Thursday, December 27, 2012

WNA002: Ayyaana Qulqulluu Gabri'eelii Ji'a Muddee


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon. Ameen!


“Ani Gabri’elii dha, fuula Waaqayyo dura kanan dhaabadhu, misraachoo kana sitti himuudhafan ergame” Wangeele Luqaas 1:19.”


Baga ayyaana waggaa Yaadannoo dursaa ergamootaa Qulqulluu Gabri’eeliin isin gahe. Muddee, 19, biyya Baabiloonitti ijoolleen Anaaniyaa, Azaariyaaa fi Misaa’el jedhaman ibidda labooba keessaa kan itti baase dha. Isaanis biyya Baabiloonitti Waaqayyoolii harka namaan warqee irraa Mootii Baabiloon Nabukadanzooriin tolfamanii dhaabbataniif  hin sagadnu waan jedhanii ajaja mootii mormaniif ibidda labooba nama sodaachisu keessatti darbaman. Waaqayyo nu itti amannu ibidda boba’u kana keessa nu baasa jechuudhaan gara kuteenyaan fi amantaa guddaadhan gara ibiddaatti darbamuu filatan. Waaqayyos kophaaatti isaan hin dhiisne. Ergamaan  Waaqayyoos ibidda ni dhaamse, uffatni  isaanii illee osoo hin gubatin qaama fayyaa ibidda keessaa ba’an (Daani’el 3:19). Inumaayyuu Naabukadanazoor yemmuu deebi’ee ilaalu namoota afur argee dinqamee, ‘nuti namoota sadi miti kan ibidda kana keessatti ganne, kunoo ani namoota afuran ilaalaa jira’jedhe .Ibidda keessa afraffaa ta’ee kan deddeebi’us ergama Waaqayyoo ture.(Dan 3:24)

Wanti nama ajaa’ibu garuu fooliin ibiddaa illee isaan irra hin buune ture. Namootni isaan qabanii gara ibiddaatti gatan sun garuu labooba ibiddatiin ni dhuman. Anaaniyaa, Azaariyaafi Misaa’el garuu waahuu hin taane. Naabukadanazooris Waaqa akkanatti fayyisu hin agarre jedhee dinqamee dubbate isaanis ni kabaje, biyya isaa keessattis maqaa isaanii ol ni qabe, kanaa booda namoonni isaan arrabsanii fi rakkisan yoo jiraatan ta’e ani nan balleessa jedhee dhaadate(Dani’el 3:29)

Ergamoonni hojii heddu hojjetu, ajaja Waaqayyoon ergaa dabarsu, ni oolchu, ni ajjeesus. Mee kitaaba qulqulluu keessaa himoota ni ergamu, ni oolchu, ni ajjeesus jedhan  kana haa ilaallu. Gooftaa Iyyasuus ni dhalata, jedhee misiraachoo kan hime ergamaa Gabri’eeli dha.( Luq 1:36). Gooftaa Iyyasuus erga Beteliheemitti dhalate booddees Heeroodis, Iyyasuus ajjesuu waan barbaaduuf  ka’aa ti biyya Misiraatti baqadhaa kan jedhes ergamaadha (Mat 2:13). Gooftaa Iyyasuusifis seexanaan yeroo qoramutti ergamoonni dhufanii tajaajilaniiru (Mat 4:11)

