Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan
Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Barsiisaa Hayile Mikaa’el Taaddasaatiin (zeh.michael@gmail.com)
Weedduun akka mataduree
barreeffama kanaatti taa'e kun daraaraan mul’achuu isaa yoo ibsu mul’achuu
daraaraa dura dukkana darbe hin daganne. Siriittuu, lakk. 11 irraa eegalee
yemmuu dubbisnu, “ganni darbee jira , roobnis darbee deemee jira.” jechuun
daraaraa kanatti ba’uudhaaf dukkana keessa darbame nutti hima. Mul’ata daraaraa
kana waliin, yeroon makaraa ga’uu isaa, sagaleen guugee dhagahaamuu isaa,
akkasumas wayiniin latuu fi urgaa gaarii kennuu isaa,[Weedduu 2,12 hanga 13]
ibsuudhaan mul’ata abaaboo kana duraa fi bu’aa mul’ata kanaatiin taateewwan
galma ga’an nuu seeneessa. Dhaamsi himoota kanaa, sorgoon isaa
ganni gurraachi darbee birraa booqaatti ce’uu fi sababa kanaan abaaboon
dacheerratti mul’achuu isaati. Sookoon ykn iccitiin isaa garuu, kallattiidhaan
fayyiinsa ilma namaa waliin walitti dhufeenya kan qabuu dha.
Abaaboon
daraaruu fi asheetni asheetuu, lafti magariisaan miidhaguu fi lagni hir’achuu,
dhooqqeen qooruu fi roobni qaqqabachuu isaa sababbeeffaachuudhaan
uummanni durii seera uumamaatti[natural law] bulan uumaa isaanii uumamaan ni
raajeeffatu ture.[Liqakaahinaat, Kinfa Gabri’eel Altaayye,bara 20003tti
ayyaana Masqalaa sabababeeffachuun baruullee Mana Kiristaanaa Ortodooks
Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Manbara Paatiriyarkiidhaan qophaa’e, Bamasqaluu
Gannatin Kaffata, fuula 12] Jijjiirama waqtiilee sababa
godhachuudhaan Waaqa biirraa booqaatiin isaan ga’e galateeffachuun ammas
biyyootaa fi uummata adduunyaa gidduutti kan calaqqisiifamuu dha.[Bamasqaluu
Gannatin Kaffata, 2003 , fuula 12, Dirribi Damissee, 2012 Ilaalcha Oromoo,
fuula 74, Almaayyahu Hayilee, Bagadaa siri’aat Ya Tuulamaa Oromoo poolatikaa,
bara 2000/2008 fuula 82]
Bara
kakuu moofaattis ta’ee, erga kakuu haaraatti ce’amee booda, akka Mana
Kiristaanaa Ortodooksii Itiyoophiyaatti, biyya keenyatti ayyaana abaaboo
jedhamee waggaa waggaadhaan Fulbaana 25tti kan kabajamaa turee dha. [Fulbaanni
25 akka Mana Kiristaanaa teenyatti, guyaa ganni itti ba’ee, birraan itti seenuu
dha].[Bamasqaluu Gannatin Kaffata, 2003, fuula 15] Yeroo booda garuu[bara
mootii Daawiit], fulbaana 10tti ayyaana Fannoo wajjiin kabajamuu eegaluus, otoo
itti hin fufiin, ammas iddoo duraatti deebi’ee gaafa fulbaana 25ni ayyaana
abaaboo jedhamee kabajama.[Bamasqaluu Gannatin Kaffata, 2003, fuula 15]
Ayyaanni kuni ayyaana addababayii yoo ta’u, haalli kabaja isaas, luboonni
kitaaba qulquluu kakuu moofaa fi kakuu haaraa irraa abaaboodhaan qabeentaa
rooguummaa qaban dubbisuun, uummanni Zanbaabaa, baalaafi firii Tamirii fi
Zayitaa qabatanii, gammachuudhaan yoo kabajamu, dhuma ayyaanaa irratti abaaboon
raramaan uummataaf, mootichaaf, abbootii taayitaa fi phaaphaasichaaf
kennuudhaan sirnichi golabama. [Bamasqaluu Gannatin Kaffata, fuula 15 fi 17]
Ayyaana
kana waliin ayyaanni haadha keenya dubroo Maariyaamii fi Pheexiroosii fi
Phaawiloos ni kabajama. Sababni guyyaa kanatti ayyaanni Dubroo Maariyaam
kabajamuuf, harmeen keenya dubroon Maaryaam haadha ifa dhugaa Gooftaa Iyyasuus
Kiristoos[Yoh.8,12, Yoh.2,1] waan taateefi ifni kuni ilma namaa gidduutti akka
mul’atu sababa waan taateefi[Is.1,9][Bamasqaluu Gannatn kaffata, fuula15]
ayyaanichis ayyaana ifa birraatti ba’uu fi mul’achuu daraaraa isa dhugaa
Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin wal qabatee kan kabajamu waan ta’eefii dha.
