Saturday, September 26, 2015

Masqala Mootii Ayyaanaa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!

“Ani garuu fannoo gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos  isa ittin biyyi lafaa ana irraa fannifame, anis biyya lafaa jalaa fannifame sanaan malee waan biraatin of jajuun matumaa anaaf  hin ta’u.”  Gal 6:14



I.                  Waa’ee Fannoo Jalqaba Irraa Gabaabumatti
Addaam fi Hewaan abboommii Waaqayyoo cabsuudhaan ija firii mukaa erga nyaatanii booda sanyiin ilma namaa hundi du’a foonii fi du’a  lubbuun  qabamanii waggoota 5500 gadadoon mana hidhaa keessa jiraataa turan. Waaadaa Waaqayyo ilma nama  fayyisuuf galeen waggoota 5500 booda gooftaa Iyyasuus nama ta’ee lafa kana irratti Dubaroo Maariyaamiirraa fooniin dhalate. Dhalatee akka ilma namaatti guddatee, cuuphamee namoota karaa fayyinaa barsiisee dhuma irrattis jaalala isaa hanga du’aatti ibsuun muka fannoo irratti fannifamee. Fannoo isaa irrattis foonsaa kutamee dhiigni isaa dhangala’ee namootaaf jireenya bara baraa badhaase. Fannoo irratti fannifamuusaatinis waggoota 5500 ibidda keessatti gubachaa kan turan lubbuun namoota heddu walabumma argatte.Du’as fannoo isaatiin ajjeese. Ergasii as fannoon mallattoo seexana ittiin moo’annu mallattoo du’a ittiin injifannu humna keenya nuuf ta’e. Kanaaf Kiristaanotaaf fannoon mallattoo walabummaa keenyati. Akkuma:
“Waa’ee fannoo Kiristoos dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiraniif gowwwummaadha, nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu inni humna Waaqayyooti.” 1Qor1:18
Fannoo jechuun hiikaa ‘walqaxxaamuruu wantoota lamaa agarsiisa’. Kunis akka boca ilma namaa kan qabuu dha. Namni harka isaa osoo diriirsee ol sirraa’ee dhaabatee mallattoo fannoot qaba. Mataa hanga  lukaatti, harka bitaa hanga harka mirgaatti jechuu dha. Kakuu Moofaa Keessatti namoota cubbuu hojjetantu fannoo irratti fannifama ture.(Keessa Deebii 21,22,23 ilaalaa). Fakkeenyummaan fannoo kakuu moofaa keessatti baay’eedha. Fakkenyaaf  Yaaqoob Efreemii fi Minaasee yemmuu eebbisu harka isaa fakkeenya fannootiin wal jala dabarseet eebbise ture(Uma  48:13).  Kanaaf hardhas luboonni fannoodhaan nama eebbisu.Siiqqeen Museetiis kakuu moofaa Keessatti fakkeenyummaa fannoo  Gooftaa Iyyasuus dha. Egaa gooftaan maaf fannoo irratti fannifame gaaffii jedhuuf: jaalala isaa nuuf ibsuuf, mataa seexanaa reebuuf, fakkeenyummaaf, jireenya bara baraa nuuf kennuuf, hojii seexanaa harkaa fashaleessuuf: seexanni baala mukaatiin nama dogongorse, Gooftaanis muka irratti fannifamee deebisee nu fale.
Kanaaf nutis fannoo gooftaatiin jaalala Waaqayyoo kan ilma namaaf dhuma hin qabne sana barree jirra(Yoh 3:16),dhiifama arganneerra (Efeson 2:14),of-gadi qabuus barannee jirra, jabeenyas arganneeniiiirra. Hundumaa ol kan taate Dubaroo Maariyaamii akka haadha keenyaatti bara baraaf kan arganne  fannoo jalatti(Yoh 19:26).