Du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus namootaaf  kan ibsan akkasuma ergamootadha (Mat 24:5,Yoh 20:11). Mana hidhaas banuudhaan kan duuka bu’oota gooftaa hiikan ergamtoota( Hojii duuka bu’ootaa  5:19). Kanuma hundaaf manni kiristaanaa keenya ergamoota ni kabajjii araarsummaa isaanitiinis ni amanti. Ni oolchu  kan jedhuuf ammo Faarsaa Daawit akkasitti qulleessee kaa’eera.
“Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii ni buufata, inni isaan ni oolchas” Far 34:7. Jedha.
Qulqulluu Phawuloosis  gooftaan ergamaa isaa ergee akka  harkaa Heeroodisii fi ummata Yihuudoota Phaawuloos irratti hamaan akka ta’uuf hawwan irraa akka baraare barraa’ee jira (Hojii duuka bu’ootaa  12:11)..
 Seera lakkoofsa 20:16 irrattis “Nutis ni iyyine, Waaqayyos ergamaa isaa ergee nu baase” jedha
 Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoosis akka dhalatu kan haadha Qulqulleettii Dubaroo Maariyaamitti  hime ergamaa Gabri’eelidha jenneerra. Yemmuu itti himus galateeffannaa fi jechoota kabaja ibsanitti fayyadamuudhan misraachoo itti hime. Wangeela Luqaas irratti akkuma ibsame ergamaan kun gara Luba Zakariyasitti ergamee ‘Zakkariyaas baga gammade kadhannaan kee dhagahameera, haati warraa kee ni ulfoofti ilmas ni deessi maqaan isaas Yohaannis jedhama’ jedhee yemmuu itti himutti Zakaariyaas ‘ani manguddoo dadhabaadha yeroon daa’ima itti dhalchuu danda’us darbeera jedhee yoo deebii deebisuuf, ergamaan Gabr’eeliin waan dubbii koo amanuu diddeef hanga kanan ani sitti hime kun ta’utti arrabni kee duudaa ni ta’a’ jedheenii jira (Luq 1:8-21).

Garuu yemmuu Qulqulleettii Maariyaamiin  ‘kun akkamitti ta’a’ jettee deebii itti deebiftutti irra dedebi’ee galateeffannaadhan itti hime malee akka Zakkariyaas afaan qabe sana ishee irratti adabbii raawachuuf humna  hin arganne/hin yaalle. Waaqayyo ofii isaatii ajjeesuu fi fayyisuu gargaarsa tokko malee ni danda’a. Haa ta’u malee ergamoota isaatiif aangoo kenna, isaanis ajaja Waaqayyoon ni oolchu ni fayyisu ni ajjeesus

Ni ajjeesu kan jedhuuf ammo kitaaba qulqulluu irraa fakkeenya  tokko qofa fudhachuun gahaadha. Fakkeenyi hedduun jiraatanis. Hisqi’eel yoo sanaakireemin sodaachifametti ergamaan Waaqayyo Hisqi’eel akka gargaare sanaakireemis akka moo’ame ni hubanna(2Sen 32:21).

Kanaaf yaa namoota, yaa kiristiyaanota, araasummaa qulqullootaa fi ergamootatti amanuun aangoo gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos ergamootaf kennetti amanuu jechuudha. Isaan kabajuu jechuunis Waaqayyon kabajuu jechuudha. Gargaarsi ergamoota kan bakka tokkotti dhaabbatu miti. Kunoo hardhas waadaa qabaniin namootni  dhukkuba gara garaa irraa baraaramaa jiru, dhabaan maqaa isaaniitiin waaqayyon kadhachaa argachaa jiru. Waanuman ijaan agarru dha. Mee Biyyuma keenyattu Haarargeetti, Gabr’eelii Qullubbii dhaqnee ajaai’boota achitti ta’aa jiran haa ilaallu. Kanaaf laphee keenya wangeelaan haa guunnu, hunduma haa dubbisnu, yoo wallaale ammo abbota haa gaafannu malee ofuma keenyaan afaan keenya akka namoota yeroo ammaa luugama malee gulufan hin ta’in. Waaqayyo iccitii isaa nuuf haa ibsu. Araarsummaan isaanis nu waliin haa ta’u eegumsiisaanii nu haa tiksu. Sugni fi araarsummaan ,eegumsi Qulqulluu Gabari’eeli nu waliin haa ta’u. Akkanatti amanna, akkanatis amanamna. Ameen!

