Thursday, November 22, 2012

WNG001.: Deebii Gaaffii Kutaa Tokkoffaa


Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon. Ameen!
Seensa
    Kabajamtoota jaalatamtoota maatii Waaqayyoo hundi nagaa gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin akkam jirtu? Bakka jirtan hundatti nagaanii fi arjoomni Isaa nuufis isiniifis haa baay’atu. Kaayyoo keenya ‘Wangeelaa fi barsiisa amantaa Ortodoksii Afaan Oromootiin namoota biraan gahuu’ jedhu ganamumarraa qabanne karaa eegalle sana milkeessuf hanga dandeenyuun isinis hirmaachisaa barreefamoota gaggabaaba ta’an facebook irratti, barreeffamoota dheedheeroo ta’an ammo saayitii biloogii keenya irratti ni maxxansina. Hanqina tajaajiltootaa fi hirdhina yeroorra kan ka’e garuu gaaffiwwan ka’an hundumaaf yeroo tokottii fi hatattamaan deebii kennun ni rakkisa. Kanaaf akka fedha Waaqayyootti gaaffiwwan isin nuuf ergitan lakkoofsan hedduu ta’an keessaa Abboota  gaafanne, kitaabota dubbifnee kunoo gaaffiwwan torba filannee akka gar-malee hin dheerannefis ammo kutaa lamatti qooduudhaan dhiheessinee jirra. Torban Kanaaf gaaffiwwan sadi ta’aniif deebii ni laanna, gaaffiwan hafan immoo maxxansa keenya itti aanutti kan itti fufan ta’u. Iccitii Isaa abboota keenyaaf kan ibse Waaqayyo, hunda keenyaaf laphee akka Liidiyaatti ittiin hubanne amannu nuuf  haa kennu! Waqayyo nu haa gargaaru!
         1.     Taabotni Maaf Hatama kan jedhuuf deebii kenname:
  Duraan durse gaaffi kana deebisuun dura waa’ee Taabota fi maalummaa Taabota hubannoof Kitaaba Qulqulluu irraa waa xinnoo ilaaluun barbaachisa dha.
  Tabbotni buufata Waaqayyoo kan ulfinni Isaas ittiin ibsamuudha. Taabotni jalqabni(argamni) isaa gochawwan  kakuu moofaa Keessatti raawwatamanii fi walabummaa Israa’eloota waliin wal qabata. Israa’eloonni gabrummaa biyya Misraa jalatti waggoota 430 ‘f haala suukaneessaadhaan bitamaa erga turanii booda Waaqayyo, hayyuu-duree  raajotaa  Muusee kaasuudhaan, karaa isaatiin akka walabummaa argatan  godhe. Yeroo gammoojjii Siinaa qaxxamuruudhaan imala biyya Misraa irraa  gara Kana’aanitti godhan, gammoojjii Siinaa Keessatti Waaqayyoo Muuseedhaaf, kan Maqaan Waaqayyo irratti barreeffamee,  gabataawwan(Tsillaat)  lama kan abboommiin isaa iratti barreeffame ni kenneef.  Isaafis kan keessa taa’u Taabota akka hojjetuu fi dunkaana keeessa bulu akka ijaaru Waaqayyo Muusee ni ajaje. Akkuma:

