Maqaa
Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko!Ameen.
Baga
torban lammaffaa sooma guddichaan isin gahe. Torban darbe keessaa waa’ee soomaa
guddichaa fi waa’ee torban jalqabaa
sooma guddicha Zewerede jedhamee beekkamuu, hikkaa fi dubbisawwan torban sana
keessaa maal akka fakkaatan hanga tokko ilaallee turre. Hardha ammo waa’ee
torban lammaffaa kana gabaabsinee ilaalla. Akka Moggaasa Qulqulluu Yaareditti torban
kun qulqulleettii jedhameeti
beekkama. Torban kun kan qulqulleettii jedhameefis waa’ee qulqullina sanbataa
waan dubbatuufi.
Qulqulluu Yaareed kitaaba
Tsooma Diguwaa jedhu irratti torban kanaa faarfannaa akkas jedhu kan itti
faarfatee dha.
“Waaqayyoof bitamaa, maqaa
isaas waamaa, hojii isas ormatti himaa, maqaa isaatiifis galata dhiheessaa, sanbata
kabajaa, waan gaariis godhaa, kan bilin hin balleessine kan hattuun hin agarre
galmee samiirraatti walitti qabadhaa, qophee’ tahaa, gara Kiristos jiru gara
olis yaada” jedha.
Faarfannaan
Qulqulluu Yaareed kitaaba ‘Tsooma Diguwaa’ irratti faarfate kunis wangeelaa fi
ergaawwan kitaaba qulqulluu irraatti torban kana dubbifamanii fi hiikkamaniin
kan wal fakkaatuudha. Dubbifniwwan dubbifaman, akkasumas faarfannaan Faarsaa
Daawit irraa jirus kan wal fakkaatutu faarfatama. Sirna galateeffannaa (qiddaasee)
irrattis diyaaqonoonni faarfannaa kana gadii ni faarfatu.
“Waaqayyo garuu bantiiwwan samii ni
hojjete, surraan siimbonis fuula isaa dura, aangoon, qulqullummaanis mana isaa
keessa”. Far 95(96):6
Wangeela
guyyaa kana dubbifamu kan torban kanaas waa’ee soomaa kan ilaallatuu dha. Kunis
wangeela Maatewos boqonnaa 6:16 irraa eegalee kan jiru dha. Innis akkas jedha
“Iyyasuus yeroo dhuma
soomtanitti ammoo akka warra of agarsiiftuu nyaara keessan hin guurinaa, Isaan
soomuun isaanii namootatti akka muldhatutti, fuula isaanii ni boosomsu, dhuguman
isinitti himaa isaan gatii isaanii fudhataniiru.”
Namni
sooma soomu tokko sooma sana gammmachuufi jabinaan soomuu akka qabu ibsa.
Soomuun isaa akka irratti beekkamuuf namoota irraa akka dinqisiifannaa fi nama
amantaa tahuun isaa beekamu of ibsuu hin qabu. Garuu dubbiin kun kan himameefi
sooma labsii kan namootni akka soomnu beekan kanaaf miti. Soomni labsii dhoksaa
hin qabu, kiristiyaanota kan tahan hundi akka soomaan waan ajajamuufis
dinqisiifannaa adda tahe kan namarraa argamsiisuu miti. Akkuma waa’ee soomaa
yemmuu ilallu dubbanne, soomni mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo bakka lamatti
hirama. Sooma labsii fi sooma dhuunfaa jedhamuun. Soomni labsii waggaa
keessatti kan yoom akka seenuu fi bahu beekamu,kan kiristiyaanonni hundi akka
dirqqaman sooman ajajame dha. Soomni labsii mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo
keessa torbatu jiru. Kanaaf isaan siritti namoota fuuldurattis kan beekkaman
waan tahaniif, kan soomaman dhoksaadhan miti. Fakkeenyaaf sooma Nanawee haa
fudhannu. Akkuma raaga Yoonaas irratti barreeffame, labsiidhaan uummanni hundi
kan irratti hirmaatan ture, kanaaf soomuun isaanii namoota biratti ifatti ni
beekama.