Tuesday, December 25, 2012

WNG002. Deebii Gaaffii kutaa Lammaffaa


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Gaafii Afraffaa ……..Kan darbe irraa itti fufe

Kiristiyaanni tokko dhiiga nama kiristaanaa hin taanerraa fudhachuu ni danda’aa?  Dhiiga namootaaf  kennuun hoo amantaa kiristaanaa keessatti dhoorkaadhaa?

Bu’uurri amantaa kiristaanaa jaalala. Gooftaa fi fayyisaan keenyaa Iyyasuus Kiristoos foon uffatee nu gidduu kan deddeebi’ee, jaalalatu dirqisiise malee   Aariyaam ta’ee  dubbii af- takkaan nama fayyisuu dadhabee miti, jaalala isaa nuuf muldhisuuf malee. Jaalalli isaa ammo jaalala jaalalaa oliiti. Abbootni keenya jaalalli Ilma Waaqaa harkistee  gara biyya lafaa kanaatti fidde jedhu. Egaa gooftaan ammo ofii qofa akkas godhee hin dhiisne nuufis abboommii akkas jedhu nuuf kaa’e malee:
Ani akkan isin jaaladhe isinis wal jaaladhaa”(Yoh 15:12)
Inni ammo kan nu jaalate hanga dhiigasaa lolaasuu fi foonsaa kukkutuutti. Kana immoo yoo godhu namoota murtaa’aniif  qofa  osoo hin taane sanyii Addaamii fi Hewaan kan ta’an ilmaan namaa hundaaf malee. Kanaaf nutis dhiigni keenya erga namaaf dawaa ta’etti, nama rakkatee ija ija keenya keessa ilaalu erga fayyisetti, erga obboleessa keenya du’aaf deemu Kanaaf fura kennetti,  yoo dhiiga kennine akka gargaarsa guddaa tokkoo fi abboommii gooftaa keenyaa kabajnetti ilaalama malee dhoowwaa wayiituu hin qabu. Kanaaf kiristiyaannii adii, gurraacha, isalaama, kiristaana, hiyyeessa, soreessa osoo hin jenne jaalalaa isaa dhala namaa hundaaf ibsuu qaba.

Jalqabumarra hojiin akkanaa kun gosa yaalaa keessatti ramadama. Yeroo ammaa namni dhukkubsatee gara mana yaalaa hin deemne jira jechuuf ni ulfaata. Waaqayyo akka namaaf ogumma kennetti ilmi namaa ogummaa Waaqayyo kenneef  kanaan wal gargaraa jira. kunis caalatti Waaqayyo akka galateeffannu kan nu godhu dha. Kitaabaa Qulqulluu irrattis abbootni keenya kan akka Nooh fi Solomoon gosa qoricha hedduu akka beekan Waaqayyo ogummaa kenneefii jira, Kakuu Haaraa keessttis ammo Luuqaas hakima akka ture barreeffamoonni seenaa dhugaa bahu. Kanaaf nama kennaa fi beekumsa keenyaan hanga dandeenyu yaaluun  Waaqayyoon biratti dhoowwaa hin qabu. Dhiiga namaa kennuunis gosuma yaalaa kana keessatti ramadama.  
Dhiiga nama Kiristaana hin taanee tokko fudhachuunis akkasuma. Yeroo ammaa dhukkubawwan gara garaa irraa fayyuuf akkuma qorichoota gara garaa fudhannu, qorichoonni sun maal irra akka fuunananam beekuu baanullee, hanga nu fayyisanutti itti fayyadamaa  jirra. Dhiiga namaas akka qoricha sirriitti maal irraa akka qophaa’e beeknu tokkotti itti fayyadamuun dhoowwaa hin qabu.  Tarii Qurbaanni nu fudhannu dhiiga keenyaan tokko ta’a kana akkam goona kan jedhu gaaffiin yoo jiraate ammo qaamni  keenya yeroo hunda  qulqulluu miti. Qurbaana fudhannee sa’aatii murtaa’e booda nama waliin nyaanne ni dhugna, hojii idilee keenyattis ni deebina. Sa’aatii Qurbaana fudhanne hanga yeroon murtaa’e sun raawwatutti  garuu dhoorkadha. Dhiiga kennuunis akkasuma, sa’aatii qurbaana fudhannetti akkuma wantoota  kaan irraa of eegnu, qaamni keenyaas dhiiguu akka hin qabne waan ta’eef, yeroo sanatti qofa dhiiga kennuun dhoorkadha.

