Wednesday, June 20, 2012

WN001 WAA'EE UUMAMAA


1.WAA'EE UUMAMAA
Ibsa
Bu’uurawwan amantaa Ortodoksii irrattii Afaan Oromootiin barreeffamoota qophaa’an argachuun rakkisaa ta’uun isaa dhimma wabii barbaachisu akka hin taane isunumtuu dhugaa ni baatu jennee afaan guutnee dubbachuun ni dandeenya. Kana akka sababaa fi dadhabbii guddaa tokkootti fuddhachuudhaan shakkitoonni hedduun Oromiyaa keessatti hidda gadi fageefachuudhaan maatii Waaqayyoo gamaa gamanaa irratti duuluudhaan   amantaa Ortodoksii ishee jalqaba turte sana akka jijjiiraaniif dhiibbaa hammana hin jedhamne irraan ga’aa  akka jiranis dhima dhokatee miti. Kanumaafiis mooraa maatii Waaqayyoo keessaa hoolotni isaa yeeyyii buttuudhaan fudhatamaa jiru. Gochiiwwan akkanaa kun kan ga’uu danda’anis dadhabbina gama kanaan jiru sababa godhachuudhaan malee seera Amantaa Ortodoksii sirrummaa ishee irra, karaa jalqabaa ta’uun ishees waan nama mormisiisu akka hin taane Kitaabni Qulqulluun dhugaa baha(Ermiyaas 6:16). Rakkina baayyee hundaa ol nama yaachisu kanas akka sodaa guddaattii fudhaachuudhaan qaamni  irratti dhimmee Wangeelaa fi bu’uura amantaa Ortodoksii Afaan  Oromootiin qopheessu  jira jechuuf nama onnachiisa hin fakkaatu. Kuni immoo nu warra jaalala Iyyasuus Kristos dhandhamannee mi’eeffateef, gaaffii Iyyasuus kiristoos dursee nu gaafatuu fi ittiin nu komatu akka ta’e ifadha. Maalif yoo jenne Wangeela irratti gooftaa Iyyasuus Simoon Pheexroos ofitti waamee yeroo sadi irra deddeebi’ee, “Pheexroos ilma Yoonaa na jaalattaa? Pheexroos ilma yoonaa na jalattaa? Pheexroos ilma yoona na jaalattaa?” (Yoh 21:15) jedhee akka gaafate ni beekna. Achumanis Pheexroos “Eeyyee goofta akkan si jaaladhu atuu ni beekta” yemmuu jedhuunitti Gooftaaniis, hoolota koo, ilmoolee hoolotaa, koos eegi tiksi akka jedheen ni beekna. Adaraan kun Simoon Pheexroosiif qofa miti namoota sagalee Waaqayyoo dhandhamanii mi’eeffatan, maaddii wangeelaa irraa nyaatan hundaaf malee. kunis oboleewwan keenya hoolotaan fakkeenya ta’an kana akka yeeyyii buttuu irraa eegnuf akka ta’e ifadha.
Baay’inni Uummata Afaan Oromooo dubbatuu Baha Afrikaatti akka cirracha galaanaa danuu ta’uun isaas waan dhoksaa qabuu miti. Kanuma irraa ka’uudhaan  egaa maatiin Waaqayyoo akka sagalee Waaqaayyoo  afaan itti dhalataniin dhagahanii hojii Waaqayyoo caalatti dinqisiifatanii abboommii isaaf  Afaan Oromootiin barreeffama bu’uuraa kana baay’ee gabaabsine akka dhiyeessinuuf kan nu godhe. Kunis luqqisawan gaggabaaboo irratti yeroo hunda wal mormuurra, xinnaatuus barnoota hundee irraa barsiisuun kallati barbaachisaa akka ta’e amanuudhaani.Namni danbii, seera, iccitii amantaa   bu’uuraarraa barate tokko gaaffii ka’u hundaaf deebii kennuu ni danda’a amantii jedhu qabanneeti. Kunis immoo barnoota amantaaf fuulduraaf gadi fageenyaa fi si’aayinaan akka eeguuf karaa kan saaquu dha.
Dhimmuma kana irratti xinnaatuus hanga tokko waan qabnu gumaachuuf Waldaan keenya Waldaan Nahimiyaa obboleewwan muraasaa jaalala Waaqayyoo qabaniin walitti qabame hojiiwwan akkana kana xinnaatuus deeggaruuf sochii eegaleera. Kanumaaniis kanaan dura biloogii keenya irratti “Iccitii utubaawwan shananii” kan jedhu akka gabaabsinee isiniif dhiyeessine ni yaadatama. Barreeffama sana fuulduraaf baldhinaan fi bakka hirdhina qabu guutuudhaan akka hunda bira ga’uuf ‘pdf’ dhaan kan qopheessinu yoo ta’u darbees qaami quuqama qabu tokko kan maxxansiisu argamnaan nuti tolaan kennudhaaf qophee akka taane ibsuu barbaanna.
