Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Yaa’iin walii galaa sadaffaan
magaalaa Burraayyuu, Bataskaana Tsirha Tsiyoon Abune TekleHayimaanootitti
guyyoota lamaaf kan adeemsifame yoo ta’u
ajandaawwan gara garaa irratti mari’ateera. Haala tajaajilli Afaan Oromoo irra jiru
caalatti waaltessuuf akkasumas cimsuuf karoorri yeroo dheeraa fi yeroo gabaabaa
bahee akka hojiirra oolu irratti mari’atameera.Karoora raawwii hojii bara 2006
dhiyeessun karoorri bara 2007 akkasumas danbiin ittiin bulmaata waldichaa
irrattis mari’atameera.
Waldaan Duuka Bu’ootaa bara 2004 kan hundeeffame yoo ta’u,
jalqaba maqaa Nahimiyaa jedhamuun waamama kan turedha. Kaayyoon waldichaas danbii
seeraa fi barsiisa amantaa Ortodooksii bu’ureeffachuudhaan sagalee Waaqayyoo
Afaan Oromootiin waliif qooduu dha!
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.