Wednesday, January 16, 2013

WNA004. Cuuphaa


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen.

                               Cuuphaa

"Egaa dhaqaa, maqaa Abbaa kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluutiin isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa duuka bu’oota  koo taasisaa”  Mat.28:19


Hiika Cuuphaa – cuuphaa jechuun cuuphamuu, bishaan keessa seenanii bahuu jechuudha. Cuuphaan icciitiiwwan Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo keessatti raawwataman keessaa isa tokkoo fi kan jalqabaa yommuu ta’u, amantoonni kan mana amantaatti ittiin galan, mucummaa fi kabaja Waaqayyorraa kan ittiin argatan dha. Icciitii wanti jedhameefiis mucummaa Sillaasee (Sadummaa) isa ijaan hin argamne kan ittin arganuu fi warreen hin amanneef icciitii jedhama.

Bu’uura Cuuphaa - Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhalatee waggaa soddomatti laga Yordaanositti harka Yohaannisitti cuuphamee namootni hundis akka fayyaniif lammata dhalachuuf cuuphamuu akka qaban barsiiseera, ofii isaa cuuphamuudhaanis nuuf bu’uuresseera. Kanaaf Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhuma barumsa isaa irratti “Deemaatii maqaa Abbaa  Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiin cuuphaa duukaa buutota koo taasisaa” jedhee duukaa buutota isaa ajajeera (Maatewoos 28:19). Isaanis ajaja barsiisaa isaanii irra kennameef fudhatanii namoota addunyaa Wangeela barsiisuun cuuphanii ijoollee Waaqayyoo taasisaniiru.

Cuuphaan maaliif barbaachise?
 Dhalli namaa jalqaba abboommii  Waaqayyoo cabsee gorsa seexanaa dhagahuudhaan muka Jannata keessa jiran hunda nyaadhu muka isa waan gaarii fi yaraa nama barsiisu kana immoo hin nyaatiin jedhame nyaachuun dhala namaa hundarratti duuti du’aa irratti murtaa’ee abaarsaan jiraachaa turan. Bara boodaa Gooftaa Iyyasuus biyya lafaa kanatti yeroo barsiisaa ture “Dhuguma dhuguman isiniin jedha namni lammata bishaanii fi afuura irraa dhalachuu baannaan jireenya bara baraa hin qabu (Yohaannis 3:3-6)” jedhee akkuma dubbate cuuphaan kan barbaachise jireenya bara baraa argachuuf ykn immoo Mootummaa Waaqayyoo dhaaluf jechuudha. Kiristoosiitiin kiristaanota, Ilmaan immoo ilmaan (Ijoollee) Waaqayyoo kan nu jechisiisu cuuphaadha. Akkuma namni haadhaa fi abbaa isaa irraa al-tokko qofa dhalatu Cuuphaanis erga takkaa cuuphamanii irra hin deebi’amu; Qulqulluu Phaawuloosiis “Cuuphaanis Gooftaaniis amantiinis tokkuma (Efeesoon 4:5)” jechuun kiristaanota bara sanaaf nuuf warra boodaafis barreesseera. 
Kiristaana jedhamuufis guyyaa Jimaataa Gooftaan yommuu fannifamee cinaachaa isaa waraanan bishaan jireenyaa cinaacha isaa keessaa dhangala’een cuuphamnee ilmaan (ijoollee) Waaqayyoo jedhamuu qabna. Bishaan kun kan argamu, Lubni bishaan gabateetti naqame irratti kadhannaa Kitaaba Kiristinnaa irra jiruu fi kadhannaa galataa (Qiddaasee: Tokkichi Abbaan Qulqulluu Tokkichi Ilmi Qulqulluu Tokkichi Afuurri Qulqulluunis Qulqulluu jedhee) kadhachuun bishaanicha eebbisa. Yommus bishaanichi icciitii guddaatiinii fi amantiidhaan gara bishaanicha isa cinaacha mirgaa Gooftaa keessaa dhangala’eetti jijjiirama. Bishaan kanaan cuuphamuudhaan abaarsa durii fi garbummaa seexanaa jalaa bilisa baana; Ilmaan Waaqayyoos ni taana, jireenyi haaraan nuuf kennama. Jireenyi haaraan kunis kan nuuf kennamu Afuura Qulqulluutiini dha.
Cuuphaan kakuu moofaa keessas jira ture. Garaagarummaan cuuphaa kakuu moofaa fi haaraa; yeroo kakuu moofaa fakkeenyaaf Iyyoobii fi Ni’imaan laga Yordaanositti cuuphamanii dhibee foonii irraa fayyanii turan. Cuuphaan kakuu moofaa kun akkuma himame dhibee foonii qofaa irraa namoota itti amananiif fayyisaa ture. Kakuu haaraatti garuu ilmummaa Waaqayyoo kan nuuf kennu, garbummaa seexanaa jalaa kan nu baasuu fi kan ittiin cubbuun keenyi nuuf dhiifamu dha.

Cuuphaadhaaf bishaan maaliif filatame?
Sababiin inni duraa Gooftaa fi Fayyisaan keenya kaayyoon inni dhufeef  keessaa tokko fakkeenya nuu ta’uuf waan tureef inni bishaaniin akkuma cuuphame, nutis kiristaanonni bishaaniin cuuphamna (Maatewoos 3:13-16). Karaa kan biraa yommuu barsiisaa tureettis dhalli namaa Mootummaa isaa dhaaluuf bishaanii fi afuura irraa dhalachuu akka qabu ajajeera (Yohaannis 3:3-6). Inni sadaffaan erga Gooftaan gara samiitti ol-ba’ee booda duuka buutotni isaa bishaaniin namoota amanan cuuphaa turaniiru (Hojii Duuk 8:38). Bishaan bakka hundaatti nama hundaaf walqixxeetti argama; cuuphaanis nama amane hundaaf walqixxummaan kennamuu isaa ibsa. Bishaan yommuu dhiqatan akkuma xurii namarraa qulqulleessu akkasuma cuuphaanis cubbuutiin lubbuu xuroofte sana qulqulleessee ijoollee Waaqaa taasisa jechuudha. Raajichi Hiisqi’eelis “Bishaan gaariitiinis isinin cuupha (Hiizqi’eel 36:25)” jedhee dubbachuun isaa bishaan cuuphaaf filaamuu isaa nuuf ibsa.

Bishaan keessa seenanii cuuphamuun maaliif barbaachise?
Gooftaan keenya kan cuuphame bishaan keessa seenuudhaan ture (Maat. 3:16). Manni amantaa bara duukaa buutaotaa turtes akkasuma gochaa waan turteef, “Isaanis gara bishaaniitti wal-fudhatanii bu’an (Hojii Duuk. 8:38)” nutis fakkeenyummaa kan fudhannee akkasitti sirna cuuphaa raawwanna. Karaa kan biraa yommuu cuuphamnu bishaan keessa seenuun keenya Kiristoos wajjin awwaalamuu keenyaaf fakkeenya yommuu ta’u, cuuphamnee bahuun keenya immoo Gooftaa wajjin du’aa ka’uu keenyaaf fakkeenya ta’uun agarsiifama.