Isumarraa itti fufiinsa kan qabu bu’uura amantaa kan ta’e keessa kunoo hardha immoo akka fedhii Waaqayyootti “Waa’ee Umamaa” mata duree jedhuun uumamawwan Waaqayyo gooftaan guyyaa jaha keessatti uume gabaabsine kitaabota waa’ee uumamaa Afaan Gi’izii fi Amaariffaan barreeffaman wabii gochuun isiniif dhiyeessinee jirra. Egaa isinis akka ka’uumsaatti dubbistanii gadi fageenyaan akka abboota irraa gabbifattaniif akkasumas jechootni hedduun afaan Oromoon hiika hin argatin akkuma jiruun waan fudhanneef, bakk nu hirdhisne Waaqayyo itti haa guutu jechaa ,akkuma yeroo hundaa yaada keessani fi kadhannaa keessaniin nu faana taatu jennee abdanna. Waaqayyo nu ha gargaaru. Ameen.
Dursa
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko.Ameen!
Waaqayyoo osoo ardii fi samii hin uuminin dura akkuma hardhaattii tokkummaan isaa osoo sadummaa isaa hin dhuunfatin, sadummaan isaa osoo tokkummaa isaa gargar hin baasiin tokkummaa fi sadummaa isaatiin galateeffamaa ture.  Osoo ardii fi samiin hin uumamin eenyutu galateeffata yoo jedhame immoo amaluma Waaqummaa isaatu deebisee galateeffataa ture (Hayyoota amantaa 318). Akkuma Wangeelli “Ammas yaa Abbaa ulfina osoo biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qabaa tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!”  jedhu (Yoh 17:5).
Akkanumaan   osoo jiraatuu biyya lafaa nan uuma jedhe yaadee; yaadees hin hafne ni uume. Eenyu fa’a uume kan jedhuuf immoo, namaa fi ergamoota maqaa isaa akka galateeffatanii fi ulfina isaa akka argataniif (dhaalaniif), yoo ta’u isaan uumama kanarraa hafe garuu dinqisiiffannaadhaaf,  nyaata foonii fi lubbuutiif uume.
Akkuma “warri maqaa kootiin waamaman hundinuu, warri ani ulfina kootiif uummadhe, warri ani tolchee bifa itti godhe haa dhufan” jedhu, Isa 43:7. Kitaabotni biros waa’ee uumamaa kana gadi fageenyaan ni ibsu. “Karaa amantii isa dhugaatti kan si geessu wabii barsiisaa ta’e ni qabda innis uumama” akkuma jedhu Maar Yisihaaq (Boq. 1 keeyyata 2ffaa).
Waaqayyo uumama kana hunda kan uume garuu ittiin fayyadamuuf yookiis immoo irraa fayyadamuuf, yookiis immoo wanta jalaa hirdhate namni itti naaf guuta jedhee osoo hin taane kabajaa fi dhiifama isaa uumamaaf kennuu akka barbaade ibsameera (Kitaaba Qaleminxoos).
Amallii namaa beela’uu fi dheebochuudha; Waaqayyoo garuu beelaa fi dheebuu hin qabu. Amalli namaa dadhabaa waan ta’eef waa jalaa fagaate kan fiduuf, waa  jalaa dhokate kan ibsuuf nama isa gargaaru barbaada. Waaqayyoon bira garuu  kun hin jiru.Inni hunduma beeka, hunduma qo’atas waan ta’eef. Kitaabnis kunoo kanuma dhugaa baha, “Bifti isaa ijaan hin argamne, garuu humni isaa inni bara baraa, Waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatame yaadatti argamu ni danda’a, kanaafis waan itti qabatan hin qaban.”(Rom 1:20) jedhamee barraa’e.
Waaqayyoo guyyaa jalqabaa irraa hanga guyyaa jahaffatti uumamni inni uume lakkaawwamee hin dhumu, haa ta’u malee akkuma akaakuu akaakuu isaaniitiin tokko jedhanii yoo lakkaa’an uumama 22 ta’u.  “Addaamii hanga Yaaqoob abbootni jiran 22 ta’u. Hanga guyyaa torbafaattis uumama akaakuu 22 uume” akkuma jedhu (Kufaalee 3:9).
Waa’een uumamaa hardha kan argame osoo hin ta’in Waaqayyoof kan ajajaman raajotaa fi abbootaatti osoo darbuu hanga jabana Muusee ga’e.  Museeniis “Waaqayyoo jalqaba irratti bantiiwwan samii fi lafaa uume” jedhee waa’eee uumamaa baldhinaan barreesse (Uma 1:1). Egaa kitaabaa Qulqulluu keessaa Muuseen waa’ee uumamaa kan baldhinaan barreesse yoo ta’u, erga kitaabni Qulqulluun barraa’ee booda immoo baldhisee kan Muuseen barreesse sanas kan gadi fageenyaan hiikee ibse Qulqulluu Ephifaaniyoos kan jedhamu biyyi isaas odola Qoophiroos jedhamtu irra. Innis Kitaabaa Waa’ee uumamaa baldhisee dubbatu Aksimaaroos jedhamu Waaqayyoo ibseefii barreessee jira.Kan inni barreessee fi kan Muuseen barreesse garaa garummaa hin qabu.
