Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura
Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Baga bara haarayaan isin gahe!
Baga jabana Maarqoos irraa gara
jabana Luqaasitti ceetan! Addaam haadha mana isaa dhagahee ajaja isaa kennameen
alatti firii mukaa hin nyaatiin jedhamee nyaate waan argameef Waaqayyoon “Ati
dubbii haadha manaa keetii waan dhageesseef, ija mukaa isa hin nyaatiin jedhee
si abboomes waan nyaatteef , lafti sababii keetiif abaaramaa ni ta’a; atis bara
jireenya kee hundumaatti itti dadhabdee isa irraa in nyaatta. Innis
qoraattiidhaa fi baalaan waraantee sitti biqilcha, atis biqila lafaa ni
nyaatta’’. (Uma 3:17-18). Haala kanaan dhalli namaa dhama’ee nyaachuun
erga itti himamee sanaa kaasee hanga har’aatti lafa kana irratti dafqasaatiin
nyaachaa jira. Birraan yookaan barri haaraan yeroo namni isa facaase sana
gaheefi kan foon isaaf taatu sana itti argu dha. Nama keessatti abdii haaraa,
gammachuu, rakkoo keessaa bahuuf kan itti yaadu dha. Nama taanees fedhii keenya
dhuma hin qabne sana guutuufis kan itti karoorfannu dha. Manni barumsaa banamee
kan tarkaanfii jireenya keenya irratti dabalamu dha. “Ati laficha ni
ilaalta, waan hundumaa irraa hafaa in laattaaf, guddistees isa ni badhaafta;
lagni ati kenniteef bishaan guutuu qaba, namoota midhaan ni argachiifta; akkas
gootee qopheessiteetta. Bo’oo lafichaa bishaan ni obaafta, bungulluu isaas ni
balleessita, tiifuudhaan isa in laaffifta biqilaa isaas ni barakachiifta.
Waggicha wanta gaarii si biraa dhufeen ni gonfita, gara ati deemtutti faanni
kee cooma rooba; lafti qordiin coomee margi isaa in labbeessa’a, gaaronnis akka
waan mudhii isaanitti, sagaleen gammachuu naannoo isaanitti in dhaga’ama.
Hoolonni bakkee isaa uffisaniiru, dachaa keessattis midhaan lafa dhokseera,
hundumti isaaniis sagalee gammachuu dhageessisanii in faarfatu” (Far 65:9-13)
jedhee qulqulluu Daawit gooftaa isaa faarfaata, kanaaf egaa Waaqayyoon illee
kan itti gammadanii faarfatani jechuudha.
Yeroon isaas barri darbee kan baraan
bakka buufamu dha. Kanaaf manni kiristaanaa keenyas akkuma faarsaa qulqulluu
Daawit “Waggicha wanta gaarii si biraa dhufeen ni gonfita, gara ati
deemtutti faanni kee cooma rooba” (Far 65:11) jedhe faarfate ni
faarfatti.
Manni Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo
bara haaraatti cuuphaa qulqulluu
Yohaannisiin ittiin yaadachaa turte gara fulduraattis yaadachaa jiraatti. Kitaaba
qulqulluu irratti akkas jedha “Dhuguman isiniin jedha nama ta’ee lafa
irratti dhalate keessaa, Yohaannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane;
garuu mootummaa Waaqaatti inni hundumaa irra xinnaatu isa irra ni caala” (Mat
11:11).
Sababni isaas qulqulluu Yohaannis
cuuphaan barumsa kakuu haaraa jireenya haaraa barumsa gaabbii kan barsiise
dhala namaaf boqonnaa jireenyaa haaraa, walumaa galatti dhaldura deemee
qajeelchaa kan ture isa dha. (Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya
lafaa irraa fuudhu. Yoh 1:29) namaa gabrummaa bara dheeraa dhalli namaa
adabamees kan itti irraan hin deebine waanjoo dabiloos jalaa akka bahu kan dura
karaa gooftaa keenyaa haxaa’aa ture dha. Kanaaf jecha gooftaa keenyaa
fudhachuun manni amantaa keenyaa isaaf kabaja kennitee kabajji ni yaadattis.
