Cuuphaa
"Egaa
dhaqaa, maqaa Abbaa kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluutiin isaan
cuuphuudhaan, saba hundumaa duuka bu’oota koo taasisaa” Mat.28:19
Hiika Cuuphaa
– cuuphaa jechuun cuuphamuu, bishaan keessa seenanii bahuu jechuudha. Cuuphaan
icciitiiwwan Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo keessatti raawwataman keessaa
isa tokkoo fi kan jalqabaa yommuu ta’u, amantoonni kan mana amantaatti ittiin
galan, mucummaa fi kabaja Waaqayyorraa kan ittiin argatan dha. Icciitii wanti
jedhameefiis mucummaa Sillaasee (Sadummaa) isa ijaan hin argamne kan ittin
arganuu fi warreen hin amanneef icciitii jedhama.
Bu’uura Cuuphaa
- Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhalatee waggaa soddomatti laga
Yordaanositti harka Yohaannisitti cuuphamee namootni hundis akka fayyaniif
lammata dhalachuuf cuuphamuu akka qaban barsiiseera, ofii isaa cuuphamuudhaanis
nuuf bu’uuresseera. Kanaaf Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhuma
barumsa isaa irratti “Deemaatii maqaa Abbaa
Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiin cuuphaa duukaa buutota koo taasisaa”
jedhee duukaa buutota isaa ajajeera (Maatewoos 28:19). Isaanis ajaja barsiisaa
isaanii irra kennameef fudhatanii namoota addunyaa Wangeela barsiisuun
cuuphanii ijoollee Waaqayyoo taasisaniiru.
Cuuphaan maaliif barbaachise?
Dhalli namaa jalqaba abboommii Waaqayyoo cabsee gorsa seexanaa dhagahuudhaan
muka Jannata keessa jiran hunda nyaadhu muka isa waan gaarii fi yaraa nama
barsiisu kana immoo hin nyaatiin jedhame nyaachuun dhala namaa hundarratti
duuti du’aa irratti murtaa’ee abaarsaan jiraachaa turan. Bara boodaa Gooftaa Iyyasuus
biyya lafaa kanatti yeroo barsiisaa ture “Dhuguma dhuguman isiniin jedha namni
lammata bishaanii fi afuura irraa dhalachuu baannaan jireenya bara baraa hin
qabu (Yohaannis 3:3-6)” jedhee akkuma dubbate cuuphaan kan barbaachise jireenya
bara baraa argachuuf ykn immoo Mootummaa Waaqayyoo dhaaluf jechuudha.
Kiristoosiitiin kiristaanota, Ilmaan immoo ilmaan (Ijoollee) Waaqayyoo kan nu
jechisiisu cuuphaadha. Akkuma namni haadhaa fi abbaa isaa irraa al-tokko qofa
dhalatu Cuuphaanis erga takkaa cuuphamanii irra hin deebi’amu; Qulqulluu
Phaawuloosiis “Cuuphaanis Gooftaaniis amantiinis tokkuma (Efeesoon 4:5)” jechuun
kiristaanota bara sanaaf nuuf warra boodaafis barreesseera.
Kiristaana
jedhamuufis guyyaa Jimaataa Gooftaan yommuu fannifamee cinaachaa isaa waraanan
bishaan jireenyaa cinaacha isaa keessaa dhangala’een cuuphamnee ilmaan
(ijoollee) Waaqayyoo jedhamuu qabna. Bishaan kun kan argamu, Lubni bishaan
gabateetti naqame irratti kadhannaa Kitaaba Kiristinnaa irra jiruu fi kadhannaa
galataa (Qiddaasee: Tokkichi Abbaan Qulqulluu Tokkichi Ilmi Qulqulluu Tokkichi
Afuurri Qulqulluunis Qulqulluu jedhee) kadhachuun bishaanicha eebbisa. Yommus
bishaanichi icciitii guddaatiinii fi amantiidhaan gara bishaanicha isa cinaacha
mirgaa Gooftaa keessaa dhangala’eetti jijjiirama. Bishaan kanaan cuuphamuudhaan
abaarsa durii fi garbummaa seexanaa jalaa bilisa baana; Ilmaan Waaqayyoos ni
taana, jireenyi haaraan nuuf kennama. Jireenyi haaraan kunis kan nuuf kennamu
Afuura Qulqulluutiini dha.
Cuuphaan
kakuu moofaa keessas jira ture. Garaagarummaan cuuphaa kakuu moofaa fi haaraa;
yeroo kakuu moofaa fakkeenyaaf Iyyoobii fi Ni’imaan laga Yordaanositti
cuuphamanii dhibee foonii irraa fayyanii turan. Cuuphaan kakuu moofaa kun
akkuma himame dhibee foonii qofaa irraa namoota itti amananiif fayyisaa ture.