Yeroo amma argamoonni karaa saayinsiin argaman kan hardha akka haaraatti uumaman osoo hin taane kan Waaqayyo yeruma duraa uumedha. Garuu qo’atoonni kunniin hojii Waaqayyoo ifa baasanii akka Waaqayyoon baayyee dinqisiifannu godhan malee waan haaraa uumame miti. Kan uumame hundi kan Waaqayyo guyyaa jaha keessatti uumedha. Garuu namoootni tokko tokko hojii Waaqayyoo dinqii tahe kana irraanfachuurraan kan ka’e hawaan ofumaan argame kan jedhu yaada dogongora waan qabataniif waa’een uumamaa nuuf barreeffamee kenname.
Akkuma wangeelli’ “Nu’i obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaa’oon nuuf kennaniin abdii akka arganutti wanti caaffata qulqullaa’oo keessattii caaffaman hundinuu nu barsiisuuf caffaman” Rom15:4 jedhamee ibsame jechuudha. Ammas Wangeelli “Wanti hundinuu isumaan ta’e, waan ta’e keessaa isa malee kan ta’e tokko illee hin jiru.” Yoh 1:3 jedha.
Kanaaf barreeffamoonnii waa’ee uumama ibsan kunniin kan abboota duraan barreessaniin barraa’an malee haaraa akka hin taane hubadha.Wanti itti dabalame tokkollee hin jiru.
Kanatti aansuudhaan egaa hamma kana erga dursa kenninee guyyaa jahan keessatti uumamawwan  uumaman tokkoon tokkoon kan isiniif dhiyeessinu ta’a. Hubaachiisaaf garuu barreeffamootni waa’ee uumamaa ibsan keessattuu Kitaabni Akisimaaroos Umama uumame kana sa’aatii isaan uumaman waliin kan ibsu yoo ta’u, nuti garuu barreeffamicha gabaabsinee dhiyeessudhaaf jecha, sa’aatii isaan uumaman hin ibsine, guyyaa isaan uumaman qofa kan ibsine ta’uu isin yaadachiisuu barbaadna.Waaqayyoo Arjumman isaa nuuf haa baay’atu.Ameen!
Umama Guyyaa Jalqabaa/Dilbataa
“Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan samii fi lafaa uume” Uma1:1
Jechi bantiiwwan samii fi lafaa jedhu kun yoo hiikamu Waaqayyo guyyaa kanatti uumama waa 8 of keessatti qabate akka uume abbootni Hafuura Qulqulluudhaan hubatanii barreessaniiru. Isaanis ibidda, bishaan, lafa, bubbee, dukkana, ifa, samii fi ergamoota uume. Kunniin uumamoota hafaniif ka’uumsa waan ta’aniif hidda(hundee) umamaa jedhamu (Abushahir). Warri guyyaa duraa uumame kun wanta hin jirre irraa gara jirutti kan dhufan yoo ta’u isaaniin booda kan argaman garuu wanta uumame irraa kan uumamaniidha.
lafa, bishaan, ibiddaa fi bubbee ; afran kana maaliif uume yoo jenne  abbootni amala Waaqayyoo 4’n wal fakkaata jedhu. Isaanis maaliifi maali yoo jenne, soorummaa (diittummaa), abbaa murtee dhugaa ta’uusaa, gara laafummaa (tolumma) fi hunda gochuu danda’uu isaa waliin wal fakkeessu. Gaarumman Waaqayyoo bishaanin wal fakkaata. Bishaan  waa xuraa’a akkuma dhiqu Waaqayyos cubbuurra nama waan dhiquuf. “Isa gara koo dhufus ani of irraa hin ari’u” akkuma jedhu Yoh 6:37.
Hunda gochuu danda’ummaan isaa ibiddaan wal fakkaata.  Ibiddi yoo ka’e gogaa fi jiidhaa akkuma gubu gooftaanis osoo gara laafumman isaa jiraachuu baatee waa hunda dabarsuu ni danda’a waan ta’eef.’ Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru akkuma jedhu’ Luq1:36
 Inni abbaa murtee isa dhugaa ta’uun isaa immoo bubbeedhaan wal fakkaata. Akkuma qote bulaan midhaanii fi hashaafa(galabaa) bubbeen fayyadamuun adda baasu jechaadha.Gooftaanis warra cubbuu hojjetee fi warra tola hojjete adda ni baasa. (Mat 3:12) Abbaa murtee isa dhugaa ta’uu isaas “Waaqayyo abbaa firdii isa qajeelaa dha” jedha (Far 7:11)
Hunda danda’aa ta’uu isaas immoo lafaan wal fakeessu. Akkuma lafti waan nyaannuu fi waan dhugnu nu argamsiisftu hunda, Waaqayyos waa hunda nuuf kenna “Dhugumaan Waaqayyo waan gaarii ni kenna, lafti keenyaas midhaan ni baasa” akkuma jedhu Far 85:12
Jecha samii jedhus yoo hiikan immoo samiin wal irratti akka gamoo dhaabatan torba uumamaniiru. “Guyyaa ishee duraattii hojiiwwan gurgudddoo torba hojjeteeraa” akkuma jedhu (Kufaalee 2:9). Samii torba kan jedhamanis:1)Teessoo Galataa (Menbere Sibhaat), 2)Galma Aariyaam (Tsirha- ariyam;tsirha jechuun galma jedhe kitaabni ciroo fi seerlugaa Gi’izii), 3)Samii Wudud (Samaay Wudud), 4)Yeruusaalem Haaraa /ishee samiirraa, 5)Eyyoor, 6)Raamaa, fi 7) Erer dha.
