Saturday, January 17, 2015

Cuuphaa Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!

                                                   Wiirtuu Naqamtee irraa

“Samiin banamee Afuurri Qulqulluun bifa guuggeetiin muldhatee irra bu’e,sagaleenis samii irraa akka dubbate,ati ilma koo isa jaalatamaa dha, gamachuun koos sitti ni raawwatama”  kan jedhu ni dhagahame(Luq 3:21).Gooftaan waggaa 30 tti(Luq 2:23)  cuuphame.(Mat 3:17)

Hiika Cuuphaacuuphaa jechuun cuuphamuu, bishaan keessa seenanii bahuu jechuudha. Cuuphaan icciitiiwwan Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo keessatti raawwataman keessaa isa tokkoo fi kan jalqabaa yommuu ta’u, amantoonni kan mana amantaatti ittiin galan, mucummaa fi kabaja Waaqayyorraa kan ittiin argatan dha. Icciitii wanti jedhameefiis mucummaa Sillaasee (Sadummaa) isa ijaan hin argamne kan ittin arganuu fi warreen hin amanneef icciitii jedhama.
Afaan yoonaaniin ‘Ephifaanii’ jedhama hiikni isaas mul’achuu tokkummaa fi sadummaa Waaqayyoo jechuu dha. Akkuma wangeela Maat.3:13 irratti Iyyasuus cuuphamee akkuma baheen bantiiwwan samii hundi ni banamani achumaanis Afuurri Waaqayyoo akka gugeetti(Afuura Qulqulluun) isarra bu’uusaa arge. kunoo sagaleen(Abbaan) ammoo inni kun Ilma koo isan jaaladhu ittis gammadudha jedhe icciitiin tokkummaa fi sadummaan Sillaasee kan Yoordaanositti mul’ate waan ta’eef. Sababni isaa Gooftaan Iyyasuus Ilma Waaqayyoo ,waaqa ta’uusaa warreen shakkaniif ibsuuf.
Gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos raajiiwwan himamaa turan raawwachuuf, nuuf fakkeenya ta’uuf, bishaan eebbisuuf akkasuma cuuphaaf humna ta’uuf  laga Yordaanositti cuuphame. Iyyasuus Kiristoos harka Yohaannisitti cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Yoordaanositti dhufuu isaa agarsiisuuf guyyaa ayyaana cuuphaa kana taabotni teessoo isaanirraa ka’anii lafa bishaan jiru bulu (Mat3:13).
Ayyaannii cuuphaa kun guyyaa Roobii ykn guyyaa Jimaataa irra yoo oole hin soomamu. Kunis kabaja Gooftaa fi ayyanichi kabajni isaa hammam guddaa akka ta’e ibsuu fi.
   Gooftaan Iyyasuus Maaliif Laga Yoordaanositti Cuuphamee?
Gooftaan keenya Iyyasuus kan inni cuuphameef sababoota armaan gadiifi
1. Raajii abbaan keenya Daawit dubbate sana raawwachuuf. Faarsaa Daawit 113(114):3 irratti galaanni argee ni baqatee ,lagni Yoordaanoosiis gara boodatti ni deebite ati yaa yoordanoos maaliifi baqattee jedhee abbaan keenya Daawwit raajii dubbatee waan tureef, raga sana raawwachuuf Yordaanositti cuuhame.
2. Saboota adda adda turan tokko isaan taasisuuf  laggeewwan laman Yoor kan gandoota  ormootaa keessaa yaa’uufi Daanoos kan ganda Yihuudotaa keessaa yaa’anidha. Gooftaan bakka lageewwan lamaan kun walitti makamanitti cuuphamee. Inni Yihuudota qofaaf ykn ormoota qofaaf akka hin dhufnee fi dhala namaa maraaf akka dhufe kan agarsiisudha.
3. Seera cuuphaa nuuf  kaa’uuf(nu barsiisuuf).
4. Addaam dargaggeessa umuriin waggaa soddoomaan Waaqayyoon gaddisiisee Jaannata keessa bahee mucummaa Waaqayyoo isa dhabee deebisuuf dhufuusaa yommuu ibsuu Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos umuriisaa waggaa soddomaatti harka Yohaannisitti cuuphame.
5. Xalayaa garbummaa Addaamii fi Heewaan yommuu gannata keessaa bahan seexanni dhagaa battee lama irratti “Addaam garbicha Daabiloos, Heewaan garbitti Daabiloos” jedhe mallattessisiisee tokko Sii’ool keessa tokko immoo galaana Yordaanoos keessa dhoksee ture. Gooftaaniis xalayaa gabrummaa sana sana balleessuuf galaana yoordaanositti cuuphame.
Gooftaan maaliif gara Yohaannis deemee cuuphamee?
·        Gadi of qaqqabummaa barsiisuuf
·      Seera nuuf tumuu isaati. Jechuun osoo Gooftaan Yohaannis bira deemee cuuphamuu baatee, mootoleen, abbootni qabeenya adda addaa manatti koottaa maatii keenyaa nuuf cuuphaa jedhani abboota luboota ni rakkisu turani. Kanaaf manni amantaa barumsa Gooftaa irraa argatte kanan ummata kamiyyuu osoo adda hin qoodiin mana amantatti ni cuuphti.

