Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon!
Baga Ayyaana Masqalaa ykn Fannoo
Gooftaatiin isin gahe!
“Fannoon humna keenyadha…warri Yihudootaa ni ganu nuti garuu
itti amanna warri itti amannus ni fayyina fayyineerras.” Kadhata yeroo
hundaa
Fannoon
lolli Waaqayyoo fi nama gidduu ture kan ittiin diigame, nagaan dhala namarraa
fudhatamee ture kan itti deebi’e, uumaa isaa wajjinis kan ittiin araaramedha. “Kiristoos nagaa keenya waan ta’eef; innis
girgiddaa lolaa isa gargar nama baasu sana diigee jara lamaanuu tokko godheera.
Innis ajaja seeraa sirna isaa waliin foon isaatiin cabseera; kaayyoon isaas
jara lamaan keessaa ofuma isaatiin nama haaraa tokko uumee nagaa buusuufi.
Qaama tokkicha kanaanis karaa fannoo inni lola isaanii ittiin ajjeese sanaan
lamaan isaaniiyyuu Waaqayyotti araarse. Innis dhufee isin warra fagoo turtanitti
nagaa, warra dhiyoo turanittis nagaa lallabe.” Efe 2:14-17.
Fannoon obsaa fi hanga dhumaatti keessa bahuu nama barsiisa.
Gooftaan keenya deemsa gara fannootti godheen dhiphinaa fi gidiraa guddaa irra
geessisaniiru, arrabsaniiru, hancufa isaanii isa xuraawaa itti tufaniiru,
lafatti daddarbachaa kuffisaniiru, dhumarrattis gara laafina tokko malee
fannisaniiru. Waan hunda caalaa kan nama gaddisiisu erga fannisanii booda nan
dheebodhe yommuu jedhu, du’uun isaa hin oolu jedhanii xinnooseellee otoo hin
gaddiifiin hadhooftuu akka dhuguuf kennaniif. Gidiraa fi dhiphina kana keessa
ta’ee garuu homaa isaaniin hin jenne, isaanittis hin dheekkamne. Kunis nuuf
barumsadha. “Kan waamamtan kanaaf waan
ta’eef, Kiristoos immoo barbaachasaa akka duukaa buutan fakkeenya isinii
dhiisee isiniif gidiraa fudhateerahoo. Innis cubbuu homaa hin dalagne,
hammeenyis afaan isaa keessaa hin baane, yommuu isa arrabsan deebisee isaan hin
arrabsine, yommuu gidiraa fudhatus hin dheekkamne.” 1Pheex 2:21-23.
Gooftaan keenya maaliif Fannoorratti
fannifame?
1.
Du’a shaaruuf jecha – warra Yihudootaa biratti fannoorratti
namni fannifamu kan abaarame ture (K.Deeb. 21:22, Gal. 3:13). Gooftaan keenyas
Addaamii fi dhaloota isa booda dhufan hundarratti du’a dhufe (Uma 2:17) sana shaaruuf
jedhee balleessaa Addaam balleessaa isaa godhee fannoorratti du’e, du’a moo’ee
ka’uunis dhala namaa hunda birmaduu baase.
2.
Jaalala isaa ibsuuf – Waaqayyoon uumama hundarraa adda godhee
kabajee sadarkaa aangoo uumaadhaa gaditti uumamaan olitti dhala namaaf kennee
ture. Haa ta’u malee, dhalli namaa balleessaa hojjechuusaatiin uumamni iddoo
hin seennetti si’ool keessatti kufe. Sababa kanaanis bineensota yaaduu fi
dubbachuu hin dandeenyee gadillee ta’ee argame. Waaqayyoonis jaalala dhala
namaaf qabu ibsuuf jedhee akka nama yakka guddaa hojjeteetti lakkaa’amee du’a
warri abaarame du’an du’e. Kanaanis dhala namaa lafa itti kufeetii kaasuuf
jedhee fannoorratti fannifamee hangam akka qaana’eefii nutti agarsiise.
3.
Ogummaa warra ogeessa ofiin jedhanii
fashaleessuuf –
Waaqayyoon hojii ajaa’ibsiisaa isaa kan raawwatu namoonni karaa hin eegnee fi
hin yaadne, karaa tuffatanii fi xinnoo godhanii yaadaniitiini dha. Cimoota
warri ofiin jedhan akkuma godhan du’a moo’uuf jecha eeboo fi gaachana, loltuu
fi meeshaa waraanaa gurguddaan isa hin barbaachisne. Nuti ogeessota warri ofiin
jedhan akkuma godhan ekeraa waamuun qaalluu faraduun isa hin barbaachisne.