Kakuu haaraatti garuu ilmummaa Waaqayyoo kan nuuf kennu, garbummaa seexanaa
jalaa kan nu baasuu fi kan ittiin cubbuun keenyi nuuf dhiifamu dha.
Cuuphaadhaaf bishaan maaliif
filatame?
Sababiin
inni duraa Gooftaa fi Fayyisaan keenya kaayyoon inni dhufeef keessaa tokko fakkeenya nuu ta’uuf waan tureef
inni bishaaniin akkuma cuuphame, nutis kiristaanonni bishaaniin cuuphamna
(Maatewoos 3:13-16). Karaa kan biraa yommuu barsiisaa tureettis dhalli namaa Mootummaa
isaa dhaaluuf bishaanii fi afuura irraa dhalachuu akka qabu ajajeera (Yohaannis
3:3-6). Inni sadaffaan erga Gooftaan gara samiitti ol-ba’ee booda duuka
buutotni isaa bishaaniin namoota amanan cuuphaa turaniiru (Hojii Duuk 8:38).
Bishaan bakka hundaatti nama hundaaf walqixxeetti argama; cuuphaanis nama amane
hundaaf walqixxummaan kennamuu isaa ibsa. Bishaan yommuu dhiqatan akkuma xurii
namarraa qulqulleessu akkasuma cuuphaanis cubbuutiin lubbuu xuroofte sana
qulqulleessee ijoollee Waaqaa taasisa jechuudha. Raajichi Hiisqi’eelis “Bishaan
gaariitiinis isinin cuupha (Hiizqi’eel 36:25)” jedhee dubbachuun isaa bishaan
cuuphaaf filaamuu isaa nuuf ibsa.
Bishaan keessa seenanii cuuphamuun
maaliif barbaachise?
Gooftaan
keenya kan cuuphame bishaan keessa seenuudhaan ture (Maat. 3:16). Manni amantaa
bara duukaa buutaotaa turtes akkasuma gochaa waan turteef, “Isaanis gara
bishaaniitti wal-fudhatanii bu’an (Hojii Duuk. 8:38)” nutis fakkeenyummaa kan
fudhannee akkasitti sirna cuuphaa raawwanna. Karaa kan biraa yommuu cuuphamnu
bishaan keessa seenuun keenya Kiristoos wajjin awwaalamuu keenyaaf fakkeenya
yommuu ta’u, cuuphamnee bahuun keenya immoo Gooftaa wajjin du’aa ka’uu keenyaaf
fakkeenya ta’uun agarsiifama.
Fakkeenya Cuuphaa Kakuu Moofaa
keessatti
1. Bidiruu Nohi
– Bidiruun Nohi maatii isaa fi isa akkasuma bineeldotaa fi bineensota baay’ee bishaan
badinsaa irraa isaan fayyisteetti (Seera Uuma. 7:17). Jaroonni saddeet bishaan
badinsaa irraa kan fayyan bidirichaan ture (1Pheexroos 3:20-21). Fakkeenyi kun
dhugaa ta’ee cuuphaadhaan kakuu haaraa keessatti bakka bu’uun ilmaan namootaa badinsa
bara baraa jalaa bahaniiru.
2. Dhaqna Qabaa
– kakuu moofaa keessatti dhaqna qabaachuun saba Waaqayyoo ta’uuf akkuma
fayyadaa ture, kakuu haaraa keessattis cuuphaadhaan bakka bu’ee dhalli namaa
cuuphaadhaan mucummaa Sillaasee argatee saba Waaqayyoo jedhama (Seera Uum.
17:14, Qolaasiis 2:11).
3. Sabni Israa’eel galaana Eertiraa
(Diimaa) cehuun (1Qoroonxoos 10:1-2) isaaniis akka fakkeenya
cuuphaatti ilaalama. Yommus akkuma sabni Israa’eel galaana sana ce’ee garbummaa
warra Gibxii jalaa ba’e, nutis har’a cuuphaadhaan garbummaa seexanaa jalaa
baanee ijoollee Waaqayyoo taaneerra.
Cuuphaa Yohaannis
(Cuuphaa Gaabbii)
Yohaannis
Cuuphaan warri Yihudootaa Gooftaa akka fudhataniif (itti amananiif) karaa
haxaawaa kan ture yommuu ta’u yeroo kana cuuphaa kiristaanummaaf qopheessuuf
yoo jedhu cuuphaa gaabbii ykn qalbii jijjiirrannaa isaan cuuphaa ture. Cuuphaan
gaabbii kunis ilmummaa Waaqayyoo kan argamsiisu otoo hin ta’iin, yoo yeroo
soomii waanta nyaachuun hin eeyyamamne nyaanne abbotni nutti facaasan akkasumas
namootni dhukkuba foonii isaanii irraa akka fayyaniif kan cuuphamani dha. Dabalataanis namni cubbuu
hojjetee abbaan gaabbii isaa qannoonaa isaaf kenne erga raawwatee booda ni
cuuphama. Kunis Yohaanniis akkas jedhee waan dubbateefi “Yohaannis biyya naannoo Yordaanos keessa deemee
cuuphamaa, yaada garaa keessanii geeddarachuu keessan mul’isaa, Waaqayyoos
cubbuu keessan isiniif ni balleessa (Luqaas 3:3).”
