Saturday, January 18, 2014

Ayyaana Cuuphaa



Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon! Ameen.
“Gocha isaa akka hordoftanii Isiinis rawwattaniif Kiristoos fakkeenya isiniif kenneera” 2Pheexroos. 2:21
                                                                                        D/n Guutaa charuu 
 

Waaqayyoo Gaafa Addaam ilmasaa akka fakkenyaa fi bifa isaatti erga uumee booda gorsa kenneef.Gorsa isaa kanas fudhatee akka itti jiraatuufidha. Bakka jiraadhu jedhee itti agarsiise, wanta inni fakkeenyaan barsiise sana dhiisee ajja Uumaa isaa diduudhaan gorsa diinaa fudhatee  duuti barabaraa irratti murteeffame. Waaqayyo gochaan mukti kun kanadha, kun immoo kanadha jedhee isatti hime. Daandii fi fakkeenya Waaqayyoo fudhachuu dadhabuun immoo gahee Addaamidha. Kanaafidha qulqullichi Pheerxoos  “Gocha isaa akka hordoftanii, rawwattaniif Kiristoos fakkeenya isiniif kenneera” (2Pheexroos. 2:21). Dhalli namaa jalqaba abboommii  Waaqayyoo cabsee gorsa seexanaa dhagahuudhaan muka Jannata keessa jiran hunda nyaadhu muka isa waan gaarii fi yaraa nama barsiisu kana immoo hin nyaatiin jedhame nyaachuun dhala namaa hundarratti duuti du’aa irratti murtaa’ee abaarsaan jiraachaa turan. 

Har’as Waaqayyo fakkeenya kan nuuf kenne keessa tokko Cuuphaadha. Cuuphaan furtuu balbala Waaqayyoo banudha.Cuuphaan alatti eenyuu illee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin danda’u.Addaam akkuma Waggaa Soddomatti cubbuu rawwatee bakka jireenya isaa gannat keessaa godaane, Waaqayyoo baraan booda dirree gadameessa durboo Maariyaam taasifatee, foon isheerraa foon lubbuu isheerra lubbuu fudhatee guyya Kibxaata mooraa loonii keessatti dhalate. Abdiin Addaamii fi raajotaa ni mul’ate. Samii Addaan kuttee yoo dhufte maal ta’a kan jedheenii raajoonni dubbatan (Isaa. 64:1), samii teessoo irraa gad bu’ee mooraa loonii keessatti gad of qabummaan dhalate. Jaalalli Addaam Ilma teessoo irraa gad harkise (fide).Addaam akkuma dargaggeessa waggaa soddomaa ta’ee uumame, waggaa torba boodatti dogongore.Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos mucummaa Addaam deebisuudhaaf dhalatee waggaa soddomatti laga Yordaanositti harka Yohaannisitti cuuphamee namootni hundis akka fayyaniif lammata dhalachuuf cuuphamuu akka qaban barsiiseera.ofii isaa cuuphamuudhaanis seera  nuuf bu’uure. Kan Kiristoos hundeesseen alatti immoo eenyullee hundeessu hin qabu.(1Qor 3:11).

