Saturday, January 18, 2014

Ayyaana Cuuphaa



Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon! Ameen.
“Gocha isaa akka hordoftanii Isiinis rawwattaniif Kiristoos fakkeenya isiniif kenneera” 2Pheexroos. 2:21
                                                                                        D/n Guutaa charuu 
 

Waaqayyoo Gaafa Addaam ilmasaa akka fakkenyaa fi bifa isaatti erga uumee booda gorsa kenneef.Gorsa isaa kanas fudhatee akka itti jiraatuufidha. Bakka jiraadhu jedhee itti agarsiise, wanta inni fakkeenyaan barsiise sana dhiisee ajja Uumaa isaa diduudhaan gorsa diinaa fudhatee  duuti barabaraa irratti murteeffame. Waaqayyo gochaan mukti kun kanadha, kun immoo kanadha jedhee isatti hime. Daandii fi fakkeenya Waaqayyoo fudhachuu dadhabuun immoo gahee Addaamidha. Kanaafidha qulqullichi Pheerxoos  “Gocha isaa akka hordoftanii, rawwattaniif Kiristoos fakkeenya isiniif kenneera” (2Pheexroos. 2:21). Dhalli namaa jalqaba abboommii  Waaqayyoo cabsee gorsa seexanaa dhagahuudhaan muka Jannata keessa jiran hunda nyaadhu muka isa waan gaarii fi yaraa nama barsiisu kana immoo hin nyaatiin jedhame nyaachuun dhala namaa hundarratti duuti du’aa irratti murtaa’ee abaarsaan jiraachaa turan. 

Har’as Waaqayyo fakkeenya kan nuuf kenne keessa tokko Cuuphaadha. Cuuphaan furtuu balbala Waaqayyoo banudha.Cuuphaan alatti eenyuu illee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin danda’u.Addaam akkuma Waggaa Soddomatti cubbuu rawwatee bakka jireenya isaa gannat keessaa godaane, Waaqayyoo baraan booda dirree gadameessa durboo Maariyaam taasifatee, foon isheerraa foon lubbuu isheerra lubbuu fudhatee guyya Kibxaata mooraa loonii keessatti dhalate. Abdiin Addaamii fi raajotaa ni mul’ate. Samii Addaan kuttee yoo dhufte maal ta’a kan jedheenii raajoonni dubbatan (Isaa. 64:1), samii teessoo irraa gad bu’ee mooraa loonii keessatti gad of qabummaan dhalate. Jaalalli Addaam Ilma teessoo irraa gad harkise (fide).Addaam akkuma dargaggeessa waggaa soddomaa ta’ee uumame, waggaa torba boodatti dogongore.Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos mucummaa Addaam deebisuudhaaf dhalatee waggaa soddomatti laga Yordaanositti harka Yohaannisitti cuuphamee namootni hundis akka fayyaniif lammata dhalachuuf cuuphamuu akka qaban barsiiseera.ofii isaa cuuphamuudhaanis seera  nuuf bu’uure. Kan Kiristoos hundeesseen alatti immoo eenyullee hundeessu hin qabu.(1Qor 3:11).

