Kadhaa



Kadhannaa Yeroo Hundaa
 Mallattoo Fannoo gooftaa Iyyasuus kiristoosiin,
dhaqna koo hunduma yeroo sadi nan mallatteessaa.
1.Waaqa tokko kan ta’an maqaa Abbaa kan Ilmaa
kan Hafuura Qulqulluutiin,
Qulqulluu fi ulfaatoo kan ta’an Sadummaatti(Sillaaseetti)
amanuu fi kadhachuudhaan diina koo Seexana nan gana,
haadha koo mana kiristaana kana fuldura dhaabadhee,
Seexana nan si gana, kanaafiis ragaankoo Maariyaamiidha,
addunyaa kanarrattis,addunyaa isa dhufuttis,
ishee hirkoo godhee yaa diina koo seexana sin gana.

2. Yaa Gooftaa si galateeffanna, yaa Gooftaa si kabajna,
yaa Gooftaa si’iif bitamna,
yaa gooftaa maqaa kee qulqulluuu ni galateeffanna.
Jilbi hundumtuu siif sagadu, siifan sagada,
arrabni hundumtuu siif bitama,
Waaqa waaqotaa,Gooftaa gooftotaa,
Mootiin moototaa, sidha.
Isinis yeroo kadhattan, akkana jedhaa kadhadhaa jedhee
Qulqulluun ilmi kee akkuma nu barsiisetti si kadhanna.
…..
3.Yaa Abbaa keenya 
Samiirra kan jiraattu
Maqaan kee haa qulqullaa’u
Mootummaan kee haa dhufu
Jaalalli kee samiirra akka ta’e
Akkasumas lafarratti haa ta’u
Buddeena (nyaata) keenya har’aaf ga’u nuuf kenni
Yakka keenyas nuuf dhiisi
Nutis kan nu yakkaniif akkuma dhiisnuuf
Qorumsatti nu hin galchiin
Hamaarraa nu oolchi malee
Mootummaan kan keeti hoo
Humnis galannis bara baraan Ameen!

4. Yaa giiftii keenya Dubroo Maariyaamii
Nagaa ergamaa Gabri’eelii qulqulluutiin
Nagaa siin jenna
Yaada keetiin dubroodha
Foon keetiinis dubroodha
Yaa Haadha Waaqayyoo
Galanni siif haa ta’u
Ati dubartoota keessaa kan eebbifamtedha
Firiin garaa keetiis kan eebbifamedha
Kennaan kan guutamte gammadi
Waaqayyo si wajjin jirahoo
Gooftaa keenya (Fayyisaa keenya) Iyyasuus Kiristoosirraa
Dhiifama (fi araara) nuuf kadhadhu
Cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf
Galanni haa ta’u Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf bara baraan Ameen!

5. Hundumaa kan uume Waaqa tokko kan ta’u ,
Waaqayyo Abbaatti ni amanna..
Samii fi lafa kan uume,
addunyaa muldhatuu fi kan hin muldhanne utuu hin uumamin,
isa wajjiin kan ture, Ilma Abbaa kan ta’e
Waaqa tokko ,Iyyasuus Kiristoositti ni amanna.

6. Ifa Ifarraa argame, Waaqa Waaqa dhugaarraa argame,
kan dhalate malee kan hin uumamne,
Waaqaummaa (amalummaa) isaatiin
Abbaa wajjiin kan qixxaatu,
waan hundumtuu kan Isaan ta’e,
samiirras lafarras kan jiru,
Isaan malee homtuu kan ta’e hin jiru.
Nufayyisuuf samiirraa gad-bu’e,
hojii Hafuura Qulqulluutiin
Qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa nama ta’ee
nuuf jecha fannifame,
Bara Philaaxoos Pheenxichaas gidiraa arge,
ni du’e ni awwaalame,
guyyaa sadaffaattis du’a moo’ee ka’e,
akkuma kitaabolii qulqullaa’oo keessatti barreeffame
ulfinaa fi galataan gara samiitti ol ba’e,
mirga Abbaasaa taa’e,
Lammaffaas warra du’anii fi jiran irratti murteessuuf
galataan ni dhufa, barri mootummaasaas dhuma hin qabu.