 “Ammas Waaqayyo Muuseedhaan,”Tulluutti ol ba’ii gara koo koottu, achi turi, ani gabatoota dhagaa, seeraa fi abboommii akka sabni kun ittiin gorfamuuf, ani irratti caafee sitti nan kennaa”(Bau 24:12).”jedhu.
   Muuseenis guyyaa 40 fi halkan afurtamaaf Isra’eloota irraa adda ba’ee Tulluu Siinaa irra ture. Ulfinni Waaqayyoos tulluu Siinaa irra ni buufate, duumessis guyyaa ja’a tullicha akka uffises barraa’ee jira.
   Kakuu Moofaa  Keessatti Taabota kan jedhamu, kan Tsillaatiin keessa taa’u dha. Kakuu haaraa keessatti garuu taabotnis, tsillaatiis kan jedhamu kanuma aarsaan irratti dhihaatudha. Aarsaan kakuu haaraa kunis  dhiigaa fi foon gooftaa Iyyasuus Kiristoosi isa dhugaa fi kan jireenya bara baraa namaa kennu dha. Kanarraa Kiristaanonni hundi ni qooddatu! Kakuu Haara Keessatti aarsaan Taabota malee hin godhamu. Egaa erga yeroo sanaatii Israa’eloonni Taabota kabajuudhaan, bara ilma, Daawiit  Mootii Solomoon, gatii guddaadhaan manni qulqullummaas ijaarameefi jira. Waluma galatti Taabotni kakuu moofaa kessatti kan Waaqayyo yeroo araaraaf ummataaf dhihooti itti muldhatuudha. Taabota fuuldurattis gombifamanii Waaqayyoon kadhatu turan. (Iyyaasuu 7:6).
   
    Waaqayyo, yemmuu abboomi kana karaa Muuseetiin uummataaf  kennuuf, kan bara baraa akka ta’es ibseeti malee kan yeroo muraasaan daangeffame miti. Kan kakuu Moofaa Keessatti qofa hafus miti. Kanaaf gooftaa Iyyasuus kakuu haaraa Keessatti dubbicha hoo cimsu:
 “Ani dhuguman isinitti hima, hamma samii fi lafti badanitti seericha keessaa, fidalli xinnaan tokko, yookiis, gar tokkoon fidala utuu fiixaan in ba’in hin badu. Kanaafuu nama abboommota hunduma irra xinatan, keessaa tokko diige, diigamuu isaas namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keesatti hunduma irra xinnaa ni jedhama, namni abboommota kana eegee barsiisu garuu moottummaa Waaqaa keessatti guddaa ni jedhama’’(Mat 5:17)jedhee barsiisee jira.
  Erga waa’ee Taabota hanga kana jennee taabotni maalif hatama gaaffii jedhutti debina.
Sababni isaas
   i.     Yemmuu cubbuun tajaajiltoota baay’atudha. Kakuu moofaa keessatis yeroo maatiin  luba Eelii jedhamu  Afninii(Hofnii) fi Finihaas cubbuu hojjetanitti, Waaqayyo Israa’eloonni akka Filisxeemotaan moo’aman ni godhe. Akkka duraanii Taabota baasanii lola dhaqanis inumaayyuu Hofnii fi Finihaas guyyaa tokkotti akka du’an ni godhe, Taabotnis Filisxeemotaan ni booji’ame(Macaafa Samu’eel isa duraa 2:27,4:1)
  
Barreefamichis akkas jedha, “Taabotni kakuu Waaqayyo ni booji’ame, ilmaan Elii lamaanis Hofni fi Finihas ni ajjeefaman” jedha.1Sam 4:11)
    Egaa seenaa kitaaba Qulqullu Keessatti barraa’e irraa kan hubannu, amma qofa osoo hin taane,duris kakuu moofaa Keessatti namootni keesumattuu tajaajiltooni yoo cubbuun isaanii baay’ate,Waaqayyof kabaja waan kennuu didanii fi abboommii isaa eeguu didaniif  Taabotni akka fudhatamu godha. Kanarra kan hubannu Taabotichi humna Waaqayyoo dhabee osoo hin taane, Waaqayyo deebii balleessaa warra ittiin  bulaniif fi tajaajilaniif kan kennudha. Sababa kanaanis Isra’eloonni rakkina guddan akka irra gahe ibsameera
    ii.     Ajaa’iba Taabota (Humni Taabota) sanaa akka mul’atuuf:  Lakkoofsa tokko irratti Taabotni akka booji’ame agareerra, amma immoo erga booji’ame booda iddoo sanatti maaltu ta’a, warri Waaqayyoon hin beekne sun mana Waaqayyoolii tolfamanii keessa hoo kaa’an maaltu uumama laata kan jedhu ta’a. Kanas seenuma sanarraa itti fufeti ilaalla.
  Filiseemonni
“Taabota kakuu Waaqayyo sana gara galma Daagonitti geessanii bifa fakkeenya Daagon bukkee ni kaa’an. Borumtas warri Ashdood ganamaan yemmuu ka’anii bifni fakkeenya Daagon Taabota kakuu Waaqayyoo duratti adda isaatiin lafatti gadi gombifamee ni argan” 1Sam 5:2
     Kana qofa osoo hin taane, boodarra harkii fi lukti Daagon akka ciccite, warri Taaboticha booji’anis iitoodhaan akka rukutaman, adabbii guddan akka irra gahe kitaaba qulqulluutu dhugaa baha.Boodas ammo yemmuu rakkatanii waan godhan dhaban keennaa(aarsaa) sababii yakkaatiif dhihaatu waliin ergan malee akka duwwaa hin ergine ni hubanna(1Sam 6:3)
  