Erga hundeessee booda Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhuma barumsa isaa irratti akka nutis gocha isaa ilaallee, fakkeenyuummaa isaa hubannee gara hojiitti jijjirree mucummaa isaa ganamaa sababa Abbaa keenya Addaamiin dhabne sana akka argannuuf “Rawwadhaa” jedhee nu ajaje. (Yoh. 3:5). Kanarra darbee akka nuti warren ifa hin argatiin, carraa jireenya bara baraa hin argatiin  akka deemnee ibsinuuf “Iftii keessa kallatti maratti haa ifu” (Yoh. 17:1) erga jedheen booda “Deemaatii maqaa Abbaa  Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiin cuuphaa duukaa buutota koo taasisaa” jedhee duuka buutota isaa ajajeera (Maat 28:19). Akkuma qulqulluun Pheexroos “Gocha isaa akka hordoftanii, rawwattaniif Kiristoos fakkeenya isiniif kenneera” 2Pheexroos.2:21 jedhee; isaanis ajaja barsiisaa isaanii irraa kennameef fudhatanii namoota addunyaa Wangeela barsiisuun cuuphanii ijoollee Waaqayyoo taasisaniiru. Har’as Manni-Kiristaanaa keenya namoota Waaqayyo filate hunda cuuphuun mucummaa Waaqayyoo ni kennitiif. Kun immoo Waaqummaa Kiristoos ragaa bahuudha.“Nuti wanta ija keenyaan argine, gurra keenyaan dhageenye hunda raga ni baana” akkuma jedhan barattoonni Gooftaa.(Yoh. 3:12, Hoj. 4:20).Sababni isaas wanta Faayisaa fi qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos barsise hundaa waan dhaga’aniif, raajii fi hojii isaas ija foonii fi Hafuuraan waan arganiif. “Kana hundaa gurri koo dhageesse jirti, Ijji koos argitee jirti” akkuma jedhe raajichi Iyyoob. ( Iyyoob. 13:1 ). Kanaaf yoo hojii abbaan keenya rawwate sana rawwachuu ni qabna. Sababni isaas inni fakkeenya nuuf ta’e waan ta’eef.
Garagarummaan cuuphaa keenyaa fi gooftaa maaliidha?
Cuuphaa faayisaa, qorichaa fi Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan xalayaa badii diinni keenya seexanni barreesse barbadeessuuf cuuphamedha. Cuuphaan keenya immoo “Cuuphaa mucummaa Sillaasee itti argannudha. Cuuphaan kunis nuti ilma Waaqayyookan ittiin taanuu fi Waaqayyoos abbaa kan ittiin nuuf ta’udha. Qulqulluun Phaawuloos waa’ee kanaa akkana jechuun ibsa “Abbaa Abbaa jennee akka waamnuuf inni Hafuura isaa nuuf kennee mucaasaa nu taasifate” jedheera. Gal 4:4-7. Mucummaan keenya jalqabaa jechuunis, kan Addaamiif kenname sababa cubbuun nurraa ka’ee jira. Mucummaa kana nuuf deebisuudhaaf Waaqayyo lammaffaa akka isarraa dhalannuuf cuuphaa nuuf kenne. Cuuphaan Waaqayyoo ilmummaa Abbaasaa argachuu osoo hin ta’iin, nuuf fakkeenya ta’uu fi xalayaa yakka keenyaa kan seexanni laga Yordaanositti barreessee awwale barbadeessuudhaaf. Ilmummaan isaa dur osoo samii fi dacheen uumamtootni kamiyyuu hin ummamin dura, osoo Abbaawaliin yeroodhaan wal hin caaliin inni Abbaarra dhalate waan ta’eef. (Yoh. 17:16, Faar. 9:2).  Cuuphaan Gooftaa saba hin amannee fi saba alaagaa ykn hin amanne tokko taasisuu fi jibba gidduu isaaniitii balleessee jaalala gidduu isaanitti uumuudha. Gooftaan kan cuuphame, Sadummaa isaa ragaa bahuuf. Kunis Abbaan samiirraa taa’ee bifa dumessaan “mucaan koo inni ani jaaladhu kunoo  isakanadha” jedhee ragaa baheera, Hafuurri qulqulluun immoo bifa gugeen irra qubattee jirti. Maat.3:1-10. Cuuphaan Waaqayyoo Ilmaa raajota kakuu moofaan kan dubbatame, ifa kan taasiseera. / Faar.76(77):16, R.Hiizqi’eel 36:35 /. Kan keenya garuu gahee fayyuuf nurra barbachisuu bahuudhaaf. Sabanbi isaas ilmi namaa fayyuuf wanti isarraa eegalu ni jira. Gooftaankeenya Fayyina kennaa al tokko saba addunyaaf gidduu galleessa lafaa kan tatee Qaraniyoo irratti fannifamee, nu fayyiseera. Waan inni al tokko fannifamee nu fayyiseef, harka keenya marannee hin teenyu. Gahee fayyuuf qabnu kan nurraa  barbachisu keessaa tokko cuuphaadha. Cuuphaadhaan alatti Mootummaasaa dhaaluun hin danda’amu.Sababni isaas mallattoo mucummaa waan hin qabneef.