Samiiwwan kanneen keessaa Eyyoor, Raamaa fi Erer Magaalota (samii) ergamtootni irra jiraataniidha.  Garuu Museen seeraa Umamaa irratti yoo barreessu samii tokko jedhe, kun immoo torba jedhe dubbiin kun wal hin diduu yoo jedhe wal hin didu. Maaliif yoo jenne akka gamoo wal irratti ijaaramaniitii torba waan ta’aniif, kun torba kan jedhe akka gamootti torba ta’uu isaanii ibsuuf barbaadeeti. Wangeelli ammas dubbii kana yoo cimsu “Mana Abbaa koo keessa iddoon jireenya baay’etu jira” akkuma jedhu.Yoh 14:1
Guyyaa duraa, gara boodaatti immoo ergamoota uumee. Maaliif Waaqayyoo erga samii uume booda ergamoota uume gaaffiin jedhu yoo jiraate, akka yoo inni uumu isa gargaarree turre, hin jennee fi. Kana hundi osoo beekkamuu garuu Saaxnaa’el(booda seexana seexana kan jedhame) anatu isin uume jechuun isaa hin hafne.  Ergamootnis ibiddaa fi bubbee irraa uumaman. Akkuma “Ati qilleensota warra ergaa kee adeeman balaqeessa ibiddas warra siif hojjetan godhate” jedhu, Far 104:4. Gama tokkoon immoo amala isaanitu ibiddaa fi bubbeen wal fakkaata malee uumamni isaaniis waan hin jirre irraayi malee waan ture irraayii miti(Aksimaaroos). Waaqayyos baay’ina gosa(neged jedha Gi’iziin) isaanii 100 godhee uume. Uume erga raawwatee booda gonfoo ifaa ni kenneef, siiqqee ibiddaas ni qabachiise. Askeemaa ergamtoota kan jedhus itti uume. Isaanis gosa kudhan kudhaniin dursaa isaanii muuudee. Samaliyaal(Saaxnaa’eel) dursaa hunduma isaanii ture. Baayinni ergamoota gosa tokko keessa jiraniis lakkawamee hin dhumu.  Akka copha rooba erga addunyaan uumamte haga hardha jiru roobeti. Uumamni isaaniis waan bubbee fi ibidda  ta’eef ijaan hin muldhatan.
Ergamoota uume erga raawwatee booda jalaa dhokate. Maaliif yoo jenne laphee kenneeraaf barbaadanii na haa argatan jedheeti. Yeroo kana Samaaliyaal wanta uumame itti fakkaachuu didee ergamtoota isaa gadiitiin anatu isin uume anaaf sagada ittin jedhe.  Inni isaan caalaa humna guddaa qabatee uumamee ture. Isaan keessayis hangi tokko ni sagadeef kunniin immoo sagaduu ni didan. Yeroo kana waldaa ergamtoota keessatti shorerri guddan ni ka’e.  Yeroo sana Gabr’eeliin  hanga Waaqa  nu uume beeknutti  gosa gosa keenyaan cichinee yaa dhaabannu jedhee ergamtoota hundaa ni tasgabeesse.
Yeruma sana gooftaan ifa ni uume, “Waaqayyo ifni haa ta’u jedhe,innis ni ta’e,Waaqayyo ificha gaarii akka ta’e ni arge,ifichas dukkanichatti gargar ni baase,Waaqayyoo ifichaan ‘Guyyaa’ dukkanichaan ‘Halkan’ jedhee in moggaase,” Uma 1:4. Ergamtootniis Waaqayyof Qulqulluu  Qulqulluu  Qulqullu jechuudhaan ni sagadan. Seexanni fi kan seexanaaf sagadaa turan garuu duratti anatu isin uume jedheenii waan tureef sagaduu ni dide.Soba kan eegale egaa yeroo duraaf Samaliyaal(booda seexana kan jedhame) jechaadha.
