Qulqullootaa


Beektuu Laata?
Gadaamii Asaboot(Harargee Lixaa)
Gadaamiin Asaboot Harargee Lixaa aanaa  Mi’eessoo Tulluu Asaboot irratti argama. Jaarraa 13ffaa keessaa Qulqulluu Abuuna Samulel ze debrewegeg jedhamuun hundaa’e. Abuna Samuel Arsiitti, Baalee fi Adaal duriitti deddeebi’anii wangeela kan barsiisan  yoo ta’u bartoota Abbaa Taklee(Abune Tekle Haymanot) keessaa tokko turan. Affaar keessattis gadaamii Dabrekirub kan jedhamu hundeesanii akka turan seenan raga baha. Gadaamii kana keessa bataskaana lamatu jiru. Inni tokko Maqaa Aabbaa Samu’eelin kan ijaarame gadaamii dubartoota qofa hoo ta’u Samu’el ze debre wegeg jedhama. Wegeg jechuun ifa jechuudha. Inni kuun maqaa Qulqulleettii Sillaaseetiin kan ijaarame dha, kun gadaamii dhiiraati.


Bara lola Giraanyis badiinsa guddaatu irra ga’e. Ergasii gadaamichi gutumaan guututti barbadaa’ee bara 1912 deebi’ee banamuu danda’eera. Yeroo baay’es gubateera. Bara 1929 ammoo gara Somaliyaatiin kan seene lolli Xaliyaan gadaamicha ni gube. Monoksoonnis Taabota fuudhanii gara  gara Dabralibaanositti baqataniiru. Ergasiis irra deebi’ame ijaaramee bara 1952 tti xumurame. Leencii fi qeerransis gadaamii kana keessatti kan argaman yoo ta’u nama irratti garuu rakkoo homaatuu hin geessisan. Osoo dhaqxanii daawwattanii suga iddoo sanaa argattanii baay’ee gaariidha.!


No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.