Humnaa fi ogummaa seexanaa shaaruuf jedhee karaa namni hin eegne du’a fannoo
du’uu jaalate. “Waaqayyoon ogummaa biyya
lafaa kana gowwummaa akka ta’u hin goonee? akkuma jedhe duuka bu’ichi
Phaawuloos. 1Qor 1:21.
4.
Raajiin dubbatame akka raawwatamuuf – Sabni Israa’el gara Kana’aanitti
otoo deemaa jiranii Waaqayyorratti gumgummii kaasaniin Waaqayyoon bofa ummata
kanatti ergee isaan hiddisiise. Booda garuu gaabbanii gara Waaqayyootti yommuu
deebi’an “Bofa meetii irraa hojjedhuutii
mukarratti fannisi. Warri hiddame hunduu yommuu isa argan ni jiraatu.”
jedhee Waaqayyoon Museedhaan ajaje. Bofni meetii sunis saba Israa’elirratti dheekkamsa
dhufeef sababa fayyinaa ta’eef. Lakk. 21:1-9. Kuni raajii fakkeenyaati. Bofichi
meetii sun yakka ofii hin hojjenneef yakka ummata sanaaf jedhee akkuma
fannifame bara boodaas Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos inni qoricha addunyaa
ta’e, balleessaa ofii otoo hin qabaatiin balleessaa dhala namaa hunda kansaa
godhee mukarratti fannifamee dhala namaa du’a bara baraa jalaa fayyisee
jireenya kenneef. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos bofichi meetii Museen lafa
onaa sana keessatti fannise sun fakkeenya isaa akka ture yommuu ibsu “Museen lafa onaa keessatti boficha meetii
sana akkuma fannise akkasuma namni isatti amanu hunduu jireenya bara baraa akka
argatuuf malee akka hin badneef ilmi namaa fannifamuun isaaf ta’a.” Yoh
3:14.
5.
Araara buusuuf – warri samiirraa fi warri lafa
kanarraa wallolanii amantootnii fi warri hin amanne adda bahanii jiraachaa
turan. Warra samiirraa fi lafarraa walitti araarsuuf jedhe lafarraa xiqqoo
olsiqee, samiirraa gadi bu’ee gidduutti fannifame. Kunis karaa isaatiin gara
samiitti akka gallu karaa nuuf banuu isaa nu gammachiisuuf jedheetu. Warri dur
saba Waaqayyoo jedhamanii fi hin jedhamnes wangeelaan tokko akka ta’aniif harka
isaa gara mirgaa fi bitaatti diriirsee fannifame (Hayyicha Atinaatewoos).
6.
Ogummaa seexanaa diiguuf - seexanni Addaamii fi Hewaaniin
mukaan firii mukaa nyaachisee akkuma Gannataa isaan baase, ogummaasaa kana
diiguuf ilmi Abbaa ilmi Maariyaamii mukarratti fannifame. Ogummaan seexanaas
diigame.
Manni
kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoos kana sababeeffachuudhaan jaalala fannoo
Gooftaa keenyaa irraa qabdu ibsuu fi amantootni eebba fannoo irraa akka
hirmaataniif sirnoota adda adddaan fannoon akka kabajamu gooti.
1.
Dhungachuudhaan – fannoo dhungachuun ykn
salaamfachuun eebba fannoo sanaarraa hirmaachuu fi fannoo sanaaf jaalala qabnu
kan ittiin ibsinudha. Fannoo sana jaalachuunis fannicha irratti isa fannifame
fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin jaalachuu jechuudha.
2.
Eebbisuudhaan - fannoon humna qaba. Seexanni kan
ittiin moo’ame, karri si’ool cufaamee karri Gannataa kan ittiin baname,
achirratti foonsaa cabsee dhiiga isaa dhangalaasee waan ta’eef wantoota hafan
hunda ni eebbisa. Bara durii abbaan keenya qulqulluun Yaa’iqoob ijoollee
Yooseef lamaan Efreemii fi Minaaseedhaan yommuu eebbisu harka isaa bifa
fannootiin mallatteessee ture (Uma 48:12-14). Kunis bara boodaa immoo ifatti
mul’atee namoota eebbisuu isaati. Kanaafis nuti warri kakuu haaraa keessa
jiraannu fannoo Gooftaatiin waan hundumaa eebbifanna.