Fakkeenya Cuuphaa Kakuu Moofaa keessatti
1.     Bidiruu Nohi – Bidiruun Nohi maatii isaa fi isa akkasuma bineeldotaa fi bineensota baay’ee bishaan badinsaa irraa isaan fayyisteetti (Seera Uuma. 7:17). Jaroonni saddeet bishaan badinsaa irraa kan fayyan bidirichaan ture (1Pheexroos 3:20-21). Fakkeenyi kun dhugaa ta’ee cuuphaadhaan kakuu haaraa keessatti bakka bu’uun ilmaan namootaa badinsa bara baraa jalaa bahaniiru.
2.     Dhaqna Qabaa – kakuu moofaa keessatti dhaqna qabaachuun saba Waaqayyoo ta’uuf akkuma fayyadaa ture, kakuu haaraa keessattis cuuphaadhaan bakka bu’ee dhalli namaa cuuphaadhaan mucummaa Sillaasee argatee saba Waaqayyoo jedhama (Seera Uum. 17:14, Qolaasiis 2:11).
3.     Sabni Israa’eel galaana Eertiraa (Diimaa) cehuun (1Qoroonxoos 10:1-2) isaaniis akka fakkeenya cuuphaatti ilaalama. Yommus akkuma sabni Israa’eel galaana sana ce’ee garbummaa warra Gibxii jalaa ba’e, nutis har’a cuuphaadhaan garbummaa seexanaa jalaa baanee ijoollee Waaqayyoo taaneerra.  
Cuuphaa Yohaannis (Cuuphaa Gaabbii)
Yohaannis Cuuphaan warri Yihudootaa Gooftaa akka fudhataniif (itti amananiif) karaa haxaawaa kan ture yommuu ta’u yeroo kana cuuphaa kiristaanummaaf qopheessuuf yoo jedhu cuuphaa gaabbii ykn qalbii jijjiirrannaa isaan cuuphaa ture. Cuuphaan gaabbii kunis ilmummaa Waaqayyoo kan argamsiisu otoo hin ta’iin, yoo yeroo soomii waanta nyaachuun hin eeyyamamne nyaanne abbotni nutti facaasan akkasumas namootni dhukkuba foonii isaanii irraa akka fayyaniif  kan cuuphamani dha. Dabalataanis namni cubbuu hojjetee abbaan gaabbii isaa qannoonaa isaaf kenne erga raawwatee booda ni cuuphama. Kunis Yohaanniis akkas jedhee waan dubbateefi “Yohaannis  biyya naannoo Yordaanos keessa deemee cuuphamaa, yaada garaa keessanii geeddarachuu keessan mul’isaa, Waaqayyoos cubbuu keessan isiniif ni balleessa (Luqaas 3:3).”

Gooftaan Waggaa 30tti maaliif cuuphame?
Addaam nama waggaa 30 ta’ee uumame ture. Guyyaa 40ttis ilmummaa Waaqayyoo kan argatee ture; seexanni dogoggorsee ilmummaa isaa dhabsiise. Addaam lammaffaa kan jedhame Iyyasuus Kiristoos ilmummaa Addaam jalqabaa fi sanyii isaa deebisuuf wanta dhufeef; Addaam waggaa 30tti ilmummaa Sillaasee kan dhabe deebisuufiif akka ta’e beeksisuufi dha. Mucummaa isaan kan deebiseef cuuphaadhaan ta’uu isaa beeksisuuf laga Yordaanisitti cuuphame. Amantoonni tokko tokko Gooftaan waggaa 30tti waan cuuphaameef nutis cuuphamuu kan qabnu waggaa 30tti jedhanii amanu. Kuni garuu ilaalcha sirrii miti; sababni isaas namni yoo otoo waggaa 30 hin guutiin du’e otoo hin fayyiin hafa ykn immoo Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalu jedhuudha. Kanaaf Waaqayyoo waggaa 30tti kan cuuphame sababa gubbaatti ka’eefi malee nutis akkasuma waggaa 30tti akka cuuphamnuuf miti.

Gooftaan Cuuphamuun maaliif isa barbaachise?
    Sadummaa isaa ragaa bahuuf – guyyaa cuuphaan dura sadummaan Waaqayyoo ifaan bahee hin beekamu ture. Gooftaan lafa Yordaanositti yommuu cuuphamu icciitiin Sadummaa (Sillaasee) ifaan mul’ateera. Innis Abbaan hurrii keessaan “Kun ilma koo isa ani jaaladhudha, isattis baay’ee nan gammada” yommuu jedhu Abbaan Ilmaa ni beekame; Afuurri Qulqulluunis amala jireenya isaa ta’uu ibsuuf fakkeenya gugeetiin isarra taa’ee mul’ate. Ilmis qaama isaatiin yeroo laga Yordaanos keessatti cuuphamu mul’ate.Yommus Waaqayyo Tokkummaa fi Sadummaa isaa dhala namaaf ibse.
   Raajii yeroo kakuu moofaa keessatti dubbataman raawwachuufi dha. Faarfannaa 76(77):16, R.Hiizqi’eel 36:35

     Fakkeenya nuuf ta’uuf – otoo inni ofii cuuphamee isinis cuuphamaa jireenya bara baraa ni argattu nuun jechuu baatee namoonni tokko tokko ykn dogoggorsitootni cuuphaan hin barbaachisu jechuu waan danda’anii inni gaaffii namoonni kaasuu danda’aniif duraan dursee debiseeraaf.

Cuuphaa guyyaa 40 fi 80
Manni Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa cuuphaan mana amantaa seenuuf isa jalqabaa ta’uu isaa ni barsiifti (Yohaannis 3:5). Akka ragaa kanarraa hubannutti cuuphaan ijoollummaa Sillaasee kan ittiin argannu, Mootummaa Waaqayyoo kan nama gonfachiiftudha malee mallattoo miti. Ilmaan Waaqayyoo jedhamuuf jalqaba dhalachuu qabna. Garuu namoonni tokko tokko cuuphaan mallattoofi malee fayyinaaf miti jedhanii dubbatu. Kan irratti hundaa’anii dubbatanis Wangeela Maarqoos 16:16 irraatti kan amane kan cuuphame ni fayya kan hin amanne garuu itti murtaa’a isa jedhu luqqisuun kan namatti murteessisiisu amanuu dhabuudha malee cuuphamuu dhabuu miti jedhu. Hiikni jecha kanaa garuu kan nuuf ibsu icciitii amananii cuuphamuuti. Dabalataanis jechi kun kan barreeffameef warra Iyyasuus Kiristoosiin hin beekneef waan tureef, duuka buutonnis gara warra hin amannee deemanii barsiisaa waan turaniif warra hin amanneef amanuun waan guddaa ta’uu isaa ibsuufi dha. Gooftaan Iyyasuus Duuka buutota isaatiin gara addunyaa hunda deemaa Wangeela koo lallabaa, barsiisaa jedhee isaanitti himuun isaa addunyaan kan hin amanne ta’uu isaa ibsa (Maarqoos 16:13).