Erga hundeessee booda Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhuma barumsa isaa irratti akka nutis gocha isaa ilaallee, fakkeenyuummaa isaa hubannee gara hojiitti jijjirree mucummaa isaa ganamaa sababa Abbaa keenya Addaamiin dhabne sana akka argannuuf “Rawwadhaa” jedhee nu ajaje. (Yoh. 3:5). Kanarra darbee akka nuti warren ifa hin argatiin, carraa jireenya bara baraa hin argatiin  akka deemnee ibsinuuf “Iftii keessa kallatti maratti haa ifu” (Yoh. 17:1) erga jedheen booda “Deemaatii maqaa Abbaa  Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiin cuuphaa duukaa buutota koo taasisaa” jedhee duuka buutota isaa ajajeera (Maat 28:19). Akkuma qulqulluun Pheexroos “Gocha isaa akka hordoftanii, rawwattaniif Kiristoos fakkeenya isiniif kenneera” 2Pheexroos.2:21 jedhee; isaanis ajaja barsiisaa isaanii irraa kennameef fudhatanii namoota addunyaa Wangeela barsiisuun cuuphanii ijoollee Waaqayyoo taasisaniiru. Har’as Manni-Kiristaanaa keenya namoota Waaqayyo filate hunda cuuphuun mucummaa Waaqayyoo ni kennitiif. Kun immoo Waaqummaa Kiristoos ragaa bahuudha.“Nuti wanta ija keenyaan argine, gurra keenyaan dhageenye hunda raga ni baana” akkuma jedhan barattoonni Gooftaa.(Yoh. 3:12, Hoj. 4:20).Sababni isaas wanta Faayisaa fi qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos barsise hundaa waan dhaga’aniif, raajii fi hojii isaas ija foonii fi Hafuuraan waan arganiif. “Kana hundaa gurri koo dhageesse jirti, Ijji koos argitee jirti” akkuma jedhe raajichi Iyyoob. ( Iyyoob. 13:1 ). Kanaaf yoo hojii abbaan keenya rawwate sana rawwachuu ni qabna. Sababni isaas inni fakkeenya nuuf ta’e waan ta’eef.
Garagarummaan cuuphaa keenyaa fi gooftaa maaliidha?
Cuuphaa faayisaa, qorichaa fi Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan xalayaa badii diinni keenya seexanni barreesse barbadeessuuf cuuphamedha. Cuuphaan keenya immoo “Cuuphaa mucummaa Sillaasee itti argannudha. Cuuphaan kunis nuti ilma Waaqayyookan ittiin taanuu fi Waaqayyoos abbaa kan ittiin nuuf ta’udha. Qulqulluun Phaawuloos waa’ee kanaa akkana jechuun ibsa “Abbaa Abbaa jennee akka waamnuuf inni Hafuura isaa nuuf kennee mucaasaa nu taasifate” jedheera. Gal 4:4-7. Mucummaan keenya jalqabaa jechuunis, kan Addaamiif kenname sababa cubbuun nurraa ka’ee jira. Mucummaa kana nuuf deebisuudhaaf Waaqayyo lammaffaa akka isarraa dhalannuuf cuuphaa nuuf kenne. Cuuphaan Waaqayyoo ilmummaa Abbaasaa argachuu osoo hin ta’iin, nuuf fakkeenya ta’uu fi xalayaa yakka keenyaa kan seexanni laga Yordaanositti barreessee awwale barbadeessuudhaaf. Ilmummaan isaa dur osoo samii fi dacheen uumamtootni kamiyyuu hin ummamin dura, osoo Abbaawaliin yeroodhaan wal hin caaliin inni Abbaarra dhalate waan ta’eef. (Yoh. 17:16, Faar. 9:2).  Cuuphaan Gooftaa saba hin amannee fi saba alaagaa ykn hin amanne tokko taasisuu fi jibba gidduu isaaniitii balleessee jaalala gidduu isaanitti uumuudha. Gooftaan kan cuuphame, Sadummaa isaa ragaa bahuuf. Kunis Abbaan samiirraa taa’ee bifa dumessaan “mucaan koo inni ani jaaladhu kunoo  isakanadha” jedhee ragaa baheera, Hafuurri qulqulluun immoo bifa gugeen irra qubattee jirti. Maat.3:1-10. Cuuphaan Waaqayyoo Ilmaa raajota kakuu moofaan kan dubbatame, ifa kan taasiseera. / Faar.76(77):16, R.Hiizqi’eel 36:35 /. Kan keenya garuu gahee fayyuuf nurra barbachisuu bahuudhaaf. Sabanbi isaas ilmi namaa fayyuuf wanti isarraa eegalu ni jira. Gooftaankeenya Fayyina kennaa al tokko saba addunyaaf gidduu galleessa lafaa kan tatee Qaraniyoo irratti fannifamee, nu fayyiseera. Waan inni al tokko fannifamee nu fayyiseef, harka keenya marannee hin teenyu. Gahee fayyuuf qabnu kan nurraa  barbachisu keessaa tokko cuuphaadha. Cuuphaadhaan alatti Mootummaasaa dhaaluun hin danda’amu.Sababni isaas mallattoo mucummaa waan hin qabneef.
Cuuphaan maaliif barbaachisee?
      Dhalli namaa jalqaba abboommii  Waaqayyoo cabsee gorsa seexanaa dhagahuudhaan muka Jannata keessa jiran hunda nyaadhu muka isa waan gaarii fi yaraa nama barsiisu kana immoo hin nyaatiin jedhame nyaachuun dhala namaa hundarratti duuti du’aa irratti murtaa’ee abaarsaan jiraachaa turan. Bara booda Gooftaan Iyyasuus biyya lafaa kanatti yeroo barsiisaa ture “Dhuguma dhuguman isiniin jedha namni lammata bishaanii fi afuura irraa dhalachuu baannaan jireenya bara baraa hin qabu (Yohaannis 3:3-6)” jedhee akkuma dubbate cuuphaan kan barbaachise jireenya bara baraa argachuuf ykn immoo Mootummaa Waaqayyoo dhaaluf jechuudha. Kiristoosiitiin kiristaanota, Ilmaan immoo ilmaan (Ijoollee) Waaqayyoo kan nu jechisiisu cuuphaadha. Akkuma namni haadhaa fi abbaa isaa irraa al-tokko qofa dhalatu Cuuphaanis erga takkaa cuuphamanii irra hin deebi’amu; Qulqulluu Phaawuloosiis “Cuuphaanis Gooftaaniis amantiinis tokkuma (Efeesoon 4:5)” jechuun kiristaanota bara sanaaf nuuf warra boodaafis barreesseera. “Cuuphamu keenyaan gamtaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristsoosi taane” jechuun qulqulluun phaawuloos akkuma dubbate, (Gal. 4:7 )
Gaaffii:Manni Kiristaanaa Ortodoksii yeroo maraa maaliif cuuphaa jirtiree erga cuuphaan tokko qofa ta’ee?(Efeesoon 4:5)
Deebii: cuuphaan gosa sadittu jira. Kunis kaayyoo addaa adda irratti hunda’uudhaan. Kunis:
1.      Cuuphaa mucummaa: cuuphaan kun al tokko qofa kan kennamudha. Namni tokko dhalatee yoo dhiira ta’e guyyaa Afurtamatti, yoo durba ta’ee immoo guyya saddettammaffatti(80ffaatti) kan cuuphamuun mucummaa Sillaasee argatanidha. Kunis sababa tokko malee kan rawwatu miti. Mana-Kiristaanaa Orotodksii Tawaahidoo keessatti wanti tokko illee fakkeenya ykn kallattiin kan macaafa qulqulluu lallabdudha. Kakuu moofa kakuu haaraadhaaf gaddisadha. Gaaddisni kun kakuu haaraadhaan ifa bahee ni mul’ata. Sababni guyyaa afurtammaffa(40ffaa) fi saddetamaffatti(80ffaatti) mucummaanis kan kakuu moofaa keessatti gaaddisaan(dhoksaadhaan) ture sun kakuu haaraa keessatti ifa bahee(qabatamaan) mul’ate. Gooftaan cuuphamees akka cuuphamnu nu taasise. Kiristoos jedhame, Kiristaanoota maqaa urja’aa fi kabajamaa karaa cuuphaasaan nuuf kenne.
Cuuphaan icciitiiwwan Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo keessatti raawwataman keessaa isa tokkoo fi kan jalqabaa yommuu ta’u, amantoonni kan mana amantaatti ittiin galan, mucummaa fi kabaja Waaqayyorraa kan ittiin argatan dha. Icciitii wanti jedhameefiis mucummaa Sillaasee (Sadummaa) isa ijaan hin argamne kan ittin argannuu fi warreen hin amanneef icciitii jedhama.
Gaaffii: “Isin cuuphamuun duratti Musliima turtan jedhanii kan lallaban ni jiru kun sirriidhaa?”.
Deebii: yeroo baay’ee gaaffiin kun warreen saba Muslimotaa irraa kan maddudha.Akka yaada isaaniitti “namni tokko yoo nama kiristaanaa tokkorraa dhalate, hanga cuuphamutti musliimadha” jedhu.Kuni gonkuma dogongora. Maaliif yoo jenne,cuuphaan adeemsa kiristaanonni yemmuu kiristaanummaa keessa jiraatan raawwatan keessaa tokko, kan jalqabaati jechuu dha malee,sana dura namni suni kan amantaa biraati yookan 'kan Waaqaatii miti' miti jechuu miti.Kan ragaa chaappaa ittiin argate Meerooniin mallatteeffame jechuu dha malee.   Waaqayyoo amantaa tokko qofa nama jalqabaa Addaamiif kenne. Waaqni waaqeffamus tokko qofa ture. Qulqulluun Phaawuloosis, “Amantiin tokko, Gooftaan tokko” kan jedheef kanafidha. ( Efesoon. 4:5). Duuka bu’aan Gooftaa kan obboleessa jedhamee waamamaa ture, qulqulluu Yihudaan akkana jedheera, “Amantaa tokkittii abbootiidhaaf kennamteef akka wareegamtaaniif, Isiniif barreessuuf dirqisiifameera” jedheera. (Yihuuda. 1:3 ). Amantaan jalqaba turte kunis kan boodarra  “Ortodoksii” jedhamte dha. “Orto” jechuun “sirrii” “Doksii” jechuun immoo “Kallattii(daandii)” jedhama.
Waaqayyo Addaam uumuun duratti, dacheen kunis osoo hin uumamiin duratti dacheen kun bishaan turte. Bishaanirras Hafuura Waaqayyootu ture.Gaar-tokkeen bishaaniis “Dachee” ta’e.Dachee kanarraa Addaam namni jalqabaa uumame.Kana jechuun Addaam cuuphameetu uumame jechuudha. Bishaan sana irra immoo Waaqayyo Hafuura irra bulche. (Uum. 1:3). Har’aas cuuphamuun duratti Abbootiin kadhannaa kan bishaan irratti geggeessaniif Waaqayyo Hafuura akka irra bulchuufidha. Erga irra bulee ni cuuphamna. Egaa Addaamis erga bishaanirra hafuurri Waaqayyoo bulee uumame,Uumamuun isaa kun mucummaa Waaqayyoo cuuphadhaan fudhachuu(argachuu) isaa agarsiisa. Namni addunya kanarra jiru hunduu cuuphaa jalqabaa sana cuuphamneerra. Cuuphaa mucuummaa Waaqayyoo jalqabaa sana sababa cubbuu Addaamiin dhabneerra. Jannata iddoo jireenya keenyaa irraas ari’amnee baaneerra.Mallattoo mucummaa waan ganneef.Fayyisaan keenya Iyyaasuu Kiristoos garuu mucummaa keenya nuuf deebisuuf kakuu haaraa keessatti ofii isaatii cuuphamee, cuuphaa keenya eebbise. Har’a warreen cuuphaa kakuu haaraa hin cuuphamne, achumaan bannee hafna kan jedhu fudhataanii malee, osoo mucummaan kaleessa nuuf kenname nurraa fudhatame sana lammaffaa ni arganna jennee lammaffaa cuuphamuun dirqama nutti ta’a. sabni kakuu moofaa waadaa Waaqayyo abbootiidhaaf gale yaadatee akka Musee fa’a “Wadaa Abbootii keenyaaf galte ilaali nu ijoollee kee nu yaadadhu” jedhee kadhate ture. (Seera Ba’uu 32:13-14). Sababa Kanaaf “Duumessaan akka isaan cuuphaman taasise” (Seera. Ba’uu 13:21-22, 1qor.10:1 ). Kanaaf akakuu moofaa keessatti illee cuuphaman jechuudha.Warreen cuuphaa kakuu haaraa hin cuuphamnu jedhan mucummaa nurraa fudhates, mootummaa isaas hin barbannuu jechuudha.
2.      Cuuphaa dhukkuba irraa fayyisu:cuuphaan kun yeroo namootni dhukkuba foonii isaanii irraa akka fayyaniif  kan cuuphamanidha. (Hizqi’eel 36:25 “ani bishaan qulqulluun isinitti facaasa isinis ni qulqullooftu”).
3.      Cuuphaa qalbii jijjirannaa(gaabbii): Yohaannis Cuuphaan warri Yihudotaa Gooftaa akka fudhataniif (itti amananiif) karaa haxaawaa kan ture yommuu ta’u yeroo kana cuuphaa kiristaanummaaf qopheessuuf yoo jedhu cuuphaa gaabbii ykn qalbii jijjiirrannaa isaan cuuphaa ture. Cuuphaan gaabbii kunis ilmummaa Waaqayyoo kan argamsiisu otoo hin ta’iin, yoo yeroo soomii waanta nyaachuun hin eeyyamamne nyaanne abbotni nutti facaasan(nu cuuphu) . Dabalataanis namni cubbuu hojjete abbaan gaabbii isaa qannoonaa isaaf kenne erga raawwatee booda ni cuuphama. Kunis Yohaanniis akkas jedhee waan dubbateefi “Yohaannis  biyya naannoo Yordaanos keessa deemee cuuphamaa, yaada garaa keessanii geeddarachuu keessan mul’isaa, Waaqayyos cubbuu keessan isiniif ni balleessa(ni dhiisa)” (Luqaas 3:3). Manni-kiristaanaa keenyas namni tokko Waaqayyorraa fagaatee yoo gara Waaqayyootti deebi’u cuuphaa kana ni cuuphdi. Gooftaan yeroo cuuphu, Yohannis cuuphaanis saba cuupheera. Cuuphaan Yohaannis cuuphaa lammaffaa dhalachuu jechuu hin dandeenyu. Sababni isaas kan isaa cuuphaa gaabbii waan ta’eef.

