Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Barsiisaa
Hayile Mikaa’el Taaddasaatiin
Kutaa 2ffaa
2. Waaqayyoon Sooraa fi
Tiksee Adduunyaa kanaati nuun jedhu
Raajichi Muuseen, “garuu burqaan bishaanii
dacheerraa ni ba’a ture, fuula dachee hunda ni obaasti ture.” [Uu. 2:6] jechuun
kan dubbate adduunyaan akkuma uumameen, Waaqayyoon adduunyaa kana sooraa akka
jiru nu hubachisa. Qulqulluun Daawiitiis, tulluuwwan keessaa kan obaasu,
dumeecha bu’aaa hojii isaarraa dachii
kan quufsu isa akka ta’e dubbata. [Faar. 103:13] “Hunduu abdii si godhatu,
Yerootti nyaata isaanii akka kennituuf, yoo kennituufis ni sassaabbamu, harka
keess hiikkatte, maartaa keerraayyis hunda qufsiite. Yemmuu fuula kees irraa
deebiistu ni rifatu, lubbuu isaanis ni baasta, isaanis ni du’u.[Faar.103:29]
jechuun adduunyaan tuni uumaa ishee kanaan ala abdii homaayyuu akka hin qabne
inni hamtootaafis ta’ee, gaariiwwaniif aduu kan baasu gatii fi olmaa malee
adduunyaa kan jaalatu ta’uu dubbata.[Maat.5:45]
Barruu eeguumsaa isaatirra yoo jirru wanti itti baay’atee dagatu, itti
ulfaatee hoogganuu dadhabu, tokkooyyuu akka hin jire akkaataa nuuf
mirkaneessuun, “kan keessan rifeensi mataa keessaniillee, lakkaaiwwamee
jira.”[Maat. 10:29-30] nuun jedha.
Kanaaf, akka falaasoonni tokko tokko jedhanitti,
Waaqayyoon adduunyaa kana uumee kan dhiisee miti. Faarfataan, faruu isaa 104:10-24 irratti,
“burqaawwan gara gammoojjiitti kan ergu, tulluuwwan gidduu bishaanoonni ni
darbu, bineensi daggalaa hundas ni obaasu, harroota hongees kan obaasan,
simbiroonni samiis achi ni bulu, baqaqaa dhakaa gidduutti ni iyyu, tulluuwwan
samiidhaa kan obaastu bu’aa hojii keerraa dacheen ni qufti. Buddeena dacheedhaa
baasuuf, jiidha faayidaa ilma namaatiif,
margas beeyiladootaaf ni biqilcha. Wayiniin onnee namaa gammachiisa. Zayitinis
fuula ibsuuf.Midhaanis jilba namaa ni cimsa. Mukoonni Waaqayyoo innis kan
dhaabe birbirsoonni Libaanoosis ni qufu. Kanaanis simbirroowwan wal hooru. Ji’a
yeroowwaniif godhe. Aduunnis galma isaa ni beeka. Dukkanas ni taasiista.
Halkanis ni ta’a. Isaanis bineensoonni daggalaa ni ba’u. Ilmooleen leencaa
butuudhaaf ni iyyu. Waaqarraayyis nyaata isaanii ni barbaadu. Yaa Waaq hojiin
kee baay’eedha. Hunda ogummaadhaan rawwatte” kan jedhu Waaqayyoon adduunyaa
kana sooruuf wanta raawwatu hunda addeessa. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee,
lubbuu fi ofaa dooniitiin fakkeessuun “lubbuun nama keessatti akka hin
mul’anne, garuu sochii nama sanaatiin akkuma beekamtu, Waaqayyoonis, ija
fooniitiin hin mul’atu, garuu hayyamaa fi hojii isaatiin ni mul’ata, ni
beekkamas. Garbarra danbali’aa doonii gara fulduuraatti deemtu, namni argu,
keessa isheetti kan ishee oofu akka jiru beekuu qaba. Akkasumas, ija fooniitiin
mul’achuu baatus, hunda kan hogganu Waaqa akka ta’e qalbeeffachuu qaba.”[Liqa
Gubaa’ee Abbaa Abarraa: 29] Kanaaf,
wanti hundi kan argame Isarraa, Isaanii fi Isaaf. Tkiseen keenya nu eegu,
bishaan taliilatti nu bobbaasu, dachee jiidhaattis nu bobbaasu Waaqayyoo
dha.[Faar. 22:1-2] Kanaaf maalan nyaadha, maalan dhuga, maalan ufadhas?
