Ijolleedhaaf


Amantaan har’a jiru kun qulqullina isaa eegee kan har’a gaye abbootiin darban ijoollee isaanii ciminaan waan barsiifataniif akka ta’e ni beekama. Labatni/Dhaloonni itti aanu amantii kana haala itti fufinsa qabuun amantiikoo jedhee akka dhaaluu danda’uuf ijoollee har’a jiran irratti bal’inaafi ciminaan hojjechuun barbaachisaadha.

Kanaafuu mata duree kana jalatti Kitaaba Qulqulluu irraa akka ijoolleedhaaf ta’utti seenawwan abboota beekkamoo, gorsa, abboommii fi gaaffiiwwan gaggaabaaboo qopheessuun ijoolleen akka itti hirmaataan gochuuf kan qophaa’edha. Kana jechuun ijoolleen baayyeen tajaajila internate ni argatu jechuu osoo hin taane, warri ijoollee barreeffamoota kana as irraa fudhatanii piriint gochuudhaan mana isaanitti ijoolleef akka kennan yookaan dubbisaan dhageessistanii daa’imman akka gorsaniifi akka jajjabeessan yaadameetudha.

 Kanaaf as irratti hirmaannaan maatii/warra ijoollee baayyee barbaachisaadha. Ijoollee keenyaaf yeroo hunda fiilmii gara garaa agarsiisuu cinaatti akka soda Waaqayyoo qabatanii fi lammii gaarii boru biyaafis ta’e ofii isaaniitiif lammii bu’aa guddaa buusuu danda’u gochuuf baruumsi amantaa ga’ee hammana hin jedhamne waan taphachuu danda’u akka ta’ee kan nama shakisiisu miti.

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.