 “Galgallis ta’e, ganamnis ta’e kun guyyaa tokkoffaadha”Uma 5
Umama guyyaa lammaffaa (Wiixataa)
“Waaqayyo bishaan keessatti bantiin akka waciitii gombifame, tokko haa ta’u, innis bishaan isa ol hafee fi isa gadi hafe gargar haa baasu jedhe” Uma1:6
Guyyaa kana jalqaba bishaan lafaa hanga samii iftuutti guutee bulee ture. , Waaqayyos bishaanicha sana bakka sadiitti qoode. Bishaan 1/3 hawaa gubaatti ni fannise ,  maqaan isaas Haanos jedhame, harki tokko sadaffaan immoo lafa keessatti  lafaaf  afata ni ta’e,  harki tokko sadaffaan immoo naannoo lafaatti akka sabbataa ni marame maqaan isaas garba jedhame(Akisimaroos)(Kufaalee 2:9). Akkuma “Ati utubaa manaa kee bishaan gubbaa ni dhaabde, dumessoota konkolaataa kee godhattee qoochota qilleensatiinis ni adeemte.” jedhamee barraa’e. Far 104:3
Kun guyyaa bantiin akka waciitii (hawaan) itti uumamee fi bishaan bakka sadiitti adda qoodameedha. Hanga guyyaa kanaattii guyyaa duraa waa 8 guyyaa lammaffaa waa tokko uume dhiise. “Galgallis ta’e ganamnis ta’e kun guyyaa lammaffaa dha” Uma 1:8
Uumama Guyyaa Sadaffaa (kibxataa)(Facaasaa)
“Amma immoo Waaqayyo lafti biqila haa baasu, dhaabaan akka qomoo isaatti sanyii godhatu, mukkeetiin ija kennanii ijji isaanii immoo sanyii of keessaa qaban adduma addan akka qomoo isaanitti lafa iratti haa argaman” Uma 1:11
 Guyyaa kanattis waaqayyo bishaan harka 1/3 kan akka sabattaa lafatti marame sana guyya lamaffa kana bakka 3 ni qoode.Harka tokko lafa irratti bu’u dursee jalaa haree galaana cinaa ni teessise. Akkuma Iyoob “Yeroo galaanni cabsate mana isaa keessaa ba’utti, balbaala itti godhe, kan isa ittisu eenyuree?” jedhutti. Iyob 38:8. Harka tokko lafa kanarratti ni dhiise. Kan hardha haroo, laga jennuun jechaadha.Harka tokko immoo isarra lafa jala gadi ni dabarse. “Inni lafa bishaan irra diriirse” akkuma jedhu.Faarfannaa 136:6.Ammas lafa gurraacha gadi buusee(gadi dabarsee) bu’uura godhee tolchee maqaa saa Barbaanos jedheen. Baarbaanos jechuun isa gadi aanaa jechuudha, kunis dukkana nama nyaatu kan argamsiisudha.(dukkana nama nyaatu yoo jedhu baayyee cillima jechuu barbaadeti)
Ammas yeroo garba teessisu lafa haree gara qarqaraatti baasee jennee turre, lafa hare sana naannoo isaa dallaa itti godhe, dallaan isaas hanga hawaa hin ga’u, kan jalatti hafuudha. Maqaan isaas Naageeb jedhame.Naageeb akka garbi lafa gogaarra hin garagalle kan eegu jechaadha. Egaa lafa gogaa kana immoo bakka 6 qoode harka tokko garba irra ciibse, harka tokkoo cabbiin uwwise,harka tokko bineensota gurguddoo biheewotaanii fi lewaatan jedhamu irra teeessise(Uma 1:21) harka tokko immoo Nageebiin irra teessise,harka tokko akka namni irra jiraatu godhe.
Itti aansee dachee namoota eebbifamanii (Biheera-bitsu’aan jedha Gi’iziin), Dachee namootni hin duune keessa jiraatanii(Biheera-Hiyaawaan jedha Gi’iziin) fi jeennata(Genet) fi mana hidhaa( si’ool) ni uume.
Kana booda lafti tiruu fakkaatee yoo ilaalu waa haa biqilchitu jedhe biqiltoota gosa sadii ta’an ni biqilan kan haamtuun hamaman, kan qottoon muraman, firiiwwan harkan guuraman ni uume(Aksimaaroos)  “Kunis gaarii  akka ta’e Waaqayyoon ni  ni arge.  Uma1:12.
“Lafti biqila dhaaba sanyii godhatu akka qomoo qomoo isaatti, mukeetii ija kennanii ijji isaanii immoo, sanyii of keessaa qaban adduma addaan akka qomoo qomoo isaanitti in baase, kunis gaarii akka ta’e Waaqayyo ni arge
Galgallis ta’e ganamnis ta’e kun guyyaa sadaffaadha”Uma 1:13
Guyyaa Afraffaa/Roobii
“Akkasumas Waaqayyo guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii samiitti ibsoonni haa jiraatan!  Isaan milikkitoota buusaan waggaa, guyyoonni, waggoonnis ittiin beekaman haa ta’an .Isaan ibsoota bantii Waaqaatti lafa irratti ifa kennan haa ta’an.”jedhe, innis akkasuma ni ta’e.” 1:14
Ibsoota Kan jedhaman kan guyyaa kana uumaman maal maal fa’i yoo jenne, aduu, addeessaa fi urjiilee uume. Isaan kanas kan uume gabatee biiftuu ibiddaa fi bubbeerraa uume kanaaf aduun nama gubdi (Aksimaroos guyyaa Rooobii).Gabatee addeessaa fi urjiilee immoo qilleensaa fi bishaan irraa uume, kunis akka beekamuf bishanummaa isaanitin ni qorru, qillensummaa isaaniitiin ni naanna’u.
Warra ifa kennan kana ifa isaanii eessaa fidee uume ka jedhuuf immoo ‘ifa haa ta’u’ ka jedhe sanirraa hanga sanyii qamadii ka geessu irraa qunxuree aduu irratti dibe (Henok 21:54).Ifa fide sanarraa harka tokko immoo bakka 7 addaan baase harka ja’a addessaaf harka tokko immoo urjiidhaaf ni kenne.Ifti aduu ifa adeessarra harka 7 ibsa(Henok 21:56)
Yommuu ifa kana uumuus wal caalchisee uume. Ifti aduu lafa iraratti ifa adeessaa caala, ifa urjiiwwaniirras ifa addessaatu caala. Ifti urjiiwwaniitis immoo deebisee wal caala. “calaqifni aduu kan biraati,calaqqifni ji’aa kan biraati,calaqqifni urjootaa kan biraati,calaqqisni urjii tokkoo calaqqisa urjii isa kaanitti gargar” 1Qor 15:41 akkuma jedhu.
