Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura
Qulqulluu Waaqa Tokko! Ameen.
“Sooma
Qulqullaa’aa labsaa,” (Iyyu’el 2:12)
Mana
amantaa Ortodoksii Tawaaahidoo keessaa soomni labsii torbatu jira. Sooma labsii
yoo jennu hordofaa amantaa sanii kan tahe hundi kan itti hirmaatu jechuu
dha. (Waa’ee sooma dabalataan baldhinaan dubbisuuf maaloo saayitii kanaa gadi kana
banaa ilaalaa (http://www.maaddiijaalalaa.blogspot.com/2012/08/wn006sooma-fi-kadhaa-akka-mana.html).
Soomawwan labsii jiran kana keessaa hangafaa fi guyyoota baldhaa
soomamuudhaan kan beekkamu sooma guddicha kana. Soomni kun Sooma Mootis
jedhamee beekama. Kan kana jedhameefis gooftaan gooftotaa, mootiin moototaa, Iyyasuus
Kiristoos waan ofii Isatiif somefidha. Gooftaa
Iyyasuus Kiristoos akkuma wangeela irratii barraa’etti erga cuuphamee booda gara lafa onaa(gadaamii) Qorontos
deemuudhaan guyyaa 40 fi halkan 40 sooma kana soome.
“Ergasii Iyyasuus seexanaan
qoramuudhaaf hafuura qulqulluudhaan gara lafa onaatti geeffame. Inni guyyaa afurtamaa
fi halkan afurtamaaf erga soomee booddee beela’e. Yommus inni isa qoru
dhufe,ati dhuguma ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun buddeena akka tahan
abboomi ittiin jedhe. Iyyasuus garuu
deebisee, namni nyata duwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa
bahu hundumaan malee’ jedhamee caaffameera jedhee deebise.” (Mat 4:4)
Gooftaan
keenya yoo soomu, halkan afurtamaa fi guyyaa afurtamaaf ture, yoo soomuus guyyoota
fi halkan 40 kanatti waan tokkollee hin nyaanne ture. Haa ta’u malee nuti yemmuu
soomnu hanga dandeenyu sa’aatii soomuu dandeenyu soomna, yeroo baay’ees kan beekkamu
ajajamu hanga sa’aatii sagaliiti.Baatii soomaa keessa sanbattan lamaaniin alatti, sirni
galateeffannaa(Qiddaasees) kan godhamu sa’aatii booda.
Soomni
gooftaa fi fayyisaa keenyaa kun kitaaba qulqulluu irratti guyyaa 40 soomama
nuti maaliif guyyaa 55 soomna, kan jedhu gaaffiin jedhu ka’uu danda’a. Kanaaf Abbootni
sababa lama teessisanii jiru. Sababni inni jalqabaa, Sanbata xinnaa fi Sanbata
guddaa mana amantaa keenya keessatti bu’aa foonii fi aannanii irraa malee gosa midhaan
irraa hin soomamu. Kunis kabaja
sanbattan lamaanii kana ibsuufi. Sanbanni guyyaa haara galfii fi boqonnaa waan
taatefi. Sanbatni inni xinnaan kan gooftaan hojii isaa hunda irraa itti booqate
dha. Sanbatni inni guddaan(Dilbatni) sanbata Kiristiyaanaa jedhame kan beekkamu
ammo gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa kan itti ka’e dha. kanaaf
Sanbattan lamaan guyyaa 40 keessa jiran waluma galatti 15 waan tahaniif, guyyootni
soomaa 40 akka guutaniif abbotni guyyaa 15 itti dabalaniiru. Kiristiyaanota
durii biratti lakkoofsi akkanaa kun kan baratame dha. Sanbattan lamaan soomaaf hin lakka’aman. Sooma hirdhisuu dha