Ayyaanni Qulquulloota Pheexirosii fi Phaawiloos ayyaana kanaan walirra bu’uun
isaa, lamaanuu ifa adduunyaa ta’uun[Maat.5,14] adduunyaa dukkanaatti ifa
Wangeelaa waan agarsiisaniif dukkana gannaa fi ifa birraatiif daangaa
ta’aanii[fulbaanni 25 daangaa lamaaniit] ayyaaneeffatamu.[Bamasqaluu Gannatin
kaffata,2003, fuula 15]
Fulbaana
26 irraa eegalee ammoo, hanga sadaasa bultii shaniitti yeroo
daraaraa[abaaboo[waqtii tsigee]] jedhameetu kabajama.[Bamasqaluu Gannat, 2003,
fuula 17] Ayyaanni kuni kan kabajamu, sanbata guddaa halkan
galatatsigee[Maahileetatsigee] baqannaa haadha keenya dubroo Maariyaamirra ilma
ishee wajjiin irra ga’e yaadachuudhaan yoo galateeffatamu, Sanbataa duraa fi
guyyoota kaanitii kadhannaa deemsiisuu fi Waaqaaf galata galchuudhaan kan
kabajamuu dha [Bamasqaluu Ganntin Kaffata, 2003, fuula 17] Waqtii kanatti
“abaaboon dachee akkamiin akka guddatan ilaalaa, hin dadhaban, hin foo’an
Salamoonirree kabaja isaa sana hundaan kannen keessaa akka isa tokkootti hin
uuffane ...”[Mat.6,28-30] jechuun Gooftaan Iyyasuus Kiristoos barnoota
barsiisee fi “barri keenya akka margaatti, akka abaaboo daggalaattis ni
daraara, yemmuu buubbeen itti bubbisu ni darba”[Faar. 52,14-16] faarfannoon
jedhu ni dubbiifama, ni weeddiifama.[Bamasqaluu Gannatin kaffata, 2003, fuula
17]
Uummanni
Israa’eelis, ganni darbee, yemmuu birraan bari’u, abaaboon yoo daraaru, midhaan
yoo asheetu, ayyaana asheetaa baala Zanbaabaa, firii Tamirii, firii
fi baala Ejarsaa biqiltoota keessaa kan ijatti bareeduu fi fuunyaaniif hawwatu
hunda qabatanii ayyaana asheetaa kabaju.[Bamasqaluu Gannatin Kaffata, 2003,
fuula 13] Midhaan keessaas, asheetaa fi nadoo qabatanii gara Mana
Qulquullinaatti fudhatanii, dursaa lubootaaf kennuudhaan dursaan lubootaas,
kadhannaa dhimmichaaf rooguummaa qabu deemsiisee aarsaa isaanis dhiyeessee
uummaticha ni gaggeeessa.[Seera Leewootaa 23,15-22]
Uummanni
Oromoo yeroo abaaboo kana ayyaana Qaammee, Masqalaa fi Irreecha jedheetu
sadanuu bakka tokkootti birraatti ce’uu isaa haala agarsiisuun fulbaana 1 irraa
egalee hanga ji’a sadaasaatti kabaja.[Alamaayyahu Hayilee, eeksipartii Biiroo
Addaa fi Turizimii oromiyaa waliin bar-gaafii deemsiifameeerraa] Qaammeerratti
durboonni buqqisaa ykn qunnii qabatanii baga ittiin isin ga’e jechuun namoota
naanna’a isaanii bira ga’u. Yeroon isaas yeroo abaaboo, abdii birraa ta’uu isaa
ibsuun kan weeddisanii fi hawwii gaarii hawaasichaaf kan itti hawwanii dha.
Qaammee
booda ayyaanni jiru ayyaana Masqalaati. Ayyaanni Masqalaa kuni gubaa
jedhamuunis ni beekkama. Dukkana Gannaatii ifa Birraatti ce’uu keenyaaf Waaqaa
galata galchuudhaan kan ayyaaneeffamuu dha.
