Thursday, February 18, 2016

Kallattiin Waldaa Duuka Bu'ootaa Maalinnii?

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Waldaan Duuka Bu’ootaa(Tajaajila Afaan Oromoo kan Ortodooksii Tawaahidoo ) kuni kallattiin ka’uumsa isaa maali? Maaliif barbaachise? Kan jedhuuf deebiin  ifatti qabxiiwwan armaan gadiiti
A.         Wangeelli kan lallabamuu qabu, baruumsis kan darbuu qabu afaan dhalli namaa hubatuun ta’uu qaba, hawaasni tokkos wangeelaan qaroomuu qaba kallalttii jedhu qabachuudhani
B.         Lallabni kamiyyuu yeroo lallabamu hanga wangeelan walitti hin buunetti safuu fi aadaan ummaticha giddu gala taasifamee lallabamuu qaba kallattii jedhu qabachuun
C.         Aadaa fi seenaan hawaasicha wangeelli lallabamuufii kabajamuu qaba kallatti jedhu qabachuun
D.         Seenawwan dogongoraa,gochiwwan mootota darban tooftaan sirna isaanii jabeeffachuuf itti fayyadamaa turan mana kiristaanaa keessatti leellifamuu hin qabu kallattii jedhu qabachuun
E.          Akka kana dura ture, waldaa qaama biraatiin ijaarame osoo hin taane, yookiis qaama fedhii fi ergama addaa qabuun dhiibbamee ijaarame osoo hin taane, yookiis deeggarsha qarshii biyya alaarraa argamuun hojii shakkummaaf yookis hojii ergama addaa qabuuf kan ijaarame osoo hin taane  hawaasuma kana keessaa hordoftoota amnticha keessa isaanitti hubataniin, ijoollee hinaaffaan fi quuqamni keessa isaanii burqeen handhuuraa hawaasicha amantaa Kiristaanaa hordofanii ta’ee waldaan tajaajilu jiraachuu qaba, hojiin duuka bu’ummaallee kana ta’uu qaba kallattii jedhu qabachuun
F.          Hawaasa isaa kan barsiisuu qabu barsiisaa, abbaa  hawaasa sana keessa ba’u ta’uu qaba,hayyuun amantaas achuma keessatti horatamuu qaba qaba kallattii jedhu qabachuun
G.         Sababa Afaaniitiin, mufaatii gara garataiin, dubbii hamaadhaan, arrabsaan fi tuffiitiin, beekumsa dhabuudhaan, hotoksaa shakkitootaan amanticha kan gadi lakkisanii deeman waan jiraniif isaanif  karaa dhugaa agarsiisuun yeroonsaa amma kallattii jedhu qabachuun
H.         Milkii gaarii shakkitootni itti fayyadamanii hordoftoota amantichaa hatan hundi isaaniif bu’aa yeroo gabaabati malee  isa dhugaa miti,uummata keenya yoo barsiifne,namni amanichatti deebi’uuf qophee ta’uun ni beekama qalbiin isaa amantaa isa ishee jalqabaa kan taate Ortodooksii seera qabeetti waliin akka jiru ni beekama,kana gochuun fedha Waaqayyooti ni danda’ama kallattii jedhu qabachuudhaan
I.             Of ta’uun, biyya kanarratti wangeela lallabuun ni danda’ama kallattii jedhu qabachuun.
J.            Sobaan hamatamuun dhugaadhanis komatamuun hirdhachuu qaba kallatti jedhu qabachuun
K.         Seerri abbootni keenya afuurawaa tuman hirdhachuu dhiisaati sheelachuu iyyuu hin qabu kallattii  jedhu qabachuun
L.          Tajaajilli kuni biyya keessa qofatti hafuu hin qabu kallatti namni afaan kana dhagahu hundi jirutti faca’uu qaba kallattii jedhu qabachuun
M.       Manneen Kiristaanaa deeggarsaa fi gargaarsa argachuu qabu,galii dhaabbataas tooftan ittiin argatan uumamuufi qaba kallattii jedhu qabachuun
N.         Heera fi seera biyyattiin teessifte keessatti haala seera qabeessa ta’een,arrabsoo fi dhaadannoon osoo hin taane, jaalalaa fi baruumsa wangeela ifatti afaan keenyaan babaldhisuun mirga,  carraa gaaridhas malee akka coraa hamtuutti fudhachuun miti   kallattii jedhu qabachuun
O.         Guyyaan fayyinaa hardha,sanayyuu amma,akka ergaan Waaqayyoo jedhu,osoo bor hin eegin hardha karaa saaqne dhaloota boruuuf fayyina lubbuu isaaniif haala mijeessuu qabna,amma boqonnaa haaraa  tajaajilli kun itti finiinurra gahuu qabna abdii jedhu qabachuudhani, kuni hundumti human Waaqayyoon fiixa ni ba’a.
Biiroo Qindeessaa Tajaajilawwan Waldaa Duuka Bu’ootaa
Amajjii 2008, Finfinnee

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.