 Kanaaf Fannoon gooftaaKiristiyaanotaaf:
v Fannoonsaa humna keenya(Qol 2:14)
v Kan nu jajjabeessu fannoo isaati(Galaatiyaa 6:14)
v Fannoonsaa fura keenya
v Fanoon isaa fayyisaa lubbuu keenyaati
“Waaqayyo wanta hundumaa karaa isaa ofitti araarse;dhiiga kiristoosif isa fannoo irratti dhangala’eenis samii irratis lafa irrattis  nagaa buuseera” Fil 1:20
Kanaaf nuti kiristiyaanonni afaanin qofa osoo hin taane fannoo gooftaa dhungachuudhaan, sagada kennaa sagaduufiidhaan(Far 48/49:5), mallattoo fannootiin mallatteessuudhaan(Far 143/144:1), morma keenya irratti hidhachuudhaan(Fakkeenya 6:20) ni kabajna.Jaalala keenyas ni ibsina.

II.               Fannoon Gooftaa Iyyasuus Irratti fannifamee Baduu  Isaa
Erga Gooftaa Iyyasuus fannifamee booda fannoon isaa achumatti waggaa sadiif ture. Fannichis bakkuma jirutti kan dhibame fayyisee, kan ijaan hin agarre ifa banee kan okkolu qajeelchee  namoota baay’ee fayyisuu qabnaan Yihudoonni akkuma baratanii fi diina fannoo waan ta’aniif fannoo kana balleessuu qabna jedhanii irratti ka’an. Kanumaanis fuudhanii awwaalanii.  Jiraattonni biyya Yihudaa hundi akka haraa fi waan xuraa’oo gara garaa irratti gatan  labsii dirqisiisaa ta’e baasan. Namoonni haraa  achitti gatu ture. Osoo wal irraa hin citin iddoon fannoon gooftaa itti awwaalametti  waggoota 292’f waan haraan itti gatameef  hamma tulluu guddaa tokko  ga’ee tuulame.  Kanaanis namoonni iddoon fannoon kuni jiru beekuu danda’an dhabamaa dhufee, wa’een fannoo gooftaas irraafatamaa dhufe.
III.             Mootiitti Illenee fi Argamuu fannoo Gooftaa
Mee amma immoo seenaa baay’ee nama dinqisiisu erga awwaalamee waggoota baay’ee booda  fannoon akkamiin akka argamuu danda’e ilaalla. Seenan isaas Mootittii Illeniidhaan wal qabata. Akka armaan gadiitti dhihaateera.
Abbaa warraa fi haadha warraa Tarbinoos fi Illeenii jedhamantu wajjin jiraataa ture.  Illeenii jechuun Afaan Hibruutiin  bareedduu jedhuudha. Illeeniin kan dhalatte dhaloota Kiristoos booda bara 247,  Iyyaruusalemirraa kiilomeetira 5 qofa fagaattee kan argamtu magaalaa Bitaaniyaatti.
Abbaan manaa Illeenii Tarbinoos jedhamu kun daldaalaa ture. Bara sanatti daldallli biyya tokkoo gara biyya biraatti godhamu waggoota heddu fudhata ture. Innis karaa dheeraa deemee waan daldaluuf manatti Illeeniidhaaf gargaartuu qacareefii mooraa keessa akka gadi hin bane aduun akka ishee hin dhooofne godhee gara daldalaatti biraa deeme. Illeniin amantaa isheetti baay’ee cimtuu fi yeroo baay’ee hanga abbaan manaa ishee deebi’utti  kadhadhan  dabarsiti ture. Wangeelas ni beekti ture. Tarminoos kan daldala isaa xumuree gara biyyatti deebi’u ammo waggaa 3 booda ture. Daldaltooni kun waggaa sadiif afur yemmuu daldalanii gara mana isaanitii deebi’an karaa irratti waa’ee haadha warraa isaanii waliin haasa’u ture.
Isaanis akkas jedhu ture “Egaa amma nu kunoo akkanatti dhamaanee aduu fi qorraan gubannee gara biyya keenyaatti yoo deebinu, niitoliin keenya hoona dhiira biraa baran ta’a bar”  waliin jechaa demu  turan. Yeroo kana Tarbinoos abbaan warraa Illeenii  “Ani kan keessan hin beeku, haatii warraa koo Illeeniin garuu wanta akkanaa gonkuma ana irratti hin hojjettu, baayiseen ishii amana” jedheen.
