Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa
Tokkoon!Ameen.
“Gammachuu cubbuudhaan argamu irra uummata Waqaayyoo waliin
gadadoo arguu filate” Ibroota 11:25
Bara 1875 Salaalee Ficheetti maatii qote bulaa irraa
dhalatan. Ijoollummaadhanis gara kawaala Debre-Libaanos deemuudhaan baruumsa
amantaa yeroo gabaabaa keessatti haala nama dinqisiisuun xumuruu danda’aniiru.
Sana boodas yeroo sanatti iddoo hayyootni amantaa jiru jedha gara Gondar,
Goojjam fi Walloo deemuudhaan baruumsa amantaa qo’ataniiru. Bara 1900, Walloo
iddoo Amaara Saayintitti waggoota sagaliif barsiisaniiru. Bara 1909ttis aangoo
monoksummaa gadaamii Dabra-Libaanositti fudhataniiru. Kawaalaa Gabr’ieelii
Baatuu(Zuwaay) dabalatee iddoo gara garaatti naanna’anii barsiisaniiru. Bara
1919 ammoo gara Finfinnee dhufuudhaan bataskaana Maarqoositti tajaajilaniiru.
Phaaphaasota Itiyoophiyaadhaa bara 1921 yeroo jalqabaaf gara Masrii,
Aleksaandariyaatti ergamanii muudaman keessaa tokko turan. Bara 1928 yemmuu
Xaaliyaanin biyya keenya gabroomfachuuf manneen kiristaanaa gubaa, namoota
ajjeesa turanitti qabsaa’ota mirgaa kadhannaadhaan gargaaraa turan.
Keessumattuu gara Salaalee deemuun qabsaa’ota Salaales kakasanii akka diinan
morman shoora guddaa taphataniiru. Booda garuu diddaa bittaa gabrummaa
Xaaliyaanii kanaan harka Xaaliyaanotaatti kufan.
Erga qabamani boodas gara Giraaziyaanii Dhiyaatanii, abbootni murtee Xaaliyaaniitiin adabbii du’aa irratti murteessan. Isaanis “Ana irratti wanta barbaaddan raawwadhaa;ijoollee koo irratti garuu homaa hin raawwatinaa” dubbii jedhu dubbatan ture.
Erga qabamani boodas gara Giraaziyaanii Dhiyaatanii, abbootni murtee Xaaliyaaniitiin adabbii du’aa irratti murteessan. Isaanis “Ana irratti wanta barbaaddan raawwadhaa;ijoollee koo irratti garuu homaa hin raawwatinaa” dubbii jedhu dubbatan ture.
Murtiin du’aa kunis hatattamaan guyyaa walakkaa keessatti
akka raawwatu ta’e. Yemmuu kiisii isaanii keessa baasanii sa’aatii ilaallatan
sodaan tokkollee irratti hin muldhatu ture. Haa ta’u malee abbaan murtii inni
murtii du’aa isaan irratti kennaa ture yemmuu murtii dubbisu ni hoollata ture.
Isaan garuu murtiin du’aa kun homaa itti hin fakkaatne. Yemmuu ajjeefamuuf
ka’anittis fannoo baafatanii uummata eebbisan. Kitaaba Qulqulluu harkaa qabanis
ni dhungatan. Namoota murtii du’aa irratti dabarsaniifis ni kadhatuuf ture.
Gamoon jala dhaabatanis barbaadamee fuula isaanii ummatati garagalchanii
dhaabachiisan. “Fuula kee akka uffisan ni barbaaddaa?” jedhamanii gaafatamnaan
‘kuni hojii keeti’ jedhaniin nama isaanitti haasawuun.
Naannoo addaba’aaba’ii Birbirsa Goorootti(Piyaassatti)
gamootti hirkisanii dhaaban. Yeroo kana loltoonni saddeet qopheedhan eegaa
turan saddeettanuu yeroo tokko qawwee itti dhukaasan; garuu dhukaasa
saddeettaniinuu du’uu didan. Yeroo kana du’uuf dhiisuu isanaii adda baasuuf
hakimni waamame. Akka hin duunes mirkaneesse hakimtichi. Sana boodas itti
deebi’anii shugguxiidhan yeroo sadi mataatti dhukaasanii ajjeesan. Yemmu kuni hundi
ta’u koloneelli isa ajjeesisaa ture sun uummatni dirqamaan akka harka dhawu
godha ture.
Reeffa isaanis namni akka hin agarreef Finfinneedhaa baasanii bakka namni hin agarretti awwaalan Xaaliyaanonni. Ummati Finfinnees guyyaa sana guutummaan boo’afii oole. Siidaan yaadannootis bara 1938 Finfinneetti iddoo isaan wareegamanitti dhaabteef.
Reeffa isaanis namni akka hin agarreef Finfinneedhaa baasanii bakka namni hin agarretti awwaalan Xaaliyaanonni. Ummati Finfinnees guyyaa sana guutummaan boo’afii oole. Siidaan yaadannootis bara 1938 Finfinneetti iddoo isaan wareegamanitti dhaabteef.
Manni amantaa keenyaas bara Paatiriyaarikii Shanaffaa Abune
Phaawuloos, waggoota 60 booda wareegamaa Abune Pheexirosiif aangoo qulqullummaa
laatte. Jaarraa si’anaa kana keessas mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo
Itiyoophiyaa keessatti aangoo qulqullummaa kan argatan isaan qofadha. Taabotni
maqaa isaniitiin moggafames Salaaletti argama. Sugni fi eebbi abbaa keenyaa nu
waliin haa ta’u!
(Seenaa Maddeen gara garaa irraa)
(Seenaa Maddeen gara garaa irraa)