Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Yaa’ii lallaba wangeelaa Waldaan
Duuka Bu’ootaa(Nahimiyaa) Magaalaa Burraayyuu, Bataskaana Ts/Ts/A/Tekle
Hayimaanot tti guyyaa 24/12/2006 A.L.I qopheesse irratti artistoonni beekkamoon
kana dura televiziiniidhaan diraamaa nama barsiisu agarsiisaa turan
hirmaataniiru.
Diraamichi waltajji bataskaanaa irratti
Afaan Oromootiin kan dhiyaate yoo ta’u baay’ee kan nama barsiisuu haala yeroo ammaa amanticha keessatti muldhatu
tokko tokko hanga tokko kan ibsu dha
Haala kanaan caalatti uummanni
amantaa isaatti akka cimu fuula duraaf akka itti fufan ibsuudhaan kaayyoo waldichaa
gargaaruuf gama isaaniitiin qophee ta’uu isaanii ibsaniiru.
Waldaan Duuka Bu’ootaa sadarkaa hawaasa
kam-iyyuu keessatti tajaajilli Amantaa Ortodooksii waloomaa(Tawaahidoo) Afaan
Oromootin akka babaldhatu kan dhama’aa jiru dha. Sagantaawwan marii
gazeessitootaa, hooggantoota sadarkaa olaanoo, artistoota, atileetota, namoota
beekkamo, fi namoota tajaajila akkasii deeggaran waliin hanga humna isaa wal ta’ee
wal barsiisuuf kaayyoo kan qabu yoo ta’u,saganaatn Buraayyutti ta’es calaqqisa kaayyoo kanaati .//
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.