Illeeninis erga abban warraa ishee daldalaaf  ba’ee mana isheetti kadhachuu malee gad ille baate dhiira ijaan agartee hin beektu ture. Yeroo sana namoota Tarbinoos waliin jiran keessaa tokko:  “Ati gowwaadha abboo, sanyii Hewaan keessaa kan haadha warraa kee  addamoo?, amma osoon dhaqee wajjin ciisee dhufe maal goota?”  jedheen. Achumaan Tarbinoos ‘ani waan isin jettan kanatti hin amanu haadha warraa koos hin gonkuma hin shakku’  jedheen. Yeroo sana namni gidiramaan daldaltoota keessaa  inni tokko “Yoon deemee haadha manaa kee dogongorsiisee dhufe maal naaf kennita?’ jedheen. Tarbinoos immoo ani ati dhuguma Illeenii dogongosiiftee dhufta taanaan bu’aan hanga ammaatti daldalee argadhe qabeenya koo kana hunda wajjiin  ni fudhatta jedhee. Innis kan kana jedhe haati warraa isaa gonkuma akka amanamtuu taate waan beekuf ture.
Daldalaan gidiramaan sunis yoo dogongorsee qabeenya Tarbinoos hunduma fudhachuuf wallii galee gara haadha warraa Tabinoositti daldaltoota kaan dursee adeeme. Yemmus gara mandara Illeeniin jiraattu ga’ee “Mee haadha warraa Tarbinoos natti agarsisaa jedhee namoota gaafate, isaanis isheen bar namatti hin muldhatu,  gonkuma dhiiratti “ jedhaniin. Innis mala baafate, “tole erga isheen hin dhuftu ta’ee  mee hojjettuu ishee naaf waamaa” jedheen . Isheelle siif ni wamna jedhanii waamaniif . Innis Hojjettuu Illeeniitiin “ biyya fagoodha nama si dubbisu dhufetu jira jedhii mee Illeenii  naaf waami”  jedheen. Isheenis gara manaatti ol deebitee  “namni si barbaada” jettee gaafannaaniif  Illeeniin fuula itti kennuu didde.
Namichi  sun ammas yeroo lammataaf “Dhaqiitii nama qarshii baay’ee siif  kennutu dhufe jedhii itti himi” jedheen. Isheenis akkas jettee yemmuu itti himtu yemmus Illeeniin  ‘Anaan  haadha warraa Tarbinoosin akkas jettaa?”  jettee qodaa harkaa qabduun gargaartuu ishee rukuttee gadi baafte.
Yeroo sanas hojjettuun gadi baate dubbin akka ta’uufii didde iti himte. Daldalichis mee maal gochuu naaf wayya ishee argachuuf jedhee gargaartuu ishee sana mariisise.Qarshii baay’ees akka kennuuf itti hime.  Yeroo sana gargaartuun ishee Mallattoo fannootiin kan tolfame kudhaama Tarbinoosii fi Illeeniin qofti beekaan tokko morma Illenii irra jira, isan siif fida atis isa fuutee Tarbinoositti agarsiiftee akka ishee wajjin ciiste itti himta jetteen. Innis yaada kanatti gammade. Innis “Daldaltoonni dhufanii jiru qophaa’aa”  jedhee iyyuu eegale. Gargaartuun sunis yeroo sana ol deebitee Illeeniidhaan “Daldaltoonni dhufan  ka’ii dhiqadhu urgooftuus dibadhu”  jetteen. Isheenis maal yeroo bira situ na dhiqa mitii jettee dhugaa seetee dhiqachuuf kaate. Yemmu dhiqattus kudhaama fannoo mormaa irraa sana  bakka dhiqatteti irraanfatte. Hojjettuun sunis fuutee namtichaaf dallaa irraan darbiteef. Innis kudhaama mallattoo fannoo of irraa qabu sana   sana fudhatee ka’ee  gara Tarbinoos jirutti  deebi’e.