Kan qulqullaa’e sarootaaf  hin kennina kan jedhame hoo akkamiin ilaallama gaaffin jedhu yoo jiraates ammoo, inni dubbii iccitii Qurbaanaaf  himame malee dhiiga nama dhukkubsateef laachuu  akka hin taane  abbootni qullessanii nutti himaniiru. Dabalataan dhiiga nama kiristaana hin taanee tokkos yoo fudhanne rakkoo hin qabu, dhiigni nama sana booda dhiiga keenyaan tokko waan ta’uuf, akka adda ta’e tokkotti hin ilaalamu. Dhuguma kennaan dhiigaa kenna baay’ee nama gammachiisuu, jaalala dhala namaa hundaaf qabnu kan  ittin agarsiisu dandeenyu dha. Inumaayyuu dhiiga kennun bu’aa barnoota amantaa kiristiyaanaati.

Gaafffii Shanaffaa
Afoomiyaan eenyu, seenaan ishees maal fakkaata, seenaa isheen walqabate kitaaba Qulqulluu irraa arganna moo kitaabota biro irraa arganna?

Seenaa Afoomiyaa kan argannu Kitaaba Dirsaana Mikaa’el irrayi. Afoomiyaan haadha warraa nama Astaariqoos jedhamuu  kan biyya Kilqiyaa jedhamtu keessa jiraata turaniidha. Isaan lachanuu Qulqulluu Mika’eel kan jaalataniifi ji’a ji’aan yaadanno isaa kan godhan  ture. kan beela’e ni nyaachisu, kan dheebote ni obaasu, qarshii isaanis rakkataaf maqaa Qulullu Mika’eliin ni kennu ture.
Abban warra Afoomyaa  gaafa dhibamu akkas  jetteen “ Dubartiin erga abbaan warraa irra du’ee  rakkachuun ishee hin hafu, anis akka qorumsi narra hin geenye kunoo ilma hin qabu waan tokko  hin qabu, yaadannoo tokko maqaa Mika’elatin fakki isaa na kaasisii naaf  kenni jetteen. Innis fakkii Qulqulluu Mika’el kan birrii fi warqii  irraa hojjisiisee  kenneef.

Abbaan warraa Afoomiyaas yeroo muraasa booda ni du’e. Akkuma jedhame erga inni du’ee booda, halkan guyya Waaqayyoon kadhachuutti jabaatte. Guyya guyyattis  hojii hafuuraan gudachaa dhufte. Fuula fakki Qulqulluu Mikaa’el  kana durattis  sagadaa turte, eegumsi kee ana irra hin fagaatin jettiin ture. Rakkataa oolchuus, guyyuma guyyaan hojii gidhateetti.
Yeroo kana sexanni itti hinaafee , hojii hafuuraa ishee kana irraa ishee gufachiisuuf  aare dubartoota dullomanii fi daa’ima fakkaate gara mana ishee dhaqe. Gargatun ishes akka namni ishee barbaadu itti himte, Afoomiyanis yemmuu isaan agartu “kootta ol seena waliin Waaqayyon kadhanna”  jette gara mana fakkiin Mikaa’el jiru sanatti waamte, yeroo sana “lakki nuti kadhaneerra ol hin seennu jedhanii deebisaniif, ammas wanti  ati gootu kun gaarii miti guyya dullomte kan si gargaaru hin jiru horii kee of duraa akkanumaan hin fixin, amma gara kadhannaaa seenuu hin barbaannu nuti dursinee siifis, nuufis kadhanne dhufne”  jedhaniin.