Gooftaan Waggaa 30tti
maaliif cuuphame?
Addaam
nama waggaa 30 ta’ee uumame ture. Guyyaa 40ttis ilmummaa Waaqayyoo kan argatee
ture; seexanni dogoggorsee ilmummaa isaa dhabsiise. Addaam lammaffaa kan
jedhame Iyyasuus Kiristoos ilmummaa Addaam jalqabaa fi sanyii isaa deebisuuf
wanta dhufeef; Addaam waggaa 30tti ilmummaa Sillaasee kan dhabe deebisuufiif
akka ta’e beeksisuufi dha. Mucummaa isaan kan deebiseef cuuphaadhaan ta’uu isaa
beeksisuuf laga Yordaanisitti cuuphame. Amantoonni tokko tokko Gooftaan waggaa
30tti waan cuuphaameef nutis cuuphamuu kan qabnu waggaa 30tti jedhanii amanu.
Kuni garuu ilaalcha sirrii miti; sababni isaas namni yoo otoo waggaa 30 hin
guutiin du’e otoo hin fayyiin hafa ykn immoo Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalu
jedhuudha. Kanaaf Waaqayyoo waggaa 30tti kan cuuphame sababa gubbaatti ka’eefi
malee nutis akkasuma waggaa 30tti akka cuuphamnuuf miti.
Gooftaan Cuuphamuun
maaliif isa barbaachise?
Sadummaa isaa ragaa bahuuf
– guyyaa cuuphaan dura sadummaan Waaqayyoo ifaan bahee hin beekamu ture.
Gooftaan lafa Yordaanositti yommuu cuuphamu icciitiin Sadummaa (Sillaasee)
ifaan mul’ateera. Innis Abbaan hurrii keessaan “Kun ilma koo isa ani
jaaladhudha, isattis baay’ee nan gammada” yommuu jedhu Abbaan Ilmaa ni beekame;
Afuurri Qulqulluunis amala jireenya isaa ta’uu ibsuuf fakkeenya gugeetiin isarra
taa’ee mul’ate. Ilmis qaama isaatiin yeroo laga Yordaanos keessatti cuuphamu
mul’ate.Yommus Waaqayyo Tokkummaa fi Sadummaa isaa dhala namaaf ibse.
Raajii
yeroo kakuu moofaa keessatti dubbataman raawwachuufi dha. Faarfannaa 76(77):16,
R.Hiizqi’eel 36:35
Fakkeenya nuuf ta’uuf
– otoo inni ofii cuuphamee isinis cuuphamaa jireenya bara baraa ni argattu nuun
jechuu baatee namoonni tokko tokko ykn dogoggorsitootni cuuphaan hin
barbaachisu jechuu waan danda’anii inni gaaffii namoonni kaasuu danda’aniif
duraan dursee debiseeraaf.
Cuuphaa guyyaa 40 fi 80
Manni
Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa cuuphaan mana amantaa seenuuf isa
jalqabaa ta’uu isaa ni barsiifti (Yohaannis 3:5). Akka ragaa kanarraa
hubannutti cuuphaan ijoollummaa Sillaasee kan ittiin argannu, Mootummaa
Waaqayyoo kan nama gonfachiiftudha malee mallattoo miti. Ilmaan Waaqayyoo
jedhamuuf jalqaba dhalachuu qabna. Garuu namoonni tokko tokko cuuphaan
mallattoofi malee fayyinaaf miti jedhanii dubbatu. Kan irratti hundaa’anii
dubbatanis Wangeela Maarqoos 16:16 irraatti kan amane kan cuuphame ni fayya kan
hin amanne garuu itti murtaa’a isa jedhu luqqisuun kan namatti murteessisiisu amanuu
dhabuudha malee cuuphamuu dhabuu miti jedhu. Hiikni jecha kanaa garuu kan nuuf
ibsu icciitii amananii cuuphamuuti. Dabalataanis jechi kun kan barreeffameef
warra Iyyasuus Kiristoosiin hin beekneef waan tureef, duuka buutonnis gara
warra hin amannee deemanii barsiisaa waan turaniif warra hin amanneef amanuun
waan guddaa ta’uu isaa ibsuufi dha. Gooftaan Iyyasuus Duuka buutota isaatiin
gara addunyaa hunda deemaa Wangeela koo lallabaa, barsiisaa jedhee isaanitti
himuun isaa addunyaan kan hin amanne ta’uu isaa ibsa (Maarqoos 16:13).