3.
Mallatteeffachuudhaan - quba harka keenyaatiin gubbaa adda
keenyaa qabnee qaama keenya hundumaa mallattoo fannootiin ni mallatteeffanna.
Fannoon humna akkuma qabu, humna keenyas akka ta’e nutis mallattoo fannootiin
mallatteeffannee diina keenya isa ta’e seexana ni moona ni qaanessinas.
4.
Mormatti hidhachuutiin – fannoo Gooftaa mormatti hidhachuu
jechuun amantaan amane kanatti jaalala Kiristoosiif jedheen morma koo nan kenna
jechuu dha. Karaa kan biraa hadaraa
eeguu jechuudha. Ogeessichi Solomoon “Yaa
mucaakoo ajaja abbaa kee eegi seera haadha kees hin dhiisiin yeroo hunda laphee
keetti qabadhu mormakeettis hidhadhu.” Fakk. 6:20-21 jechuudhaan kan
dubbates kanuma ibsuufidha.
5.
Dhugaa bahuudhaan – kiristaanotaaf akka mallattootti
kan kennaman wantooti lama jiru isaanis fannoo Gooftaa fi haadha Gooftaa dubree
Maariyaamiidha. Faar. 59:41, Isa 7:13. Kanaafuu, fannoon kan ittiin boonnu
alaabaa bilisummaa keenyaa iddoo fi yeroon otoo nu hin murteessiin lallabna
ibsina ormaafis beeksisna.
6.
Ayyaana isaa kabajuun - mana kirsitaanaa Itoophiyaatti
sirna ho’aadhaan ayyaanota kabajaman keessaa ayyaanni Fannoo ykn Masqalaa isa
tokkodha. Safartuu ykn qannoonaa mana kiristaanaa bu’uureffachuun ayyaanni
Fannoo ykn Masqalaa waggaatti si’a lama kabajama. Inni jalqabaa mootittii Illeeniin
(255-335 B.Ar) waggaa 300 oliif Yihudoonni awwaalanii kan turan fannoon gooftaa
keenya Iyyasuus Kiristoos akka bahuuf qotuun kan itti jalqabame Fulbaana 17
yommuu ta’u, inni lammaffaan immoo qotamee guyyaa itti bahe fi erga Faarsootaan
booji’amee booda mooticha Roomaa Hirqaaliin bara 628 B.Ar tti gara
Iyyarusaalemitti guyyaa deebi’e Bitootessa 10 dha.
Ayyaanni
Masqalaa yommuu kabajamu karaa aadaan bareedee fi ho’ee kabajamuu isaarra
darbeeyyuu kabajni ayyaana kanaa akkamitti akka dhufe beekanii kabajuun eebba
guddaa namaa argamsiisa. Akka qulqulluu Yohaannis lapheen ishee jaalala fannoo
Gooftaatiin kan gubate mootittii Illeeniin Waaqni ishee fannoorratti akka
fannifame ta’ee fakkii kaafamee akka dubartoota Iyyarusaalem haadha keenya
durbee Maariyaamii wajjin turan kunoo haadha keessan akkuma jedhe hunda
Illeeniinis waggoota 300 booda eebba fannosaa argachuuf bakka inni itti
awwaalamee baasuuf kaate. Maalummaa fannoo isaa kan hubatte Illeeniin akkuma
yaadde isheef ta’ee, fannoo Gooftaatiin ofjajuudhaan fannoon isaa biyya lafaa
hundaaf ifa akka ta’uuf jecha bakka itti dhokateetii akka bahu gooteetti; kan
fannoosaatiin of jaju hin qanaa’uutii. Qulqulluun Phaawuloos “Garuu biyyi lafaa anaaf kan fannifame anis
biyya lafaa biraatti kanan irratti fannifame fannoo gooftaa keenya Iyyasuus
Kiristoos irraa kan hafe kan biraan of jajuun narraa haa fagaatu.” Gal.
6:14 akkuma jedhee barreesse. Mootittii Illeeniin durumayyuu otoo hin argatiin
laphee isheetti yaaddee otoo jirtuu ilmi ishee Qosxanxiinoos samiirratti
mallattoon fannoo kan kaafame ta’ee “Mallattoo
kanaan diina kee ni moota” jedhee eeyyama Waaqayyoon isatti mul’ate.
