Waa'ee Keenya


Maqaa Abaa,Kan Ilmaa,Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko.Ameen.
Baga fuula Maaddii Jaalalaa Ortodooksii Tawaahidootti nagaan dhuftan.
Biloogiin kun barsiisaa, sirnaa fi danbii Ortodooksii Tawaahidoo bu’uura godhachuudhaan Wangeelaa lallabuu fi Barsiisa Amantaa Ortodoksii Afaan Oromootiin dabarsuudha. Biloogii kana keessatti utubaawwan amantaa, lallaba, gaaffii fi deebii, Faarfannaa, baruumsa ijoolledhaaf, mata-dureewwan  jedhan  fi kan biros of keessatti kan qabateedha. Jechoota haaraa yoo argitan immoo mataa duree  hiika jechoota jedhu keessa barbaaduun argachuu ni dandeessu.

Dabalataaniis Biloogiin kun seenaa Ortodooksii Itoophiyaa keessatti Afaan Oromootiin kandhiyaate kan jalqabaa waan ta’eef, darbee darbee dogongorri qubeewwanii fi jechootaa yoo muudate battalumatti akka sirreessinuuf yaada keessaniin nu faana akka taatan gaafanna. Tajaajila kana  caalatti guddisuuf namootni tumsuu barbaaddan yoo jiraattan immoo karri banaadha..

Biloogiin kun Waldaa Duuka Bu'ootaa jedhamuun kan qophaa’u yoo ta’u kan eegalames Hojjetoota Mootummaa Magaalaa Finfinnee Keessatti argaman qubaan lakkaawwamaniin. Namootni erga dabarsinutti gammaddanii Mana Kiristaanaa keenya dhugumaan tajaajiluu barbaaddan immoo miseensa ta’uun kan amma hojjetamaa jiru kana caalaa hojjechuu ni dandeessu.

Gargaarsi Waaqayyoo, Kadhannaan Dubroo Maariyaamii fi Qulqulloota nuwajjiin haa ta’u!
Ameen!!

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.