“Ammas kottu haatii warraa Mootii Anooriyoos jedhamu diinan jalaa ajjefamteetti, kanaaf  koottu isaaf si heeriumsiifna, akkamitti erga abbaan warraa koo du’ee dhiiraa waliin hin bulu  jetta?”  jedheen, tokko keessa jaarsa fakkaate. Isheenis deebifte  “kan Phawulos jedhe, kan Yonaas jedhe kan Gooftan jedhes nan  beeka, bullallan ille yoo abbaan warraa irraa du’e qeensa isheen arraba ishee tarsaafti malee dhiira biraa bira hin geessu ,yoo dirqama  itti ta’es hiriyoota ishe wajjina ajjefti, ati akamitti akksa jetta kun hojii seexanaa ti  malee kan kiristanaa  miti”  jetteen. Ishenis “koottu dhuguma jaarsa dhugaa yoo monoksee taate fakki Mika’el kana dhungadhu”  jette yoo itti fiddu  seexannichi koola baase, “na moo’atte hanga  Mika’ela Waxabajiitti  balaan sitti buusa, na eegi “  jedhee itti dhaadatee achii bade. Maqaa fannoo gooftatinis ni ariite.
Ji’a kurnaffaa irratti Mika’ela  fakkaate, askema godhatee harkatti ulee fannoo of irra hin qabne qabatee gara Afoomiyaatti dhufe. “Afomiyaa akkam jirta soomni fi kadhaan kee Waaqayyoon biratti dhagahamee jira, kunoo Waaaqayyotu na erge jedheenii gara manaa ol seenee. Waaqayyoos baay’ee  sitti gammade”  ittiin jedhe.  Afomiyanis “ ati eenyu, maqaan kee hoo eenyu jedhama” jetteen. Innis “ani Qulqulluu Mikaa’el dha,  yeroo darbe seexanni si dogngorsuu dhufee guyya kanas Mikaa’elli bakka biraa waan deemuf dhufeen  si balleesa jedhe sitti dhadannan samii dha si baraaru  dhufe”  jedheen.

Ammas naaf sagadi siif jecha warra samii keessa jiraatan hunda dhiiseen dhufe bar”.  Isheenis erga Mikaa’el  taate maa uleen kee fanno of irraa hin qabne ree kunoo akka fakkii mana koo jiruu kanatti?”  jetten. Inis sobee     “lakki samirra kun hin jiru”  jedheen. Isheenis deebiftee lakki chaappaa mootii  malee kan  nama dabarsu hin jiru, anis mallattoo fannoo malee si  hin amanu jetteen, kunoo erga dhugaa Mika’el taate dhungadhu jettee fakkicha sana itti fidde. Yeroo kana aare jinnii ta’ee muldhatee  ka’ee ishee hudhee  ajjesuf  ta’e. Yeroo kana yaa Mika’el na baaraarii jette yoo iyyattu Mikaa’elli  dhufee muka  fannoo of irraa qabuun rukutee lafatti kuffise. Seexannis maaloo hanga adunyaan kun darbutti hin na hin  balleessin”, jedhe kadhate. Seexannis kana booda iddoo maqaan kee dhahamuu fi fakkiin kee jiru gonkuma hin gahu jedheefi kakate.
Sana booda Qulqulluu Mikaa’el gara Afoomiyaatti deebi’ee  kadhaan kee siif dhagahamee  jira gara bataskaana deemii kadhadhu lubbun kee ni dabarti  jedheen. Lubbuu kees gara abbaan warraa kee Astaariqoos  jirutti nan geessa jedheenii gara samitti ol ba’e.