Namni
tokko erga amanee cuuphamuuf dirqama umriin guddaa ta’uu hin qabu. Maatewoos
28:19 akkasumas Hojii duuka buutotaa 16:31-34 irratti akkuma barreeffame maatii
yommuu jedhu guddaas xinnaas kan of keessatti hammatudha. Hojii duuka buutotaa
15:16 irras seenaa dubartittii Liidiyaa jedhamtuu yoo ilaalle kanuma nu
hubachiisa. Daa’immaniif cuuphaan akka raawwatamuu qabu Kitaabni Qulqulluun ragaa
ni baha. Jalqabarratti kan hubatamuu qabu Afuura Qulqulluun afuura akka kennuuf
Raajii Eermiyaas 1:5 irratti “Otoo gadameessa keessatti si hin uumiin sin
beeka; otoo gadameessa haadha kee keessaa hin ba’iinis si qulqulleesseera” jedhee
akkuma dubbate Waaqayyoon gadameessa keessatti isa qulqulleesseera. Wangeela
Luqaas 1:15 irrattis “Otoo gadameessa haadha isaa keessa jiruu Afuurri
Qulqulluun irra bule” jechuun Yohaannis Cuuphaan gadameessa haadha isaa
keessatti Afuurri Qulqulluun irra buluu isaa nuuf mirkaneessa.
Dabalataanis
namni tokko amantiidhaanis ta’e hojii isaatiin daa’ima fakkaachuu yoo baate,
Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu akka hin dandeenye Kitaabni Qulqulluun ragaa nuuf
baha. Gooftaanis daa’ima waamee walakkaa isaanii dhaabe “Akka daa’ima kanaa yoo
ta’uu baattan Mootummaa Waaqayyoo hin galtani” (Maatewoos 19:15, Maarqoos
10:13, Luqaas 18:15) jedhee dubbateera.
Seera
Leewwotaa 12:1-8 irratti akkuma barreeffame mucaan dhiiraa fi durbaa erga
dhalatanii booda guyyaa meeqatti gara Mana Qulqullummaa geeffamuu akka qaban ibsameera.
“Dubartiin ulfooftee ilma yoo deesse guyyaa torbaaf (7) kan xurooftedha. Dhiiga
isheerraas hanga qulqullooftutti guyyoota 33f haa teessu” jedha. Kanaaf mucaan ilmaa
dhalatee gaafa guyyaa 7 + 33 = 40 gara Mana Qulqullummaa geeffama. “Yoo durba
deesse immoo guyyaa 14f kan xurooftedha. Dhiiga isheeerraas hanga
qulqullooftutti guyyaa 66f haa teessu” jedha. Mucaan durbaa dhalatte immoo
gaafa guyyaa 14 + 66 = 80 gara Mana Qulqullummaa geessu. Egaa Mana Qulqullummaa
yommuu geessan aarsaa dhiyeessu; kakuu haaraattis ijoolleen kun erga dhalatanii
akkataa guyyoota kanaatti gaafa guyyaa 40 (dhiiraaf) fi 80 (durbaaf) gara Mana kiristaanaa
(bataskaanaa) geeffamanii ni cuuphamu, aarsaa isa dhugaa fi jiraataa isa
jireenya bara baraa namaa kennu dhiigaa fi foon Gooftaas ni fudhatu jechuudha.
Kunis icciitii fayyinaa isa guddaa dha. Gooftaa fi Fayyisaan Keenyi Iyyasuus Kiristoosis
yommuu dhalate sirna kana rawwateera.
Sababni
inni kan biraan immoo Macaafa Kufaalee 4:9-12 irratti “Lafa uume akka eeguu fi
akka bituuf Addaam guyyaa 40tti haadha manaa isaa guyyaa 80tti Jannataatti
galche” jechuun, Addaam erga uumamee
guyyaa 40tti Hewaanis erga uumamtee guyyaa 80tti gara Jannataatti akka ol-galan
kaa’ameera. Jannatnis fakkeenya Mana Amantaa taatee ilaalamti. Kanaaf Addaam
mucuummaa guyyaa 40tti Hewaan immoo mucummaa guyyaa 80tti argatan dhabanii waan
turaniif sanyiin isaaniis akkasuma dhabee ture. Amma immoo cuuphaadhaan gaafa
guyyaa 40 fi 80 mucummaan nuuf deebi’a jechuudha.