Cuuphaan maaliif barbaachisee?
      Dhalli namaa jalqaba abboommii  Waaqayyoo cabsee gorsa seexanaa dhagahuudhaan muka Jannata keessa jiran hunda nyaadhu muka isa waan gaarii fi yaraa nama barsiisu kana immoo hin nyaatiin jedhame nyaachuun dhala namaa hundarratti duuti du’aa irratti murtaa’ee abaarsaan jiraachaa turan. Bara booda Gooftaan Iyyasuus biyya lafaa kanatti yeroo barsiisaa ture “Dhuguma dhuguman isiniin jedha namni lammata bishaanii fi afuura irraa dhalachuu baannaan jireenya bara baraa hin qabu (Yohaannis 3:3-6)” jedhee akkuma dubbate cuuphaan kan barbaachise jireenya bara baraa argachuuf ykn immoo Mootummaa Waaqayyoo dhaaluf jechuudha. Kiristoosiitiin kiristaanota, Ilmaan immoo ilmaan (Ijoollee) Waaqayyoo kan nu jechisiisu cuuphaadha. Akkuma namni haadhaa fi abbaa isaa irraa al-tokko qofa dhalatu Cuuphaanis erga takkaa cuuphamanii irra hin deebi’amu; Qulqulluu Phaawuloosiis “Cuuphaanis Gooftaaniis amantiinis tokkuma (Efeesoon 4:5)” jechuun kiristaanota bara sanaaf nuuf warra boodaafis barreesseera. “Cuuphamu keenyaan gamtaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristsoosi taane” jechuun qulqulluun phaawuloos akkuma dubbate, (Gal. 4:7 )
Gaaffii:Manni Kiristaanaa Ortodoksii yeroo maraa maaliif cuuphaa jirtiree erga cuuphaan tokko qofa ta’ee?(Efeesoon 4:5)
Deebii: cuuphaan gosa sadittu jira. Kunis kaayyoo addaa adda irratti hunda’uudhaan. Kunis:
1.      Cuuphaa mucummaa: cuuphaan kun al tokko qofa kan kennamudha. Namni tokko dhalatee yoo dhiira ta’e guyyaa Afurtamatti, yoo durba ta’ee immoo guyya saddettammaffatti(80ffaatti) kan cuuphamuun mucummaa Sillaasee argatanidha. Kunis sababa tokko malee kan rawwatu miti. Mana-Kiristaanaa Orotodksii Tawaahidoo keessatti wanti tokko illee fakkeenya ykn kallattiin kan macaafa qulqulluu lallabdudha. Kakuu moofa kakuu haaraadhaaf gaddisadha. Gaaddisni kun kakuu haaraadhaan ifa bahee ni mul’ata. Sababni guyyaa afurtammaffa(40ffaa) fi saddetamaffatti(80ffaatti) mucummaanis kan kakuu moofaa keessatti gaaddisaan(dhoksaadhaan) ture sun kakuu haaraa keessatti ifa bahee(qabatamaan) mul’ate. Gooftaan cuuphamees akka cuuphamnu nu taasise. Kiristoos jedhame, Kiristaanoota maqaa urja’aa fi kabajamaa karaa cuuphaasaan nuuf kenne.
Cuuphaan icciitiiwwan Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo keessatti raawwataman keessaa isa tokkoo fi kan jalqabaa yommuu ta’u, amantoonni kan mana amantaatti ittiin galan, mucummaa fi kabaja Waaqayyorraa kan ittiin argatan dha. Icciitii wanti jedhameefiis mucummaa Sillaasee (Sadummaa) isa ijaan hin argamne kan ittin argannuu fi warreen hin amanneef icciitii jedhama.
Gaaffii: “Isin cuuphamuun duratti Musliima turtan jedhanii kan lallaban ni jiru kun sirriidhaa?”.