Cuuphaadhaaf bishaan maaliif filatame?
Sababiin inni dura Gooftaa fi Fayyisaan keenya kaayyoo inni dhufeef  keessaa tokko fakkeenya nuu ta’uuf waan tureef inni bishaaniin akkuma cuuphame, nutis kiristaanonni bishaaniin cuuphamna (Maatewoos 3:13-16). Karaakan biraa yommuu barsiisaa turettis dhalli namaa Mootummaa isaa dhaaluuf bishaanii fi afuura irraa dhalachuu akka qabu ajajeera (Yohaannis 3:3-6). Inni lammaffaan erga Gooftaan gara samiitti ol-ba’ee booda duuka buutotni isaa bishaaniin namoota amanan cuuphaa turaniiru (Hojii Duuk 8:38).Sabni bishaan akka badii qofatti ilaalaa turan malee akka fayyinaaf oolutti hin ilaalan ture.Inni sadaffaan Bishaan bakka hundaatti nama hundaaf walqixxeetti argama;dureessii fi hiyyeessi gatii tokko malee argachuu ni danda’u. Cuuphaanis nama amane hundaaf gatii tokko malee wal-qixxummaan kennamuu isaa ibsa. Bishaaniin yommuu dhiqatan akkuma xurii namarraa qulqulleessu akkasuma cuuphaanis cubbuutiin lubbuu xuroofte sana qulqulleessee ijoollee Waaqaa taasisa jechuudha. Raajichi Hiisqi’eelis “Bishaan gaarii isinittin facaasa isinis ni qulqullooftu” (Hiizqi’eel 36:25) jedhee dubbachuun isaa bishaan cuuphaaf filatamuu isaa nuuf ibsa.