Sababoota
adda addaatiin guyyaa kanaan ala cuuphamuunis ni danda’ama. Fakkeenyaaf guyyaan
cuuphamuu daa’imaa otoo hin gahiin yoo dhukkubee du’aaf shakkisiisu
(sodaachisu) ta’e daa’imni sun akka cuuphamu Fitihaa Nagastiin ni eeyyama. Akkasumas
namni kamiyyuu dhalatee guyyaa 40 booda yoo amane umrii isaa kamittuu battala
amanetti ni cuuphama.
Hubachiisa:
Namoonni tokko tokko ykn warri shakkitootaa cuuphaan yoo hafes namatti hin
farachiisu inni guddaan amanuu dha jechuun barumsa hir’uu barsiisu, cuuphaanis
fayyina ilma namaaf qooda inni qabu dhoksu ykn immoo dogoggorsu. Kuni garuu
akkuma Wangeela Yohaannisirratti barreeffame namni lammata hin dhalanne akka
Mootummaa Waaqayyoo hin galle akeekkachiisaan dhuguma dhuguman isinitti hima
jechuun Gooftaan jecha ifa ta’een barsiiseera. Kanaaf Mootummaa Waaqayyoo
galuuf cuuphaan amanuutti aanee ulaagaa isa lammaffaati.
Gooftaan maaliif laga Yordaanositti
cuuphamee?
Gooftaan
keenya Iyyasuus Kiristos kan laga Yordaanositti cuuphameef :
i.
Raajiin
dubbatame akka raawwatuufi:- “ Galaanni argitee dheensite;
Yordaanosis gara duubaatti deebite….”
Farfannaa 113:3-5. Raajiin dubbatame kun akka raawwatufi.
ii.
Fakkeenyi
raawwatame dhugaa akka ta’uuf. Yordaanositti namni
Ni’immaan kan jedhamu laga Yordaanositti cuuphamee dhibee isaa foonii irra
fayyee jira. “ nama waaqayyoo kan ta’e, Elsa’i mootichi Ni’immaan jedhamu
huccuu isaa yemmuu tarsaasu yemmuu argetti; gara koo haa dhufuu jedhe”
Ni’immaanis gaarii dhaan dhaqee mana Elsaa’i biraa dhaabate. Elsaa’is gara laga
Yordaanosittis si’a torba dhiqadhu jedheen innis dhiqate dhibee foonii isaarra fayye.” 2ffaa Mootota 5:8-14
Gooftaan laga kanatti
cuuphamuun dhibee lubbuu fi foonii irra
nu fayyisuu nuuf ibsa.
Ni’immaan fakkeenya
Addaamiiti.
Dhukkubni abaarsa
Addaam.
Fayyuun isaa cuuphaan
fayyuu keenyaa ibsa.
Yordaanos fakkeenya
cuuphaa bishaaniti.
iii.
Yordaanos
laga tokko yemmuu taatu - gadi siqxee bakka lamatti wal-hira.
Isaan laman kunis Yoor fi Daanos jedhamuu. Yoor kara warra Isira’eelotaati;
Daanos karaa warra saba Waaqayyo hin beekneti (hormootaati). Gadi siqee tokko
ta’a. bakka isaan waal-qunnaman kanattis Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos
cuuphame.
Fakkeenyi kanaas:-
Bu’urri isaa tokko
ta’uun:- sanyiin ilmaan namoota tokko ta’uu jechuun sanyii Abbaa keenya Addaam
ta’uu ibsa.
Bakka lamatti
qoodamuun: ilmaan namoota bu’urri isaani tokko ta’ee osoo jiruu saba Waaqayyoo
(Isira’eelota) fi warreen hormoota (saboota Waaqayyo hin beekne ) jedhamani
bakka lamatti qoodamuu isaani nuuf ibsa.
Gadi siqee tokko ta’uun
isaanii:- saboonni laman kun barumsaa wangeelaa tokkotti amanuu kan ibsu dha.
Gooftaan bakka inni
waal qunnametti cuuphaamuun isaa:- tokko
isin taasisuu dhaaf dhufeera, saba gargar bahee jiru kana tokko taasisuuf
dhufeen jira jechuu dha. Dabalatan akka barsisa mana amantaa keenyaatti
iccitiin Gooftaan laga Yordaanoositti cuuphameef ergaa diinni keenyaa seexanni
Addaami fi Hewaan Gannata (Jannata) keessa baasee, isaanif hin cifne ture.
Innis “Addaam garbicha seexana; Hewaanis garbitti seexana” jedhee mallatteessiffatee
ture. Mallattoo isaanii kanas laga
Yordaanositti fi Si’ool keessatti awwalee ture. Gooftaan keenyaas gatii
xalayaa kana barbadessuuf laga Yordaanositti
cuuphame.