Deebii: yeroo baay’ee gaaffiin kun warreen saba Muslimotaa irraa kan maddudha.Akka yaada isaaniitti “namni tokko yoo nama kiristaanaa tokkorraa dhalate, hanga cuuphamutti musliimadha” jedhu.Kuni gonkuma dogongora. Maaliif yoo jenne,cuuphaan adeemsa kiristaanonni yemmuu kiristaanummaa keessa jiraatan raawwatan keessaa tokko, kan jalqabaati jechuu dha malee,sana dura namni suni kan amantaa biraati yookan 'kan Waaqaatii miti' miti jechuu miti.Kan ragaa chaappaa ittiin argate Meerooniin mallatteeffame jechuu dha malee.   Waaqayyoo amantaa tokko qofa nama jalqabaa Addaamiif kenne. Waaqni waaqeffamus tokko qofa ture. Qulqulluun Phaawuloosis, “Amantiin tokko, Gooftaan tokko” kan jedheef kanafidha. ( Efesoon. 4:5). Duuka bu’aan Gooftaa kan obboleessa jedhamee waamamaa ture, qulqulluu Yihudaan akkana jedheera, “Amantaa tokkittii abbootiidhaaf kennamteef akka wareegamtaaniif, Isiniif barreessuuf dirqisiifameera” jedheera. (Yihuuda. 1:3 ). Amantaan jalqaba turte kunis kan boodarra  “Ortodoksii” jedhamte dha. “Orto” jechuun “sirrii” “Doksii” jechuun immoo “Kallattii(daandii)” jedhama.
Waaqayyo Addaam uumuun duratti, dacheen kunis osoo hin uumamiin duratti dacheen kun bishaan turte. Bishaanirras Hafuura Waaqayyootu ture.Gaar-tokkeen bishaaniis “Dachee” ta’e.Dachee kanarraa Addaam namni jalqabaa uumame.Kana jechuun Addaam cuuphameetu uumame jechuudha. Bishaan sana irra immoo Waaqayyo Hafuura irra bulche. (Uum. 1:3). Har’aas cuuphamuun duratti Abbootiin kadhannaa kan bishaan irratti geggeessaniif Waaqayyo Hafuura akka irra bulchuufidha. Erga irra bulee ni cuuphamna. Egaa Addaamis erga bishaanirra hafuurri Waaqayyoo bulee uumame,Uumamuun isaa kun mucummaa Waaqayyoo cuuphadhaan fudhachuu(argachuu) isaa agarsiisa. Namni addunya kanarra jiru hunduu cuuphaa jalqabaa sana cuuphamneerra. Cuuphaa mucuummaa Waaqayyoo jalqabaa sana sababa cubbuu Addaamiin dhabneerra. Jannata iddoo jireenya keenyaa irraas ari’amnee baaneerra.Mallattoo mucummaa waan ganneef.Fayyisaan keenya Iyyaasuu Kiristoos garuu mucummaa keenya nuuf deebisuuf kakuu haaraa keessatti ofii isaatii cuuphamee, cuuphaa keenya eebbise. Har’a warreen cuuphaa kakuu haaraa hin cuuphamne, achumaan bannee hafna kan jedhu fudhataanii malee, osoo mucummaan kaleessa nuuf kenname nurraa fudhatame sana lammaffaa ni arganna jennee lammaffaa cuuphamuun dirqama nutti ta’a. sabni kakuu moofaa waadaa Waaqayyo abbootiidhaaf gale yaadatee akka Musee fa’a “Wadaa Abbootii keenyaaf galte ilaali nu ijoollee kee nu yaadadhu” jedhee kadhate ture. (Seera Ba’uu 32:13-14). Sababa Kanaaf “Duumessaan akka isaan cuuphaman taasise” (Seera. Ba’uu 13:21-22, 1qor.10:1 ). Kanaaf akakuu moofaa keessatti illee cuuphaman jechuudha.Warreen cuuphaa kakuu haaraa hin cuuphamnu jedhan mucummaa nurraa fudhates, mootummaa isaas hin barbannuu jechuudha.
