Friday, July 13, 2018

Iyyasuus Kirsitoos inni Dhugaa Kami?


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuuraa Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen.
(Naahimii Fayyisaa)

Yeroo ammaa rakkina guddaa namoota muudacha jiru keessaa Iyyasuus Kiristoos Inni dhugaan isa kam akka ta`e walii wallaaludha. Maaliif yoo jenne, fakkeenyaaf namni amanta Ortodooksii keessaa bahee gara miseensummaa warra `Yesuus` qofa lallabna jedhaniitti yemmuu dabalamu yoo gaafatame `Iyyasuus fudheen deeme, Gooftaa fudheen deeme` jedha. Akka haaratti,Iyyasuus gooftadha,Iyyasuus fayyisaadha,Iyyasuus Mootidha,Iyyasuus Buddeena,Iyyesuus jireenya……jedhee itti fufa, hanga kanatti sirriidha, dhugaadhas,wangeelas, garuu deemee deemee itti fufa, “Yesuus ammalaajidha, Maqaa Yesuusiinan Waaqa kadhanna…maqaa Yesuusin gooftaa galateeffanna”…: jedhe yaada jalqaba sanaan gonkuma faallaa kan ta`anitti dhufa. Asitti wal jalaa dhaha egaa. Dura Waaqa jedhet deebi`ee ammoo araarsadha jedha. Kuni rakkoo obboloota hedduun ittiin karaa gadi dhiisanidha.
Maqaan Iyyasuus jedhu kanaan namoonni dogongoraa jiru.Dhuguma kun akki ta`u, dursee Gooftaan mataa isaatiin dubbatee ture. “Kan maqaa kiyyaan hin gufannes inni eebbifamaadha (Mat 11:6) jedheera. Ergaan kun ergaa guddaadha, maaliif Gooftaan akkas jedhe jennaan, maqaa Kiristoos kan lallaban garuu Kiristoos Isa Waaqa ta`e kan hin lallabne akka dhufan Gooftaan waan beekuuf. Kanaaf innumti dursee ” Raroo hoolaa uffatanii kan sinitti dhufan, keessa isaanitti garuu yeeyyii buttuuwwan kan ta`an, raajota sobdoota irraa of eegaa……..fedha Abbaa koo yoo raawwatan malee “Yaa Gooftaa Yaa Gooftaa kan nan jedhan hundi mootummaa Waaqayyoo kan galan miti……guyyaa sanatti namoonni hedduun “Ya gooftaa yaa gooftaa maqaa keetiin raga hin dubbannee,maqaa keetinis agaanintii hin baafnee?maqaa keetinis ajaa`iba gara garaa hin raawwannee jedhu..yeso sanas ani tasuma isin hin beeku, isin yaa warra amatsaa, narraa fagaadhaa jedhee ittan dhugaa baha jedha” (Maat 7:15-23). Maaloo caqaqasa kana hundumti keessan dubbisaa. Egaa hubadhaa, fayyuun Gooftaa qofaan ta`us, maqaa Gooftaa waamun qofa fayyinni hin jiru, maqaa Gooftatiin tinbiitii dubbachuu, dhukkuba fayyisuu fi seexana baasne jechuun qofa fayyinni hin jiru.Gooftan namoota akkasiitin ani sin hin beeku jechuunii waan maluuf, warri maqaa sana waaman hundi dhuguma maqaa gooftaa isa dhugaa, isa humna qabeessa sana waaman moo..jechicha calla waamumaaf waaman kan jedhu adda baafadhaa.
Ergan kana jedhee booda hubannoo gabaabdhan waa`ee Iyyasuus Kirstoos ibsuu koon dura wanta rakkina namni waa`ee gooftaa akka wallaalee shakkuu fi,Gooftaa maqaan qofa waamamu,kan isa hin taane sana akka deemu kan taasisan keessaa akak kootti sababa gurguddaan lama.Sababa gurguddaan kunniin irratti odeeffannoo qabaachun gaaridha:
1. Maxxaansawwan kitaaba qulqulluu gara garaa jiraachuu isaati,kitaabonni qulqulluun maxxansa gara garaa,kan fandii biyya alaatin maxxanan jechoota garaagarummaa uuman itti makanii maxxansu,kitaabonni kunniin ammo carraan argamuu isaanii baldhaadha,kanaaf yoosuma nama harka gahu.namnis isana dubbise dogongora.Kanaaf fakkeenyi guddaan maxxansoota afaan amaaratin bara 1950 hanga bara 2000 turanidha.Isa dura fi booda kan iran garuu haaluma gaarii irra jiru.Akkasuma maxxansi hiikkaa Afaan oromoo ammoo bakka heddutti haala nama gaddisiisun iccitiin isaa kan faalla`edha. Kuni maalif ta`e yoo jenne olaantummaa fandii deeggarsa maxxansa kitaaba qulqulluufn durfamuu keenya. Caqasa dogongoraan hiikaman fakkeenyaaf(2Qor 5:19 irratti walitti cafaqee hunduma araarsa kan taasisu,Roomee 8:34,kan ni kadhata jedhu,ni murteessaa jechuu kanhiikamuu qabu,1Yoh 2:1…fi caqasni hedduun hiikan isaanii achumatti kan gaaffii kaasudha,caqasoota kana irratti kitaabota duraanii ilaalun dirqama ta`a,kana beekuu qabna)