malee baay'isyyn maal rakkoo qaba ree, kuni mormis kaasuu hin qabu. Sababni inni
lammataa ammo torban jalqabaa kan Hirqaal(Zewerede jedhamu) kuni fi Torban
sadeettaffan, gadadoo(himamaat) itti dabalamaniiti. Hirqaal kan jedhamefis
seenaan akkas jedhu jira:
Hirqaal(Hiraaqliyoos)
mootii Biizaantayin durii ture. Jabana isaa kanattis Faarsonni Iyyaruusalem
Weeraruun fannoo gooftaa fudhatanii booji’anii turan. Innis gara Faarsitti
duulee fannoo gooftaa isanirra fudhatee deebi’eera. Kanaaf Kiristiyaanonni
gammachuudhaan seera qannoonaa keessatti maqaa isaatiin sooma kana moggasaniif
kan jedhus jira.Tokko tokko immoo inni kiristiyaana waan ta’eef dhiiga lola
irratti dhangalaaseef akka Waaqayyo dhiifama godhuuf soomaan isa gargaaranis jedhu. Giriikonni
garuu sooma Hirqaal kana hin beekan, garuu torban kanatti baaduu fi buuphaa
malee foon hin nyaatan, ‘torban baaduu’ jedhuun isaan. Sababni isaanii garuu
dhagni foon bare tokkumatti yoo nyaata soomaa nyaatu ni dhibama,ni dadhaba kanaaf
akka ceesisaatii itti fayyadamu jedhu(Abune Gorgoriyoos).
Egaa
kana ilaalle amma gara torban saddeettan sooma guddichaa kana keessa jiranii
haa ilaallu. Torban saddeettan sooma
guddicha keessa jiranii kun moggaasa mataa isaanii kan qabaniifi hundi isaanii
sanbata guddaadha hanga sanbata xinnatti kan lakkama’aniidha. Jaarraa 6ffaa
keessa kan ture hayyuun amantaa Qulqulluu Yaareed torban saddeettan sooma
guddichaa keessa jiran kanaaf kitaaba ‘Tsooma diguwaa’ jedhamurratti faarfannaa mataa isanii
qopheessefii ture, kanaaf torban saddeettan kunniin faarfannaa isaa kanaan
maqaan mogga’eefi. Kunis seenaa gooftaan wangeela kessatti hojjetee fi barsiisa
wangeelaa wajjin wal qabata. kanuma irraa ka’uudhaan maqaan isaanii walduraa
duubaan torban jalqabaa ‘Zewerede’ yookan Hirqaal, torban lammataa
qulqulleettii, torban sadaffaa, Mukiraab, torban afraffaa Matsaaguu, torban
shanaffaa tulluu ejersaa, torban jahaffan gebreheer, torban torbaffan
Niqoodimos, torban saddeettaffan ammo Hosaa’inaa jedhamu.
Torban
Jalqabaa/Zewerede/Hirqaal/
Torban
sooma guddichaa inni jalqabaa kun maqa lama qaba. Zewerede yookaan Hirqaal
jedhama. Zewrede kan jedhu kun afaan Gi’iziiti,hiikaa gadi bu’uu,kan gadi bu’e
jedhu qaba. Kan Zewerede jedhaamefis, gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus
Kiristoos akkuma dura Waaqayyo ilma namaaf waada galeef Dubaroo Maariyaamii
irraa fooniin dhalatee akka nama fayyisu dubbate sana ibsuufi.
Samirraa gad bu’eee foon namaa uffatee dubaroo irraa dhalachuu isaa kan itti yaadannu
dha. Namni hojii fi aangoo ilma Waaqayyoo
kan samiirraa gad buusisu qabaachuu baatuus gooftaan akkasumaan ilma namaa akka
jaalate wangeela irratti akka kanaa gadiitti barraa’ee jira.