Manni amantaa Ortodooksii Tawaahidoos yeroo hunda amajjii 11 waggaa waggaan amajjii sirna ho’aa ta’een yaadannoof,eebbaaf akkasuma fayyina fooniif fi sugaaf ayyaana kana ni kabajji.
Eebbi Waaqayyoo, araarrii fi Kadhaan haadha keenyaa Dubroo Maariyaamii, Eegumsii Eramoota samii akkasumas Araarsummaan Qulqullootaa nuuf haa baay’atu. Ameen
                                  Ayyaana gaarii

 

Monday, January 5, 2015

Dhaloota Gooftaa Iyyasuus

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon! Ameen!

"Daa’imni(Mucaan)  nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera, humni mootummaa isaa gateettii isaa irra jira, maqaan isaa ‘Gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abba bara baraa, angafa nagaa ni jedhama” (Isa 9:6)
                           D/n Tolaa Asfawuu fi  Sisaay Taarikuu 
                                      
Waaqayyo erga uumama 21 uumee booda guyyaa Jimaataa dhumarratti dhala namaa uume. Isas akka fakkeenya isaa fi akka bifa isaatti bareechee uume. Bakkee jireenya isaas bakka nyaatanii hin beelofne,bakka dhuganii hin dheebonne, bakka yeroo maraa gammachuu malee gaddi namatti hin dhagahamne, bakka faaruu Ergamootaa malee sirbi biyya lafaa hin jirre, bakka Waaqayyo uumaa malee waaqoliin kan biroon itti hin galateeffatamne Gannata keessa jiraachise. Wantoota inni nyaachuu danda’uu fi hin dandeenye adda baasee itti hime. Akka inni uumamtoota kanneen biroo eegu erga taasisee booda, mukkeen as keessa jiran hundaa ni nyaatta,garuu hamaa fi gaarii muka beeksisu kana hin nyaatiin jedhee ajaje. Gaafa isa nyaatte ni duuta ittiin jedhe. Maqaa isaa Addaam jedhe. Maqaan haadha manaa isaa Hewaanidha. Addaam jechuun kan hin dheeranne, kan hin gabaabbanne, bifa qabeessa bareedaa jechuu yemmuu ta’u, Hewaan jechuun haadha jiraattota hundumaa jechuudha. Isaanis akkuma Waaqayyo isaan akeekkachiisetti jireenya isaanii itti fufan. Haa ta’u malee, yeroo booda wanti addaa uumame. 

Diina keenya kan ta’e seexanni kan jireenya keenya hin jaalanne Addaamii fi Hewaaniin daandiirraa kaachisuuf kutatee ka’e. Kanaaf uumamtoota kanneen jiran keessaa baay’ee abshaala kan taate bofa keessa bulee Addaamiin doggoggorsuuf yaale. Akkasis jedhe “ati maaliif gowwaa taata Waaqayyo kan akka ati muka kana hin nyaanne si dhowweef gaarii fi hamaa beektee akka ati akkasaa hin taaneefi dha” jedhee gowwomsuu yaale. Addaam yeroo sanatti cimaa waan tureef keessumsiisuu hin dandeenye. Maqaa Waaqayyootiin ofirraa ari’e. Bofichis isa dhiisee gara Hewaanitti deemee “Waaqayyo muka Gannata keessa jiru hin nyaatiinaa isiniin jedheera mitii?” jedheen. Isheenis akkas jette “firii mukeen Gannata keessaa ni nyaanna garuu kan muka Gannata walakkaa akka hin nyaanne Waaqayyo nu akeekkachiiseera” jetteen. Yoo nyaattanis ni duutu nuun jedheera jette. Bofnis du’a hin duutan garuu yoo nyaattan ijji keessan banamee akka Waaqayyoo hamaa fi gaarii arguu keessan waan beekuuf isin dhowwe malee jedheen. 

Hewaan mukicharraa nyaachuun gaarii akka ta’ee fi ogummaafis gaarii akka ta’e argitee mukicharraa kutattee nyaatte. Addaamiifis laatte. Innis ishee waliin nyaate. Ijji lamaan isaanii baname. Qullaa ta’uu isaaniis of argani. Walis baqatani. Baala mukaa walitti hodhanii uffatani. Isaanis erga dhihee booda sagalee Waaqayyoo yemmuu inni Gannata keessa deddeebi’u dhagahani. Lamaan isaaniiyyuu mukoota Gannata keessaa jala dhokatani. Waaqayyos Addaamiin waamee eessa jirtaa? jedheen. Addaamis Gannata keessatti sagaleekee dhagahee qullaakoo waanan ta’eefan si dhokadhe jedhe. Waaqayyos qullaakee akka taate eenyutu sitti hime? jedheen. Isan ani irraa hin nyaatiinaa jedhe irraa nyaattani mitii? jedheen. Addaamis Hewaantu na nyaachise jedhee sababa dhiheesse. 