2. Waa`ee dubbii fayyinaa gadi fageenyan barsiisuu dhabuu keenya: Abbootni keenya dur(akka fakkeenyaatti kitaaba Hayimaanote-Abew jedhamu ilaaluu dandeenya) wanti isaan barsiisan, karaan isaan masakan, haalli isaan waa`ee waaqummaa Gooftaa itti ibsan,haalli isaan shakkitootaaf deebii itti kennan, iccitiin waloomas maal akka ta`e haala dinqii ta`een caqasa kitaaba qulqulluun qaaccessanii barreessanii baldhisanii barsiissaa turan. Shakkaan kamuu ka`u iccitii Waaqayyo isaanii ibseen, dubbii nama ajaa`ibsiisunis barreessanii deebii laatu, barreeffamni isaanis hanga hardhaatti qoricha shakkitotaati. Yeroo ammaa kana garuu barsiisonni jiranis ta`ee hayyootni baay`een,dhimma dubbii fayyinaa kana baldhisanii, ibsanii yeroo barsiisanii ykn lallaban ,itti dhimmanii hubachiisuu irratti dhabamaa jiru, Abbootni barumsa iccitii fayyinaa dhiigsanii barsiisanis hirdhachaa dhufaniiru. Sanarra caalaatti seenawwans sasalphaa qofa kaasuudhan barsiisuu filatu barsiisonni ammaa hedduun. Kuni si`achi dhimma hordoftoota dallaa mana kiristaanaa keessa amantaa isheetin cimsuu ykn dhisuu waan at`eef, dubbii fayyinaa(iccitii waloomaa) irratti harka caalu barsiisun gaarii ta`a. Barsiisonni fi lallabdoonni ergaa kana dubbiftanis gaaffii hordoftoonni ittiin rakkatan irratti kitaaba irraa caqasuun sirriitti dhiigsitanii deebii kennuun dirqama akka qabdanin isinii dhaama.
Egaa rakkkinootni jajjaboo jedhee qabadhe kana qofa yaa ta`an malee rakkinootni shakkitoonni beektota kitaaba qulqulluu akka fakkaatan taasise danuutu jira,garu miti.Amma qabxiiwwan namoota amantaa jijjiirratan akka of gaafatan taasisu kaasuttan deema.
A. Namoota battala amantaa Ortodooksii yeroo gadi dhiisan GOOFTAA fudhanne jedhaniif: Gooftaa isa kam fudhachaa akka jirtan beektuu? Gooftan kanaa sanii maal qaba akka hin jenneef, maqaa Gooftaa sobaan waamamu akka jiru wangeela Maatewos boqonnaa 7 irraa hubanneerra. Kanaaf akka haaratti Goofta fudhe jechuun maal jechuudha. Akka barsiisa amanta Ortodooksiitti Gooftaa Iyyasuus Waaqa, waaqa dhugaati. Jecha kana kan caalu,ykn kan caalaa ibsu hin jiru. Maalif jennaan wanti Waaqa caalu hin jiru. Kanaaf jechi Gooftaa ittiin ibsinu kan addunya kana irra jiru hundi “Iyyasuus Kirstoos Waaqa” kan jedhuu kanaa gadi.Kanaaf Iyyasuus Kirstoos Waaqa ta`uusaa erga ortodooksii keessatti baratta ta`ee, waaqa isa biraa akkam barbaada deemta? Gooftaa isa kam fudhachuu deemta Barumsa kana caalu ammoo kan kanaa gadii dhagahuu deemta? Kitaaba qulqulluu keessaa caqasa muraasa eeruuf
• “Kennaan kunis abdii keenya eebbifame,innis muldhachuu Hangaftichaa,kan Waaqa keenya fi kan fayyisaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos eegaa;of too`chuudhan;tolummaa fi Waaqayyoon fakkaachudhaan bara kana keessa akka jiraanu nu barsiisa”(Tiitoo 2:2)
• Inni Waaqa dhugaa fi jireenya bara baraati(1Yoha 5:20)
Ammoos yaa hubannu,Gooftaan Waaqa yoo jennu, Waaqayyo waan nu jaalatuuf jireenya isaa dhagna sadiin jechuunis Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluu jedhee nuuf ibseen, durumayyuu aangoo, taayitaa, umurii, beekkumsa walumaa galatti waaqummaa isaatin tokkoo fi qixa ture,jiras.Bara booda foon uffate waan nutti muldhateef, Iyyasuus Kirstoos inni Waaqa jedhame kun akkamiin amma sa`aa kanatti, sa`aatii amma ati itti amantee jirtu kanatti, guyyaa hardhaa kanas “araarsaa ta`uu akkamiin danda’aree? Ilaa yaa hubannu:

Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos jalqabumayyuu kan ture erga ta’ee, Abbaa waliin erga ture, erga Addaamiin kalaqee uume,foon ufffachuun Isaa Abbaa dha fi Afuura Qulqulluu gadi isa ni taasisa? Gonkuma hin taasisu malee. Inni dura kan ture sanatu booda muldhachuusaa caqasa nutti himan keessaa kakuu haaraa keessatti yemmuu Yihudoonni Gooftaa Iyyasuusin “Ati egaa abbaa keenya Abrahaam isa du’e irra ni caaltaa ree? Raajonnis du’aniiru, ati eenyu of seeta?” jedhanii yemmuu gaafatanitti gooftaan deebisee akkas jedhe “Dhuguma dhuguman isinitti hima, Abrahaam otoo hin dhalatin dura iyyuu ani jiran ture” (Yoh 8:53) jedhee deebiseefii jira. Gooftaan afaan isaatiin ani Abirahaam duran ture jedhee dubbateera. Abirahaamin fakkeenya fudhate waa’ee isa maqaa waan itti kaasaniif malee uumama kam durayyuu ture, Abbaa isaa waliin tureerahoo,argamsiisaan uumamaayyu isadha.Kanaaf araara kennuu(GOCHUU) Fudhachuu fi dhiisuu Abbaa Isaa fi Afuura Qulqulluun walqixa Ta`ee murteessa malee,Inni erga Waaqa ta`ee,akkamiin nu araarsaree?
Kanaaf Inni uumama dura ture kun kaayyoon isaa foon uffatee nama ta’ee jaalala akkasumas fakkeenya ta’ee nama fayyisuuf malee kabaja isaa isa jalqabaa sana irraa Abbaa Isaa fi Afuura Qulqulluun gaditti xinnoo of buusuuf hin turres,mitis.
Kakuu moofaa keessattis ammoo inni Ilmi dur jireessi kun,yeroo foonin waloometti foonifis aboon kennamuu isaa iccitiidhan akkanatti Raaja Daani’el irra bulee dubbata “halkan mul’ata arge kunoo ilma namaa ka fakkaatu duumessa samiiwwanii waliin dhufe gara isa umuriidhan dulloomeetti dhufe gara fuula dura isaattis dhiyeessan gostii fi ormootni isaan afaan gara garaatin dubbatan hundumtis akka bitamaniif bulchiinsi fi kabajni mootummaanis ni kennameef bulchiinsi isaallee kan hin dabarre isa bara baraati mootummaan isaas hin baddu” jedha(Dani’el 7:14). Isa kanarraa maal hubanna? Waaqummaan Isaa duruu jira, Fooniif aboon kuni hundi kenname jechuudha mitii?,maaliif yoo jenne Gooftan foon waan uffatee Abiddi Waaqummaa(Malakoot) foon waliin, waloomee(tawaahidoo) tokko ta’e waan ta’eef. Kanaaf foon aboo argate. Kanaaf foon uffachuun Isaa akkamiin kabajaan Abbaa Isaa hanqisee isa kiristoos namaaf kadhatu taasisa? Kuni dogongora bu’uurati.