Adeessaaf  kan ifa nyaachisu guyyaa 15 ergamaa ni qabdi, guyyaa 15 booda garuu ifti ishee dhumaa ni adeema.Ifoonni kunniin yoo ba’anii galanis fuula isaanii gara ba’a biiftuutti garagashee uume. Gabatee adeessaa irratti immoo bifa namaa kan fakkaatu irratti boce (Henok 25 fi 26).
Aduu, addeessaa fi urjii maaliif uume yoo jenne, ‘itti fayyadamuuf uumee?’ yoo jenne immoo lakki isaaf ifni hin barbaachisu innumtuu ifaa bar, uumamni biraa akka itti fayyadamuuf uume jedhu (Qiddaasee hayyoota 318). Waaqayyos aduudhaaf guyyaa addeessaaf immoo halkan akka iftu ni godhe.  “Biiftuun guyyaa aboo akka godhattuuf kaa’e, gaarumman isaa bara baraan ni jiraata, ji’i urjoonnis halkan aboo akka godhataniif kaa’e” akkuma jedhu Far, 136:7. Aduu maaliif halkan hin ibsine ka jeduuf immoo osoo aduun halkan ifte silaa addunyaan tun ni gogdi ture.
Kana booda Waaqayyo guyyaa Roobii kana ergamoota gosa 100 kan guyyaa dilbataa uume  sana fidee akkuma dursaa isaniitin  bakka 10 itti qoodee ni dhaabe Kana booda ergamtootni ifa fi hoo’a aduu arganii ,adeessaa fi urjiis dinqisiifatanuu,dinqiidha,ajaa’iba kun ajaa’iba jedhanii ililchaa Waaqayyoof ni sagadan.“Yeroo urjoonni uumamanitti ergamootni koo sagalee guddadhaan na galateeffatan” akkuma jedhu Eyob 38:7
Guyyaa kana Waaqayyoo ergamoota Yeruusaalem ishee haaraa (samiirraa) akka daawwatan Taabota Door kan jedhamtee Yeruusalem ishee samirraa keessatti argamtus akka ilaalan ni heyyameef (Akismaaroos Roobii). Isaanis kun immoo eenyuuf kennama ree jedhanii aja’ibsiifatan, deebisaniis kun Waaqayyoof akka taatu jedhan kan Waaqayyoti jedhan. Taabota Door kan jedhamtes Maariyaaamiidha(Aabbaa Hiriyaaqoos).
Akkuma “Yeruusaalem mandarri qulqullittiin isheen haaraan waaqayyo biraa bantii waaqaa keessa akka misirroo dhirsa isheetiif kuulamteetti qophooftee utuu gad buutuu nan arge” Muldhata Yohannis 21:2 jedhu
Waaqayyo kunis akka gaarii ta’e ni arge. Waaqayyo hojii isaattis ni gammada.”Far ‘ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu, Waaqayyo waan hojjetet haa gammadu’ akkuma jedhu Far 104:31 jedhu. Ifooni kunis yeroo safaruuf akka gargaaran ni godhe.Kufaalee 2:13
Waaqayyoo urjiiwwanis ni uume.Hangafoota Urjiiwwan 4 kan waqtiilee bakka 4 adda baasanis ni uume(Henok 28:21).Isaaniis Milki’eel(Bitootessa 26 hanga Waxabajjii 25), Hilmalmaleek(Waxabajjii 26 hanga fulbaana 25)  kunis ganna jedhama Naari’eelii(Muddee  26 hanga bitootessa 25) fi Birki’eel(Fulbaana 26 hanga  muddee 25 )jedhamu.Tokkon tokkon isaanii guyyaa 90 f ni oofu(ni nyaachisu)(ni bitu).
“Galgallis ta’e, ganamnis ta’e kun guyyaa afraffaadha” Uma 1:19
Waaqayyo Hanga guyyaa kanaattii uumama 15 uume jechaa.
Umama Guyyaa Shanaffaa (kamisaa)
Waaqayyoo “Bishaanonni tuuta lubbuu qabaatanii munyuuqaniin haa guutan, simbirri, allaatinis bantii waaqaa jala, lafa irra haa balali’an” jedhe. Waaqayyo yemmuus bineensota gurguddaa akka jawwee galaanaa uumama lubuu qaban bishaan keessa munyuuqan hunduma akka qomoo qomoo isaanitti warra baal’ee qabanis akka qomoo qomoo isaanitti ni uume. kunis gaarii akka ta’e Waaqayyo ni arge.Waaqayyoo horaa baay’adhaa bishaanota galaanaas guutaa,simbiroonni allatonnis lafa irratti haa baay’aatan jedhee isaan ni eebbise,
Uumama guyyaa kanaanis iccitii cuuphaa barsiisa, maaliif yoo jenne galaanni fakkeenya cuphaati, bineensonni immoo fakkenya namootaati. Isaan kana keessa kan bishaan keessa jiraatan jiru, ka lafarra jiraatan jiru, kana balai’anii bishaan keessaa ba’anii lammata deebi’anis jiru.
Guyyaa kanattis bineesonni gosa sadii ta’an kan lapheedhaan loo’an, kan kan lukaan deeman, kan baalleedhaan balali’an guyya itti argamaniidha.