Afoomiyaanis Phaaphaasii, lubootaa fi diyaaqonoota  manatti waamtee waan qabdu hunda rakkataa  dha akka kennan goote. Naafis kadhadhaa jettee abbota gaafatte. Yeroo sanas Abboota  teesiftee kadhaa naaf kenni jette kadhatte, fakki sana yoo  dhungattu, fakkichis koola baase bararee gara bataskana Mika’eel dhaqee ofumaan taa’e, hanga ammattis bataskaanuma sanatti argama. dhukkubsatan  hedduunis ittiin fayyaa jira. Kun kan baay’ee nama dinquu fi namoota Waaqayyotti amananiif kan danda’ameedha. Kadhaan Afoomiyaa  nu waliin haa ta’u, eegumsi Qulqulluu  Mika’el nu haa tiksu.  Ameen.
Wabii:  Dirsane Mika’el kan kan Waxabajjii  Afaan Gi’izii fi Amariffan kan qopha’e  Bara 1999  Gabre Sillase Biraanuu, mana maxxansa Aksum Finfinnee.

Gaaffii Jahaffaa
Ani bataskaana/mana kiristiyaanaa dhaquu dhaabee jira, sababni isaas yemmun Waaqa kadhachuu fi sirna galateeffannaaf dhaqutti tajaajiltootumti  bataskaanatti  yeroo baay’ee wal yoo lolu yoo waliin oodan nan arga, Kanaaf isaan fakkeenya ta’uu osoo qaban waan kana yoo rawwatan argaa sammuu kiyya jeequrra, bataskaana dhaquu dhiisee manuma koottii  yoon Waaqayyoon kadhadhe maal qaba?  Namni tokko Kiristiyaana jedhamuuf dirqama bataskaana dhaquu qabaa?(Obboleessa keenya irraa)

Gaaffii kana deebisuun duratti, mee waa’ee hiikkaa mana Kiristiyaanaa kan jedhu kana haa ilaallu. Mana kiristaanaa kan jennu waa sadi of  keesstti qabata
A.   Hordoftoota:  Inni jalqabaa hordoftoota, nu’i  warra isatti amannetu mana kiristiyaanaa/mana qulqullummmaa  jedhamna. Kiristoosin Kiristiyaana jedhamnee jirra.  
“Isin mana qulqullummaa Waaqayyoo akka taatan, hafuurri Waaqayyoos isin keessa buufatee akka jiru hin beektanii ree?  Namni mana qulqullummaa Waaqayyoo yoo balleesse, Waaqayyo immoo isa in balleessa; manni qulqullummaa Waaqayyoo dhuguma qulqulluu dha, innis isin.(1Qor 3:16)
B. Gamtaa/Waldaa Kiristiyaanotaa:  Kan lammataa gamtaa(waldaa) kiristiyaanotaati, gamtaan kiristiyaanotaa bakka tokkotti Qitaaba Qulqulluu irratti mana qulqullummaa/mana kiristiyaanaa jedhamee waamamee jira.
C. Bataskaana(mana Keessatti Waaqeffannu): Innis  Kan sadaffaa  ammo bataskaana keesatti waaqeffanuuu fi sirna gara garaa keessattii raawwanutu  mana kiristiyaanaa jedhama. Egaa mana kiristiyaanaa hojennu akkanatti yaadachuun barbaachisaa dha. Kiristioos dhiiga isaatiin kan hundeesse jechuu dha.
Amma gara gaaffii ka’eetti yoo deebinu, Kiristaana jedhamuuf  Mana kiristaanaa dhaquun dirqama kan jedhu ilaalla. Kana yemmuu ilaallu, akka seera mana amantaa Ortodoksii Tawaahidootti namni tokko daa’imumma irraa eegale akkuma dhalateen dhiira hoo ta’e guyyaa afurtammaffaatti, dubara  yoo  taate ammo guyyaa saddeettamaffaatti mana kiristaanaa ni seenu, ni cuuphamus. Nama jabaa ta’ee amantaa biraa irraa gara kiristaanumma kan dhufu ammo barnoota kiristaanummaa fudhatee amanee hoo cuubame Iyyasuus  kiristoosittti amanee, kiristiyaana jedhama. Garuu Kiristiyaanummaan cuuphaa dhuma irratti kan dhaabbatu miti, seerrii fi danbiin abbootni keenya teessisan jiruu fi jireenya kiristaana tokkoo Keessatti calaqqiuu fi raawwatamus qaba.  Sana booda jireenyi kiristaanaa hundi hanga guyya du’a isaanitti  mana kiristaanaa /bataskaanatti/ deddeebi’uun dirqama. Kan barnoota itti baratan, galatteeffannaa itti dhiheessan kan ayyana itti kabaja, kan qurbaana itti fudhatanii, kan kennaa Waaqayyoof itti dhiheessan fi kan yoo du’anis itti awwaalaman bataskaanuma. Bataskaanni fakkeenya iddoo haara galfii fakkeenya Iyyeerusalem samii irraatti waan taateef.