Namni tokko erga amanee cuuphamuuf dirqama umriin guddaa ta’uu hin qabu. Maatewoos 28:19 akkasumas Hojii duuka buutotaa 16:31-34 irratti akkuma barreeffame maatii yommuu jedhu guddaas xinnaas kan of keessatti hammatudha. Hojii duuka buutotaa 15:16 irras seenaa dubartittii Liidiyaa jedhamtuu yoo ilaalle kanuma nu hubachiisa. Daa’immaniif cuuphaan akka raawwatamuu qabu Kitaabni Qulqulluun ragaa ni baha. Jalqabarratti kan hubatamuu qabu Afuura Qulqulluun afuura akka kennuuf Raajii Eermiyaas 1:5 irratti “Otoo gadameessa keessatti si hin uumiin sin beeka; otoo gadameessa haadha kee keessaa hin ba’iinis si qulqulleesseera” jedhee akkuma dubbate Waaqayyoon gadameessa keessatti isa qulqulleesseera. Wangeela Luqaas 1:15 irrattis “Otoo gadameessa haadha isaa keessa jiruu Afuurri Qulqulluun irra bule” jechuun Yohaannis Cuuphaan gadameessa haadha isaa keessatti Afuurri Qulqulluun irra buluu isaa nuuf mirkaneessa.

Dabalataanis namni tokko amantiidhaanis ta’e hojii isaatiin daa’ima fakkaachuu yoo baate, Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu akka hin dandeenye Kitaabni Qulqulluun ragaa nuuf baha. Gooftaanis daa’ima waamee walakkaa isaanii dhaabe “Akka daa’ima kanaa yoo ta’uu baattan Mootummaa Waaqayyoo hin galtani” (Maatewoos 19:15, Maarqoos 10:13, Luqaas 18:15) jedhee dubbateera.
Seera Leewwotaa 12:1-8 irratti akkuma barreeffame mucaan dhiiraa fi durbaa erga dhalatanii booda guyyaa meeqatti gara Mana Qulqullummaa geeffamuu akka qaban ibsameera. “Dubartiin ulfooftee ilma yoo deesse guyyaa torbaaf (7) kan xurooftedha. Dhiiga isheerraas hanga qulqullooftutti guyyoota 33f  haa teessu” jedha. Kanaaf mucaan ilmaa dhalatee gaafa guyyaa 7 + 33 = 40 gara Mana Qulqullummaa geeffama. “Yoo durba deesse immoo guyyaa 14f kan xurooftedha. Dhiiga isheeerraas hanga qulqullooftutti guyyaa 66f haa teessu” jedha. Mucaan durbaa dhalatte immoo gaafa guyyaa 14 + 66 = 80 gara Mana Qulqullummaa geessu. Egaa Mana Qulqullummaa yommuu geessan aarsaa dhiyeessu; kakuu haaraattis ijoolleen kun erga dhalatanii akkataa guyyoota kanaatti gaafa guyyaa 40 (dhiiraaf) fi 80 (durbaaf) gara Mana kiristaanaa (bataskaanaa) geeffamanii ni cuuphamu, aarsaa isa dhugaa fi jiraataa isa jireenya bara baraa namaa kennu dhiigaa fi foon Gooftaas ni fudhatu jechuudha. Kunis icciitii fayyinaa isa guddaa dha. Gooftaa fi Fayyisaan Keenyi Iyyasuus Kiristoosis yommuu dhalate sirna kana rawwateera.

Sababni inni kan biraan immoo Macaafa Kufaalee 4:9-12 irratti “Lafa uume akka eeguu fi akka bituuf Addaam guyyaa 40tti haadha manaa isaa guyyaa 80tti Jannataatti galche” jechuun,  Addaam erga uumamee guyyaa 40tti Hewaanis erga uumamtee guyyaa 80tti gara Jannataatti akka ol-galan kaa’ameera. Jannatnis fakkeenya Mana Amantaa taatee ilaalamti. Kanaaf Addaam mucuummaa guyyaa 40tti Hewaan immoo mucummaa guyyaa 80tti argatan dhabanii waan turaniif sanyiin isaaniis akkasuma dhabee ture. Amma immoo cuuphaadhaan gaafa guyyaa 40 fi 80 mucummaan nuuf deebi’a jechuudha.
Sababoota adda addaatiin guyyaa kanaan ala cuuphamuunis ni danda’ama. Fakkeenyaaf guyyaan cuuphamuu daa’imaa otoo hin gahiin yoo dhukkubee du’aaf shakkisiisu (sodaachisu) ta’e daa’imni sun akka cuuphamu Fitihaa Nagastiin ni eeyyama. Akkasumas namni kamiyyuu dhalatee guyyaa 40 booda yoo amane umrii isaa kamittuu battala amanetti ni cuuphama.

Hubachiisa: Namoonni tokko tokko ykn warri shakkitootaa cuuphaan yoo hafes namatti hin farachiisu inni guddaan amanuu dha jechuun barumsa hir’uu barsiisu, cuuphaanis fayyina ilma namaaf qooda inni qabu dhoksu ykn immoo dogoggorsu. Kuni garuu akkuma Wangeela Yohaannisirratti barreeffame namni lammata hin dhalanne akka Mootummaa Waaqayyoo hin galle akeekkachiisaan dhuguma dhuguman isinitti hima jechuun Gooftaan jecha ifa ta’een barsiiseera. Kanaaf Mootummaa Waaqayyoo galuuf cuuphaan amanuutti aanee ulaagaa isa lammaffaati.

Gooftaan maaliif laga Yordaanositti cuuphamee?
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristos kan laga Yordaanositti cuuphameef :
i.                   Raajiin dubbatame akka raawwatuufi:- “ Galaanni argitee dheensite; Yordaanosis gara duubaatti deebite….”  Farfannaa 113:3-5. Raajiin dubbatame kun akka raawwatufi.
ii.                 Fakkeenyi raawwatame dhugaa akka ta’uuf. Yordaanositti namni Ni’immaan kan jedhamu laga Yordaanositti cuuphamee dhibee isaa foonii irra fayyee jira. “ nama waaqayyoo kan ta’e, Elsa’i mootichi Ni’immaan jedhamu huccuu isaa yemmuu tarsaasu yemmuu argetti; gara koo haa dhufuu jedhe” Ni’immaanis gaarii dhaan dhaqee mana Elsaa’i biraa dhaabate. Elsaa’is gara laga Yordaanosittis si’a torba dhiqadhu jedheen innis dhiqate  dhibee foonii isaarra fayye.” 2ffaa Mootota 5:8-14
Gooftaan laga kanatti cuuphamuun  dhibee lubbuu fi foonii irra nu fayyisuu  nuuf ibsa.
Ni’immaan fakkeenya Addaamiiti.
Dhukkubni abaarsa Addaam.
Fayyuun isaa cuuphaan fayyuu keenyaa ibsa.
Yordaanos fakkeenya cuuphaa bishaaniti.

iii.              Yordaanos laga tokko yemmuu taatu - gadi siqxee bakka lamatti wal-hira. Isaan laman kunis Yoor fi Daanos jedhamuu. Yoor kara warra Isira’eelotaati; Daanos karaa warra saba Waaqayyo hin beekneti (hormootaati). Gadi siqee tokko ta’a. bakka isaan waal-qunnaman kanattis Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos cuuphame.
Fakkeenyi kanaas:-
Bu’urri isaa tokko ta’uun:- sanyiin ilmaan namoota tokko ta’uu jechuun sanyii Abbaa keenya Addaam ta’uu ibsa.
Bakka lamatti qoodamuun: ilmaan namoota bu’urri isaani tokko ta’ee osoo jiruu saba Waaqayyoo (Isira’eelota) fi warreen hormoota (saboota Waaqayyo hin beekne ) jedhamani bakka lamatti qoodamuu isaani nuuf ibsa.
Gadi siqee tokko ta’uun isaanii:- saboonni laman kun barumsaa wangeelaa tokkotti amanuu kan ibsu dha.