Bishaan keessa seenanii cuuphamuun maaliif barbaachise?
Gooftaan keenya kan cuuphame bishaan keessa seenuudhaan ture (Maat. 3:16). Manni amantaa bara duukaa buutotaaa turtes akkasuma gochaa waan turteef, “Isaanis gara bishaaniitti wal-fudhatanii bu’an (Hojii Duuk. 8:38)” nutis fakkeenyummaa kan fudhanne akkasitti sirna cuuphaa raawwanna. Karaa kan biraa yommuu cuuphamnu bishaan keessa seenuun keenya Kiristoos wajjin awwaalamuu keenyaaf fakkeenya yommuu ta’u, cuuphamnee bahuun keenya immoo Gooftaa wajjin du’aa ka’uu keenyaaf fakkeenya ta’uun agarsiifama.Roomee 6:4 “Nuyi cuuphamuudhaan du’a isaatiin isatti dabalamnee isa wajjin awwaalamneerra;...”.
Gooftaan maqaa eenyuutiin cuuphamee?
Gooftaan yeroo Yohaannisiitiin na cuuphi ittiin jedhu yohaannis immoo “warra kaan maqaa keetiinan cuupha,siin immoo maqaa eenyuutiinan cuuphaa?  Maqaa Abbaatiin yoon jedhe ati abbaa keessa,abbaanis si keessa jira;yoon maqaa ilmaatiin jedhe ilmi sumadha;maqaa afuura qulqulluutiin yoon jedhe afuurri qulqulluun jireenya keeti.Kanaafuu maqaa eenyuun sicuuphuree?” Jedheetu isa gaafate.Gooftaanis deebisee, “Akka Melketsedeqitti aangoon lubummaa kee bara baraan kan ta’e,ifa kan namaaf ibsitu ,Ilma Abbaa (waaqa jiraataa), yaa isa bara baraan jiraattuu maaloo cubbuu  koo irraa na dhiqi(na qulqulleessi) jedhiitii na cuuphi ittiin” jedhe.Yohaannisis akkuma ajajametti ni raawwate.
Yohaannis yeroo isa cuuphe maaliif harkasaa irra kaa’uu dhiisee?
1)Yohaannistu cuuphaadhaan isa dibe (aangoo hunda kenneef) akka hin jedhamneefidha.sababni isaas namoonni bara sanaa gooftaa caalaa yohaannisiin kabaju ture.
2) Waaqummaa/amalummaa harkaan tuquun waan hin danda’amneefidha.Icciitiin tokkummaafi sadummaa achitti ifa bahee wayita beekame kabajni kiristoos ifa ni bahe.
Maaliif halkaniin cuuphamee?
1)Isaayyaas 9:2 saba dukkana cubbuu keessa tureef ifni/ifti akka bahuufi dukkanaan kan fakkeeffamu kakuu moofaa uummata tureef ifa kan ta’e wangeelli ifa bahuu isaa kan  ibsudha.
2) Gooftaan dhalachuunsaa, cuuphamuun isaa,du’aa ka’uun isaafi lammaffaa deebi’ee dhufuunsaa halkanidha.Kun immoo kan agarsiisu dukkanicha halkaniitti aansee kan dhufu ifa miidhagaa fi nama hawwatudha.Akkasumas dukkana si’ool irraa gara ifa mootummaa isaatti, dukkana du’aa jalaa ifa jireenyaatti, haamilee dukkanaa’aa fi abdii kutachiisaa keessaa gara jireenya abdii bara baraatti bahuu agarsiisa.
3)Afuurri qulqulluun bifa gugeen buutuun gooftaarra waan bu’eef “kan isarra bu’e gugeedha malee afuura qulqulluu miti” akkaa hin jenneefidha namootni.sababni isaas gugeen halkan hin deemtu(hin jirtu).kanaafuu akka Afuura qulqulluu ta’e haa hubataniifidha  .
Guyyaa ballaqqeessa amantaa
       Guyyaan kun keessumattuu hiddi amantaa  kiristaanaa lafa akka qabatu kan itti ta’e dha. Sababni isaas: kiristaanummaa jechuun Waaqa tokkummaaf sadummaan jiraateef jirutti amanuudha.Jaarra hedduf icitiin kun dhokatee namoota heddu burjaajessaa tureera guyya cuphaa kanatti garu iciitiin Sillasee(sadumma) haala ifa ba’een Waaqni abba samii keessaa “Ilmi koo Inni jaallatamaa isa kanadha isa dhaga’aa yommuu jedhu Afuurri Qulqulluunis bifa gugee(bullaallaatiin) dhufee irra buufate Ilmis Foon namaa uffatee galaana yordaanositti qaamaan sadii ta’anii fedhaan tokko ta’anii mul’ataniiru. Kunis iccitii Sillaseef balaqqeessa addaa ture.
Sadummaa yammu jennu sadummaa adda ta’e dha.kunis
·        Maqaa tiin: Abbaa, Ilmaa fi Afuura Qulqulluudha.
·        Qaamaan: abban qaamasirrii Bifa sirrii fuula sirrii qaba; Ilmaafis Afuura qullqullufis akkuma kanaati
·        Raawwiidhaan: abban ni dhala, Ilmi nidhalata, Afuurri Qulqulluun ni ba’a abbaa biraa.
Tokkummaan isaniis: Uumuudhaan,adunyaa dabarsuudhaan,fedhaan,amalaan,jiraachuudhaan kkf tokko dha.
Egaa iccitiin kun gooftaan keenya yeroo cuuphamu dhalli namaa hundinuu hala hubatuun mul’atuyyuu namni hanga hara’aatti gufannaa keessaa hinbaane.Namootni waaqaan filataman qoftii amantaa kanaan dhabbatanii hanga dhufaatii isaatti jiraatanii mootummaa isaa kan dhaalan ta’u.
Taboonni maaliif cuuphaadhaaf gara lagaa adeemaa?

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Taboota fakkaata!

Taboonni muka hin ciqnee fi hin jijjiramne irraa hojjeetame. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis cubbuun kan isheetti hiin jirre (kan cubbuun ishee irra hin jirre), qulqulleettii durbee Maariyaam irraa foon ishee irraa foon, lubbuu ishee irraas lubbuu hirmaatee dhalachuun isaa “Taboota muka hin ciqne fi hin jijjiramne irraa hojjetame” isa jechisiiseera.Gooftaan osoo adda ba’insa hin qabaatiin amala waaqummasaatiin foon namaa waan uffatee tokko ta’eef “Muka hin ciqnee fi hin jijjiramne” jedhameera.
Taboota” jechuun “doonii” jechuudha.Haala kanaan immoo gooftaan keenya Taabota jedhameera. Malka’a Iyyasuus irratti barreessaan galatichaa “Yaa gooftaa koo Iyyaasuus, fuula kee ifa aduu/ biiftuu caalaa ifuuf galanni haa ta’u. Mul’anni ifti mataa keetii kan addeessaa waan caaluuf, yaa uumaa koo, yaa Kiristoos waadaa kakuu taboota jireenya Nooh si’idhaa waan ta’eef; yeroo bishaan badii roobu, dinqa bobaa keetii keessa naa dhokfadhu(dhoksadhu)” jechuun dubbateera.
 Gooftaan keenya doonii Noohitti fakkeeffamuun isaa, lubbuuwwaan bara Nooh keessa doonii hin seenne bishaan badiitiin waan du’aaniif, kan barumsa qulqulluu Nooh dhaga’anii gaabbii galuun doonii keessa galan jireenya akkuma argatan, kan yeroo ammaa kana waaqummaa gooftaa keenyaatti hin amannettis akkuma bara Nooh sana bishaan du’aa itti marseetu (duuti bara baraa itti marseetu jira).Duuti bara baraas itti murtaa’eera. Kan Waaqummaa isaatti amananii barumsa abbootii amantaa dhagaa’anii cubbuu rawwatan irraa deebi’anii gaabbii galuun foon isaa kabajamaa fi dhiiga isaa qulqulluu fudhatan jireenya bara baraa ni argatu. Warreen foon isaa kabajamaa hin nyaanne, dhiiga isaa qulqulluu hin dhugne, carraan isaan quunnamu yoo jiraate gara garba dheekkamsa abidda bara baraan boba’uutti darbatamanii ni kufu. Gooftaan keenyas “Kan natti amane jireenya bara baraa ni argata” jedheera. / Yoh. 10:9/
 Abbaan keenya qulqulluun Efreem “Taabota muka hin ciqnee fi hin jijjiiramne irraa kan boocame, keessii fi alli isaa/ bakkeen   isaa warqiin kan aguugame, osoo adda ba’insa hin qabaatiin nama kan ta’e jecha Waaqayyooti” jedheera. (Galata Maariyaam  Guyyaa Dilbataa).  Akka ibsa jecha abbaa keenyaa kanatti “Maqaan ilmaa” “jecha” jedhame barreeffameera. / Yoh 1:1/
Macaafa abbootii amantaarratti “Ilma erga ta’een booda masii, Iyyasuus, taabota, araarsiituu, angafaa warren du’aanii, akkasumaas warren muganiiif ka’umsaaf angafa, hunda kan bitu, uumaa kan jedhamee fi maqaaleen biroo ittiin waamamu ni jiru.Kakuu moofaa keessattiosoo nama ta’ee gara addunyaa kanaatti hin dhufiin dura sabni addunyaa kakuu moofaa keessatti maqaa adda addaan waamaa turan, akkasumas erga foon namaa uffatee; kakuu haaraa keessatti nama ta’ee sabni isaa fi warreen biiroo waamaa turan  hunduu isaaf maallaqa dhuunfaasaa kan eenyu itti fayyadamuu hin dandeenyedha. Yomiyyuu inni isuma.Yeroon(baraan) kan jijjiramu miti” jechuun gooftaan akka taboota jedhamu barreessaniiru. Amantaa Abbootii Zaqerloos(Haymanote Abew) 81:8
 Moggaasni taabota jedhu moggaasa waaqni erga nama ta’ee booda keenamedha. Fooniif “Jechi foon ta’e; nurras bule” jedhamee akkuma barreeffame waaqummaan fooniin tokko akka ta’e ibsuuf maqaan taabotaa/ bultoo jedhu ni kennameef. / Yoh 1:14/. “Bule”kan jedhu yemmuu hiiknu malee, “ta’e” kan jedhu foon amala waaqummaa wajjin tokko ta’u isaa yenna dubbannu kan itti qanoofnu miti. Sababni isaas amalli waaqummaa foonitti jijjirame jechuun shakkitoonni ni dubbatu, ni barsiisus.   
Taboonni Gooftaa bakka waan bu’uufidha.  Taboonni bakka Gooftaa, durboo Maariyaamii fi tokkoon tokkoon keenya kan bu’udha. Kanaaf guyyaa cuuphaa bakka Gooftaa bu’ee ni adeema. Kunis cuuphaa yaadachuudhaaf malee, Taboonni bishaan seene baha jechuu miti.
Maaliif Taboonni daandii gaafa laga cuuphaa bu’u sanarra gaafa galu irra adeemee hin galle?
Kun barumsa iccitiin barsiifamuufidha. Kunis kan agarsiisu, warren mootolee baha fagoo Gooftaaf sagadanii deebi’an akka daandii sanarra hin deebine Ergamaan Waaqayyoo waan itti himeef, sabni akka qorumsa Kiristaanaa irra jiru, gara fuulduraas akka jiru akka hubataaniifidha.
Kitaabboolee wabii
1.     Macaafa qulqulluu 81, bara 2000 waldaa macaafa Qulqulluu, finfinnee Itoophiyaa
2.     Amantaaa Abbootii Zaqerloos, Tinsaa’ee Zaguba’e, finfinnee Itoophiyaa
3.     Malka’a Iyyasuus, Garba Sillaasee , Aksuum 1998
4.     Galata Maariyaam Afaan Oromoo, Waldaa qulqullootaa, 2002 mega plc
5.     Bu’uura hundee Amantaa Ortodoksii, Waldaa Naahimiyaa, D/n Geetinnatii Fi Margaa Hurrisaa, 2006 Millenium plc
Galanni Waaqayyoof haa ta’uu.Ameen.

