira, Raajni
Waaqayyoo Qulqulluu Daawitis waa’ee guyyaa kanaa yookaan waa’ee dhufaatii
gooftaa kana kan kanaa gadii faarfateera.
“Waaqayyo keenya ni dhufa,callumas
hin jedhu;ibiddi xaph godhu fuula isaa dura,bubbeen human qabeessis naannoo iaa
jira.” Faarfannaa 49(50):3
Faarfannaan
Daawit kun dhufaatii Isaa lamaanu kan ibsu dha. Daawit dhaloota Kiristos dura
ture waan taheef dhalachuu gooftaa ija isaan hin agarre ture. Dhaloonnii
tokkoffaan inni dubbateef Qulqulleettii dubaroo Maariyaamii irraa foon fi lubbuu ishee qooddatee foon uffatee nu fayyisuuf dhufuu isa yoo ta’uu,
yemmuu kanas warri isatti osoo hin
amanin turan, callisee hin ilallee ture, Wangeela lallabee fayyina isaanii
laachaa gara ofiitti ni waama ture . Kan lammaffaa ammo gooftaa fi fayyisan keenyaa Iyyasus kirisitos Ergamootaan marfamee kabajaa fi ulifinan murteedhaaf ni dhufaa jechuu isati. Ammas yoo
dhufuu calli hin jedhuu Qulqqulotaan ‘isin warraa ebbifamitanii kan Abba kiyyaa
kanii taatan gara koo kottaa mirgaa kiyyas dhaabadhaa jedhan, akkasumas warra cubbuu hojjechaa
turaniin ammo, ‘isin Yaa warra badaa hojjettan, warri abaaramtan matuma isin
hin beeku asi deemaa’ jedhaan.
Fuulaa duraa isattii
ibiddii ni boba’a jechun immoo Qulqqullonni
kan ittiin fayyan yoo ta’uu cubbamonii immoo kan ittin adabamani. Kanaf Wangeelli guyyaa kanaa dubifamuu
/lalabamuu/moo ,Wangeela Matewos 24:1 akkas jedha:
“Iyyasuus mana qulqullummaa
keessaa ba'ee, utuu adeemaa jiruu, bartoonni isaa ijaarsa mana qulqullummaa
isatti argisiisuudhaaf dhufan. Inni garuu deebise, "Isaan kana
hundumaa in argitu mitii? Dhuguman isiniin jedha, iddoo kanatti dhagaan
tokko illee wal irratti hin hafu in diigama malee" isaaniin jedhe. Akkuma
Iyyasuus gaara ejersaa gubbaa taa'een, bartoonni gara isaa dhufanii kophaatti,
"Nutti himi, kun yoom ta'a? Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas
maali? "jedhan. Iyyasuus immoo deebisee, "Homtinuu akka isin hin
wallaalchifnetti akeekkadhaa. Baay'een, 'Ani Masiihii dha' jechaa maqaa
kootiin in dhufu, namoota baay'ees in wallaalchisu. Lolaa fi oduu lolaa
dhaga'uuf jirtu, akka hin naanett! ilaalladhaa! Kan akkasii kun ta'uun irra
jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti. Sabni saba irratti,
mootummaanis mootummaa irratti ni ka'a beelli socho'i lafaas iddoo adda
addaatti in ta'a. Wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuu ti.
"Yommus
rakkinatti dabarsanii isin in kennu; isin ni ajjeesu; anaaf jettanii saba
hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu. Yeroo sanatti namoonni baay'een
ni gufatu, walii isaaniis dabarsanii wal kennu, walis in jibbu. Raajonni
sobduun baay'een in ka'u; namoota baay'ees in wallaalchisu. Seera malee
jiraachuun waan baay'atuuf, jaalalli namoota baay'ee qabbanaa'aa in adeema.
Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya. Saba hundumaatti
akka dhugaa ba'uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaattiin
lallabama; kana booddees dhumni in dhufa" jedhe
Iyyasuus
itti fufee, "Egaa inni jibbisiisaan iddoo qullaa'aa xureessu sun, inni
Daani'el raajichi waa'ee isaa dubbate, iddoo qulqullaa'aa dhaabatee arguuf
jirtu, namni kana dubbisu haa hubatu. Yommus warri Yihudaa jiran gara
gaarotaatti haa baqatan. Namni bantii mana isaa irra jiru, waan manicha
keessa jiru fudhachuudhaaf gad hin bu'in. Lafa qotiisaa inni jirus wayyaa isaa
fudhachuudhaaf hin galin! Garuu dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif
guyyoonni sun attam sodaachisoo dha. Baqachuun keessan yeroo gannaatti
yookiis guyyaa Sanbataatti akka hin taaneef kadhadhaa! Yommus rakkinni
guddaan ta'uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma
ammaatti hin taane, deebi'ees hin ta'u. Guyyoonni sun utuu
gabaabbachuudhaa baatanii, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra
fo'amaniif jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru.
Egaa
yeroo sanatti namni, 'Ilaa Masiihiin as jira' yookiis 'Achi jira' yoo isiniin
jedhe hin amaninaa! Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii
yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita
gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu.Kunoo, ani duraan dursee isinitti
himeera.”
Akkumaa
wangeelaa irratti barreeffameetti duuka bu’oonni
Iyyasuus mana qulqullummaa keessa ba’ee
otoo adeemaa jiruu mana Zarubabel ijaarisisee ture isatti argisiisuudhaaf
dhufan. Inni garuu deebisee, kana hundumaa in argitu mitii? Dhuguman isiniin jedha iddoo kanatti dhagaan
tokko illee wal irratti hin hafu in digaama malee’’ isaaniin jedhe. Kana ega isaanitti himee booda Iyyasus kiristosi tulluu ejersaa gubbaa taa’ee osoo jiruu duukaa bu’onii isaa gara isaa
dhufanii kophaatti “Nutti himi , kun
yoom ta’a? Milikkinnii dhufaa keeti kan dhuma barichaas maali ?’’
jedhanii gafatanii .
Innis wanta ta’uuf jiru
haala armaan gaditiin tokko tokkkon itti
hime.
1.
Homtuu akka isin hin dogogorisifnee eggadhaa, baay’een, Ani Masidha jechaa
maqaa kotiin ni dhufu, namoota baay’ees ni dogongorsiisu. (Mat 24:4-5)
2.
Waraana fi oduu waranaa ni dhageesuu akka hin naanee ilaalladha. kan akkasin kunii ta’un diriqamaa kun garuu dhuma
isaa miti(Mat 24:6).
3.
Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa
irratti in ka’a.(Ma 24:7)
4.
Beellis sochii lafaas iddoo adda addatti ni ta’a. Wanti kun hundinuu garuu jalqaba
ciniinsuuti.(Mat 24:8)
5.
Yommus rakkinatti dabarsanii isin ni kennu; isin ni ajjeesu, anaaf jettanii saba
hunduma biratti kan jibbamtan ni taatu.(Mat 24:9).
6.
Yeroo sanatti namoonni baay’een ni gufatu, walii isaaniis dabarsanii wal kennuu ,
wal ni jibbu. raajonni sobduun baay’een in ka’u; namoota baay’ees in
wallaalchisu.(Mat 24:10-11)
7.
Seera malee jiraachuun waan baay’atuuf, jaalalli namoota baay’ee qabbanaa’aa ni
adeema. Namni hamma dhumatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
8,
Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya
lafaatti ni lallabama kana boodees dhumni ni dhufa’ jedhen(Ma 24:12-14)
Egaa
hanga amatti kan ilalaa turee gooftaa fi Fayyisan keenya Iyyasuus Kiristos duuka
bu’otaa Isaa /barattootaa /isaa wa’ee
dhufaatii isaa bal’inan Tulluu Ejersaa kanaa irratii kan barisisee hubanneerra.