Haala Lakkoofsa Baraa
Abbaan keenya Addaam erga aabboommii
Waaqa isaa cabsee aari’amee hanga bara dhaloota gooftaa keenyaatti kan jiru
bara gadadoo (‘zemene fiddaa’) jedhama. Waadaa Waaqayyoon Addaamiif dhala dhala
kee irraa dhaladhee sin fayyisa jedhe sana, missiraachoo qulqulluu
Gabri’eeliin giiftii keenyaa Dubroo Maariyaamii irraa dhalatee, reebamee,
fannifamee, du’ee, guyyaa sadii booda du’a moo’ee ka’ee nun ijoollee
isaaf arjummaadhaan dhiifama godhee fayyina nuuf kenneetii qabee anga
dhufaatii gooftaa keenyaatti kan jiru immoo bara araaraa jedhama. Walumaa
galatti baroonni kun lamaan immoo bakka tokkotti bara addunyaa jedhamuun beekama.
Haala kanaan inni darbe 2006+5500 = 7506 yommuu ta’u, barri addunyaa dhufu
immoo 7507 ta’a jechuu dha.
Bara Lakkaa’u kan Jalqabe Eenyu?
Lakkoofsa amma bataskaanni keenya
itti fayyadamtu hojii Afuura Qulqulluutiin dursamuun herregani kan kaa’an
Phaaphaasii Iskindiriyaa 12ffaa kan turan Qulqulluu Dimeexiroosi
dha. Isaanis seera guyyaa, ayyaanaa fi laguu (soomaa) argachuuf hawwanii ajaja
ergama Waaqaan torbii (subaa’ee) galanii hawwii isaaniis Waaqayyo kenneefii.
Gabaabumatti hiramni guyyootaas Wiixataa akka jalqabu, laguun gooftaa keenyaas
kan hiramee taa’e ka’umsa abbaa qulqulluu kananii dha
Addunyaa kana irratti haalli
lakkoofsa baraa hedduutu jiru. Fakkeenyaaf kan Yihudootaa, kan Gibxootaa, kan
Qeesaarii Yiwuuloos, kan seera Seera’iyaanee, kan Fileekawun faa maqaa dhahuun
ni danda’ama. Akkasumas Oromoonis seera lakkoofsaa fi dhaha mataa
isaa dur irraayyuu akka qabu kitaabonni seenaa fi abbootiin ni himu. Ummatoonni biyya Itiyoophiyaa keessa jiran kan lakkoofsa baraa adda ta'e qabanis jiru.Akka mana amntaa Ortodooksiittis lakkoofsi bu'uura Qulqulluu Dimeexiros godhatee lakkawamus jira.
Egaa yaa maatiwwan Waaqayyoo barri
baraan darba. Umrii keenya irrattis fedhii Waaqayyoo ta’ee arjummaa Gooftaa
keenyaan, kadhaa qulqulleetti haadha keenyaan, kadhaannaa qulqullootaan har’a
geenyeerra. Osoo akka hammeenya keenyaa fi cubbuu keenya baduun nurra ture.
Garuu Waaqni keenya Waaqa jaalalaa waan ta’eef har’aan nu gaheera. Har’a gahuun
keenya hiika maalii qaba laata? Gaaffii hunda keenya ilaallatu dha. Fedhiin
keenya hedduu irri caalaan isaa kan foon keenyaaf ta’u dha. Waaqayyo gooftana
“Lafti kun ni dabarti garuu mootummaan koo hin darbu” kan jedhe osoo
bu’uureffannee lubbuu keenyaafis karoora itti qabannee waan hafuuraa hojjechuu
qabna. Keessumaa warri abbaa gaabbii hin qabne abbaa gaabbii qabaannee, gaabbii
seenne foonii fi dhiiga gooftaa fudhachuuf nama waan hundaaf qophaaye ta’uu
qabna. Akka kana goonuuf immoo Waaqayyo humna isaa nuuf ha kennu. Barri kun
immoo kan gammachuu kan Waaqa keenya itti galateeffannu kan nagaa jaalalaa fi
badhaadhinaa nuuf haa ta’u.
Kan jalqabsiisee nu xumursiiseef
Waaqayyoof galanni haa ta’u Ameen!!!
Kitaabolee Wabii
1. Mezgebe Taarik Kutaa 1ffaa
2. BarsiisaH hiruuy ermiyaas bara 2002.
3. Kitaaba Qulqulluu
Bara 1997
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.