Sunday, January 5, 2014

Ayyaana Dhaloota Gooftaa Keenyaa Iyyasuus Kiristoos!



MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKOON AMEEN!
D/n Guutaa Charuutiin
“Uummata Hundaaf kan ta’u missiraachoo guddaa dha” (Luq 2:10)

Dhugumaayyuu uumama hunda kan ajaa’ibsiisu,dhala namaa ammoo baay’ee kan gammachiisu missiraachoo guddaadha bara baraan haaraadha dhaloota gooftaa, barri isaa 2006.Kanaafidha abbootin “Ogummaa addunyaa ittiin uume irra ogummaa addunyaa ittiin fayyisetu caala”kan jedhan.Waaqayyo Addaamin tottolcheet beekaa taasiseet,uumama kaan irraa foo’eet lubbuu laatee afuura isaatiin kabaje.Hojii ilmummaa(mucummaa) hojjetee akka itti fayyadamuuf beekumsa afuuraa laateef ajaja isaa eeguun akka hin duune taasise; uumama samiidhaa gadi jiraatan hunda irratti mootii taasise;akka isa gargaartuufis Hewaaniin uumeef,Jannata keessas isaan jiraachise. Kan waaqa irraa argamu hundaan akka gammadaniif kan isaan dhowwate tokko illee hin turre.Biqiltuu(firii muka) tokkoo qofa akka hin nyaanne isaan ajaje malee. Yoo nyaatan akka du’a du’an isaan barsiise (Uum.1:26-31; 2:8-22; 3:22).

Gooftummaa fi kennaa Addaamiif kenname kana Daabiloos yeroo argu inaaffiidhaan gubate; baay’ee gadde. Waaqayyo akka kabaja isa duraatti isa hin deebifne bareet abdii kute. Kanaaf Addaamiin Jannata keessaa baasuuf karoora baafate. Karaa ittiin isa moo’atu barbaade. Firii muka (Itse balas) dhaan akka moo’atu bareet bofa irra buluun Addaamitti dhihaatee dogongorse (Uum 3:2). Addaamis erga dogongoree booda kennaan isaa irraa fudhatame (Uum.3:7). Jannata keessaa bahee gara boollaa (awwaalaa) akka bu’u; dabalatas si’oolitti akka galu ta’e du’a foonii irratti duuti lubbuu itti murtaa’e; abaarsa qabeenya isaa taasifate (Uum.3:3-22).Daabiloosis Addaam irratti humna moo’insaa argate. Ijoollee Addaamis booji’ee waan baay’een isaan dogongorse. Foon isaanii gara boollaa (awwaalaa), lubbuun isaanii immoo gara si’oolitti akka galu taasise.

Addaam kabaja isaa dhabee seexanaan yeroo bitametti wanta lamaaf gaddaa ture. Hin nyaatin kanan jedhame nyaadheen Waaqa koo gaddisiise jedheeti. Garuu cubbuun isaa akka isaaf dhiifamu amanuun gad of qabee gara Waaqa isaatti boo’e. Waaqayyo imimmaan Addaam ilaaleet isa fayyisuu barbaade. Kanaaf guyyaa shaniif walakkaa booda dhala dhala kee irraa dhaladheen; fannifameen;du’een si fayyisa jechuun abdii laatef. “Amantii fi beekkumsi kun abdii jireenya barabaraa isa Waaqnihin sobne sun jalqaba addunyaatiindura waadaaseene irratti kan hundeeffame dha”(Tiit.1:2)jechuun dubbate. Waggaan 5500 yeroo gahe qulqulleettii dubroon Maariyaam sanyii malee hojii Afuura Qulqulluutiin ulfooftee Beetaliheem dallaa loonii keessatti Waaqayyoon durbummaadhaan yeroo deessetti, missiraachoo kana kan hime ergamaa Waaqayyoo ture. Halkan itti Waaqayyo gooftaan IyyasuusKiristoos dhalate sana; tiksootni hoomaa isaanii eeguuf sa’aatii kudha lamaan sana bakka afuritti qoodanii eegan dirree sana turan. Kunoo ergamaan Waaqayyoo cinaa isaanii dhaabbatee yeroo arganitti kabajni Waaqayyoo ifa isaanii ta’eet naannoo isaanii ibseef. Ifti isaas akka xombora masqalaa (fannoo) bog-bog jedhee mul’ate. Kana irraa kan ka’e tiksootni sun baay’ee sodaatani. 

Yeroo kana dhaga’an ergamichi “Isinis dhala namaa hundas kan gammachiisu missiraachoon isinitti himaatii hin sodaatinaa;abaarsa fooniis,abaarsa lubbuus kan balleessu,eebba fooniifi eebba lubbuu kan laatu,jireenya foonii fi jireenya lubbuu kan kennu, qoricha addunyaa kan ta’u, Waaqayyo Kiristoos magaalaa Daawit keessatti dhalateera” jechuun isaan jajjabeesse.“Mallattoon isaas mucaan huccuudhaan maramee dallaa loonii keessa ciiseet argattu” jechuun itti hime.
Akka tariis ergamaa sana faana (wajjin) ergamtoonni baay’een Waaqayyoon galateeffachaa dhufani. Galatni isaas “Kabajni Waaqayyoof Tsirhaa Aariyam irratti nageenyis lafa irratti dhala namaaf heeyyama gaarii” kan jedhu ture. Tsirhaa Aariyaam samiiwwan torban keessaa ishee tokko dha. Teessoon ibidda Sillaasee kan Kiruubeeliin baatan, golgaan (maggaarajaan) ibiddaa torban achitti argama. Luboonni samii digdamii afran qulqulluu qulqulluu qulqulluu jechuun sadummaa fi tokkummaa Sillaasee kan galateeffatan teessoo isaas kan ulan(axxanan) achitti;kadhannaan qulqulloota hundaa kan gahu (qaqqabu) bakka sanaa dha (Hiz.1:1-28;Isa.6:1-6).