Xalayaa isaa Si’ool keessa jiruus
gaafa guyyaa jimaata Si’ool deeme nuuf barbadeesse;
lubboota Addaam irraa eegalanii bilisa baase.
Gooftaan maaliif gara Yohaannis
deemee cuuphamee?
·
Gadi of qaqqabummaa barsiisuuf
· Seera nuuf tumuu isaati. Jechuun osoo
Gooftaan Yohaannis bira deemee cuuphamuu baatee, mootoleen, abbootni qabeenya adda
addaa manatti koottaa maatii keenyaa nuuf cuuphaa jedhani abboota luboota ni
rakkisu turani. Kanaaf manni amantaa barumsa Gooftaa irraa argatte kanan ummata
kamiyyuu osoo adda hin qoodiin mana amantatti ni cuuphti.
Yohaannis yemmuu Gooftaa cuuphuu maaliif
harka isaa irraa hin keenye?
Yohaannis
Gooftaa yemmuu cuuphuu harka isaa irra hin keenye bishaan ofuma isaatiin ol
itti faca’e cuuphame. Sababni isaas:-
a.
Aarsaan
kakuu moofaa darbeera; aarsaan keenya si’i dha jechuu dhaaf harka isaa irra hin
keenye. Yeroo kakuu moofaa aarsaa dhaaf makoodii(gugee), horii aarsaa dhaaf
dhiyeessu turani. Namni cubbuu hojjatee aarsaa kanas qabatee dhufee harka isaa
wanta aarsaadhaaf fide kanarra
ka’uudhaan cubbuun isaa gara wanta qulqulluu aarsaa dhaaf dhiyeesse sanatti
darba. Namichis cubbuu isaarra bilisa
ta’a. Garuu kakuu haaraa keessatti Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos aarsaa
dhugaa nuuf ta’ee cubbuu keenya irraa bilisa nu baase. Ibroota 7:26-28 “ Egaa
luba ol aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan
cubbamtoota irraa adda ta'e, samii olittis kan kabajame akkasii
qabaachuun nu barbaachisa. Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma
guyyaan jalqabatti cubbuu ufii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif
jedhee aarsaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu; inni yommuu uf kenne sanatti
al-tokko bara baraaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiyeesseeraatii.”
b. Qaamni
Waaqumma tuqamuu akka hin dandeenye ibsuufi
Afuurri Qulqulluun maaliif bifa
gugeetiin bu’ee?
·
Yeroo bara Nooh gugeen “ bishaan badii hir’achuu” isaaf baala
ejersa qabattee deebite. Yeroo kakuu haaraa Afuurri Qulqulluun immoo “garbi
cubbuu hir’ateera” jechuun bifa gugeetiin mul’ate.
·
Makoodiin hamaa (daba) laphee ishee
keessa hin qabattu, lapheen ishee qulqulluu dha. Afuurri Qulqulluunis cubbuu
hojjanneetti yoo gaabbinee daddarbaa keenyaaf dhiifama nuuf godha (nuuf
taasisa).
·
Gugeen
mana ishee jalaa diiguu yoo baatanii,
ishee yoo rukutan akkasumas phuuphaa ishee yoo jala caccabsanillee bakka
ishee dhiistee hin deemtu. Namni tokko hanga Waaqayyoo amanetti (hin gannetti)
Afuurri Qulqulluuniis uumamtootni cubbuu adda addaa hojjatanillee irraa hin
fo’amu.
·
Gooftaan keenya kan cuuphamee halkan
keessaa sa’aati 10tti dha. Yeroon kunis yeroo
namootni itti boqonnaa fudhatani dha; yeroo tasgabbiiti. Yeroo kanas gugeen hin
balaliitu. Osoo wanta halkan balaliitu ta’ee, Afuura Waaqayyootti fakkeeffamtee
turtee warri Yihudootaa kun Afuuraa Qulqulluu miti jedhu turani. Waaqayyo Gooftaanis
akka Afuurri Qulqulluun bifa gugeetiin bu’uu isaan beeksisuufi.
Namootni maqa eenyuutin cuuphamuu
qabuu?
Wangeela
Maatewoos 28:19 “Deemaati maqaa Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiin cuuphuu dhaan
saba koo taasisa” kan jedhu bu’uura
godhachuun manni amantaa keenyaa maqaa Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutin ni
cuuphti. Warreen maqaa Kiristoosi qofaan cuuphna jedhan ni jiru. Isaanis Hojii
duuka bu’oota 2:38 “ Gaabbii galaa; cubbuun keessanis akka isinif dhiifamuuf maqaa
Kiristoosiin cuuphamaa,kan jedhu kana bu’ura godhachuun maqaa Kiristoos
qofaan cuuphna jedhu. Kun garuu hubannoo dhabuu dha malee asumarratti yoo
ilaallee maqaa Kiristoos qofaan kan jedhu hin jiru; maqaa Kiristoosin
jedha malee. Garuu Sababni jedhameef waarreen Kiristoositti hin amanneef Kiristoositti akka amanan taasisuufi dha.