Jettanii hin cinqaminaa. Kanammaa warri hin amannees ni barbaadu. Abbaan
keessan inni samiis, kan akka barbaaddan ni beeka[Mat.6:31fi 32]
Kana barbaaduun homaa adda akka nu hin goonee fi
warra hin amanneen kan adda ta’uu dandeenyu Dhugoominaa fi Mootuummaa isaa
barbaaduu gaafa dandeenyu akka ta’e[Maat.6:.31] nutti hima. Kana jechuun
dhimmoonni adduunyaa kanaa kan nuti dhiphannuuf hundi kan darbanii fi irbaata
otoo hin taane irra buusa irbaataati. Jechoota birootiin mataa isaaniitiin
galma ykn dhimma muummee fi bu’uurawaa otoo hin taane, dhimma irra irraati.
Kanaaf maalan nyaadha, maalan dhuga, maalan ufadhas?
jettanii hin cinqaminaa. Kanammaa warri alagootaatuu ni barbaadu. Abbaan
keessan inni samiis, kan akka barbaaddan ni beeka[Maat.6:31 fi32] Soraa fi
sirneessaa adduunyaa kanaa ta’uu isaa yoo hubannu, duraan dursa Mootuummaa fi
dhugoomina isaa brbaaduun “Mootuummaan Waaqayyoo isin gidduu jira” kan jedhame
Gooftaan Iyyasuus Kiristoos foon uuffatee akka nu fayyise ija banannee ilaaluu
fi amanuu dandeenya.
3.
Ilmi
Waaqaa dachee irratti mul’ateera
Kanneen hundi dhuma baraarratti kan mul’atu Gooftaa
Iyyasuus Kiristoosiif kan daandii mijeessanii dha. “Durii eegalee Waaqayyoon
daandiiwwan baay’eedhaan goodaa baay’eedhaan abbootii keenyaaf Raajoootaan
dubbate. Booda garuu, hunda kan ittiin uume Ilma isaatiin nutti dubbate”[Ib
1;1] Kanaaf Ilmi Waaqaa ammoo namni
uumamaan, fakkeenyaa fi ergaa Raajootaan isa hubachuuf carraaqii godhu mudoo
malee dhugoomsuuf foon Ilma namaa
uffatee, ilma Namaa gidduutti mul’atee jira.
“Abaaboo Hongee ilaalaa” yoo nuun jedhu Ilma Waaqaa Gooftaa Iyasuus
Kiristoos ilaalaa jechuu isaati. Sababni isaas ogeessi Salamoon “Abaaboon
dachee irratti mul’ate”[Weed. 2:10] jechuun kan dubbate kuni foon uuffachuu
Gooftaa Iyyasuus Kiristoos kan agarsiisuu dha.[Is 9: 6, ] Dachee kan jedhame,
ilmi namaa “dachii waan turteef dachiiti deebita” jechuun murtii Gooftaan
laateerraayis ta’ee uumama isaarraa Ilmi namaa dachii akka ta’e hubanna.[Uum.3:23,
Galata Maaryaam Wiixataa]. Abaaboon dachii ilaalaa ykn mul’ate jedhame kuni
Gooftaadhaan fakkeeffama yoo jedhame, Dachiin harmeee Kenya dubroo Maaryaamiin
fakkeeffamtu, [dachiin ilma namaa ykn Mana Kiristaanaa bakka bu’uun Gooftaan
irratti mul’ate] dachii guyyaa kibxataa uumamtee sanyii malee yeroo duraaf,
abaaboo ykn biqiltuu biqilchite, oyiruu kibxataati.[Uum.1:9] Dachiin fuudhaaf
heeruuma Jechaa fi fooniif waltajjii taatee tajaajiluun sanyyii dhiiraa malee
Mataa Mana kiristaanaa argamsiiste[Eef.5:23] Dubroon Maryaamis dubruummaa bara
baraatiin Jechi irratti mul’atee jira.[Is.6:14, Hiz.44:1-3, Galata Maaryaam Kibxataa,
Yaa’iqoob Siruug]
Waan kana ta’eef, abaaboon dachee irratti mul’ate
yoo jedhu Ilmi Waaqaa Gooftaan Iyyasuus Kiristoos, foon ilma namaa uufatee,
dachee irratti mul’atee, hunda tokko gochuun araaraa fi nageenya buusee jira
[Yoh.1:14, Luq.2:14] jechuu isaati. Mul’achuun abaaboo kanaa fannoorratti yoo
raawwatamu, bu’uura Qulquulluun Yaareedii fi Atinaateewoos jedhaniin uummanni
fi alagaan akka wangeelaan tokko ta’an harka isaa mirgaa fi bitaatti bal’isee
isa tokkoon uummata isa birootiin alagoota dhiyeessuudhaaf fannifame. Kanaaf
abaaboo hongee yoo ilaallu, Waaqni foon uffachuun hojii fayyinsaa raawwateen,
ilma namaa gidduuti araarri akka bu’e, alagaa fi fira qodiinsi jedhamu akka hin
jirree fi mul’achuun Abaaboo kanaa ilma namaa lafarraa hojjatame[Uum 3:20]
hunda isaa tokko akka godhe nutti hima. Hiikaan wangeela Maateewoos Mana
Kiristaanaa keenyaas, Ilmuummaan Waaqayyoo waan nuti fooniin Abirhaamirraa hin
dhalanneef raajiin nuuf hin himaminiif kan dhabamu otoo hin taane, inumaayyuu,
Warri Ayihuud otoo Raajoota sana hunda dhagahanii jiranuu Ilmuummaa Waaqayyoo
otoo hin arganne; isaanii mannaa algoonni dursanii ilmuummaa waan argataniif
amantii Waaqni nama ta’uu waan qabnuuf kan gonfannuu dha. Gooftaanis kan nuun
jedhu akka ijoolee abbaa hin qabnetti maal uuffanna jennee daara keenyaaf
dhiphachuu akka hin qabnee fi nuti ijoollee Abbaa qabnu waan taaneef abdii
keenya abaabboon fakkeeffamuutti jiruu lafa kanrraa miti kan samiitu isarratti
gatuu akka qabnu nuuf hiika[Wangeela Qidduus, nibaabunnaa tirguwaamee:1988:136]
Bu’uura armaan olitti ibsameen, ayyaanni Abaaboo
Mana Kiristaanaatiin kabajamaa turee fi yaadannoon godaansa haadha keenya
dubroo Maaryaam[Ilama ishee waliin[Maat.2:14] kaayyoon isaa inni muummeenis,
Gooftaan Iyyasuus Kiristoos foon uuffatee dacheerra dedeebi’ee haadha isaa
Maariyaam waliin godaanee[Maat 2:13-15], gidiraa baay’ee keessa erga darbee
booda, Ilma namaa hunda Fannoorra ooluun fayyisuu isaa yaadachuu fi dhugaa kana
keessatti hammatamanii, jecha “kan na jaalatu yoo jiraate, fannoo koo baatee
ana duukaa haa bu’u” [Mat.16:24] jedhu hojiirra olchuu dha. Kanaaf abaaboon
keenya Gooftaan Iyyasuus Kiristoos foon keenya uuffatee, jaalala nuuf qabu Ilma
naamaatiif bu’uura agarsiiseen, nuullee ayyaana abaaboo yoo kabajnu, hojii
mul’achuu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin, fayyuu keenya amanuun olitti hojii
jaalalaa aarsaa ta’uu gaafatu kana abbaan warraa haadha warraatiif, abbaan
taayitaa uummataaf, abbaan gaabbii, luboonni fi phaaphaasoonni hooloota
hoogggananif,[Yooh 21:15-19] barsiisaan barattoota isaaf, warri ijoollee
isaaniif, itti gaafatamaan hoojjatoota isaaf aarsaa kanfaluu qabnu ilaalchisee
waadaa keenya haroomsuun ta’uu qaba.[Yooh 13:15 fi 14:15 Yooh 15:12]
Abaaboo hongee yoo ilaallu, midhaan firii buufachaa
akka jiruufi isa booda ammoo yeroon jiru yeroo makaraa akka ta’e ni hubanna.
Qulqulluun salamoonis, weeddu isaarratti [2:11] yemmuu abaaboon dachee irratti
mul’atu kanatti, “Yeroon makaraas ga’eera” nuun jedha. Makarri qotee bulaan
bu’aa dhamaatii isaa kan itti argatu, wanni nyaatan wanni dhugan guutuu yeroo
itti ta’u, yeroo taphaa fi sirbaa, weedduu fi cidhaati. Yeroon makaraa waan
birraan bari’ee aduutti baaneef miidhaan ga’e hundi sassaabbii yeroo itti
barbaadu, yeroo itti gaafatamuummaa guddaas gammachuus qotee bulaadhaaf laatuu
dha.
“Kitaaba Qulqulluurrattis gammachuun yeroon makaraa
kuni gammachuu fayyuu isaatiin ilmi namaa gonfate waliin wal fakkata. Kanaaf
Isaayiyyaas raajii isaarratti Waaqayyoon warra dagataman warra Alagootaa fi
Galiilaa yaadachuun inaaffaan Isaa fayyiinsa ilma namaa dhugoomsee bittaa seexanaa
seenaa gochuun “makaraan akka gamadanitti akkanumatti isaan gammachiifte”
jechuun nuuf ibsa.[Is.9:3 fi 7] Waaqayyoon abaaboo hongee ilaalaa yoo jedhu,
hongeen iddoo dagatamee fi jiijjiirrama ni fida jedhamee hin eeggaamne ta’ee
otoo jiruu hayyama Waaqayyootiin abaaboon miidhagee yoo mul’atu, Gooftaaniis
ogummaa adduunyaa kanaan karaa walitti hin dhufneen, kabaja isaa dhiisuun,
mooraa hooriitti dhalachuun, akka yakkamaa fi keessuummaatti baqachuun,
beela’uun, himatamuun, sobaan yakkamuun, fannoora oluu fi du’uudhaan seenaa
Adduunyaa jijjiiree jira.. Daandiin kuni ilaalcha Ilma namaatiin jijjiirrama
kan fiduu miti. Garuu Waaqayyoon oguummaa fi beekuumsa Ilma Namaa tuffatee
karaa kasoominaa kanaan fayyinsa ilma namaa dhugoomsee jira. Ogummaan kuni
“darbuun dirqama warra itti ta’e ogummaa muudamtoota adduunyaa kanaa miti”;
foon uffachuu gooftaa, beektoonni adduunyaa kanaa cufti hin qalbeeffannee dha
malee.[1Qor. 2:6-8] Gooftaan nutis ogummaa kasoominaa fi jaalalaa kana keessaa
akka jiraannu, barbaacha isaa duukaa akka buunu fakeenya isaa nuuf dhiisee
deemee jira.
4.
Jireenya
keenya hafuurawaa akka ilaallu
Abaaboo, “ana fakkaadhaa” jecha jedhu irratti
hundoofnee jireenya Hafurawaa keenya wajjiin yoo wal qabsiisnee ilaallu,
abaaboon firii isaanii jalaa fi cinaa isaanitti dhokftanii fi warri fixee
isaaniitti firii busan ni jiru. Warri firii isaanii dhokfatan, adduunyaa
kanartti hojii gaarii qabaatanii of dhoksuun galata gati dhabeessarraa warra of
baraaranii gatii isaanii mootuummaa Waaqayyootti eeganii dha.[Maat.5:3] Warri
immoo fixee isaanirratti firii baasanii simbirroodhaan jalaa nayaatame,
adduunyaa kanarratti jireenya hafuurawaan yoo jiraatan galataa fi weedduu namaa
qofa dhagahuuf warra carraaqanii gatii isaanii dacheerraa sassabatanii
dha.[Maat.6:1-19][Luba Sintaayyahuu Abaata fi, Dn. Birhaanuu Admaas: Sina
Fixirat:1996 :44] Kunis ogummaan samii kasoominaa fi hiyyuummaa Afurawaa waan
ta’eef mootuummaa Waaqayyoo dhaaluuf ogummaa Gooftaan keesa darbeetti jiraachuu
akka qabnu[Maat.5:3] nu barsiisa.
Kallattii biraatiin abaaboo yoo ilaallu, dachiirraa
akkuma abaaboon ykn biqiltuuwan adda addaa, dandahamaanis ta’ee faayidaa ilma namaaf
kennaniin adda adda ta’an argaman, ilmi namaas Addaam tokkicharraa,
argamanillee[Luba Sintaayyahu fi Dn Birhaanuu: 1996: 44] achi jalatti, sabni
hunduu qaama Addaam tokkichaa ta’ee, amantiidhaan, ilaalcha siyaasaan adda adda
ta’uu danda’a. Kakuu haaraa keessattis Addaam isa lammaffaarraa warri dhalatan
afaaniin, aadaa fi akka waliigalatti eenyuumaa ibsataniin adda adda ta’anis,
tokkicha Gooftaa Iyyasuus Kiristoos jalatti waan gamtaa Mana Kiristaanaa jalatti
hundoofneef tokkoo dha. “Baay’ee yoo taanu Kiristoosiin tokko waan taaneef”
tokkuummaan keenya adda adduummaa abaaboowwan abaaboo hin gogne[Gooftaa Iyasuus
Kiristoos jalatti, inni Waynii ta’uun nuti immoo birkii isaa ta’uun,
Yooh.15:1-5] jalatti biqilan kan liqimsu otoo hin taane akkuma kutaalee qaama
nama tokkootti hunduu of ta’ee garuu Mataa Mana Kiristaanaa Kiristoosiin tokko
taana[Eef.5:23]
Biqiltoonni fi midhaan hanga dhuma adduunyaatti
dhunfaa isaaniitiin dhandahamni isaanii akkuma tokko ta’e, Qulqulloonnis eenyuummaan
isaan gadaameessa Yoordaanoosii fi Barruu Hafuurra Qulqulluurraa fudhatan otoo
hin jijjjiiramiin kan itti fufanii dha.[ Luba sintaayyahu fi Dn Birhaanuu
Admaas:1996:44]. Manni Kiristaanaa waldaa Qulqullootaati yoo jennuus, isheen
“Qulqullootaaf si’a tokko amantii kennamerratti kan hundoofte” waan
taateef[Yih.lakk.8] amantiin isheen Waaqayyoo Gooftaa Iyyasuus Kiristoosirratti
qabdu kan hin cabnee fi kan hin dhangalaane, tulluuwwan baroota heedduu kan qaxxaamuru
jechuu keenya.[Eef 5:32, Maat.7:17, Luq. 6:43-45]]
Biqiltuuwwan ganna googanii boona lalisaan ni jiru.
Kanneen adduunyaa kanarratti ganna gurraacha bu’aa ba’ii adduunyaa kanaan
fakkeeffamuutti jaalala Kiristoosiif mankararuun, akka haadha keenya Dubroo
Maaryaamii fi Gooftaatti adduunnyaa kanaaf keessuummaa ta’anii
godaanuun[Maat.2:14, 5:10] boona yeroo makaraa, midhaan itti sassaabbamuun
fakkeffamuun, yeroo dhufiinsa lammaffaa Gooftaa Iyyasuus Kirstoos[2Phex.3:10-13,
Maat.25:34] gatii isaanii warra sassaabbatanii dha.[Luba Sintaayyahu fi Dn
Birhaanuu, 1996:45]
Ganna lalisanii, bonarratti biqiltuuwwan goganii
mul’atan ammoo adduunyaa kanarratti akka fedhanitti jiraatanii, hiyeessa
abootuun rukutanii, haqa dabsanii waan jiraachaa turaniif[Is.58,3-5] adduunyaa
isa dhufutti warra, “narraa deemaa” jedhamanii du’aa fi abiddaaf darbatamanii
dha.[Maat.25,41] [Luba Sintaayyahu fi Dn. Birhaanuu:1996:45]
Gannas, bonas warri hin lalisne kan akka adaamii ni
jiru. Kanneen ammoo, adduunyaa kanattis sababa yakka raawwataniif adabamuun,
baqachuun, rifachuun warra jiraatanii dha. Adduunyaa dhufuttis cubbuu dachee
kana irratti raawwataniin waa lama dhabduu kan ta’aanii dha. Gannas boonas
warri lalisaanis ni jiru. Kanneen akka birbirsaa fi ejersaatti gannaa fi boona
lalisan, adduunyaa kanatti waan gaarii hojjatanii isaanis gammadanii adduunyaa
dhufuttiis gammadaa ta’anii warra jiraatanii dha[Luba Sintaayyahuu fi Dn.
Birhaanuu:45] Keessattuu warri adduunyaa kanatti fuudhaa fi heeruuma rawwatanii,
hariiroo kana cincala jaalala Waaqayyootiin chaappeessanii jiraatan kanaan
fakkeeffamuu danda’u.
Biqiltuuwwanii fi midhaan abaaboo qofa qabanii fi
firii hin qabne, amantii qabaatanii
garuu warra hojii gaarii itti hin idaanee dha. Warri abaaboo hin qabnee fi
firii qaban, amantii otoo hin qabaatiin warra hojii gaariiqabanii dha.[Luba
Sintaayyahu fi Dn. Birhaanuu,1996:46] Eegaa amantiiniis hojii malee hojiiniis
amantii malee dhaabbachuu akka hin dandeenyee fi lamaanuu wal tumsu akka qaban
hubachuun nu fayyada.[Yaa. 2:16fi20] Biqiltuuwwan lamaanuu dhaban, amantiis
hojii gaariis namoota hin qabne, abaaboos, firiis warri qaban amantoota lamaanu
qabaniif fakkeenya dha.