Waaqayyos lamaan isaanii abaare. Kana booda Addaam Gannata keessaa ari’ame. Addaamis badiisaa hubatee gaabbiidhaan, qalbii jijjiirannaadhaan, boo’ichaan Waaqayyoon kadhate. Waaqayyos gaabbiisaa fi kadhannaasaa dhagahee Addaamiif waadaa gale. Waadichis akkas kan jedhu ture “Guyyaa shanii fi walakkaa booda dhala dhalakeerraa dhaladheen dhufee si fayyisa” jedheen. Guyyaa shanii fi walakkaan akka keenyatti waggaa 5500 ta’a. Waggaan 1000 Waaqayyoo biratti guyyaa tokko waan ta’eef. Guyyaan gahuu hin ooluutii gaafa guyyaansaa dhihaatu yaadaanis, fooniinis durbummaan kan jabaatte durboo Maariyaamiin haadhashee Haannaa fi abbaa ishee Iyyaaqeem irraa dhalatte. Isa booda waggaa sadiitti mana qulqullummaa galtee achumatti guddatte. Akkuma  Isaayyaas 7:14 irratti “kunoo durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi maqaasaas Amaanu’eel jettee ni moggaafti. Hiikaan isaas “Waaqayyo nu wajjin jira jechuudha” jedhee akkuma barreeffame yeroonsaa gaafa gahu Waaqayyo ergamaa isaa gara isheetti erge. 

Ergamichis akkas jedheen “Gammachuun siif ta’a, Waaqayyo foon keerraa foon , lubbuu keerraa lubbuu, fudhatee sirraa nama ta’eera” jedheen. Maariyaamis “ani dhiira waan hin beekneef akkamitti naaf ta’a” jetteen. Ergamichis jedheen “Afuurri qulqulluun si eega, humni jabaanis sirra bula, kan sirraa dhalatus qulqulluu sadan keessaa qulqulluu isa tokkodha” jedheen. (Wangeela Luqaas 1:36)Maariyaamis akkuma ergamichi jedhe afuura qulqulluudhaan ulfoofte. Guyyaan fayyina Addaam gaafa gahu, osoo sekeendiin irra hin darbiin kutaa magaala Daawwit kan ta’e Beeteliheem dallaa horii keessatti qoricha addunyaa kan ta'e  GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISTOOS deesse.
“Betelihem Otuu jiranis yeroon Maariyaamin itti deessu ga’e; angafa ilma ishee deesse, lafa bultii karaa deemtutti iddoo hin arganne waan turaniif wayyaa itti martee siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite” (Luqas 2:7).

“Tiksoonni tokko tokko ammoo naanna’a sana bakkeetti halkan darabee dammaqanii hoolota isaanii ni eegu turan. Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabatee ifni surraa gooftichaas naannoo isaanitti ibse; kana irratti isaan na’anii guddaa sodaatan. Ergamichi garuu ‘hin sodaatinaa kunoo ani misraachoo gammachuu guddaa isinitti hima’oo kunis saba hundumaaf kan ta’uudha. Hardha Mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalareera, inni immoo kiristos goofticha. Milikkinii isaa ammo kana, mucaa wayyaan iti marame siree horiin keessa nyaatu irra ciisu ni argitu” isaanin jedhe.(Luq 2:8)

Ergamoonis ammoo “Galatni Waaqayyoof samii gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyotti gammadaniif lafa irratti”  jedhanii Waaqayyon ni faarfatu ture. Akkuma ergamaan Waaqayyoo innin osoo hin dhalatin maqaa isaa moggaase, guyyaa sadeettafaatti Iyyasuus jedhamee mogga’e.

Yohaannisis waa’ee dhaloota gooftaa akkas jedhee “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture, sagalichis Waaqayyo bira ture, sagalichis Waaqayyo ture………………sagalichis foon ta’e” (Yohaannis 1:1-14). Kanaaf manni A/O/T/ Itoophiyaa waggaa waggaan mudde 29 haala ho’aa ta’een dhaloota gooftaa yaadachuun kabajji.

Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu,jaalala ilmaan namaaf qabu kunoo agarreerra, barreerras, nutis wal haa jaalannu, walii haa mararfannu. Ayyaana kana hoo kabajnu, harka qalleeyyii haa yaadannu, waan qopheeffanne irraa qoodne kennuudhaan haa kabajnu. Iyyasuus Kiristoouu, Innii samii fi ardii uume inni Ergamootni isaa lakkaawamee hin dhumne, Dubaroo Qulqulleettii irraa fooniin dhalate, sanuu mooraa loonii Keessatti, kana haa yaadannu.
Galanni Waaqayyoof, kan isa deesse Haadhasaaf, ulfaataa Fannoosaaf haa ta’u. Bara baraan ameen.
Madda:- Kitaaba Qulqulluu 1997
         -Galmee Seenaa (Mezgebe Tarik, 2002)
          -Bu’uura Amantaa (Waldaa Duuka Bu’ootaa )
               Bara Araaraa 2007