Duuka bu’ootni kaayyoon isaani inni guddaan warra Yihuudootas ta’ee namoota Gooftaa
keenyaa Iyyasuus Kiristoositti hin amanne akka amanan taasisuu dha ture. Yeroo
baay’ees maqaa Iyyasuus Kiristoos dhahuu dhaan waantoota baay’ee raawwachaa
turan. Sababni isaas warri Yihuudotas ta’ee shakkitootni adda addaa Kiristoos
irratti akka ka’an Afuurri Qulqulluun ni beeka waanta ta’eef.
Gaaffii yeroo baay’ee shakkitootni
kaasan:-
Barreeffama
armaan oli jiruu keessatti gaaffilee shakkitootni kaasan baay’ee isaani
ilaallee jira. Amma garuu gaaffii tokko haa ilaallu. Innis Roomee 3:21 “Amma
garuu qajeelinni Waaqayyoo inni seeraan adda ta'e kan seerrii fi raajonni dhugaa-ba'aniif
muldhateera; Qajeellinni
Waaqayyoo kan Iyyasuus Kiristoositti amanuun argamu kunis warra isatti amanan
cufaafi; garaagarummaan hin jiruutii” kan jiru kaasuu dhaan nuti seera eeguu
dhaan ni fayyina jedhu. Garuu osoo hin cuuphamin jechuun mucummaa Sillaasee hin
argatin, seera eeguun fayyuun hin danda’amu.”
Cuuphaas akka seera namni baaseetti kan ilaalan ni jiru. Garuu cuuphaan seera
keenya osoo hin taanee seeraa Waaqayyooti. Cuuphamaa kan jedhe Yesuus Kiristoos
waanta ta’eef.
Cuuphaan
nama fayyisuuf hin ta’u warreen jedhan kun akka sababatti bu’uureffatan
“Faayitaawwi Zayamaan” akkamitti Jannata galuu danda’e? jedhanit gaafatu. Innis
kan fayyee osoo hin cuuphamin, amantaa
dhaani jedhu.”
Dhugaa
jiruu haa ilaallu:- Kitaabni Qulqulluun akka nutti himutti
cuuphaan karaalee sadiin gaggeeffama.
1. Bishaanii
fi Afuuraa Qulqulluun - Yohaannis 3:3-5
2. Ibidda
fi Afuuraa Qulqulluun - Maatewoos 3:11
3. Dhiigaan
– 1Yohaannis 5:6-8 “Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe isa kana; innis Iyyasuus Kiristoos,
inni bishaanii fi dhiigaan dhufe malee bishaan qofaan hin dhufne; kanas
hafuuratu dhugaa ba'a; Afuurri dhugaadhaatii. Dhugabaatota sadiittu jira;
Isaanis Afuura, bishaanii fi dhiiga sadanuus walii galu.”
Ragaan
armaan olii akka nuuf ibsutti faayitaawwi zayamaan kan “cuuphamee cuuphaa
dhiigaati” jechuudha. Inni mucummaa Sillaase dhiigaan argate. Egaa
gabaabumatti namni tokko yoo cuuphamuu baatee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu miti
ijaanu arguu akka hin dandeenye Kitaabni Qulqulluun ifaan nutti hima (Yohaannis
3:3).
Hubachisa:-
Daa’imni tokkoo saala lamaan yoo dhalate jalqaba qaama saalaa kamiin cuuphamti?
Akka kitaaba Fitaa Negestii irratti jiruttii “Saala jalqaba fincooftee ni
dha.”.
Cuuphuudhaaf aangoo kan qabu
eenyuudha?
Akka
Maatewoos 28:19 irratti hubannutti akka cuuphaanif Gooftaan aangoo kan kenneef duuka bu’ootaaf
ture; isaanis Phaaphasoota isaan duraati. Lakkoofsi amantoota baay’achaa wanta
dhufeef aangoon cuuphuu hanga luubotaafis kennamee jira.
Cuuphaa
Duukabu’oota
Duuka
bu’ootni kan cuuphaaman mana gaafa guyyaa kamisaa galgala mana Alaazaaritti Gooftaan
yemmuu miila isaanii dhiquu dha. Gooftaan iccitii tokkoon raawwi lama raawwate.
Isaanis cuuphaa fi gadi of qaqqabuu dha. Duukabu’ootni maaaliif luka (miila)
qofaan cuuphaman?