Gooftaan bakka inni waal qunnametti cuuphaamuun isaa:-  tokko isin taasisuu dhaaf dhufeera, saba gargar bahee jiru kana tokko taasisuuf dhufeen jira jechuu dha. Dabalatan akka barsisa mana amantaa keenyaatti iccitiin Gooftaan laga Yordaanoositti cuuphameef ergaa diinni keenyaa seexanni Addaami fi Hewaan Gannata (Jannata) keessa baasee, isaanif hin cifne ture. Innis “Addaam garbicha seexana; Hewaanis garbitti seexana” jedhee mallatteessiffatee ture.  Mallattoo isaanii kanas laga Yordaanositti fi Si’ool keessatti awwalee ture. Gooftaan keenyaas gatii xalayaa  kana barbadessuuf laga Yordaanositti cuuphame.
Xalayaa isaa Si’ool keessa jiruus gaafa guyyaa jimaata Si’ool deeme nuuf  barbadeesse; lubboota Addaam irraa eegalanii bilisa baase.
Gooftaan maaliif gara Yohaannis deemee cuuphamee?
·        Gadi of qaqqabummaa barsiisuuf
·      Seera nuuf tumuu isaati. Jechuun osoo Gooftaan Yohaannis bira deemee cuuphamuu baatee, mootoleen, abbootni qabeenya adda addaa manatti koottaa maatii keenyaa nuuf cuuphaa jedhani abboota luboota ni rakkisu turani. Kanaaf manni amantaa barumsa Gooftaa irraa argatte kanan ummata kamiyyuu osoo adda hin qoodiin mana amantatti ni cuuphti.

Yohaannis yemmuu Gooftaa cuuphuu maaliif harka isaa irraa hin keenye?
Yohaannis Gooftaa yemmuu cuuphuu harka isaa irra hin keenye bishaan ofuma isaatiin ol itti faca’e cuuphame. Sababni isaas:-
a.     
Aarsaan kakuu moofaa darbeera; aarsaan keenya si’i dha jechuu dhaaf harka isaa irra hin keenye. Yeroo kakuu moofaa aarsaa dhaaf makoodii(gugee), horii aarsaa dhaaf dhiyeessu turani. Namni cubbuu hojjatee aarsaa kanas qabatee dhufee harka  isaa  wanta aarsaadhaaf  fide kanarra ka’uudhaan cubbuun isaa gara wanta qulqulluu aarsaa dhaaf dhiyeesse sanatti darba.  Namichis cubbuu isaarra bilisa ta’a. Garuu kakuu haaraa keessatti Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos aarsaa dhugaa nuuf ta’ee cubbuu keenya irraa bilisa nu baase. Ibroota 7:26-28 “ Egaa luba ol aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan cubbamtoota irraa adda ta'e, samii olittis kan kabajame akkasii qabaachuun nu barbaachisa. Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan jalqabatti cubbuu ufii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif jedhee aarsaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu; inni yommuu uf kenne sanatti al-tokko bara baraaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiyeesseeraatii.”

b.     Qaamni Waaqumma tuqamuu akka hin dandeenye ibsuufi

Afuurri Qulqulluun maaliif bifa gugeetiin bu’ee?
·        Yeroo bara Nooh  gugeen “ bishaan badii hir’achuu” isaaf baala ejersa qabattee deebite. Yeroo kakuu haaraa Afuurri Qulqulluun immoo “garbi cubbuu hir’ateera” jechuun bifa gugeetiin mul’ate.
·        Makoodiin hamaa (daba) laphee ishee keessa hin qabattu, lapheen ishee qulqulluu dha. Afuurri Qulqulluunis cubbuu hojjanneetti yoo gaabbinee daddarbaa keenyaaf dhiifama nuuf godha (nuuf taasisa).
·        Gugeen  mana ishee jalaa diiguu yoo baatanii,  ishee yoo rukutan akkasumas phuuphaa ishee yoo jala caccabsanillee bakka ishee dhiistee hin deemtu. Namni tokko hanga Waaqayyoo amanetti (hin gannetti) Afuurri Qulqulluuniis uumamtootni cubbuu adda addaa hojjatanillee irraa hin fo’amu.  
·        Gooftaan keenya kan cuuphamee halkan keessaa sa’aati 10tti dha. Yeroon kunis yeroo namootni itti boqonnaa fudhatani dha; yeroo tasgabbiiti. Yeroo kanas gugeen hin balaliitu. Osoo wanta halkan balaliitu ta’ee, Afuura Waaqayyootti fakkeeffamtee turtee warri Yihudootaa kun Afuuraa Qulqulluu miti jedhu turani. Waaqayyo Gooftaanis akka Afuurri Qulqulluun bifa gugeetiin bu’uu isaan beeksisuufi.

Namootni maqa eenyuutin cuuphamuu qabuu?
Wangeela Maatewoos 28:19 “Deemaati maqaa Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiin cuuphuu dhaan saba koo taasisa”   kan jedhu bu’uura godhachuun manni amantaa keenyaa maqaa Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutin ni cuuphti. Warreen maqaa Kiristoosi qofaan cuuphna jedhan ni jiru. Isaanis Hojii duuka bu’oota 2:38 “ Gaabbii galaa; cubbuun keessanis akka isinif dhiifamuuf maqaa Kiristoosiin cuuphamaa,kan jedhu kana bu’ura godhachuun maqaa Kiristoos qofaan cuuphna jedhu. Kun garuu hubannoo dhabuu dha malee asumarratti yoo ilaallee maqaa Kiristoos qofaan kan jedhu hin jiru; maqaa Kiristoosin jedha malee. Garuu  Sababni jedhameef  waarreen Kiristoositti hin amanneef  Kiristoositti akka amanan taasisuufi dha. Duuka bu’ootni kaayyoon isaani inni guddaan warra Yihuudootas ta’ee namoota Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoositti hin amanne akka amanan taasisuu dha ture. Yeroo baay’ees maqaa Iyyasuus Kiristoos dhahuu dhaan waantoota baay’ee raawwachaa turan. Sababni isaas warri Yihuudotas ta’ee shakkitootni adda addaa Kiristoos irratti akka ka’an Afuurri Qulqulluun ni beeka waanta ta’eef.