“Waaqayyo akkasitti
tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti
biyya lafaa jaallate, kuni immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara
baraa haa qabaatuf malee haa baduuf miti…biyyi lafaa isaan haa fayyuuf ilma
isaa biyya lafaatti erge malee”(Yoha 3:16)
Nama
kabaja isaa ganamaatti deebisuudhaaf ilmi abbaa biraa osoo adda hin bahin lafa
kannarrati dhufe, dubaroo irrayis tawaahidoodhaan fooniin dhalatee, amala
lamarraa amala tokko tahe malee amala lama hin qabaanne, amalli Waaqayyummaa fi
amalli foonummaa tokko tahan. Kananis foon uffatee gidduu keenya dedeebi’e. Wangeela guyyaa kana
mana amantaa keenya keesstti dubbifamuttis ‘Ilma
namaa isa samii irraa gadi bu’e sana malee homtinuu gara samiitti ol hin baane’
jedha(Yoh 3:13)
Gooftaan
keenya maaliif guyyaa 40 soome
kan jedhuuf fakkeenyummaa kakuu moofaa fudhateeti. Raajonni baay’een kakuu
moofaa keessatti guyyaa 40 soomuudhaan hojii gara garaa hojjetaniiru.
Fakkeenyaaf Muuseen halkan 40 fi guyyaa
40 soomee seera lapheen qofa beekamu irraa gara seera ooritiitti kan deebise
yoo tahu, Goofaan immoo seera Ooritii
irraa guyyaa fi halkan 40 soome seera
wangeelaa nuuf kenne.Fakkeenyi biros ni jiru. Sooma kana keessa gammachuu
garmalee fi alalummaa irraa fagaachudhaan gadda fi soomaan kadhannaa
baldhaadhaan akka Waaqayyo kadhatan,yeroo kaan irraa haala adda taheen dhagna ofii gaabbiin qulqulleessanii kan fooni
fi dhiiga gooftaa keenyaa itti fudhatanii
dha.
Kitaaba
‘Tsooma Diguwaa’ Qulqulluu Yaareed barreesse irrattiis torban kanaaf faarfannan
akkas jedhutu faarfatama:
“Waaqayyoon
sodaachudhaan abboomamaafi, Waaqayyo garraamii, araarri isaas kan bara baraati,
dhiifamni isaas dhalootaa hanga dhalootatti, nus sabni isaa hoolota bobbaasa
isaati, gara mana isaatti abbomamuudhaan gara addaba’aa ba’ii isaattis galataan
ol seenaa, sooma yaa soomnu, hiriyoota keenya haa jalannu, nutis ofii keenyaa
wal haa jaalannu, sanbatni namaaf hojjetamteetti hoo, sanbata haa kabajnu, waan
dhugaas haa hojjennu, Yaa gooftaa araaraa fi murteefan siif ciigessa, faarfadhas,
karaa qulqullus nan adda baafadha” (Qulqulluu Yaared kitaaba Tsooma Diguwaa
irraa)
Faarfanna
Daawiit irraa ammo:
Sanbata
kanaaf faarfannaan Daawiti sirna galateeffannaa ganamaa irratti(Qiddaasee
irrati) gidduutti diyaqonootaan
lallabamu akkas kan jedhu dha:
“Sodaadhaan Waaqayyoof abboomamaa, rom’uudhaaniifis gammadaa, ogummaas jabeeffadhaa, Waaqayyo
akka hin dheekkamneefi”(Farfannaa 2:11)
Wangeelli
guyyaa kana dubbifamus wangeela Yohaannis boqonnaa 3:10-24 kan jiru dha. “Dhuguma dhuguman sitti hima nuyi isa
beeknu ni dubbanna,isa argines dhugaa ni baana, otuma ta’uu iyyuu nuyi isa nu
dhugaa baanu hin fudhattan ;waa’ee isa biyya lafaa isinitti himnaan erga hin
amannee ,waa’ee isa biyya samii yoon isinitti hime ammo attamitti amantu
ree?......kan jedhu dha.
Sooma gaarii nuuf haa tahu,Waa’ee
Isaa akka dubbannuuf kan nuuf heeyyame Maqaan Waaqayyo haa ulfaatu!
Torban itti fufa…………………………………………………………..
Kitaabota
wabii
1.
Gitsaawee,(1991) Mana Maxxansa Tasfaa Gebresillaasee. Finfinnee.
2.
Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa
Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee
3.
Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq
Bahila Haimanot, Finfinne
4.
Waldaa
Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan
Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5.
Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa
Qulqulluu,kan Afaan Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame.
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.