Uumamni guyyaa kanaas iccitii cuuphaa  nama barsiisa.Akkuma bineensoonni guyyaa kana uumaman bishaan keessa malee jiraachuu hin dandeenye,namnis cuuphamu malee jireenya bara baraa hin argatu.
 “Galgallis ta’e ganamnis ta’e kun guyyaa shanaffaa” Uma 1:23
Ummmama Guyyaa Jahaffaa/Jimaataa
“Ammas Waaqayyo ‘lafti waan lubbuu qabaatee jiraatu akka qomoo qomoo isaatti, horii qe’ee wanta munyuuqu bineensa lafaas akka qomoo qomoo isaatti haa baasu’ jedhe, innis akkasuma ni ta’e” Uma1:24.
Umama guyyaa kamisaa fi uumama guyyaa jimaataa attamin adda baafna ka jedhuuf  ka guyyaa kamisaa bishaan keessa malee lafarra hin jiraatan, kan guyyaa jimaataa immoo lafarra malee bishaan keessa hin jiraatan jechaa.
Guyyaa kana immo iccitii du’aa ka’uu namootaa nuuf ibsuuf malee kamisa hojjetee fixuu ni danda’a ture. Kunis warra lapheen lafarra harkifamuuf warra lukaan deemuuf warra balali’uun wal fakkaata akka fakkenya malakatiin yeroo sadi afuufamuu jechaa.
Hanga kanatti 18 jennee ture 3 yoo itti idaanu ammo 21 ta’u.
Kana booda immoo guyyaa jimaata uumama ilma namaa, uumama Addaam dubbanna
Kana booda Waaqayyo koottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama ni uumnaa, jedhe”.Yemmuus Addaam nama waggaa 30 godhanii walakkaa lafaa ka taate Qaraniyootti uuman. Kanaanis iccitii sadumma nu agarsiisan koottaa ni uumna jechuudhaan.
Addam jechaan maal jechaadha ka jedhuuf immoo kan baayyee folollee ta’ee hin dheerannee kan hin gabaabbanne, bifa qabeessa bareedaa jechaadha.” Nama” jedheen nama jechuunis uumama waa 7 irraa uumame jechuudha.
Kunis amala foonumma ka qaban waa afurii fi amala lubbummaa kan qaban waa 3 irraa hojjetame  Kunis bishaan  ibidda, bubbee fi biyyee  yoo ta’an, amalli lubbumma kan jedhaman immoo kan dubbatu(nabaabiit), kan yaaddu(lebawiit) fi kan bara baraaf jiraattu(Hiyaawiit’ jedhaan Gi’iziin)
Yeroo nama akka fakkeenya keenyaatti haa uumnu jedhu sanatti foon Addamii yeruma tokkotti ni argame. Addaam erga uumama 21 uume booda maaliif uume yoo jenne waan jaalateef jedha, dursee waan dhugamuufi waan nyaatamu qopheesse waan isa uumeefi dha. Akka abbaa gaarii tokkootti jechuudha. Abbaan gaariin akka ilma isaatiif dura waan gaarii qopheessu jechuudha.
Uumama warra biraa dugdaan gadi jechisiisee (gonbisee) Addaamin immoo ol dhaabee uume kuni maaliif yoo jennee Addaamiin ‘isin bita malee uumaman hin bitamina’ jechuuf barbaadeti. kan biros immoo bineensonni biro du’aan  tortortanii ni hafu Addaam garuu du’aa akkuma gooftaa ni ka’a bara baraaf jiraata jechuu kana ibsuuf  barbaadeeti. Deebisees immoo Addam kan taa’uu fi kan ka’u godhee uume yoo jennu maaliif ka jedhuuf, ta’uu isaatiin nama biyya lafaa kana, ka’uu isaatiin immoo nama biyya samiiraati jechuu ibsa. Ammas gooftaan deebisee erga uummaama 21 uume booda maaliif Addaam uume yoo jenne, abboommi kurnan, iccitii shanan, aboommii wangeelaa jahan kun bakka tokkotti 21 ta’u, kana hunda kabaji jechuu isaati.
“Waaqayyoo guyyaa 7 dura hojii hojjechaa ture in raawwate, guyyaa torbaffaatis Waaqayyo waan hojjecha ture hundumaattis in booqate.” Uma 2:2. Ni booqate yoo jedhu garuu Waaqayyo dadhabeet jechuu osoo hin taane, uumuu dhiise jechuu barbaadeeti.
Egaa hanga kanatti uumamni 22 ta’u. Addaam dabalatee jechaa. Maalfa’I bakka tokkotti yoo jenne:bishaan, ibidda, bubbee,lafa, samiiwwan,ifa, dukkana,ergamoota, hawaa(bishaan bakka sadiitti qoodame dabalatee),biqiltoota, biqiltoota sanyii, fuduraalee( kuduraalee), addeessa, aduu,urjiiwwan,bineensota lapheen harkifaman, bineensota lukaan deeman, bineensota balali’an kan kamisaa kan bishaan keessaaargaman kan guyyaa kamisaa) (bineensota lapheen harkifaman, bineensota lukaan deeman, bineensota balali’an kan lafa gogaarraa argaman kan guyyaa jimaataa ),fi Addaam ta’u. Ergasii Waaqayyo goftaan ‘Namichi kophaa isaa ta’uun gaarii miti kan akka isaatti kan isa gargaartu ni uumnaaf” jedhe. Uma2:18. Addaam uumamee guyyaa saddeettaffaattii Hewaan immoo ni uumamte.
