Saturday, March 30, 2013

WNA.011 Torban Afraffaa(Matsaaguu)


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon! Ameen.

"Iyyasuusis, "ka'i! siree kee fudhadhuutii deemi!" jedheen. Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme." 

Wangeela Yohannis 5:8



Yeroowwan darban keessatti torbanoota duraa sadan ilaallee turre. Torban inni arfaffaan immoo akka Qulqulluu Yaareed kaa’ee faarfatetti “Matsaaguu” jedhamuun waamama. Kunis Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yommuu foon namaa uffatee biyya lafaa kanarra deddeebi’ee barsiisaa turetti dhukkubsattoota foonii dinqiisaadhaan dhukkubsattoota lubbuu immoo barumsa sagalee isaatiin fayyisaa ture. Egaa kanuma yaadannoo gochuu fi yeroo kanatti waa’ee dinqii inni hojjeteef galateeffachuuf Manni Kiristaanaa keenyi sirna kana diriirsitee ni kabajji wangeelas ni barsiisti. Guyyaan kun sooma Guddicha keessatti Sanbata guddaa isa arfaffaadha. Guyyaa kanatti Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhukkubsattoota fayyisuusaa, dinqiiwwaan gochuusaa,  isa gobaaxa’ee olqabuusaa, isa lamtsaa’ee qulqulleessuusaa waa’ee fayyisummaa waaqummaasaatu dubbatama, barsiisama waaqeffamas. “Masgaaguu” jechuun nama dhukkubsatee sireerratti kufee jiru jechuu yommuu ta’u Qulqulluun Yaareed  waa’ee namoota warra Kiristoosiin fayyanii fi fayyisummaa Kiristoos kan itti faarfate waan ta’eef Sanbatichi akkasitti moggaafameera



Guyyaa kanatti hayyichi Yaareed guyyaa Sanbataa dhukkubsattoota Gooftaan fayyise hundumaa yaadachaa jireenyaa fi qoricha isa ta’e Iyyasuus Kiristoosiin fayyani jedhee faarfate. Faarsaan inni Afaan Gi’iizidhaan yeedaloodhaan kitaaaba isaa “Tsoome Digguwaa” jedhamu irratti faarfate akkas jedha:

“Uumaan Addaam Sanbata boqonnaaf hojjete, Warri Yihuudotaas aangoo eenyuutiin kana goota jedhaniin; innis ani nan hojjedha isinis hojiikoo amanaa isaaniin jedhe. Gooftaan Sanbataa anadha; Gooftaan Sanbataa ilma tokkicha Abbaati. Lafarratti cubbuu akkan namaa dhiisuuf, bilisummaas akkan lallabuuf naa kennameera, ija warra hin arginee akkan banuuf (ibsuuf) Abbaan koo na ergeera” isaaniin jedhe.

Kanaafis guyyaa Sanbataatti qaro-dhabeeyyii fayyise, warra naafa diriirse, warra afuura hamaan qabaman fayyise, warra dhukkubasatanii sireerra ciisan sireerraa kaase, guyyaa kanatti boqonnaa akka argatan godhe. Kana gochuusaaf inni Gooftaa Sanbataati malee Sanbata hin kabajne hin jedhamu. Inni Sanbata hojiitti hiikee nuti guyyaa Sanbataa maal hojjechuu akka qabnu nuuf fakkenya ta’e. Nutis guyyaa Sanbataa akka warra Yihuudotaa harkaa fi miila marannee ta’uu otoo hin taane warra dhukkubsatee fi hidhame gaafachuun, warra rakkate gargaaruun, warra beela’e beela baasuun warra daare daara baasuun, warra gadde jajjabeessuun, kiristaanonni walii walii isaanii walgaafachuun waa’ee jireenya afuuraa isaaniif waljajjabeessuun yeroo kamiyyuu caalaa Waaqayyoon galateeffachaa waan gaarii hojjechuun yaadachuu fi dabarsuu qabna jechuu dha.

Dinqiiwwan Gooftaan guyyaa Sanbataa namoota dhukkubsatan fayyisuun raawwate keessaa; Mat. 5:1-25, 8:1-15, 20:29-30, Yoh. 9:1-7, Marq. 2:3-12 luqqisiiwwan kanarraa dubbisuun ni danda’ama.
Akka sirna Mana Kiriataanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyaa kana yeroo qiddaasee(galateeffannaa) kutaawwan Kitaaba Qulqulluu jechuunis ergaawwan duuka buutotaa, hojiin duuka buutotaa, wangeellii fi faarsaan Daawit dubbifamanii fi faarfataman:

Ergaa Phaawuloos gara warra Galaatiyaa 5:1- dhumaatti: (Kan dubbisu Daaqonii Tokkoffaa)
“Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase; kanaaf jabaadhaa dhaabadhaa! deebitaniis waanjoo gabrummaa jala hin galinaa. Mee dubbii koo hubadhaa! yoo dhaqna qabattan akka Kiristoos biratti waan tokko isin hin fayyanne ani Phaawuloos isinittin hima. Namni dhaqna qabatu hundinuu akka guutummaatti seera eeguun dirqama isaa ta'e ani ammas nan mirkaneessaaf. Isin warri seeraan qajeelina argachuu barbaaddan Kiristoos irraa gargari baataniittu; ayyaana irraas fagaattaniittu. Nu garuu karaa hafuuraatiin abdii qajeelinaa sana jabaannee amantiin eeggachaa jirra. Kiristoos Iyyasuus keessa jiraannaan dhaqna qabachuun yookaan qabachuu baachuun homaa hin fayyadu; wanni fayyadu amantii jaalalaan mul’ifamu qofa…