Tarbinoosiin kunoo haadha warraa kee wajjin ciiseen dhufe jedheen. Innis amanuu dide.  Achuman namtichi sunis  ‘kunoo inumaayyuu na jaalattee kudhaama kana naaf kennite’ jedhee sobee kudhamicha hojjettuun Illeenii kenniteef sana Tarbinoositti agarsiise.
Tarbinoosis kudhaama fannoo qabu sana isaafi ishee qofatu beeka waan ta’eef yemmuu argu dhuguma se’ee ofitti aaree,ni na’es  akkuma jecha isaatti qabeenya isaa hunda daldalticha wajjin jiru sanaaf kennee harka duwwaa manati gale.
Yemmuu manatti  galus bifti isaa gurraacha’ee, garmalee gaddee agarraan haati warra isaa Illeeniin  ‘maal taate’  jettee gaafatte. Isheen baay’ee yaaddee eega turte. ‘Dur yoo galtu ni taphatta ture hardha maal taate’ jetteen.  Innis danbaliin ka’ee meesha kiyya hunda balleesse akkamiin hin aarin naan jetta  ittiin jedhe sobe . Isheenis  dhugaa seetee  “Maaloo hin aariin  haa badu ati fira 50 yoo qabaatte, anis fira 50 yoon qabaadhe liqeeffanne, daldalle bakka duraatti deebina” jetteen. Wangeelas waan beektuf ‘Waaqayyoo kan siif kenne yoo sirra fudhate hin aarin’ jetten.
Innis akka hiriyaa isaa wajjin ciifte osoo itti hin himin kan garaa isaa  garaatti qabatee,  “biyyan kabajametti salphadhee taa’uu hin qabu baduun qaba”  jedhee baduuf  ka’e.  Isheenis guyyaa gammachuu kee si faana dabarsee guyyaa gaafa gaddaa fi rakkoo kee si biraa hafuu hin qabu jettee wajjin deemuuf kaate  Innis Saanduqa hojjaa isheetiin hojjisiisee gaalatti fe’e gara bishaan galaana jirut cinaatti geese. Achumaanis galaana irratti ishee saanduqa sana keessa godhee,osoon si amanu na gante nama biraa wajjin ciifte  jedheen.Isheenis maaloo akkas hin goone jettuunis  dhagahuu dide.” Kunoo kudhaamnin ani siif kenne kan aniifii ati qofti beeknu akkamiin harka nama biraa bira gale ree ?’ jedhee kudhaamicha itti agarsiise.
Innis “hojii badaa kana hojjette taanan si hin baasisn ,hin hojjene ta’e si haa baasu” jedhee  ishee bishaanittrratti gatee jalaa sokke. Yemmuus isheen Waaqayyotti boossee silatii Waaqayyoof goote. “Yoo bishaan kana keessaa na baafte ani fannoo kee kan bade sana akkuman ta’e ta’ee barbaadeen siif argamsiisa.”  jettee garaa isheetti Waaqayyotti himte. Danbaliin bishaanis ishee fuudhee asii fi achi raasaa oolee biyya mootiin Rooma Qunisxaa(Konsitaandiyoos) jedhamu bulchutti gate.
Namoonni galaana cinaatti qurxummi qaban saanduqicha arginaan(eegdotas jedha)  saanduqni kun maal lata jedhanii itti fiiganii baasan. Yemmuu bananii ilaalanuu  dubartii bareedduu dha. Isaan garuu qarshii  daldaltoota jalaa danbaliin fudhate se’anii itti fiigan ture.