2.      Cuuphaa dhukkuba irraa fayyisu:cuuphaan kun yeroo namootni dhukkuba foonii isaanii irraa akka fayyaniif  kan cuuphamanidha. (Hizqi’eel 36:25 “ani bishaan qulqulluun isinitti facaasa isinis ni qulqullooftu”).
3.      Cuuphaa qalbii jijjirannaa(gaabbii): Yohaannis Cuuphaan warri Yihudotaa Gooftaa akka fudhataniif (itti amananiif) karaa haxaawaa kan ture yommuu ta’u yeroo kana cuuphaa kiristaanummaaf qopheessuuf yoo jedhu cuuphaa gaabbii ykn qalbii jijjiirrannaa isaan cuuphaa ture. Cuuphaan gaabbii kunis ilmummaa Waaqayyoo kan argamsiisu otoo hin ta’iin, yoo yeroo soomii waanta nyaachuun hin eeyyamamne nyaanne abbotni nutti facaasan(nu cuuphu) . Dabalataanis namni cubbuu hojjete abbaan gaabbii isaa qannoonaa isaaf kenne erga raawwatee booda ni cuuphama. Kunis Yohaanniis akkas jedhee waan dubbateefi “Yohaannis  biyya naannoo Yordaanos keessa deemee cuuphamaa, yaada garaa keessanii geeddarachuu keessan mul’isaa, Waaqayyos cubbuu keessan isiniif ni balleessa(ni dhiisa)” (Luqaas 3:3). Manni-kiristaanaa keenyas namni tokko Waaqayyorraa fagaatee yoo gara Waaqayyootti deebi’u cuuphaa kana ni cuuphdi. Gooftaan yeroo cuuphu, Yohannis cuuphaanis saba cuupheera. Cuuphaan Yohaannis cuuphaa lammaffaa dhalachuu jechuu hin dandeenyu. Sababni isaas kan isaa cuuphaa gaabbii waan ta’eef.

Cuuphaadhaaf bishaan maaliif filatame?
Sababiin inni dura Gooftaa fi Fayyisaan keenya kaayyoo inni dhufeef  keessaa tokko fakkeenya nuu ta’uuf waan tureef inni bishaaniin akkuma cuuphame, nutis kiristaanonni bishaaniin cuuphamna (Maatewoos 3:13-16). Karaakan biraa yommuu barsiisaa turettis dhalli namaa Mootummaa isaa dhaaluuf bishaanii fi afuura irraa dhalachuu akka qabu ajajeera (Yohaannis 3:3-6). Inni lammaffaan erga Gooftaan gara samiitti ol-ba’ee booda duuka buutotni isaa bishaaniin namoota amanan cuuphaa turaniiru (Hojii Duuk 8:38).Sabni bishaan akka badii qofatti ilaalaa turan malee akka fayyinaaf oolutti hin ilaalan ture.Inni sadaffaan Bishaan bakka hundaatti nama hundaaf walqixxeetti argama;dureessii fi hiyyeessi gatii tokko malee argachuu ni danda’u. Cuuphaanis nama amane hundaaf gatii tokko malee wal-qixxummaan kennamuu isaa ibsa. Bishaaniin yommuu dhiqatan akkuma xurii namarraa qulqulleessu akkasuma cuuphaanis cubbuutiin lubbuu xuroofte sana qulqulleessee ijoollee Waaqaa taasisa jechuudha. Raajichi Hiisqi’eelis “Bishaan gaarii isinittin facaasa isinis ni qulqullooftu” (Hiizqi’eel 36:25) jedhee dubbachuun isaa bishaan cuuphaaf filatamuu isaa nuuf ibsa.

Bishaan keessa seenanii cuuphamuun maaliif barbaachise?