Kan amantaa kiristaanummaa ishee takka turte yaa’ii Keelqedoonii qabee addaan diige yaada kana. Isumatu babaldhatee kijibdoota meeqa horee hardha yaanni kumaatama ta’e. Kan ganama yaadamaa ture hayyootni amantaa cichanii ka barsiisan ishuma karaa walooma(tawaahidoo) kanadha.
Ammoos tooftaaan yeeyyota amantaa dhugaa nama gansiisan kanaa keessaa inni guddaan: “amantaan maali?maqaa amantaas kana sani hin jedhinaa;amantaan nama hin fayyisu” callisa Gooftan jira jedhaa bulaa jedhu.Kuni karaa balleessaa isa itti aanutti nama geessuf itti of qopheessanidha.Wanti ta`ee agarru kuni hundi amantaadhan kan ta`e akka ta`e hin beeknuu nuti?Kitaabuma qulqulluu iyyuu eennuti barreessee,seera itti godhee,lakkoofsa isaa daangessee,maxxansiise? Namoota akkasuman kara deemtutu fedhaa fi qabeenya isaaniin kana raawwatee? Warra amantaa keessatti gurmaa`an mitii? Kanaaf akkamiin amantaan maali jennaree?Akkas taanan wanti waloo kamuu hin barbaachisu hundu akkuma hubannoo laphee keenyatti kophaa kophaa keenya fiigna jechuudharee? Waaqumtuu jiraachuusaa barsiisa amantaa keessatti kennamuun beekne, nutti muldhachuu isaatis akkasiin beekne, haala jireenya isaallee amantadhan beekne.fedhii Isaallee akkasuma. Baruumsichi amanticha keessa jira miti? Yookan sobas dhugaas akkasumaan walitti qabnee amanna jechuudhaaree. Inni akkasii amantii miti, ilaalcha fooniti.Amantaan malee Waaqayyoon gammachiisun hin danda`amu jedha kitaabni.“Amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin dandahamu. Eenyullee Waaqayyotti dhihaachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira. (Ibro. 11:6)

B. Fayyisaan eenyu? 

Warri amantaa ortodoksi gadilakkisanii Gooftaa’ fudhanne jedhan kanaaf,Fayyisaan eenyu?Isiniif fayyisaan keessan eenyu?Fayyisaan keessan isa Ortodooksin Iyyasuus Kirisoos fayyisaadha jettuun kanarraa addaa laata?Adda taanan karaa dogongoraarra jiru jechuudha.Maaliif yoo jenne,dhala namaa kan fayyisu Waaqa tokkicha waan ta`eefi. Addaam cubbuu hojjeteen,kan fayye dhiiga Kiristoosin,cubbuu darbaan sababa Dhiiga kiristoosin nurraa cite. Kanaaf dhukuba cubbuu akkasiif fayyisaan Waaqa qofa jechuudha.Waaqni sun ammoo olitti akkuma ibsine Iyyasuus Kiristoos akka ta`e ilaallerra.
• “Ani Waaqayyo anaan malee kan fayyisu hin jiru”(Isa 43:1).
• “Ana malee Waaqni biraa hin jiru. Ani Waaqa tolaa fi qoricha, ana malees homtuu hin jiru” (Isa 45:21).

