Thursday, August 6, 2015

Sooma Filchataa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
       
Filseta' jedha Gi'iziin 'Filset' jecha jedhu irratti 'taa' ta'uun isaa saala dubartiif waan fayyadamuufi. Hiikkan jecha 'filset' jedhu kun ammoo 'iddoo tokkorraa gara iddoo biraatti fudhatamuu,iddoo biraatti darbu' jechuudha. Kanaaf filsataa Maaramii yoo jennu, Haati keenya dubroo Maariyaam fooniin iddoo biraatti fudhatamuu kan agarsiisu dha. Isuma Flsataa jedhu kana afaan Oromootiin amantoonni dhuunfatanii 'Filchataa' Jedhanii waan fayyadamaniif nutis jechuma Filchataa jedhu kanatti fayyadamneerra, jecha hordoftoota biratti Afaan Oromootiin yeroo dheeraaf barame waan ta'eef.
Soomni kun giiftiin teenya dubroo Maariyaamin akkuma ilma ishii du’aa kaatee Samii Iyyeruusaalem ishee haaraa seente jennee amanna kanaaf soomna. Fakkeenya Iyyeruusaaleem ishee haaraa kan godhannus kanaafi.
Kan soomamus yeroo mara Hagayya 1 hanga Hagayya 15 yoo ta’u Hagayya 16 immoo soomichi ni hiikkata. Dubroo maariyaamiin kan booqatte Amajjii 21 yoo ta’u duuka bu’ootni gara Geetesemaanii foon ishee awwaaluu yoo deeman Yihudoonni itti hinaafanii addan bittinsan. Yeroo kana ergamoonni foon Maariyaamii fuudhanii gara balbala Jennata jala teessisan(Jannata lubbuun malee foonin hin seenan). Baatii 8 booda duuka bu’ootni Waaqa kadhatanii "haadha Gooftaa keenyaa ishee kabajamtuu taatee osoo jirtu nuti akkamitti osoo foon ishii hin awwaaliin hafna?" jedhanii baaayyee xiiqa’anii Waaqayyo kadhaatan.Yemmus gooftaan kadhaa isaanii dhagahee, foon ishee balbaala jeennataa (Genet) jala jiru sana kenneefii kabajaanii fi kadhaadhaan awwaalan.

Sirna awwaala sana irratti duuka bu’oota 12 keessaa Toomaas wangeela lallabuu waan deemeef hin turre. Toomaas Wangeela lallabee yommuu deebi’u, isheen immoo akkuma ilma ishii erga awwaalamtee, guyyaa sadi booda du’aa kaatee yoo ol baatu innii immoo wangeela lallabee gara Yeruusalemitti duumessa yaabbatee yoo dhufu karaatti walitti dhufan. Ol ba’uu ishee duuka bu’ootni biroo quba hin qaban ture. Innnis yemmuu kana baay’ee gadde, ni na’es,sababni isaas akkuma Wangeela irratti barreefame duraa du’aa ka’uu gooftaa fi akka duuka bu’ootatti muldhate hin agarre, isaaniis gooftaa Iyyasuus agarree jedhanii itti himnaan, harka isa sibiilli ure, qaama isaas argu malee mamee isin hin amanu jedheenii ture(Yoh 20:24).Innis ammas akkanuma mamiinsa koo sana Waaqayyo natti lakkaa’ee kan du’aa ka’uu haadha isaas natti agarsiisuu dide jedheet ture. Yeroo kana si malee du’aa ka’uu koo kana namni arge hin jiru jettee tasgabbeessite, hinumaayyuu, wabiif akka ta’uuf immoo kafanii itiin kafanamte kenniteef. 
Innis yeroo duuka bu’oota bira ga’u dubroo Maariyaamiin akkam taate jedhee isaan gaafannaan “Bar awwaalle” jedhanii itti himani.
Toomasis lakki anis waanuma keessan dhagahuuf malee du’aa kaatee yeroo ol baatu arge jedhee itti hime.Kafanichas itti agarsiise. Waaggaatti immoo isaanis du’aa ka’uu ishee Toomas argee nu qofa hin argin hafne jechuudhaan soomaa torban lamaa qabatan. Isaanis heeyyama Waaqaa ta’ee du’aa ka’uu ishee guyyaa 16 iratti, yeroo lammataaf akka haaraatti ni argan, sanarraa kan ka’e hanga ammaatti manni kiristaanaa keenya hordoftoonni amantaa Ortodoksii akka sooman ni ajajj.

Araarsummaan haadha keenya nu waliin haa ta'u. Sooma milkii kan tasgabbii kan araaraa,kan dhiifamaa,kan jaalalaa,kan tokkummaa,kan dhibaman itti fayyu,kan hidhaman itt hiikkatu,kan daare itti uffattu,kan rakkataan itti mildhatamu,kan cubbuun itti diigamu,kan kadhannaan keenna itti dhagahamu nuuf haa ta'u//