Gooftaan keenya kan cuuphame bishaan keessa seenuudhaan ture (Maat. 3:16). Manni amantaa bara duukaa buutotaaa turtes akkasuma gochaa waan turteef, “Isaanis gara bishaaniitti wal-fudhatanii bu’an (Hojii Duuk. 8:38)” nutis fakkeenyummaa kan fudhanne akkasitti sirna cuuphaa raawwanna. Karaa kan biraa yommuu cuuphamnu bishaan keessa seenuun keenya Kiristoos wajjin awwaalamuu keenyaaf fakkeenya yommuu ta’u, cuuphamnee bahuun keenya immoo Gooftaa wajjin du’aa ka’uu keenyaaf fakkeenya ta’uun agarsiifama.Roomee 6:4 “Nuyi cuuphamuudhaan du’a isaatiin isatti dabalamnee isa wajjin awwaalamneerra;...”.
Gooftaan maqaa eenyuutiin cuuphamee?
Gooftaan yeroo Yohaannisiitiin na cuuphi ittiin jedhu yohaannis immoo “warra kaan maqaa keetiinan cuupha,siin immoo maqaa eenyuutiinan cuuphaa?  Maqaa Abbaatiin yoon jedhe ati abbaa keessa,abbaanis si keessa jira;yoon maqaa ilmaatiin jedhe ilmi sumadha;maqaa afuura qulqulluutiin yoon jedhe afuurri qulqulluun jireenya keeti.Kanaafuu maqaa eenyuun sicuuphuree?” Jedheetu isa gaafate.Gooftaanis deebisee, “Akka Melketsedeqitti aangoon lubummaa kee bara baraan kan ta’e,ifa kan namaaf ibsitu ,Ilma Abbaa (waaqa jiraataa), yaa isa bara baraan jiraattuu maaloo cubbuu  koo irraa na dhiqi(na qulqulleessi) jedhiitii na cuuphi ittiin” jedhe.Yohaannisis akkuma ajajametti ni raawwate.
Yohaannis yeroo isa cuuphe maaliif harkasaa irra kaa’uu dhiisee?
1)Yohaannistu cuuphaadhaan isa dibe (aangoo hunda kenneef) akka hin jedhamneefidha.sababni isaas namoonni bara sanaa gooftaa caalaa yohaannisiin kabaju ture.
2) Waaqummaa/amalummaa harkaan tuquun waan hin danda’amneefidha.Icciitiin tokkummaafi sadummaa achitti ifa bahee wayita beekame kabajni kiristoos ifa ni bahe.
Maaliif halkaniin cuuphamee?
1)Isaayyaas 9:2 saba dukkana cubbuu keessa tureef ifni/ifti akka bahuufi dukkanaan kan fakkeeffamu kakuu moofaa uummata tureef ifa kan ta’e wangeelli ifa bahuu isaa kan  ibsudha.
2) Gooftaan dhalachuunsaa, cuuphamuun isaa,du’aa ka’uun isaafi lammaffaa deebi’ee dhufuunsaa halkanidha.Kun immoo kan agarsiisu dukkanicha halkaniitti aansee kan dhufu ifa miidhagaa fi nama hawwatudha.Akkasumas dukkana si’ool irraa gara ifa mootummaa isaatti, dukkana du’aa jalaa ifa jireenyaatti, haamilee dukkanaa’aa fi abdii kutachiisaa keessaa gara jireenya abdii bara baraatti bahuu agarsiisa.
3)Afuurri qulqulluun bifa gugeen buutuun gooftaarra waan bu’eef “kan isarra bu’e gugeedha malee afuura qulqulluu miti” akkaa hin jenneefidha namootni.sababni isaas gugeen halkan hin deemtu(hin jirtu).kanaafuu akka Afuura qulqulluu ta’e haa hubataniifidha  .
Guyyaa ballaqqeessa amantaa
       Guyyaan kun keessumattuu hiddi amantaa  kiristaanaa lafa akka qabatu kan itti ta’e dha. Sababni isaas: kiristaanummaa jechuun Waaqa tokkummaaf sadummaan jiraateef jirutti amanuudha.Jaarra hedduf icitiin kun dhokatee namoota heddu burjaajessaa tureera guyya cuphaa kanatti garu iciitiin Sillasee(sadumma) haala ifa ba’een Waaqni abba samii keessaa “Ilmi koo Inni jaallatamaa isa kanadha isa dhaga’aa yommuu jedhu Afuurri Qulqulluunis bifa gugee(bullaallaatiin) dhufee irra buufate Ilmis Foon namaa uffatee galaana yordaanositti qaamaan sadii ta’anii fedhaan tokko ta’anii mul’ataniiru. Kunis iccitii Sillaseef balaqqeessa addaa ture.