 Kanaaf hardhas nama Taabota hatee qabame jedhan hoo dhageenyu yeroodhumaaf waan hate itti fakkaata malee Taabotni hundinuu ajaa’iba ni hojjetu, namni taabota haduuf shaakalli godhe lapheen isaa itti dukkanaa’et malee birxa hin ba’u. Erga hatee booda kan deemuu dadhabu, kan dubachuu dadhabu, kan jaanja’u fi ajaa’ibni gara garaa yoo irratti raawwatamu argina malee milkaa’u hin daanda’u.Kunis Waaqayyo Taabota irra bulee isa qabata. 
     iii.     Adabbiin Kakuu Moofaa fi Kan kakuu Haaraa gara gara
  Kakuu mooofaa Keessatti namni yoo abboommii cabse battaluma adabama, Fakkeenyaaf  lubni yoo balleesse lamxiin hoosuma itti ba’a, yookaan hoosuma qurxama ture, Fakkeenyaaf seenaa Uzaa kana yoo dubbifnu
 “Uzaan Taabota kakuu Waaqayyoo safeeffachuu waan dhiiseef  Waaqayyo baay’ee isatti aare isa ni dha’e, Kanaaf inni achuma Taabota kakuu Waaqayyoo biratti ni du’e” (2Samuel 6:7)
   Bara Nohi turettis cubbuun namoota akka baay’ate, Waaqayyos bishaanin akka ilma namaa adabe, Nohi qofti maatii isaa waliin addunyaa kana irratti akka hafe ni hubanna. Amma garuu namni hammeenyaafis tolaafis guyyaa du’e gaafatama, Waaqayyos jaalala fi obsa daangaa hin qabne ilma namaatti akka agarsiise bara itti hubannu dha. Fakkeenyaaf cubbuun ilma namaa hanga Gooftaa Iyyasus fannisutti kan gahe dha namni. Sana hunda ni obse gooftaan. Kanaaf egaa Taaboticha kan qulleessu Kiristoosirra Taabotni ni caalaa ree?  Kanaaf obsi hanga namni ajaa’ibamutti araarri isaas namoota irratti baay’atee agarra. Kanaaf sababawwn kanaan Taabotni yoo hatamu Waaqayyo yeroof ni callisa. Dhumni isaa garuu akkuma hubannefi agarutti kan namoota akkas godhan sana adabbin itti kennamu ni ta’a. Nuti ammo  jabaanne kadhachuutu nuuf ta’a.

    2.     Duuka Bu’aan Gooftaa kan Wangeela Yohaannis barreesse fi Mul’ata Yohaannis akkasumas Ergaa Yohaannis barreesse du’ee lubuudhaan hanga ammaatti jira? Namoonni kana irratti wal mormaa jiru kan jedhuuf deebii kenname:
  Deebii kana Kitaaba Qulqulluu irraa mormii tokko malee ni arganna. Mee kan Wangeela irratti barraa’e kana haa ilaallu:
 “ Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabatanii  jiran keessaa, kan utuu hin du’in ilmi namaa mootummaa isaatiin dhufuu isaa arguuf jiru” jedhe(Mat 16:28)
   Ammas Wangeela Yohannis irratti
  “Iyyasuus ammo hamma ani dhufutti akka inni jiraatuuf yoon barbaade, maaltu si dhibe?Atumtu ana duuka bu’I jedheen.Achumaanis oduun bartuun kun hin du’u jedhu oobboloota Keessatti odeeffame.Iyyasuus garuu Hamma ani dhufuti akka inni jiraatuuf yoon barbaade maaltu si dhiben jedhe malee Inni ‘hin du’u hin jenne,”(Wangeela Yohannis 21:22)
  