Sababii isaan qulqullittiin Illeeniin umuriishee guutuu fannoon Gooftaa hammina
warra Yihudootaatiin dhokatee jiraachuu isaatiif gaddaa waan jiraattee fi bakka
dhokatees baasuuf hawwii guddaa ishee keessa tureen kadhannaa guddaadhaan Waaqayyoo
ishee wajjin kan kakuu seente Waaqayyo mallattoo ittiin ilmi ishee diinota isaa
ittiin moo’u godhee itti agarsiise. Moo’ichi kun biyya lafaa kana hundarra
kiristaanota jiraniif moo’icha isaani waan tureefi.
Badee argamuu Fannoo Gooftaa keenyaa
Fannoon gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos itti
fannifamee ture namoota du’aa kaasaa, dhukkubsattoota fayyisaa humna hamaa
baasaa waan tureef Yihudootni hinaaffaa fi wallaalummaadhaan gaara Qaraaniyoo
irra awwaaluun akka kosiin itti gatamu godhani. Israa’eelonni hunduu kosii achi
geessani gatuu eegalan. Fannoosaatiin Waaqa keenyatti araaramnee, haguuggii
isaa jalas gallee otoo jirruu, hamman yoo salphisanidha fannoo Waaqayyoon namaaf
jedhee kabaja isaa dabarsee kenne kan awwaalan, kan Waaqayyo jaalala namaaf
qabuuf jecha dhiiga isaa irratti lolaase kan dhoksan? Waaqayyo garuu akka
hammeenya namaa osoo hin taane akka arjummaa fi jaalala isaan nama hin miine,
in jiraachise malee. Bara 70 B.A ajajaan mootii Roomaa fi mucaan isaa Israa’eloota
balleessuuf yommuu gahan, kiristaanotni magaala sana gadhiisanii waan bahaniif
Yihudootni hafanis waan ajjeesamaniif barri sun bara gadadoo, bara
wareegamtootaa, baqaan ummata kiristaanaas waan tureef fannoo dhokfamee kosii
jala awwalame sana baasuun hin danda’amne. Bakka fannoo sanallee namni yaadatu
dhabame.
Waggaa 300 booda Waaqayyo mootii Qosxanxiinoos kaase.
Innis diina Maksimiyaanos jedhamu waliin lola irra ture. Osoo waraana kanaan
gunnamaa jiruu samii irraa ifni fannoon fakkaate itti mul’ate “Kanaa booda mallattoo kanaan diina keen in
moota” sagalee jedhu samii irraa dhagahe. Kunis kan ta’e mootichi yeroo
yaadaan badee turetti dha. Yeroodhuma sana amantii kiristaanaa amanee fudhate.
Fannoo mallattoo waraana isaa godhate. Meeshaa waraanaa isaa, meeshaalee mana
isaa fi waanuma hundarratti fannoo mallatteeffate, diina isaa ni moo’ate
kiristaanotaaf bilisummaa kenne, mootummaa kiristaanaas hundeesse. Kunis bara
gadadoo fi wareegamummaa ture sana dhumni isaa akka dhufu godhe.
Maqaan haadha mootii kanaa Qulqulleetti Illeenii
jedhamti. Ilmii ishee giiftii ishee godhee, kabajee, qabeenya mootummaa isaa
irrattis aangoo kenneef. Isheenis gaarummaan qabeenya kanaan mana kiristaana
hedduu ijaarsiste, warra rakkataniif gaarummaa oolte, yommuu deddeebi’aa turtes
namoota rakkatan gargaaraa bilisa baasaa turte. Nama amantii ishee sirritti
raawwattu turte. Yommuu mana amantaa deemaa turtes kadhaa osoo addaan hin kutiin
kadhatti turte. Akka giiftiitti osoo hin taane akka amantuu kiristaana tokkoo
ta’aa turte. Sirna hafuurawaa hunda otoo hin hambisiin in raawwatti, amantootas
deemte jajjabeessiti turte.
Bara dulluma ishee Waaqayyo akka gara Israa’el deemtee
fannoo gooftaa isa gataa kosii jala awwaalame baastu raajiidhaan itti hime.