Sadummaa yammu jennu sadummaa adda ta’e dha.kunis
·        Maqaa tiin: Abbaa, Ilmaa fi Afuura Qulqulluudha.
·        Qaamaan: abban qaamasirrii Bifa sirrii fuula sirrii qaba; Ilmaafis Afuura qullqullufis akkuma kanaati
·        Raawwiidhaan: abban ni dhala, Ilmi nidhalata, Afuurri Qulqulluun ni ba’a abbaa biraa.
Tokkummaan isaniis: Uumuudhaan,adunyaa dabarsuudhaan,fedhaan,amalaan,jiraachuudhaan kkf tokko dha.
Egaa iccitiin kun gooftaan keenya yeroo cuuphamu dhalli namaa hundinuu hala hubatuun mul’atuyyuu namni hanga hara’aatti gufannaa keessaa hinbaane.Namootni waaqaan filataman qoftii amantaa kanaan dhabbatanii hanga dhufaatii isaatti jiraatanii mootummaa isaa kan dhaalan ta’u.
Taboonni maaliif cuuphaadhaaf gara lagaa adeemaa?

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Taboota fakkaata!

Taboonni muka hin ciqnee fi hin jijjiramne irraa hojjeetame. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis cubbuun kan isheetti hiin jirre (kan cubbuun ishee irra hin jirre), qulqulleettii durbee Maariyaam irraa foon ishee irraa foon, lubbuu ishee irraas lubbuu hirmaatee dhalachuun isaa “Taboota muka hin ciqne fi hin jijjiramne irraa hojjetame” isa jechisiiseera.Gooftaan osoo adda ba’insa hin qabaatiin amala waaqummasaatiin foon namaa waan uffatee tokko ta’eef “Muka hin ciqnee fi hin jijjiramne” jedhameera.
Taboota” jechuun “doonii” jechuudha.Haala kanaan immoo gooftaan keenya Taabota jedhameera. Malka’a Iyyasuus irratti barreessaan galatichaa “Yaa gooftaa koo Iyyaasuus, fuula kee ifa aduu/ biiftuu caalaa ifuuf galanni haa ta’u. Mul’anni ifti mataa keetii kan addeessaa waan caaluuf, yaa uumaa koo, yaa Kiristoos waadaa kakuu taboota jireenya Nooh si’idhaa waan ta’eef; yeroo bishaan badii roobu, dinqa bobaa keetii keessa naa dhokfadhu(dhoksadhu)” jechuun dubbateera.