• “Waaqa qoricha keenyaa nu deebisi dheekkamsa kees nurraa deebisi” (Far 84.4).
• “Namoonni hundumti akka fayyaniif gara dhugaa beekuu akka dhaqqabaniif kan fedhu qoricha keenya Waaqayyoon duratti gaarii fi kan si gammachiisu kana”(1Xim 2:3). Egaa Waaqni keenya fayyisaa keenya ta`ee,inni Iyyasuus Kirstoos dha jechuudha.kanaaf “Fayyuunis waan biraan homaanuu hin jiru;samii gaditti akka ittiin fayyinuuf kan nuuf ta`u namaaf kan kenname maqaan biraa siruma hin jiruuti.” (Ho.Du.Bu 4:12) jedhamee kan barraa`eef.
Garuu ammas haa hubanno,waan hafetu jira,amanuu qofaan ni fayyina moo,amanuun keenya kan xumuraati moo fayyuu keenyaf kan jedhu ilaaluu qabna.
Namoonni baay`een caqasa “Ilma Waaqayyotti kan amane inni jireenya bara baraa qaba”(Yoh 3:36) jecha jedhu qofa qabatu. Wanti hubachuu qabnu garuu Waaqayyo Ilmatti amanuu dhiisuun keenya du'aa nutti murteessa. Waaqayyo Ilmaatti amanuun keenya qofti garuu jireenya bara baraatti nun galchu." kan amanee kan cuuphame ni fayya kan hin amanne garuu itti murtaa`a(Mar 16:16) jdhamee ammo,amanuun kuun dirqamni biraa kan itti fufu akka jiru kitaabumti nuttima. Amanuu fi cuuphamuu dhabuu keenyaf nutti murtaa`a. Amanuufi cuuphamuu qofaan garuu mootummaan Waaqayyo hin dhaalamu. "Foon koo kan nyaate dhiiga koo kan dhuge jireenya bara baraa ni qabaata Foon koo kan hin nyaanne Dhiigakoo kan hin dhugne garuu itti murtaa`a(Mat 26:26), jedhamee ammo dirqamni itti fufeera. Fooni fi Dhiiga isaa nyaachuu dhabuun keenya nutti murteessisa. Fooni fi Dhiiga Gooftaa fudhachuu qofti garuu nun fayyisuu.

Kanaaf Gooftaan fayyisaa keenya jennee amannus dirqamoonni ammo fayyina xumuraa namaaf kennan akka jiran beekuuq abna malee,akkasuman caqasarra Iyyasuus,akkana,akkasi…..jedhanii shamaddaduun fayyina hint a`u.
C. Amantaan sirriin meeqa?Gooftan hoo meeqatu jira?
Namni amantaa Ortodooksii gadi lakkisu amantaan siriin kiristoosin meeqatu jira jedhee aman?Lamaa,sadii……Lakki akkuma kirstoos tokko ta`e amantaan tokkodha jedha.Amantaan sirriin takkitiidha malee haaran,ykn lamaa sadi hin jiru. “Akkuma abdiin waamichaa inni isin ittiin waamamtan tokkicha ta’e, dhaqni tokko, hafuurris tokko, Gooftaan tokko, amantaan tokko, cuuphaan tokko.” (Eef. 4:4) ammas deebisee kitaabni "amantaa yeroo tokko qulqullootaf kennamteen qabsaa'a!"(Yihuda 1:3). "Karaarra dhaabadhas, ilaalas. kara isheen duraas gaafadha. kara ishee bayeettin eessa akka jirtu bara. Isheerras deemaa, lubbu keessaniif boqonnaa argattuu(Erm 6:16). Amantaa yeroo tokko Qulqullootaf eebbifamtee keennamteen qabsaa'uu dhabuun keenya nutti murteessisa, amantaa yeroo tokka qulqullootaf kennamtee keessa deddebi'uu qoftii garuu nu hin fayyisu.