Kana waan ta’eefidha ergamoonni Waaqayyoo “Kabajni Waaqayyoof Tsirhaa Aariyaam irratti haa ta’u” jechuun kan faarfatan. Kunis Tawaahidoo (tokko ta’uun) foon Waaqa ta’e Sillaasee (Sadummaa) faana tokkummaan Tsirhaa Aariyaam irratti galanni isaaf haa ta’u jechuu isaaniiti. “Nageenyis lafa irratti dhala namaatiif fedha (eeyyama) gaarii” jechuun isaanii immoo dhalli namaa bilisummaa waggoota kuma shaniif dhibba shaniif dhabee ture akka argatu lafa irratti araarri wixxinfame;nageenyis eegalame jechuu isaaniiti. Kana waan ta’eefis ergamoonni fi tiksoonni hoomaa tokko ta’uun “Jaalalli namaa isa booji’eet Waaqayyo nama ta’e namnis Waaqa ta’e” jechuun Kiristoosiin sagalee mi’aawaadhaan faarfatan. Akkuma ergamaan Waaqayyoo tiksootatti himetti qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa foon ishii irraa foon; lubbuu ishii irraa lubbuu fudhachuun tawaahidoo (tokko ta’uu) dhaan nama ta’ee kan dhalate Waaqayyo Iyyasuus Kiristoos qoricha addunyaa kanaati, kanaaf dhugumayyuu guyyaa missiraachoo isa guddaa ta’uu kan qabu guyyaa dhaloota Kiristoosidha. Maaliif yoo jedhame akkuma armaan olitti ilaalletti dhalli namaa mucummaa, jireenyaafigooftummaa dhabee ture lammata ilmummaa (mucummaa) fi gooftummaadhaaf barbaadamuu isaa guyyaa itti bare waan ta’eefi. Asumaanis Waaqayyo iccitiin isaa sakatta’amuu hin dandeenye, kabajni isaas dubbatamuu hin danda’amne, gaarummaan isaa himamuu fi sakkatta’amuu hin danda’amne Betaliheemitti dallaa loonii keessatti huccuudhaan maramee yeroo ciisee argamu (mul’atu), Waaqayyo jaalala dhala namaatiif qabu ilaalanii ergamoonni ajaa’ibsiifatani, tiksoonnis isa galateeffatani. 

Dhuguma dhala namaa hundaaf kan ta’u gammachuu fi missiraachoo guddaadha. Kennaa nurraa fudhatame Iyyasuus Kiristoosin arganneerra waan ta’eef. Waaqayyo giifti keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa foon ishii irraa foon, lubbuu ishii irraa lubbuu fudhachuun dhaloota lammataa dhalateera waanta’eef.
Dhaloota Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos:
1.     Addunyaan kun osoo hin uumamiin dura Abbaan osoo yeroon wal hin dursiin haadha malee Abbaa qofa irraa samiirratti kan dhalateedha (Yoh. 1:18, 3:18, 14:9).
2.     Missiraachoo ergamaa Qulqulluu Gabri’eeliitiin qulqulleettii durbee Maariyaam irraa foon ishee irraa foon fudhatee, lubbuu isheerraa lubbuu hirmaatee sanyii dhiiraa malee amalummaasaa osoo hin jijjiriin foon wajjiin tokko ta’ee dhalatee addunyaadhaaf fayyina bara baraa kenne (Isaa. 7:14, Luq. 1:26-32).

Waaqayyoon fooniin mul’achuu yookiin lammaffaa dhalachuunsaa raajotaan mul’anni dubbatamee fi kadhannaa fi tsoomiin jalqabame (subaa’een kan itti qabame) guyyaan fooniin durbee irraa dhalate lakkaawameera. Hojii gaarii raawwatanis waan cubbuu ta’ee lakkaawwamuuf raajonni baay’een uffanni keenya akka hammeenyaatti lakkaawame jechuun akka Waaqayyoon samii addaan kutee dhufu kadhannaa wal irraa hin cinne geggeessaniiru. Qulqulluun Phaawuloosis “Abbootiin keenya abdii eeggatanii argatan” jechuun dubbateera (Uuma. 3:22, Lakk. 24:27, Milk. 4:2-3, Isaa. 64:1, Ibr. 1:11). Raajonni gurguddoonis bara isaaniitti, masihiin (ilmi Waaqayyoo gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos) akka dhalatee ilma namaa gita bittaa seexanaa fi jireenya dukkanaa keessaa gara ifaatti baasuuf ofiisaatii hundee ta’ee ilma namaa jireenya kana irraa bara baraan dhaabuuf foon namaa uffatee icciitii guddaa kan qoratamee bira hin geenyeen nama ta’ee dhalachuusaaf kadhannaan fi abdii guddaan erga eeggachaa turanii booda magalaa Beeteliheem keessatti waggoota kuma lamaan dura mooraa loonii keessatti dhalate. Warreen mootolee baha fagoorraa dhufanis “Inni mootii Yihudootaa ta’ee dhalate eessa jira? Nuyi urjii isa ba’a biiftuu arginee, isaaf sagaduu dhufneerra’oo” jechuun mootii moototaaf sagaduu dhufaaniiru (Maat. 2:2, Milk. 5:2).

Icciitiin Waaqayyo nama ta’ee dhalachuun isaa duka buutuun mana kiristaanaa keenyaas seera isheen qopheessiteen nutis ijoolleen ishee tsooma raajotaa tsoomnee, kadhannaa fi galataan yaadachaa guyyaa yaadannoo dhalootasaa gaabbii galuun eegnee guyyaa ayyaanichaa uffata adii ayyaanicha miidhagsan uffachuun foon fi dhiiga gooftaa fudhannee waggaa waggaadhaan ni kabajna.
Sirni kunis kan argame raajichi Museen abboommii Waaqayyorraa osoo hin fudhatiin dura sirna inni tulluu siinaa irratti tsoomee fi kadhannaa raawwate hundeeffachuudhaani (Ba’uu 34:28).

Icciitii Waaqayyoon nama ta’ee dhalachuusaa
Ilma namaa hundaaf abbaa kan ta’e, Addaam Gannata keessa osoo jiruu balleessaa raawwateen abaarsa isa qaqqabeen balballi Gannataas itti cufamee, si’ool keessa cubbuudhaan jireenya dukkanaa’aa keessa jiraachaa ture keessaa akka bahuuf raajotarra bulee sagalee abdii jireenyaa ilmasaa Addaamiif ta’u kan uumaansaa dubbachaa ture, ergee Waaqayyo Addaamiif beenyaa kaffaluun, beenyaa ta’ee ilma namaa fayyisuuf jedhee eeyyama abbaasaa, kan ofiisaa fi kan afuura qulqulluutiin ilmi foon namaa uffatee dhalachuuf teessoo isaa irraa gara addunyaatti dhufee nama ta’ee dhalate. Qulqulluun Phaawuloos “Waaqayyoo abdatamaa” jedheera (Galata Maariyaam kan Wiixataa, Gal. 4:4, Yoh. 1:14, 3:16, 1Qor. 10:3).