Kanaf barattotaa isatti dhumaa irratti
akkumaa akekachisetii barsiisota sobatiin hin mofikaminaa, barisifitonii sobaas
‘Gooftan bakka kana jira bakka sana
jiraa’ isinin jedhuu isin garuu isan hin dhagayinaa jedhe .Hanga dhumaatti kan cimee ni fayyaa, osoo bitaa mirgaa hin mildhatin
isa amanuun hangaa dhumatii kan cimee akka fayuu . Akka hin gufannef kadhanan
cimaa jedhen. Yeroo ammaa kana akkuma ilaallu,d ubbiin wangeela kuni
raawwatamaa jira. Raajonni sobduun maqaa gooftaatiin caasaa gara garaa
uumuudhaan namoota dogongorsaa jiru, wallaachisaas jiru. Waanuma ilaalaa
jirrudha, kanaaf akkuma wangeelli nuun jedhu of eegachuu qabna, amantaa keenya
jalqaba turte sana hanga dhumaatti yoo eegne, qooddattuu mootummaa Waaqayyo ni
taana. Yookan ammoo akkuma mana utubaa hin qabne, yookan akkuma muka bubbeen
gamanaa fi gamasitti raasuu shakkitoonni bifa jijjiirratanii yoo dhufan
fudhatamuu hin qabnu, wangeela kana qalbeeffachuu qabna. Dhuma irratis kanaf isinis immoo qophaa’oo
taa’aa jedhe. Erigaan kun barattoota Isaa
yeroo sanaa turanif qofaa osoo hin ta’in namotaa gooftaa jaalatanii fi Isa duukaa
bu’anii amananiif hundaa fi hanga dhufaatii gooftatti kan kenname dha
Guduunfaa
Gooftaa
fi Fayyisaan keenyaa yeroo murtiidhafi gama biyya lafaa deebi’ee dhufutti dhaaltuu motumaa isaa akka taanufi ammaa qopha’uu qabna.
Wanta hardha hin facaafne boru haamuu hin dandeenyu. Barnootaa kijibaa maqaa
Kirisitosin bakka hundumatii kennamaa jiruu kanaa wa’ee amanta keenyaa sirrittii
barachuun barsiisuu fi qophaahuu qabna. Akkasumas Addunyaan kuni karaa adda
addaatin qormaata nutti baay’isuun Waaqayyoo fi Mana Waaqayyoo irraa akka fagaannuu
nu gooti, nutis yeroo hundumaa kadhannan cimuun qormataa dinaa jalaa ba’uu qabna. Kanaf egaa ajajaa Isa fi seeraa Isa cimsinee
egun akkuma inni jedhetti dhufaatii gooftaa eeguun ‘Isin eebifamtoonni Abbaa kiyyaa koottaa garaa koo jedhamnee
wamamufi fedha Waaqayyo nuuf haa tahu.
‘Isinis qophaaa’oo ta’aa Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti ni
dhufa’ jedha.(Mat 24:44) akkuma jedhu qophoofnee cubbuu keenyaaf gaabbii
gallee,dhiiga fi foon gooftaa keenyaa fudhannee jireenya bara baraa akka
argannu fedha Isaa nuuf haa tahu.Araarsumman haadha keenyaa Qulqulleettii
Dubaroo Maariyaamii,eegumsi ergamootas nu biraa hin dhabamin. Ameen.
Itti
Fufa…………………………………………………………………..
Kitaabota
Wabii
1. Macaafa Qulqulluu Afaan
Oromoo(1997).Waldaa Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa.Finfinnee
2.___________ (1984). Qubee Afaan
Amariffatiin kan bara’ee.
3. Kitaaba Gitsawee Mana
Oritodox Tawahidoo Itiyoophiyaa.Finfinnee
4. Kitaaba Abuna Gabiri’el phaphasi
5. kuusaa jechotaa
Macaafa Qulqulluu (1989). Waldaa Macaafa
Qulqullutiin Afaan Amarifatin kan
qophaahe.
6. Kitaaba Qulqulluu(2000).
Afaan Amaariffaan kan Qophaahe.Finfinnee
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.