Maqaa
Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Wiirtuu Jimmaa
Waa’ee
sooma nanawee kaasuun dura waa’ee seenaa uummata nanawee fi garbicha Waaqayyoo
kan ta’e waa’ee nama yoonaas jedhamu kitaaba qulqulluu irraa haa dubbifnu.
“Sagaleen
Waaqayyoo akkas jedhu gara yoonaasitti dhufe. Ka’ii gara magaala guddittii gara
nanawee deemi! Hammeenyummaan isaanii akka na bira gahe isaaniif labsi. Yoonaas
garuu Waaqayyoof ajajamuu didee gara magaala tarseesi deemuu barbaade. Doonii
gara magaalittii deemus argatee imala jalqabe. Kana booda garuu, Waaqayyo bubbee
hamaa kaase. Imaltoonnis baay’ee dhiphatan. Isaan keessa nama hammeenya hojjete
baruufis carraa buufatan. Carraan isaaniis yoonaasiin qaqqabe. Innis doonichi
sababa isaatiif akka raafamte ibsee galaana keessatti akka isa darbataniif
kadhate. Waaqayyo immoo yoonaasiif galaana keesssatti qurxummii qopheesseef.
Yoonaasis garaa qurxummii keessa halkan sadii fi guyyaa sadii bule. Garaa
qurxummii keessa xaa’ee Waaqayyootti kadhannaa dhiyeeffata ture. Kana booda
qurxummichi daangaa galaanatti yoonaasiin tufe. Sagaleen Waaqayyoo lamaffaa
gara yoonasiitti dhufuun akka deemee uummata nanawee barsiisu isatti hime.
Mootichi biyya nanawees barumsicha erga dhagaheen booda uummata walitti qabe.
Daa’immanii fi mangudoota osoo hin jedhiin, beelladoonni manaas osoo hin hafiin
akka soomanii fi kadhatan ajaje. Uummanni hundis guyyaa sadii fi soomaa fi
kadhannaa godhan. Waaqayyos ummatichi
badii isaanitti waan gaabbanii fi waan soomaniif badii irraa isaan hambise.”Yonaas 1:1
seenaa kanarraa wanti barannu
i)Soomnii
fi kadhannaan gidiraa fi rakkoo irraa akka nama oolchu
ii)Waaqayyo
bakka hundaa jiraachuu isaa fi eesumattuu wanta nuti hojjennu akka argu
iii) Dhiifamni
Waaqayyoo warra sagalee isaa dhagahanii raawwataniif baay’achuu isaa
Sooma uummata Nanawee
gadi fageenyan yeroo ilaallu:
Soomni
Nanawee soomawwan torban manni kiristaanaa keenya labsitu keesssa tokko yeroo ta’u,
soomni kun sooma guddichaaf akka
qophiitti kan gargaartu bilbila beeksiftuu sammuu keenyaati. Gaabbiin uummata Nanawee
kun mana kiristaanaa keenya keessatti bakka guddaa kan qabu, baay’ee kan faarfatamee fi sirni galatoo kan adeemsifamuuf
akkasumas seenaa yaadannoo guddaa qabudha. Gooftaan keenyas gaabbii isaanii
kaasuudhaan yihuudotaa gorseera. Gaafa
guyyaa murtiis dhaloota kana irratti akka murteessan dubbateera. Kunis,
uummanni kun seena gaabbii gammachiisaa Waaqayyo jaalatu qabaachuu isaanii ibsa.
Barreeffama kana keessattis seenaa kana kitaabolee seenaa kanaan walqabatanii
sirna galatoo irratti dubbatamaniin walqabsiifnee barachuuf yaalla.
Cubbuun
Waaqayyo irraa fagaachuudha. Gaabbiin immoo Waaqayyotti dhiyaachuudha. Manni
kiristaanaa keenya keessattuu baatii sooma guddaa keessa tokkoon tokkoon saba
kiristaanaa irraa firii gaabbii fi laphee qulqulluu jaalala Waaqayyoon cabe
barbaaddi. Du’aa ka’umsa gooftaas gaabbii malee dhugaa fi gammachuudhaan kabajuun hin danda’amu. Kanaafuu, gaabbii keenya
wantoota gufachiisan seenaa uummata nanaweee waliin wal bira qabnee ilaalla.
1. Qarshii
jaalachuu
Qabeenyi
madda cubbuuti jechuu baannus, akka wangeelli jedhutti yoo hin qabanne Waaqayyo
kan nu dagachiisuu fi sababa cubbuu ittiin raawwannu ta’uu danda’a. Yeroo
baay’ee qarshiin Waaqayyo irraa fagaachuudhaan nagaa fi gammachuu dhabne argachuuf
waaq-harkee(xaa’otii) abdii gadhannu ta’uu danda’a. Sababa kanaan qabeenyi kiyyoo
gaabbii akka hin galle nu sakaalu ta’a. Waaqayyo qabeenya illee yoo nuuf kenne kan
rakkate akka gargaarru, tajaajila mana kiristaanaa akka ittiin ariifachiifnuu
fi daa’imman keenya akka daandii mana kiristaanaa irratti guddifnuuf malee
lubbuu jaalala Waaqayyoo dheebotte qabannee, fedha foonii qofa akka raawwannuuf
ta’uu hin qabu. Badii uummata Nanaweetiif akka sababaatti kan ture, sooromummaa
magaalittiiti. Badinsa Yoonaasiifis qarshiin sababa ture. Yoonas. 1:3
Soomni
guddaan fuuldura keenya jiru kunis yeroo baay’isnee itti kadhannu, soomnu, kan
rakkatan itti gargaarru ta’uu qaba malee, yeroo itti sababa soomaatiif qarshii
kuusnu ta’uu hin qabu.
2. Cubbuu
keenyaaf itti gaafatamaaa biraa barbaadu
Seenaa
uummata Nanawee irraa kan barannu Yoonaas Waaqayyo jalaa kan baqate, fayyina
uummata Nanawee mormuudhaan akka dogongoraatti fudhate malee dogongora ofii hin
amanne. Sababa kanaafis yeroo dooniin raafamtu hirriba cimaa kessa ture. Yoonaas.1:5. Akkuma kana namoonni
baay’een cubbuu isaaniif Waaqayyoon itti
gaafatamaa taasisu. Kanneen biroo immoo namoota biraa itti gaafatamaa taasisu.
3. Gorsa
Waaqayyoo dhagahuu dhabuu
Waaqayyo Yoonaas karaa adda addaan akka gorse seenaa kana keessatti
ni hubanna. Bubbee hamaa kaasuudhaan
akka galaanatti drabatamu godhe. Qurxummii guddaa qopheessee lubbuu isaas oolche; akka gaabbee deebi’u taasisus inni garuu dhagahuu hin dandeenye. Afaan
qurxummii keessaa bahee lallabus
dhiifama Waaqayyoo warra Nanaweef godhetti hin gammanne. Jalqabas sodaa Waaqayyoof malee baalleessaa isaatti gaabbee miti kan gara namoota Nanaweetti
kan deebi’e. Ammas garuu Waaqayyo karaa uumamtoota biroo Yoonaasiin gorse(karaa bubbee, qurxummii,
raammoo, aduu, …). Dhuma irratti garuu gaabbiif gaheera. Uummata doonicha
keesssa jiranis haaluma kanaan gorse. Isaanis gaabbaniiru. Faar. 41:7-8, duuk.
14:22.
Akkuma
seenaa uummata Nanawee irraa hubanutti jireenya keenya gaabbiin cimsannee daran
Waaqatti yoo dhiyaanne sugni Waaqayyoos nuuf baay’ata. Akkuma abbaan keenya
qulqulluu abune shinoodaa jedhan, “kiristaanni sooma guddicha irratti jireenyi
afuuraa isaa hin jijjiiramne soomawwan birootiin ni jijjiirama jechuun baay’ee
ulfaata.”
4. Of
jaalachuu
Seenaa
kana keessatti sodaa Yoonaas kan ture,ummatni Nanawee raajaa sobaa naan jedhu
jechuudhan uummanni nanawee akka badan
filate. Namoonni baay’een keenyas fedha Waaqayyo dhiisnee kabaja keenyaaf
dhiphanna, keesumattuu dhaloonni amma jiru. Kun immoo, dheekkamsa Waaqayyoo
nutti cimsa; suga Waaqayyoos nu dhabsiisa. Kanaafuu, laphee cabeen, kasoominaan
fuula Waaqayyoo dura dhaabbachuutu nu
baasa.
Bu’aa
uummanni nanawee gaabbii galuu irraa argatanii fi nuti kiristaanaonni immoo
sugni nuti sooma irraa argannu wal bira qabnee yoo ilaallu:
1. Abdii
jireenya bara baraa
Nanaween
murtiin barbadaa’uu erga itti murteeffameen booda magaala abdiin jireenya
kennameefiidha. Yoonaas galaanatti darbame, qurxummiinis liqimfamee nama akka
jiraatuuf abdiin kennameefidha. Namoonni doonicha keessa turanis danbaliin erga
rukutamanii booda namoota arjummaa Waaqayyootin abdiin jireenyaa kennameefidha.
Gaabbiinis,
erga cubbuudhaan duunee booda meeshaa abdii jiraachuu nuuf kennuudha. Namootni baay’een jireenya bara baraa abdii godhachuun isaanitti
ulfaata.kunis bu’aa gaabbiidhaan jiraachuu dhabuu isaaniiti. Kanaafuu,
kiristaanonni jireenya bara baraa abdii godhannu
immoo jireenya keenya gaabbiin akka dursinu jabaannee kadhachuu qabna.room.
5:4-5; yih. 1:20
2. Waaqayyo
biratti kabajamuu
Gaabbiidhaan
gara Waaqayyootti kan deebite Nanaween, Waaqayyo biratti kabaja guddaa argatte.
Kanaafis Waaqayyo kakuu galeef, “namoonni Nanawee yeroo murtiitti dhaloota kana
waliin ka’anii irratti ni murteessu.” Luq. 11:32. Kitaabni qulqulluus ‘magaala
gudditti’ jedhee waameera. Yoonaas.
1:2. Lubbuu gaabbii galtu tokkoof samii irratti gammachuu gaddaan akka ta’us wangeelli nu barsiisa.
3. Humna
Waaqayyoo arguu
Uummata
Nanaweetiif ol aantummaan Waaqayyoo sirriitti mul’ateeraaf. Guddummaan Waaqayyoo
obsaan, jaalalaan, uumamatoota abboomuudhaan,bilisummaa ajaa’ibaa ilma namaaf
kenneen ibseera.
Walumaa
galatti seenaa uummata Nanawee irraa waan baay’ee baranna. Manni kiristaanaa
keenyas seenaa gaabbii baay’eewwan jiran keessaa filtee kabaja adda ta’een kan
yaadattuuf. Kanaafis tibba gaabbii guddaa sooma gooftaa keenyaa guddichaaf akka
yaadannootti kan qopheessite. Nutis seenaa kan irraa barannee kan baranne immoo
yeroo gaabbii keenya sooma guddaa fuuldura keenya jiru kana irratti hojii irra
oolchuu qabna. Hunda kan danda’u Waaqayyoon keenya jabina bartoota isaaf
kenneen gaabbiitti nu cimsee waammataa maqaa isaa dhaaltota mootummaa isaa akka
nu taasisu heeyyama isaa nuuf haa ta’u. Ameen!!!
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.