Ergaa Yaa’iqoob 5:14 hanga dhumaatti: (Kan dubbisu Daaqonii Lammaffaa)
Isin keessa namni dhukkubsatu jiraa? inni jaarsota waldaa kiristaanaa (Luboota) haa waamsifatuu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayita isa dibanii haa kadhataniifi. Kadhannaan amantiin godhamus nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa; yoo cubbuu hojjatee jiraates ni dhiifamaafi. Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaa; Waaqas walii kadhadhaa; kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjata. Eeliyaas namuma akka keenyaa ture; innis akka bokkaan hin roobneef jabeessee Waaqa kadhate; bokkaanis waggaa sadii fi ji'a ja'a lafa irratti hin roobne. Ammas deebi'ee kadhate; samiin bokkaa kenne; laftis midhaan baafte. Yaa obboleettan koo, isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa fagaate, namni kan biraan immoo yoo isa deebise, Namichi nama cubbamaa tokko karaa jallaa irraa deebisu sun akka lubbuu namicha sanaa du'a jalaa baasu, cubbuu baay'eellee akka dhoksu haa beekuu.

Hojii Duuka Buutotaa 3:1-12: (Kan dubbisu Luba isa Lammaffaa)

Gaafa-tokko Pheexiroosii fi Yohaannis yeroo kadhannaa jechuunis waaree booddee sa'aatii sagalitti mana qulqullummaatti ol-ba'aa turan. Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan "miidhagaa" jedhamuutti geessu turan. Innis otoo Pheexirsoosii fi Yohaannis mana qulqullummaa seenanii argee horii isaan kadhate. Pheexiroosis Yohaannis waliin namicha hubatee ilaalee "mee nu ilaali" jedheen. Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale. Pheexiroosis, "Ani meetii yookaan warqii hin qabu; ani garuu waan qabu sii kenna; maqaa Iyyasuus Kiristoos isa Naazreetiitiin ol ka'ii deemi!" jedhe. Pheexiroosis harka isaa kan mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miilaafi gulubiin (korony’oon) isaa ni jabaate. Innis utaalee ka'ee miilaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Waaqas galateeffachaa isaan waliin mana qulqullummaa seene. Namoonni cuftinuu yommuu deemuu isaatii fi Waaqa galateeffachuu isaa arganitti, Akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, "miidhagaa" jedhamu sana bira taa'ee kadhachaa ture sana ta'e hubatan; isaanis waan isaaf ta'e sanaaf akka malee ajaa’ibsiifatani; ni dinqifatanis. Namoonni martinuu yeroo namichi fayye sun Pheexiroosii fi Yohaannis biraa deebi'uu didetti ajaa'ibsiifatanii otoo isaan bakka gardaafoo Solomoon jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan. Pheexiroosis yommuu waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; "Yaa namoota Israa'eli wanni kun maaliif isin ajaa’ibsiisa? Akka waan nu humna yookiin qulqullummaa mataa keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maliif ija nutti babaaftu?

Faarsaa Daawit 40:3-4 ni lallabama: (Daaqonoonnii fi Luboonni akkasumas Uummanni walharkaa fuudhuun yeedaloodhaan lallabu)

Waaqayyo dhukkubsatee sireerra otoo jiruu ni gargaara
Bakka ciisa isaas yeroo dhukkuba isaa ni jijjiiraaf
Anis maaloo na fayyisi siinin jedha.

Wangeela Yohaannis 5:1-25: (Kan dubbisu Luba Tokkoffaa)

Kana booddee ayyaana Yihuudotaatu ture; Iyyasuusis Yerusaalemitti ol-ba'e. Yerusaalem keessa karra hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiittiin Beetesaayidaa jedhamu tokkottu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba. Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri hokkolanii fi warri laamsha'an baay'een ciisanii raafama bishaanii eegachaa turan. Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gadi bu'ee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaatiin duubatti namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kamiyyuu dhukkuba cufa irraa ni fayya ture. Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko bakka sana ture. Iyyasuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketu "ati fayyuu barbaaddaa?" jedhee gaafate. Dhukkubsataani sunis, "yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu; yeroo ani seenuuf yaaluttis namni kan biraan na dursee seena" jedheen. Iyyasuusis, "ka'i! siree kee fudhadhuutii deemi!" jedheen. Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme. Guyyaan sunis Sanbata ture. Yihuudonnis, namicha fayye sanaan, "Har’a sanbata; kanaaf siree kee baachuun siif hin eeyyamamu" jedhaniin. Inni garuu, "namicha na fayyisettu 'siree kee fudhadhuu deemi' naan jedhe" jedheen. Isaanis, "namichi siree kee fudhadhuu deemi siin jedhe sun eenyu?" jedhanii isa gaafatan. Sababii Iyyasuus achi hiiqee namoota bakka sanatti tuutta'an keessa seenee tureef namichi fayye sun eenyu akka isa fayyise hin beekne. Iyyasuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, "ati kunoo amma fayyiteetta; rakkinni kana caalu akka sitti hin hindhufneef ammaan achi cubbuu hin hojjatin" jedheen. Namichis dhaqee kan isa fayyise Iyyasuus akka ta'e Yihuudotatti hime. Sababii inni guyyaa sanbataatiin waan kana hojjateef, Yihuudonni Iyyasuusiin arii’achaa fi ajjeesuufis ni barbaadu turan. Iyyasuus garuu, "Abbaan kiyya hanga har’aatti hojjachaa jira; anis hojjachaan jira" isaaniin jedhe. Seera Sanbataa cabsuu isaa qofa otoo hin ta'in sababii inni ofii isaa Waaqaan walqixxeessuudhaan Waaqni Abbaa kiyya jedheef Yihuudonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan. Iyyasuusis akkana jedhee deebiseef; "ani dhuguman isinitti hima; ilmi ofii isaatiin waan tokkollee hojjachuu hin danda'u; inni waanuma otoo abbaan isaa hojjatuu argu qofa hojjachuu danda'a; sababiinsaa wanuma Abbaan hojjatu ilmis hojjataatii. Abbaani ilma ni jaalataatii; waan hojjatu hundumas isatti ni argisiisa; akka isin maadeffattaniifis inni waan kana caaluyyuu isatti ni argisiisa. Akkuma Abbaan warra du'an cufa du'aa kaasee, jireenya kennuuf ilmis akkasuma nama jaalatuuf jireenya ni kenna. Abbaan eenyuttillee hin murteessu; murtii cufa garuu ilmatti kenneera; Kunis akka namni cufti akkuma Abbaaf ulfina kennutti ilmaafis ulfina kennuuf; namni ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa ilma ergeefis ulfina hin kennu. "Ani dhuguman isinitti hima; namni dubbii kiyya dhagawu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya barabaraa qaba; isattis hin murtaa’u; inni du'a jalaa gara jireenyaatti darbeera. Ani dhuguman isinitti hima; yeroon warri du'an itti sagalee ilma Waaqayyoo dhagaahan tokko ni dhufa; ammumayyuu dhufeera; warri dhagahanis ni jiraatu.