   Duuka bu’aa Yohannis Wangeela Yohaannis, ergaa Yohaannisii fi  Mula’ata  Yohannis kan barreese dha. Duuka bu’oota keessa duuka bu’aa Kiristoos jaallatus jedhameera.(Yoh 21:20) Guyyaa jimaata guyya gooftaan itti fannoo irra oole sanattille haadha keenya dubaroo Maariyaamii akka haadhaatti kan arganne fannoo jalatti karaa Yohaannisiin.(Yoh 19:27). Erga kana ta’ee mee waa’ee biyya lallaba isaa Kitaaba Qabsuura duuka bu’oota irraa seenaa isaanii haa  yoo ilaallu gargaartota 72 keessa Abrokoros wajjin akka lallabuuf carraan  isa kan ga’e biyya Efesonittidha.  Biyya Efesonittis Abrokoros waliin ta’uudhaan mana dubartii ejjituu takkaatti Maqaa gooftaa keenya lallabuudhaaf gidiraa hedduun irra ga’eera, ajaa’iba hedduus raawataniiru. Abrokoros hojjeta mana qulqulleessu ta’ee, Yohannis immo nama ibidicha bishaan dhiqannaaf ta’u hoo’isu ta’anii mana ishee Keessatti hojii eegalan. Kaayyon isaanii garuu Kiristoos lallabuuf mala ittiin maatii sana fi biyya sana keessa galan argachuuf ture, sababa barbaaaduf malee qacaramanii jiraachuuf hin turre. Wareegama heddus  kaffalaniiru. Maqaan dubartii ejjituu sanaas  Roomnaa jedhama. Akka garboota  ishee  ta’anittis sobaan  mallateesisiiftee turte.
   
    Mana dhiqanna ishee sana keessattis waggaatti nama tokko seexanaaf aarsaa ni dhiheessu ture.  Booda garuu jinniin waggaatti nama bare sun tasa mucaan ishee mana dhiqannaa sana keessa seennaan mucicha hudhee  jalaa ajjeesse.  Yommuu kanas Yohaannis Maqaa gooftaa Iyyasuusin du’aa kaaseefiira. Kanaanis namoota Waaqayyoo irratti daba hojjedhe jettee maatii ishee waliin amantee Gooftaa Iyyasuusitti amantee cuuphamtee jirti. Yohannis ergaa isa lammaffaa keessati isheedhaf  barreesse  “Gara haadha warraa ishee foo’atamtee fi gara ijoollee ishee warra ani dhugaadhan jaaladhuu,ana qofa miti wari dhuga hubatan hundi isinin ni jaallatu malee” jedha.(2Yoh 1).
  
  Haati warra mooticha biyya saniis lallaba isaaniitiin Gooftaa Iyyasuusitti waan amanteef, Yohaannis irratti mormiin ni baay’ate, qabames akka hidhamu ni ta’e, seexannis lubbuu namoota irratti bulee isa akka hamaa akka godhan godhe. Kanaanis Yohaannis qabamee akka mana hidhaa galu ni ta’e. Yohannisis gara odola Fixmoo jedhamtu keessa baay’ee jiraate, umuriidhanis erga kiristos du’aa ka’eeyyu lafa kanarra waggaa 70 jiraate. Wangeela isaas fi mul’ata isaas kan barreesse odoluma kanarra tti ture.
  