Masqalli
kabajamee guyyya 5ffatti ykn walakkeessaa Fulbaanaa boodaa sanabta guddaa
jiruti Fulbaanaa 23-25tti guyyoota jiran keessatti kan kabajamu ayyana
Irreechaati. Irreechi kan kabajamu malkaa fi tulluutti yoo ta’u, irreechi
tulluu rooba kadhachuudhaaf boonni ba’ee yeroo roobni arfaasaa itti eeggaamu
walakkeessa Bitooteessaa keessa roobni maartaa isaa akka cobuuf kadhachuudhaaf
kan ayyaneeffamuudha. Birraa kanatti irreechi deemsiifamu immoo ireecha
malkaatti deemsiifamuudha.[Alamaayyahu Hayilee, bar gaafii isaan waliin
deemsiisee fi Alamaayyahu Hayilee, 2000, fuula 79]] Ayyaanni Irreecha malkaas
itti fufiinsa kabaja ayyaana Birraa yoo ta’u, kaayyoon isaas, Waaqa booruu
gannaa oofkalchee birraa booqaatiin nu gaheef galata galchuu dha. Galata kana
galchuun kan raawwatamu uummanni hundi walitti yaa’ee weedduudhaan “Mareewoo”
jechuudhaan Waaqa isaa farsaa fi Waaqni rooba isaa, nageenyaa fi dhala akka
isaaniif kennuu kadhachuudhaan margaa fi daraaraa harkatti qabachuun
malkaa iddoo jiidhaa fi madda uumamaa[walaabuu] jedhamee amanamutti lalisaa fi
daraaraa Waaqni kenneef Waaqaa deebisanii dhiyeessuun uumamaan uumaa kan itti
raajeeffataniidha.[Obbo Alamaayyoo Hayilee waliin marii deemsiifameen kan
argame, Alamaayyahu hayilee, bara 2000, fuula 82]
Kan
armaan olitti ibsame, uummanni adduunyaa,uummanni Israa’eel akkasumas Manni
Kirstaanaa fi Sabni Oromoo aadaa isaa irratti hunda’ee, ayyaana daraaraa kana
akkamitti akka kabajanii dha. Keessattuu kabajni ayyaana irreecha Oromoo fi
Kabajni ayyaana abaaboo Mana Kiristaanaa akkasumas, kabajni ayyaanaa
asheetaa[ayyaana sawiit] waan walitti dhiyaatu qabaachuu isaanii hubachuun ni
dnada’ama. Sadanuu uumamaan uumaa raajeeffachaa jiru. Uumamni uumaa ittiin
raajeeffannu garuu iccitii isaa yoo ilaallu ilmi namaa abdi qabeessa akka ta’ee
fi wantoonni dukkana nutti ta’an akka darban nutti agarsiisa. Kuni ammoo
ilaalcha keenya eegeree hawwataa kanatti akka qajeelchinuu fi dachee kana
irratti mul’achuu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin duuni bara baraa akka
injifatamee fi jireenya bara baraa akka gonfanne nuuf balaqqessa. Jalqaba
irratti akka mata dureetti kan kaasne daraaraan mul’achuu isaati. Daraaraan
mul’achuu isaa immoo akka aadaa Oromootttis, akka seera oritiittis ta’ee, mana
kiristaanaa teenyaatti hawwii gaarii, abdii amansiisaa kan of duraa qabnu waan
ta’eef Waaqaaf galata kan itti galchinuu dha. Keessattuu abdiin keenya bara
baraa Gooftaan Iyyasuus Kiristoos jaalalaan mul’achuu isaa wajiin wal
qabsiisnee, icciitii mul’achuu daraaraa kanaa weedduu weedduu caalu boqonnaa 2
lakk. 10-14. Irrati hundoofnee ilaalla. Lakkoofsi 10, michuu Waaqaa kan ta’an
jireenya bara baraa kanaaf akka onnatan waamicha dhiyeessa.
Michuu
too ka’i, guugee gaarii too ka’i[lakk.10]
Akka
ibsa hayyoota Mana Kiristaanaatti michuu too ka’i kan jedhamte missiroo Gooftaa
kan taate Mana Kiristaanaati. Manni Kiristaanaa hariiroon isheen Waaqa Gooftaa
Iyyasuus Kiristoos waliin qabdu kan hin cabne kan hin dhangalaane ta’uun olitti
hariiroo bara baraaf itti fufu kan addaan hin cinne waan ta’eef, hariiroon
lamaanii hariiroo jaalaleewwanii, hariiroo missirroo fi missirriittiin ykn
hariiroo dhirsaa fi niitiitiin fakkeeffama. [Eef 5,32 fi Maat 9,15 fi Mat
25,1]]
Waamichi
kuni Mana kiristaanaaf godhame yoo jennu, qaama Mana KIristaanaa kan taane
hunda keenyayyuu kan ilaallattuudaha. Waamichi nuuf godhame, bu’uura ibsa
hayyootaan du’aa gara jireenyaatti, jireenyi kuni ammoo jireenya haarawa ta’etti
akka ceenu[2Qor. 4,16] waamicha nuuf godhamee dha. [Rom8,9] Michuu Waaqayyoo
jedhamuufii hirmaataa waamicha kanaa ta’uuf ulaagaan barbaachiisu namuummaa
qofa waan ta’eef har’a birraa kanaan wal qabsiisee gara isaatti akka dhufnu
Waaqayyoon waamicha nuuf dhiyeessaa jiru kanaaf, na hin
iiaallatuu jennee waamicha fayyiinsaa, kana irraa qoolleeffachuu hin qabnu.
[1Qor. 1,10 hanga 13]
Amma
ganni darbeera , bokkaan caameera sookkeeras[lakk.11]
Kaayyoon
waamicha michuu keenyaas darbuu gannaa nuuf dhugoomsee hooloota isaa
bittinaa’an sassaabachuu dha. [Yooh.10,11] Ganni dukkana, ganni rooba cimaa
qaba, lagni ni guuta, firrii fi firri sababa guuttuu lagaatiin yeroo
itti wal hin qunnamneedha. Keessattuu qoteebulaa waqtii kana irratti hundaa’ee
midhaan isaa facaafatuuf, yeroo dadhabbii cimaa keessa itti darbuu dha. Darbuun
gannaa, caamuun bookkaa ilmi namaa hundi akka abdii horatu, uumamni hundi
miidhagee akka mul’atu affeera. Kanaaf yeroon kuni yaadatamuun isaa waqtiileen
hayyamaa fi fedha Waaqatiin akka jijjiiraman amanuu fi galata galchuurraa
madda.
Iccitiin
darbuu gannaa inni lammataa, Ganni darbee jira jedhame, bara duukkanaa ilmi
nama sababa cubbuu isaatiin waggoota 5,500n mankararaan waanjoo gabruummaa
diyaabiloos jalatti turee dha. Akkuma Waqtiin gannaa waqtii roobaa,
dukkanaa, aduun itti dharra’aamu ta’etti haala kanaa ol ta’een
waqtiin kakuu moofaa ilmi namaa hundi hanga feedhe dhugoomina qabaatu,
“dhugoominni keenya uufata laguu nutii ta’e” bu’uura jedhameen,[ Qulqulloonni
turan] cufti garba abiddaa kana jalaa miliquu hin dandeenye.[Is.53,6]
Garuu,
amma seenaan kuni hundi darbee, bara kakuu haaraa kanatti Manni
Kiristaanaa teenya bakka hundumatti, Mootuummaa Goofta Iyyasuus Kiristoos
lallabuudhaan, [hojii 1,8] michuu ishee kan ta’an ilma namaa hunda, warra
amanuu fedhan cufa isaaniin ganni ilma namaa addaan baasu darbeera, lagni
addaan nu kuute hir’atee jira, Golee dhakaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin
alagaanis Ayihudis, gurraachis adiinis, dhirris dubartiiniis hunduu qodiinsa
afaanii, aadaa fi eenyuummaa akkasumas ilaalchaa tokkooyyuu otoo hin godhin
tokko ta’ee jira[Eef.2,20 hanga 21,1Qor. 1, 24] jettee missiraachoo
himti[Luq.2,10]. Waaqayyoon, foon isaa waan uuffateef michuu Waaqaa kan ta’e
ilmi namaa cufti, amma yeroon, yeroo ganna cubbuu fi waanjoo diyaabiloosiin
ibsamuurraa bilisa itti baanee, eenyuumaa Kiristoosiin haaroomeetti bara itti
ceene waan ta’eef, hundi keenya harka wal qabannee hirmaattoota fayyinsa kanaa
ta’uuf ka’uu qabna. Ka’uumsi kuni amanuurraa kan jalqabu yoo ta’u, ilaacha
keenya jijjiirrannee warri amanne ammoo ragaa isaa ta’uuf, hunda otoo lagaan,
afaaniin adaadhaan hin qodiin tarsiimoo ergamuummaa dirisiinuu fi isaaf gatii
kanfalluun mirkanaa’a.[Mat.28,19] Yoo kuni ta’e gammachuu darbuu gannaarraa
lammiin hundi hirmaataa ta’uu ni danda’a jechuu dha. Birraa kanaan walqabatee
ayyaani Masqalaa kabajnuus, Fannoo Gooftaa Iyyasuus Kiristoos hunda gidduutti
nagaa uume ka’uumsa godhachuudhaan akkuma hojiin fannoo kanaa garba bara baraa
nu ceesise,[luq 23,43 fi Qol1,20] lola ajeesse,[Eef, 5,14 hanga 18] nuus galma
ga’iinsa kaayyoo fannichaaf akka tattaaffannu imaanaa nuuf laata.
Daraaraan
dachee irratti mul’ateera, yeroon Makaraas ga’eera[lakk.12]
Darbuu
gannaa immoo, abaaboon dachee irratti mul’achuu fi yeroon makaraa ga’uu
isaatiin mirkaneefanna waan ta’eef, erga ganni darbuu isaa nutti dhaamee booda,
abaaboon akka mul’atee fi makarri akka ga’e qabatamaan nuuf mirkaneessa. Gara
iccitii isaatti yoo dhufnu, abaaboon dachee irratti mul’ate Gooftaa Iyyasuus
Kiristoosii dha.[Is 9, 6, ] Dachee kan jedhame, ilmi namaa biyyoorraa waan
hojjatameef ilma namaa hundadha[Uum.3,23]. Kanaaf abaaboon dachee irratti
mul’ate yoo jedhu Ilmi Waaqaa Gooftaan Iyyasuus Kiristoos, foon ilma namaa
uuffatee dachee irratti mul’atee, hunda tokko gochuun araaraa fi nageenya
buusee jira [Yoh.1,14, Luq.2,14] jechuu isaati. Mul’achuun abaaboo kanaa
fannoorratti yoo golabamu, bu’uura Qulquulluun Yaareedii fi Atinaateewoos
jedhaniin uummanni fi alagaan akka wangeelaan tokko ta’an harka isaa mirgaa fi
bitaatti bal’isee isa tokkoon uummataa isa birootiin alagoota dhiyeessuudhaaf
fannifame.
Akka
Mana Kiristaanaatti Kaayyoon kabaja abaaboo inni muummeenis, Gooftaan Iyyasuus
Kiristoos foon uuffatee dacheerra dedeebi’ee haadha isaa Maariyaam waliin
godaanee[Maat2,13-15], gidiraa baay’ee keessa erga darbee booda, Ilma namaa
hunda Fannoorra ooluun fayyisuu isaa yaadachuu fi dhugaa kana keessatti
hammatamanii, jecha “kan na jaalatu yoo jiraate, fannoo koo baatee ana duukaa
haa bu’u” [Mat.16,24] jedhu hojiirra olchuu dha. Kanaaf abaaboon keenya
Gooftaan Iyyasuus Kiristoos foon keenya uuffatee, jaalala nuuf qabu Ilma
naamaatiif bu’uura agarsiiseen nuullee ayyaana daraaraa yoo kabajnu, hojii
mul’achuu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin, fayyuu keeenya amanuun olitti hojii
jaalalaa aarsaa ta’uu gaafatu kana abbaan warraa haadha warraatiif, abbaan
taayitaa uummataaf, abbaan gaabbii, luboonni fi phaaphaasoonni hooloota
hoogggananif,[Yooh 21, 15 hanga 19] barsiisaan barattoota isaaf, warri ijoollee
isaaniif, itti gaafatamaan hoojjatoota isaaf aarsaa kanfaluu qabnu ilaalchisee
waadaa keenya haroomsuun ta’uu qaba.[Yooh 13,15 fi 14,15 Yooh 15,12]
Yeroon
makaraa ga’e kan jedhus yoo ilaallu, makarri qotee bulaan bu’aa dhamaatii isaa
kan itti argatu, wanni nyaatan wanni dhugan guutuu yeroo itti ta’u, yeroo
taphaa fi sirbaa, weedduu fi cidhaati. Yeroon makaraa waan birraan bari’ee
aduutti baaneef miidhaan ga’e hundi sassaabbii yeroo itti barbaadu, yeroo itti
gaafatamuummaa guddaas gammachuus qotee bulaadhaaf laatuu dha.
Kitaaba
Qulqulluurrattis gammachuun yeroon makaraa kuni gammachuu fayyuu isaatiin ilmi
namaa gonfate waliin wal fakkata. Kanaaf Isaayiyyaas raajii isaarratti
Waaqayyoon warra dagataman warra Alagootaa fi Galiilaa yaadachuun inaaffaan
Isaa fayyiinsa ilma namaa dhugoomsee bittaa seexanaa seenaa gochuun “makaraan
akka gamadanitti akkanumatti isaan gammachiifte” jechuu nuuf ibsa. [Is.9,3 fi 7]
Yeroon
yeroo makaraa ta’uun isaa makara Manni Kiristaanaa sassaabuu qabdus ni
agarsiisa. Makarri kuni Waaqayyoon akka ilma namaa barsiiftee maqaa sadaniitiin
cuubdu imaanaa Mana Kiristaanaaf laatamee dha.[Maat.28,18] Haala nama
gaddisiisuun dadhabina Mana Kiristaanaa kan barbaadan baay’ee
ta’anis, kallattii sirrii qabatee dhugumatti kaayyoo dachee kanarraa bilisaa
ta’ee, kaayyoo jireenya bara baraaf kutatee kan hojjatu xiqqoodha. ,[Makarri
baay’eedha, warri haaman garuu muraasa akkuma jedhu, Luq 10,2] Ammas Gooftaan
waan makarri baay’atee, kan haamu xiqqaateef, “eenyuun ergadha, eenyuutu gara
uummata sanaatti nuu deema?” Is.6,8 nuun jedha. Dhaamsa kanaaf waan gurra hin
laatiniif, aamas wangeelli hin lallabmne, warra wallalanii Mana Kiristaanaatii
ba’an deebisuun hin danda’aamne, manneen kiristaanaa cufaman hin bansiisne,
sababa afaanii fi aadaatiin dhaqqabuummaan keenya gaafii keessa galaat jira.