Ammaan achi Cubbuu hin Hojjatin Yoh 5:14
Gooftaa fi fayyisaan keenya namicha waggaa soddomii saddeet dhukkubsachuun sireerra ciise kana yeroo lammataaf mana qulqullummaa keessatti jecha itti dubbate dha. Namoonni Gooftaan fayyise dhukkuba isaaniif sababa adda addaa qabu ture. Inni kaan dinqiin Waaqummaa isaa akka agarsiifamuuf kan jaame ykn du’e ykn dhukkubsate yommuu ta’u, cubbuu hojjetaniif kan dhukkubsatanis turaniiru. Warra kana keessaa hayyoonni Macaafa Qulqulluu Mana Kiristaanaa keenyaa akka hiikanitti namtichi kun duras sababa cubbuutiin waan dhukkubsateef Gooftaan yommuu isa argetti kan caalu akka isa hin qunnamneef lammaffaa akka hin balleessine akeekkachiise. Deebitee cubbuu hin hojjetiin jechuun isaas dura sababa cubbuutiin dhukkubni bara dheeraa irra ture kun akka itti dhufe agarsiisa. Namtichi kun garuu jecha Waaqaa isa isa fayyisee dhiisee warra Gooftaa yakkan wajjin michoome booda inni warra Yihuudotaa wajjin Gooftaa himachuutti ka’e, isa ajjeesuuf warra barbaadu keessaas tokko ta’e. Gaafa Gooftaan qabame sanas inni kaballaadhaan dhahee ture; gatii inni dhukkuba isaa waggaa dheeraa irraa hiikeef isa fayyiseef  kaballaa kaffaleef, gatii inni du’a jalaa isa baaaseef  akka du’uuf Mootota fuulduratti ragaa ta’ee itti raagesse. Akkuma Gooftaan itti hime dura dhukkuba fooniin qofa rakkachaa ture amma deebi’ee waan balleesseef Waaqa isaas waan ganeef kan caalu rakkinni lubbuu itti dhufe, gidiraan foonii fi lubbuu irra ga’e, kuni dhukkuba dhukkuba caaludha, kuni du’a  du’aan oliiti, gidiraan waan akkasiitti qixxaatu hin jiru.

Egaa yaa obboloottan keenyaa tokkoon tokkoon keenya yommuu of ilaallu nuti yeroo meeqa balleessine, yeroo meeqa yakkine, yeroo meeqa Gooftaan gaddisiisnee. Inni garuu dhiifama isaatiin nuu dhiisee, daddarba keenya nuu darbee, duuti du’a caalu akka nu hin qaqqabneef yeroo hundaa lammata itti hin deebi’iin nuun jechaa gara isaatti deebi’uu keenya nu eega. Nuti garuu kana hunda yaadaa qabnaa laata, qalbeeffanneerraa laata, akka inni lammata itti hin deebi’iin kan caalu akka si hin qaqqabneef  jedhu hubannee beeknaa laata; mee gara yaada keenyaatti haa deebinu, mee haa xinxaallu, mee of haa yaadannu. Hangam akka nuti isa yakkine haa lakkoofnu, hangam immoo akka inni nuu dhiise haa hubannu. Kanaaf yaa jaallatamtootaa, ammaa achi yeroon keenya inni darbe nu haa gahu, akka duuti bara baraa inni kan duraa caalu nutti hin dhufneef qalbii haa jijjiirrannu, gara manasaattis haa deebinu, lammata yakkuu haa dhiisnu, yommus Gooftaa wajjin gammanna, isaa wajjinis jiraanna, fooni fi dhiiga isaa fudhanna isaa wajjinis tokko taana, jireenya bara baraa arganna. Waaqayyoon laphee fi qalbii itti karaa isaarra deddeebinu nuuf haa kennu, kadhannaan Haadha keenya Giiftii Maariyaamii nu wajjin haa ta’u. Ameen.

Kitaabolee Wabii
     1.     Macaafa Qulqulluu Afaan Amaaraatiin Qophaa’e 2000
     2.     Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootiin Qophaa’e
    3.     Li’ule Qaal (Barsiisaa), “Siri’aate Aamlikoo ZaOrtodooksi Tawaahidoo”,    Kitaaba tokkoffaa
   4.     Kitaaba Hiikkaa Wangeelaa, Mana Kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa
    5.     Gitsaawwee…



Saturday, March 23, 2013

WNA10.Torban Sadaffaa(Mikuraabi)