Gaafa deemtu garuu bakka inni awwaalame beekuu hin dandeenye. Booda Abbaa
Maqaarsi kan jedhaman Phaaphaasiin Iyyarusaalem bakkeen fannoon itti awwaalame
sun gaara Qaraaniyoo sana irra ta’ee bakkee olka’aa (guffii) akka ta’e itti
himan. Dabalataanis manguddoo Kiraakos jedhamu waa’ee naannoo fannichaa kan
dhagahe irraa isaan akeeke. Gaara sana irra garuu iddoon guffii ta’an hedduutu
jiru turan. Ammas fannoon sun argamuu hin dandeenye. Mootittii Illeeniinis, “Yoo fannoon kun hin argamne uffata
mootummaa koo kana hin uffadhu” jettee, sagalee guddaadhaanis Waaqayyotti
iyyatte. Torbii (subaa’ee) galuun kadhaa jalqabde. Osoo torbii kana irra jirtuu
ergamaan Waaqaa “Daamotii dhaabitiii
ixaana itti dabalii gubi, aarri ixaanichaas bakkee fannoo sanaa sitti
agarsiisa” jedhee itti hime.
Isheenis Fulbaana 16 daamotii hojjechiistee ixaanni
itti dabalamee ibiddi itti qabsiifame. Aarri ixaanichaa samiitti ol bahee gad
yommuu deebi’u bakkee fannoo sanaatti akeeke. Qulqulluu Yaareed “Ixaanichi iddoo fannoon jirutti akeeke,
aarri isaas fannichaaf sagadee” jedhee barreesseera. Yeroodhuma kana
fannicha baasuuf qotuun jalqabame. Ji’a jahaa booda akkuma kitaaba Sinkisaaraa
irratti himame Bitootessa 10 fannoo namootni lamaan bitaa fi mirga Gooftaa itti
fannifamanii fi kan Gooftaa keenyaa argaman. Fannoon Gooftaa keenyaa raajii
hojjetuun adda baheera. Gonfoon qoraatti Gooftaaf godhames waliin awwaalamee
ture, mismaaronni inni ittiin rukutames wajjuma argamaniiru jedha akka
Sinkisaara irratti barreeffametti. Mootittii Illeeniinis gammaddee gaara
Qaraaniyoo irratti mana kiristaana hojjechiiste. Manni amantichaas Fulbaana 16
eebbifamee Fulbaana 17tti sirni eebbaa (qiddaaseen) keessatti raawwate. Fannoon
Gooftaas sanduuqa warqiin achi keessa kahame. Kanaaf manni amantaa keenyaa
Fulbaana 16 damaraa jette kabajji yaadattis. Bitootessa 10 immoo guyyaa fannoon
kun bahe waan ta’eef kanas ni yaadatti.
Egaa gubbaatti bal’inaan akkuma
ilaalle jaalala fannoo warri hubatan warri akka mootittii Illeenii fannoo
Gooftaa haala adda ta’een wareegama guddaa haala itti gaafatuunis ji’a jaha
guutuu hinaaffaa guddaadhaan qochisiistee argachuun ishee har’a nuti akkaataa
amma kabajnuu fi bareedina keenya godhannee akka jiraannu gooteetti. Yeroo
ammaa kiristaanummaa fudhannee kiritaanotas taanee warri jiru hangam dhuguma
jaalala kana hubannee kabajaa jirra? Yookiinis nama isa kaan fakkaachuufidha?
Asirratti egaa wanti kirstaanummaan keenya nurraa eegdu kan gochuu qabnu.
Qulqulluun Phaawuloos akkas jedha “Yaa
namootaa ija keessan fuulduratti gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos akka
fannifame ta’ee kaafamee ture, dhugaaf akka isin hin ajajamne kan isin jalaa
haguuge eenyudha?” Gal.3:1. Duuka bu’ichi Phaawuloos dhugaaf akka ajajamtan
jedhee jaalala fannoo Gooftaa dhugaa jedheera. Nutis dhugaa isa samiirraa kan
ta’e jaalalli fannoo Gooftaa yeroo hundaa akka haadha keenya dubree Maariyaamii
fi qulqulluu Yohaannis bara 300 boodas akka mootittii Illeenii fi qulqulloota
hundumaa ija keenya fuula duratti kaafamee yaadachuu fi ajaja isaa eegnee
jiraachuun nurraa eegama.
Jalallii fi sugni Fannoo gooftaa
keenya Iyyasuus Kiristoos bara baraan nurra haa bulu!!! Ameen.
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.