   Innis yeroo biyya kana irra fudhatamuun isaa gahutti bartoota isaa waame              “ Kanaan  booda isin waliin foonin hin jiraadhu”  jedhe. Isanis kana dhagahani luka isaa dhungatani harka isaa dhungatanii, waa’ee isaa hubatanii yoo arganis boolla qotame cinaatti dhiisanii, hiriyoota isaanii kan kan iddoo biraa jiran waamuuf deemani.Yemmuu deebi’an garuu Yohannis qaaman hin, boollis qotame sunis duudee ture, uffata isaa fi kophee isaas achumatti dhiisetti ture.
  
  Kanarraa fi dubbiiwwan wangeelaa seensa kana irratti barreeffame irra kan hubannu kan hubannu Yohannis gara dachee biraatti akka Eeliyaas fa’a fudhatame malee hanga ammaatti fooniin hin dune. Maani kiristaanaa keenyas kanuma barsiifti. Kunis hanga biyyi lafaa kun darbutti kan ta’uu dha malee namni hin duune waan hin jirref guyyaa ardii fi samiin kun darbuuf ta’utti ni darbu, hanga yerootti garuu Waaqayyo waan beekuun isaan du’arraa dhoksee jira jechuu dha.
     3.     Waa’ee Fudha fi Heerumaa Kitaabni Qulqulluun maal  jedha kan jedhuuf deebii kenname:
  Akka mana kiristaana Ortodoksiitti iccitiiwwan mana kiristaanaa jedhamanii bakka torbatti qoodaman keessa tokko iccitii Takililiti, kunis waa’ee gaa’ilaa seera qabeessa ta’ee fi barbaachisummaa isaa seera hunduma wajjin kan qabate dha. Wanti sammuu namaan qoratamee bira hin ga’amnee fi namoota muraasa giddutti wanti godhamu hundi iccitii dha. Geettii gahuun bakka gara garaa walitti dhihaachuudhaan tokko ta’uun waliin buluu jecha ibsu dha. Kanas Waaqayyo duruma hoo nama uumu Addamif kophaa isaa ta’uun gaarii miti jedhameera. Umama kanaafis dhiirri abba fi hadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana, isaan lachunus foon tokko ni ta’u jedhameera. Uma 2:24,Mat 19:5, Ef 5:31. Kanaaf gaa’illi waan guddaa fi kabajama dha.
  
Ibroota 13:4 irratti akka ibsamettis  “gaa’illi hunduma biratti ulfina qabeessa haa ta’u, ciisichi gaa’elas hin xureeffamin”  jedh. Gaa’illi eebbifamaa dha.  Waaqayyo duruma irraa Addam kophaa isaa ta’uun gaarii akka hin taanee fi gargaartuu akka isa barbaachisu dubbateera.(Uma 2:18) Kaayyon fuudhaa fi heerumas mana kiristaanaa keenyatti waa sadi
1. Kajeellan fedha fooniin gubachuurraa ooluuf
Namni tokko erga guddatee hanga  fayya qabatetti kajeellan fedha fooniin  gubachuun isaa hin hafu waan ta’eef sanaaf akka falaatti fuudhuun barbaachisaa dha.
  Qulqulluu Phaawuloosis Ergaa gara Qorontoositti ergeen
“Qorama ejjaa ooludhaaf garuu dhiirri adduma addan haadha manaa ofii isaa haa qabaatu, dubartiinis adduma addan abbaa manaa ofii isheetti haa qabaattu, abban manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga’u haati manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu, haati manaa abbaa mana isehee malee dhagna ishee akka jaallatte gochuu hin dandeessu, abban manaas akkasuma haadha manaa isaa nmalee dhagna isaa akka jaalate gochuu hin danda’u. Qor 7: 2
  