Yemmuus Addamitti hirribni cimaan ni dhufe, lafee cinaachaa isaa irraa fuudhee foon itti uffisee Hewaan nama waggaa 15 godhee ni uume. Maqaa ishees Hewaan jedhe maalif  yoo jenne Hewaan jechuun haadha namoota hundaa jiraattota hundaa jechuudha. Addamis yeroo hirriiba dammaqu “lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fudhatame, isheen kun namatti waan argamteef ‘name’ jedhamtee haa waamamtu” jedhe.
Kanaafis dhiirri abba isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana, isaan foon tokko ni ta’u akkuma jedhame Uma,2:24. Addaam uumame guyyaa 40 tti Hewaan uumamtee guyyaa 80 tti gara Eden Gannatiitti galan.
Waqayyoo ija firii Eden Gannatii keessaa kan tolaa fi hamaa nama beeksiftu tokko hin nyaatinaa jedhee Addaamii fi Hewaan abboome ture.Haa ta’u malee namni abboommii waaqayyo ni cabse, bofni haxxee waan turteef Hewaan gorsitee, Hewaanis abbaa mana isheef  ija firii nyaachifte. Yeroo sana Addaamii fi Hewaan qullaa ta’uu isaanii arganii saalfatanii mukkeen gannatii keessa dhokatan, baala mukkeeninis of dhoksan. Waaqayyo hunda isaaniis balleessaa isaani ni gaafate.Ni adabes.Bofaan hanga umurii kee guutuu lafarra looyi,biyyees nyaadhu jedheen.Sanyii namittii fi sabyii kee jidduuttis diinumma nan godha,  sanyiin ishees mataa kee ni buruqsu atis miila isaanii ni hiddita jedheen. Hewaaniin immoo yemmuu deessu ciniinsu  kee nan baayisa ,akka firii ija san dhiiksite ,dhiigni kee ji’a ji’aan ni dhangala’a jedheen. Addaamiin immoo dafqa keetiin qotii dadhabii nyaadhu jedheen. Eden gannatii keessaayis baasee ni ari’e. Addaamii fi Hewaaniis kadhannaa cimaadhaan garaan Waaqayyoo ni lafeef.Waaqayyos dhiifama akka godhuuf waadaa galeef. Waaqayyo ilmaan ilmaan keessanirra dhaladhee isinin fayyisa  jedheen.Gooftaanis waadaa isaa eegee wagga 5500 booda nama ta’ee dhalatee Addaamii ijoollee isaa hunda dhiiga isaatiin fayyise.Jaalala ilma namaatiif qabus ni agarsiise.Nu hunda keenyaas ni fayyise.
Egaa baay’ee gabaabsuudhaan waa’een uumama kana fakkaata.Fuulduraaf immoo tarii yoo qaamni kitaaba maxxansiisu argame kan hirdhate guutee baldhatee barraa’uu ni danda’a. Ammaaf garuu akka baay’ee dheerate nama hin nuffisiifneef kanumaan xumurra
Kan kakaasee nu jalqabsiise, kan nu jalqabsiisee nu xumursiise maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu.Ameen!


Kitaabota Wabii
1. Abirahaam Xeenaawu (2000) Abushaahir: Lakkofsa baraa kan Itoophiyaa, Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e Mana maxxansa Gondar, Gondar
2. Beeta Maariyaamii (Aabbaa) fi Mogas Eqube Giyoorgiis( Liqe Mezemiraan)(1999). Hiikaa Icitiiwwan shananii waa’ee uumamaa wajjiin,Afaan Gi’izii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e,Mana maxxansaa Aksum,Maxxansa 3ffaa.Finfinnee.
3. Kitaaba Monoksootaa (1882): Maar Yisihaaq Mana Maxxansa Tasfaa Gabra Sillaasee
4. Mana Maxxansa Tinsaa’ee (1999).Kitaabota Kakuu Moofaa, Hiikaa Seera Uumaaa fi Seeara Ba’uu,Afaan Gi’iizii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e. Finfinnee
5. Mazgabuu Sibhaat: kitaaba Ciroo fi Seerlugaa Gi’izii (Mesthafe-giss we sewaasewu jedha Afaan Gi’iziitiin); Mana Maxxansa Qiddus Giyoorgiiis, Bahirdaar.
6. Sanaay Misikkir (Aabbaa) (1999) Kitaaba Aksimaaroos.Afaan Gi’izii fi Amaariffaan kan Qophaa’e .Bahirdar.
7. Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
8. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootti qophaa’e, qubee laatiiniitin barreeffame


Yaada keessaniif
Waldaa Nahimiyaa
Biloogii: maaddiijaalalaa.blogspot.com



3 comments:

  1. Sagalee jireenyaa isin haa dhageessisu. Jabaadhaa baay'ee namatti tola. Waaqayyo dabalee dabalee isin haa jabeessu isin haa gargaaru isin haa eebbisu.

    ReplyDelete

Note: Only a member of this blog may post a comment.