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko. Ameen.                                         
                                                                  Dn. Dachassa Kabbadaatiin
Maalummaa Mikuraabi
Mikuraabin gamoo sabni Waaqayyoo (Israa’elotni foonii) tajaajila kadhannaa, baruumsaa fi dhimma hawaasummaa isaanii ilaallatu hunda mari’achuuf  jecha erga   booji’amanii biyya Baabiloonitti deemanii gabrummaa mooticha  Naabukadanatsoor jalatti kufanii  booda biyya alagaa keessatti iddoo adda addaatti  bittinnaa’ani yeroo jiraatan kan ijaarratanii dha (His 11:15). Yeroo sanatti barsiisan Mikuraaba Yihudootaa keessatti barsiisu afaan Ibraayisxiitin  Raabii jedhama  ture (Yoha 20:16) (Luq 4:20). Lammiin Israa’el marti ijoollee isaanii waliin achitti seerota abboommii  Muuseen Waaqayyoo irraa fudhate fi seera bulmaata isaanii ta’e  barachaa turan (Mat 4:22) (Hoji. Duuka bu’ootaa 6:9).
   Hiikaa Mikuraabi Afaan adda addaatiin
   Moggaasni  mikuraabii jedhu afaan Ibraayisxiitin ‘Betel (Kenisa)’  afaan Giriikitiin  ‘Sinagogi’, Afaan Gi’iizitiin ‘Mikurabe-Ayihud’, Afaan Ingiliffaatin  ‘Synagogue’  Afaan Arabaatin immoo  ‘Kinnisa’, Afaan Oromootin  immoo ‘Mana Sagada Yihudotaa’ jedhama.
     Baruumsa Iyyasuus Kiristoos Mikuraabi Keessatti Barsiise.
                                  (Mat 21:12, Mar 11:15 Luq 19:45, Yoh 2:12)
Kanana booddee Iyyasuus kiristoos haadha isaa  obboloota  isaati fi  barattoota isaa wajjiin gara mandara Qifirnahoomitti  gad bu’e . Qifrnaahom Afaan Ibraayisxiitin mandara ‘Naahom’ jedhamti.  kaaba lixa laga Galiilatti  (Mat14:1) fi kaaba baha magaalaa Xibriyaadositti argamti. Har’a (Israa’el) keeaatti  naannoo Teelhum jedhamtee beekkamtutti argama.   Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos  guyyaa baay’ee achi hin bubbulle. 

Ayyaanni Faasikaa Afaan Hibruutin (Paassah )warra Yihudootaa waan gaheef gara  Yerusaalemitti  ol  ba’e. ( Ba’u12:1-14). Mana qulqullummaa keessatis namoota iddoo sana taa’anii  horii ittiin gibira baafatan mooticha warra Roomatiif kennuu  diduun mooraa horiin gibiraa itti hin kaffalamne Mikuraabitti wal gahuudhan (Mat 22:19) sangoota, hoolota gugees gurguran. Warra horii callaa gegeeddaranis arge yommus inni quncee irraa qaccee dha’atee hunduma isaanii hoolota isaanii fi sangoota isaanii wajjiin gadi isaan oofe. Horii warra horii gegeeddaranii ni bittimse gabatootas gad garagalche warra gugee gurguraniin immoo
  “Manni koo saba hundumaatiif, mana kadhataa jedhamee in waamama kan jedhu hin caafamnee ree? Isin garuu holqa hattuu isa godhattan"(Mate 21:12) (Mar 11:17) (Luq 19:45)  
   Jedheen.  yommuus barattoonni isaa
  “Hinaaffan mana keetii na  na  guba ( mana keetif hinaafun na gube    arrabsoon ittiin si arrabsanis anarra bu’e )” ( Far 69:9)
   jedhamee isa raajirratti barreeffame yaadatan. Faarfannaan Diyaaqonootaan sirna galateeffannaa sanbata guddaa faarfatamus isuma kana. Mikuraabiin (manni sagadaa) Iyyasuus Kiristoos qulqulleesse isa bara 516  DH.K.D hojjetame sani dha ( Izra 6:14-18). Haa tahu malee,bara 70 Dh.K.B weerartoota Roomatiin barbadaa’era.   Kana irratti Yihudoonni waan ittiin kana gochuu dandeessu muldhisuudhaf ‘milikkita(mallatoo) maalii   nu agarsiiftaa?’ jedhanii isa gaafatan.Faariisotni yeroo baay’ee milikkita gaafachuun barnoota isaanitti  ture. Dhaloonni  si’anaa maalif milikkita gaafata? (Mat 12;39) (Mar 8:11)
   Gooftan keenya Iyyasuus Kiristoosis deebisee “mana qulqullummaa kana jigsaa, ani ammo guyyaa sadi keessatti deebisee nan dhaaba.” I saanin jedhe. Yihudoonni immoo ‘mana qulqullummaa kana ijaarsi  isaa waggaa afurtamii ja’a fudhate ati immoo guyyaa sadi keessatti deebiftee isa dhaabdaa ree ?’ jedhanii gaafatan.  Fayyisaa adunyaa kan ta’e gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos  garuu waa’ee  mana Qulqullummaa yemmuu dubbatu  waa’ee dhagna ofii  isaa  dubbachuu  isaati. Akkkuma Yoonas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadi bule, Ilmi namaas akkasuma guyyaa sadii fi halkan sadi garaa lafaa(dachee)  keessa turuuf  jira (Mat 12:40) (Qola 2:9) jechuudhan milikkita  du’aa ka’umsa isaa barsiisera. Ilma Waaqayyoo ta’uu isaatis ibseera (Yoh 1:13) (Ibrota 1:3) Barattoonni isaa erga inni du’aa ka’ee booddee  waa’ee  isaa  kanaaf  dubbachuu isaa  yaadatan waan  macaafni  jedhe  dubbii  gooftaa Iyyasuus dubbates  ni   amanan (Mar 8:31) (Mar 9:31) (Yoha 12:16) (Yoha 6:2)
   Baruumsa gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Mikuraabi keessatti barsiise Kitaaba Diguwaa/Tsooma Digguwaatiin)
 Hayyuu amantaa, lammii Itiyoophiyaa, abbaa yeedaloo amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa kan tahe  Qulqullicha Yaareedin   kan qophaa’e kitaabni Digguwaa fi Sooma Digguwaa keessatti waa’ee guyyaa kana faarfannaadhaan barnoota Iyyasuus Kiristoos Mukiraabii keessatti barsiise ilaalchisuudhaan akkanatti faarfateera.
 “Gooftaan keenya Iyyasuus gara Mukiraabii Ayihudootaa seene, dubbii amantaas barsiise, ani gara laafina malee aarsan barbaada miti, Gooftaan sanbataa; abbaan araaras ana, Ilmi namaas gooftaa sanbataati. Mana Abbaa koo iddoo daldalaa hin godhinaa ,manni koo mana kadhannaa jedhamee ni waamamaa. Gara Mukiraabii isaanis seenee akka callisaniif itti hime ,isaanis baruumsa dubbii surra qabeessa afaan Isaa keessaa bahu, dhama qabeessumma dubbii isaa fi arraba qajeelummaa isaa dinqisiifatan”
     Dubbin inni faarfate kun kitaaba qulqulluu keessa iddoo gara garaatti ibsameera (Hos 6:6), (Mat12:7 (Mat 12:8) (Qola 2:16) (Mat 5:17)
   Guduunfaa
   Akka waliigalaatti barumsi gooftan keenya Iyyasuus kiristoos mikuraabii keessatti kenne keessatti sanbatni hojii gaarii hojechuudhan kabajamuu akka qabaatu raawwin  isaatis akka seera Yihudootaatti osoo hin taane akka kiristiyaanotaatti ta’uu akka qabu himameera. Yihudoonni faayidaa mana qulqullummaa  wallaaludhaan sodaa Waaqayyoo illee irraanfachuudhaan  mana qulqullummaa akkuma xureessan sanatti jiru  har’as. Hiikaa sagalee   Waaqayyoo micciirudhaan, gantummaa namoota gowwomsuun  keessa keessa babaldhisuudhan, seera mana qulqullummaa daddarbuudhan ,gosummaadhan qoqoodamuudhan, mana qulqullummaa keessatti fedhii foonii babaldhisuudhan warra mana qulqullummaa xureessan mana Isaa keessaa ari’uun ni  qulqulleessa.
  Nutis hojiiwwan akkasii callisnee daaw’achuu hin qabnu (2Sen 15:8-18) (Yoha 17:17) ( Efe 5:2 ) gahee keenya bahuu qabna.  Amantaa jijjiiiruun osoo hin taane gaabbii galuun qalbii jijjiirrachuun  cubbuu irraa fagaannee fooni fi dhiiga kiristoos fudhachuun dhagna  keenya qulqulleessuu qabna. Uummata sababa wallaala afaanitiin dogongores karaatti deebisuun nurra  eeggama. Barumsi gantootatis gara mana amantaa keenyaa  fi qaama keenya keessa fi waldaalee keenya keessa  lixee akka hin xureessine to’achuu qabna (1Timo 3:1-7) ( Tito 1:9) (Mate 7 :15 )   Sagalee Waaqayyootifis ulfina kennuu qabna. Mana qulqullummaa keenyaf inaafuu qabna (Rom15:3).
  