“Warri hin fuudhinii fi warri abboonni manaa isaanii irraa du’an akka koo fuudha fi heeruma malee yoo hafan isaanif  ba’eessa nan jedha, of qabuu hin danda’an yoo ta’e garuu haa fuudhan haa heerumanis kajeellaa foonitiin gubachii irra fuudhuu heerumunis ni wayya” 1Qor 7:8
2. Wal gargaarsaf
Uma 2:18 kan gargaartu haa uumnuuf  jedha. 1phex 3:7 irrattus dubartoota keessan waliin wal gargaaraa jiraadha jedha. Wal gargaarsi ammo naamusaan, yaadaan gorsaanii fi waan barbaachisoo ta’an hundaan ta’uu danda’a.
3. Namani addunya kanarratti akka baay’atuuf sanyiif dha, dhaloota Itti fufsiisuuf

Qubeelaa: Qubeelaa walii hidhuun ykn walitti godhachuun akka waadaatti ilaallama. Geengoo guutuu ta’uun isaas ammo dhuguma ta’u isaa agarsiisa. kitaaba weedduu weedduu caalu irrattis kan ibsame
 “Akka mallattootti garaa keetii fi irree keetti na mallatteeffadhu,  jaalalli jabaa akka du’aati,’ kan jedhamfis kanuma. Wed 8:6
Cidha: Namni humna qabu kabaja gaa’ila sanaaf qabu ibsuuf cidha qopheessuu danda’a. Fakkeenyaaf Kakuu moofa keessatis Laaban namoota hunda walitti qabe, cidhas ni godhe jedha.(Uma 29:22)
Kakuu haaraa kessattis cidhini Qaanatti akk ta’e gooftaa fi haati gooftas akka waammaman ibsameera (Yohan 2:2). kunis gaa’illi hangam kabajamaa akka ta’e nutti hima, Bishaanis gara daadhii wayniitti kan jijjiirame manuma cidhaatti akk ta’es ni hubanna. Kanaaf cidhni seera isaa eeggatee raawwatamu mana amantaa keenaynatti kan dhoowwamu miti. Haa ta’u malee cidhni hundi foon gooftaa fudhachuun dhiiga gooftaa dhuguun chaappeffamuu qaba, kanaan alattis ta’uu hin qabu jetti manni kiristaanaa keenya. Guyya cidhaas namni akka waqayyon galateeffachuun barbaachisa.
Erga wal fuudhanii booda gargar ba’uun dhoorkadha
Erga wal fuudhanii booda ammo gargar ba’uun dhorkadha. Warri wal fuudhan akka gargar hin bane nan abboma, kanas gooftatu abbome malee ana miti,haati manaa abbba manaa isheetin gargar hin ba’in” (1Qor 7:10) Hiikun hin barbaachisu “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhi hundinu ni ejja(sagaagala) , dubartii abbaa manaa isheetii gargar baates kan fuudhu ni ejja ‘ Mat 16:18. Haa ta’u malee sababni wal hiikuun heeyyamamuun ni jira.Kunis du’aan yookan ammo sagaagalummaa wabiin deeggarame hoo ta’e qofadha.Kan kanarraa hafe ammo amantaa abbichi hordofurratti dhiibba hoo hin fidne homaa miti, obsuun barbaachisaa dha.Waa’ee gaa’ilaa mata duree baldhaadhaan yeroo biraa baldhinaan itti deebina.

 Kakaasee kan nu jalqabsiise, nu jalqabsiisee kan nu xumursiise, maqaan Waaqayyo haa ulfaatu. Itti fufa.
Kitaabota wabii
1. Gereyohaannis Gebre Maariyaam (1998).Kitaaba Qabsuura duuka Bu’ootaa, Afaan Gi’izii fi Amariffan kan barraa’e, maxxansa lammaffaa.
2.  Hibret Yeshixilaa (Dn) 1998. Gaa’ilaa fi Teelatsqoo Maxxansa Sadaffaa, Afaan Amariffaatiin kan qophaa’e  
3.  kinife-Gabrie’l Altayye (Liiqe kahinaat), Seera mana kiristaanaa, Maxxansa jahaffaa, Afaan Amariffaan kan qophaa’e, Mana maxxansa Itiyoo Xiqur Abbaay, Finfinnee.
4. Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame

Waldaa Nahimiyaa
ITTI FUFA……………………………………………….