Saturday, November 29, 2014

Maariyaamii Tsiyoon: Sadaasa 21

Maqaa Abbaa kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen.
Maariyaamii Tsiyoon(Maariyaamii Sadaasaa)
Waa’ee guyyaa kanaa ajaa’iba guyyaa kana raawwate dubbachuuf  Waaqayyo hanga nu beeksise, hanga nutti ibse, wanta abboota keenya irraa dhageenye fi agarre, dubbifnee fi qalbifanne dursummaa Afuura Qulqulluutiin dubbanna. Waa’ee sagalee isa gamoon hin daangessine baldheensi fi tulluun hin hanbisnee, waa’ee isa kitaaba jireenya irra jiru dubbanna. Waa’ee Haadha Ulfinaa; haadha kabajaa keenyaa Waa’ee Dubroo Maariyaam dubbanna. Fakkeenya Dubroo Maariyaam maqaa Tsiyooniin kan moggafamte waa’ee Taabota Tsiyoonis dubbanna. Wanta dubbifnu haa qalbifannu, wanta qalbifannu haa amannu, laphee amantaa fi of gadiqabummaatiin iccitii namoota heddu jalaa dhokatee nu kiristiyaanota Ortodoksiitiif ife kana akka qalbifannuu Ilmi Waaqa Jiraata Goftaan keenya nu haa gargaaru.
Tsiyoon jechi jedhu waamicha wantoota afuriif akka gargaaru Kitaabni jireenya nutti  hima. Isaanis tokko; Iyyaruusaleem keessatti tabba xiqqoo tokkotu argama,  tabbi kunis maqaa Tsiyoon jedhamuun waamama(2Sam 5:7). Kan lammataa Iyyaruusaleem keessa namooni jiraatan Tsiyoon jedhaman “Ati ka’i Tsiyooniif dhiifama godhi,” jechi kun namoota  “Tsiyoon” keessa jiran ibsa (Faar 102/103:13).  kitaaba  qulqulluu keessatti namoota maqaa biyyatiin waamuun waan baratameedha.  Kan sadaffaa  Mootumman samii Tsiyoon jedhamti.   “Isin garuu magaala Waaqa jiraataa kan taate gara  tulluu Tsiyonitti, gara Iyyaruusaleem ishee samiiwwan keessaa,  kitilli ergamoota gammachuudhaan keessa jiratanii gees- sani ittu” (Ibr.12:22)
Kan Afraffaa ammoo Dubroo Maariyaam: Egaa akkuma kanaa olitti ilaalle jechi Tsiyoon jedhu kun  moggaasa gara garaaf haa oolu malee baldhinaan kan ibsu  waa’ee haadha keenyaa Dubroo Maariyaamiiti. Kanaaf  Kakuu  moofaa(durii) keessatti Tsiyoon kan jedhamte Dubroo Maariyaamii  dha. Raajaa Daawit waa’ee haadha Gooftaa keenyaa akkana  jedha:   Faar. 86(87):5 irratti, “namni haadha keenya Tsiyoon  jedha, ishee keessattis namni dhalate”  Egaa wanti hubachuu  fi adda baasuu qabnu, armaan olitti waa’ee tabbaa kaasuun  keenya ni yaadatama. Haa tahu malee as irratti himni ‘haadha  keenya’ kan jedhu kun kan tabba namni keessatti dhalatu ibsu  miti, tabba keessatti namni dhalachuu hin dandahuuti. Kanaaf  namni kan keessatti dhalate haadha keenya Maariyaamii waan  taateef Tsiyoon jedhamti. Nama Kan jedhames “Ilma namaa”  kan jedhame Iyyasuus Kiristoosi dha.
Kanaafis “ilma namaatti  kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuf  ta’e”  jedhamee barraa’eera (Yoh 3:15). Isaayyas raajichi raaga isaa boqonnaa 60:14 irratti, ilmaan  warra si cunqursaa turan amma miila kee jalatti ni kufu; isaan  ati mandara Waaqayyoo fi Tsiyioon mandara Waaqayyoo  ishee qulqullu kan Israa’el jedhanii si moggaasu jedhee kan  dubbates kanumaaf ture. Raagni “Namni haadha keenya Tsiyoon jedha,” jedhu kuni  kan raawwate karaa haadha Gooftaa dubroo Maariyamiitini.  Gooftanis fannoo irratti karaa qulqulluu Yohaannisiin “kunooti  haati kee” jedhee dubbatee haadhumma ishee bara baraaf nuuf kennee jira. (Yoh 19:27). Kanaaf akkuma qulqulluu Yohaannisiif  haadha taate, ijoollee Addaamiifis haadha taatee jirti.
 
Guyyaa kana Taabotni fakkeenya Dubroo Maariyaamiitiin kan moggaafamte Taabotni Tsiyoon guyyaa Xaa’ota(waaqarkee) namaan tolfame Daagoon jedhamu caccabsitee Filisxeemota salphifte dha. Ijoolleen Luba Eelii lamaan, Afniini fi Finhaasii jedhaman sababa cubbuu sadi raawwataniin Taabotni Tsiyoon booji’amtee turte. Tokko ibsaa yeroo hunda ifu kan Museen teessise akka hin ifne iddoodhaa kaasuun, lammaffaa aarsaa  dhiyaachaa ture jalqaba osoo Waaqayyoof  hin dhiyaatiin ofii isaaniif nyaacha turuun, sadaffaa dubartoota gara mana qulqullummaa dhufan waliin ciisuun cubbuu gurguddaa kana waan raawwataniif  Waaqayyoon dheekkamee Israa’eloonni akka moo’ataman, ijoolleen kunis akka du’an Taabotni Tsiyoonis akka booji’amtu sababa ta’e.(1Sam 5:4). Yeroo kana Filisxeemonni Taabota booji’an kana mana Xaa’ota isaanii keesaa Daagon jala yemmu kaa’an ganama yemmuu deebi’an garuu Daagon Taboticha jalatti kufee caccabee argan. Ajaa’iba kanaaf kan kana fakkatan heddu taabotichi waan raawwateef  Filisxeemonni harka-fuudha waliin Taaboticha deebisaniiru. Kanaaf guyyaan kuni ni yaadatama.
Taabotni ajaa’iba akkanaa hojjette kuni gara biyya keenyaa iddoo Aksum kan dhufte Sadaasa 21 waan ta’eef guyyaan kuni yeroo sana irraa eegalee kabajamee ni oola. Bara Yoodiit Guditis baqannaa waggoota 40 booda  hora danbal irra erga turte booda deebitee kan galte guyyuma kana akka ta’es ni himama//

Galatni Waaqayyoof haa ta’u. Araarsummaan haadha keenya warra nu waliin haa ta’u. Waaqayyo Waldaa keenya haa eebbisu. Dubroo Maariyaamis araarsumma isheetiin nu haa mildhattu.Ameen