   Waaqayyo jabina isaa nuuf haa kennu, kakaasee kan nu jalqabsiise, nu jalqabsiisee kan nuxumursiise, maqaan Waaqayyo haa ulfaatu. Ameen.
 Itti fufa…………………..…
 Kitaabota Wabii
1. Haimanote Abew(1986). Mana maxansa Tinsa’ee zegubaa’ee.
2. Hiikkaa Faarfannaa Daawit(1982). Mana maxansa Tasfaa Gebresillaasee
3. Hiikkaa kitaaba Qulqulluu, Maxxansa 10ffaa.
4. kitaaba Qulqulluu(1997) . Afaan Oromootiin kan qophaa’e . Maxxansa 1ffaa Waldaa kitaaba Qulqulluu  Itoophiyaa
5. Kitaaba  Seenaa Israa’eloota durii,maxxansa bara 2006.

Sunday, March 17, 2013

WNA009.Torban Lammaffaa


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko!Ameen.

Baga torban lammaffaa sooma guddichaan isin gahe. Torban darbe keessaa waa’ee soomaa guddichaa  fi waa’ee torban jalqabaa sooma guddicha  Zewerede jedhamee beekkamuu, hikkaa fi dubbisawwan torban sana keessaa maal akka fakkaatan hanga tokko ilaallee turre. Hardha ammo waa’ee torban lammaffaa kana gabaabsinee ilaalla. Akka Moggaasa Qulqulluu Yaareditti torban kun qulqulleettii jedhameeti beekkama. Torban kun kan qulqulleettii jedhameefis waa’ee qulqullina sanbataa waan dubbatuufi.
Qulqulluu Yaareed kitaaba Tsooma Diguwaa jedhu irratti torban kanaa faarfannaa akkas jedhu kan itti faarfatee dha.

“Waaqayyoof bitamaa, maqaa isaas waamaa, hojii isas ormatti himaa, maqaa isaatiifis galata dhiheessaa, sanbata kabajaa, waan gaariis godhaa, kan bilin hin balleessine kan hattuun hin agarre galmee samiirraatti walitti qabadhaa, qophee’ tahaa, gara Kiristos jiru gara olis yaada” jedha.
Faarfannaan Qulqulluu Yaareed kitaaba ‘Tsooma Diguwaa’ irratti faarfate kunis wangeelaa fi ergaawwan kitaaba qulqulluu irraatti torban kana dubbifamanii fi hiikkamaniin kan wal fakkaatuudha. Dubbifniwwan dubbifaman, akkasumas faarfannaan Faarsaa Daawit irraa jirus kan wal fakkaatutu faarfatama. Sirna galateeffannaa (qiddaasee) irrattis diyaaqonoonni faarfannaa kana gadii ni faarfatu.