IV.            Illeeniin Mootiichatti Heerumtee Mootittii Ta’uu Ishee
Isheenis bareeda waan turteef hundumtuu  fuudhuuf irratti wal lolanii. Boooda garuu mootii keenyatti geessu qabna jedhanii mootichatti kennan. Mootichis yemmuu argu bareedina ishee waan jaalateef fudhuuf karoorfate. Baatii 6’f  masara keessatti waan gaarii akka nyaatee dhugdu, urgooftuu gaariis akka dibattu erga godhee booddee fuudhe. Isheenis Dhaloota Kiristoos Booda bara 258 tti  Qosxenxinoos deesse. Isheenis ilma ishee waa’ee kiristaanumma daa’imumma irraan ni barsiifti ture. Waa’ee utubaa Iccitiiwwan shananiis siritti barsiiftee turte. Abban isaa Kiristaana waan hin taaneef.
Erga abbaan Qosxonxinoos du’ee booda  mootiin Diiyooqilxiyaanos jedhamu “Manni Xaa’ota(Waaqarkee)  yaa banamu manni kiristana yaa cufamu” jedhee  labsii waan baaseef  kiristaanonni dhiigni isanii ni lola’e akka qullubbiittii mummuraman, manni kiristanas baay’ee gubate. Kiristaanonnis ni godaanan. Erga Diyoqilxiyaanos du’ee booda garuu Qosxenxinoos Ilmi Illeenii mootii ni ta’e. Innis samii kessatti mallattoo fannootiin “kanaan ni moota” kan jedhu waan itti miuldhateef meesha lolaa irratti mallattii fannoo godhe lola ba’ee moo’ee Roomaa akkuma jirtutti of jala galche.
Kanaanis gammadee Ephesqoophoosii Niqoomeediyaa  Awusaniyoos harkatti cuuphamee kiristaana cimaas ta’ee, kiristaanonnis gammadanii fannoon humna keenya fannoon fayyisaa keenya jedhan. Innis Labsii Diyooqilxiyaanoosiin ba’ee ture diigee
“Manni waaqarkee (xaa’otaa)  haa cufamu manni kiristaanaa haa banmamu” jedhee labsii kiristaanota addunyaa hundaaf boqonnaa kenne ni baase.
Manni kiristaanaa gadadoo waggaa 300 booda bar Qosxonxinoos haara galfii argatte. Innis mootii gaarii jedhamee yaadatama.Mirgaa fi carraa yeroo sana  manni kiristaana argatte keessaa:
v Bara 315 seera ba’een bataskaanni kaffaltii gibiraa irraa bilisa
v Guyyan Dilbata guyyaa boqonnaa fi ayyana  kiristaanota ta’ee kan murtaa’e yeroo sana
v Namni qabeenya isa bataskanaf nan kenna jennan manni kiristaana dhaaluu mirga qabdi.
v Kiristaanummaan amantaa biyyoolessaa ta’e.
Kannaf manni kiristaana yeroo hunda isa yadatti.Wantoota biros waan heddu hojjete. Mootittii Illeniin fannoo gooftaa baasuf  bara 327 gara Iyyarusalem demte. Yemmu achi geessus iddoon fannoon itti awwaalame nama itti himu dhabde.
Boodarra manguddoo Kiraakoos jedhanu tokko argatte inni malaan itti hime. kana booda daamotii  hiitee ,ixaana baay’ee itti naqxee kadhaa eegalte. kunis Fulbana 16 ture. Aaarri damotii fi Ixaanaas xiyyaa hojjetee bakka fannoon gooftaa jirutti sagade.Isaanis bakka xiyaan aaraa itti agarsiise sanatti Fulbaana 17 qotuu eegalanii eegalamee bitootessa 10 ni ba’e.Yoo ba’us kan jara gooftaa waliin fannifamaniis jira ture. Isaan keessaa fannoo gooftaa addaan baafachuuf nama due irra goonaan kan goftaa du’aa ni kaase,ija ni bane,dhibamaa fayyise.
Achumaan foo gooftaa fuudhanii kabajanii  Golgotatti bataskana itti ijaarsiftee fannoo gooftaa  itti galchan. Isheenis fanno akkuma baaften waggatti bara dhalota kiristoos booda bara 328  tti waggaa 80 isheetti ni booqatte. Kanaaf egaa hardhas seenaa sana yaadachuuf daamotiin kan ifuuf malee akkanumaan miti.Manni Ortodoksii tawaahidoo seenaa osoo hin sheelessin asiin geechee jirti.kan bay;ee nama gammachiisudha.Kanaaf amantaa keenyatti haa cimtu,haa beeknus.Shakkitoota irras of haa eegnu..
V.               Fannoon Gooftaa Gara Itiyoophiyaa Dhufuu Isaa
FannooN gooftaa fudhachuuf biyyoonni Iyyeruusaalem, Qusxunxiniyaa, Anitsookiyaa, Efesoon, Armen, Giriik, Iskindiriyaa irratti wal lolan. Sanumaan fannicha adda adda baafachii irratti walii galanii Afrikaadhaaf harki mirgaa Misiraadhaf ga’e.
Bara Mootii Daawiit immoo kiristaanota biyya Misraa waan gargaareef isaanis fannoo gooftaa sana mootii Daawitiif ni kennan. Yerro sana gara Itiyoophiyaa dhufe. Yemmuu dhufus “fannoo koo iddoo qaxxaamura fakkaatu irra teessisaa” sagaleen jedhu samii irraa waan dhagahameef Wallootti tulluu Gisheen Keessatti galuu danda’eera. Ammas achumatti argama.Kanaaf biyya keenyatti sadarkaa biyyoolessaatti kabajama Masqalli. Waaqayyo waan baay’isee nu jaalateef maqaan isaa haa ulfaatu.
VI.           Masqalaa fi Hawaasa Oromoo
Ayyaanni masqalaa uummata oromoo biratti haala adda ta’eeni fi jaalala guddaadhan kabajama. Hiikkaa heddus qaba..Orommon baga booqa birraatiin isin ga’e kan waliin jedhan ayyana kana irratti. Gana bacaqii bane ifatti bane,birraan nuuf barites jedhe sirba masqalaa kan sirbus yeruma kana. Guyyaa masqalaa horiin ille garaa quufee dheeda Oromoo biratti. ‘Kaloon masqalaas’ kan banamu oromoo biratti guyyuma kana. Daamootiin ni ifa. Inumaayyuu halkan daamotiin horiif qofa ifus jira. Ayyaana masqalaa bariis Oromoon ayyana Irreessaa, yaa Waaqayyo kan irree nuuf kennite galatoomi jedhee Malkaatti yookaan tabbatti ba’ee tokkummaan Waaqa ni galateeffata. Ega jaarraa 1ffaaKeessatti duuka bu’oota gooftaa keessaa Bartalomiyoosiin cuuphamanii booda, ayyanicha haala si’ina qabuun kabaju. Iccitii irrattis iccitii dabalataa kan ittiin argateedha.kakaasee kan nu jalqabsiise,nu jalqabsiisees kan nu xumursiise maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu kan hirdhate Inni itti nuuf haa guutu.Ayyaana gaarii nuuf haa ta’u.!

Kitaabota Wabii
1. Dani’eel Kibret (Dn).2000. Ortodoksiin Deebii qabdi. Afaan Amaariffaan kan qophaa’e.Finfinnee.
2.  Gorgooriyoos (Phaaphaasii).1991.Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa. Afaan Amaariffan kan qophaa’e. Finfinnee.
3.  Hammer.Barruulee Waldaa Qulqullootaan Qophaa’u. Waggaa11ffaa lakk 4.bara 1996. Mana maxxansa meeggaa,Finfinnee.
4.Nigusuu Alamuu(Dn.).2000. Deebii kennuuf kan Qophooftan Ta’aa. Afaan Amaariffan kan qophaa’e. Maxxansa lammaffaa. Mana maxxansa Illenii, Finfinnee.
5.Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
6. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame.
7.     Barreeffamoota gara, garaa fi barnoota abbootaa irraa, kan guyyaa ayyaanaa, barnoota Awude-Mihretii irraa)
Yaada keessaniif: waldaanahimiyaa@gmail.com