Biqiltuuwwan ganna dhaabbamanii ykn faca’aani roobaa
fi dhoqqee gannaa keessa qaxxaamuranii firiif qaqqaaban amantoota qabsuura
hadhaa’aa keessa darbanii gonfoo injifannoo gonfatan nutti agarsiisu[ Luba
Sintaayyahuu fi Dn. Birhaanuu, 1996: 46, 2Xim.4:7] Dhuma gannaa irratti
facaafamanii yoosuuma warri dhaqqaban dhumarratti dhufanii garuu yeroo gabaabaa
keessatti firii argamsiisaniin yoosuuma Gannatatti Gooftaa waliin warren
jiraachuu danda’aanii dha.[Luq.23:43]
5.
Guduunfaa
Eegaa, abaaboo dachii ilaalaa yoo nuun jedhu
Waaqayyoon uumma, sooraa fi sirneessaa Adduunyaa kanaa ta’uu fi Ilma
Waaqaa foon uuffattee qalbeeffanne akka
itti bullu waamicha dhiyaateedha[ ]
Bu’uura waamicha kanaatiin abaaboo keenya Gooftaa iyyasuus Kiristoos
dammaqinsaan jireenya Hafurawaa keessatti hammatamuun eeguu akka qabnu hubachuu
dandeenya.
Lallabichi abaaboo hongee akka ilaalluu fi waan
uffanuuf akka dhiphachuu hin qabne, isaan otoo hin fo’iin otoo hin dadhabiin
ogeessi salamoonnillee ogummaa isaatiin kanneen keessa akka isa tokkootti akka
hin uffanne Waaqayyoon har’a kan mul’atu boru abiddatti kan gatamu marga dachii
kanaa akkanatti kan uffisu yoo
ta’e, isinimmaa akkamiin? Jedhee abdiin
nu guuta. “Eegaa maal nyaanna? Maal dhugna? Maalis uuffannaa? Jettanii hin
cinqamiinaa... dursa dhugoomina isaa fi Mootuummaa isaa barbaadaa nuun
jedha.[Maat.6:28-33]
Kuni uummamni ilma namaa kabaja akka qabu
agarsiisa.[Maat.6:31] Durumayyuu ilmi namaa yoo uumamu haala kaanirraa adda
ta’een[warra yaadaa fi jecchaan uumaman] gochaan ykn hojiidhaan ta’uun olitti
bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin lubbuu horatee jiraataa ta’ee uumamee jira[Uum.1:26,
Faar. 108:73]. Eegaa Waaqayyoon maqaa isaa galateeffatanii, kabaja isaanii akka
dhaalaniif uumamni uume,[Eef.2:10] jiraachuu Waaqayyoo akka ragaa nuuf
ba’an[Faar.100:3,Ib.11:1-3, Rom.1:20, Hoj.14:17], nyaata foonii fi lubbuu akka
ta’an, Kan ittiin barannuu fi kan ittiin barsiisnu akka ta’an[Faar.18,1,
Iy.36,33, Faar. 67,6] kan uumamanii gaditti of lakkaa’uun, akkamiin dhimma
dachii kanaatii siqiquun, gaafii Waaqayyooti.
Daaraa fi nyaataaf dhiphachuu fi isas Waaqarraa
argachuun, warra Waaqa hin amanneerraa homaa adda akka nu hin goonee fi warra
hin amanneen kan adda ta’uu dandeenyu, Dhugoominaa fi Mootuummaa isaa barbaaduu
gaafa dandeenyu akka ta’e[Maat.6:31] nutti hima.Kana jechuun dhimmoonni
adduunyaa kanaa kan nuti dhiphannuuf hundi kan darbanii fi irbaata otoo hin
taane irra buusa irbaataati. Jechoota birootiin mataa isaaniitiin galma ykn
dhimma muummee fi bu’uurawaa otoo hin taane, dhimma irra irraati.
Nuti kan dhalanne, “sanyii badurraayii miti,
....sanyii hin badneerraayi malee .Foon kan uffate hundi akka margaatti,
kabajni isaas akka abaaboo margaatti, margichi ni goga, abaaboonis ni
urgufama.” Mootuummaan Waaqayyoo garuu “bara baraaf ni jiraata. Wangeelaanis
Jechi nuuf lallabame kana.”[1Pheex.1:22-dhumaa]
Galanni haa ta’u Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf!
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.