Kayyoo dhalachuu gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos
1.     Maallaqa ta’uun beenyaa Addaamiif kaffaluun jireenyasaa bara baraa irratti akka hundoofnuuf ofiisaatii hundee nuuf ta’uufi. Kanas duuti bara baraa Addaam irratti murteeffame kaasuun bakka Addaam ilmasaa bu’ee murtee garasaatti fudhatee akka ilmisaa Gannata iddoo jireenyasaa duraa dhaluufidha. “Harka abbaa koo keessaa eenyuyyuu isin baasuu hin danda’u” jechuun koochoosaa jalatti nu deebifateera.Erga gooftaan hundee nuuf ta’ee lammaffaa wanti biroon hundee kan nuuf ta’u akka hin jirre qulqulluun Phaawuloos dubbateera (Yoh. 10:29, 1Qor. 11:1).
2.     Fakkeenya nuuf ta’uuf: Gooftaan keenya ilmi namaa bara jireenyasaa addunyaa kanarratti akkamitti akka jiraachuu danda’u, jireenya kamiif akka isaan hojjechuu danda’an, daandii jireenya bara baraa barsiisuuf gara addunyaa kanaa dhufe (Ibr. 4:4-14-16, 1Pheex 2:20-23, Maat. 4:1-5, 26:36-46).
3.     Seexana hidhuuf, addunyaa fayyisuuf, ilmi namaa addunyaa kana irra yeroo jirutti akka nageenyaan fi tolummaa, hojii gaarii akka raawwatuuf,abboommii Waaqayyoo eegee akka jiraatuu fi garbummaa seexanaa jalaa ba’anii bilisummaan akka jiraataniif waanjoo garbummaa nurraa caccabsee dhiigasaa qulqulluun ijoolleesaa nu taasifatee, akka jireenya bara baraa isa wajjin hirmaannu hirmaattota nu godhate (1Yoh. 3:8).
Hojiin seexanaa akka gantummaa (Maat. 13:36-40), of tulummaa (Isaa.14:12-13), soba dubbachuu (Uuma. 3:45) fi lubbuu baasuun (nama ajjeesuun) daandii jireenyaarraa akka kufaniif gufuu ilma namaatti kan itti ta’uu fi hojii foonii kan ta’an (Gal. 5:19) hunduu dhalachuu Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoositiin, cuuphamuu fi fannoorratti guyyaa Jimaataa Qaraaniyoorratti fannifamuun kiyyoo diinotaa caccabsee injifannoo nu gonfachiiseera. Ummanni dukkana keessa jirachaa ture, ifa argeera (Yoh. 8:12, 1Yoh. 1:5-7). 

Kennaa Waaqayyoon nama ta’uusaa (fooniin dhalachuusaa) irraa arganne
1.     Bilisummaa: Sababa Addaam abbaa keenyaatiin sabni addunyaa abaaramee jireenya dukkanaatti kan darbatame, gooftaan keenya durbee Maariyaam irraa dhalachuun bilisummaa nu gonfachiiseera (Gal. 5:1, 1Phex. 2:26).
2.     Jireenya bara baraa nuu kenneera: Addaam fi Hewaan abboommii Waaaqayyoo diiguudhaan jireenya bara baraa kan ta’e uumaasaanii irraa adda bahuun gara jireenya dukkanaa si’ool keessatti darbatamuun achi jirachaa kan turan dhalachuu gooftaatiin jirataa ta’aniiru. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos akkuma “Ani Waaqa jiraattotaati malee Waaqa warreen du’anii miti!” jedhe, ilmaan isaa jalqaba cubbuu addunyaa kanaan gara jireenya dukkanaatti kan darbataman Addaam fi Hewaaniif, akkasumas ijoolleesaanii hundaaf jireenya bara baraa kenneefii jira. Itti dabaluun gooftaan “Kan natti amane hin du’u” jedheera. Nutis inni akka abbaa isa samii biraa dhufe ta’uusaatti amanneera (Yoh. 17:5, Fil. 2:6).
3.     Fedhiin Addaam dhugaa ta’e: Abdiin isaa xumurameera (fiixaan baheera).Qulqulluun Yohaannis ergaa inni barreesse keessatti “Waaqni nuti waaqessinu Waaqayyo nu abdachiseedha” jedhee akkuma dubbate Waaqayyo Ilmi samii teessoo isaarraa gad bu’ee foon namaa uffatee waggoota soddomii sadiif ji’a jahaaf foon uffatee addunyaa kana irra deddeebi’ee yommuu barsiisu warreen dhukkuba foonii qaban ajaa’iba rawwachuun, dhukkuba lubbuu immoo barsiisuun fayyiseera. Kanaaf Waaqayyo Waaqa abdii kennee, abdii nuuf galeef kan ifa baseedha (1Yoh. 3:8; Uum. 3:22; Maat.25:32; Luq.23:43).          
4.     Mucaasaa (ijoolleesaa) nu taasiseera: Maqaa “Kiristoosiin” “kiristaana” maqaa “ilmaan” immoo “dhalatoo” akka jedhamnuuf  aangoo mucummaa nuuf kenneera. Qulqulluun Phaawuloos “Abba abbaa jennee akka wamnus afuura qulqulluun ilma nu taasifate. Egaa amma mucasaa waan taaneef jireenya bara baraa ni qabna” jedheera.  Addaam fi Hewaan nuti garbicha seexanaati jedhanii kan mallatteessaniif barbadeessee ijoolleessaa taasifateera (Gal. 4:4-7,1Yoh. 1:12, 3:1, Maat. 6: 9, Hoj. Duk 13:26).
5.     Jaalala gamtaan jiraannu nuuf kenneera: Sababa cubbuutiin jaalalli isaanii kan addaan citee addaan fagachaa kan turan kanneen akka ergamoota Waaqayyoo, ilma namaa fi Waaqayyoo gidduu addaan bahinsi uumame karaa gooftaa keenyaan jaalala fooniinis, lubbuunis tokko ta’uun ilmi namaa ergamoota Waaqayyoo wajjin jaalalaan, gamtaan jiraachuu fi uumaasaanii galateeffachuu egalaniiru.
6.     Nageenya: Addaam cubbuu raawwatee Gannata keessaa bahee si’ool keessatti nageenya dhabee harka diinasaa jiraacha kan ture dhalachuu gooftaatiin nageenya dhabe argateera. “Galanni Waaqayyoof samiirratti haa ta’u akkasumas biyya lafaarratti nageenyi ilma namaatiif haa ta’u” jechuun ergamoonni labsaniiru (Luq. 2:14, Yoh. 27, Isaa. 9: 6-7).
7.     Dhalootnisaa kan samiirraa ifa nuuf baheera: Waaqni keenya gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos durbee Maariyaam irraa foon isheerraa foon hirmaatee, lubbuusheerraa lubbuu fudhatee dhalachuun isaa osoo addunyaan hin uumamiin dura Waaqa abbaa irraa haadha malee dhalachuusaa nuuf ibse (Yoh.17:5). Dhalachuun isaa kunis dhaloonni duraa isa nuuf ibsame abdiin keenya ifa nuuf baate (Maat.1:25;Luq.1:34;Isa.1:9).