Waggoota heedduu manni kiristaanaa teenya dachee kanarratti jiraattee fi
tajaajiltee otoo jirtuu, sababa hanqina warra darbaniifii dhalataa ammaatiin
manni kiristaanaa akka kessuummaatti hubatamaa jirti. Kanaaf, Manni Kiristaanaa
yeroon amma irra jirtu, hirmaannaa hunda keenyaa kan barbaadu ta’uun olitti,
hirmaannaan kuni ammoo faayidaadhuma afurawaa keenyaaf waan ta’eef, dhimmi
tajaajila Mana Kiristaanaa dhimma namoonni muraasni qofti itti quqaman ta’uun
hafee, hundi keenya fayyuu ilma namaatiif gamtaan yaadda’uu qabna.
Yeroon
abaaboon itti mul’atus ta’ee yeroon makaraa yeroo aduun itti ba’uu dha. Akkuma
aduun qorrarraa bilisoomsee nama hoo’isu, waamichi aduu dhugoominaa, Miisirroo
keenyaa fi mul’achuun isaa [abaaboos] akkasumas makarri ga’uun isaa qorra
cubbuurraa, abdii dhabuurraa nu bilisoomsee ho’a Hafuurawaatti nu ceesiisuun
firii Hafuurawaa jireenya bara baraatiin nama geessiisu[Gal 5,22-26] akka
buufanu nu garagaara.
Yeroon
wedduus ga’eera, Sagaleen guuggees biyya keenya keessatti dhgahaameera[lakk.12]
Birraan
yoo bari’u bu’uura armaan olitti ibsineen, keessattuu akka aadaa Oromootti
yeroon isaa yeroo taphaa fi weedduuti. Weedduun kuni ammoo dubartoota qunnii
qabtanii Waaqa galateeffatanii fi dargaggeessa dooyee sirbuun, akkasumas
adda adduummaan saalaa fi umrii otoo hin jiraatin hundi “Marewwoo” jechuun
daraaraa fi lataa qabatee hanga Waaqa galateeffattuutti kan jiruu fi isa
boodallee ji’a sadaasaa keesa walitti ba’uun horin qalamee ayyaana ho’aa
kabajamuun ibsama. Kanaaf dhugumatti akka aadaa Oromoottis birraan yeroo
weedduuti. Haaluuma wal fakkaatuun, birraan Kakuu
haaraatin fakkeeffamu kan itti bara du’aarraa jireenyatti ceene waan ta’eef
gammachuudhaan kan itti Waaqa galateeffanuu dha.
Nama
qofa miti mallattoo nagaa kan taate guggeen sagalee ishee dhabneeyyuu dachee
keenyarratti yeroo sagalee itti dhageessiistuu dha. Guugeen tuni Afuura
Qulquulluudhaan fakkeeffamti.[Yooh1,32] Afuurri Qulqulluu mul’achuu abaaboo
booda, bu’uura Gooftaan “ Afuura koo isiniifan erga” jedhee Waadaa nuuf galeen
Mana Kiristaanaatiif ergamee umrii ishee guutuun haala itti fufiinsa qabuun
ishee haroomsa.[Hoj 2,4] Akkuma adduunyaan otoo hin uumamiin dura Afuurri
bishaan lubbuuwwan irraa argamanirraa golboobee, adduunyaan kanarraa
uumamte,[Uum.1,2] kakuu haaraattis ganni gurraachi kakuu moofaa drabees,
Kiristoosin uumama haaraa taanees, [Eef. 4,23-24] Gadaameessa Cuphaa fi Barruu
Afuura Qulqulluurraa dhalachuun warra miseensa Mana Kiristaana taaneef ammoo,
ammas sagaleen Hafuura Qulquulluu abdii nutti horaa, haroomina hafuurawaatiif
akka dammaqanu[Eef4,23] waamicha nuuf gochaa jira.