Kanaaf
sooma yemmu soomtu wanti hundi dhoksadhaan haa tahu kan jedhame kun garuu sooma
dhuunfaa keetti guyyaa barbaadde filattee fedhii keetiin soomtu dha. Sooma
akkasiis Waaqayyo balleessaa kee akka siif dhiisuuf yookaan waan yaadde tokko
akka siif guutuuf kadhannaa fi soomaan
kan Waqayyoon gaafattuu dha. Sooma akkasii sana namoonni akka sirratti hin barre
tahuu qaba jechuu dha. Kunis wanta ati barbaaddu sana kan dhoksatti beeku
Waaqayyoo qofa tahuu qaba, Inni ammo gatii kee ifatti siif kenna jedha. Garuu
soomuu kee fuula kee boosomsitee yoo namootaaf of muldhiste, gatii kee namoota
irraa barbaadde waan taheef waan Waaqayyorra eeggattu hin qabdu, namootarraa
dinqisiifannaa yookan kennaa waan argattef, Waaqayyo waan siif kennu hin qabu
jechuu dha. Hiikkaa kana lamaan adda baafachuun barbaachisaa dha. Kanaaf
dubbiin kanaa gadii barraa’e:
“Ati garuu yeroo dhuma
soomtutti mataa kee dibadhu, fuula kees dhiqadhu, Soomuun kee abbaa kee isa
wanta dhoksaatti hojjetamu hunduma argutti malee, namoota duratti akka hin
muldhanne godhi, Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hunduma argu immoo
gatii siif ni kenna.” Jedhe.
Dubbisa
wangeelaa kana irrattis itti fufuun waa’ee badhaadhummaa, biyya lafaa irratti
walitti qabamuu fi waa’ee badhaadhummaa isa samiirraatti walitti qabamu
dubbata. Isin horii keessan iddoo hattuun hin hannee fi biliin hin nyaannetti
walitii qabadhaa malee iddoo dhuma badhaadhinni keessan badutti hin tahin
jedha.
“Iyyasuus ammo
badhaadhummaa ofii keesaniif lafa irratti, iddoo bilii fi daana’on nyaatutti
hattunis cabsitee iddoo hattutti walitti hin qabatinaa, Garuu badhaadhummaa
ofii keessaniif samii irratti iddoo biliin yookaan daana’oon hin nyaannetti
yookaan hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti walitti qabadhaa…..” (Wangeela
Matewos 6:16
Kunis
horii keen gargaarsa mana Waaqayyoof gootu, wanta argatturraa kan Waaqayyoof
dhiheessitu, gargaarsi ati rakkataadhaaf gootu hundi, samii irratti kan walitti
tuucha’ee siif taa’u taha. Isa sana biliin hin nyaatu, hattuunis hin argu
jedha. Haa tahu malee biyya lafaa kanarratti qabeenya yoo teessifte si jalaa
dana’aawuu yookaan hatamuu dandaha, kan Waaqayyoof gootu garuu galmee isa
samiirratti galmaa’a malee hin badu jedha. Garuu kennaan nuti rakkataaf goonus
akka namootni nu arganiif yoo tahe ,gatiin ati argattu asumatti kan hafu taha,
kanas ammo dhoksaadhaan yoo goote Waaqayyo gatii kee ifatti siif kenna. Iddoo qabeenyi /horiin/ kee jiru lapheen kees
jira.
Itti fufa….………..Waaqayyo
nama torbanii nu haa godhu, sooma nagaa fi milkii nuuf haa tahu.
Ameen
Kitaabota
wabii
1. Hiikkaa Wangeelaa(1988). Mana maxxansa
Tasfaa Gebresillaasee.Finfinnee.
2. Gitsaawee.(1991).Mana
Maxxansa Tasfaa Gebresillaasee. Finfinnee.
3. Gorgooriyoos
(Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa,
Finfinnee
4. Mana Maxxansa
Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Haimanot, Finfinne
5. Waldaa Kitaaba Qulqulluu
Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan
Qophaa’e.
6. Waldaa kitaaba
Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu, kan Afaan
Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame.
nfinnee.
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.