8.     Kan ittiin dhaadannu, madda fayyinaa, dawoo keenya, hundee jireenya keenyaa kan taate ifa nuuf baseera: Akkuma raajichi Isaayyaas “Osoo sanyii nuuf hambisuu baatee akka Sadoom gubannee fi akka Gomoraa tanee turre” jechuun dubbate, madda fayyina ilma namaaatiif sababa kan taate durbee Maariyaam Waaqni uumamtoota hundarra caalchisee bultoo godhachuuf biyya lafaa keessaa filatee irra buluun irraa dhalachuun isa biyya lafaarratti abbaa malee isheerraa dhalachuun isaa akka nuti haadha keenya kan dhala namaatiif kadhattu fi suga foonii fi lubbuu keenyaaf kan taatu durbee Maariyaam irraa kan dhalate akka kabaja bultoo isaaf taasisnu nuuf ibseera (Isaa. 1:9,64:14, Maat. 2:10-30, Luq. 2:10-20).

Guyyaa Gooftaan Dhalate
Ø Tiksoonni ergamoota Waaqayyoo waliin gamtaadhaan “Galanni samiirratti Waaqayyoof haa ta’u, nageenyi biyya lafaa irratti ilma namaaf haa ta’u (Qiddaasee Ergamootaa)” jechuun galateeffataniiru (Luq. 2:14). Bineeldonnis afuura isaaniitiin galateeffataniiru (Luq. 13:15).
Ø Macaafa Faarfannaarratti “Mootoleen galchaa ulfina keetii si’iif kennu” (Faar. 67:27, 71:10) jechuun raajiidhaan akkuma dubbatame oggeessonni biyya ba’a fagoo irraa dhufan sadan akka Marikuu, Maatisuraa fi Daasizifaraa mootoleen jedhaman warqii mootii bara baraa, qulqulluu ta’uusaaf, karbee jaalala keenyaaf fannoorra oluusaaf fi ixaana lubummaasaaf galchuun sagadaniiru.
Ø Mul'achuu urjii fi urjiileen bakka inni jiru gahuun ibsaa isaaniin olaantummaasaa agarsiisuu isaanii mudannoo guyyaa kanaa warreen gurguddaadha.
Akkaataa Kabaja Ayyaana Qillee (Gannaa)
Ayyaanni gannaa kan kabajamu, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos akkuma Addaam fi ilmaan Addaam fayyisuuf waadaa gale, Beeteliheem kutaa biyya Yihudaa keessatti iddoo bultii looniitti dhalachuu isaa yaadachuudhaani (Luq. 2:7; Maat. 2:6). Yeroo mara ayyaanni dhalachuu kan kabajamu Mudde 29 yommuu ta’u, bara Yohaannis yommuu ta’u garuu Muddee 28 kabajama. Beeteliheemitti dhalachuu Gooftaa ilaalchisee barreeffamni “Ati yaa Beeteliheem ishee biyya Yihudaa keessaa, ati magaaloota Yihudaa hundarra hin xinnaattu, si keessaa kan moo’u tokko, saba koo Israa’eliin kan bulchu ni baha” kan jedhus ni raawwatam (Milk. 5:2; Maat. 2:6). Ergamoonni fi tiksoonnis gamtaadhaan “Galanni Waaqayyoof samii gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf lafa irratti” jedhanii galateeffatan (Luq. 2:14).
Yommuu Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhalatus ogeessonni urjii lakkaa’an immoo ba’a biiftuutii dhufanii ni sagadaniif, saanduqa isaanii bananiis harka fudha; Warqee, Ixaanaa fi Qumbii kennaniif (Maat. 2:11). Gooftaan Iyyasuus Kiristoos mooraa loonii keessatti dhalachuun isaa gad of qabuuf, isinis lafa kana irra yoo jiraattan gad of qabaa jechuu barbaadeeti. Yeroo inni dhalatutti warra ergamootaas ta’e kan tiksoonnis godhan, haati isaa Maariyaamiin dubbii kana garaatti qabatte, ni qalbifatti turte (Luq. 2:19).
Guyyaa dhaloota gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos akka biyya keenyaatti maqaa “Gannaa” yookiin “Qillee” jedhamuun yommuu waamamu, jechi kun kan argame afaan warreen Girikootaarraa yommuu ta’u hiikaan isaa “dhaloota”, “ifa” jechuu dha. Kana jechuunis saba dukkana keessa jiraachaa ture ifa akka argate kan barsiisudha.  Abbaan keenya Qulqulluun Efreemis “Saba dukkana keessa jiraachaa turaniif ifti ba’eera” jechuun dubbateera (Galata Maariyaam Wiixata, Dilbata, Luq. 2:32).
Gooftaan samii fi lafaa ifa ta’uusaa sabni kiristaanaa yeroo fakkeenyaan barsiisuuf jala bultii ayyaanichaa galgala xoowaafii fi shaamaa bobeessuun isaanii ati Waaqa dhugaa ifa ifarraa argame, akka biiftuu lixee ifa hin banne mootummaan kee kan yeroon hin daangofnedha jechuun Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos durbee Maariyaamirraa dhalachuusaatiin addunyaa kanaaf fayyina bara baraa ilma namaatiif kenneera.Hordoftoonni kiristaanaas guyya kana uffata adii uffachuun haala ho’aan ayyaanicha miidhagsani kabaju. 

Nuti kiristaanonni maqaa Kiristoosiin kiristaanaa kan jedhamne hunduu yeroo ayyaanicha kabajnu sirna maahileetii irratti argamnee Waaqa asiin nu gahe jireenya bara baraaf nu kaadhimate galateeffachuun, qiddaaseerratti argamuun foon fi dhiigasaa fudhachuun warreen dhukkubsattoota gaafachuun, warreen dadhaboo ta’an deeggaruun, namoota mana sirreessaa keessa jiran gaafachuun hordoftoota fi warreen saba hin amanne waliin jaalalaan ayyaanicha dabarsuun biyya keenyaafis ta’e, mana kiristaanaa keenyaaf akka Waaqayyo nageenya kennu kadhachuu qabna jechuun dhaamsa keenya maqaa Waaqayyootiin ni dhiyeessina.
Walumaagalatti dhalachuun Waaqa keenya gooftaa keenya qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin namoonni hubannoo qabaatan (godhatan) du’a irraa gara jireenyaatti ittiin cehuu qabu. Ergamichi Waaqayyo irraa ergamee dhufe namootatti akka qorichi addunyaa Betaliheem jiru missiraachoo himuun isaa kanaafidha.
Kanaafuu warri dhukkubsanne fayyinee, warri dadhabne jajjabaannee biyya Waaqa keenyaa (mootummaa Waaqayyoo) akka dhaalluuf gaarummaan Waaqayyoo, araarsummaan dubroo Maariyaamii nurraa hin fagaatiin. Ameen!

“EGAA HIN SODAATINAA QORICHI ADDUNYAA INNI KIRISTOOS ISINIIF DHALATEERA’OO” (LUQ. 2:10)

Kitaaboolee Wabii:
1.    Kitaaba Qulqulluu 81, Waldaa Macaafa Qulqulluu, 2000 Finfinnee
2.  Guutaa charuu (D/n)(2005). Fayyina Ilmaa namaa kutaa 1ffaa.Mana maxxansa Far East Africa.Finfinnee.
3. Geetinnat Fayyisaa(D/n) fi Margaa Hurrisaa(D/n)(2006). Bu’uura Amantaa Ortodoksii, Tawaahidoo. Mana maxxansa Millenium.Finfinnee.