Kanaan
alas bara Nooh bishaan daffaan ilmi namaa sababa cubbuu isaatiin fixe gadi
hir’achuu isaa gugee Nooh ergeetu baala ejarsaa qabattee Noohitti deebitee
dhufuun mirkaneesse.[Uum 8,11 ] Akkuma guugeen Nooh bishaan badiinsaa hir’achuu
isaa ibsuun Nooh aga dhgeessiifte,ammas sagaleen gugee kanaa biraan bari’uu,
uummanni mirgaan ba’uu fi nageenyi badhaadha ta’uu isaa agarsiisa. Kaayyoon
kabaja ayyaana abaaboos icciituudhuuma kana kan agarsiisuu dha. Sababni
isaas,bu’uura armaan oliti ibsineen gidiraa isarra ga’een[fakkeenyaaf baqannaa
Misiraa] loolli burkutaa’ee nageenyi dhugoomee jira waan ta’eef.[1Pheex 2,21
hanga 23]
Haati
Kenya dubroon Maariyaamis foon ishee waan uuffateef guugee
gaarii[gugee toltuu] garba abiddaa keessaa ba’uu nuuf mirkaneessite. [Galata
Maariyaam kibxataa fi Sanbata Guddaa] Keessa darbee isheen ilmi
namaa fi Waaqni waltajjii waliigaltee kakuu haaraa irratti
mallatteeffataniidha. Sababni isaas, gadaameessi ishee Waaqni nama, namni ammoo
Waaqa ta’uu isaa kan itti mirkaneeffanne waan ta’eef fayyuu keenya kan nutti
dhaame foon isheerraa foon lubbuu isheeraaa lubbuu fudhatee nama ta’uu
isaati.[Is 9,7]
Qabatamaanis,
harmeen keenya dubroo Mariyaam akkuma missiraachoo Qulqulluu Gabri’eel
dhageesseen gara biyya tulluuwwanii Eelsaabeexitti deemtee nama ta’uu Gooftaa
ragaa baatee jirti.[Luq.2,39-45] Inuumaayyuu hayyoonni daawwannaa ishee kana
daawwannaa Manni Kiristaanaa tulluu amantiidhaan ol jedhe irra dhaabbattee,
nageenya dhaamtuun, missiraachoo gaarii dubbattuun, Waaqni ishee
Diyaabiloosirratti injifannoo gonfachuu isaa ilaalchisee ragaa baatuun waliin
waliiti fidu. [Is.52,7]
Haadhi
keenya dubroon Maariyaam sababa Heeroodisiin ilma ishee waliin dachee
Itiyoophiyaatti godaanuu ishee yeroon itti yaadanuus waqtiidhuma birraa, yeroo
abaaboo kana dha. Yeroon abaaboo kuni armaan olitti bu’uura ibsineen, galataa
fi kadhannaa raawwataman ida’aatee kan danda’e ammoo dabalataan dhunfaa isaan
soomuudhaan godaansa haadha keenya dubroo Maariyaam yaadachuudhaan afuurawaan
waqtii itti jireenya afurawaatti ol qaariinuu dha. Dhugumatti nama hubateef
abaaboon dacheerratti mul’ate Gooftaa Iyyasuus Kiristoos dachee keenyarra yeroo
abaabootti godaansaan qubachuun isaa, mankararri Gooftaa irra ga’e cufti isaa
fayyina keenya waan dhugoomsee fi “madaa isaatiin”[Is.53,5] nuti waan
fayyineef, oguummaa Diyaabiloos buusheessuuf Waaqayyoon waan
bushaa’aa[mooraa hooriitti dhalachu, godaansa, yakkamuu, fannifamuu fi K.K.F.
][Luq.2,7, Maat 2,14-15, Yoh.18,28-40 fi 19,18] adduunyaa kanaa filachuudhaan
kanaanis diyaabiloos injifachuu isaati. Kunis, injifachuudhaaf dirqama harki
nuuf rukutamuu akka hin qabnee fi madaalli Waaqayyoo, kan akka jaalalaa fi
kasoominaan[1Qor. 13,1, Luq.1,48] akka abaaboo biirraatti miidhaguun gahaa akka
ta’eefi adduunyaan injiifataa tokkoof ulaagaan isheeen keesse Waaqa biratti
iddoo akka hin qabnee dha.
Kanaaf
digguuwaan Tsigee, “kana booda ganni darbe, barakatni bakka bu’e. Roomaaniniins
firii buuse” jechuun godaansi kuni godaansa gara firii jireenya bara baraa fi
injiifannootti taasiifamaa jiru akka ta’e kan nutti himu. Kanaaf, harka
qalleeyyuummaan hafuurawaa, abbaa qabeenyaa Mootuummaa Waaqayyoo nu
taasiisa. Gaddi cubbuu keenyaaf taasiisnu, jajjabina bara baraatiin nu ga’a.
Garraamuummaan keenya, dachii nu dhaalchiisa. Dhugoominaaf beela’uun keenya
[soomuun keenya] quufatti nu ceesiisa., Gara laafuummaan keenya dudduba isaatii
maartaa qaba., Qulquullinni garaa keenyaa Waaqayyoon nu agarsiisa. Dhugoominaaf
baqachuun Mootuummaa Waaqayyootti nu fida.[Maat 5, 3-10] Akka waliigalatti
mootuummaa Waaqayyoof gatiin kanfalaman cufti irra irra isaanii yoo laallu nama
quqaniis, qoola irraa quncisnee dandhama firii isaa yoo laallu, bareeda abaaboo
birraa, dachii lalisaa taliila birraatii olii dha.
Gama
biraatinis, sagaleen guugee dhagahaameera kan jedhame, sagalee Qulqulluu
Yoohaannis, “cubbuu adduunyaa kan burkuteessuu, hoolaan Waaqayyoo kunoo”
jechuun waa’ee ilma Waaqaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoos ragaa ba’e nutti
agarsiisa.[Yoh 1,36] Sagalee cuphaa Yoohaannis qofa otoo hin taane,
sagaleen raajootaas, “ilmi dhiiraa”[Is.9,6] dhalachuu isaa fi fayyuun ilma
namaa mirkana ta’uu isaa addeessu daangaadhaa hanga daangaatti dhgahaamee jira.