Gaaffii yeroo baay’ee shakkitootni kaasan:-
Barreeffama armaan oli jiruu keessatti gaaffilee shakkitootni kaasan baay’ee isaani ilaallee jira. Amma garuu gaaffii tokko haa ilaallu. Innis Roomee 3:21 “Amma garuu qajeelinni Waaqayyoo inni seeraan adda ta'e kan seerrii fi raajonni dhugaa-ba'aniif muldhateera;  Qajeellinni Waaqayyoo kan Iyyasuus Kiristoositti amanuun argamu kunis warra isatti amanan cufaafi; garaagarummaan hin jiruutii” kan jiru kaasuu dhaan nuti seera eeguu dhaan ni fayyina jedhu. Garuu osoo hin cuuphamin jechuun mucummaa Sillaasee hin argatin,  seera eeguun fayyuun hin danda’amu.” Cuuphaas akka seera namni baaseetti kan ilaalan ni jiru. Garuu cuuphaan seera keenya osoo hin taanee seeraa Waaqayyooti. Cuuphamaa kan jedhe Yesuus Kiristoos waanta ta’eef.

Cuuphaan nama fayyisuuf hin ta’u warreen jedhan kun akka sababatti bu’uureffatan “Faayitaawwi Zayamaan” akkamitti Jannata galuu danda’e? jedhanit gaafatu. Innis kan  fayyee osoo hin cuuphamin, amantaa dhaani jedhu.”
Dhugaa jiruu haa ilaallu:- Kitaabni Qulqulluun akka nutti himutti cuuphaan karaalee sadiin gaggeeffama.
1.     Bishaanii fi Afuuraa Qulqulluun - Yohaannis 3:3-5
2.     Ibidda fi Afuuraa Qulqulluun - Maatewoos 3:11
3.     Dhiigaan – 1Yohaannis 5:6-8 “Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe isa kana; innis Iyyasuus Kiristoos, inni bishaanii fi dhiigaan dhufe malee bishaan qofaan hin dhufne; kanas hafuuratu dhugaa ba'a; Afuurri dhugaadhaatii. Dhugabaatota sadiittu jira; Isaanis Afuura, bishaanii fi dhiiga sadanuus walii galu.”

Ragaan armaan olii akka nuuf ibsutti faayitaawwi zayamaan kan “cuuphamee cuuphaa dhiigaati” jechuudha. Inni mucummaa Sillaase dhiigaan argate. Egaa gabaabumatti namni tokko yoo cuuphamuu baatee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu miti ijaanu arguu akka hin dandeenye Kitaabni Qulqulluun ifaan nutti hima (Yohaannis 3:3).

Hubachisa:- Daa’imni tokkoo saala lamaan yoo dhalate jalqaba qaama saalaa kamiin cuuphamti? Akka kitaaba Fitaa Negestii irratti jiruttii “Saala jalqaba fincooftee ni dha.”.

Cuuphuudhaaf aangoo kan qabu eenyuudha?

Akka Maatewoos 28:19 irratti hubannutti akka cuuphaanif  Gooftaan aangoo kan kenneef duuka bu’ootaaf ture; isaanis Phaaphasoota isaan duraati. Lakkoofsi amantoota baay’achaa wanta dhufeef aangoon cuuphuu hanga luubotaafis kennamee jira.       
 
Cuuphaa Duukabu’oota
 Duuka bu’ootni kan cuuphaaman mana gaafa guyyaa kamisaa galgala mana Alaazaaritti Gooftaan yemmuu miila isaanii dhiquu dha. Gooftaan iccitii tokkoon raawwi lama raawwate. Isaanis cuuphaa fi gadi of qaqqabuu dha. Duukabu’ootni maaaliif luka (miila) qofaan cuuphaman?
Luubotni Isiraa’eel yemmuu Taabota Tsiyoon baatani galaana Yordaanos ce’an, miila qofaan cuuphaman malee qaama guutuun miti. Kanaaf fakkeenya kana raawwachuufi (Iyyaasuu 3:11). Kunis cuuphaa ta’uu muldhisuuf yeroo Gooftaan miila isaanii dhiquuf ka’u; Qulqullichi Pheexroos ati miila koo naaf dhiquun akkamitti naaf danda’ama jechuun yeroo diduutti “ Yoo dhiqachuu didde anaa waliin jiraachuu hin dandeessu” jedheeni ture. Kunis cuuphaa malee Waaqayyoon waliin jiraachuun akka hin danda’amne muldhisuufi. 2ffaa Qor 4:17, Muldhata 21:15.

Faayidaalee Cuuphaa

1.Lammaffaa dhalachuu
Yohaannis 3:5 “Dhuguma dhuguman isiinin jedha namni lammaffaa bishaani fi afuura irraa dhalachuu yoo baate, gara Mootummaa Waaqayyoo seenuu hin danda’u.” Qulqullichi Phaawuloosis kanuma bu’ura godhachuu dhaan cuuphaan lammaffaa haaroomuu jechuu dha jedheera. Tiitoo 3:5 “inni sababii qajeelina nu hojjanneetiif otoo hin ta'iin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise; innis dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Afuura Qulqulluutiin nu fayyise” Kaayyoon cuuphaa inni guddaan ilmummaa Sillasee argannuufi.”
2.     Cubbuun keenya nurraa bada
Hojii duuka’oota 2:38 “cubbuu keessan akka isin irra baduuf gaabbii gala; maqaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiitinis cuuphamaa.”
3.     Qulqullina fi eebba ni arganna
Efesoon 5:25-26 “Yaa dhiirsota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaalatee mataa isaa dabarsee isiif kenne sana isinis niitota teessan jaaladhaa. Innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin isii dhiqee qulleessuun akka ishiin qulqulluu taatuuf ”
4.     Fayyina lubbuu ni arganna
Maariqoos 16:16 “kan amanee fi kan cuuphame ni fayya”
1ffaa Pheexroos 3:21 “Bishaan kun fakkeenna cuuphaa ammayyuu isin fayyisuuti; cuuphaan kunis dhiqannaa xurii nafaa otoo hin ta'in kakuu namni yaada qulqulluun Waaqaaf kakatuu dha. Innis karaa du'aa-ka'iisa Iyyasuus Kiristoosiitiin isin fayyisa.”
5.     Gooftaa Iyyasuus Kiristoos ni fakkaanna
Galaatiyaa 3:26-27 “Hundi keessan amantii Kiristoos Iyyasuus qabdaniin ilmaanWaaqayyoo ti. Isin warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin uffattaniirtuutii.”
6.     Cuuphaa dhaan jireenyi keenya ni haaroma
Roomee 12:2 “Fedhiin Waaqayyoo inni gaariin, inni fudhatamaanii fi inni mudaa hin qabne sun maal akka ta'e qorattanii akka mirkaneessitaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin jijjiiramaa malee addunyaa kanaan wal hin fakkaatinaa.”

Fayyinni keenya cuuphaa dhaan kan guutameedha. Kana jechuun  dhugaadhaan kan nuuf du’e nu fayyise ; dhugaadhumaan iccitii fayyinaa nuuf ibsee guutummaa dhumatti nuuf raawwata. Qolaasiis 2:11 “ Isumaanis foon cubbamaa ta'e sana ufirraa gattanii gadoomtaniirtu; gadoomni kunis gadooma harka namaatiin hojjatame otoo hin ta'in kan Kiristoosiin hojjatamee dha.”