 Gooftaan keenya doonii Noohitti fakkeeffamuun isaa, lubbuuwwaan bara Nooh keessa doonii hin seenne bishaan badiitiin waan du’aaniif, kan barumsa qulqulluu Nooh dhaga’anii gaabbii galuun doonii keessa galan jireenya akkuma argatan, kan yeroo ammaa kana waaqummaa gooftaa keenyaatti hin amannettis akkuma bara Nooh sana bishaan du’aa itti marseetu (duuti bara baraa itti marseetu jira).Duuti bara baraas itti murtaa’eera. Kan Waaqummaa isaatti amananii barumsa abbootii amantaa dhagaa’anii cubbuu rawwatan irraa deebi’anii gaabbii galuun foon isaa kabajamaa fi dhiiga isaa qulqulluu fudhatan jireenya bara baraa ni argatu. Warreen foon isaa kabajamaa hin nyaanne, dhiiga isaa qulqulluu hin dhugne, carraan isaan quunnamu yoo jiraate gara garba dheekkamsa abidda bara baraan boba’uutti darbatamanii ni kufu. Gooftaan keenyas “Kan natti amane jireenya bara baraa ni argata” jedheera. / Yoh. 10:9/
 Abbaan keenya qulqulluun Efreem “Taabota muka hin ciqnee fi hin jijjiiramne irraa kan boocame, keessii fi alli isaa/ bakkeen   isaa warqiin kan aguugame, osoo adda ba’insa hin qabaatiin nama kan ta’e jecha Waaqayyooti” jedheera. (Galata Maariyaam  Guyyaa Dilbataa).  Akka ibsa jecha abbaa keenyaa kanatti “Maqaan ilmaa” “jecha” jedhame barreeffameera. / Yoh 1:1/
Macaafa abbootii amantaarratti “Ilma erga ta’een booda masii, Iyyasuus, taabota, araarsiituu, angafaa warren du’aanii, akkasumaas warren muganiiif ka’umsaaf angafa, hunda kan bitu, uumaa kan jedhamee fi maqaaleen biroo ittiin waamamu ni jiru.Kakuu moofaa keessattiosoo nama ta’ee gara addunyaa kanaatti hin dhufiin dura sabni addunyaa kakuu moofaa keessatti maqaa adda addaan waamaa turan, akkasumas erga foon namaa uffatee; kakuu haaraa keessatti nama ta’ee sabni isaa fi warreen biiroo waamaa turan  hunduu isaaf maallaqa dhuunfaasaa kan eenyu itti fayyadamuu hin dandeenyedha. Yomiyyuu inni isuma.Yeroon(baraan) kan jijjiramu miti” jechuun gooftaan akka taboota jedhamu barreessaniiru. Amantaa Abbootii Zaqerloos(Haymanote Abew) 81:8
 Moggaasni taabota jedhu moggaasa waaqni erga nama ta’ee booda keenamedha. Fooniif “Jechi foon ta’e; nurras bule” jedhamee akkuma barreeffame waaqummaan fooniin tokko akka ta’e ibsuuf maqaan taabotaa/ bultoo jedhu ni kennameef. / Yoh 1:14/. “Bule”kan jedhu yemmuu hiiknu malee, “ta’e” kan jedhu foon amala waaqummaa wajjin tokko ta’u isaa yenna dubbannu kan itti qanoofnu miti. Sababni isaas amalli waaqummaa foonitti jijjirame jechuun shakkitoonni ni dubbatu, ni barsiisus.   
Taboonni Gooftaa bakka waan bu’uufidha.  Taboonni bakka Gooftaa, durboo Maariyaamii fi tokkoon tokkoon keenya kan bu’udha. Kanaaf guyyaa cuuphaa bakka Gooftaa bu’ee ni adeema. Kunis cuuphaa yaadachuudhaaf malee, Taboonni bishaan seene baha jechuu miti.
Maaliif Taboonni daandii gaafa laga cuuphaa bu’u sanarra gaafa galu irra adeemee hin galle?
Kun barumsa iccitiin barsiifamuufidha. Kunis kan agarsiisu, warren mootolee baha fagoo Gooftaaf sagadanii deebi’an akka daandii sanarra hin deebine Ergamaan Waaqayyoo waan itti himeef, sabni akka qorumsa Kiristaanaa irra jiru, gara fuulduraas akka jiru akka hubataaniifidha.
Kitaabboolee wabii
1.     Macaafa qulqulluu 81, bara 2000 waldaa macaafa Qulqulluu, finfinnee Itoophiyaa
2.     Amantaaa Abbootii Zaqerloos, Tinsaa’ee Zaguba’e, finfinnee Itoophiyaa
3.     Malka’a Iyyasuus, Garba Sillaasee , Aksuum 1998
4.     Galata Maariyaam Afaan Oromoo, Waldaa qulqullootaa, 2002 mega plc
5.     Bu’uura hundee Amantaa Ortodoksii, Waldaa Naahimiyaa, D/n Geetinnatii Fi Margaa Hurrisaa, 2006 Millenium plc
Galanni Waaqayyoof haa ta’uu.Ameen.

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.