Mukti
Wayiniis daraaree urgaa’eera
Mukti
Wayiniis daraaruun isaa kan agarsiisu, Ergamooni [duukaa bu’oonni] dhalachuu
isaanii fi sagalee Waaqayyoo kan raabsan, waa’ee isaa kan ragaa ba’an
baay’achuu isaaniit nuuf addeessa[Hoj.2,41 fi 6,1, Maat. 20,1-8] Sababni isaas
Gooftaan ofii isaan “Mukti Wayinii inni dhugaan ana”[Yoh. 15,1 fi lakk.5] nuun
jedha. Mukti immoo daraaruu isaa kan beeknu jirmaan[dameedhaan]. Dameenis qofaa
isaa firii buusuu hin danda’u.[Yoh. 15,4] Dameen muka Wayinii kanarrati
daraaran duukaa bu’oota Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiiti. Amantii warraa duukaa
bu’oota kana irratti kan hundoofte Mana Kiristaanaatiif [Eef.2,19] miseensoota
kan taane cufti damee muka wayinii keenya Gooftaa Iyyasuus Kiristoositti
maxxanneedha. Isatti hirkachuun fooniiniis lubbuudhaanis nu daraarsa. Isatti
hin maxxanne taanaan jirra of seena malee homaa gatii hin qabnu[Yoh. 15, 4]
Inumaayyuu, Yoohaannis, 15 lakk.5 irratti “anaan malee homaa gochuu hin
dandeessan” nuun jedha waan ta’eef, daraaruuf, seera uumaa kana ka’uumsa
godhannee, abbaa isaa irraa otoo jalqaba hin qabaanne[Faar.109,3] haadha malee
dhalatee, bara dhuma barichaatti ammoo harmee isaa dubroo Maariyaamirraa aangoo
Waaqauummaa isaarraa waa takka otoo hin hir’atiin dhalchuu isaa amannee
fudhacuu qabna.
Wayiniin
kuni urgaa laachuun isaa, duukaa bu’oonni amanoota baay’ee horachuu isaanii
agarsiisa. Nuyiif ammoo kan nu barsiisu, kaayyoon gaariin nuti qabanne,
muummeedhaan jireenyi Kiristaanuummaa dadhabbii keenyaan awwaallamuu akka hin
qabnee fi lammiin dukkana keessati akka hin gufanne akka ibsaa tulluutti
hundaaf ibsuusdhaan dukkanaa gara ifaatti uumata qajeelchuu akka
qabnuu dha. [Mat5,15]
Guduunfaa
Bu’uura
armaan olitti ibsameen akka seera oritiittiis ta’ee akka Mana Kiristaanaa
keenyaatti akkaasumas akka aadaa Oromoo fi aadaa uummata Kuushitti ayyaanni
abaaboo kabajamu, kallattiin jijjiirama uumama irratti dhufuun kan wal qabatuu
dha. Jijjiiramni uumma irratti dhufu kuni ammoo hayyama Waaqa uumama wal
simsiisee, waqtiilee dabareedhaan hoogganuun kan galma ga’uu dha. Kanaanis
Waaqayyoon sooraa adduuyaa kanaa,[Faar 104,9 hanga 24, Maat.25,1], uumamni wal
simee dabareen akka bulu kan sirneessuu fi uumama isaatiirraa kaanee inni uumaa
akka ta’e, uumamni isaa fakkeenya irra deebi’ee uumamuu ykn dhalachuu ilma
namaa akka ta’e ni hubanna. Qulqulluun Iyyoob akkana nuun jedha, “Amma garuu
bineensoota gaafadu sitti himu, Simbiroowwan samiis gaafadhu si barsiisuus, ykn
dacheetti dubbadhu si barsiistis, qurxuummiiwwan garba keessaa gaafadhu, sitti
himus, Harki Waaqayyoo akka kana godhe.” [Iyyoob 12,6 hanga 12]
Uumamaan uumaa raajeeffachuunis kanuma.
Eegaa
akkuma uumamni ganni bari’uun isaa nutti agarsiisu hojiin fayyiinsa Waaqayyoos
halkan gurraachi bittaa seexanaa jala itti turre akkuma birraa kanaatti
bari’ee, halkan darbuudhaan guyyaan akka dhiyaate nutti hima.
Akkuma
halkan gurraachi darbee, birraan bari’eetti, halkan kakuu moofaa darbee guyyaan
kakuu haaraa yoo nutti dhiyaate maaltu nurraa eegama warra jedhaniif, hojii
dukkanaa ofirraa fageessinee meeshaa gaachanaa fi waraana ifaa akka uuffannu nu
goorsa. Akka guyyaatti hojii dhugoominaatiin haa deedeebinu, machiidhaan,
sagaagaluummaan hin ta’in, loolaa fi inaaffaadhaanis hin ta’in, garuu Gooftaa
Iyyasuus Kiristoos uffachuu fi, hawwii foonii keenyas yaaduu dhiisuun. Room.
13, 12 -14
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.