Kitaabolee Wabii
1.     Ahaaduu Asiras (Daaqonii) (2004). Maalumma shakkitootaa fi deebii isaanii, kan Afaan Amaaraatiin qophaa’e. Maxxansa 11ffaa. Mana maxxansa Biitaaniyaa, Finfinnee
2.     Birhaanuu Goobanaa (2003). Utubaa Amantaa, kan Afaan Amaaraatiin qophaa’e.Maxxansa 13ffaa. Mana maxxansa Itiyoo-tikur Abbaay. Finfinnee
3.     Liqatiguhaan Hawaaz Yamaannabirihaan (2004). “Yehillina Eraft” kan Afaan Amaaraatiin qophaa’e. Mana maxxansa Akoteet, Finfinnee
4.     Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000). Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5.     Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2001ALA). Macaafa Qulqulluu, kan Afaan Oromootiin Qophaa’e.
6.     Fitaaha Nagasti – Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa








Friday, January 4, 2013

WNA003 .Dhaloota Gooftaa Iyyasuus Kiristos



Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon!Ameen.

"Daa’imni(Mucaan)  nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera, humni mootummaa isaa gateettii isaa irra jira, maqaan isaa ‘Gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abba bara baraa, angafa nagaa ni jedhama” (Isa 9:6)


Gooftaa Iyyasuus Kiristos Dhalota lama qaba. Innis jalqabaa Abbaa irraa haadha malee kan dhaletee fi bara booda ammo Abbaa malee hadha irra kan dhalatedha.
A.      Dhaloota Isa Jalqabaa: Abbaa Irraa Haadha malee
Dhaloonni gooftaa Iyyasuus inni duraa kun uumama dura kan Abbaa isaa irraa os wal hin dursin dhalateedha. Kanaaf  Ilma Waaqaa  jennan. Gocha kana qoratanii bira gahuuf kan baa’yee sammuu ilma namaatii ol ta’edha. Maalif yoo jenne dhaloota isaa duraatin Abbaa irraa dhalachuu isatiif,  Abbaa isaa booda kan argame miti, kuni kan yeroo tokkotti ta’e malee umuriin isaanii wal qixxeedha. Yeroon kun ta’es yeroo dursa ture. Waaqayyo yeroo dursa waan ta’eef. Egaa kun baay’ee waan dinqii ta’ee dha. Namni addunya kanarratti yoo ilma dhalchu waanuma fe’es ta’u abbaan umuriidhaan ilma isaa ni caala. Dhalachuun gooftaa Iyyasuus kan uumama duraa ta’e kun garu akkas miti. Yeroo tokkotti ta’e malee, yeroo dhaloota isaa duras yeroon hin jiru, jalqabas  hin qabu, dhumas hin qabu. Kuni sammu keenyaf ni ulfaata. Ugum yaa gooftaa kan kee!  jenne ajaa’ibsiifannee dabarra malee. Kanaaf uumama dura haadha malee Abbaa irraa dhalate, uumama booda ammo abbaa malee haadha irraa dhalate, Kanaaf dhaloota lama qaba dhaloota lamaan ulfaate, kabajames jenna.
Kanaaf  kitaaba Fakkeenya irratti Solomon ,ilmi Daawit akkas jedhee dubbate:
“Ani jalqaba durii duriitii otoo biyyi lafaa hin uumamin aboo irra kaa’ame, Callabboo duran dhaladhe ,yemmus burqituun bishaan guddaan keessa yaa’u iyyuu hin turre,tulloonni gaaronnis utuu hin uumaminan dhaladhe,”(Fakkeenya 8:23)
Kanaaf  Yihudoonni gooftaa Iyyasuusin “ Ati egaa abbaa keenya Abrahaam isa du’e irra ni caaltaa ree? Raajonnis du’aniiru, ati eenyu of seeta?”  jedhanii yemmuu gaafatanitti gooftaan deebisee akkas jedhe “Dhuguma dhuguman isinitti hima, Abrahaam otoo hin dhalatin dura  iyyuu ani jiran ture” (Yoh 8:53) jedhee deebiseefii jira.
 Dhaloota Boodaa( Isa lammattaa):Fooniin Maariyaamirraa Abbaa malee
Namoonni jalqabaa, abbaa fi haati ilma namaa kan jalqabaa, Addamii fi Hewaan Jeennata(Genet)  keessaa yemmuu jiran abbommii Waaqayyoo cabsuudhaan  ija mukaa hin nyaatina jedhaman sana dhiigsani nyaachuudhan waan balleessaa raawataniif, sababa kanaan Waaqayyo isaan ni adabe. Isaan qofas osoo hin taane sababa Addaamii fi Hewaaninin Ilmaan isaanii hundi ni adabaman. Duuti du’aas irratti murtaa’e. Hanga gooftaa Iyyasuus Kiristoos dhalatee lubbuu hunda bilisa baasutti, hundi isaanii yoo foonin du’an lubbun isaanii gara mana hidhaa, ibiddatti darbamti ture. 
Addaamii fi Hewan erga balleessaa sana raawatanii booda araara argachuudhaaf halkan guyyaa Waaqayyon ni kadhatu ture, iddoo dura keessaa bahan sanatti akka duraa sanatti akka deebi’aniif, Waaqayyoon immimman harcaasaa ija isaa keessa ilaalu ture. Waaqayyos gaabbii isaanii kana ni arge, ni marafateefis. Isaanifis akkas jedhee dubbii abdii kenneefi, “Fooniin akka durii sana gara jeennata hin seentaanu, lubbuudhaan garuu ni seentu, Ilma llma keetii irraa dhaladhee guyyaa 5 fi walakkaa booda sin fayyisa jedhee waada galeefi. Guyyaa 5 fi walakka kan jedhames akka lakkoofsa Waaqayyotti waggoota 5500 ture.(Aksimaaros)
 Egaa hanga waggaan 5500 xumuramutti namni waan gaaris hojjetu badaas hojjetu jennatni  cufaa waan ta’eef,Surafeelinis waan eegamtuuf, gara abiddaatti darbamu ture. Kanaaf raaja Isaayyas gaarumman keenya hundi akka uffata laguutti lakkaa’ame jedhee kan dubbate. Gooftaan waan dubbate hunda kan hin hambifne waan ta’eef raajotni hedduun dubbii raagaa  dhalachuu gooftaa keenyaa dubbataniiru,  si’aaina guddaadhaanis dhalachuu  isaa halaalatti ni ilaalu ni hawwus ture.  Kana keessaa gooftaa Iyyasus osoo hin dhalatin Isaayyas kana dubbate:
“Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif ni kenna, kunoo durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi, maqaa isaas Amanu’el jettee ni moggaafti, Amanu’el jechuunis Waaqayyo nu waliin jira jechuudha” (Isa 7:14)
Dabalates akkas jedha
“Daa’imni(mucaan) nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera, humni mootummaa isaa gateettii isaa irra jira, maqaan isaa  “Gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abba bara baraa, angafa nagaa ni jedhama (Isa 9:6)
Akkasuma raaga Mikiyaas keessattis gooftaa Iyyasuus Beteliheem magaala Dawwititti dhalachuu isaa kana akkanatti kaa’ee jira:
“Ati immoo yaa mandara Betelihem Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoo keessaa, ati ishee xinnoo dha, Isra’elin kan moo’u tokko si keessaa anaaf  ni ba’a, hundeen isa si keessaa ba’uuf jirus, kan bara durii durii bara baraati.(Miikiyaas 5:2)
Egaa Dubaroo Maariyaamiin dubrumman Hafuura Qulqullun akka ulfooftu,ulfooftes ilma akka deessu qulqulluu Gabri’eelin akka itti himamae barraa’ee jira (Luq 1:36). Gooftaan waan dubbate hunda kan hambisu waan hin taaneef, akkuma waadaa galeef, akkuma raajota isaa hafuuraan dubbachiise, yeroo barrii 5500 kun raawatamutti, osoo sa’aatii, baraa fi yeroo jedhame hin sheelechin fooniin Qulqulleettii dubaroo Maariyaamirraa dhalate. Yeroo foon uffatus,amala lamarraa amala tokko ta’e malee akka shakkitoonni jedhan hafuuraan foon irra buleetii miti. Gonkuma tokko ta’ee dhalate, nama ta’ee dhalate. Kanaaf Tawaahidoo jennaan. Waaqa foon dubaroo uffatee nama ta’e jechuunis kanuma.
Dhalachuu Gooftaa Iyyasuus
 Bara Maariyaam  ulfooftee da’uumsa jala geessetti galmeen lakkoofsa namootaatu adeemsifama ture.  Kaadhimaan ishee kan ishee tiksu Manguddoo Yoosef ammo Maariyaamiin galmeessisuuf manaa  ba’e, wangeela irrattis akka armaan gadii kanatti barraa’ee jira
  “Yeroo sanatti mootummaa warra Roomaa keessa kan jiraatan hundinuu akka caafamaniif  Awugisxos mooticha biraa abboommin ba’e. Caaffamuun namaa kun isa jalqabaa ture; innis bara Qereniyos Sooriyaatti abbaa biyyaa turetti ta’e. kanaaf namni hundinuu adduma addan of caafsisuudhaaf gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe. Yoseef sanyii mootichaa Daawit keessaa waan tureef Galiiladhaa mandara Naaziret ba’ee Yihudaa keesaa Betelihem mandara Dawit ga’e. Kaadhimaa isaa Maariyaamii wajjiin caaffamuudhaaf  dhaqe;isheen immoo ulfa turte.(Mat 2:1)
Egaa haala kanaan osuma jiranuu Maariyaamii Yeroon itti deessu gahe. Wanti nama ajaa’ibu ammo gooftaa Iyyasuus mooraa loonii keessatti dhalachuu isaati. Mee dubbii wangeelaa kanaa gadii irraa haa ilaallu,
“Betelihem Otuu jiranis yeroon Maariyaamin itti deessu ga’e; angafa ilma ishee deesse, lafa bultii karaa deemtutti iddoo hin arganne waan turaniif wayyaa itti martee siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite” (Luqas 2:7).
Egaa yaa namoota of gadi qabii isaa kana yaa hubannu inni waan hunda danda’aa ta’ee humnaa fi aangoo qabeesas ta’ee akka hiyyeessaa, akka hiyyeessaa gadiittis mooraa loonii keessatti dhalate. Kana qofa osoo hin taane kan nama dinqu ammo dhalachuu isaa kan ibseef dursa Tiksootaafi. Hawaasa Keessatti iddoo gadi aanaa kan qabaniif Waaqayyo tiksootaaf dhalachuu isaa dursa kan ibse. Innis akka armaan gadiitti barreefaameera.
“Tiksoonni tokko tokko ammoo naanna’a sana bakkeetti halkan darabee dammaqanii hoolota isaanii ni eegu turan. Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabatee ifni surraa gooftichaas naannoo isaanitti ibse; kana irratti isaan na’anii guddaa sodaatan. Ergamichi garuu ‘hin sodaatinaa kunoo ani misraachoo gammachuu guddaa isinitti hima’oo kunis saba hundumaaf kan ta’uudha. Hardha Mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalareera, inni immoo kiristos goofticha. Milikkinii isaa ammo kana, mucaa wayyaan iti marame siree horiin keessa nyaatu irra ciisu ni argitu” isaanin jedhe.(Luq 2:8)
Yeroo kanatti Tiksoonni koottaa Betliheem dhaqnee dubbii achitti ta’e Waaqayyo nutti beeksise kana ilaalla jedhanii yemmuu dhaqan  Maariyaamii fi Yooseef, mucicha(daa’ima dhalates) siree horiin keessaa nyaatu keesa ciisee ni argan.
Ergamoonis ammo “Galatni Waaqayyoof samii gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyotti gammadaniif lafa irratti”  jedhanii Waaqayyon ni faarfatu ture. Akkuma ergamaan Waaqayyoo innin osoo hin dhalatin maqaa isaa moggaase, guyyaa sadeettafaatti Iyyasuus jedhamee mogga’e.
Harka fuudha(Kennaa) Warra Ba’a Biiftuu
Yemmuu gooftaa Iyyasuus dhalatus kennaan kennamefi jira. Kunoo akkuma faarsaa Daawit dura Hafuura Qulqulluun faarfate:
“Mootonni Trashish(Tarsees), kan biyya galaana keessas kennaa isaaf haa fidan mootonni sheebaa, kan saabaas isaaf gibira haa dhiheessan, mootonni hundinuu isa duratti haa gombifaman sabni lafa irras isaaf haa hojjetan”  Far 71(72);10 kan jedhame raawwachuuf ta’e
Akkuma dubbiin kun himame, namoonni ogeeyyiin urjii lakka’an tokko ba’a biiftutii ni dhufan. Isaanis inni mootii Yihuudotaa ta’ee kan dhalate eessa jira?  jedhanii iyyaffachaa turan. Dhufuu jara ogeeyyii  kana ammo Heerodisin ni rifachiise, innii mootiin biyya lafaa biraa anarratti ka’uuf ta’a jedhee yaaddoo keessa waan galeef, inaaffaa hamaan laphee isaa keessa ture.       Haa ta’u malee akka irratti hin beekamneef, dhaqaati yemmuu isin sagaddanii fi deebitan anis akkan sagaduuf  karaa kanaan deebi’aa jedheenii ture, nama gabaaba isaan hordofu(basaastuu)  tokkos, hoomaa isaanii kana keessa galchee waliin ergee ture.
Hamma iddoo mucichi dhalate jiruu sana ga’aniti urjiin sun isaan dura deema ture(Mat 2:1 ). Jarri sunis mucicha ni argatan baay’ee ni gammadanis akkuma kanaa gadiiti barra’e kennas ni kennaniif
“Manatti lixanis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argatanii lafatti gadi gombifamanii isaaf sagadan, qorxii isaanis bananii warqee ixaabaa fi qumbii harka fuudha kennaniif ,gara Heerodisiti akka hin deebineef abjutti waan ajajamaniif karaa biraatin gara biyya isaanitti deebi’udhaaf sokkan.(Mat 2;11)
Eyye kennan isaanii kuni hiikkaa qaba. Warqee kennun isaanii ati mootii bara baraati, amalli kees qulqulludha jechuu isaaniti. Ixaana kennun isaanis ati luba bara baraati jechuu  isaaniti. Lubumman kee akka        Melkesediq  jedhemee barrraa’e, Sadaffaa ‘qumbii’ kennun isaanii ati ilmaan namaaf jettee du’a ni duuta ishenis fakkeenya  hadheenyaati jechuu isaaniti.
Qilleen Ittiin Taphatan kun Eessaa Dhufte?
Akkuma beekamu Waaqti kanatti taphni qillee ni jira. Haa ta’u malee qilleen kun akkamiin dhaloota Gooftaa Iyyasuusin wal qabate gaaffin jedhu ka’uu danda’a. Kanaan wal qabatee qilleen eessaa dhufe kan jedhuuf abbootni akkas jedhanii kaa’aniiru. Akkuma kana olitti ibsine, Heerodisi dhalachuu gooftatti hinaafee ajjeesuu waan barbaaduuf nama isaan keessa seenee basaase nama gabaabaa jara ogeeyyii kana waliin ergee ture.  Haa ta’u malee akkuma xinnoo deemaniin, urjiin isaan dura  deemee masaku sun jalaa bade. Isaanis wanii wallalanii maal ta’ee urjiin kun nu dura bade jedhanii qoruutti yemmuu ka’an, nama gabaabaa Heerodisii basaasu sana of  keessatti argan. Kanaanis itti aaranii morma isaa irraa kutanii akka kubbaa qilleetti dhaniiru, kanaan wal qabata jedhu abbootni.
Manguddoo Simi’oon: Ijji koo fayyisuu kee argiteetti
Seenaawwan waqtii ayyaana Qillee kana himaman keessaa tokko wanti nama ajaa’ibu immoo  ammo waa’ee manguddoo Simi’on. Baxilimos mootiin jedhamu tokkoutu ture, yemmuu kitaaba hiiksisu, kitaabni Isaayyas akka hiikuuf carraan  Simi’onif gahe. Bakka dubri dubrmman ulfooftee ni deessi jedhu kana amanuu waan dideef, Simi’on dubartiin ulfooftee ni deessi jedhee, fedha isaatiin barreesse. Yemmuu hirribaa dammaqu kan inni barreesse sun bade ‘dubri dubrummaan ni deessi’ kan jedhu barraa’ee arge, ammas isa barraa’e sana irraa haqee deebi’ee ‘dubartiin ni deessi’ jedhee barreessee rafe. Yemmuu yeroo lammataa dammaqus  kan inni barreesse bade ‘dubri dubrumman’ ni deessi kan jedhu arge, yeroo sadaffafis, irraa balleesse kan sammuu isaa keessaa jiru yemmuu barreessuu ta’utti “dhiisi, hanga kana ijaan agartutti hin duutu” jedhee ergamaan Waaqayyo isa ni dhoowwe,.
Akkuma jedhame waggoota hedduuf simi’oon hanga gooftaan dubaroo Maariyaamii irraa dhalatutti osoo hin du’in, dulloomee siree irratti maxxanee jiraata ture. Yeroo gooftaan keenya dhalatee gara Iyyaruusaleemitti akka seera Muusetti gara mana qulqullumaatti fudhatamu ammoo, Simi’oon fayyisuu isaa eegachaa ture waan ta’eef  gammadee, Iyyasuus haadha harkaa fuudhee hammate, raajiin jedhames raawwatamuu isaa ni bare. (Luq 2:23). Innis akkas jedhee Waqayyoon galateeffate
“Egaa yaa gooftaa akkuma dubbatee turte garbicha kee nagaadhaan jireenya kanatti hiiki, Fayyisuu kee ija kootiin argeera, sabni hundinu akka arguuf kan qopheessite innis ifa, warra saba Waaqayyoo hin ta’initti akka muldhatuuf, sabakee Isra’elifi ulfina akka ta’uu jedhe’
Egaa abbaa Kiristannaa kan jedhamu mana kiristiyaanaa keenya Keessatti seenaa kanaan wal qabata,malee kan akkanuman ta’es miti.
Guduunfaa
Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu,jaalala ilmaan namaaf qabu kunoo agarreerra, barreerras, nutis wal haa jaalannu, walii haa mararfannu. Ayyaana kana hoo kabajnu, harka qalleeyyii haa yaadannu, waan qopheeffanne irraa qoodne kennuudhaan haa kabajnu. Iyyasuus Kiristoouu, Innii samii fi ardii uume inni Ergamootni isaa lakkaawamee hin dhumne, Dubaroo Qulqulleettii irraa fooniin dhalate, sanuu mooraa loonii Keessatti, kana haa yaadannu.
Akka daa’ima harma ishee hodhee guddate, kunis laphee keenya keessaa hin badin, Simi’on  Maariyaamiidhaan waa’ee mucaa ishee yoo dubbatu “gaddi akka billaa si waraanu sababa mucaa kanaan si argata”  jedhee akka Maariyamitti hime(Luq 2:35), umurii sihee guutuu hanga dirree Qarani’ootti, haati keenya dubaroo Maariyaamiin ilmaa ishee wajjin gaddii namarratti hin taane akka ishee dhaqqabes  haa yaadannu.Waaqayyo imimmaan ishee kana ilaalee nutti haa araaramu, araarsumman ishee nu irraa hin fagaatiin, Ilma ishee harma hoosiftee, dugdatti baattee guddifte irraa araara nuuf haa kennisiiftu. Ergamoonni Waaqayyo kan tiksootatti misraachoo himan nuttis misraachoo naga maatii keenyaaf, biyya keenyaaf, dhala namaa maraaf  haa dhageessisan.
Maqaa Abbaa haa ulfaatu, Maqaan Ilmaa Haa ulfaatu. Maqaan Hafuura Qulqulluu Haa ulfaatu, Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu.Galannis bara baraaf Ameen. Ayyaana Gaarii!!!!
Kitaabota Wabii
1. Beeta Maariyaamii (Aabbaa) fi Mogas Eqube Giyoorgiis( Liqe Mezemiraan)(1999). Hiikaa Icitiiwwan shananii waa’ee uumamaa wajjiin,Afaan Gi’izii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e,Mana maxxansaa Aksum,Maxxansa 3ffaa.Finfinnee.
2. Mana Maxxansa Tinsaa’ee (1999).Kitaabota Kakuu Moofaa, Hiikaa Seera Uumaaa fi Seeara Ba’uu,Afaan Gi’iizii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e. Finfinnee
3. Sanaay Misikkir (Aabbaa) (1999) Kitaaba Aksimaaroos.Afaan Gi’izii fi Amaariffaan kan Qophaa’e .Bahirdar.
4. Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootti qophaa’e, qubee laatiiniitin barreeffame

Muddee, Bara Araaraa 2005
Yaada keessaniif: waldaanahimiyaa@gmail.com