Haafuura Qulqulluuttis ni amanna,
Innis, Gooftaa, jireenya kan nuuf kennu,
Abbaa irraa kan argame,
Abbaa fi Ilma wajjiin tokkummaan ni sagadnaaf,
ni galateeffannaan,
Innis raajotarra bulee kan dubbatee dha.
Hundumaa ol kan taate
duuka bu’otni Kiristoos kan walitti qaban(ijaaran) ,
Ulfaattuu mana kiristaanaa tokkotiitti ni amanna.
Cubbuun kan ittiin haqamu cuuphaa tokkittittis ni amanna.
Warri du’an booda akka ka’an ni abdanna,
jiraa isa dhufuu hanga bara baraatti.
…………………………………………………..
Yaa Waaqayyo Mooticha, Qulqulluu, Ququlluu,Qulqulluu,
jedhamte ni galateffamta.
Galanni kees samii fi lafa irratti kan guute dha.
Yaa Kiristoos siif sagadna,
Arjaa Abbaa kee isa samii wajjin,
Fayyisaa kan ta’e Hafuura Qulqulluu wajjinis siif sagadna,
gara addunyaa kanaatti dhuftee waan nu fayyisteef.

7. Abbaaf, Ilmaaf, Hafuura Qulqulluuf
sagada tokkicha nan sagada.(yeroo sadi jedhi).
Tokko yemmuu ta’an sadi, sadi yemmuu ta’an tokko,
Qaamaan sadi yemmuu ta’an,Waaqummaadhan tokko
kan ta’aniif nan sagada.
Waaqayyoon kan deesse
Giiftii keenya Dubroo Maariyaamiidhaaf nan sagada.
Addunyaa hundumaa fayyisuuf jedhee
Fannoo Gooftaa keenyaa
 Iyyasuus Kiristoos irratti fannifameef nan sagada.
Fannoonsaa humna keenya,
Humni keenya fannoosaati,
Kan nu jajjabeessu fannoosaati,
Fannoonsaa fura keenya dha.
Fannoonsaa fayyisaa lubbuu keenyaati,
Warri Yihuudotaa isa ganu
Nuti garuu itti ni amanna,
Warri itti amannus fannichaan ni fayyina, fayyineerraas.
…………………………………

8. Abbaaf galanni haa ta’u, Ilmaaf galanni haa ta’u,
Hafuura Qulqulluuf galanni haa ta’u,(Yeroo sadi jedhi)
Waaqayyoon kan deesse Dubroo Maariyaamiif galanni haa ta’u,
Fannoo gooftaa keenya Iyyasuus Kiristosif galanni haa ta’u,
Kiristoos dhiifamasaan akka nu yaadatuuf,
Dhufaatiisaa isa lammaffaattis akka nu hin qaanessineef
Maqaasaa galateeffachuuf akka nu dammaqsuuf
Isa Waaqefachuuttis akka nu cimsuuf.
Yaa Giiftii keenya kadhannaa keenya Waaqayyotti nuu dhiheessi
Cubbuu keenyaafis dhiifama nuu kennsiisi
Teessoo Gooftaa keenyaa fuldurattis kadhannaa keenya nuu dhiheessi,
Nyaata kana kan nuuf kenne
Xoofoo kanas kan nuuf kenne(obaase)
Nyaataa fi uffata keenya kan nuuf qopheesse
Cubbuu keenya hundumas kan nuuf obse,
Ulfaataa dhiigasaa, qulqulluu foonsaa kan nuu kenne
Hanga yeroo kanaattis kan nu ga’e
Waaqayyoof galanni haa ta’u
Kan isa deesse dubroo Maariyaamiif galanni haa ta’u,
Ulfaata Fannoo isaatiifis galanni haa ta’u
Maqaan Waaqayyoo akka galatoomuuf.
Yeroo hunduma hanga bara baraatti
Galanni haa ta’u.

9. Yaa Giiftii keenya Maariyaam
 nagaan siif haa ta’u jechaa siif sagadna,
bineensa hamaa irraa akka nu oolchituuf si kadhanna,
deessuu haadha kee Haannaf jedhii,
Abbaa kee Iyyaaqeemif jedhii
waldaa keenya hardha nu eebbisi
Waaqayyoon dubrummaadhaan kan deesse kadhannaa Giiftii keenya Mariyaamii(Luq 1:46-54)
Maariyaamis jette “Lubbuun koo Waaqayyoon  guddaa ni galateeffatti, Ayyaanni koos Waaqayyo fayyisaa kootti ni gammaddi.
Salphina garbittii isaa argeera’oo.
Kunoo hardhaa jalqabee
dhaloonni hundumtu na galateeffatu.
Inni hojii guddaa naaf raawwateerawoo,
Maqqaansaa Qulqulluudha,
Dhiifamni isaas warra Isa sodaatanirra dha,
Dhalootaa hanga dhalootaatti.
Humnas irreesaatti Murteesse.
Akka yaada garaasaanitti
warra of tuulan isaan bittinse,
Warra abba irrees teessoo isaanirraa isaan salphise,
Warra beela’anis arjumma isaatiin quubse,
Sooressootas harka qullaa hambise,
Dhiifama isaa akka yaadatuuf Israa’el garbichasaa simate.
Abbootii keenya Abrihaamifis sanyiisaaf
 hanga bara baraatti akkuma dubbate.



No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.