“Waaqayyo garuu bantiiwwan samii ni hojjete, surraan siimbonis fuula isaa dura, aangoon, qulqullummaanis mana isaa keessa”. Far 95(96):6
Wangeela guyyaa kana dubbifamu kan torban kanaas waa’ee soomaa kan ilaallatuu dha. Kunis wangeela Maatewos boqonnaa 6:16 irraa eegalee kan jiru dha. Innis akkas jedha
“Iyyasuus yeroo dhuma soomtanitti ammoo akka warra of agarsiiftuu nyaara keessan hin guurinaa, Isaan soomuun isaanii namootatti akka muldhatutti, fuula isaanii ni boosomsu, dhuguman isinitti himaa isaan gatii isaanii fudhataniiru.”
Namni sooma soomu tokko sooma sana gammmachuufi jabinaan soomuu akka qabu ibsa. Soomuun isaa akka irratti beekkamuuf namoota irraa akka dinqisiifannaa fi nama amantaa tahuun isaa beekamu of ibsuu hin qabu. Garuu dubbiin kun kan himameefi sooma labsii kan namootni akka soomnu beekan kanaaf miti. Soomni labsii dhoksaa hin qabu, kiristiyaanota kan tahan hundi akka soomaan waan ajajamuufis dinqisiifannaa adda tahe kan namarraa argamsiisuu miti. Akkuma waa’ee soomaa yemmuu ilallu dubbanne, soomni mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo bakka lamatti hirama. Sooma labsii fi sooma dhuunfaa jedhamuun. Soomni labsii waggaa keessatti kan yoom akka seenuu fi bahu beekamu,kan kiristiyaanonni hundi akka dirqqaman sooman ajajame dha. Soomni labsii mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo keessa torbatu jiru. Kanaaf isaan siritti namoota fuuldurattis kan beekkaman waan tahaniif, kan soomaman dhoksaadhan miti. Fakkeenyaaf sooma Nanawee haa fudhannu. Akkuma raaga Yoonaas irratti barreeffame, labsiidhaan uummanni hundi kan irratti hirmaatan ture, kanaaf soomuun isaanii namoota biratti ifatti ni beekama.

Kanaaf sooma yemmu soomtu wanti hundi dhoksadhaan haa tahu kan jedhame kun garuu sooma dhuunfaa keetti guyyaa barbaadde filattee fedhii keetiin soomtu dha. Sooma akkasiis Waaqayyo balleessaa kee akka siif dhiisuuf yookaan waan yaadde tokko akka siif guutuuf  kadhannaa fi soomaan kan Waqayyoon gaafattuu dha. Sooma akkasii sana namoonni akka sirratti hin barre tahuu qaba jechuu dha. Kunis wanta ati barbaaddu sana kan dhoksatti beeku Waaqayyoo qofa tahuu qaba, Inni ammo gatii kee ifatti siif kenna jedha. Garuu soomuu kee fuula kee boosomsitee yoo namootaaf of muldhiste, gatii kee namoota irraa barbaadde waan taheef waan Waaqayyorra eeggattu hin qabdu, namootarraa dinqisiifannaa yookan kennaa waan argattef, Waaqayyo waan siif kennu hin qabu jechuu dha. Hiikkaa kana lamaan adda baafachuun barbaachisaa dha. Kanaaf dubbiin kanaa gadii barraa’e:
“Ati garuu yeroo dhuma soomtutti mataa kee dibadhu, fuula kees dhiqadhu, Soomuun kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hunduma argutti malee, namoota duratti akka hin muldhanne godhi, Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hunduma argu immoo gatii siif ni kenna.” Jedhe.

Dubbisa wangeelaa kana irrattis itti fufuun waa’ee badhaadhummaa, biyya lafaa irratti walitti qabamuu fi waa’ee badhaadhummaa isa samiirraatti walitti qabamu dubbata. Isin horii keessan iddoo hattuun hin hannee fi biliin hin nyaannetti walitii qabadhaa malee iddoo dhuma badhaadhinni keessan badutti hin tahin jedha.

“Iyyasuus ammo badhaadhummaa ofii keesaniif lafa irratti, iddoo bilii fi daana’on nyaatutti hattunis cabsitee iddoo hattutti walitti hin qabatinaa, Garuu badhaadhummaa ofii keessaniif samii irratti iddoo biliin yookaan daana’oon hin nyaannetti yookaan hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti walitti qabadhaa…..” (Wangeela Matewos 6:16

Kunis horii keen gargaarsa mana Waaqayyoof gootu, wanta argatturraa kan Waaqayyoof dhiheessitu, gargaarsi ati rakkataadhaaf gootu hundi, samii irratti kan walitti tuucha’ee siif taa’u taha. Isa sana biliin hin nyaatu, hattuunis hin argu jedha. Haa tahu malee biyya lafaa kanarratti qabeenya yoo teessifte si jalaa dana’aawuu yookaan hatamuu dandaha, kan Waaqayyoof gootu garuu galmee isa samiirratti galmaa’a malee hin badu jedha. Garuu kennaan nuti rakkataaf goonus akka namootni nu arganiif yoo tahe ,gatiin ati argattu asumatti kan hafu taha, kanas ammo dhoksaadhaan yoo goote Waaqayyo gatii kee ifatti siif kenna.  Iddoo qabeenyi /horiin/ kee jiru lapheen kees jira.

Itti fufa….………..Waaqayyo nama torbanii nu haa godhu, sooma nagaa fi milkii nuuf haa tahu.  
Ameen
  
Kitaabota wabii

1.     Hiikkaa Wangeelaa(1988). Mana maxxansa Tasfaa Gebresillaasee.Finfinnee.     
2.   Gitsaawee.(1991).Mana Maxxansa Tasfaa Gebresillaasee. Finfinnee.
3.     Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee
4.     Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Haimanot, Finfinne
5.     Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
6.     Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu, kan Afaan Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame.
  nfinnee.