Kanaaf bataskaana dhaquun dirqama. Inumaayyuu abbootni keenya, hayyootni  318 kitaaba amantaa abbootaa irratti  “Ati guyyaa sanbata guddaa ganamaan ka’i, gara bataskaanaas deemii, jaalaala gooftaa Iyyasuus kiristoos nuuf kenne yaadachuudhaan, Inni Waaqa ta’ee osoo jiruu foonsaa kukkutamuu isaa dhiigni isaa dhangala’uu isaa reebamuu isaa hunda yaadadhu sodaadhaan dhaabadhu Waaqayyon kadhahu”  jedhanii jiru. Abbootni keenya ammas inumaayyu yoo siniif danda’ame gara bataskaana guyyaa guyyaan dhaquun cubbuu keessan hojjetan karra Waaqayyo dura dhaabattanii akka araara isiniif kennu akka kadhatan jedhanii nu barsiisaniiru.
Abbaan keenya Daawiitis Kitaaba Faarfannaa irratti akas jedhe
“Gara mana Waaqayyo dhaqna yeroo naan jedhanitti nan gammade” (Far 122:1)
Goofataan Filiphisiyoositti mana kiritiyaana hojjetee sirna galateeffannaa akka itti agarsiise seenan mana kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo  ni hima. Uumama 24:16 irrattis Yaaqoob mana Waaqayyoo Bet’el jedhee kan zayita irratti gadi naqe kanumaafi dha, malee iddoon hundis bataskaana miti. Bakka aarsaan  itti qophaa’u dha. Mul’ata Yohannis 11:1 irrattis Yohaannis kan  mana qulqullumaa Keessatti sagadan akka safaruu itti himameera. Bakka waaqayyo filatetti malee aarsaana kka hin dhiyaanne akeeffachiifamneerraa ( Keessa Deebii12:13)
Pheexroosii fi Yohaannis yeroo hunda sa’aatii sagal irratti gara mana qulqullummaa ni deemu ture.(Hojii Duuka Bu’ootaa 3:1)

Namootni wal lolu kan jedhuuf ammo, kuni siif qorumsa, qorumsa sana moo’achuu qabda,  tooftaa seexanni akka ati gara mana kiristaanaa  hin dhaqne godhee cubbuu namoota garmalee guddaa fakkeessee  sitti muldhisee si hambisuu barbaadu dha. Kanaaf  kan wal lole akkuma wal loletti hin jiraatu, araaramuun dirqama. Abbotnis akkas godhu taanaan, hoolota isaan tiksaniif fakkeenya gaarii miti araramu qabu, ati garuu hanga dana’ameen Waaqayyo kadhadhu malee bataskaana dhaquu hin dhiisiin, qorumsa kana hanga dabartutti, jabaadhu, jaalallis akka dhufuuf, ijoollen abbootaaf akka kadhatan seenaa Zakariyaas irratti kan ibsame dha. Waaqayyo nu haa gargaaru.

Kakaasee kan nu jalqabsiise, jalqabsiisee kan nu xumursiise maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu.Kadhaan haadha keenya Qulqulleettii  Dubaroo Maariyaamii nu faana haa ta’u. Eegumsi ergamoota nu haa tiksu. Ameen!
Itti fufa.......................................