Kanaafidha qulqulluu Phaawulos ergaa isaa irraatti "Kanas argadhee waanan guuttadheef miti; garuu Kiristoos kan Isaa waan na godhateef, anis isa kana bira ga'ee harka koo keessa galfachuudhaaf duukaa kaachuutti nan jira. Obboloota koo, ani akka nama harka isaa keessa isa galfateetti of hin lakkaa'u. Haa ta'u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha. Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Iyyasuus Kiristoos itti ol nu waamee dha(Fil 3:12-14)
Walumaa galatti namni tokko, guyyaa yaadan qalbiidhan, qaaman luka isaa mana kiristaanaa keenya keessa baasu, kiristoos isa dhugaa sana of keessaa baasee kan biraa uffachuuf deema jechuudha. Barsiifni sirriin mana kiristaanaa kana keessatti lallabama waan ta`eef. Gaafa amantaa kiristaana Ortodooksii keessaa bahu, caalatti kan Kirstoositti dhiyaate itti fkkaatu iyyuu, onnachuu fi kan dhugaan ifeef ta`ee kan yaadu ta`u iyyuu inni caalatti kiristoosirraa kan fagaatefi humna Waaqummaa Iyyasuus kirstoos kan gane ta`uu isaa hubachuu qaba.
Egaa Waaqa jennee deebinee amalaajii (araarsaa jechuurraa) waaqni nu haa baraaru. Nuti inni Waaqa keenya jennee isaaf sagadna, sooma isaa soomna, guyyaa dhaloota isaa,cuuphaa isaa,fannisamuu isaa,du`aa ka`uu isaa,ol ba`uu isaa,Afuura jireenyaa nuuf erguu isaa kana hunduma ni kabajna ni beeknas.Barsiisni kanarraa adda ta`enu irratti aboo hin qabaatin…maqaa kiristoosin seexana baasaa turre,tinbiitii dubbachaa turre,Yaa Gooftaa yaa Gooftaa jennee iyyaa turree..ooda ani isin hin beeku asii badaa jedhamurraa Waaqayyo nu haa baraaru.
Ammoos Waaqi iccitii abbota keenya duuka bu`ootaaf, hayyoota amantaa keenyaa qulqulluu Atinaatewos, Qeeloos, Eephifaanewos,Gorgoroyoos lamaan, Yohaannis Aafwaarqee fi kan birootif ibsee,diina durumayyuu diinummaan isaanii beekame qaanesse, humnaa fi arraba moo`ichaa nuuf haa ta`u//Ameen.

Hin shakkinaa nuti jiraattotaa.Hin shakkina nuti Kiristoos isa dhugaa qabnneerra.Isattis amanneerra. Hin shakkina nutii bobaa fayyisaa isa dhugaa jala jirra. Hin shakkina nuti Maqaa Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutin cuuphamneerra. "Iyyasuus Kiristoos kaleessa hardhas borus hanga bara baraatti isuma waan ta`eef barumsa keessummaa adda addaa haaraa ta`een hin fudhataminaa" (Ibroota 13:9) akka jedhee kitaabni akka nu abboome,mana dhagaa kattaarratti ijaaramne waan taaneef bobaa Waaqayyo jala jirra. Kiristoosin chaappeffamneerra. Diina chaappaa kana nurraa haquuf maqaa isa fakkaatu sobaa nu dura qabu irratti haa dammaqnu! Warraa akka seexanni Gooftaa yemmuu gadaamii Qornxoositti yemmuu qoraa ture sana kitaaba qulqulluu irraa caqasa caqasee sana ammas warra sobaan caqasa tarreessan irratti dammaqaa!