Sunday, March 10, 2013

WNA008. Torban Jalqabaa Sooma Guddichaa



Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko! Ameen.



“Sooma Qulqullaa’aa labsaa,” (Iyyu’el 2:12)

Mana amantaa Ortodoksii Tawaaahidoo keessaa soomni labsii torbatu jira. Sooma labsii yoo jennu hordofaa amantaa sanii kan tahe hundi kan itti hirmaatu jechuu dha. (Waa’ee sooma dabalataan baldhinaan dubbisuuf maaloo saayitii kanaa gadi kana banaa ilaalaa (http://www.maaddiijaalalaa.blogspot.com/2012/08/wn006sooma-fi-kadhaa-akka-mana.html). Soomawwan labsii jiran kana keessaa hangafaa fi guyyoota baldhaa soomamuudhaan kan beekkamu sooma guddicha kana. Soomni kun Sooma Mootis jedhamee beekama. Kan kana jedhameefis gooftaan gooftotaa, mootiin moototaa, Iyyasuus Kiristoos waan ofii Isatiif  somefidha. Gooftaa Iyyasuus Kiristoos akkuma wangeela irratii barraa’etti  erga cuuphamee booda gara lafa onaa(gadaamii) Qorontos deemuudhaan guyyaa 40 fi halkan 40 sooma kana soome.

“Ergasii Iyyasuus seexanaan qoramuudhaaf hafuura qulqulluudhaan gara lafa onaatti geeffame. Inni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf erga soomee booddee beela’e. Yommus inni isa qoru dhufe,ati dhuguma ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun buddeena akka tahan abboomi ittiin jedhe.  Iyyasuus garuu deebisee, namni nyata duwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa bahu hundumaan malee’ jedhamee caaffameera jedhee deebise.” (Mat 4:4)

Gooftaan keenya yoo soomu, halkan afurtamaa fi guyyaa afurtamaaf ture, yoo soomuus guyyoota fi halkan 40 kanatti waan tokkollee hin nyaanne ture. Haa ta’u malee nuti yemmuu soomnu hanga dandeenyu sa’aatii soomuu dandeenyu soomna, yeroo baay’ees kan beekkamu ajajamu hanga sa’aatii sagaliiti.Baatii soomaa keessa sanbattan lamaaniin alatti, sirni galateeffannaa(Qiddaasees) kan godhamu sa’aatii booda.

Soomni gooftaa fi fayyisaa keenyaa kun kitaaba qulqulluu irratti guyyaa 40 soomama nuti maaliif guyyaa 55 soomna, kan jedhu gaaffiin jedhu ka’uu danda’a. Kanaaf Abbootni sababa lama teessisanii jiru. Sababni inni jalqabaa, Sanbata xinnaa fi Sanbata guddaa mana amantaa keenya keessatti bu’aa foonii fi aannanii irraa malee gosa midhaan irraa  hin soomamu. Kunis kabaja sanbattan lamaanii kana ibsuufi. Sanbanni guyyaa haara galfii fi boqonnaa waan taatefi. Sanbatni inni xinnaan kan gooftaan hojii isaa hunda irraa itti booqate dha. Sanbatni inni guddaan(Dilbatni) sanbata Kiristiyaanaa jedhame kan beekkamu ammo gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa kan itti ka’e dha. kanaaf Sanbattan lamaan guyyaa 40 keessa jiran waluma galatti 15 waan tahaniif, guyyootni soomaa 40 akka guutaniif abbotni guyyaa 15 itti dabalaniiru. Kiristiyaanota durii biratti lakkoofsi akkanaa kun kan baratame dha. Sanbattan lamaan  soomaaf hin lakka’aman. Sooma hirdhisuu dha malee baay'isyyn maal rakkoo qaba ree, kuni mormis kaasuu hin qabu. Sababni inni lammataa ammo torban jalqabaa kan Hirqaal(Zewerede jedhamu) kuni fi Torban sadeettaffan, gadadoo(himamaat) itti dabalamaniiti. Hirqaal kan jedhamefis seenaan akkas jedhu jira:

Hirqaal(Hiraaqliyoos) mootii Biizaantayin durii ture. Jabana isaa kanattis Faarsonni Iyyaruusalem Weeraruun fannoo gooftaa fudhatanii booji’anii turan. Innis gara Faarsitti duulee fannoo gooftaa isanirra fudhatee deebi’eera. Kanaaf Kiristiyaanonni gammachuudhaan seera qannoonaa keessatti maqaa isaatiin sooma kana moggasaniif kan jedhus jira.Tokko tokko immoo inni kiristiyaana waan ta’eef dhiiga lola irratti dhangalaaseef akka Waaqayyo dhiifama godhuuf  soomaan isa gargaaranis jedhu. Giriikonni garuu sooma Hirqaal kana hin beekan, garuu torban kanatti baaduu fi buuphaa malee foon hin nyaatan, ‘torban baaduu’ jedhuun isaan. Sababni isaanii garuu dhagni foon bare tokkumatti yoo nyaata  soomaa nyaatu ni dhibama,ni dadhaba kanaaf akka ceesisaatii itti fayyadamu jedhu(Abune Gorgoriyoos).

Egaa kana ilaalle amma gara torban saddeettan sooma guddichaa kana keessa jiranii haa ilaallu. Torban saddeettan  sooma guddicha keessa jiranii kun moggaasa mataa isaanii kan qabaniifi hundi isaanii sanbata guddaadha hanga sanbata xinnatti kan lakkama’aniidha. Jaarraa 6ffaa keessa kan ture hayyuun amantaa Qulqulluu Yaareed torban saddeettan sooma guddichaa keessa jiran kanaaf kitaaba ‘Tsooma diguwaa’  jedhamurratti faarfannaa mataa isanii qopheessefii ture, kanaaf torban saddeettan kunniin faarfannaa isaa kanaan maqaan mogga’eefi. Kunis seenaa gooftaan wangeela kessatti hojjetee fi barsiisa wangeelaa wajjin wal qabata. kanuma irraa ka’uudhaan maqaan isaanii walduraa duubaan torban jalqabaa ‘Zewerede’ yookan Hirqaal, torban lammataa qulqulleettii, torban sadaffaa, Mukiraab, torban afraffaa Matsaaguu, torban shanaffaa tulluu ejersaa, torban jahaffan gebreheer, torban torbaffan Niqoodimos, torban saddeettaffan ammo Hosaa’inaa jedhamu.