Luubotni
Isiraa’eel yemmuu Taabota Tsiyoon baatani galaana Yordaanos ce’an, miila qofaan
cuuphaman malee qaama guutuun miti. Kanaaf fakkeenya kana raawwachuufi (Iyyaasuu
3:11). Kunis cuuphaa ta’uu muldhisuuf yeroo Gooftaan miila isaanii dhiquuf
ka’u; Qulqullichi Pheexroos ati miila koo naaf dhiquun akkamitti naaf danda’ama
jechuun yeroo diduutti “ Yoo dhiqachuu didde anaa waliin jiraachuu hin
dandeessu” jedheeni ture. Kunis cuuphaa malee Waaqayyoon waliin jiraachuun akka
hin danda’amne muldhisuufi. 2ffaa Qor 4:17, Muldhata 21:15.
Faayidaalee Cuuphaa
1.Lammaffaa
dhalachuu
Yohaannis 3:5 “Dhuguma
dhuguman isiinin jedha namni lammaffaa bishaani fi afuura irraa dhalachuu yoo
baate, gara Mootummaa Waaqayyoo seenuu hin danda’u.” Qulqullichi Phaawuloosis
kanuma bu’ura godhachuu dhaan cuuphaan lammaffaa haaroomuu jechuu dha jedheera.
Tiitoo 3:5 “ …inni sababii qajeelina nu hojjanneetiif otoo hin ta'iin
sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise; innis dhiqannaa lammata dhalachuutii
fi haaromsuu Afuura Qulqulluutiin nu fayyise” Kaayyoon cuuphaa inni
guddaan ilmummaa Sillasee argannuufi.”
2. Cubbuun
keenya nurraa bada
Hojii duuka’oota 2:38 “cubbuu keessan
akka isin irra baduuf gaabbii gala; maqaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiitinis
cuuphamaa.”
3. Qulqullina
fi eebba ni arganna
Efesoon 5:25-26 “Yaa
dhiirsota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaalatee mataa isaa dabarsee
isiif kenne sana isinis niitota teessan jaaladhaa. Innis karaa dubbii isaatiin
bishaaniin isii dhiqee qulleessuun akka ishiin qulqulluu taatuuf ”
4. Fayyina
lubbuu ni arganna
Maariqoos 16:16 “kan
amanee fi kan cuuphame ni fayya”
1ffaa Pheexroos 3:21
“Bishaan kun fakkeenna cuuphaa ammayyuu isin fayyisuuti; cuuphaan kunis
dhiqannaa xurii nafaa otoo hin ta'in kakuu namni yaada qulqulluun Waaqaaf
kakatuu dha. Innis karaa du'aa-ka'iisa Iyyasuus Kiristoosiitiin isin fayyisa.”
5. Gooftaa
Iyyasuus Kiristoos ni fakkaanna
Galaatiyaa 3:26-27
“Hundi keessan amantii Kiristoos Iyyasuus qabdaniin ilmaanWaaqayyoo ti. Isin
warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin uffattaniirtuutii.”
6. Cuuphaa
dhaan jireenyi keenya ni haaroma
Roomee 12:2 “Fedhiin
Waaqayyoo inni gaariin, inni fudhatamaanii fi inni mudaa hin qabne sun maal
akka ta'e qorattanii akka mirkaneessitaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin
jijjiiramaa malee addunyaa kanaan wal hin fakkaatinaa.”
Fayyinni
keenya cuuphaa dhaan kan guutameedha. Kana jechuun dhugaadhaan kan nuuf du’e nu fayyise ; dhugaadhumaan
iccitii fayyinaa nuuf ibsee guutummaa dhumatti nuuf raawwata. Qolaasiis 2:11 “
Isumaanis foon cubbamaa ta'e sana ufirraa gattanii gadoomtaniirtu; gadoomni
kunis gadooma harka namaatiin hojjatame otoo hin ta'in kan Kiristoosiin
hojjatamee dha.”
Kitaabolee Wabii
1. Ahaaduu
Asiras (Daaqonii) (2004). Maalumma shakkitootaa fi deebii isaanii, kan Afaan Amaaraatiin qophaa’e. Maxxansa
11ffaa. Mana maxxansa Biitaaniyaa, Finfinnee
2. Birhaanuu Goobanaa (2003). Utubaa
Amantaa, kan Afaan Amaaraatiin qophaa’e.Maxxansa 13ffaa. Mana maxxansa
Itiyoo-tikur Abbaay. Finfinnee
3. Liqatiguhaan
Hawaaz Yamaannabirihaan (2004). “Yehillina Eraft” kan Afaan Amaaraatiin qophaa’e. Mana
maxxansa Akoteet, Finfinnee
4. Waldaa
Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000). Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin
kan Qophaa’e.
5. Waldaa
Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2001ALA). Macaafa Qulqulluu, kan Afaan Oromootiin
Qophaa’e.
6. Fitaaha
Nagasti – Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa