Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura
Qulqulluu Waaqa Tokkon!Ameen.
"Daa’imni(Mucaan)
nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera, humni mootummaa isaa gateettii isaa
irra jira, maqaan isaa ‘Gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abba bara baraa, angafa
nagaa ni jedhama” (Isa 9:6)
Gooftaa
Iyyasuus Kiristos Dhalota lama qaba. Innis jalqabaa Abbaa irraa haadha malee
kan dhaletee fi bara booda ammo Abbaa malee hadha irra kan dhalatedha.
A.
Dhaloota
Isa Jalqabaa: Abbaa Irraa Haadha malee
Dhaloonni
gooftaa Iyyasuus inni duraa kun uumama dura kan Abbaa isaa irraa os wal hin
dursin dhalateedha. Kanaaf Ilma Waaqaa jennan. Gocha kana qoratanii bira gahuuf kan
baa’yee sammuu ilma namaatii ol ta’edha. Maalif yoo jenne dhaloota isaa duraatin
Abbaa irraa dhalachuu isatiif, Abbaa isaa
booda kan argame miti, kuni kan yeroo tokkotti ta’e malee umuriin isaanii wal qixxeedha.
Yeroon kun ta’es yeroo dursa ture. Waaqayyo yeroo dursa waan ta’eef. Egaa kun
baay’ee waan dinqii ta’ee dha. Namni addunya kanarratti yoo ilma dhalchu
waanuma fe’es ta’u abbaan umuriidhaan ilma isaa ni caala. Dhalachuun gooftaa
Iyyasuus kan uumama duraa ta’e kun garu akkas miti. Yeroo tokkotti ta’e malee, yeroo
dhaloota isaa duras yeroon hin jiru, jalqabas hin qabu, dhumas hin qabu. Kuni sammu keenyaf
ni ulfaata. Ugum yaa gooftaa kan kee! jenne ajaa’ibsiifannee dabarra malee. Kanaaf
uumama dura haadha malee Abbaa irraa dhalate, uumama booda ammo abbaa malee haadha
irraa dhalate, Kanaaf dhaloota lama qaba dhaloota lamaan ulfaate, kabajames
jenna.
Kanaaf
kitaaba Fakkeenya irratti Solomon ,ilmi
Daawit akkas jedhee dubbate:
“Ani jalqaba durii duriitii otoo
biyyi lafaa hin uumamin aboo irra kaa’ame, Callabboo duran dhaladhe ,yemmus
burqituun bishaan guddaan keessa yaa’u iyyuu hin turre,tulloonni gaaronnis utuu
hin uumaminan dhaladhe,”(Fakkeenya 8:23)
Kanaaf
Yihudoonni gooftaa Iyyasuusin “ Ati egaa
abbaa keenya Abrahaam isa du’e irra ni caaltaa ree? Raajonnis du’aniiru, ati
eenyu of seeta?” jedhanii yemmuu
gaafatanitti gooftaan deebisee akkas jedhe “Dhuguma dhuguman isinitti hima, Abrahaam
otoo hin dhalatin dura iyyuu ani jiran
ture” (Yoh 8:53) jedhee deebiseefii jira.
Dhaloota Boodaa( Isa lammattaa):Fooniin
Maariyaamirraa Abbaa malee
Namoonni
jalqabaa, abbaa fi haati ilma namaa kan jalqabaa, Addamii fi Hewaan Jeennata(Genet)
keessaa yemmuu jiran abbommii Waaqayyoo
cabsuudhaan ija mukaa hin nyaatina
jedhaman sana dhiigsani nyaachuudhan waan balleessaa raawataniif, sababa kanaan
Waaqayyo isaan ni adabe. Isaan qofas osoo hin taane sababa Addaamii fi
Hewaaninin Ilmaan isaanii hundi ni adabaman. Duuti du’aas irratti murtaa’e.
Hanga gooftaa Iyyasuus Kiristoos dhalatee lubbuu hunda bilisa baasutti, hundi
isaanii yoo foonin du’an lubbun isaanii gara mana hidhaa, ibiddatti darbamti
ture.
Addaamii
fi Hewan erga balleessaa sana raawatanii booda araara argachuudhaaf halkan
guyyaa Waaqayyon ni kadhatu ture, iddoo dura keessaa bahan sanatti akka duraa
sanatti akka deebi’aniif, Waaqayyoon immimman harcaasaa ija isaa keessa ilaalu
ture. Waaqayyos gaabbii isaanii kana ni arge, ni marafateefis. Isaanifis akkas
jedhee dubbii abdii kenneefi, “Fooniin akka durii sana gara jeennata hin
seentaanu, lubbuudhaan garuu ni seentu, Ilma llma keetii irraa dhaladhee guyyaa
5 fi walakkaa booda sin fayyisa jedhee waada galeefi. Guyyaa 5 fi walakka kan
jedhames akka lakkoofsa Waaqayyotti waggoota 5500 ture.(Aksimaaros)
Egaa hanga waggaan 5500 xumuramutti namni waan
gaaris hojjetu badaas hojjetu jennatni cufaa waan ta’eef,Surafeelinis waan eegamtuuf,
gara abiddaatti darbamu ture. Kanaaf raaja Isaayyas gaarumman keenya hundi akka
uffata laguutti lakkaa’ame jedhee kan dubbate. Gooftaan waan dubbate hunda kan
hin hambifne waan ta’eef raajotni hedduun dubbii raagaa dhalachuu gooftaa keenyaa dubbataniiru, si’aaina guddaadhaanis dhalachuu isaa halaalatti ni ilaalu ni hawwus ture. Kana keessaa gooftaa Iyyasus osoo hin dhalatin
Isaayyas kana dubbate:
“Waaqayyo ofii isaatii milikkita
isiniif ni kenna, kunoo durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi, maqaa isaas
Amanu’el jettee ni moggaafti, Amanu’el jechuunis Waaqayyo nu waliin jira
jechuudha” (Isa 7:14)
Dabalates
akkas jedha
“Daa’imni(mucaan) nuuf dhalateera, ilmis
nuuf kennameera, humni mootummaa isaa gateettii isaa irra jira, maqaan isaa “Gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abba bara
baraa, angafa nagaa ni jedhama” (Isa
9:6)
Akkasuma
raaga Mikiyaas keessattis gooftaa Iyyasuus Beteliheem magaala Dawwititti
dhalachuu isaa kana akkanatti kaa’ee jira:
“Ati immoo yaa mandara Betelihem
Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoo keessaa, ati ishee xinnoo dha, Isra’elin
kan moo’u tokko si keessaa anaaf ni
ba’a, hundeen isa si keessaa ba’uuf jirus, kan bara durii durii bara baraati.(Miikiyaas
5:2)
Egaa
Dubaroo Maariyaamiin dubrumman Hafuura Qulqullun akka ulfooftu,ulfooftes ilma
akka deessu qulqulluu Gabri’eelin akka itti himamae barraa’ee jira (Luq 1:36).
Gooftaan waan dubbate hunda kan hambisu waan hin taaneef, akkuma waadaa galeef,
akkuma raajota isaa hafuuraan dubbachiise, yeroo barrii 5500 kun raawatamutti, osoo
sa’aatii, baraa fi yeroo jedhame hin sheelechin fooniin Qulqulleettii dubaroo
Maariyaamirraa dhalate. Yeroo foon uffatus,amala lamarraa amala tokko ta’e
malee akka shakkitoonni jedhan hafuuraan foon irra buleetii miti. Gonkuma tokko
ta’ee dhalate, nama ta’ee dhalate. Kanaaf Tawaahidoo jennaan. Waaqa foon
dubaroo uffatee nama ta’e jechuunis kanuma.
Dhalachuu Gooftaa
Iyyasuus
Bara Maariyaam ulfooftee da’uumsa jala geessetti galmeen lakkoofsa
namootaatu adeemsifama ture. Kaadhimaan
ishee kan ishee tiksu Manguddoo Yoosef ammo Maariyaamiin galmeessisuuf manaa ba’e, wangeela irrattis akka armaan gadii
kanatti barraa’ee jira
“Yeroo
sanatti mootummaa warra Roomaa keessa kan jiraatan hundinuu akka caafamaniif Awugisxos mooticha biraa abboommin ba’e. Caaffamuun
namaa kun isa jalqabaa ture; innis bara Qereniyos Sooriyaatti abbaa biyyaa
turetti ta’e. kanaaf namni hundinuu adduma addan of caafsisuudhaaf gara mandara
kutaa biyya itti dhalatee dhaqe. Yoseef sanyii mootichaa Daawit keessaa waan
tureef Galiiladhaa mandara Naaziret ba’ee Yihudaa keesaa Betelihem mandara
Dawit ga’e. Kaadhimaa isaa Maariyaamii wajjiin caaffamuudhaaf dhaqe;isheen immoo ulfa turte.(Mat 2:1)
Egaa
haala kanaan osuma jiranuu Maariyaamii Yeroon itti deessu gahe. Wanti nama
ajaa’ibu ammo gooftaa Iyyasuus mooraa loonii keessatti dhalachuu isaati. Mee
dubbii wangeelaa kanaa gadii irraa haa ilaallu,
“Betelihem Otuu jiranis yeroon
Maariyaamin itti deessu ga’e; angafa ilma ishee deesse, lafa bultii karaa
deemtutti iddoo hin arganne waan turaniif wayyaa itti martee siree horiin
keessaa nyaatu irra ciibsite” (Luqas 2:7).
Egaa
yaa namoota of gadi qabii isaa kana yaa hubannu inni waan hunda danda’aa ta’ee
humnaa fi aangoo qabeesas ta’ee akka hiyyeessaa, akka hiyyeessaa gadiittis
mooraa loonii keessatti dhalate. Kana qofa osoo hin taane kan nama dinqu ammo
dhalachuu isaa kan ibseef dursa Tiksootaafi. Hawaasa Keessatti iddoo gadi aanaa
kan qabaniif Waaqayyo tiksootaaf dhalachuu isaa dursa kan ibse. Innis akka
armaan gadiitti barreefaameera.
“Tiksoonni tokko tokko ammoo
naanna’a sana bakkeetti halkan darabee dammaqanii hoolota isaanii ni eegu
turan. Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabatee ifni surraa gooftichaas
naannoo isaanitti ibse; kana irratti isaan na’anii guddaa sodaatan. Ergamichi
garuu ‘hin sodaatinaa kunoo ani misraachoo gammachuu guddaa isinitti hima’oo
kunis saba hundumaaf kan ta’uudha. Hardha Mandara Daawititti fayyisaan isiniif
dhalareera, inni immoo kiristos goofticha. Milikkinii isaa ammo kana, mucaa
wayyaan iti marame siree horiin keessa nyaatu irra ciisu ni argitu” isaanin
jedhe.(Luq 2:8)
Yeroo
kanatti Tiksoonni koottaa Betliheem dhaqnee dubbii achitti ta’e Waaqayyo nutti
beeksise kana ilaalla jedhanii yemmuu dhaqan
Maariyaamii fi Yooseef, mucicha(daa’ima dhalates) siree horiin keessaa
nyaatu keesa ciisee ni argan.
Ergamoonis
ammo “Galatni Waaqayyoof samii gubbaatti,
nagaanis namoota Waaqayyotti gammadaniif lafa irratti” jedhanii Waaqayyon ni faarfatu ture. Akkuma
ergamaan Waaqayyoo innin osoo hin dhalatin maqaa isaa moggaase, guyyaa
sadeettafaatti Iyyasuus jedhamee mogga’e.
Harka fuudha(Kennaa)
Warra Ba’a Biiftuu
Yemmuu
gooftaa Iyyasuus dhalatus kennaan kennamefi jira. Kunoo akkuma faarsaa Daawit
dura Hafuura Qulqulluun faarfate:
“Mootonni Trashish(Tarsees), kan
biyya galaana keessas kennaa isaaf haa fidan mootonni sheebaa, kan saabaas
isaaf gibira haa dhiheessan, mootonni hundinuu isa duratti haa gombifaman sabni
lafa irras isaaf haa hojjetan” Far 71(72);10 kan jedhame raawwachuuf ta’e
Akkuma
dubbiin kun himame, namoonni ogeeyyiin urjii lakka’an tokko ba’a biiftutii ni
dhufan. Isaanis inni mootii Yihuudotaa ta’ee kan dhalate eessa jira? jedhanii iyyaffachaa turan. Dhufuu jara
ogeeyyii kana ammo Heerodisin ni
rifachiise, innii mootiin biyya lafaa biraa anarratti ka’uuf ta’a jedhee
yaaddoo keessa waan galeef, inaaffaa hamaan laphee isaa keessa ture. Haa ta’u malee akka irratti hin
beekamneef, dhaqaati yemmuu isin sagaddanii fi deebitan anis akkan sagaduuf karaa kanaan deebi’aa jedheenii ture, nama
gabaaba isaan hordofu(basaastuu) tokkos,
hoomaa isaanii kana keessa galchee waliin ergee ture.
Hamma
iddoo mucichi dhalate jiruu sana ga’aniti urjiin sun isaan dura deema ture(Mat
2:1 ). Jarri sunis mucicha ni argatan baay’ee ni gammadanis akkuma kanaa
gadiiti barra’e kennas ni kennaniif
“Manatti lixanis mucicha haadha
isaa Maariyaamii wajjin argatanii lafatti gadi gombifamanii isaaf sagadan, qorxii
isaanis bananii warqee ixaabaa fi qumbii harka fuudha kennaniif ,gara
Heerodisiti akka hin deebineef abjutti waan ajajamaniif karaa biraatin gara
biyya isaanitti deebi’udhaaf sokkan.(Mat 2;11)
Eyye
kennan isaanii kuni hiikkaa qaba. Warqee
kennun isaanii ati mootii bara baraati, amalli kees qulqulludha jechuu
isaaniti. Ixaana kennun isaanis ati luba bara baraati jechuu isaaniti. Lubumman kee akka Melkesediq jedhemee barrraa’e, Sadaffaa ‘qumbii’ kennun
isaanii ati ilmaan namaaf jettee du’a ni duuta ishenis fakkeenya hadheenyaati jechuu isaaniti.
Qilleen Ittiin Taphatan kun Eessaa Dhufte?
Akkuma
beekamu Waaqti kanatti taphni qillee ni jira. Haa ta’u malee qilleen kun
akkamiin dhaloota Gooftaa Iyyasuusin wal qabate gaaffin jedhu ka’uu danda’a. Kanaan
wal qabatee qilleen eessaa dhufe kan jedhuuf abbootni akkas jedhanii kaa’aniiru.
Akkuma kana olitti ibsine, Heerodisi dhalachuu gooftatti hinaafee ajjeesuu waan
barbaaduuf nama isaan keessa seenee basaase nama gabaabaa jara ogeeyyii kana
waliin ergee ture. Haa ta’u malee akkuma
xinnoo deemaniin, urjiin isaan dura deemee masaku sun jalaa bade. Isaanis wanii
wallalanii maal ta’ee urjiin kun nu dura bade jedhanii qoruutti yemmuu ka’an,
nama gabaabaa Heerodisii basaasu sana of keessatti argan. Kanaanis itti aaranii morma
isaa irraa kutanii akka kubbaa qilleetti dhaniiru, kanaan wal qabata jedhu
abbootni.
Manguddoo Simi’oon: Ijji koo
fayyisuu kee argiteetti
Seenaawwan
waqtii ayyaana Qillee kana himaman keessaa tokko wanti nama ajaa’ibu immoo ammo waa’ee manguddoo Simi’on. Baxilimos
mootiin jedhamu tokkoutu ture, yemmuu kitaaba hiiksisu, kitaabni Isaayyas akka
hiikuuf carraan Simi’onif gahe. Bakka
dubri dubrmman ulfooftee ni deessi jedhu kana amanuu waan dideef, Simi’on dubartiin
ulfooftee ni deessi jedhee, fedha isaatiin barreesse. Yemmuu hirribaa dammaqu
kan inni barreesse sun bade ‘dubri dubrummaan ni deessi’ kan jedhu barraa’ee
arge, ammas isa barraa’e sana irraa haqee deebi’ee ‘dubartiin ni deessi’ jedhee
barreessee rafe. Yemmuu yeroo lammataa dammaqus kan inni barreesse bade ‘dubri dubrumman’ ni
deessi kan jedhu arge, yeroo sadaffafis, irraa balleesse kan sammuu isaa
keessaa jiru yemmuu barreessuu ta’utti “dhiisi, hanga kana ijaan agartutti hin
duutu” jedhee ergamaan Waaqayyo isa ni dhoowwe,.
Akkuma
jedhame waggoota hedduuf simi’oon hanga gooftaan dubaroo Maariyaamii irraa
dhalatutti osoo hin du’in, dulloomee siree irratti maxxanee jiraata ture. Yeroo
gooftaan keenya dhalatee gara Iyyaruusaleemitti akka seera Muusetti gara mana qulqullumaatti
fudhatamu ammoo, Simi’oon fayyisuu isaa eegachaa ture waan ta’eef gammadee, Iyyasuus haadha harkaa fuudhee
hammate, raajiin jedhames raawwatamuu isaa ni bare. (Luq 2:23). Innis akkas jedhee
Waqayyoon galateeffate
“Egaa yaa gooftaa akkuma dubbatee
turte garbicha kee nagaadhaan jireenya kanatti hiiki, Fayyisuu kee ija kootiin
argeera, sabni hundinu akka arguuf kan qopheessite innis ifa, warra saba
Waaqayyoo hin ta’initti akka muldhatuuf, sabakee Isra’elifi ulfina akka ta’uu
jedhe’
Egaa
abbaa Kiristannaa kan jedhamu mana kiristiyaanaa keenya Keessatti seenaa kanaan
wal qabata,malee kan akkanuman ta’es miti.
Guduunfaa
Maqaan
Waaqayyoo haa ulfaatu,jaalala ilmaan namaaf qabu kunoo agarreerra, barreerras, nutis
wal haa jaalannu, walii haa mararfannu. Ayyaana kana hoo kabajnu, harka
qalleeyyii haa yaadannu, waan qopheeffanne irraa qoodne kennuudhaan haa kabajnu.
Iyyasuus Kiristoouu, Innii samii fi ardii uume inni Ergamootni isaa lakkaawamee
hin dhumne, Dubaroo Qulqulleettii irraa fooniin dhalate, sanuu mooraa loonii Keessatti,
kana haa yaadannu.
Akka
daa’ima harma ishee hodhee guddate, kunis laphee keenya keessaa hin badin, Simi’on
Maariyaamiidhaan waa’ee mucaa ishee yoo
dubbatu “gaddi akka billaa si waraanu sababa mucaa kanaan si argata” jedhee akka Maariyamitti hime(Luq 2:35), umurii
sihee guutuu hanga dirree Qarani’ootti, haati keenya dubaroo Maariyaamiin ilmaa
ishee wajjin gaddii namarratti hin taane akka ishee dhaqqabes haa yaadannu.Waaqayyo imimmaan ishee kana
ilaalee nutti haa araaramu, araarsumman ishee nu irraa hin fagaatiin, Ilma
ishee harma hoosiftee, dugdatti baattee guddifte irraa araara nuuf haa
kennisiiftu. Ergamoonni Waaqayyo kan tiksootatti misraachoo himan nuttis
misraachoo naga maatii keenyaaf, biyya keenyaaf, dhala namaa maraaf haa dhageessisan.
Maqaa
Abbaa haa ulfaatu, Maqaan Ilmaa Haa ulfaatu. Maqaan Hafuura Qulqulluu Haa
ulfaatu, Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu.Galannis bara baraaf Ameen. Ayyaana
Gaarii!!!!
Kitaabota Wabii
1.
Beeta Maariyaamii (Aabbaa) fi Mogas Eqube Giyoorgiis( Liqe Mezemiraan)(1999). Hiikaa
Icitiiwwan shananii waa’ee uumamaa wajjiin,Afaan Gi’izii fi Afaan Amaaraatiin
kan qophaa’e,Mana maxxansaa Aksum,Maxxansa 3ffaa.Finfinnee.
2.
Mana Maxxansa Tinsaa’ee (1999).Kitaabota Kakuu Moofaa, Hiikaa Seera Uumaaa fi
Seeara Ba’uu,Afaan Gi’iizii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e. Finfinnee
3.
Sanaay Misikkir (Aabbaa) (1999) Kitaaba Aksimaaroos.Afaan Gi’izii fi
Amaariffaan kan Qophaa’e .Bahirdar.
4.
Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan
Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5.
Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan
Oromootti qophaa’e, qubee laatiiniitin barreeffame
Muddee,
Bara Araaraa 2005
Yaada
keessaniif: waldaanahimiyaa@gmail.com
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.