Torban Jalqabaa/Zewerede/Hirqaal/
Torban sooma guddichaa inni jalqabaa kun maqa lama qaba. Zewerede yookaan Hirqaal jedhama. Zewrede kan jedhu kun afaan Gi’iziiti,hiikaa gadi bu’uu,kan gadi bu’e jedhu qaba. Kan Zewerede jedhaamefis, gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos akkuma dura Waaqayyo ilma namaaf waada galeef Dubaroo Maariyaamii irraa  fooniin  dhalatee akka nama fayyisu dubbate sana ibsuufi. Samirraa gad bu’eee foon namaa uffatee dubaroo irraa dhalachuu isaa kan itti yaadannu dha. Namni hojii  fi aangoo ilma Waaqayyoo kan samiirraa gad buusisu qabaachuu baatuus gooftaan akkasumaan ilma namaa akka jaalate wangeela irratti akka kanaa gadiitti barraa’ee jira.

“Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma  kennuufitti  biyya lafaa jaallate, kuni immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuf malee haa baduuf miti…biyyi lafaa isaan haa fayyuuf ilma isaa biyya lafaatti erge malee”(Yoha 3:16)

Nama kabaja isaa ganamaatti deebisuudhaaf ilmi abbaa biraa osoo adda hin bahin lafa kannarrati dhufe, dubaroo irrayis tawaahidoodhaan fooniin dhalatee, amala lamarraa amala tokko tahe malee amala lama hin qabaanne, amalli Waaqayyummaa fi amalli foonummaa tokko tahan. Kananis foon uffatee  gidduu keenya dedeebi’e. Wangeela guyyaa kana mana amantaa keenya keesstti dubbifamuttis ‘Ilma namaa isa samii irraa gadi bu’e sana malee homtinuu gara samiitti ol hin baane’  jedha(Yoh 3:13)

Gooftaan keenya maaliif guyyaa 40 soome kan jedhuuf fakkeenyummaa kakuu moofaa fudhateeti. Raajonni baay’een kakuu moofaa keessatti guyyaa 40 soomuudhaan hojii gara garaa hojjetaniiru. Fakkeenyaaf  Muuseen halkan 40 fi guyyaa 40  soomee seera lapheen qofa beekamu  irraa gara seera ooritiitti kan deebise yoo  tahu, Goofaan immoo seera Ooritii irraa guyyaa fi halkan  40 soome seera wangeelaa nuuf kenne.Fakkeenyi biros ni jiru. Sooma kana keessa gammachuu garmalee fi alalummaa irraa fagaachudhaan gadda fi soomaan kadhannaa baldhaadhaan akka Waaqayyo kadhatan,yeroo kaan irraa haala adda taheen  dhagna ofii gaabbiin qulqulleessanii kan fooni fi dhiiga gooftaa  keenyaa itti fudhatanii dha.

Kitaaba ‘Tsooma Diguwaa’ Qulqulluu Yaareed barreesse irrattiis torban kanaaf faarfannan akkas jedhutu faarfatama:
“Waaqayyoon sodaachudhaan abboomamaafi, Waaqayyo garraamii, araarri isaas kan bara baraati, dhiifamni isaas dhalootaa hanga dhalootatti, nus sabni isaa hoolota bobbaasa isaati, gara mana isaatti abbomamuudhaan gara addaba’aa ba’ii isaattis galataan ol seenaa, sooma yaa soomnu, hiriyoota keenya haa jalannu, nutis ofii keenyaa wal haa jaalannu, sanbatni namaaf hojjetamteetti hoo, sanbata haa kabajnu, waan dhugaas haa hojjennu, Yaa gooftaa araaraa fi murteefan siif ciigessa, faarfadhas, karaa qulqullus nan adda baafadha” (Qulqulluu Yaared kitaaba Tsooma Diguwaa irraa)

Faarfanna Daawiit irraa ammo:
Sanbata kanaaf faarfannaan Daawiti sirna galateeffannaa ganamaa irratti(Qiddaasee irrati)  gidduutti diyaqonootaan lallabamu akkas kan jedhu dha:
“Sodaadhaan Waaqayyoof abboomamaa, rom’uudhaaniifis gammadaa,  ogummaas jabeeffadhaa, Waaqayyo akka hin dheekkamneefi”(Farfannaa 2:11)

Wangeelli guyyaa kana dubbifamus wangeela Yohaannis boqonnaa 3:10-24 kan jiru dha. “Dhuguma dhuguman sitti hima nuyi isa beeknu ni dubbanna,isa argines dhugaa ni baana, otuma ta’uu iyyuu nuyi isa nu dhugaa baanu hin fudhattan ;waa’ee isa biyya lafaa isinitti himnaan erga hin amannee ,waa’ee isa biyya samii yoon isinitti hime ammo attamitti amantu ree?......kan jedhu dha.

Sooma gaarii nuuf haa tahu,Waa’ee Isaa akka dubbannuuf kan nuuf heeyyame Maqaan Waaqayyo haa ulfaatu!
Torban itti fufa…………………………………………………………..

Kitaabota wabii


1.     Gitsaawee,(1991) Mana Maxxansa Tasfaa Gebresillaasee. Finfinnee.
2.      Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee
3.      Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Haimanot, Finfinne
4.     Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5.      Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame.